LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 7:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Kanaafuu, Solomoon Mootichi hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure. Achiis Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sanas manneen qabeenyaa mana Yihowaa keessa ni kaaʼe.+

  • 1 Mootota 14:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Rooboʼaam Mootichi mootii taʼee waggaa shanaffaa isaatti Shishaaq+ mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe.+ 26 Innis qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate.+ Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete hunda dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+

  • 1 Seenaa Baraa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Iddoo amanamummaa gaafatu irratti ajajjoonni* karra eegdota taʼan afur jiru turan. Isaan Leewwota turan; kutaawwan* sanaa fi manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessattis itti gaafatamummaa qabu turan.+

  • 1 Seenaa Baraa 18:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 yeruma sana waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Hadoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼuu wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan warqii, miʼawwan meetii fi miʼawwan sibiila diimaa akaakuu adda addaa fidee dhufe. 11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+ miʼawwan kunis warra inni Edoom, Moʼaab, Amoonota,+ Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi