- 
	                        
            
            Maatewos 5:44, 45Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
44 Ani garuu isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu+ fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa;+ 45 kana yoo gootan, ilmaan Abbaa keessan isa samii+ taʼuu keessan argisiistu; inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa.+
 
 -