-
Zakkaariyaas 4:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Achiis, “Maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe.
Anis akkana nan jedhe: “Kunoo, baattuu ibsaa guutummaatti warqii irraa hojjetamee+ fi fiixee isaa irra saanii golboon jiru tokkotu natti mulʼata. Ibsaawwan torba, eeyyee, ibsaawwan torba isa irra jiru;+ ibsaawwan fiixee isaa irra jiran kunis ujummoowwan torba qabu. 3 Isa biras mukeetiin ejersaa* lama jiru;+ isaanis inni tokko karaa mirgaa saanii golboo sanaa, inni tokko immoo karaa bitaa isaa jira.”
-