LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 17:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Namoonni Yihudaa illee ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hin eegne;+ isaanis barsiifata Israaʼelonni hordofan irra ni deddeebiʼan.+ 20 Yihowaan fuula isaa duraa hamma isaan balleessutti sanyiiwwan Israaʼel hunda ni dhiise; isaan ni salphise; akkasumas harka warra saamtotaatti dabarsee isaan kenne.

  • Hisqiʼel 23:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ati akkuma dubartii sagaagaltuutti saboota duukaa waan buuteef,+ waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniinis waan of xureessiteef,+ wantoonni kun si irratti ni raawwatamu. 31 Ati daandii obboleettii tee duukaa buuteetta;+ anis xoofoo ishii harka kee irra nan kaaʼa.’+

  • Amoos 2:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Fincila Yihudaan siʼa sadii,+ eeyyee siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani murtoo koo hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa tuffataniiru,+

      Dambiiwwan isaas hin eegne;

      Haa taʼu malee, sobni abbootiin isaanii duukaa buʼan sun karaa irraa isaan jalʼiseera.+

       5 Kanaafuu, ani Yihudaatti ibidda nan erga,

      Innis masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi