Macaafa Qulqulluutti Amanuu Kan Dandeessu Maaliifi?
Namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun sirriidha jedhamee amanamuun hin danda’amu kan jedhan yommuu ta’u, ilaalchisaanii kunis bal’inaan fudhatama argateera. Kanaaf, yeroo har’aatti namoonni hedduun wanta Macaafni Qulqulluun dubbatutti hin amanan.
Karaa kaaniinimmoo, Yesus kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jechuunsaa Macaafa Qulqulluutti amanuu kan jajjabeessudha. Macaafni Qulqulluunis, geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame dubbata.—Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16.
Atoo waa’ee kanaa maal yaadda? Macaafni Qulqulluun sirrii ta’uusaatiif ragaa cimaan jiraa? Moo Macaafni Qulqulluun kan hin amanamne, kan wal faallessuufi yaada fulla’aa kan hin qabne ta’uusaatiif ragaa dhiheessuutu danda’ama?
Wal Faallessaa?
Namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun akka wal faallessu dubbatanis, jechasaanii kanaaf fakkeenya qabatamaa kan sitti argisiise jiraa? Gaaffii qorannoo isarratti ka’uuf fakkeenya qabatamaafi bu’uura ta’u matumaa arginee hin beeknu. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu hedduurratti yaada wal faallessan waan qaban kan fakkaatan jiraachuunsaanii dhugaadha. Ta’us, yeroo hedduu rakkoonsaa yaadawwan gadi fageenyaan barreeffamaniifi haalawwan yeroo sanatti turan ilaalchisee beekumsa ga’aa akka hin qabne kan argisiisudha.
Fakkeenyaaf warri tokko tokko Macaafni Qulqulluun dogoggora akka qabu argisiisuuf, ‘Qaayin haadha manaa eessaa argate?’ jedhanii gaafatu. Ijoolleen Addaamiifi Hewwaan Qaayiniifi Abeel qofa turan jedhanii yaadu. Haata’u malee, ilaalchisaanii kun wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu sirriitti hubachuu dadhabuurraa kan uumamedha. Macaafni Qulqulluun Addaam “ilmaanii fi intaloota biraas in godhate” jechuun ibsa. (Uumama 5:4) Kanaaf, Qaayin obboleettotasaa ykn intala obboleessasaafi obboleettiisaa keessaa tokko fuudhee ta’uu danda’a.
Yeroo baay’ee ceephaatonni yaada wal faallessu argachuuf carraaqu; kanaafis, ‘Barreessitoota Macaafa Qulqulluu keessaa tokko, jechuunis Maatewos angafni dhibbaa tokko Yesus akka isa gargaaruuf garasaa dhufe kan jedhe yommuu ta’u, Luqaasimmoo gara Yesus dhufanii kan gaafatan namoota ajajaan dhibbaa kun garasaatti ergedha jedha. Kamtu sirriidha?’ jedhanii gaafatu. (Maatewos 8:5, 6; Luqaas 7:2, 3) Haata’u malee kun kan wal faallessudhaa?
Namoonni hojii hojjetan hogganaansaanii akka hojjete yoo dubbatan, namni yaada qajeelaa qabu yaanni kun dogoggoradha jedhee hin falmu. Fakkeenyaaf, magaalaa tokko keessatti karaa kan hojjetan mahaandisootaafi namoota kaan ta’anii utuu jiranii, oduun bulchaan magaalichaa karaa kana akka hojjete ibsu utuu dhihaatee gabaasni kun dogoggora jettee yaaddaa? Akkas jettee akka hin yaanne beekamaadha! Haaluma wal fakkaatuunis, Maatewos, Yesus akka isa gargaaru kan gaafate angafa dhibbaa ta’uusaa dubbachuunsaafi Luqaasimmoo Yesusiin gargaarsa kan gaafate namoota angafni dhibbaa kun ergedha jedhee yoo barreesse gabaasichi kan wal faallessu miti.
Odeeffannoon dabalataa argamaa yommuu adeemu, yaadawwan Macaafa Qulqulluurratti argamaniifi dogoggora fakkaatan sirrii ta’anii argamu.
Seenaafi Saayinsii
Yeroo tokko seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti argaman sirrii ta’uunsaanii shakkamaa tureera. Fakkeenyaaf, ceephaatonni Macaafa Qulqulluu Mootiin Asor inni Sargon jedhamu, Mootiin Baabilon inni Belshaazaar jedhamuufi Phonxos Philaaxos bulchaan warra Roomaa maqaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman dhuguma namoota lubbuun jiraatanii darban ta’uunsaanii shakkanii turan. Ta’us, wantoonni dhiheenyatti argaman seenaawwan Macaafa Qulqulluu sirrii ta’uusaanii tokko tokkoon mirkaneessaniiru. Kanaaf, qorataan seenaa Mooshee Parlimaan akkas jechuun barreessaniiru: “Ceephaatonni seenaawwan Kakuu Moofaa keessatti galmeeffaman shakkaa turan battaluma tokkotti ilaalchasaanii jijjiiruu jalqabaniiru.”
Macaafni Qulqulluun dhugaadha jennee amannaan, gama saayinsiitiinis dhugaa ta’uu qaba. Gama saayinsiitiin dhugaadhaa? Yeroon saayintiistonni Macaafa Qulqulluu mormuudhaan hawaan jalqaba hin qabu jedhanii falmaa turan baay’ee fagoo miti. Haata’u malee, qorataan urjii Roobart Jastiroon dhiheenya kana yaada haaraa ibsa kana fashaleessu caqasaniiru: “Odeeffannoon qo’annoo urjiirraa argame yaada Macaafni Qulqulluun akkaataa hawaan itti uumame ilaalchisee kennutti akka nu deebisaa jiru ilaalaa jirra. Ibsa gadi fageenya qabu kennurratti garaagarummaan jiraatus, qorannoo urjiifi seenaawwan gurguddaa Macaafa Qulqulluurratti ibsamanii wajjin tokkodha.”—Uumama 1:1.
Namoonni bifa lafaa ilaalchisee ilaalcha kanaan dura qaban jijjiiraniiru. Za Worlid Buuk Insaaykilooppiidiyaan, “Adeemsa qorannoo gara hawaatti godhaman” “bifni lafaa namoonni hedduun akka amanaa turan diriiraa utuu hin ta’in geengoo ta’uusaa argisiisaniiru” jechuun ibseera. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun durii kaasee sirrii ture! Adeemsi gara hawaatti godhamuusaa waggaa 2,000 caalu dura Macaafni Qulqulluun Isaayaas 40:22rratti [akka hiika bara 1899tti] akkas jedhee ture: “Inni naannoo lafaantaa’a” ykn akka hiika garabiraatti, “giloobii lafaarra” (Douay), “lafa geengoorra.” (Moffatt)
Kanaaf, beekumsi namootaa yommuu guddataa adeemutti, ragaawwan Macaafni Qulqulluun amanamaa ta’uusaa argisiisan hedduutu argama. Dirikteera Muuziyamii Biriitish durii kan turan, Sar Fireediriik Keeniyan, “Qorannoon hanga har’aatti godhame caalaatti Macaafa Qulqulluu dhugoomse malee gatii hin dhabsiisne” jechuun barreessaniiru.
Wanta Gara Fuulduraatti Ta’u Dubbachuu
Haata’u malee, ‘bantiiwwan waaqaa haaraafi lafa haaraa qajeelummaan keessa buufatu’ dabalatee, wanta Macaafni Qulqulluun gara fuulduraatti ni ta’u jedhutti amanuu dandeenyaa? (2 Phexros 3:13; Mul’ata 21:3, 4) Macaafni Qulqulluun kan amanamu ta’uusaa ilaalchisee ragaan galmeeffamee jiru maal argisiisa? Raajiiwwan waggoota dhibbaan lakka’aman dura dubbatamanillee sirriitti kan raawwataman ta’uunsaanii irra deddeebi’amee hubatameera!
Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun Baabilon isheen jabduu turte akka kuftu waggaa 200 dura raajii dubbatee ture. Medoononni warra Faaresii wajjin tokkummaa uumanii injifannoo akka argatan maqaadhaan caqasamanii turan. Qiiros mootiin warra Faares dhalachuusaa dura mootii beekamaa akka ta’u Macaafni Qulqulluun dursee dubbatee ture. Lagni Efraaxiis inni warra Baabiloniif ittisa ta’ee ture akka ‘gogu,’ akkasumas “karrawwan mandarootatti [Baabilonitti] galchanis isatti hin cufaman” jechuun Macaafni Qulqulluun dursee raajii dubbatee ture.—Ermiyaas 50:38; Isaayaas 13:17-19; 44:27–45:1.
Barreessaan seenaa Herodatas akka ibsetti wantoonni kun tokko tokkoon raawwatamaniiru. Akkasumas, Baabilon dhumarratti lafa onaa jireenyaaf hin taane taatee akka haftu Macaafni Qulqulluun dursee dubbatee ture. Akkuma dubbatame ta’eera. Yeroo har’aatti Baabilon lafa onaa tuullaa wantoota diigamanii taateetti. (Isaayaas 13:20-22; Ermiyaas 51:37, 41-43) Macaafni Qulqulluun raajiiwwan dinqisiisoo raawwiisaanii argataniin kan guutamedha.
Akkas taanaan, sirna biyya lafaa yeroo ammaatti argamu ilaalchisee raajii maalii dubbata? Akkas jedha: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, . . . Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu.”—2 Ximotewos 3:1-5.
Dhugumayyuu, kun yommuu raawwatamu argaa jirra! Akkasumas Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaa” biyya lafaa kana ilaalchisee: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka’a; beelli . . . in ta’a.” Kana malees, “socho’i lafaa gurguddaan . . . dha’ichis biyya hundumaatti in ta’a” jechuun raajii dubbateera.—Maatewos 24:7; Luqaas 21:11.
Dhugumayyuu, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu yeroo har’aatti raawwatamaa jiru! Ta’us raajiiwwan: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [“lafandhaalu, hiika bara 1899”] yeroo hundumaafis keessa in taa’u” akkasumas ‘billaasaanii maarashaa godhanii tumsiifatu deebi’aniis lola hin baran’ jedhaniifi gara fuulduraatti akka raawwataman dubbatamanoo ni raawwatamuu?—Faarfannaa 37:29; Isaayaas 2:4.
Namoonni tokko tokko ‘utuu akkas ta’ee gaariidha, garuu ta’uu hin danda’u’ jedhu. Haata’u malee, sababii waadaa Uumaan keenya nuu gale itti shakkinu hin qabnu. Dubbiinsaa amanamuu kan danda’udha! (Tiitoos 1:2) Odeeffannoo dabalataa qoruudhaan kun dhugaa ta’uusaa caalaatti mirkaneessuu dandeessa.
Caqasawwan tiraaktii kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]
“Qorannoon hanga har’aatti godhame caalaatti Macaafa Qulqulluu dhugoomse malee gatii hin dhabsiisne”