LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w26 Amajjii ful. 8-13
  • Miira Gaarii hin Taane Dandamachuu ni Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Gaarii hin Taane Dandamachuu ni Dandeessa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • PHAAWULOSITTI MIIRRI GAARII HIN TAANE KAN DHAGAʼAME MAALIIFI?
  • PHAAWULOS MIIRA GAARII HIN TAANE KAN DANDAMATE AKKAMITTI?
  • MIIRA GAARII HIN TAANE DANDAMACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • YEROO GARA FUULDURAA ABDIIDHAAN EEGGACHUU DANDEENYA
  • Miira Gadhee Sitti Dhagaʼamu Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Tajaajila Keenyatti Caalaatti Gammaduu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
w26 Amajjii ful. 8-13

BITOOTESSA 9-15, 2026

FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu

Miira Gaarii hin Taane Dandamachuu ni Dandeessa

“Ani nama gadadamaa dha!”—ROM. 7:24.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti yeroo wantoonni nu dhiphisanii fi gammachuu nu dhabsiisan gara sammuu keenyaa dhufanitti maal gochuu akka qabnu ilaalla.

1-2. Phaawulositti darbee darbee miira akkamiitu dhagaʼama ture? Fakkeenyisaa nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (Roomaa 7:21-24)

WAAʼEE Phaawulos ergamaa yeroo yaaddu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Misiyoonii ija jabeessa taʼe, barsiisaa dandeettii guddaa qabu ykn nama kutaa Kitaaba Qulqulluu hedduu barreessetu gara sammuu keetti dhufaa? Eeyyee Phaawulos nama akkasiiti. Haa taʼu malee, Phaawulos yeroo itti gadde, yeroo itti abdii kutate ykn yeroo itti dhiphate qaba. Kanaafuu, Phaawulos akkuma keenya miirri gaarii hin taane isatti dhagaʼama ture.

2 Roomaa 7:21-24 dubbisi. Xalayaa warra Roomaaf barreesserratti miira isatti dhagaʼame tokko tokko ibseera; nutis baayʼeen keenya miirri akkasii nutti dhagaʼama. Phaawulos Kiristiyaana amanamaa fi Waaqayyoof ajajamuu barbaadu ture; taʼus, cubbuu dhaaleen kan kaʼe yeroo tokko tokko wanta Waaqayyo barbaadu raawwachuun isatti ulfaata ture. Kana malees, waaʼee wanta kanaan dura raawwatee fi rakkina isa mudachaa jiruu yeroo yaadu miira gaarii hin taanetu isatti dhagaʼama ture.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla? (“Ibsa Jechaas” ilaali.)

3 Phaawulos yeroo tokko tokko miira gaarii hin taanea wajjin walʼaansoo kan godhu taʼus, miirri kun akka isa toʼatu hin heyyamne. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna: Phaawulos nama “gadadamaa” akka taʼe akka isatti dhagaʼamu wanti godhe maalidha? Miira gaarii hin taane kana kan dandamate akkamitti? Nutoo miirri gaarii hin taane yeroo nutti dhagaʼamu maal gochuu dandeenya?

PHAAWULOSITTI MIIRRI GAARII HIN TAANE KAN DHAGAʼAME MAALIIFI?

4. Phaawulos miirri gaarii hin taane akka isatti dhagaʼamu wanti godhe maalidha?

4 Wantoota duraan raawwate. Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura wantoota yeroo booda itti gaabbu raawwateera. Fakkeenyaaf, Isxifaanosiin dhagaadhaan tumanii yeroo ajjeesanitti irratti walii galee ilaalaa ture. (HoE. 7:58; 8:1) Kana malees Kiristiyaanota gara jabinaan ariʼachaa ture.—HoE. 8:3; 26:9-11.

5. Phaawulos wantoota Kiristiyaana taʼuusaa dura raawwate ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama ture?

5 Phaawulos Kiristiyaana erga taʼee booda darbee darbee wantoota duraan raawwatetti ni gadda ture. Ariʼatamni cimaan inni Kiristiyaanota irraan gaʼaa ture, waggoota hedduu boodallee caalaatti isa gaddisiisee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. naannoo bara 55tti xalayaa warra Qorontosiif barreesse isa jalqabaarratti, “Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef . . . ergamaa jedhamee waamamuun kan naaf hin malle dha” jedheera. (1 Qor. 15:9) Gara waggaa shanii boodammoo xalayaa warra Efesooniif ergerratti “ana isa qulqulloota hunda irraa gad taʼe” ofiin jedheera. (Efe. 3:8) Xalayaa Ximotewosiif barreesserrattis, “Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa” akka ture ibseera. (1 Xim. 1:13) Phaawulos gumiiwwan daawwachaa yeroo turetti namoota sana dura ariʼachaa ture ykn maatiisaanii wajjin yeroo wal argutti miirri akkamii isatti dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu tilmaamuu dandeessaa?

6. Wanti Phaawulosiin baayʼee dhiphise kan biraan maal taʼuu dandaʼa? (Miiljalees ilaali.)

6 Qoree foonsaa waraanu. Phaawulos wanta baayʼee isa dhiphise tokko ‘qoree foonsaa waraanutti’ fakkeesseera. (2 Qor. 12:7) Wanti isa dhiphise maal akka taʼe adda baasee hin caqasne. Wanti isa mudate kun dhibee fayyaa, rakkina miiraa ykn wanta kan biraa taʼuu dandaʼa.b

7. Phaawulos yeroo tokko tokko wanta sirrii raawwachuun kan isatti ulfaate maaliifi? (Roomaa 7:18, 19)

7 Cubbuu dhaale. Phaawulos cubbuu dhaalee wajjinis walʼaansoo godha ture. (Roomaa 7:18, 19 dubbisi.) Wanta sirrii taʼe raawwachuu kan barbaadu taʼus cubbuun inni dhaale kutannoosaa jalaa laaffisa ture. Wanta dogoggoraa raawwachuu dhiisuuf yeroo hundumaa walʼaansoo akka godhu ifatti dubbateera. Taʼus fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii gochuusaa itti fufeera. (1 Qor. 9:27) Amallisaa duraanii yeroo isatti deebiʼu hundatti baayʼee abdii kutatee taʼuu qaba.

PHAAWULOS MIIRA GAARII HIN TAANE KAN DANDAMATE AKKAMITTI?

8. Phaawulos amalasaa fooyyessuuf maal godheera?

8 Phaawulos Kiristiyaanonni gargaarsa hafuura Waaqayyootiin fedhii dogoggoraa dandamachuu fi injifachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe gadi fageenyaan irratti yaadeera. Akkas akka godhe xalayaawwan isaarraa hubachuu dandeenya. (Rom. 8:13; Gal. 5:16, 17) Fedhiiwwanii fi amaloota Kiristiyaanonni injifachuu qaban irra deddeebiʼee ibseera. (Gal. 5:19-21, 26) Kunis Phaawulos wanta fooyyessuu qaburratti akka yaade argisiisa. Jijjiirama akkamii gochuu akka qabuu fi tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabu beekuuf Kitaaba Qulqulluu akka qoʼate hin shakkisiisu. Phaawulos gorsa warra kaaniif kenne akka itti hojjete ifadha.

9-10. Phaawulos yeroo abdii kutatetti maaltu isa gargaare? (Efesoon 1:7) (Fakkichas ilaali.)

9 Phaawulos darbee darbee abdii kan kutatu taʼus ilaalcha gaarii qabaatee itti fufuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, obboloota akkumasaa gumii daawwatan irraa gabaasa gaarii dhagaʼuun isa gammachiisa ture. (2 Qor. 7:6, 7) Michummaan obbolootasaa wajjin qabus isa gammachiisa ture. (2 Xim. 1:4) Yihowaa biratti fudhatama akka argates beeka. Eeyyee, “qalbii qulqulluudhaan” Waaqayyoon tajaajiluu dandaʼuusaatti ni gammada ture. (2 Xim. 1:3) Roomaa keessatti hidhamee yeroo turettillee obboloonnisaa ‘gooftaatti akka gammadan’ isaan jajjabeesseera. (Filp. 4:4) Yaanni inni dubbate kun Phaawulos miira gaarii hin taaneen kan liqimfamu yeroo hundumaa akka hin taane argisiisa. Yaanni gaarii hin taane yommuu gara sammuusaa dhufu dafee yaada gaariidhaan bakka buusa.

10 Phaawulos furichi kennaa dhuunfaatti isaaf kenname akka taʼe waan amanuuf miira gaarii hin taane dandamachuu dandaʼeera. (Gal. 2:20; Efesoon 1:7 dubbisi.) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos dhiifama akka isaaf godhu amanannaa qaba ture. (Rom. 7:24, 25) Cubbuu kan dhaalee fi duraan dogoggora kan raawwate taʼus, gammachuudhaan Waaqayyoof “tajaajila qulqulluu dhiheessuu” dandaʼeera.—Ibr. 9:12-14.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Phaawulos ergamaan xiinxalaa jira. 2. Waggoota hedduu dura yeroo itti eegduun tokko Kiristiyaana tokko mana isaatii harkisee akka gadi baasu ajaje yaadachaa jira. 3. Yesuus muka dhiphinaarratti yeroo duʼu xiinxalaa jira.

Phaawulos wantoota duraan raawwateen kan kaʼe darbee darbee kan gaddu taʼus, furicharratti xiinxaluudhaan miira gaarii hin taane dandamateera (Keeyyata 9-10 ilaali)


11. Fakkeenyi Phaawulos kan nu jajjabeessu maaliifi?

11 Nutis akkuma Phaawulos wanta Yihowaa gaddisiisu yaaduu, dubbachuu fi raawwachuu dhiisuuf yeroo hunda carraaqqii gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Nama gadadamaa akka taane nutti dhagaʼama taʼa. Obboleettiin Elaayizaac jedhamtuu fi umurii waggoota 20manii keessatti argamtu wanta ishiitti dhagaʼamu yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Seenaa Phaawulos irratti yaaduun koo na jajjabeessa. Akkas kan itti dhagaʼamu ana qofa akka hin taane beekuun koo boqonnaa naaf argamsiiseera. Yihowaan haala sabnisaa keessa jiran akka beeku na yaadachiiseera.” Maarree, miirri gaarii hin taane utuma nutti dhagaʼamuu akkuma Phaawulos qalbii qulqulluu fi gammachuu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

MIIRA GAARII HIN TAANE DANDAMACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

12. Gammachuu qabaachuuf yeroo hunda maal gochuu qabna?

12 Wantoota Yihowaatti dhihaachuuf si gargaaran gochuu kee itti fufi. Fakkeenyaaf, nyaata madaalamaa yeroo nyaannu, sochii qaamaa yeroo goonuu fi hirriba gaʼaa yeroo rafnu miirri gaariin nutti dhagaʼama. Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan yeroo dubbisnu, yeroo lallabnu, walgaʼiidhaaf yeroo qophoofnu, walgaʼii irratti yeroo argamnuu fi yaada yeroo kenninu ni jajjabaanna. Wantoota kana gochuu keenya yoo itti fufne wantoota abdii nu kutachiisan irratti utuu hin taʼin, wantoota gaggaarii irratti xiyyeeffanna; kunimmoo gammachuu nuuf argamsiisa.—Rom. 12:11, 12.

13-14. Obboloonni tokko tokko wantoota Yihowaatti dhihaachuuf isaan gargaaran gochuudhaan kan fayyadaman akkamitti?

13 Mee fakkeenya Joon haa ilaallu. Joon umuriisaa waggaa 39tti kaansarii baramaa hin taaneen qabame. Jalqabarratti miirri gaarii hin taane isatti dhagaʼamee ture. ‘Umurii kanatti akkamittan dhukkuba kanaan qabama?’ jedhee yaada ture. Yeroo sanatti ilmisaa waggaa sadii ture. Maarree Joon miira gaarii hin taane akka dandamatu wanti isa gargaare maalidha? Akkana jedheera: “Baayʼee kanan dadhabu taʼus, maatiidhaan walgaʼii hundarratti ni argamna, tajaajila ni baana, akkasumas torbee torbeedhaan waaqeffannaa maatii ni godhanna. Yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee akkas gochuu keenya hin dhiisne.” Itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Yeroo haalli rakkisaan nu mudatu jalqabarratti naʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin Yihowaan jabina akka nuuf kennuu fi jaalalasaa akka nutti argisiisu baradheera. Yihowaan akkuma na gargaare isiniinis ni gargaara.”

14 Elaayizaa ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Yeroon walgaʼiirratti hirmaadhuu fi qoʼannaa dhuunfaa godhu hundatti, Yihowaan akka na dhagaʼuu fi akka na jaallatun yaadadha.” Nolaan inni Afriikaa keessatti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼe tajaajilu wanta isaa fi haadha manaasaa Daayaan gargaare yommuu ibsu akkana jedheera: “Yeroo abdii kutannuttillee kadhachuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiirratti argamuu fi lallabuu keenya itti fufna. Yihowaanis ilaalcha gaarii akka qabaannu nu gargaara. Yihowaan akka nu gargaaruu fi akka nu eebbisu yaadachuuf yaalla. Akkamitti akka taʼe beekuu baannus akkas akka godhu beekna.”

15. Miira gaarii hin taane injifachuuf maal gochuu qabna? Fakkeenya kenni.

15 Miira gaarii hin taane injifachuuf wantoonni gochuu qabnu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, dugda kee si dhukkuba haa jennu. Fayyuuf miseensi maatii kee tokko akka sii sukkuumu gochuu malees wanta dabalataa gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Madda dhukkubichaa beekuuf qorannoo gochuun ykn doktara tokko haasofsiisuun si barbaachisuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, miira gadhee irra deddeebiʼee nutti dhagaʼamu tokko injifachuuf Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenyarratti qorannoo gochuun, darbees Kiristiyaana bilchaataa tokko haasofsiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Mee dabalataan wantoota nu gargaaruu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

16. Wanta miirri gaarii hin taane akka sitti dhagaʼamu godhu adda baastee beekuuf maaltu si gargaara? (Faarfannaa 139:1-4, 23, 24)

16 Wanta si dhiphise adda baastee beekuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Daawit Mootichi Yihowaan akka gaariitti akka isa beeku hubatee ture. Kanaafuu, kan dhiphatu maaliif akka taʼe beekuuf akka isa gargaaru kadhateera. (Faarfannaa 139:1-4, 23, 24 dubbisi.) Atis miirri gaarii hin taane kan sitti dhagaʼamu maaliif akka taʼe beekuu fi injifachuuf maal gochuu akka qabdu hubachuuf akka si gargaaru kadhachuu dandeessa. Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuu dandeessa. ‘Wanti na dhiphisu maalidha? Miira akkasii kan natti kaasu maalidha? Yaanni gaarii hin taane yommuu gara sammuu koo dhufu dafee sammuu koo keessaa baasuu mannaa irrattin yaadaa?’

17. Yaada gaarii qabaachuuf mata dureewwan kamfaa irratti qorannaa gochuu dandeessa? (Fakkichas ilaali.)

17 Mata duree haala keessa jirtuuf taʼurratti qorannoo godhi. Darbee darbee amaloota Yihowaa tokko tokkorratti qorannoo gochuun keenya nu fayyada. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan furichaa fi dhiifama Yihowaarratti xiinxaluunsaa baayʼee isa fayyadeera. Atis akkas gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe, Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan, ykn meeshaalee qorannaaf gargaaranii fi afaan keetiin argamanitti fayyadamtee waaʼee araara, dhiifamaa fi jaalala amanamaa Yihowaa qorannoo gochuu dandeessa. Mata dureewwan si gargaaran erga argattee booda bakka tokkotti walitti qabadhu. Achiis bakka arguu dandeessu kaaʼadhuutii yeroo dhiphachuu jalqabdu dubbisi. Wanta dubbiste rakkina si mudate furuuf itti fayyadami.—Filp. 4:8.

Obboleessi dargaggeessi tokko Kitaaba Qulqulluu, taableetii fi yaadannoosaatti fayyadamee qoʼannaa dhuunfaa gochaa jira. Kitaaba Qulqulluu isaarratti yaadannoo qabachaa jira.

Mata dureewwan miira gaarii hin taane injifachuuf si gargaaran qoʼadhu (Keeyyata 17 ilaali)


18. Kiristiyaanonni tokko tokko mata dureewwan akkamiirratti qorannoo godhaniiru?

18 Elaayizaan ishiin olitti ibsamte seenaa Iyyoob irratti qorannoo gooteetti. Akkana jetteetti: “Haalli koo kan Iyyoob wajjin karaa baayʼee wal fakkaata. Iyyoobirra rakkinni hedduun gaʼeera. Iyyoob rakkinni kan isarra gaʼe maaliif akka taʼe hin beeku ture. Taʼus, yeroo baayʼee abdii kutatee turettillee, gargaarsa argachuuf Yihowaatti amanamuusaa itti fufeera.” (Iyo. 42:1-6) Daayaan ishiin olitti caqasamtes akkana jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu qoʼachaa jirra. Yihowaan akkuma suphe dhooftuu tokkootti nu bocaa waan jiruuf baayʼee isa galateeffanna. Dogoggora raawwanneen yeroo abdii kutannutti Yihowaan nu barsiisaa fi nama gaarii akka taanu nu gargaaraa akka jiru yaadachuuf yaalla. Kunimmoo caalaatti akka isatti dhihaannu nu gargaara.”—Isa. 64:8.

YEROO GARA FUULDURAA ABDIIDHAAN EEGGACHUU DANDEENYA

19. Yeroo tokko tokko miira akkamiitu nutti dhagaʼama? Taʼus waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

19 Gorsawwan mata duree kana keessatti ibsaman hundumaa hojiirra yoo oolchineyyuu yeroo tokko tokko dhiphachuu ykn gadduu dandeenya. Nama gadadamaa akka taanellee nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatiin wantoota gaarii hin taane yaaduu dhiisnee tasgabbaaʼuu dandeenya. Kana malees, yeroo baayʼee qalbii qulqulluu qabaachuu, akkasumas jireenyaa fi tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinutti gammaduu dandeenya.

20. Maal gochuuf kutatteetta?

20 Dogoggora kanaan dura raawwanneen, rakkoowwan nu mudataniin ykn cubbuu dhaalleen kan kaʼe miirri gaarii hin taane akka nu hin toʼanne wanta nuuf dandaʼame gochuuf haa kutannu. Gargaarsa Yihowaatiin miira gaarii hin taane toʼachuu dandeenya. (Far. 143:10) Yeroo miira gaarii hin taanee wajjin walʼaansoo gochuun itti nu hin barbaachisne hawwiidhaan eegganna. Yeroo sanatti wanti nu dhiphisu hin jiraatu. Guyyaa hundumaa gammachuudhaan hirribaa kaanee Waaqa keenya Yihowaa tajaajilla.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Phaawulos darbee darbee nama gadadamaa akka taʼe kan isatti dhagaʼame maaliif taʼuu dandaʼa?

  • Phaawulos miirri gaarii hin taane kan isatti dhagaʼame taʼus qalbii qulqulluu fi ilaalcha gaarii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti?

  • Miira gaarii hin taane dandamachuuf maal gochuu dandeenya?

FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

a IBSA JECHAA: Mata duree kana keessatti yaanni “miira gaarii hin taane” jedhu darbee darbee gadduu fi miirri keenya jijijjiiramuu isaa argisiisa. Yaanni kun dhiphina sammuu cimaa isa gargaarsa yaalii fayyaa barbaadu hin argisiisu.

b Xalayaa inni barreesserraa akka hubannutti Phaawulos rakkina ijaa xalayaa barreessuu fi tajaajilasaa raawwachuun akka isatti ulfaatu godhu qaba ture. (Gal. 4:15; 6:11) Yookiin immoo wanta barsiisonni sobaa tokko tokko waaʼeesaa dubbataniin kan kaʼe dhiphina isatti dhagaʼame kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (2 Qor. 10:10; 11:5, 13) Rakkinichi maaliyyuu yoo taʼe Phaawulosiin dhiphiseera.

c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi