LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 3-5
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 40—Maatewos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 40—Maatewos
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 3-5

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 40​—Maatewos

Barreessaan: Maatewos

Bakki Itti Barreeffame: Phalestiinaa

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 41

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 2–Dh.K.B. 33

EEDEN keessatti Waaqayyorratti ka’uun yeroo jalqabamee kaasee, Yihowaan Sanyii ‘dubartiisaatti’ fayyadamee namoota qajeelummaa jaallatan hunda akka fayyisu ilmaan namootaatiif abdii kenneera. Sanyichi, jechuunis Masiihichi saba Israa’el keessaa akka dhufu kaayyoosaa ture. Jaarraawwan darbaa yeroo adeemanitti, Yihowaan barreessitoonni Ibroota ta’an hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii raajiiwwan Sanyiin kun Mootii Mootummaa Waaqayyoo akka ta’uufi arrabsoo maqaa Yihowaarratti tuulamaa ture barabaraaf balleessuudhaan maqaa kana akka qulqulleessu argisiisan akka barreessan godheera. Raajonni kun, Sanyii maqaa Yihowaa kabachiisuufi ilmaan namootaa sodaa, hacuuccaa, akkasumas cubbuufi du’a jalaa walaba baasu kana ilaalchisee yaadawwan hedduu gad fageenyaan barreessaniiru. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa barreeffamanii dhumuunsaanii, abdiin Yihudoonni Masiihicharratti qaban akka cimu godheera.

2 Kana gidduutti garuu haalli addunyaa jijjiiramaa tureera. Waaqayyo dhufaatii Masiihichaatiif saboonni akka qophaa’an kan godhe yommuu ta’u, misiraachoo kana bakka hundumaatti labsuufis haalli mijaa’ee ture. Mootummaa addunyaa shanaffaa kan turte Giriik, afaan saboonni addunyaa maraa ittiin walii galan argamsiistee turte. Mootummaa addunyaa ja’affaa kan turte Roomaanimmoo, saboota bulchiinsashee jala turan hundumaa tokko gochuudhaan bulchiinsa tokkummaa qabu kan hundeessite si’a ta’u, gara kutaa bulchiinsashee hundaa salphaatti adeemuun akka danda’amuuf karaa hojjettee turte. Yihudoonni hedduun biyya kana keessa bakka addaddaa waan turaniif, warri kaan Yihudoonni Masiihicha eeggachaa akka turan beekuu danda’anii turan. Eeden keessatti abdiin erga kennamee waggaa 4,000 booda Masiihichi ni dhufe! Sanyiin yeroo dheeraa dura abdachiifamee eegamaa ture ni dhufe! Masiihichi lafa kanarratti fedha Abbaasaa amanamummaadhaan yeroon itti raawwate sun yeroo seenaa ilmaan namootaa keessaa wantoonni baay’ee barbaachisaa ta’an itti raawwatamanidha.

3 Wantoonni bakka guddaan kennamuuf kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii yeroon itti kaa’amanis ga’ee ture. Namoonni amanamoo ta’an afur, hafuura Yihowaatiin geggeeffamanii seenaa Yesus karaa garaagaraa barreessuudhaan, Yesus Masiihii, Sanyiifi Mootii abdachiifame ta’uusaa mirkaneessaniiru; akkasumas akkaataa jireenyasaa, tajaajilasaa, du’asaafi du’aa ka’uusaa gad fageenyaan ibsaniiru. Seenaawwan kun Wangeela kan jedhaman si’a ta’u, “wangeela” jechuunimmoo “misiraachoo” jechuudha. Wangeelonni arfan kun kan wal simaniifi baay’eensaanii kan wal fakkaatan ta’aniyyuu, tasumaa inni tokko isa kaanirraa kan garagalchame miti. Wangeelonni jalqabaa sadan akkaataan jireenya Yesus isa lafarraa itti ibsan waan wal fakkaatuuf, yeroo baay’ee siinooptiik jedhamanii kan waamaman yommuu ta’u innis “yaada wal fakkaatu” jechuudha. Haata’u malee, barreessitoonni arfaniyyuu jechuunis Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis, seenaa Kiristos ilaalchisee yaada mataa mataasaanii barreessaniiru. Hundisaanii qabiyyeefi kaayyoo, akkasumas amala ofiisaanii kan ibsan ta’uusaarrayyuu, namoota yeroo sanatti barreeffamasaanii dubbisan tilmaama keessa galchaniiru. Barreeffamootasaanii caalaatti yoo qorre, haala addaddaa hundisaanii itti barreeffaman ni hubanna; kana malees, kitaabonni Macaafa Qulqulluu arfan kun wanti waa’ee jireenya Yesus Kiristos barreessan kan walirraa hin garagalchamne, kan wal deggeruufi kan wal simu ta’uusaa hubanna.

4 Misiraachoo waa’ee Kiristos dubbatu jalqaba kan barreesse Maatewosidha. Maqaansaa, maqaa afaan Ibrootaatiin “Matiitiyaa” jedhuufi hiika “Kennaa Yihowaa” jedhu qaburraa kan gabaajeffame ta’uu hin oolu. Maatewos ergamoota 12an Yesus filate keessaa tokko ture. Yeroo Gooftaan biyya Phalestiinaa keessa deemee waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabaafi barsiisaa turetti, Maatewos isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. Ergamaa Yesus ta’uusaa dura qaraxxuu kan ture si’a ta’u, hojiin kun Yihudoonni garbummaa Roomaa jala akka jiran yeroo hundumaa waan isaan yaadachiisuuf hojii kana garmalee jibbu turan. Maatewos maqaa Lewwii jedhamuunis kan beekamu yommuu ta’u, ilma Alfewos ture. Yesus akka isa duukaa bu’uuf yeroo isa gaafatu battaluma sanatti duukaasaa bu’e.—Mat. 9:9; Mar. 2:14; Luq. 5:27-32.

5 Wangeelichi, barreessaansaa Maatewos akka ta’e kan hin dubbanne ta’uyyuu, barreessitoonni seenaa mana sagadaa bara durii turan, macaafa kana kan barreesse isa ta’uusaatiif ragaa guddaa ta’u. Macaafa Maatewos caalaa bara duriitti macaafni eenyummaa barreessaasaa akka gaariittiifi karaa hin shakkisiisneen ibsu kan biraan hin jiru. Bara Phaaphaasii Haayiraapoolisiitii (jalqaba jaarraa lammaffaa Dh.K.B.) kaasee, Wangeelicha kan barreesse Maatewos ta’uusaafi macaafichis kutaa Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa Kiristiyaanonni durii baay’een mirkaneessaniiru. Maakliintookiifi Istiroong Saayikilooppeediyaan akkas jedha: “Jastiin Maartiir, namichi Diyoogneetasiif xalayaa barreesse (kitaaba Ootoo isa Jastiin Wareegamicha jedhamu jildii 2 ilaali), Hejesiipas, Iraaniyas, Taatiyaan, Ateenaagooras, Tewofilos, Kileemant, Tartuuliyaaniifi Oriigan Wangeela Maatewosirraa caqasaniiru. Macaafa nu harkatti argamurratti jijjiiramni tokkoyyuu akka hin godhamne kan amannu, jarri kun macaaficharraa waan caqasaniif qofa utuu hin ta’in, akkaataa caqasawwan Macaafa kana keessatti argamanitti itti fayyadamanis ilaaluudhaani. Yaadasaa ibsuurra darbees akka waan bakka guddaa qabuutti waan ilaalaniif, nuyi macaafa kana shakkuuf sababii hin qabaannu.”a Maatewos ergamaa akkasumas hafuurri Waaqayyoo kan isarra ture ta’uunsaa, wanti inni barreesse dhugaa akka ta’e nuu mirkaneessa.

6 Maatewos macaafasaa kan barreesse Phalestiinaa keessatti. Waggaa kamitti akka barreeffame sirriitti hin beekamu; garuu yaanni xumura barreeffamoota durii tokko tokkorratti kenname (hundumtuu Dh.K.B. jaarraa kurnaffaa booda kan qophaa’anidha) Dh.K.B. bara 41⁠tti akka barreeffame dubbatu. Maatewos Wangeelasaa jalqaba afaan Ibrootaa salphaa ta’een erga barreessee booda gara afaan Giriikiitti akka hiike ragaan argisiisu jira. Jeroom, boqonnaa sadaffaa (Mat. 3⁠rratti)ogbarruusaa isa Dee Viiriis Illaastariibas jedhamurratti (Isa Namoota Beekamoo ilaalchisee baaserratti) akkas jedheera: “Maatewos inni Lewwii jedhamuufi hojii qaraxa sassaabuu dhiisee ergamaa ta’e, Yihudaa keessatti Wangeela Kiristos afaaniifi qubee Ibrootaatiin kan barreesse, dura faayidaa namoota dhaqna qabataniifi amananiif jechadha.”b Jeroom, Wangeelli afaan Ibrootaatiin barreeffame sun, barasaatti (Dh.K.B. jaarraa arfaffaafi shanaffaatti) mana kitaabaa Paamfiilas Qiisaariyaatti hundeesse keessatti kan argamu akka ture ibseera.

7 Jalqaba jaarraa sadaffaatti Oriigan Wangeelota ilaalchisee akkas jedhee akka ture Yuseebiyas barreesseera: “Dura kan barreeffame . . . Wangeela Maatewos yommuu ta’u, . . . kunis namoota amantii Yihudiirraa gara Kiristiyaanummaatti jijjiiramaniif kan qophaa’eefi afaan Ibrootaatiin kan barreeffamedha.”c Maatewos sanyii dhalootaa Yesus Abrahaamirraa kaasee tarreessuunsaa, akkasumas Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa waa’ee Masiihicha dhufuu akka dubbatan argisiisuudhaan isaanirraa al baay’ee caqasuunsaa, Wangeela kana kan barreesse Yihudoota sammuutti qabatee akka ta’e mirkaneessa. Maatewos Caaffata Qulqullaa’oo maqaa Waaqayyoo qabatanirraa yeroo caqasetti, maqaa Yihowaa jedhu caqasuuf tetiraagiraamaatanitti fayyadamee akka ture yaaduun keenya sirriidha. Akkuma macaafa Maatewos isa afaan Ibrootaatiin Eeffi. Deelishiin jaarraa 19⁠ffaatti qophaa’ee tureetti, Hiikni Addunyaa Haaraas macaafa Maatewosirratti maqaa Yihowaa si’a 18 kan caqasu kanaafi. Maatewos maqaa Waaqayyootiif ilaalcha akka Yesus waan qabuuf, amantaan Yihudoonni maqaasaatti fayyadamuu dhiisuu ilaalchisee babal’isan isa mo’ee akka hin turre beekamaadha.—Mat. 6:9; Yoh. 17:6, 26.

8 Maatewos qaraxxuu waan tureef, waa’ee qarshii, lakkoofsotaafi gatii gadi fageenyaan ibsuunsaa nu hin dinqisiisu. (Mat. 17:27; 26:15; 27:3) Qaraxxuu jibbamaa ta’ee utuu jiruu misiraachicha lallabuufi michuu Yesus ta’uuf mirga addaa argachuusaatiin, oo’a Waaqayyo isatti argisiise garaadhaa dinqisiifateera. Kanaafuu, barreessitoota Wangeelaa keessaa Maatewos qofatu yaada Yesus, aarsaa malees oo’a argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa ilaalchisee irra deddeebi’ee dubbate nuu ibse. (9:9-13; 12:7; 18:21-35) Maatewos gaarummaan Yihowaa baay’ee isa jajjabeessee waan tureef, yaadawwan nama jajjabeessaniifi Yesus dubbate keessaa akkas kan jedhu galmeessuunsaa haalasaa wajjin kan wal simudha: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.” (11:28-30) Nama qaraxxuu tureefi namoonni naannoosaa isa arrabsaa turan kanaaf, jechoonni gaarummaadhaan dubbataman kun baay’ee kan isa jajjabeessan turan.

9 Maatewos keessumaa ijoon barumsa Yesus ‘Mootummaa waaqaa’ akka ta’e addeesseera. (4:17) Yesus Mootii lallabu ta’uusaas ibseera. Jecha “mootummaa” jedhutti al baay’ee (al 50 caalaa) waan fayyadameef, Wangeelichi Wangeela Mootummaa jedhamuu danda’a. Maatewos caalaatti kan xiyyeeffate duraa duuba yeroorratti utuu hin ta’in, haasawaafi lallaba Yesus dhiheesse sirriitti qindeessee kaa’uurratti ture. Boqonnaawwan jalqabaa 18tanirratti dhaamsa Mootummichaa addeessuunsaa, duraa duuba yerootiif akka hin dhiphanne isa godheera. Haata’u malee, boqonnaawwan kurnan gara dhumaa jiran (19 hanga 28) walumatti qabaatti ergaa Mootummichaa kan ibsan ta’anis, duraa duuba yerootiin kan kaa’amanidha.

10 Seenaa Wangeela Maatewos keessaa harka 42 kan ta’u Wangeelota sadan kaanirratti hin argamu.d Kunis yoo xinnaate fakkeenyota kudhan kan dabalatudha; isaanis: Inkirdaada qotiisa keessatti biqile (Mat. 13:24-30), qabeenya dhokfame (Mat. 13:44), callee gati jabeessa (Mat. 13:45, 46), kiyyoo qurxummii (Mat. 13:47-50), hojjetaa oo’a hin qabne (Mat. 18:23-35), hojjettootaafi mindaasaanii (20:1-16), abbaafi ijoollee lamaan (Mat. 21:28-32), cidha ilma mootii (Mat. 22:1-14), durboota kurnaniifi (Mat. 25:1-13) meetii hojjettootatti kenname (Mat. 25:14-30). Guutummaan kitaabichaa, seenaa dhaloota Yesus jechuunis Dh.K.B. bara 2 kaasee hanga inni Dh.K.B. bara 33⁠tti gara samiitti ol ba’uusaa dura duuka buutotasaa walitti qabatetti jiru kan qabatedha.

FAAYIDAASAA

29 Kitaabni Maatewos inni jalqaba Wangeelota arfanii ta’e, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaatii gara Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiitti ce’umsa gaarii ta’a. Eenyummaa Masiihichaafi Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa abdachiifamee ifa godha; duuka buutotasaa ta’uuf ulaagaa akkamii guutuun akka barbaachisu dubbata; hojiin duuka buutonni kun lafarratti raawwachuu qaban maal akka ta’e ni ibsa. Jalqabarratti Yohannis Cuuphaan, achii Yesus, booddees bartoonni Yesus, “Mootummaan waaqaa dhi’aateera” jechuudhaan labsaniiru. Kana malees, Yesus abboommiin inni kenne hamma dhuma barichaatti akka itti fufu akkas jechuudhaan ibseera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.” ‘Saba hundumaa bartootasaa gochuu’ dabalatee, fakkeenya Gooftaa hordofuudhaan hojii Mootummichaarratti hirmaachuun duris ta’e amma mirga guddaafi dinqisiisaadha.—3:2; 4:17; 10:7; 24:14; 28:19.

30 Dhugumayyuu Wangeelli Maatewos ‘misiraachoodha.’ Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ergaansaa inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, namoota isa dhaggeeffataniif “misiraachoo” ture. Yihowaan Wangeelli kun hanga bara keenyaatti ‘misraachoo’ ta’ee akka jiraatu godheera. Namoonni Kiristiyaanota hin taanellee humna Wangeelli kun qabu fudhachuuf dirqamaniiru. Fakkeenyaaf, bulchaa biyya Hindii kan ture Mohaandas (Mahaatama) Gaandiin, biyya Hindiitti bakka bu’aa biyya Biritaaniyaa kan turan Irwiin Gooftichaan akkas jedhee ture: “Biyyikoofi biyyikee Lallaba Yesus isa Gaararraatiin utuu jiraatanii, rakkina biyyoota keenya lamaanii qofa utuu hin ta’in rakkina addunyaa maraa hiikuu ni dandeenya turre.”e Yeroo gara biraattis akkas jedheera: “Barumsi Lallaba sanaa tokkoon tokkoon keenyaaf kan fayyadu waan ta’eef . . . Carraa argatte hundaan barumsa Lallaba Isa Gaararratti ibsame argachuuf carraaqqii godhi.”f

31 Haata’u malee, namoota Kiristiyaana ofiin jedhan dabalatee guutummaan biyya lafaa rakkina keessa jira. Lallaba Gaararratti kenname sanaafi gorsa gaarii misiraachoo Maatewos barreesse keessatti argamu hundaaf bakka guddaa kennuudhaan, qayyabachuufi hojiirra oolchuudhaan faayidaa hammana hin jedhamne argachaa kan jiran Kiristiyaanota dhugaa muraasa qofadha. Gammachuu dhugaa argachuu, amala, gaa’ela, humna jaalalaa, kadhannaa fudhatama qabu, qabeenya jireenya hafuuraa morkatu, Mootummichaaf dursa kennuu, wantoota qulqulluu ta’aniif ulfina kennuu, akkasumas of eeggachuufi ajajamoo ta’uu ilaalchisee gorsa Yesus kenne irra deddeebi’anii qayyabachuun faayidaa guddaa qaba. Maatewos boqonnaa 10, qajeelfama Yesus tajaajila ilaalchisee namoota misiraachoo ‘Mootummaa Waaqayyoo’ lallabaniif kenne qabateera. Fakkeenyawwan Yesus dubbate baay’een, ‘nama gurra dhaggeeffatu qabu’ hundaaf barumsa gaarii qabataniiru. Kana malees, raajiiwwan Yesus dubbate fakkeenyaaf, raajiin ‘milikkita dhufasaa’ ilaalchisee dubbate, yeroo gara fuulduraa abdii guddaafi amanannaadhaan akka eeggannu kan godhudha.—Mat. 5:1–7:29; 10:5-42; 13:1-58; 18:1–20:16; 21:28–22:40; 24:3–25:46.

32 Wangeelli Maatewos raajiiwwan raawwiisaanii argataniin kan guutamedha. Maatewos Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa kan caqase, gara caalaasaa raajiiwwan kun raawwatamuusaanii argisiisuuf ture. Ibsawwan gad fageenyaan kennaman kana hunda dursanii dubbachuun waan hin danda’amneef, Yesus Masiihicha ta’uusaa mamii malee kan mirkaneessan turan. Fakkeenyaaf, Maatewos 13:14, 15 Isaayaas 6:9, 10 wajjin; Maatewos 21:42 Faarfannaa 118:22, 23 wajjin; akkasumas Maatewos 26:31, 56 Zakaariyaas 13:7 wajjin wal bira qabii ilaali. Raajiiwwan kun raawwatamuunsaanii, raajiiwwan Yesus dubbateefi Maatewos barreesse kaanis, dhumarratti yeroo Yihowaan kaayyoosaa isa ulfina qabeessa ta’eefi ‘Mootummaa waaqaa’ wajjin wal qabate galmaan ga’u akka raawwataman nuu mirkaneessa.

33 Wantoonni Waaqayyo jireenya Mootii Mootummichaa ilaalchisee gadi fageenyaan dursee dubbate guutummaatti sirrii turan. Maatewos raawwii raajiiwwan kanaa amanamummaadhaan galmeesseera. Namoonni qajeelummaa jaallatan, raajiiwwan raawwatamuunsaanii macaafa Maatewos keessatti ibsameefi abdiiwwan achi keessatti galmeeffamanirratti yoo yaadan, ‘Mootummaa waaqaa’ Yihowaan maqaasaa ittiin qulqulleessu ilaalchisee beekumsaafi abdii argachuudhaan baay’ee gammadu. “Biyya lafaa ishee haaraatti Ilmi namaa ulfina isaatiin teessoo irra yommuu taa’u,” namoota garraamotaafi karaa hafuuraa hiyyeessota ta’aniif eebba hammana hin jedhamneefi jireenya gammachuudhaan guutame kan argamsiisu, Mootummaa Yesus Kiristosiin geggeeffamu kanadha. (Mat. 19:28) Wanti kun hundi misiraachoo nama dadammaqsu, isa “Maatewos” barreesse keessatti argama.

[Miiljaleewwan]

a Bara 1981⁠tti yeroo lammaffaaf kan maxxanfame Jildii V, ful. 895.

b Barreeffama afaan Laatiniirraa hiikameefi Ii. Sii. Riichaardisaniin sirreeffamee, walitti aansee maxxanfameefi “Teekiste uunze Untezuhene suur Geshishte deer altikristeleshin Litiratur” jedhamu, Leepsiig 1896, Jildii 14, ful. 8, 9.

c Za Eekliisiyaastikaal Histirii, 6, 25, 3-6.

d Iintroodaakshin tuu za Istadii oov za Goospils, 1896, Bii. Eeffi. Weestikoot, ful. 201.

e Tireejarii oov za Kiristiyaan Feeyiz, 1949, Eessi. Aay. Istabariifi Tii. Sii. Kilaarkiin kan qophaa’e ful. 43.

f Mahaatama Gaandiis Aayidiyaas, 1930, Sii. Eeffi. Andiriiwusiin kan qophaa’e ful. 96.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi