-
Yesuus Ergaa Mootummichaa LallabeBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 78
Yesuus Ergaa Mootummichaa Lallabe
Yesuus akkuma cuuphameen, ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaateera’ jedhee lallabuu jalqabe. Yommuu inni gara naannoo Galiilaa fi Yihudaa dhaqu barattoonni isaas isaa wajjin deeman. Yesuus bakka dhalootaa isaa Naazireetitti yommuu deebiʼu, gara mana sagadaa dhaqee, sagalee isaa guddisee maraa kitaaba Isaayaas banee, ‘Yihowaan misiraachicha akkan lallabuuf hafuura isaa naa kenneera’ jedhu dubbise. Kana jechuun maal jechuu dha? Namoonni Yesuus yommuu dinqii raawwatu arguu kan barbaadan taʼus, sababii guddaan Yesuusiif hafuurri qulqulluun itti kenname misiraachicha lallabuu akka taʼe argisiisa. Achiis, ‘Raajiin kun harʼa raawwatame’ jedhee dhaggeeffattoota isaatti dubbate.
Itti aansuudhaan, Yesuus Galaana Galiilaa isa bakka barattoota isaa warra qurxummii qaban arfan itti argate dhaqe. “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha” jedhee isaan affeere. Isaanis, Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis turan. Namoonni kun yeruma sana qurxummii qabuu isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan. Guutummaa biyya Galiilaa keessa naannaʼanii waaʼee Mootummaa Yihowaa lallabuu jalqaban. Mana sagadaa keessatti, bakka gabaa fi karaa irratti lallaban. Bakka isaan deeman hundaatti namoota hedduutu isaan duukaa buʼa ture. Oduun waaʼee Yesuus dubbatamu bakka hundatti, darbees hanga Sooriyaatti illee babalʼatee ture.
Yesuus yeroo booda, barattoota isaa tokko tokkoof humna namoota fayyisuu fi jinniiwwan baasuuf dandeessisu isaaniif kenneera. Warri kaan immoo yommuu inni magaalaatii gara magaalaatti, akkasumas mandara tokko gara mandara kan biraatti deemee lallabu isaa wajjin deemu turan. Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Susaanaa dabalatee, dubartoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa gargaaraa turan.
Yesuus barattoota isaa erga leenjisee booda akka lallabaniif isaan erge. Guutummaa Galiilaa keessa yommuu deeman, namoonni hedduun kaanis barattoota taʼuudhaan cuuphaman. Namoonni hedduun barattoota taʼuu waan barbaadaniif, Yesuus namoota kana midhaan sassaabamuu gaʼee wajjin wal fakkeesseera. Akkana jedhe: ‘Yihowaan hojjettoota dabalataa gara makarichaatti akka erguuf kadhadhaa.’ Yeroo booda barattoota isaa keessaa namoota 70 filatee, guutummaa Yihudaatti akka lallabaniif lama lama godhee isaan erge. Isaanis namoota akaakuu gara garaa qaban hundaa waaʼee Mootummichaa barsiisan. Barattoonni yommuu deebiʼan, wanta isaan mudate Yesuusitti himuuf baayʼee hawwanii turan. Diyaabilos hojii lallabaa dhaabsisuu hin dandeenye.
Yesuus barattoonni isaa hojii barbaachisaa kana erga inni gara samiitti deebiʼee boodas akka itti fufan mirkanaaʼaa ture. Akkana isaaniin jedhe: ‘Misiraachicha guutummaa lafaatti lallabaa. Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisaa, isaan cuuphaas.’
“Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame.”—Luqaas 4:43
-
-
Yesuus Dinqiiwwan Hedduu RaawwateBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 79
Yesuus Dinqii Hedduu Raawwate
Yesuus gara lafaa kan dhufe misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuufi dha. Yihowaan, Yesuus yeroo Mootii taʼu maal gochuu akka dandaʼu akka argisiisuuf, dinqii akka raawwatu hafuura qulqulluu isaaf kenne. Dhukkuba kam iyyuu fayyisuu dandaʼa. Bakka deemu hundatti namoonni dhukkubsatan gargaarsaaf gara isaa kan dhufan siʼa taʼu, innis hunda isaanii fayyiseera. Qaroo dhabeeyyiin ni argu, warri gurri isaanii hin dhageenye ni dhaga’u, warri naafatan ni deemu, warri jinniidhaan qabamanii turanis bilisa baʼu turan. Yoo fiixee uffata isaa tuqan illee ni fayyu turan. Namoonni bakka Yesuus deemu hundaatti isa duukaa deemu turan. Yesuus yeroo kophaa isaa taʼuu barbaadetti illee, matumaa namoota simachuu didee hin beeku.
Gaaf tokko, namoonni nama lamshaaʼe mana Yesuus keessa turetti fidan. Haa taʼu malee, manichi namootaan guutamee waan tureef, ol seenuu hin dandeenye. Kanaaf baaxii manichaa saaqanii namicha gara Yesuusitti gad buusan. Achiis Yesuus namichaan, ‘Kaʼii deemi’ jedheen. Namichi yeroo kaʼee deemu, namoonni sun ni dinqisiifaman.
Yeroo biraatti immoo, akkuma Yesuus mandara tokko seeneen namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan fagoo dhaabatanii, ‘Yaa Yesuus, maaloo nu gargaari!’ jedhanii iyyan. Bara sanatti, namoonni akkasii namoota kaanitti akka dhihaatan isaaniif hin heyyamamu ture. Seerri Yihowaa namoonni akkasii erga fayyanii booda gara mana qulqullummaa akka dhaqan waan ajajuuf, Yesuusis gara mana qulqullummaa akka dhaqan ajaje. Isaanis utuu deemaa jiranii karaa irratti ni fayyan. Isaan keessaa tokko fayyuu isaa yommuu argu, Yesuusiin galateeffachuu fi Waaqayyoon jajachuuf deebiʼe. Kurnaan isaanii keessaa Yesuusiin kan galateeffate nama kana qofa dha.
Dubartiin waggaa 12f dhukkubaan dararamaa turte tokko fayyuu hin dandaʼu jettee abdii kutattee turte. Ishiinis namoota baayʼee gidduu duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata Yesuus tuqxe. Battaluma sanattis ni fayyite. Wanti kun yommuu taʼu Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Dubartittiin baayʼee kan sodaatte taʼus, gara isaa dhuftee dhugaa jiru isatti dubbatte. Yesuusis, ‘Yaa intala ko, nagaadhaan deemi’ jedhee ishii jajjabeesse.
Geggeessituun mana sagadaa Yaayiros jedhamu gara Yesuus dhufee, ‘Intalli koo garmalee dhukkubsatteetti, maaloo gara mana koo kottu’ jedhee isa kadhate. Haa taʼu malee, Yesuus mana Yaayiros gaʼuu isaa dura intalattiin ni duute. Yesuus yommuu achi gaʼu, namoota maatichaa wajjin gadduu dhufan hedduu arge. Yesuus: ‘Hin booʼinaa; ishiin hirriba rafaa jirti’ jedhe. Achiis harka intalattii qabee, “Intaloo . . . kaʼi!” jedhe. Ishiinis yeruma sana ol jette teesse, Yesuusis waan ishiin nyaattu akka kennaniif maatii ishiitti hime. Mee maatii ishiitti miirri akkamii dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu yaadi!
‘Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan isa dibe, akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa naannaʼe.’ —Hojii Ergamootaa 10:38
-