LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es19 ful. 57-67
  • Waxabajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waxabajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 1
  • Dilbata, Waxabajjii 2
  • Wiixata, Waxabajjii 3
  • Kibxata, Waxabajjii 4
  • Roobii, Waxabajjii 5
  • Kamisa, Waxabajjii 6
  • Jimaata, Waxabajjii 7
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 8
  • Dilbata, Waxabajjii 9
  • Wiixata, Waxabajjii 10
  • Kibxata, Waxabajjii 11
  • Roobii, Waxabajjii 12
  • Kamisa, Waxabajjii 13
  • Jimaata, Waxabajjii 14
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 15
  • Dilbata, Waxabajjii 16
  • Wiixata, Waxabajjii 17
  • Kibxata, Waxabajjii 18
  • Roobii, Waxabajjii 19
  • Kamisa, Waxabajjii 20
  • Jimaata, Waxabajjii 21
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 22
  • Dilbata, Waxabajjii 23
  • Wiixata, Waxabajjii 24
  • Kibxata, Waxabajjii 25
  • Roobii, Waxabajjii 26
  • Kamisa, Waxabajjii 27
  • Jimaata, Waxabajjii 28
  • Sanbadduraa, Waxabajjii 29
  • Dilbata, Waxabajjii 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu​—2019
es19 ful. 57-67

Waxabajjii

Sanbadduraa, Waxabajjii 1

Waaqayyo jaalala.—1 Yoh. 4:16.

Yihowaan jaalala isaa keessa jiraachuu keenyaa fi daandii jireenyaa irra deemuu keenya itti fufuu akka dandeenyuuf, jaalalaan kakaʼee nu sirreessa, nu barsiisa, akkasumas nu leenjisa. Yeroo tokko tokko garuu, adabni gorsa ykn sirreeffama afaaniin kennamu qofa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni tokko cubbuu cimaa yoo raawwate mirgawwan gumii keessatti qabu dhabuu dandaʼa. Adabni akkanaa illee, jaalala Waaqayyo nuuf qabu kan argisiisu dha. Fakkeenyaaf, namni tokko mirga qabu dhabuun isaa, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa, xiinxaluu fi kadhannaa irratti caalaatti xiyyeeffachuun akka isa barbaachisu hubachuuf isa gargaaruu dandaʼa. Akka kanaan karaa hafuuraa jabaachuu dandaʼa. (Far. 19:7) Mirgi isaas yeroo booda isaaf deebiʼuu dandaʼa. Gumiidhaa baasuun illee jaalala Yihowaa kan argisiisu dha; sababiin isaas, kana gochuun gumicha dhiibbaa gaarii hin taane irraa ni eega. (1 Qor. 5:6, 7, 11) Kana malees, adabni Waaqayyoo madaallii isaa kan eege waan taʼeef, namni dogoggora raawwate sun gumiidhaa baafamuun isaa cubbuun inni raawwate hammam cimaa akka taʼe akka hubatu isa gargaaruu dandaʼa; akkasumas yaada isaa akka geddaratu isa kakaasuu dandaʼa.—HoE. 3:19. w18.03 24 key. 5-6

Dilbata, Waxabajjii 2

Innii fi namoonni mana isaa keessa jiran hundi utuu hin turin cuuphaman.—HoE. 16:33.

Eegduun mana hidhaa sun beekumsa Kitaaba Qulqulluu hin qabu ture. Kanaaf beekumsa Kitaaba Qulqulluu hundee cimaa qabu argachuuf, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu, tajaajilaa Waaqayyoo taʼuun maalfaa akka dabalatu hubachuu fi barumsa Yesuusiif ajajamuuf murteessuu qaba ture. Yeroo gabaabaa jedhamu keessatti, beekumsa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu inni argatee fi dinqisiifannaan inni isaaniif qabu cuuphamuuf isa kakaaseera. (HoE. 16:25-33) Erga cuuphamee booda beekumsa isaa guddifachuu isaa akka itti fufe hin shakkisiisu. Fakkeenya kana yaadatti qabachuudhaan, ijoolleen keessan barbaachisummaa fi hiika of murteessuu fi cuuphamuu dabalatee, dinqisiifannaa barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiif qaban yommuu ibsan maal gochuu dandeessu? Warri Kiristiyaana taatan mucaan keessan ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuu isaa akka murteessaniif jaarsolii akka haasofsiisu murteessitu taʼa. Akkuma barattoota cuuphaman kaanii, beekumsa kaayyoo Yihowaa ilaalchisee qabu jireenya isaa guutuu, darbees bara baraaf guddifachuu isaa itti fufa.—Rom. 11:33, 34. w18.03 10 key. 8-9

Wiixata, Waxabajjii 3

Yaadni Kiristoos Yesuus qabu isin gidduu akka jiraatu [godhaa].—Rom. 15:5.

Yommuu karaa hafuuraa guddina gochuuf carraaqnu, hafuurri qulqulluun akkaataa itti yaadnu akka jijjiirru humna nuuf kenna. Gargaarsa hafuura qulqulluutiin suutuma suuta akka Kiristoos yaadutti yaaduu jalqabuu dandeenya. Kana malees, fedhiiwwan foonii of keessaa baasuu fi amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuu ni dandeenya. Akka Kiristoositti yaaduun keenya dubbii keenya irratti, amala iddoo hojiittii fi mana barumsaatti argisiisnu irratti, akkasumas murtoo guyyaa guyyaadhaan goonu irratti dhiibbaa ni qabaata. Murtoowwan kunis carraaqqii nuti Kiristoosiin hordofuuf goonu argisiisu. Nama hafuuraa waan taaneef, walitti dhufeenya Abbaa keenya isa samii wajjin qabnu homtuu akka nu jalaa balleessu hin barbaannu. Yommuu qorumsi nu mudatu, yaada akka Kiristoos qabaachuun keenya qorumsa sana dandamachuuf nu kakaasa. Yommuu murtoo goonu takka dhaabannee gaaffiiwwan kana irratti ni yaadna: ‘Murtoo gochuuf qajeelfama Kitaaba Qulqulluu kamtu na gargaara? Kiristoos utuu taʼee haala akkanaa keessatti maal godha ture? Yihowaa kan gammachiisu murtoo akkamii ti?’ w18.02 25 key. 12; 26 key. 14

Kibxata, Waxabajjii 4

Nohi . . . Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame.—Uma. 6:8.

Bara akaakilii Nohi kan taʼe Heenok jiraachaa turetti namoonni garmalee hamoo taʼanii turan. Namoonni kun, Yihowaa irratti illee “wantoota suukanneessaa” dubbatu turan. (Yih. 14, 15) Yeroo sanatti lolli babalʼatee ture. Sirumaa iyyuu bara Nohitti, ‘lafti humnaan wal irratti kaʼuudhaan guutamtee’ turte. Maleekonni hamoon akka namootaatti foon uffachuudhaan, haadhotii manaa fuudhanii ijoollee diqaalaa gara jabeeyyii taʼan godhataniiru. (Uma. 6:2-4, 11, 12) Nohi garuu adda taʼee jiraateera. ‘Dhaloota sana keessatti nama balleessaa hin qabne ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate.’ (Uma. 6:9) Jechoonni kun waaʼee nama qajeelaa kanaa maal akka dubbatan hubadhu. Tokkoffaa, Nohi Bishaan Badiisaa dura Waaqa wajjin kan deddeebiʼe waggaa 70 ykn 80f, jechuunis umurii namoonni yeroo harʼaa baayʼeen jiraataniif qofa hin turre. Addunyaa sana keessa gara waggoota 600 jiraateera! (Uma. 7:11) Kana malees, akka keenya yeroo ammaa gumii namoota isa wajjin waaqeffatanii fi obboloota foonii karaa hafuuraa isa deggeran hin qabu ture. w18.02 4 key. 4-5

Roobii, Waxabajjii 5

Namoonni . . . maallaqa kan jaallatan [taʼu].—2 Xim. 3:2.

Namoonni qarshii jaallatan yeroo hunda qarshii dabalataa barbaadu; akkasumas isa kuufachuuf jecha “waraansa baayʼee” ofitti fidu. (1 Xim. 6:9, 10; Lal. 5:10) Hundi keenya qarshiin akka nu barbaachisu beekamaa dha. Qarshiin hamma tokko eegumsa namaaf godha. (Lal. 7:12) Haa taʼu malee, namni tokko wanta jireenyaaf isa barbaachisu qofa qabaachuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandaʼaa? Eeyyee ni dandaʼa! (Lal. 5:12) Aguur ilmi Yaaqee, “Soora harʼaa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jechuudhaan kadhateera. Garmalee hiyyeessa akka hin taane kan kadhate maaliif akka taʼe sirriitti nuu gala. Itti aansuudhaan akka dubbatetti, hatuuf qoramee wanta Waaqayyoof ulfina hin argamsiisne akka hin raawwanne waan barbaadeefi. Sooressa taʼuu kan hin barbaanne garuu maaliifi? “Quufee akkan si hin wallaalletti. ‘Waaqayyo eenyu inni?’ akka ani hin jennetti” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 30:8, 9) Yesuus akkana jedheera: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.”—Mat. 6:24. w18.01 24 key. 9-11

Kamisa, Waxabajjii 6

Isinis, tokkoon tokkoon keessan obboleessa keessaniif garaadhaa dhiifama hin gootan taanaan, Abbaan koo inni samii akkanuma isin irratti godha.—Mat. 18:35.

Tokkummaa cimsachuuf, warra kaaniif dhiifama gochuu qabna. Namoota nu miidhaniif dhiifama yeroo goonu, dhiifama cubbuu karaa aarsaa furii Kiristoosiin argameef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Fakkeenya Yesuus Maatewos 18:23-34 irratti dubbate erga dubbistanii booda akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Wanta Yesuus barsiise hojii irra oolchuuf fedhii nan qabaa? Obboloota ana faana tajaajilan obsaan nan qabaa? Haala isaan keessa jiran hoo nan hubadhaa? Namoota na miidhaniif dhiifama gochuuf qophaaʼaa dhaa?’ Dhugaa dha, sadarkaan cubbuu garaa gara; namoonni cubbuu dhaalan balleessaa tokko tokkoof dhiifama gochuun baayʼee isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, fakkeenyi kun wanta Yihowaan nu irraa eegu nu barsiisa. Yesuus, obboloota keenyaaf dhiifama gochuuf sababii gaʼaa utuu qabnuu dhiifama gochuufii yoo didne Yihowaanis dhiifama akka nuuf hin goone ifatti dubbateera. Kun wanta sirriitti itti yaaduu qabnu dha! Akkuma Yesuus nu barsiise warra kaaniif dhiifama kan goonu yoo taʼe, tokkummaa keenya isa bakka guddaa qabu eegnee jiraanna. w18.01 15 key. 12

Jimaata, Waxabajjii 7

Namni hamma guyyaa soddomaatti gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokko illee dhiʼeesse, boolla leencotaa keessa [haa buufamu].—Dan. 6:7.

Lubbuu isaa balaadhaaf kan saaxilu yoo taʼe illee, Daaniʼel namoonni Yihowaa tajaajiluu isaa dhiiseera jedhanii akka hin yaanne waan barbaadeef, akkuma yeroo kaanii iddoo namoonni isa arguu dandaʼanitti kadhachuu isaa itti fufe. Yihowaan, Daaniʼel amanamummaa fi ija jabinaan murtoo gochuu isaatiif karaa dinqii taʼeen duʼa irraa isa oolchuudhaan isa eebbiseera. Kun immoo namoonni guutummaa Mootummaa Meedoo Faares keessatti argaman waaʼee Yihowaa akka beekan godheera! (Dan. 6:25-27) Amantii akka kan Daaniʼel horachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii cimaa qabaachuuf wanti barbaachisu inni guddaan, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu qofa utuu hin taʼin ‘hubachuu’ dha. (Mat. 13:23) Ilaalcha Yihowaan wantoota tokko tokkoof qabu beekuu ni barbaanna; kun immoo seerawwan Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hubachuu gaafata. Kanaaf, wanta dubbisne irratti xiinxaluu qabna. Kana malees, yeroo hunda keessumaa immoo yeroo qorumsi ykn haalli rakkisaan nu mudatutti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun baayʼee barbaachisaa dha. Ogummaa fi jabina argachuuf amantiidhaan kan kadhannu yoo taʼe, Yihowaan arjummaadhaan nuu kenna.—Yaq. 1:5. w18.02 10-11 key. 13-15

Sanbadduraa, Waxabajjii 8

Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa.—Far. 34:8.

Dargaggeessa cuuphamtee fi tajaajilaa Waaqayyoo yoo taate illee, waaʼee amantii keetii warra kaanitti yeroo himtu gargaarsa isaa argachuudhaan gaarummaa Yihowaa miʼeeffachuu dandeessa. Tajaajila irratti ykn mana barumsaatti kana gochuu dandeessa. Dargaggoonni tokko tokko mana barumsaatti hiriyoota isaaniitiif lallabuun isaanitti ulfaata. Maaliif akka taʼe ni hubatta taʼa. Deebii akkamii akka kennan beekuu hin dandeessu. Keessumaa immoo tokko tokkoon utuu hin taʼin yeroo walitti qabamanii jiranitti isaanitti himuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti maaltu si gargaaruu dandaʼa? Dura, wantoota amma itti amantu amantee kan fudhatte maaliif akka taʼe yaadi. Barreeffamoota qoʼannaa weebsaayitii jw.org irratti kutaa “Dargaggoota” jedhu jala jiranitti akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Barreeffamoonni kun, wanta itti amantu irratti, maaliif akka itti amantee fi amantii kee kana warra kaaniif akkamitti ibsuu akka dandeessu akka yaaddu si gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Wanta itti amantu irratti ragaa cimaa yoo qabaattee fi sirriitti yoo qophoofte, waaʼee maqaa Yihowaa dhugaa baʼuuf dirqamni akka si irra jiru sitti dhagaʼama.—Er. 20:8, 9. w17.12 26 key. 12, 14-15

Dilbata, Waxabajjii 9

Wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi.—2 Xim. 3:14.

Ijoollee keenya waaʼee namootaa fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Ximotewos wanta baratetti ‘amaneera.’ Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi ‘amanuu’ jedhu “mirkanaaʼaa taʼuu” ykn “wanti tokko dhugaa taʼuu isaa fudhachuu” hiika jedhu qaba. Ximotewos kitaabota qulqulluu Afaan Ibrootaa xinnummaa isaatii kaasee beeka ture. Haa taʼu malee, yeroo booda Yesuus Masiihicha taʼuu isaa ilaalchisee ragaa amansiisaa argateera. Isin hoo, ijoolleen keessan akkuma Ximotewos wanta baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Hunda dura obsa qabaachuu qabdu. Amantiin wanta gaafuma tokkoon argamu miti; ykn isin wanta barattanitti waan amantaniif ijoolleen keessanis akka keessan taʼu jechuu miti. Ilmi ykn intalli keessan ‘dandeettii yaaduu isaanitti’ fayyadamuudhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu amanuu qabu. (Rom. 12:1) Warra waan taataniif, keessumaa yeroo ijoolleen keessan gaaffii gaafatanitti gama kanaan gumaacha guddaa gochuu dandeessu. w17.12 19 key. 3, 5-6

Wiixata, Waxabajjii 10

Guyyaa dhumaa yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka.—Yoh. 11:24.

Michuu fi barattuu Yesuus kan taate Maartaan baayʼee gadditeetti. Obboleessi ishii Alaazaar duʼeera. Wanti gadda ishii salphisu jiraa laata? Eeyyee. Yesuus, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhee ishiidhaaf mirkaneesseera. (Yoh. 11:20-23) Maartaan duʼaa kaʼuun gara fuulduraatti akka raawwatamu ni amanti turte. Yesuus garuu guyyuma sanatti Alaazaariin duʼaa kaasuudhaan dinqii raawwate. Yesuusis taʼe Abbaan isaa yeroo harʼaatti dinqii akkasii nuu raawwatu jennee eeguuf sababii hin qabnu. Haa taʼu malee, akkuma Maartaa namni jaallattu tokko gara fuulduraatti duʼaa akka kaʼu ni amantaa? Kan si jalaa duʼe hiriyaa gaaʼelaa, haadha, abbaa, akkoo ykn akaakayyuu kee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo mucaan kee si jalaa duʼee gadditeetta taʼa. Yeroo nama jaallattu sana itti hammattu, itti haasofsiistuu fi wajjin itti kolfitu hawwiidhaan eeggatta. Kan nama gammachiisu, atis akkuma Maartaa, ‘Namni ani jaalladhu kun yeroo duʼaa kaʼumsaatti akka kaʼu nan beeka’ jechuuf sababii gaʼaa qabda. Taʼus, Kiristiyaanni hundi sababii duʼaa kaʼuutti itti amannu irratti yaaduun isaa barbaachisaa dha. w17.12 3 key. 1-2

Kibxata, Waxabajjii 11

Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira.—Far. 40:8.

Yesuus Seera Musee ni jaallata ture. Seerri kun Abbaa isaa Yihowaa isa jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabu irraa waan dhufeef kun nama hin dinqisiisu. Jaalalli guddaan Yesuus Seerichaaf qabu caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsameera. Yesuus dubbii fi gocha isaatiin Seerri Waaqayyoo mudaa kan hin qabne, faayida qabeessaa fi raawwatamuun isaa kan hin shakkisiisne taʼuu isaa mirkaneesseera. (Mat. 5:17-19) Kanaaf, barreessitoonnii fi Fariisonni, Seera Abbaa isaa yeroo jalʼisan yommuu argu Yesuus baayʼee gaddee taʼuu qaba! Yesuus, “Isin kefoo, inchilaalaa fi dimbilaala harka kudhan keessaa harka tokko ni kennitu” waan jedheef, namoonni kun seericha keessaa wantoota xixinnoo taʼan tokko tokko of eeggannoodhaan raawwatu turan. Maarree rakkinni isaanii maal ture? Yesuus itti dabalee, “Garuu wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu” jedheera. (Mat. 23:23) Yesuus Fariisota qulqulluu of godhan kana irraa haala adda taʼeen, yaadawwan Seericha keessa jiran, jechuunis amalawwan Waaqayyoo warra ajaja isaa hunda keessatti calaqqisiifaman hubateera. w17.11 13 key. 1-2

Roobii, Waxabajjii 12

Kun fedhii Waaqayyoo waan taʼeef, qulqulloota taʼaa, akkasumas halalummaa irraa fagaadhaa.—1 Tas. 4:3.

Namoonni, “Jireenyatti guutummaatti gammaduu qabna. Saalqunnamtii gaaʼelaa alatti godhamu maaliif balaaleffanna?” nuun jechuu dandaʼu. Yaanni Kiristiyaanni tokko ejja balaaleffachuu hin qabu jedhu dogoggora dha. Maaliif? Sababiin isaas Dubbiin Waaqayyoo ejja waan dhowwuufi. (1 Tas. 4:4-8) Yihowaan waan nu uumeef seera nuuf baasuuf mirga qaba. Seerri Waaqayyoo inni saalqunnamtiin dhiiraa fi dubartii wal fuudhan gidduutti qofa akka taʼu heyyamu, qophii gaaʼelaa keessaa tokko dha. Waaqayyo seera kan nuuf kenne waan nu jaallatuufi dha. Seerawwan isaa nu fayyadu. Maatiiwwan seerawwan kana hojii irra oolchan jaalala, kabajaa fi nageenya qabaatu. Waaqayyo nama taʼe jedhee seera isaa cabsu callisee hin ilaalu. (Ibr. 13:4) Dubbiin Waaqayyoo ejja irraa akkamitti akka fagaannu nu barsiisa. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni guddaan wanta ilaallu toʼachuu dha. (Mat. 5:28, 29) Kanaaf, Kiristiyaanni tokko pornoograafii ilaaluu ykn muuziqaa walaloon isaa ejja jajjabeessu dhaggeeffachuu irraa fagaachuu qaba.—Efe. 5:3-5. w17.11 22 key. 9-10

Kamisa, Waxabajjii 13

Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha!—Far. 147:1.

Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoon bara duriitii kaasee Yihowaa jajachuuf muuziqaatti fayyadamaa turaniiru. Israaʼeloonni durii yeroo amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turanitti, faarfannaan waaqeffannaa isaanii keessatti iddoo akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi tajaajila mana qulqullummaatiif yeroo qophii godhu, muuziqaadhaan akka jajataniif Lewwoota 4,000 qopheesseera. Isaan kana keessaa, namoonni 288 ‘muuziqaa barsiifamanii kan qopheeffaman’ turan. (1 Sen. 23:5; 25:7) Yeroo manni qulqullummaa eebbifametti muuziqaa fi faarfannaan gaʼee guddaa qabu turan. Seenaan isaa akkana jedha: ‘Warri fiingee afuufanii fi warri faarfattoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan; fiingeedhaan, sibiila walitti rukutamee sagalee ol kaasuun, miʼa garaa garaatiin sagalee guddaadhaanis, Waaqayyoon in galateeffatan, ulfinni Waaqayyoos manicha keessa in guute.’ Dhuguma iyyuu, yeroon sun yeroo amantii namaa cimsu ture!—2 Sen. 5:13, 14; 7:6. w17.11 4 key. 4-5

Jimaata, Waxabajjii 14

Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne.—Mat. 10:34.

Yesuus barumsi isaa namoota akka gargar qoodu beeka ture; duuka buutonni isaa mormii isaan irra gaʼu dandamatanii isa hordofuu isaanii itti fufuuf ija jabinni isaan barbaachisa. Kaayyoon Yesuus hariiroo namootaa balleessuu utuu hin taʼin, ergaa Waaqayyoo isa dhugaa labsuu ture. (Yoh. 18:37) Taʼus namni tokko, michuun isaa ykn miseensi maatii isaa dhugaa fudhachuu yoo dide barumsa Yesuus amanamummaadhaan eegee jiraachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Barattoonni Yesuus isa biratti fudhatama argachuuf, arrabsoo ykn jibba maatii isaanii irraa isaan irra gaʼu dandamachuun isaan barbaachisee ture. Taʼus, wanta dhaban caalaa waan baayʼee argataniiru. (Mat. 10:29, 30) Yeroo firoonni keenya carraaqqii nuti Yihowaa waaqeffachuuf goonu mormanitti illee isaan jaallachuu keenya itti fufuu qabna; haa taʼu malee, jaalalli Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabnu jaalala isaaniif qabnu irra caaluu qaba. (Mat. 10:37) Seexanni jaalala maatii keenyaaf qabnutti fayyadamee amanamummaa keenya laaffisuuf yaalii akka godhus hubachuu qabna. w17.10 13 key. 3-6

Sanbadduraa, Waxabajjii 15

[Inni jalʼina] quunnaa safaraa sana keessatti gad ishee cuukkaʼee, qadaaddii isaa immoo gad itti deebisee jabeessee in qadaade.—Zak. 5:8.

Kutaan mulʼata kanaa Yihowaan jalʼina saba isaa keessatti raawwatamu kam iyyuu callisee akka hin ilaalle ibsa. Yihowaan jalʼinni toʼannaa jala akka ooluu fi dafee akka balleeffamu godha. (1 Qor. 5:13) Maleekichi qadaada dilalii irraa tolfame sana saffisaan deebisee quunnaa safaraa sanatti qadaaduun isaa kana nuuf mirkaneessa. Mulʼanni kun Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu akka eegu wabii kennuun isaa Israaʼeloota bara Zakaariyaas turaniif boqonnaa guddaa kennee taʼuu qaba! Kana malees, mulʼanni kun Yihudoonni qulqullina waaqeffannaa isaanii eeganii itti fufuuf itti gaafatamummaa akka qaban isaan yaadachiiseera. Jalʼinni saba Yihowaa keessa seenuu fi keessa jiraachuu hin dandaʼu, heyyamamuufis hin qabu. Gara jaarmiyaa Waaqayyoo isa jaalala qabeessa taʼee fi nama eegutti erga dhufnee booda, jaarmiyaan kun qulqullinni isaa eegamee akka itti fufu gargaaruuf itti gaafatama qabna. Qulqullina “mana” keenyaa eeguuf kakaaneerraa? Jalʼinni kam iyyuu jannata hafuuraa keenya keessatti iddoo hin qabu. w17.10 24 key. 14-15; 25 key. 17-18

Dilbata, Waxabajjii 16

Seera kee . . . nan jaalladha.—Far. 119:163.

Kitaabota Kitaaba Qulqulluu 39n jalqabaa kan barreessan Israaʼeloota ykn Yihudoota turan. Isaan namoota jalqaba “dubbiin Waaqayyoo inni qulqulluun imaanaadhaan isaanitti kenname” turan. (Rom. 3:1, 2) Haa taʼu malee, Yihudoonni Dh.K.D. jaarraa sadaffaa keessa turan hedduun Afaan Ibrootaa hin hubatan turan. Maaliif? Kun kan taʼe, Aleeksaandar inni Guddichi biyyoota hedduu weeraruudhaan bulchiinsa Giriik waan babalʼiseef ture. (Dan. 8:5-7, 20, 21) Bulchiinsi sun babalʼachaa yommuu adeemu, Afaan Giriikii Yihudoota biyya balʼaa sana keessa faffacaʼanii jiran dabalatee, afaan namoonni hedduun ittiin walii galan taʼe. Kanaaf, Yihudoonni baayʼeen Afaan Giriikii dubbachuu yommuu jalqaban, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa hubachuun baayʼee isaaniitti ulfaatee ture. Furmaanni isaa maal ture ree? Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa gara Afaan Giriikiitti hiikuu dha. Hiikaan kunis Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti xumurame. Kitaabonni walitti qabaman kun Saptuujantii Giriikii jedhaman. Hiikaan Saptuujantii Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa guutummaatti qabate isa jalqabaa ture. w17.09 20 key. 7-9

Wiixata, Waxabajjii 17

Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.—Ibr. 13:5.

Namni isin qacare yeroo isin waaqeffannaa maatii, tajaajila dirree fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif ramaddan, jechuunis yeroo hunda galgalaa fi dhuma torbaniitti saʼaatii dabalataa akka hojjettan isin gaafachuu dandaʼa. Gaaffii yeroo hunda dhihaatu kana diduu fi ijoollee keessaniif fakkeenya gaarii taʼuun ija jabina gaafata. Ijoolleen keenya galmawwan hafuuraa akka baafatanii fi galmawwan kana irra akka gaʼan gargaaruunis ija jabina gaafata. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko ijoolleen isaanii qajeelchaa akka taʼan, Betʼel akka galan, bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan akka deeman ykn hojii ijaarsaa tiʼookraasii irratti akka hirmaatan jajjabeessuu irraa duubatti jedhu taʼa. Warri yeroo dulloomanitti ijoolleen isaanii ofii isaaniis taʼe nu gargaaruu hin dandaʼan jedhanii sodaatu. Haa taʼu malee, warri ogeeyyii taʼan ija jabina argisiisuudhaan abdii Yihowaan kennetti amanamu. (Far. 37:25) Karaan ija jabina itti argisiistanii fi Yihowaatti amanamtan kan biraan immoo, ijoolleen keessanis akkasuma akka godhan isaan gargaaruu dha.—1 Sam. 1:27, 28; 2 Xim. 3:14, 15. w17.09 30 key. 14-15

Kibxata, Waxabajjii 18

Firiin hafuuraa . . . of toʼachuu dha.—Gal. 5:22, 23.

Warra kan taatan, ijoolleen keessan amala of toʼachuu akka horatan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Warri, ijoolleen uumamumaan amala kana akka hin arganne beekuu qabu. Kanaaf, warri ijoolleen isaanii amala gaarii kana akka horatan fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisuu qabu. (Efe. 6:4) Ijoolleen keessan miira isaanii toʼachuun akka isaan rakkisu yoo hubattan, ‘Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaan jiraa?’ jedhaa of gaafadhaa. Faayidaa guddaa yeroo hunda tajaajila baʼuun, walgaʼiiwwan irratti argamuu fi waaqeffannaa maatii geggeessuun keessan qabu hin dagatinaa. Yeroo barbaachisaa taʼutti wanta ijoolleen keessan gaafatan ‘Lakkii’ jechuu hin sodaatinaa! Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniif daangaa aangoo isaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan isaan taasisu kaaʼee ture. Haaluma walfakkaatuun, sababii warri ijoollee isaanii itti adabanii fi fakkeenya itti taʼan ijoolleen amala of toʼachuu akka qabaatan gargaaruu dha. Ijoolleen keessan aangoo Waaqayyo qabu akka jaallatanii fi ulaagaa qajeelinaa inni baase akka kabajan gochuun, amalawwan baayʼee barbaachisoo ijoolleen keessan akka qabaatan barbaaddan keessaa muraasa isaanii ti.—Fak. 1:5, 7, 8. w17.09 7 key. 17

Roobii, Waxabajjii 19

Kutaawwan qaamaa qixxeetti akka waliif yaadaniif malee, qaama gidduu wal qoqqooduun akka jiraatuuf miti.—1 Qor. 12:25.

Hamma addunyaan Seexanaa kun badutti, qorumsi nu irra gaʼuu isaa itti fufa. Hojii dhabuu, dhukkuba cimaadhaan qabamuu, ariʼatamuu, balaan uumamaa nu irra gaʼuu, qabeenyi keenya nu jalaa saamamuu ykn rakkinni gara biraan nu gaʼuu dandaʼa. Yeroo rakkinni nu irra gaʼu wal gargaaruuf, gara laafina kan qabnu taʼuun keenya barbaachisaa dha. Gara laafina qabaachuun keenya gochawwan gaarummaa akka qabnu argisiisan raawwachuuf nu kakaasa. (Efe. 4:32) Amalawwan namummaa haaraa kun Waaqayyoon akka fakkaannuu fi warra kaan akka jajjabeessinu nu gargaara. (2 Qor. 1:3, 4) Gumii keenya keessatti namoota biyya biraatii dhufan ykn rakkina keessa jiraniif garaadhaa akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Isaanitti michoomuu fi gumii keessatti iddoo guddaa akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuu qabna. (1 Qor. 12:22) Dhugaa Baatonni hedduun namoota biyya biraatii dhufaniif gara laafina qabaachuudhaan kan kaʼe, afaan haaraa barachuuf carraaqqii gochaa jiru. (1 Qor. 9:23) Kunis eebba hedduu argamsiiseera. w17.08 23-24 key. 7-9

Kamisa, Waxabajjii 20

Waaqayyo qooda koo ti, kanaafis isa nan abdadha.—Faru. 3:24.

Hundi keenya iyyuu eeggachuuf fedhii qabaachuu, jechuunis obsa qabaachuu akka qabnu beekamaa dha. Garuu, kana gochuuf maaltu nu gargaara? Hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhadhaa. Obsi firii hafuuraa keessaa tokko akka taʼe yaadadhaa. (Efe. 3:16; 6:18; 1 Tas. 5:17-19) Yihowaan hamma dhumaatti jabaattanii dhaabachuudhaan akka obsitan akka isin gargaaru kadhadhaa. Akkasumas, Abrahaam, Yoseefii fi Daawit waadaan Yihowaan isaaniif gale hamma raawwatamutti eeguuf wanta isaan gargaare yaadadhaa. Wanti isaan gargaare amantii isaan Yihowaa irratti qabanii fi akkaataa inni itti isaan gargaare irratti xiinxaluu isaanii ture. Of irrattii fi wanta barbaadan irratti hin xiyyeeffanne. Milkaaʼina argachuu isaanii yommuu yaannu, nutis obsaan eeggachuuf kakaana. Qorumsii fi rakkinni nu irra gaʼus, ‘abdiidhaan’ eeggachuuf kutanneerra. Yeroo tokko tokko, “Yaa gooftaa, kun hamma yoomiitti?” jennee iyyina taʼa. (Isa. 6: 11) Taʼus, cimina hafuura qulqulluu isa humna Waaqayyoo taʼe irraa argannuun, tokkoon tokkoon keenya akkuma Ermiyaas Yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti jedhe jechuu dandeenya. w17.08 7 key. 18-20

Jimaata, Waxabajjii 21

Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola.—Far. 40:8.

Yesuus yeroo mucaa xinnoo turetti, taphachaa fi gammadaa akka ture hin shakkisiisu. Dubbiin Waaqayyoo, “Kolfuunis yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:4) Akkasumas Yesuus Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Yihowaatti dhihaateera. Yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti, barsiisonni mana qulqullummaa keessa turan, dhimmoota hafuuraa ilaalchisee “hubannaa fi deebii isaa” yommuu argan baayʼee isaan dinqisiisee ture. (Luq. 2:42, 46, 47) Yesuus yeroo nama guddaa taʼettis wanta Waaqayyo barbaadu raawwachuun isa gammachiisa ture. Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akka inni lallabuu fi warra jaamaniif qaroo isaanii akka deebisu’ barbaada ture. (Luq. 4:18) Waaʼee Abbaa isaa isa samii namoota barsiisuun isa gammachiisa ture. (Luq. 10:21) Yesuus yeroo tokko waaʼee waaqeffannaa dhugaa dubartii tokko erga barsiisee booda, barattoota isaatiin, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha” jedhee ture. (Yoh. 4:31-34) Yesuus jaalala Waaqayyoo fi warra kaaniif qabu argisiisuun isa gammachiisa ture. Atis yoo akkas goote gammachuu argatta. w17.07 23 key. 4-5

Sanbadduraa, Waxabajjii 22

Nagaan Waaqayyoo . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:7.

Yesuus yommuu lafa irra turetti, amalawwan gaarii Abbaan isaa qabu dubbii isaatiinis taʼe gocha isaatiin guutummaatti argisiiseera. (Yoh. 5:19) Yesuus kan ergame, ‘warra garaan isaanii cabee’ fi “warra gaddan hundumaa” jajjabeessuufi. (Isa. 61:1, 2; Luq. 4:17-21) Kanaaf, Yesuus gara laafina guddaa kan argisiisuu fi rakkina warra kaanii kan hubatu taʼuu isaatiin beekama ture; rakkinni isaanii akka isaaniif hirʼatuuf garaadhaa hawwa ture. (Ibr. 2:17) Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis isuma sana” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (Ibr. 13:8) Yesuus “Bakka Buʼaa jireenyaa isa Guddaa” waan taʼeef, gadduun maal akka taʼe akka gaariitti hubata; kanaaf, “warra qorumsa keessa jiran gargaaruu ni dandaʼa.” (HoE. 3:15; Ibr. 2:10, 18) Kiristoos gaddi namootaa isatti dhagaʼamuu isaa, gadda isaanii hubachuu fi ‘yeroo barbaachisaa’ taʼetti jajjabina isaaniif kennuu isaa itti fufeera.—Ibr. 4:15, 16. w17.07 13 key. 6-7; 14 key. 10

Dilbata, Waxabajjii 23

Bakka qabeenyi keessan jiru, garaan keessanis achuma ni taʼa.—Luq. 12:34.

Seexannii fi addunyaan isaa yeroo hunda dinqisiifannaa qabeenyawwan hafuuraa Yihowaan nuu kenneef qabnu nu jalaa laaffisuu ykn nu jalaa balleessuu barbaadu. Tooftaalee isaa kana jalaa miliquu hin dandeenyu. Of eeggachuu baannaan, abdiin hojii galii guddaa argamsiisu argachuu ykn hawwiin jireenya qananii jiraachuu ykn hawwiin jireenya ofii argisiifachuu salphaadhumatti xiyyeeffannaa keenya harkisuu dandaʼa. Yohaannis ergamaan addunyaan kunis taʼe hawwiin isaa darbaa akka jiran dubbateera. (1 Yoh. 2:15-17) Kanaaf, qabeenyawwan hafuuraa arganneef galateeffachuu, akkasumas eegumsa isaaniif gochuu qabna. Wanta jaalala guddaa Mootummaa Waaqayyootiif qabdan isin jalaa laaffisu kam iyyuu dhiisuuf fedhii qabaachuu qabdu. Hinaaffaadhaan lallabuu keessan itti fufaa; dinqisiifannaa tajaajila keenya isa lubbuu baraaruuf qabdan matumaa hin dhabinaa. Dhugaawwan Waaqayyo biraa argaman cimsitanii barbaaduu keessan itti fufaa. Yommuu akkas gootan, ‘qabeenya hin dhumne, bakka hattuun bira hin geenyee fi bakka biliin hin nyaanne samii irratti qabaattu.’—Luq. 12:33. w17.06 13 key. 19-20

Wiixata, Waxabajjii 24

Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya.—Far. 84:10.

Akkaataan Yihowaan itti bulchu kan hacuucu ykn kan nama dhiphisu miti. Bilisummaa kan qabuu fi gammachuu kan argamsiisu dha. (2 Qor. 3:17) Daawit akkaataa Yihowaan itti bulchu ilaalchisee akkana jedheera: “Surraanii fi simboon fuula [Waaqayyoo] dura, aangoonii fi gammachuun iddoo isaa isa qulqullaaʼaa keessa jiru.” (1 Sen. 16:7, 27) Haaluma wal fakkaatuun, Etaan faarfatichi akkana jedhee barreesseera: “Sabni sagalee gammachuu dhageessisee beeku haa gammadu! Isaan ifa fuula kee irraa ifu keessa in deddeebiʼu, yaa gooftaa! Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.” (Far. 89:15, 16) Irra deddeebinee gaarummaa Yihowaa irratti xiinxaluun keenya, bulchiinsi isaa hunda caalaa gaarii akka taʼe amantii qabnu nuuf cimsuu dandaʼa. Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, wanta dhugumaan gammachuu argachuuf nu barbaachisu beeka; wanta nu barbaachisu kanas isa nu barbaachisu caalaa nuuf kenna. Wanti inni nu irraa eegu maal iyyuu yoo taʼe, faayidaa keenyaafi, dhuma irratti immoo gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu taʼa. Kun yeroo tokko tokko aarsaa gochuu kan nu gaafatu taʼu illee dhugaa dha.—Isa. 48:17. w17.06 29 key. 10-11

Kibxata, Waxabajjii 25

Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa.—Fak. 13:12.

Mee fakkeenya obboleettii biyya Ingilizii jiraattu takkaa haa ilaallu. Obboleettiin tun dhala godhachuuf hawwii guddaa kan qabdu taʼus, abdiin ishii kun utuu hin raawwatamin hafe. Achiis akkaataa jireenyaa ishii jijjiirte. Hawwiin ishii kun sirna kana keessatti akka ishiidhaaf hin guutamne yommuu hubattu abdii kutattee akka turte ifatti dubbatteetti. Ishiinii fi abbaan manaa ishii mucaa tokko fudhatanii guddifachuuf murteessan. Haa taʼu malee, akkana jetteetti: “Amma iyyuu taanaan darbee darbee gaddi natti dhagaʼama. Mucaa fudhatanii guddifachuun, mucaa ofii godhatanii wajjin tokko akka hin taane hubadheera.” Kitaabni Qulqulluun dubartiin Kiristiyaanni takka, “Ijoollee godhachuudhaan eegumsa argatti” jechuudhaan dubbata. (1 Xim. 2:15) Haa taʼu malee, daʼuun ykn dhala godhachuun jireenya bara baraa argamsiisa jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, dubartiin ijoollee godhatte ijoollee guddisuu dabalatee hojii mana keessaatiin qabamuun ishii, nama hamachuu fi dhimma namoota kaanii keessa akka hin galle ishii taasisa jechuu isaa ti.—1 Xim. 5:13. w17.06 5-6 key. 6-8

Roobii, Waxabajjii 26

Ati . . . [Waaqayyoof] maal laatta? Harka kee keessaas inni maal fudhata?—Iyo. 35:7.

Eliihuun yeroo akkas jedhu, carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf goonu gatii hin qabu jechuu isaa turee? Lakki. Yihowaan, waaqeffannaa isaaf dhiheessinu irratti kan hin hundoofne akka taʼe ibsuu isaa ture. Yihowaan kan of dandaʼe dha. Isa sooromsuus taʼe isa cimsuu hin dandeenyu. Kanaa mannaa, gaarummaa, dandeettii fi cimina kan arganne Waaqayyo irraa siʼa taʼu, akkaataa wantoota kanatti itti fayyadamnus ni hubata. Yihowaan, tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa yeroo argisiisnu, akkuma waan isatti argisiisnetti ilaala. Fakkeenyi 19:17, “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa” jedha. Caqasni kun, Yihowaan hiyyeessota gargaaruuf jecha wantoota nuti gaarummaadhaan kakaanee raawwannu hunda ni ilaala jechuu isaa tii? Uumaan uumama cufaa, namoonni gaarummaadhaan kakaʼanii warra kaan gargaaran, dhuunfaatti akka isaaf liqeessanitti ilaaluudhaan, surraa fi eebba isaaniif kennee gatii isaanii isaaniif deebisa jechuu dhaa? Eeyyee, Ilmi Waaqayyoo kun dhugaa akka taʼe mirkaneesseera.—Luq. 14:13, 14. w17.04 29 key. 3-4

Kamisa, Waxabajjii 27

Isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada.—Far. 1:2.

Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu malees, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu caalaatti guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Walgaʼiiwwan gumii irratti yeroo hunda argamuudhaan, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu guddifachuu dandeenya. Masaraa Eegumsaatti fayyadamnee torban torbaniin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya, karaa barumsa itti argannu keessaa isa guddaa dha. Barumsa qoʼatamaa jiru sirriitti hubachuuf, tokkoon tokkoon Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa akka gaariitti qophaaʼuu qabna. Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko, caqasa Kitaaba Qulqulluu kenname tokko tokkoon baasnee dubbisuu dha. Yeroo ammaatti, Masaraa Eegumsaa weebsaayitii jw.org/om irraa garagalfachuun ykn appilikeeshinii JW Library irraa afaan hedduudhaan argachuun ni dandaʼama. Meeshaaleen elektirooniksii tokko tokko, caqasawwan mata duree qoʼannaa keessatti kennaman hunda salphaatti argachuuf nu gargaaru. Mala kamitti iyyuu kan fayyadamnu yoo taʼe, caqasa kenname hunda of eeggannoodhaan dubbisuunii fi irratti xiinxaluun, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu nuuf guddisa. w17.05 20 key. 14

Jimaata, Waxabajjii 28

Hundi keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii kennina.—Rom. 14:12.

Erga cuuphamnee booda amanamummaadhaan Waaqayyo tajaajiluudhaan murtoo goonee wajjin haala wal simuun jiraachuu keenya itti fufuu barbaanna. Waadaa of murteessuudhaan Waaqayyoof galle matumaa duubatti deebisuu hin dandeenyu. Namni tokko Yihowaa tajaajiluuf ykn akka Kiristiyaana tokkootti jiraachuuf carraaqaa kan jiru yoo taʼe, Waaqayyoof akka of hin murteessinee fi cuuphaan isaa gatii akka hin qabne matumaa dubbachuu hin dandaʼu. Yaanni isaa fi kaayyoon isaa hundi, nama guutummaatti Waaqayyoof of murteesse taʼuu isaa argisiisa. Cubbuu cimaa akkamii iyyuu yoo hojjete Yihowaa durattis taʼe gumii keessatti itti gaafatama. “Jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” jedhamuu matumaa hin barbaannu. Kanaa mannaa, Yesuus akkana akka nuun jedhu barbaanna: “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, tajaajila kee fi jabaattee dhaabachuu kee, akkasumas hojiin kee inni boodaa isa dura hojjette irra akka caalu beeka.” (Mul. 2:4, 19) Yihowaa gammachiisuuf, waadaa Yihowaadhaaf of murteessuuf gallee wajjin guutummaatti haala wal simuun jiraachuu keenya itti haa fufnu. w17.04 6-7 key. 12-13

Sanbadduraa, Waxabajjii 29

Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha.—Kes. 32:4.

Abbaan Firdii guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?” (Uma. 18:25) Abrahaam gaaffii kana gaafachuudhaan, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee murtoo haqa irratti hundaaʼe akka kennu amanannaa akka qabu ibseera. Abrahaam, Yihowaan ‘nama qajeelaa isa jalʼaa wajjin ajjeesuudhaan’ haqa akka hin jalʼisne mirkanaaʼaa ture. Kun Abrahaamiif waan hin yaadamne ture. Yihowaan haqaa fi qajeelummaa raawwachuudhaan fakkeenya hunda caalu waan taʼeef Abrahaam amanannaa akkasii qabaachuu dandaʼeera. Kanaaf, Yihowaan qajeelummaa ilaalchisee fakkeenya hunda irra caalu waan taʼeef, karaan inni itti wantoota madaalu yeroo hundumaa sirrii dha. Kana malees, Dubbiin isaa akka jedhutti, “inni qajeelummaa fi [“haqa,” NW] in jaallata.”—Far. 33:5. w17.04 18 key. 1-2

Dilbata, Waxabajjii 30

Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.—3 Yoh. 4.

Warri, ijoollee keessaniif fakkeenya taʼuun keessan daandii gara jireenya bara baraatti geessu irra deemuu akka jalqaban gochuuf murteessaa dha. Ijoolleen keessan ‘hundumaa dura Mootummicha akka isin barbaaddan’ yommuu argan, wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu argachuuf Yihowaatti amanamuu baratu. (Mat. 6:33, 34) Kanaaf jireenya salphaa jiraadhaa. Qabeenya hedduu argachuuf jecha wantoota hafuuraa aarsaa gochuu mannaa, wantoota hafuuraatiif dursa kennaa. Liqii keessa galuu irraa of eeggadhaa. ‘Samii irratti qabeenya guddaa,’ jechuunis surraa Yihowaa argachuuf malee, qabeenya ykn ‘ulfina namoota biraa argamuuf’ hin dhamaʼinaa. (Mar. 10:21, 22; Yoh. 12:43) Hamma ijoollee keessaniif yeroo dhabdanitti matumaa wantoota kaaniin hin muddaminaa. Kana malees, ijoolleen keessan ofii isaaniitiifis taʼe isiniif jedhanii beekamummaa ykn qabeenya argachuuf dhamaʼuu mannaa, Yihowaa barbaaduudhaaf dursa kennuuf waan murteessaniif akka isaanitti boontan akka beekan godhaa. Ilaalcha dogoggoraa, ijoolleen jireenya warra isaanii fooyyessuu qabu jedhu qabaachuu irraa of qusadhaa. Caqasa, “Warratu ijoolleedhaaf qabeenya walitti qaba malee, ijoolleetu warraaf qabeenya walitti qaba miti” jedhu yaadadhaa.—2 Qor. 12:14. w17.05 8-9 key. 3-4

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi