-
Mulʼata 8:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Maleekaan inni jalqabaa malakata isaa afuufe. Cabbii fi ibiddi dhiigaan makames ni taʼe; achiis gara lafaatti gad darbatame;+ laftis harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; mukeetiin harka sadii keessaa harki tokko ni gubatan; biqiltoonni lalisoon hundis ni gubatan.+
8 Maleekaan inni lammaffaan malakata isaa afuufe. Wanti gaara guddaa ibiddaan gubachaa jiru fakkaatu tokkos galaana keessatti gad darbatame.+ Galaanichi harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;+
-
-
Mulʼata 8:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Maleekaan inni sadaffaan malakata isaa afuufe. Urjii guddaan akka ibsaa bobaʼu tokkos samii keessaa ni kufe; inni lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, akkasumas burqaawwan bishaanii irratti kufe.+
-
-
Mulʼata 8:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Maleekaan inni arfaffaan malakata isaa afuufe. Aduun+ harka sadii keessaa harki tokko, addeessi harka sadii keessaa harki tokko, urjiileen harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kunis kan taʼe isaan harka sadii keessaa harki tokko akka dukkanaaʼaniif,+ akkasumas guyyaan harka sadii keessaa harki tokko, halkanis harka sadii keessaa harki tokko ifa akka hin arganneefi.
-