- 
	                        
            
            Hisqiʼel 41:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
21 Maqaaniiwwan* balbaloota iddoo qulqulluu sanaa rogarfee turan.+ Iddoo qulqulluu* sana fuulduras wanti akka 22 iddoo aarsaa muka irraa tolfamee+ fi ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼe tokko jira ture. Inni utubaa golee kan qabu yeroo taʼu, jalli* isaa, akkasumas garanaa fi garasiin muka irraa kan tolfame ture. Achiis inni, “Kun minjaala Yihowaa dura jiru sana dha”+ naan jedhe.
 
 -