LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuusii fi ergamoota isaa 12n

      BARUMSA 80

      Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

      Yesuus gara waggaa tokkoof walakkaa erga lallabee booda, murtoo barbaachisaa gochuu qabu tokko qaba ture. Dhiheenyatti isaa wajjin akka hojjetaniif eenyufaa filata? Gumii Kiristiyaana akka geggeessaniif eenyufaa leenjisa? Murtoowwan akkasii gochuuf, Yesuus qajeelfama Yihowaa argachuu barbaade. Kanaaf, kophaa isaa gara gaara tokkootti ol baʼee halkan guutuu kadhachaa bule. Yommuu bariʼus, Yesuus barattoota isaa muraasa waamee ergamoota isaa 12 filate. Isaan keessaa maqaa eenyuufaa yaadatta? Maqaan isaanii Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewos, Simoon, Yihudaa Asqorotuu.

      Indiriyaas, Pheexiros, Filiphoos, Yaaqoob

      Indiriyaas, Pheexiros, Filiphoos, Yaaqoob

      Warri Kudha Lamaan kun isaa wajjin deemuu qabu turan. Erga isaan leenjisee booda kophaa isaanii akka lallabaniif isaan erge. Yihowaan, jinnii akka baasanii fi namoota dhukkubsatan akka fayyisaniif humna isaaniif kenne.

      Yohaannis, Maatewos, Bartolomewos, Toomaas

      Yohaannis, Maatewos, Bartolomewos, Toomaas

      Yesuus warra Kudha Lamaan kana michoota koo jedhe isaan waameera; akkasumas isaan ni amana ture. Fariisonni, ergamoota kana barumsa guddaa akka hin qabnee fi iddoo guddaa kan hin qabne godhanii yaadu turan. Haa taʼu malee, Yesuus leenjii hojii isaaniitiif isaan gargaaru isaaniif kenneera. Jireenya isaa keessatti yeroo baayʼee murteessaa taʼetti, jechuunis duʼa isaa duraa fi erga duʼaa kaʼee booda Yesuusii wajjin taʼuu qabu turan. Akkuma Yesuus, warri Kudha Lamaanis harki caalaan isaanii namoota Galiilaa turan. Isaan keessa tokko tokko gaaʼela qabu.

      Yaaqoob ilma Alfewoos, Yihudaa Asqorotuu, Taadewos, Simoon

      Yaaqoob ilma Alfewoos, Yihudaa Asqorotuu, Taadewos, Simoon

      Ergamoonni kun mudaa kan qaban waan taʼaniif dogoggora ni raawwatu. Yeroo tokko tokko utuu irratti hin yaadin dubbataniiru, murtoo sirrii hin taanes godhaniiru. Yeroo itti obsa dhabanis qabu turan. Kana malees, isaan keessaa kan caalu eenyu akka taʼe illee wal falmaniiru. Taʼus, Yihowaa waan jaallataniif namoota gaarii turan. Isaan erga Yesuus gar samiitti deebiʼee booda hundee gumii Kiristiyaanaa taʼu.

      “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera.”—Yohaannis 15:15

      Gaaffii: Yesuus ergamoota isaa 12n akka taʼaniif eenyufaa filate? Yesuus ergamoonni isaa maal akka hojjetaniif isaan erge?

      Maatewos 10:1-10; Maarqos 3:13-19; 10:35-40; Luqaas 6:12-16; Yohaannis 15:15; 20:24, 25; Hojii Ergamootaa 2:7; 4:13; 1 Qorontos 9:5; Efesoon 2:20-22

  • Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus Gaara irraatti namoota hedduudhaaf yommuu lallabu

      BARUMSA 81

      Lallaba Gaara Tokko Irratti Kenname

      Yesuus ergamoota 12n erga filatee booda, gaara sana irraa bakka namoonni hedduun walitti qabamanitti gadi buʼe. Namoonni kun Galiilaa, Yihudaa, Xiiroos, Sidoon, Sooriyaa fi Yordaanos gamaa kan dhufan turan. Isaanis namoota dhukkubaan dhiphachaa turanii fi namoota jinniidhaan rakkachaa turan muraasa fidanii turan. Yesuus hunda isaanii fayyiseera. Achiis gaaricha cinaa taaʼee barsiisuu jalqabe. Michoota Waaqayyoo taʼuu yoo barbaanne maal gochuu akka qabnu ibseera. Gargaarsi Yihowaa akka nu barbaachisu hubachuu fi isa jaallachuu barachuu qabna. Haa taʼu malee, namoota kaan hin jaallannu taanaan Waaqayyoon jaallachuu hin dandeenyu. Diinota keenya dabalatee namoota hunda ija tokkon ilaaluu fi gaarummaa isaanitti argisiisuu qabna.

      Yesuus akkana jedheera: ‘Nama michuu keessan taʼe qofa jaallachuun gaʼaa miti. Diinota keessan jaallachuu fi namootaaf garaadhaa dhiifama gochuu qabdu. Nama tokko yoo gaddisiistan dafaa gara isaa dhaqaatii dhiifama isa gaafadhaa. Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan isinis isaaniif godhaa.’

      Yesuus Gaara irraatti namoota hedduudhaaf yommuu lallabu

      Yesuus qabeenya ilaalchisees gorsa gaarii isaaniif kenneera. Akkana jedheera: ‘Qarshii hedduu qabaachuu irra michuu Yihowaa taʼuudhaaf dursi kennamuu qaba. Hattuun tokko qarshii keessan hatuu dandaʼa; michummaa Yihowaa wajjin qabdan garuu eenyu iyyuu isin jalaa hatuu hin dandaʼu. Waaʼee wanta nyaattanii, wanta dhugdanii ykn wanta uffattanii dhiphachuu keessan dhiisaa. Simbirroota ilaalaa. Waaqayyo yeroo hunda nyaata gaʼaa akka argatan godha. Dhiphachuun guyyaa dabalataa tokkoof illee akka jiraattan hin godhu. Yihowaan wanta isin barbaachisu akka beeku yaadadhaa.’

      Namoonni sun nama akka Yesuusitti barsiisu takkaa arganii hin beekan. Geggeessitoonni amantii isaanii wantoota kana isaan hin barsiisne. Yesuus barsiisaa guddaa akkasii kan taʼe maaliifi? Wanti inni barsiisu hundi Yihowaa biraa kan dhufe waan taʼeefi.

      “Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu.” —Maatewos 11:29

      Gaaffii: Michuu Yihowaa taʼuuf maal gochuu qabna? Yihowaan namoota kaaniif ilaalcha akkamii akka qabaannu barbaada?

      Maatewos 4:24–5:48; 6:19-34; 7:28, 29; Luqaas 6:17-31

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi