LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt 1 Pheexiros 1:1-5:14
  • 1 Pheexiros

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 Pheexiros
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Pheexiros

PHEEXIROS TOKKOFFAA

1 Pheexiros isa ergamaa+ Yesuus Kiristoos taʼe irraa, warra filatamoo Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa,+ Eeshiyaa fi Bitiiniyaa keessa tamsaʼanii yeroo gabaabaadhaaf jiraatan, 2 warra Waaqayyo Abbaan dursee beekuudhaan filate,+ akkasumas Yesuus Kiristoosiif akka ajajamanii fi dhiigni isaa akka isinitti facaafamuuf+ hafuuraan qulqulleeffamaniif:+

Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.

3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa taʼu; inni gara laafina isaa isa guddaadhaan, karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoos+ abdii jiraataa+ taʼeef akka haaraatti akka dhalannu godheera;+ 4 kana kan godhe dhaala hin badne, hin xuroofnee fi hin mancaane akka argannuufi.+ Kunis samii keessatti isiniif kaaʼameera;+ 5 isin amantii waan qabdaniif, fayyina bara dhumaatti humna Waaqayyootiin mulʼatu sanaaf eegamtaniittu. 6 Qorumsa garaa garaatiin yeroo muraasaaf dhiphachuun yoo isin irra jiraate iyyuu, sababii kanaatiin amma gammachuu guddaa argachaa jirtu;+ 7 qorumsawwan kun kan isin irra gaʼan, amantiin keessan inni qorame,+ inni warqii isa ibiddaan yoo qorame* illee baduu dandaʼu caalaa gatii guddaa qabu sun yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja akka isiniif argamsiisuufi.+ 8 Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu; akkasumas gammachuu guddaa jechaan ibsamuu hin dandeenyeen baayʼee gammadaa jirtu; 9 sababiin isaas, amantiin keessan fayyina akka isiniif* argamsiisu beektu.+

10 Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu ilaalchisee raajii dubbatan, waaʼee fayyina kanaa cimsanii gaafachaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan.+ 11 Isaan hafuurri isaan keessa jiru dhiphina hedduu Kiristoos irra gaʼuu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa baʼu,+ waaʼee yeroo isa kamii yookiin waaʼee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochaa turan.+ 12 Isaan ofii isaanii tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulʼifamee ture; kanaa mannaa, hafuura qulqulluu samiidhaa ergameen+ karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. Maleekonni illee wantoota kana ilaaluuf hawwii guddaa qabu.

13 Kanaafuu, sammuu keessan hojiidhaaf qopheessaa;+ dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa;+ abdii keessan gaarummaa guddaa yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatu isiniif kennamu sana irra kaaʼadhaa. 14 Ijoollee ajajamoo waan taataniif, hawwii yeroo wallaalota turtanitti hordofaa turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; 15 kanaa mannaa, akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa;+ 16 sababiin isaas, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa”+ jedhamee barreeffameera.

17 Isin Abbaa isa utuu hin loogin+ tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii isaatti murtii kennu kan waammattan yoo taʼe, yommuu yeroo gabaabaadhaaf jiraattan kanatti sodaadhaan jiraadhaa.+ 18 Isin akkaataa jireenyaa keessan isa gatii hin qabne isa abbootiin keessan isinitti dabarsan* irraa bilisa kan baatan,*+ wantoota badaniin, jechuunis meetii yookiin warqiidhaan akka hin taane beektu. 19 Kanaa mannaa, bilisa kan baatan dhiiga Kiristoos+ isa gatii guddaa qabuun,+ jechuunis dhiiga hoolaa hirʼinaa fi mudaa hin qabneetiini.+ 20 Eeyyee, inni addunyaan hundeeffamuu isaa dura+ kan beekame taʼus, isiniif jecha baroota dhumaatti mulʼifame.+ 21 Isin Waaqayyo irratti amantii fi abdii akka qabaattaniif,+ karaa isaa, Waaqa isa duʼaa isa kaasee+ fi ulfina isaaf kennetti+ amantaniittu.

22 Egaa jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabneen+ dhugaadhaaf ajajamuudhaan waan of* qulqulleessitaniif, cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa.+ 23 Isin karaa dubbii Waaqa isa jiraataa taʼee fi yeroo hundumaa jiraatuun,+ akka haaraatti kan dhalattan,+ sanyii tortoruun utuu hin taʼin sanyii hin tortorreen*+ ture. 24 “Foon* hundi akka margaa ti, ulfinni isaa hundis akka daraaraa dirree ti; margichi ni coolliga, habaaboon isaas ni harcaʼa; 25 dubbiin Yihowaa* garuu bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”+ “Dubbiin” kunis misiraachoo isiniif lallabame sana dha.+

2 Kanaafuu, hammina hundumaa, gowwoomsaa, fakkeessaa, hinaaffaa fi hamii hundumaa of irraa fageessaa.+ 2 Akka ijoollee reefuu dhalataniitti+ dubbii aannanii isa makaa hin qabne* dharraʼaa; kunis karaa isaa gara fayyinaatti akka guddattaniifi;+ 3 isin gaarummaa Gooftaa dhandhamtaniittu.*

4 Sababiin isaas, isin dhagaa isa jiraataa sanatti dhihaattaniittu; namoonni kan isa tuffatan taʼus,+ Waaqayyo isa filateera, isa durattis gatii guddaa qaba;+ 5 isinis akka dhagoota jiraatootti luboota qulqulluu taʼuuf gara mana hafuuraatti ijaaramaa jirtu;+ kunis karaa Yesuus Kiristoos aarsaa hafuuraa+ Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka dhiheessitaniifi.+ 6 Kitaabota Qulqulluu keessatti, “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa filatamaa, dhagaa golee buʼuuraa gatii guddaa qabu nan kaaʼa; namni isatti amanu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu”*+ jedhameera.

7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+ 8 akkasumas “dhagaa gufachiisuu fi qarsaa kuffisu taʼe.”+ Isaan kan gufatan dubbichaaf waan hin ajajamneefi. Wanti isaan eeggachaa tures kanuma. 9 Isin garuu isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame sanaaf,+ “ulfina isaa* balʼinaan akka labsitaniif,+ saba filatamaa, luboota mootota taʼan, saba qulqulluu,+ saba Waaqayyo qabeenya addaa godhachuuf fudhate”+ dha. 10 Isin duraan saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu;+ inni duraan gara laafina isinitti hin argisiisne, amma garuu gara laafina isinitti argisiiseera.+

11 Yaa obboloota jaallatamo, isin ormootaa fi warra yeroo gabaabaadhaaf jiraattan+ waan taataniif, fedhiiwwan foonii warra isin* waraanan+ irraa akka fagaattan+ isin nan gorsa. 12 Namoota addunyaa gidduutti amala gaarii qabaadhaa;+ kunis isaan akka isin dogoggora hojjettan godhanii yommuu isin himatan, hojii keessan isa gaarii+ arganii guyyaa Waaqayyo qoruudhaaf dhufutti ulfina akka isaaf kennaniifi.

13 Gooftaadhaaf jedhaatii aangoo* namoonni hundeessan hundaaf bitamaa;+ inni iddoo ol aanaa waan qabuuf mootiidhaaf bitamaa;+ 14 bulchitoonnis warra dogoggora hojjetan adabuuf, warra waan gaarii hojjetan immoo galateeffachuuf isa biraa kan ergaman waan taʼaniif+ isaaniif bitamaa. 15 Fedhiin Waaqayyoo, waan gaarii hojjechuudhaan namoota gowwaa wanta faayidaa hin qabne dubbatan akka callisiistani* dha.+ 16 Akka namoota bilisa taʼaniitti jiraadhaa;+ taʼus bilisummaa keessan hammina hojjechuuf itti hin fayyadaminaa;+ kanaa mannaa, akka garboota Waaqayyootti jiraadhaa.+ 17 Namoota akaakuu hundumaa kabajaa,+ guutummaa waldaa obbolootaatiif* jaalala qabaadhaa,+ Waaqa sodaadhaa,+ mootii kabajaa.+

18 Tajaajiltoonni gooftolii isaanii warra gaarii fi gara laafeyyii taʼaniif* qofa utuu hin taʼin, warra gammachiisuun ulfaataa taʼeefis ulfina guutuu kennuudhaan haa bitaman.+ 19 Namni tokko Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf+ jecha rakkina* isa irra gaʼuu fi jalʼina isa irratti raawwatamu yoo dandaʼe gaarii dha. 20 Cubbuu hojjettanii yommuu rukutamtan yoo dandeessan kun galata maalii qaba?+ Haa taʼu malee, rakkina waan gaarii hojjechuu keessaniin kan kaʼe isin irra gaʼu yoo dandeessan, kun Waaqa kan gammachiisu dha.+

21 Isin jireenya akkasiitiif waamamtan; sababiin isaas, Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan+ fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.+ 22 Inni cubbuu tokko illee hin hojjenne,+ dubbii gowwoomsaanis afaan isaa keessatti hin argamne.+ 23 Yommuu isa arrabsan+ deebisee hin arrabsine.+ Yommuu rakkinni isa irra gaʼettis+ hin doorsisne; kanaa mannaa, isa qajeelinaan murteessu+ sanatti imaanaadhaan of kenne. 24 Nuti cubbuudhaaf duunee qajeelummaadhaaf akka jiraannuuf, inni cubbuu keenya qaama isaatiin muka irratti+ baate.+ “Isinis madaa isaatiin fayyifamtan.”+ 25 Isin akka hoolota karaa irraa badanii turtan;+ amma garuu gara tiksee+ fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu* keessaniitti deebitaniittu.

3 Haaluma wal fakkaatuun, isin haadhotiin manaa abbootii manaa keessaniif bitamaa;+ kunis dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee amala keessan isa gaariidhaan akka moʼamaniifi;+ 2 kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu+ fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha. 3 Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu, jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu fi faaya warqii naqachuudhaan yookiin uffata baʼeessa uffachuudhaan akka taʼu hin godhinaa;+ 4 kanaa mannaa, miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa, isa hin mancaane kan mulʼisu haa taʼu; tasgabbii fi garraamummaadhaan of miidhagsaa;+ Waaqayyo kanaaf iddoo guddaa kenna. 5 Dubartoonni qulqulloonni bara durii Waaqayyo irratti abdii qaban abbootii manaa isaaniitiif bitamuudhaan haala kanaan of miidhagsu turan; 6 Saaraan Abrahaamiin “gooftaa koo” jettee waamuudhaan isaaf ni ajajamti turte.+ Isinis waan gaarii gochuu keessan yoo itti fuftanii fi sodaadhaan yoo moʼamuu baattan+ ijoollee ishii taatu.

7 Haaluma wal fakkaatuun isin abbootiin manaa, beekumsaan* isaanii wajjin jiraachuu keessan itti fufaa. Isaanis isinii wajjin kennaa jireenyaa waan dhaalaniif,+ akkasumas kadhannaan keessan akka hin ittifamneef, dubartoota warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajaa.+

8 Dhuma irrattis, hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa,+ miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa,+ akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.+ 9 Hamaa hamaadhaan+ yookiin arrabsoo arrabsoodhaan+ hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa;+ sababiin isaas, isin kan waamamtan karaa kana irra deddeebiʼuudhaan eebba akka dhaaltaniifi.

10 “Namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu kam iyyuu arraba isaa wanta hamaa irraa,+ afaan isaas gowwoomsaa dubbachuu irraa haa eegu. 11 Wanta hamaa irraa deebiʼee+ wanta gaarii haa raawwatu;+ nagaa haa barbaadu, duukaas haa buʼu.+ 12 Sababiin isaas, ijji Yihowaa* qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa;+ taʼus Yihowaan* warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”+

13 Wanta gaariidhaaf yoo hinaaftan eenyutu isin miidha?+ 14 Haa taʼu malee, qajeelummaadhaaf jettanii rakkinni yoo isin irra gaʼe illee isin gammadoo dha.+ Taʼus wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa,* akkasumas hin jeeqaminaa.+ 15 Kanaa mannaa, garaa keessan keessatti Kiristoosiif akka Gooftaatti ulfina kennaa; nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa+ fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.+

16 Namoonni waaʼee keessan wanta hamaa dubbatan, amala gaarii isin duuka buutota Kiristoos taʼuudhaan argisiistaniin+ kan kaʼe wanta hamaa waaʼee keessan dubbatanitti akka qaanaʼaniif+ qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.+ 17 Wanta hamaa gootanii rakkinni isin irra gaʼuu mannaa,+ fedhii Waaqayyoo yoo taʼe, wanta gaarii gootanii rakkinni yoo isin irra gaʼe wayya.+ 18 Kiristoos inni qajeelaa taʼe warra jalʼootaaf jedhee+ cubbuudhaaf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha duʼeera;+ kana kan godhes gara Waaqayyootti isin qajeelchuuf jedhee ti.+ Inni fooniin ajjeefame,+ taʼus hafuuraan jiraataa godhame.+ 19 Haala kana keessa utuu jiruus, dhaqee hafuurota mana hidhaa keessa jiraniif lallabe;+ 20 isaan warra bara Nohitti yeroo Waaqayyo obsaan eegaa* turee+ fi yeroo dooniin namoonni muraasni, jechuunis lubbuun* saddeet bishaan irraa itti oolan+ ijaaramaa turetti+ utuu hin ajajamin hafani dha.

21 Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatu, amma isin fayyisaa jira (cuuphaan xurii qaamaa balleessuuf utuu hin taʼin, qalbii gaarii argachuuf kadhannaa Waaqayyoof dhihaatu dha);+ kan isin fayyisus karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosi. 22 Inni gara samii waan dhaqeef, mirga Waaqayyoo jira;+ maleekonni, aangoowwanii fi humnoonni akka isaaf bitaman godhamaniiru.+

4 Kiristoos yeroo fooniin turetti rakkinni waan isa irra gaʼeef,+ isinis yaada* Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa; sababiin isaas, namni rakkinni isa irra gaʼe cubbuu hojjechuu dhiiseera;+ 2 kana kan godhus bara jireenyaa isaa isa hafe isa fooniin jiraatutti, fedhii namootaatiif utuu hin taʼin+ fedhii Waaqayyootiif+ jiraachuu akka dandaʼuufi. 3 Sababiin isaas, yeroon duraanii inni isin addaggummaadhaan,* kajeellaa toʼannaa hin qabneen, garmalee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan,* affeerraa dhugaatii irratti hirmaachuu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisoo taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan+ ni gaʼa.+ 4 Isin jireenya gadhiisii akkasii irratti isaanii wajjin hirmaachuu keessan waan itti hin fufneef bitaa isaanitti taʼa, akkasumas isin arrabsu.+ 5 Haa taʼu malee, namoonni kun isa warra jiranii fi warra duʼan irratti murteessuuf+ qophaaʼe sanaaf deebii ni kennu. 6 Warra duʼaniifis misiraachoon kan lallabame kanaafi;+ kunis akka ilaalcha namootaatti fooniin kan isaanitti murteeffame taʼus, akka ilaalcha Waaqayyootti hafuuraa wajjin wal simanii akka jiraataniifi.

7 Haa taʼu malee, dhumni wantoota hundumaa dhihaateera. Kanaafuu, sirriitti kan yaaddan taʼaa,+ kadhannaa wajjin haala wal qabateenis dammaqoo taʼaa.+ 8 Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa;+ sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.+ 9 Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa.+ 10 Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa garaa garaa mulʼateef+ tajaajiltoota gaarii waan taataniif, kennaa argattanitti hammuma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa. 11 Namni dubbatu yoo jiraate akka nama dubbii Waaqayyoo dubbatuutti haa dubbatu; namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu;+ kunis Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos wanta hundumaan ulfina akka argatuufi.+ Ulfinnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti kan isaa ti. Ameen.

12 Yaa obboloota jaallatamo, qorumsa akka ibiddaa isin irra gaʼaa jiru+ ilaalchisee, wanti adda taʼe akka isin irra gaʼetti yaaduudhaan hin dinqisiifatinaa. 13 Kanaa mannaa, rakkina Kiristoos irraa waan hirmaattaniif+ hammuma sana gammaduu keessan itti fufaa;+ kunis yeroo inni ulfina isaatiin mulʼatutti akka gammaddanii fi akka ililchitan godha.+ 14 Maqaa Kiristoosiif jettanii yoo arrabsamtan isin gammadoo dha;+ sababiin isaas hafuurri ulfinaa, eeyyee, hafuurri Waaqayyoo isin irra ni buufata.

15 Haa taʼu malee, isin keessaa namni kam iyyuu kan nama ajjeesu yookiin hattuu yookiin nama hammina hojjetu yookiin dhimma namoota kaanii keessa kan galu taʼuudhaan rakkinni isa irra hin gaʼin.+ 16 Haa taʼu malee, namni kam iyyuu Kiristiyaana taʼuu isaatiin yoo rakkinni isa irra gaʼe hin qaanaʼin;+ kanaa mannaa, maqaa kana baatee Waaqayyoof ulfina kennuu isaa itti haa fufu. 17 Sababiin isaas, yeroon murtiin mana Waaqayyoo+ keessaa itti jalqabu inni dursee murteeffame sun gaʼeera. Egaa murtiin kun nu irraa kan jalqabu erga taʼee,+ warri misiraachoo Waaqayyootiif hin ajajamne dhumni isaanii maal taʼa ree?+ 18 “Namni qajeelaan rakkinaan kan fayyu erga taʼee, nama Waaqayyoon hin sodaannee fi nama cubbamaa irra maaltu gaʼa laata?”+ 19 Kanaafuu, warri fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun rakkinni isaan irra gaʼaa jiru, wanta gaarii hojjechaa Uumaa isa amanamaa taʼetti imaanaadhaan of* kennachuu isaanii itti haa fufan.+

5 Kanaafuu, anis akkuma isaanii jaarsaa fi rakkina Kiristoos irra gaʼeef ragaa baatuu kanan taʼe, ulfina isa mulʼachuuf jiru+ sana keessaa qooda waanan qabuuf, jaarsolii isin gidduu jiran nan kadhadha:* 2 Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan* tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa;+ kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan,+ buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin,+ hawwii guddaadhaan raawwadhaa; 3 warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin,+ tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan+ isaan tiksaa. 4 Dura buutuun tiksitootaa+ yommuu mulʼifamu, gonfoo ulfinaa isa badaa hin deemne argattu.+

5 Haaluma wal fakkaatuun, isin dargaggoonni jaarsoliidhaaf bitamaa.+ Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu uffadhaa;* sababiin isaas, Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.+

6 Kanaafuu, yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa;+ 7 inni isiniif waan yaaduuf,+ yaaddoo* keessan hundumaa isa irratti gataa.+ 8 Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa!+ Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.+ 9 Isin garuu amantiitti cimaatii isa mormaa;+ addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keessanii rakkina akkasii keessa akka jiran beekaa.+ 10 Haa taʼu malee, Waaqayyo inni gaarummaa guddaa hundumaatiin guutamee fi tokkummaa Kiristoosii wajjin qabdaniin gara ulfina isaa isa bara baraatti isin waame sun,+ yeroo gabaabaadhaaf erga dhiphattanii booda, innumti leenjii keessan ni xumura. Inni isin cimsa,+ isin jabeessa,+ akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba. 11 Isaaf bara baraaf jabinni haa taʼu. Ameen.

12 Ani isin jajjabeessuu fi kun dhuguma gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa taʼuu isaa cimsee ragaa baʼuuf, karaa Silwaanos*+ isan akka obboleessa amanamaatti ilaalu sanaa gabaabsee isiniif barreesseera. Gaarummaa kana keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. 13 Ishiin akkuma keessan filatamtee fi Baabilon keessa jirtu nagaa isiniif dhaamteetti; ilmi koo Maarqosis+ nagaa isiniif dhaameera. 14 Dhungannaa jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa.

Isin warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabdan hundi nagaan isiniif haa taʼu.

Ykn., “qulqulleeffame.”

Ykn., “lubbuu keessaniif.”

Ykn., “aadaan keessan isinitti dabarse.”

Kal., “kan furamtan.”

Ykn., “lubbuu keessan.”

Jechuunis, sanyii baayʼachuu fi firii godhachuu dandaʼu.

Ykn., “namni.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn., “isa qulqulluu.”

Ykn., “argitaniittu.”

Ykn., “abdii hin kutatu.”

Kal., “mataa golee.”

Jechuunis, amalawwanii fi gochawwan isaa dinqisiisoo taʼan.

Ykn., “lubbuu keessan.”

Ykn., “dhaabbata.”

Kal., “afaan hiitani.”

Kal., “obbolummaatiif.”

Ykn., “yaada ofiitti hin cichineef.”

Ykn., “gadda; dhiphina.”

Ykn., “jireenya.”

Ykn., “isaaniif yaaduudhaan; isaan hubachuudhaan.”

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ykn tarii, “doorsisa isaanii hin sodaatinaa.”

Kal., “yeroo obsi Waaqayyoo eegaa.”

Ykn., “namoonni.”

Ykn., “murtoo.”

Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Akka malee nyaachuu, dhuguu fi iyyuu argisiisa.

Ykn., “lubbuu isaanii.”

Ykn., “gorsa.”

Ykn., “Of eeggannoodhaan hordofuudhaan.”

Ykn., “hidhadhaa.”

Ykn., “dhiphina.”

Siilaas jedhamees ni waamama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi