LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 30-31
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 51—Qolosaayis

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 51—Qolosaayis
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 30-31

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 51​—Qolosaayis

Barreessaan: Phaawulos

Bakki Itti Barreeffame: Roomaa

Bareeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 60-61

NAMOONNI lama Efesooniin dhiisanii karaa Asiyaa Xinnoo ba’anii laga Miyaandar (Meendaras) gara bahaatti adeeman. Laga xiqqaa Biyya Firiigiyaatti argamu, laga guddaatti dabalamtuufi Liikas jedhamtu bira yommuu ga’an sulula gaarawwaniin marfame keessa ba’anii daandii laga kanaa duukaa bu’uudhaan asii ol gara kibba bahaatti adeeman. Fuulleesaaniitti marga lalisaa hoolonni hedduun dheedaa jirantu mul’ata. (Wanti naannoo sanatti galii guddaa argamsiisu oomisha suufiidha.a) Karadeemtonni kun sulula kana keessa yommuu adeeman Laa’odiiqeyaa ishee biyya soorettiifi handhuura bulchiinsa warra Roomaa taate gara mirgaatti dhiisanii adeeman. Gara harka bitaanimmoo, laga gamatti mana qulqullummaafi magaalaa Heraapholis ishee bishaan bulluqaan beekamtu arguu danda’u turan. Magaalonni lamaan kuniifi kutaa sulula isa oliirra kiilomeetira 16 fagaattee kan argamtu mandara Qolosaayis ishee xinnoo keessa gumiiwwan Kiristiyaanaa jiru turan.

2 Karadeemtonni kun Qolosaayis dhaqaa jiru. Lamaansaaniiyyuu Kiristiyaanotadha. Isaan keessaa inni tokko nama Qolosaayis waan ta’eef biyyatti akka gaariitti beeka. Namni kun maqaansaa Oneesimos kan jedhamu yeroo ta’u, gooftaasaa isa miseensa gumii Qolosaayis ta’etti deebi’aa jira. Michuun Oneesimos Xikiqoos nama birmaduu si’a ta’u lamaansaaniiyyuu, xalayaa Phaawulos ergamaan “obboloota Kristositti amananii Waaqayyoof qulqullaa’anii mandara Qolosaayis jiraataniif” erge akka geessaniif ergaman. Hamma beeknutti, Phaawulos Qolosaayisiin daawwatee hin beeku. Gumii Qolosaayis isa namoonni Yihudii hin taane hedduun keessatti argaman kan hundeesse Ephaafraas isa gidduusaaniitti tajaajilaa tureefi yeroo sanatti Phaawulosii wajjin Roomaa ture ta’uu hin oolu.—Qol. 1:2, 7; 4:12.

3 Phaawulos ergamaan, jalqabaarrattis ta’e dhumarratti akka dubbatetti xalayaa kana kan barreesse isuma ture. (1:1; 4:18) Akkasumas, wanta inni xumura xalayaasaarratti dubbaterraa hubachuun akka danda’amutti, Phaawulos xalayaa kana kan barreesse mana hidhaa utuu jiruuti. Kunis, Dh.K.B. bara 59-61 jalqabaaf yeroo hidhamettiifi xalayaawwan hedduu nama jajjabeessan yeroo barreessetti ta’uu qaba. Xalayaan namoota Qolosaayisiif Fiilimoonaaf barreeffaman kan ergaman ergaan takkaadha. (Qol. 4:7-9; Film. 10, 23) Yaadawwaniifi gaaleewwan xalayaa namoota Qolosaayisiif barreeffaman keessatti argaman xalayaa namoota Efesooniif ergamee wajjin waan wal fakkaataniif lamaansaaniiyyuu yeroo tokko kan barreeffamaan fakkaatu.

4 Xalayaan namoota Qolosaayisiif barreeffame sirrii ta’uusaa shakkuuf sababiin ga’aan hin jiru. Paappiirasii Lak. 2 (P46) Cheestar Beetii Dh.K.B. naannoo bara 200 dura barreeffameefi ergaawwan Phaawulos warra kaanii wajjin bakka tokkotti argamuunsaa, Kiristiyaanonni dur turan ergaawwan Phaawulos keessaa akka isa tokkootti amananii kan fudhatan ta’uusaa argisiisa. Ragaaleen kanaan dura xalayaan Phaawulos sirrii ta’uusaanii mirkaneessan xalayaa kanaafis ni hojjetu.

5 Phaawulos xalayaa kana namoota Qolosaayisiif akka barreessuuf kan isa kakaase maalidha? Tokkoffaa, Oneesimos gara Qolosaayisitti deebi’uuf jedha. Ephafraas inni yeroo dhihootti Phaawulosii wajjin wal arge, haala Qolosaayis keessa jiru odeeffannoo waan kenneef sababii dabalataa akka qabu homaa hin shakkisiisu. (Qol. 1:7, 8; 4:12) Yeroo sanatti wanti gumii Kiristiyaanaa achi jiru yaaddoorra buuse tokko jira ture. Amantiiwwan yeroo sanatti turan diigamaa kan jiran si’a ta’u, amantiiwwan durii keessaa yaadawwan tokko tokko fudhatanii walitti makuudhaan amantiiwwan haaraa uumu turan. Amantiiwwan gochawwan hafuura xuraa’oofi waaqolii tolfamoo wajjin wal qabatan falaasama namoota Waaqayyoon hin beekneefi nyaatawwan tokko tokkorraa of qusachuufi barumsa Yihudootaa guyyoota tokko tokko kabajuu ajaju wajjin ta’uudhaan miseensota gumii tokko tokkorratti dhibbaa utuu hin godhin hin oolle. Rakkinnisaa maaliyyuu yoo ta’e, Ephafraas karaa hamma kana adeemee Phaawulosii wajjin kan wal arge dhimma cimaa waan qabuuf ta’uu qaba. Haata’u malee, Ephafraas jaalalasaaniifi jabaatanii dhaabachuusaanii ilaalchisee gabaasa nama jajjabeessu dhiheessuunsaa, gumichi rakkina yeroon kennamuufii hin qabne keessa akka hin jirre kan argisiisudha. Phaawulos gabaasa sana erga dhaga’ee booda, xalayaa kana warra Qolosaayisiif barreessuudhaan beekumsa sirriifi waaqeffannaa qulqulluu ilaalchisee yaada faccisaa cimaa dhiheesseera. Iddoon Waaqayyo Yesusiif kenne, falaasama namoota Waaqayyoo hin beeknee, ergamoota Waaqayyoo waaqeffachuufi aadaa Yihudootaa wajjin yeroo waliin ilaalamu hundarrayyuu kan caalu ta’uusaa akka gaariitti kan ibsu ture.

FAAYIDAASAA

12 Oduun obboloonni kun Roomaadhaa dhufuusaanii ilaalchisee dubbatame, takkumaan obboloota Qolosaayis biratti akka wal ga’e tilmaamuu dandeenya. Kiristiyaanonni oduu kana dhaga’an, xalayaa Phaawulos erge dhaggeeffachuuf hawwii guddaadhaan (mana Filemon utuu hin ta’in hin oolu) walitti sassaabamu. (Film. 2) Dhugaawwan iddoo Kiristos qabuufi beekumsa sirrii argachuun barbaachisaa ta’uusaa ilaalchisee wanta inni xalayaasaarratti ibse akkam kan nama gammachiisanidha! Falaasamni namootaafi aadaan Yihudootaa iddoo isaan qabaachuu qaban ifatti kan taa’e yommuu ta’u, nagaafi dubbii Kiristosiif xiyyeeffannaa guddaan kennameera. Namoota gumicha keessatti argaman jechuunis, ilaaltoota olaanaa, abbootii manaa, haadhotii manaa, abboota, ijoollee, gooftoliifi hojjettootaaf, nyaata hafuuraa sammuufi garaasaanii haaromsu dhihaateera. Xalayichi, Filemoniifi Oneesimos warra gooftaafi hojjetaa ta’aniif gorsa gaarii akka qabate homaa hin shakkisiisu. Ilaaltota olaanaadhaaf karra hoolotaa gara barumsa bu’uuraa sirrii ta’etti deebisuu ilaalchisee qajeelfama gaarii kenneera. Jechoonni Phaawulos namoonni Qolosaayis mirga garaa guutuudhaan Yihowaaf hojjechuuf argatan akka dinqisiifatan isaan jajjabeesseera. Akkasumas, ilaalchawwan garbummaadhaaf nama saaxilaniifi duudhaawwan biyya lafaarraa walaba ba’uu ilaalchisee, namoota Qolosaayisiif gorsi kenname gumiiwwan yeroo keenyatti jiraniifis dhaamsa gaarii qabataniiru.—Qol. 1:9-11, 17, 18; 2:8; 3:15, 16, 18-25; 4:1.

13 Qolosaayis 4:6⁠rratti Kiristiyaanota tajaajiltoota ta’aniif gorsi gaariin kennameera. Caqasichi akkas jedha: “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” Jechoonni dhugaa gurratti tolan namoota garaa qajeelaa qaban kan harkisan ta’uusaaniirrayyuu, faayidaa itti fufaa ta’e isaaniif argamsiisu. Akkasumas, kadhannaan carraaqqiifi dinqisiifannaa garaarraa maddeen Kiristiyaanni tokko dhiheessu eebba Yihowaa argamsiisa. “Garaa galateeffatuu fi yaada dammaqaadhaan kadhatatti cimaatii itti fufaa!” Kana malees, tokkummaan obbolummaa Kiristiyaanota gidduutti argamuun akkam kan nama gammachiisudha? Phaawulos: “Ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas . . . galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!” jedheera. (4:2; 3:16) Ergaa Qolosaayis yeroo qortu qajeelfamoota gaarii hojiirra ooluu danda’an argatta.

14 Xalayichi Seera Musee eeguu ilaalchisee akkas jedha: “Isaan kun gaadidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos.” (2:17) Yesusiin ilaalchisee wanti dhugaa ta’e Qolosaayis keessatti ibsameera. Xalayichi, abdii dinqisiisaa namoonni Kiristosii wajjin samiirratti bulchan qaban irra deddeebi’ee ibsa. (1:5, 27; 3:4) Namoonni kun Abbaan aboo dukkana keessaa isaan baasee “gara mootummaa ilma isaa isa jaallatamaatti” waan isaan dabarseef guddaa galateeffatu. Kanaaf, isa “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atuu . . . uumama hundumaa duras dhalate[eef]. Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman[iif]” bitamaniiru. Ilmi Waaqayyoo kun mootummaa Waaqayyoorratti qajeelummaadhaan bulchuuf ga’eessadha. Kanaafuu Phaawulos Kiristiyaanota dibamoodhaan: “Egaa Kristosii wajjin du’aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga Waaqayyoo taa’ee jirutti barbaadaa!” jechuudhaan jabeessee isaan gorseera.—1:12-16; 3:1.

[Muuljalee]

a Za Niiwu Weestiministeer Dikshinarii oov za Baayibil, 1970, ful. 181.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi