-
2 Mootota 17:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Tabba dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti+ ofii isaaniitiif siidaawwan waaqeffannaa+ fi utubaawwan waaqeffannaa* ni dhaaban; 11 kana malees, isaan akkuma saboonni Yihowaan isaan duraa ariʼee akka boojiʼaman godhe sun godhanitti iddoowwan ol kaʼoo hunda irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Yihowaa dheekkamsiisuufis wantoota hamaa raawwachuu isaanii itti fufan.
12 Isaan wanta Yihowaan, “Kana hin godhinaa!”+ jedhee isaanitti hime gochuudhaan, waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan tajaajiluu isaanii itti fufan.+
-
-
Hisqiʼel 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Anis gara biyyan isaaniif kennuuf kakadhetti isaan nan galche.+ Isaanis yommuu tabbawwan ol kaʼoo fi mukeetii lalisoo+ hundumaa arganitti aarsaawwan isaanii fi kennaawwan isaanii warra na dheekkamsiisan dhiheessuu ni jalqaban. Achittis aarsaawwan isaanii warra urgaan isaanii gammachiisu* ni dhiheessan, aarsaawwan dhugaatii isaaniis ni dhangalaasan.
-