-
Hisqiʼel 23:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Maqaan ishii angafaa Oholaa,* kan obboleettii ishii immoo Oholibaa* ture. Isaan kan koo ni taʼan; ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni daʼan. Oholaan Samaariyaa+ dha, Oholibaan immoo Yerusaalemi.
5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa raawwachuu jalqabde.+ Ishiin kajeellaa ishiitiin warra baayʼee ishii jaallatan,+ jechuunis Asoorota warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute.+
-
-
Hoseʼaa 5:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Efreem dhukkuba isaa yommuu argu, Yihudaanis madaa isaa yommuu argu,
Efreem gara Asoor ni dhaqe,+ mootii guddichattis ergamtoota ni ergate.
Inni garuu isin fayyisuu hin dandeenye;
Madaa keessanis fayyisuu hin dandeenye.
-