LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 17:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Tabba dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti+ ofii isaaniitiif siidaawwan waaqeffannaa+ fi utubaawwan waaqeffannaa* ni dhaaban; 11 kana malees, isaan akkuma saboonni Yihowaan isaan duraa ariʼee akka boojiʼaman godhe sun godhanitti iddoowwan ol kaʼoo hunda irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Yihowaa dheekkamsiisuufis wantoota hamaa raawwachuu isaanii itti fufan.

      12 Isaan wanta Yihowaan, “Kana hin godhinaa!”+ jedhee isaanitti hime gochuudhaan, waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan tajaajiluu isaanii itti fufan.+

  • Ermiyaas 2:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 ‘Bara dheeraa dura waanjoo* kee nan caccabse,+

      Funcaawwan kees nan kukkute.

      Ati garuu, “Ani hin tajaajilu” jetteetta,

      Dhuguma iyyuu ati tabba ol kaʼaa hundumaa irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+

      Dugda keetiin ciistee sagaagalummaa raawwatteetta.+

  • Hisqiʼel 20:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Anis gara biyyan isaaniif kennuuf kakadhetti isaan nan galche.+ Isaanis yommuu tabbawwan ol kaʼoo fi mukeetii lalisoo+ hundumaa arganitti aarsaawwan isaanii fi kennaawwan isaanii warra na dheekkamsiisan dhiheessuu ni jalqaban. Achittis aarsaawwan isaanii warra urgaan isaanii gammachiisu* ni dhiheessan, aarsaawwan dhugaatii isaaniis ni dhangalaasan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi