Amajjii
Jimaata, Amajjii 1
Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.—Mat. 28:19.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan hundi, tajaajila akka raawwatan isaanitti kenname, akkamitti ‘guutummaatti raawwachuu’ akka dandaʼan barachuu barbaadu. (2 Xim. 4:5) Sababiin isaas, hojiin kun hojii kam iyyuu caalaa barbaachisaa fi ariifachiisaa dha. Haa taʼu malee, tajaajila irratti hamma barbaannu, saʼaatii dheeraa dabarsuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Hojiiwwan barbaachisoon yeroo keenyaa fi humna keenya barbaadan kan biroonis jiru. Ofii keenyaa fi maatii keenyaaf wantoota jireenyaaf barbaachisan dhiheessuuf guyyaatti saʼaatii dheeraa hojjechuun nu barbaachisuu dandaʼa. Itti gaafatamummaa kan biraa maatii keessatti qabnu raawwachuuf, dhukkuba, dhiphina ykn rakkoowwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufanii wajjin qabsoo gochaa jirra taʼa. Haalli keenya saʼaatii tajaajila Yihowaa irratti dabarsinu yoo nu jalaa daangesse abdii kutachuu hin qabnu. Yesuus tokkoon tokkoon keenya firiin Mootummichaa nuti godhannu wal qixxee taʼuu akka hin dandeenye beekee ture. (Mat. 13:23) Yihowaan hamma nuuf dandaʼame yoo goone, wanta nuti tajaajila isaa keessatti raawwannu kamiif iyyuu iddoo guddaa kenna.—Ibr. 6:10-12. w19.04 2 key. 1-3
Sanbadduraa, Amajjii 2
Diyaabilos . . . sobduu fi abbaa sobaa [ti].—Yoh. 8:44.
Sobawwan Seexanni waaʼee warra duʼanii dubbatu maqaa Yihowaa kan balleessani dha. Sobawwan kun barumsa warri duʼan ibidda qilillee keessatti dhiphachaa akka jiran ibsan dabalatu. Barumsawwan akkasii maqaa Waaqayyoo kan balleessani dha! Akkamitti? Barumsawwan kun namoonni, Waaqayyo inni Waaqa jaalalaa taʼe akkuma Diyaabilos gara jabeessa akka taʼe godhanii akka yaadan taasisu. (1 Yoh. 4:8) Kun maaltu akka sitti dhagaʼamu godha? Hunda caalaa immoo Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu godha? Faallaa kanaatiin, inni gocha gara jabinaa hunda ni jibba. (Er. 19:5) Sobawwan Seexanni waaʼee duʼaa dubbatu aarsaa furii Kiristoositti amanuun barbaachisaa akka hin taane ibsu. (Mat. 20:28) Sobni Seexanaa inni kan biraan immoo namoonni lubbuu hin duune qabu isa jedhu dha. Kun sirrii utuu taʼee, namni hundi bara baraaf jiraata ture. Kanaafuu, jireenya bara baraa argachuu akka dandeenyuuf Kiristoos lubbuu isaa furii godhee nuuf kennuun isa hin barbaachisu ture. Aarsaan Kiristoos jaalala guddaa Waaqayyo hamma ammaatti ilmaan namootaatti argisiise hunda irra akka caalu yaadadhaa. (Yoh. 3:16; 15:13) Barumsawwan kennaa gatii guddaa qabu kana xiqqeessan ilaalchisee wanta Yihowaa fi Ilma isaatti dhagaʼamu yaadaa! w19.04 14 key. 1; 16 key. 8-9
Dilbata, Amajjii 3
“Akka inni isa barsiisuuf, eenyutu yaada Yihowaa beeke?” Nuti garuu yaada Kiristoos qabna.—1 Qor. 2:16.
Barumsawwan Yesuus kan galmeeffaman eessa keessatti dha? Wangeelonni arfan wantoota Yesuus yeroo lafa irra turetti dubbatee fi hojjete hedduu isaanii qabataniiru. Kutaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii inni hafes kan barreeffame, namoota hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii fi “yaada Kiristoos” qabaniin siʼa taʼu, isaanis ilaalcha Yesuus wantoota gara garaatiif qabu hubachuuf nu gargaaru. Wantoonni Yesuus barsiise kutaawwan jireenyaa keenya hunda ilaallatu. Kanaafuu, ‘seerri Kiristoos’ wanta mana keessatti, bakka hojiitti ykn mana barumsaa fi gumii keessatti hojjennu irratti dhiibbaa godha. (Gal. 6:2) Seera kana, Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan baranna. Jireenya keenya qajeelfamoota, ajajawwanii fi dhugaawwan kitaaba geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana keessa jiran wajjin wal simsiisuudhaan seera kanaaf ajajamna. Seera Kiristoosiif yommuu ajajamnu, Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe, jechuunis isa wanta Yesuus barsiise hundaaf Madda taʼe sanaaf ajajamna.—Yoh. 8:28. w19.05 3 key. 6-7
Wiixata, Amajjii 4
Hamoonnii fi fakkeessitoonni . . . isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu.—2 Xim. 3:13.
Namoonni karaa Diyaabilosiin gammachiisuun deddeebiʼuun isaanii nama gaddisiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hundumaa malawwan Seexanaa ni beeka. Yihowaan dhiphina nu irra gaʼu guutummaatti hubata; jajjabina nu barbaachisus nuuf kenna. ‘Waaqa jajjabina hundaa isa jajjabina isa irraa argannuun warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessu’ tajaajiluu keenyatti eebba arganneerra. (2 Qor. 1:3, 4) Keessumaa namoonni warri isaanii eegumsa utuu isaaniif hin kennin hafan ykn namoonni miidhaan saalaa isaan irra gaʼe jajjabina argachuun isaan barbaachisa. Daawit faarfatichi Yihowaan jajjabina kennuu irratti hunda caalaa amansiisaa akka taʼe beekee ture. (Far. 27:10) Daawit, Yihowaan namoota miseensonni maatii isaanii isaan dhiisan akka simatu amantii qaba ture. Kana kan godhu akkamitti? Namoota tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti fayyadamuudhaani. Namoonni nu wajjin Yihowaa waaqeffatan, maatii hafuuraa keenya dha. Fakkeenyaaf, Yesuus namoonni isaa wajjin Yihowaa waaqeffatan, obboloota, obboleettotaa fi haadhotii isaa akka taʼan dubbateera.—Mat. 12:48-50. w19.05 15-16 key. 8-9
Kibxata, Amajjii 5
Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.
Wantoonni dursa kennuufii qabnu maalfaa dabalatu? Guyyaa guyyaatti Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu irratti yeroo dabarsuu akka qabnu beekamaa dha. Baayʼinni caqasoota dubbisa Kitaaba Qulqulluu walgaʼii torban gidduutti godhamuuf ramadamanii kan hirʼifame, wantoota dubbisne irratti xiinxaluu fi qorannaa dabalataa gochuuf yeroo gaʼaa akka argannuufi. Galmi keenya caqasoota ramadaman sana dubbisuu qofa utuu hin taʼin, ergaan Kitaaba Qulqulluu garaa keenya keessa seenee caalaatti gara Yihowaatti akka nu dhiheessu gochuu taʼuu qaba. (Far. 19:14) Masaraa Eegumsaa qoʼachuun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jechuu dha. Keessumaa caqasoota yommuu mata dureen sun gumii irratti qoʼatamu dubbifamaniif xiyyeeffannaa addaa kennaa. Jechoonni ijoon ykn gaaleewwan caqasicha keessa jiran qabxii keeyyaticha keessa jiru akkamitti akka deeggaran hubadhaa. Kana malees, caqasawwan dubbistan irratti xiinxalaa, akkasumas jireenya keessan keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeessan yeroo fudhadhaatii irratti yaadaa.—Iya. 1:8. w19.05 27 key. 5; 28 key. 9
Roobii, Amajjii 6
Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha.—Yoh. 4:34.
Yesuus ilaalcha tajaajilaaf qabu irratti fakkeenya hunda caalu taʼeera. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuun jireenya isaa keessatti iddoo guddaa akka qabaatu godheera. Hamma isaaf dandaʼame namoota hedduudhaaf lallabuuf jecha, kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼaman deemeera. Bakka namoonni hedduun jiranittis taʼe mana isaanitti namootaaf lallabuuf carraa argate hundatti ni fayyadama ture. Jireenyi Yesuus guutummaatti tajaajila isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Nutis yeroo fi bakka nuuf dandaʼame hundatti misiraachicha lallabuuf carraa barbaaduudhaan fakkeenya Kiristoos hordofuu ni dandeenya. Hojii tajaajilaa irratti hirmaachuuf jecha wantoota dhuunfaatti nu gammachiisan aarsaa gochuuf fedhii qabna. (Mar. 6:31-34; 1 Phe. 2:21) Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko qajeelchaa addaa, qajeelchaa yeroo hundaa ykn qajeelchaa gargaaraa taʼuu dandaʼaniiru. Warri kaan immoo qooqa haaraa barachuu dandaʼaniiru ykn bakka labsitoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, hojiin lallabaa garri caalaan isaa babalʼistoota Mootummichaa hamma humna isaanii hojjetaniin raawwatama. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan hamma nuti kennuu dandeenyu caalaa nu irraa hin barbaadu. w19.04 4 key. 7-8
Kamisa, Amajjii 7
Yaa Yihowaa, wantin afaan kootiin dubbadhuu fi wantin garaa kootti yaadu kan si gammachiisu haa taʼu.—Far. 19:14.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hinaaffaa xinnoon illee garaa koo keessa jiraa?’ (1 Phe. 2:1) ‘Akkaataa guddinaa koo, sadarkaa barumsaa koo ykn qarshiin qabuun kan kaʼe hamma tokko koorri natti dhagaʼamaa?’ (Fak. 16:5) ‘Namoota wanta ani qabu hin qabne ykn sanyiin isaanii kan koo irraa adda taʼe nan tuffadhaa?’ (Yaq. 2:2-4) ‘Wantoonni addunyaan Seexanaa dhiheessu na hawwatuu?’ (1 Yoh. 2:15-17) ‘Bohaartii naamusaan ala taʼee fi hammeenya of keessaa qabu nan jaalladhaa?’ (Far. 97:10; 101:3; Amo. 5:15) Deebiin gaaffiiwwan dhuunfaatti dhihaatan kanaaf kennitu, bakka jijjiirama gochuun itti si barbaachisu adda baastee akka beektu si gargaara. Michoonni keenya dhiibbaa guddaa nu irratti godhu. (Fak. 13:20) Iddoo hojiittis taʼe mana barumsaatti, namoota yaada Waaqayyoo akka guddifannu nu hin gargaarreen marfamuu dandeenya. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya irratti michoota gaarii taʼan argachuu dandeenya. Walgaʼiiwwan keenya bakka nuti “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf” itti wal jajjabeessinu ykn wal kakaasnu dha.—Ibr. 10:24, 25. w19.06 12 key. 13-14
Jimaata, Amajjii 8
Balleessaa tuffatee bira darbuun [isaa] miidhagina isaaf ni kenna.—Fak. 19:11.
Yihowaan rakkinnii fi dhiphinni yeroo harʼaa nu irra gaʼu nama kam irra iyyuu akka gaʼu kaayyoo isaa akka hin turre yaadadhaa. Kanaafuu, tajaajilaan Yihowaa amanamaa taʼe tokko yeroo dhiphina guddaa keessa jirutti maaliif utuu itti hin yaadin akka dubbatu hubachuu dandeenya. (Iyo. 6:2, 3) Waaʼee Yihowaa ykn waaʼee keenya wanta sirrii hin taane yoo dubbate illee, dafnee isatti aaruu ykn wanta akkasii dubbachuu isaatiif isatti murteessuu hin qabnu. Yeroo tokko tokko namni haala dhiphisaa keessa jiru hamma tokko gorsa ykn adaba isa gargaaru argachuunis isa barbaachisa. (Gal. 6:1) Jaarsoliin rakkina akkasiitiif furmaata kennuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya Eliihuu isa gara laafina guddaadhaan Iyoobiin dhaggeeffate sanaa hordofuun isaanii gaarii dha. (Iyo. 33:6, 7) Eliihuun gorsa kan kenne yaada Iyoob erga hubatee booda ture. Jaarsoliin fakkeenya Eliihuu hordofan of eeggannoodhaan dhaggeeffatu; akkasumas haala nama tokkoo hubachuuf yaalii godhu. Achiis yommuu gorsa kennan, caalaatti garaa nama isaan dhaggeeffatu sanaa tuquun isaanii hin oolu. w19.06 22-23 key. 10-11
Sanbadduraa, Amajjii 9
Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna.—HoE. 5:29.
Yeroo dhorkaa jala taatanitti Yihowaa waaqeffachuu keessan itti fufuu kan dandeessan akkamitti? Waajjirri damee jaarsolii gumiitiif qajeelfamaa fi gorsa hojii irra ooluu dandaʼu ni kenna. Waajjirri damee jaarsolii wajjin wal qunnamuu yoo dadhabe, jaarsoliin isinis taatan warri gumii keessa jiran hundi, Yihowaa waaqeffachuu keessan akka itti fuftan isin gargaaru. Yaada Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya keessa jiranii wajjin haala wal simuun qajeelfama ni kennu. (Mat. 28:19, 20; Ibr. 10:24, 25) Yihowaan tajaajiltoonni isaa karaa hafuuraa akka gaariitti akka sooratan abdii kenneera. (Isa. 65:13, 14; Luq. 12:42-44) Kanaafuu, jaarmiyaan isaa jajjabina hafuuraa isin barbaachisu isinii kennuuf, wanta dandaʼame hunda akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeessu. Isin hoo gama keessaniin maal gochuu dandeessu? Yeroo dhorkaan nu irra gaʼutti, Kitaaba Qulqulluu fi nyaata hafuuraa qabdan kan biraa kam iyyuu bakka gaarii itti dhokfattan barbaaddadhaa. Warra waraqaa irratti maxxanfamanis taʼe bifa elektirooniksiitiin jiranii fi gatii guddaa qaban kana matumaa bakka salphaatti mulʼachuu dandaʼan akka hin keenye of eeggadhaa. Tokkoon tokkoon keenya karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf tarkaanfii qabatamaa taʼe fudhachuu qabna. w19.07 10 key. 10-11
Dilbata, Amajjii 10
Hamma naaf dandaʼame namoota muraasa oolchuuf, akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa nan taʼe.—1 Qor. 9:22.
Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif, namoonni addunyaa irra jiran garri caalaan isaanii, amantii taʼe tokko waan qaban fakkaatu turan. Haa taʼu malee, waggoottan kurnan dhihoodhaa asitti jijjiiramni guddaan taʼeera. Namoonni lakkoofsi isaanii baayʼinaan dabalaa jiru amantii hin qaban. Biyyoota tokko tokko keessatti uummata biyya sanaa keessaa harki caalaan amantii akka hin qabne dubbatu. (Mat. 24:12) Maaliifi? Tokko tokko gammachuu argachuu ykn rakkina isaanii irratti xiyyeeffachuudhaan yaadni isaanii hihhiramee taʼuu dandaʼa. (Luq. 8:14) Warri tokko tokko immoo Waaqayyotti amanuu dhiisaniiru. Isaan kaan immoo, Waaqayyotti kan amanan taʼus, amantiin yeroon kan itti darbe, barbaachisaa kan hin taane, akkasumas saayinsii fi sababa qabeessa taʼuu wajjin kan wal hin simne akka taʼe yaadu. Tarii michoonni, barsiisonni ykn sabqunnamtiin jireenyi jijjiirama tirannaatiin dhufe yommuu jedhan dhagaʼanii taʼuu dandaʼa; Waaqayyotti amanuuf sababii gaariin akka jiru garuu dhagaʼanii hin beekan. Warri kaan luboonni qarshii fi aangoodhaaf sassatoo taʼuun isaanii isaan nuffisiiseera. Iddoowwan tokko tokkotti immoo mootummoonni sochii amantii seeraan daangessaniiru. w19.07 20 key. 1-2
Wiixata, Amajjii 11
Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane beekuudhaan jabaadhaa dhaabbadhaa, hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼate taʼaa.—1 Qor. 15:58.
Karaa hafuuraa cimuu keenya itti fufuuf qaamaan cimaa taʼuun nu hin barbaachisu. Namoonni ciminni qaamaa isaanii laafaa deeme hedduun iyyuu, karaa hafuuraa guddachuu isaanii itti fufuuf murtoo cimaa godhaniiru. (2 Qor. 4:16) Tarii waggoota hedduudhaaf erga Yihowaa tajaajiltanii booda, fayyaan keessan gad buʼaa deemuun isaa hamma kanaan duraa akka hin hojjenne isin dhowwee taʼuu dandaʼa. Taanaan abdii hin kutatinaa. Yihowaan tajaajila kanaan dura amanamummaadhaan raawwattan akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼaa. (Ibr. 6:10) Yeroo ammaatti immoo, garaa keenya guutuudhaan Waaqayyoof kan bulle taʼuun, hamma tajaajila Yihowaa keessatti raawwannuun akka hin madaalamne yaadadhaa. Kanaa mannaa, Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya kan argisiisnu, ilaalcha sirrii qabaachuu fi wanta humni keenya dandaʼe hunda gochuudhaani. (Qol. 3:23) Yihowaan humni keenya daangaa qabaachuu isaa ni hubata, akkasumas wanta nuti gochuu dandeenyu caalaa nu irraa hin eegu.—Mar. 12:43, 44. w19.08 3 key. 6; 5 key. 11-12
Kibxata, Amajjii 12
Namoonni hojii keessan isa gaarii [akka arganiif] . . . ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.
Yihowaan ‘hojii gaarii’ gumiin Kiristiyaanaa hojjetutti fayyadamee namoota ofitti harkisa. (Mat. 5:14, 15; 1 Phe. 2:12) Hiriyaan gaaʼelaa keessan Dhugaa Baatuu Yihowaa miti taanaan miseensota gumii wajjin wal argee beekaa? Hiriyaan gaaʼelaa keessan isinii wajjin walgaʼiiwwan gumii irratti akka argamu affeeraa. (1 Qor. 14:24, 25) Firoonni keenya hundi nuu wajjin Yihowaa akka tajaajilan abdanna. Haa taʼu malee, firoonni keenya tajaajiltoota Waaqayyoo akka taʼan gargaaruuf hammam iyyuu carraaqqii yoo goone, dhugaa fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Taanaan murtoo isaan godhaniif nuti of ceephaʼuu hin qabnu. Eenyu iyyuu amantii keenya akka fudhatu dirqisiisuu hin dandeenyu. Taʼus, firoonni keessan gammachuu Yihowaa tajaajiluun keessan isiniif argamsiise ilaaluun isaanii dhiibbaa isaan irratti geessisuu dandaʼu akka laayyootti hin ilaalinaa. Isaaniif kadhadhaa. Malaan isaan haasofsiisaa. Isaan gargaaruuf yaalii gochuu keessan itti fufaa! (HoE. 20:20) Yihowaan carraaqqii gootan akka isiniif eebbisu amanannaa qabaadhaa. Firoonni keessan isin dhagaʼuuf yoo filatan badiisa irraa ni oolu! w19.08 18-19 key. 15-17
Roobii, Amajjii 13
Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa taʼa.—Mat. 6:22.
Yesuus maal jechuu isaa ture? Jireenyi keenya salphaa akka taʼu ykn kaayyoo tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna malee, yaadni keenya hihhiramuu hin qabu jechuu isaa ture. Yesuus jireenyi isaa tajaajila isaa irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera, barattoonni isaas Yihowaa tajaajiluu fi Mootummaa isaa irratti akka xiyyeeffatan isaan barsiiseera. Nutis, “hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa [Waaqayyoo] barbaaduu,” jechuunis jireenyi keenya tajaajila Kiristiyaanaa irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofna. (Mat. 6:33) Karaan tajaajila keenya irratti itti xiyyeeffannu tokko, namoonni kaan Yihowaa akka beekanii fi akka jaallatan gargaaruu akka dandeenyuuf, jireenya keenya salphaa gochuu dha. Fakkeenyaaf, torban gidduutti tajaajila irratti yeroo dabalataa dabarsuu akka dandeenyuuf, saʼaatii hojii irratti dabarsinu sirreessuu ni dandeenyaa? Sochii bashannanaa yeroo dheeraa fudhatu tokko tokko hirʼisuu ni dandeenyaa? w19.04 5-6 key. 12-13
Kamisa, Amajjii 14
Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu keessan jiraadha, haa taʼu malee, . . . warra caccabanii fi warra gaddanii wajjinis nan taʼa.—Isa. 57:15.
Waggoota dhihoodhaa asitti obboloota muuxannoo dheeraa qaban hedduudhaaf ramaddiin kan biraa kennameera. Obbolootaa fi obboleettota kanaaf sirreeffama akkasii gochuun salphaa hin turre. Obboloonni ramaddiin haaraan isaaniif kenname ramaddii isaanii isa waggoota hedduudhaaf irratti tajaajilaa turan ni jaallatu. Tokko tokko haala haaraa wajjin yommuu wal baraa jiranitti “gaddi” isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, yeroo booda itti baruu dandaʼaniiru. Maaliif? Hundumaa caalaa Yihowaadhaaf jaalala waan qabaniifi. Kan of murteessan hojii tokkoof, maqaa taʼe tokkoof ykn ramaddii tajaajilaa tokkoof utuu hin taʼin Waaqayyoof akka taʼe beeku. (Qol. 3:23) Ramaddii kam irratti iyyuu gad of qabanii Yihowaa tajaajiluu itti fufuun isaanii isaan gammachiisa. Inni isaaniif akka yaadu waan beekaniif ‘yaaddoo isaanii hundumaa isa irratti gataniiru.’ (1 Phe. 5:6, 7) Amala gad of qabuu isa jaallatamaa taʼe yommuu horannu ofis taʼe warra kaan ni fayyadna. Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan caalaatti dandamachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, Abbaa keenya isa samiitti ni dhihaanna. w19.09 6-7 key. 15-17
Jimaata, Amajjii 15
Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa; . . . isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa.—Far. 19:8, 11.
Yihowaan Daawit maatii isaa irratti qofa utuu hin taʼin guutummaa saba Israaʼel irratti mataa akka taʼu isa muudeera. Daawit mootii waan taʼeef aangoo guddaa qaba ture. Aangoo isaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan dogoggora cimaa raawwatee beeka. (2 Sam. 11:14, 15) Taʼus, adaba isaaf kenname fudhachuudhaan Yihowaadhaaf akka bitamu argisiiseera. Yeroo kadhannaa dhiheessetti wanta isatti dhagaʼame Yihowaatti himeera. Akkasumas qajeelfama Yihowaatiif ajajamuuf wanta dandaʼu hunda gochuuf yaaleera. (Far. 51:1-4) Kana malees, gad of qabuudhaan dhiirota irraa qofa utuu hin taʼin dubartoota irraas gorsa gaarii fudhateera. (1 Sam. 19:11, 12; 25:32, 33) Daawit dogoggora isaa irraa kan barate siʼa taʼu, jireenyi isaas Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godheera. Faayidaa Yihowaadhaaf bitamuun qabu hubatee ture. Yeroo harʼaa, garaa garummaa namoota Yihowaadhaaf bitamanii fi qajeelfama isaa isa jaalala irratti hundaaʼe fudhachuu didan gidduu jiru ilaaluu dandeenya. Warri Yihowaadhaaf bitaman “garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu.”—Isa. 65:13, 14. w19.09 17 key. 15; 19 key. 21
Sanbadduraa, Amajjii 16
Kana booda nan arge, . . . tuutni uummataa guddaan . . . teessichaa fi Hoolicha dura dhaabbatanii turan.—Mul. 7:9.
Bara 1935tti Dhugaa Baatonni Yihowaa tuutni uummataa guddaan “teessichaa fi Hoolicha dura” dhaabbachuuf kallattiidhaan gara samii deemuun akka isaan hin barbaachisne hubatan. Kanaa mannaa, kana kan godhan akka fakkeenyaatti dha. Tuutni uummataa guddaan kan jiraatan lafa irra taʼus, aangoo Yihowaa fudhachuu fi ol aantummaa isaatiif bitamuudhaan ‘teessicha dura’ dhaabbachuu dandaʼu. (Isa. 66:1) Akkasumas aarsaa furii Yesuus irratti amantii qabaachuudhaan “Hoolicha dura” dhaabbachuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, Maatewos 25:31, 32 irratti namoota hamoo dabalatee “saboonni hundinuu” teessoo Yesuus isa ulfina qabeessa taʼe duratti akka ‘walitti qabaman’ ibsameera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, saboonni kun samii irra utuu hin taʼin lafa irratti walitti qabamu. Sirreeffamni godhame kun sirrii ture. Sirreeffamni kun Kitaabni Qulqulluun tuutni uummataa guddaan gara samii akka deeman kan hin dubbanne maaliif akka taʼe ibsa. Abdii samii irra bara baraaf jiraachuu kan qaban tuuta tokko qofa, jechuunis warra 144,000 taʼanii fi Yesuus wajjin ‘mootota taʼanii lafa irratti bulchani’ dha.—Mul. 5:10. w19.09 28 key. 9
Dilbata, Amajjii 17
Warri isaaf amanamoo taatan hundi Yihowaa jaalladhaa!—Far. 31:23.
Yihowaan waaqeffattoonni isaa Baabilon Guddittii irraa akka fagaatan isaan irraa eega. Haa taʼu malee, kun hariiroo amantii sobaa wajjin qabnu addaan kutuu caalaa wanta dabalatu qaba. Amantii dhugaa, jechuunis waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu deeggaruuf murtoo cimaa gochuu qabna. Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu lama haa ilaallu. Tokkoffaa, ulaagaawwan naamusaa Yihowaan qajeelinaaf baaseef ajajamuu qabna. Nuti ulaagaalee addunyaa kanaa matumaa hin fudhannu. Fakkeenyaaf, gaaʼelaa fi akkaataa jireenyaa namoota saala wal fakkaatu qabanii dabalatee halalummaa gosa akkamii iyyuu hin deeggarru. (Mat. 19:4, 5; Rom. 1:26, 27) Lammaffaa, obboloota keenyaa wajjin waaqeffachuu keenya itti fufuu qabna. Galmawwan Walgaʼii keenyatti, barbaachisaa taanaan mana dhuunfaatti yookiin immoo dhoksaatti illee haa taʼu, bakka dandeenyu hundatti kana ni goona. Wanti akkamii iyyuu yoo uumame, waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu keenya addaan hin kunnu. Siruma iyyuu, “guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti” walitti qabamuu nu barbaachisa.—Ibr. 10:24, 25. w19.10 16 key. 6-7
Wiixata, Amajjii 18
Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu [dha].—Bau. 34:14.
Yihowaan jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼu barbaada, bashannanni immoo kana gochuuf nu gargaara. Dubbiin Waaqayyoos, “Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha” jechuudhaan dubbata. (Lal. 2:24) Haa taʼu malee, bashannanni addunyaa keessa jiru baayʼeen isaa dhiibbaa gadhee nu irraan gaʼuu dandaʼa. Namoonni wantoota Dubbiin Waaqayyoo balaaleffatu akka fudhatan ykn akka jaallatan illee jajjabeessuudhaan ulaagaa naamusaa isaanii mancaasa. Hundi keenya Yihowaa qofa waaqeffachuu barbaanna; kanaafuu, “maaddii Yihowaa” fi “maaddii jinniiwwanii” irraa nyaachuu hin dandeenyu. (1 Qor. 10:21, 22) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuun yeroo baayʼee mallattoo michummaa argisiisu dha. Bashannana hammeenya, gocha hafuurota hamoo, gocha naamusaan ala taʼe ykn fedhii fi ilaalcha foonii kan biroo babalʼisu kan filannu yoo taʼe, nyaata diinota Waaqayyootiin qophaaʼe irraa hirmaachaa jirra jechuu dha. Kunis ofii keenya qofa utuu hin taʼin hariiroo Yihowaa wajjin qabnu miidhuu dandaʼa. w19.10 26 key. 2; 29-30 key. 11-12
Kibxata, Amajjii 19
Namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.—2 Phe. 1:21.
Namni doonii oofu tokko qilleensicha irraa fayyadamuuf wanta lama gochuu qaba. Tokkoffaa, doonii isaa kallattii qilleensi qilleensaʼaa jiru irra kaaʼuu qaba. Dhugaa dha, namni doonii oofu sun bakka qilleensi qilleensaʼu irraa fagaatee qarqara bishaanichaa irra yoo dhaabbate dooniin isaa deemuu hin dandaʼu. Lammaffaa, hamma dandaʼame sharaa isaa sirriitti ol kaasuu fi diriirsuun isa barbaachisa. Qilleensi kan qilleensaʼu taʼus dooniin isaa gara fuulduraatti deemuu kan dandaʼu qilleensi sharaa doonichaa yoo guute qofa akka taʼe ifa dha. Haaluma wal fakkaatuun, tajaajila Yihowaa keessatti jabaannee dhaabbachuu kan dandeenyu gargaarsa hafuura qulqulluu yoo qabaanne qofa dha. Nutis hafuura kana irraa fayyadamuuf tarkaanfii lama fudhachuu qabna. Tokkoffaa, sochiiwwan dhiibbaa hafuura qulqulluu jala nu galchuu dandaʼan irratti hirmaachuudhaan bakka hafuurri Waaqayyoo jiru of kaaʼuu qabna. Lammaffaa, sochiiwwan kanneen irratti hamma dandeenyu guutummaatti hirmaachuudhaan “sharaa keenya” sirriitti “diriirsuu” nu barbaachisa. (Far. 119:32) Hafuurri qulqulluun jabina amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuuf kenna. w19.11 9 key. 8; 10 key. 11
Roobii, Amajjii 20
Ani . . . nagaa koo isiniif nan kenna.—Yoh. 14:27.
Yesuus guyyoota nama taʼee itti jiraate keessaa isa dhumaatti dhiphatee ture. Yeroo muraasa booda namoota yakkamoo taʼaniin duʼa suukanneessaa duʼa. Haa taʼu malee, Yesuusiin caalaatti kan dhiphise, yeroo dhihoo keessatti akka duʼu beekuu isaa hin turre. Abbaa isaa baayʼee jaallata, akkasumas isa gammachiisuu barbaada ture. Yesuus qorumsa cimaa isa irra gaʼuuf jedhu keessatti amanamaa yoo taʼe, sobawwan Yihowaa ilaalchisee dubbataman hundi dogoggora taʼuu isaanii argisiisuu fi Yihowaan kabaja argachuu akka qabu mirkaneessuu irratti gargaarsa akka godhu beekee ture. Yesuus namootas ni jaallata, akkasumas abdiin nuti jireenya bara baraa argachuuf qabnu jireenya isaa isa lafa irraa milkaaʼinaan xumuruu isaa irratti akka hundaaʼe beeka ture. Yesuus dhiphina cimaa keessa kan ture taʼus, nagaa qaba ture. Yesuus, ‘nagaa Waaqayyoo,’ jechuunis tasgabbii namni tokko Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuudhaan argatu qaba ture. Nagaan kun sammuu fi garaan Yesuus boqonnaa akka qabaatu godheera. (Filp. 4:6, 7) Dhiibbaan Yesuus irra gaʼe, nu keessaa nama tokko irra illee gaʼee hin beeku; taʼus, namoonni Yesuus duukaa buʼan hundi qorumsi isaan mudata. (Mat. 16:24, 25; Yoh. 15:20) Kana malees, akkuma Yesuus yeroo tokko tokko dhiphinni nu mudata. w19.04 8 key. 1-3
Kamisa, Amajjii 21
Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.—1 Tas. 5:19.
Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha, ‘Miseensa kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa taʼuu kootiif nan galateeffadhaa?’ Yihowaan yeroo harʼaa ragaa amansiisaa saba isaa eebbisaa akka jiru argisiisu nuuf kenneera. Dhuguma iyyuu wanta akka galateeffannu nu taasisu hedduu qabna. (1 Tas. 5:18) Maarree jaarmiyaa Yihowaan itti fayyadamaa jiru akka deeggarru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi karaa barreeffamootaa, walgaʼiiwwan gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti nuuf kennaman hordofuudhaan kana gochuu dandeenya. Dabalataanis, hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hamma dandeenye guutummaatti hirmaachuudhaan deeggarsa keenya argisiisuu dandeenya. (1 Qor. 15:58) Yihowaan aarsaa keenya akka fudhatu barbaanna. Yihowaa galateeffachuu waan barbaannuuf isa tajaajilla. Garaa guutuudhaan Yihowaa waan jaallannuuf wanta hunda irra caalu isaaf kennuu keenya itti fufna. Akkasumas jaarmiyaa inni yeroo harʼaatti eebbisaa jiru deeggaruuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Kana hunda gochuudhaan, mirga Dhugaa Baatota isaa taanee tajaajiluuf arganneef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya! w19.11 25 key. 17-18
Jimaata, Amajjii 22
Namni anatti amanu hundi . . . hojii kana irra caalu ni hojjeta.—Yoh. 14:12.
Yesuus kana yommuu jedhu, akkuma isaa dinqii hojjenna jechuu isaa miti. Kanaa mannaa duuka buutonni isaa isa caalaa iddoowwan hedduutti, namoota baayʼeedhaaf, akkasumas yeroo dheeraadhaaf akka lallabanii fi akka barsiisan dubbachuu isaa ture. Hojii kan qabdu yoo taʼe, gaaffiiwwan kanneen of gaafadhu: ‘Bakka hojii kootti jabaadhee hojjechuudhaanan beekamaa? Hamman dandaʼe hojjechuudhaan hojii koo yeroodhaan nan fixaa?’ Gaaffiiwwan kanneen ‘eeyyee’ jettee yoo deebiste, namni si qacare si amanuun isaa hin oolu. Namoonni bakka hojii kee jiranis misiraachicha dhaggeeffachuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼu. Hojii lallabuu fi barsiisuu wajjin haala wal qabateenis gaaffiiwwan kanneen of gaafadhu: ‘Tajaajila irratti jabaadhee hojjechuudhaanan beekamaa? Dhugaa baʼuudhaaf sirriitti nan qophaaʼaa? Namoota fedhii qaban dafee deebiʼee nan gaafadhaa? Gosawwan tajaajilaa adda addaa irratti yeroo hunda nan hirmaadhaa?’ Gaaffiiwwan kanneen ‘eeyyee’ jettee kan deebistu yoo taʼe, tajaajila kee irraa gammachuu ni argatta. w19.12 5 key. 14-15
Sanbadduraa, Amajjii 23
Isin keessaa tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.—Efe. 5:33.
Abbaan manaa fi haati manaa ijoollee godhachuuf murteessan tokko gaaffiiwwan barbaachisoo lamaan kana irratti mariʼachuun isaanii gaarii dha: Tokkoffaa, ijoollee godhachuu kan barbaadan yoomi? Lammaffaa, ijoollee meeqa godhachuu barbaadu? Hiriyoonni gaaʼelaa tokko marii akkasii gochuuf yeroon gaarii taʼe yoomi? Wantoonni lamaan kun baayʼee barbaachisoo kan taʼan hoo maaliifi? Yeroo baayʼee gaaʼela godhachuu isaanii dura waaʼee ijoollee godhachuu mariʼachuun isaanii gaarii dha. Maaliif? Sababiin inni tokko dhimma kana ilaalchisee lamaan isaanii iyyuu ilaalcha wal fakkaatu qabaachuun isaanii barbaachisaa dha. Kana malees, itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼoo taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti yaaduun isaan barbaachisa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko warra taʼuun yeroo fi humna hedduu waan fudhatuuf, ijoollee godhachuu isaanii dura erga wal fuudhanii booda yoo xinnaate waggaa tokko ykn lama turuuf murteessaniiru. Sababiin isaas kana gochuun isaanii akka hiriyoota gaaʼelaatti waliin jiraachuutti baruuf yeroo akka argatanii fi akka walitti dhihaatan isaan gargaara. w19.12 23 key. 4-5
Dilbata, Amajjii 24
Michuu dhugaan . . . obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.
Addunyaa mara irratti tajaajiltoota Yihowaa hedduu haalawwan nama dhiphisanii fi nama gaddisiisantu isaan mudata. Kiristiyaanonni tokko tokko dhukkuba cimaa wajjin walʼaansoo godhu, ykn immoo nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin kan kaʼe ni gaddu. Warri kaan immoo miseensi maatii isaanii ykn michuun isaanii tokko dhugaa waan dhiiseef gaddi guddaan isaanitti dhagaʼama. Miidhaa sababii balaawwan uumamaatiin gaʼu wajjin walʼaansoo gochaa kan jiranis jiru. Obboloonnii fi obboleettonni kun hundi jajjabinni isaan barbaachisa. Maarree, isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Michoota amanamoo isaaniif taʼuudhaani. Michoonni amanamoon obbolootaa fi obboleettota isaanii deeggaruuf aarsaa ni kaffalu. Fakkeenyaaf, obboleessi Piitar jedhamu dhukkuba cimaa duʼaaf nama saaxiluu dandaʼuun akka qabame itti himame. Haati manaa isaa Kaatriin akkana jetteetti: “Hiriyoonni gaaʼelaa gumii keenya keessa jiran tokko bakka waaʼee dhukkuba Piitar itti dhageenyeetti nu geessan. Haala rakkisaa kana akka dandamannu nu gargaaruuf yeruma sana kan murteessan siʼa taʼu, yeroo isaan barbaannu hundattis nu wajjin turan.” Michoota dhugaa rakkinoota keenya akka dandamannu nu gargaaran qabaachuun baayʼee nama jajjabeessa! w20.01 8 key. 1; 9 key. 5; 10 key. 6
Wiixata, Amajjii 25
Hundi isaanii iyyuu hafuura qulqulluudhaan guutaman; . . . qooqa [adda addaatiinis] dubbachuu jalqaban.—HoE. 2:4.
Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti barattoota kutaa gamoo irra jiru keessatti walitti qabaman keessaa tokko utuu taatee, hafuura qulqulluudhaan akka dibamte matumaa hin shakkitu. (HoE. 2:5-12) Haa taʼu malee, namoonni hafuura qulqulluudhaan dibaman hundi karaa dinqisiisaa taʼe tokkoon dibamuu? Jireenya isaanii keessatti hoo yeroo wal fakkaatutti dibamuu? Lakki. Mee yeroo itti namni tokko dibamuu dandaʼu haa ilaallu. Guyyaa sana hafuura qulqulluudhaan kan dibaman Kiristiyaanota 120 sana qofa hin turre. Gaafuma sana xinnoo turee namoonni gara 3000 taʼan hafuura qulqulluu Yesuus abdachiise argataniiru. Isaan kan dibaman yommuu cuuphamanitti ture. (HoE. 2:37, 38, 41) Haa taʼu malee, waggoota sana booda turanitti yommuu cuuphaman kan dibaman Kiristiyaanota hunda hin turre. Warri Samaariyaa kan dibaman erga cuuphamanii yeroo muraasa booda ture. (HoE. 8:14-17) Kana irraa haala adda taʼeen immoo Qorneelewosii fi maatiin isaa kan dibaman cuuphamuu isaanii dura dha.—HoE. 10:44-48. w20.01 20-21 key. 2-4
Kibxata, Amajjii 26
Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.
Yesuus Wangeelota arfan keessatti qofa Yihowaa ibsuuf jecha “Abbaa” jedhutti gara siʼa 165 fayyadameera. Yesuus waaʼee Yihowaa baayʼinaan kan dubbate maaliifi? Sababiin inni tokko namoonni Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa akka amananiifi. (Yoh. 17:25) Mee akkaataa itti Yihowaan Ilma isaa Yesuusiin qabe irraa waaʼee Yihowaa maal akka barannu haa ilaallu. Yihowaan yeroo hunda kadhannaa Yesuus ni dhagaʼa ture. Inni kadhannaa Yesuus dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis isaa kenneera. (Yoh. 11:41, 42) Yesuus rakkinni akkamii iyyuu yoo isa mudate jaalalaa fi deeggarsa Abbaa isaa akka argatu beeka ture. (Luq. 22:42, 43) Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, Yesuus deeggarsa Abbaa isaa akka qabu akka beeku godheera. (Mat. 26:53; Yoh. 8:16) Yihowaan miidhaa hunda irraa Yesuusiin kan hin eegne taʼus, rakkoowwan akka dandamatu isa gargaareera. Yesuus miidhaan isa irra gaʼu kam iyyuu yeroodhaaf qofa akka turu mirkanaaʼaa ture. (Ibr. 12:2) Yihowaan isa dhaggeeffachuudhaan, wanta isa barbaachisu isaaf kennuudhaan, isa leenjisuu fi isa deeggaruudhaan Yesuusiif akka yaadu argisiiseera.—Yoh. 5:20; 8:28. w20.02 3 key. 6-7, 9
Roobii, Amajjii 27
Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa. . . . Gumii Waaqayyootti gufuu taʼuu irraa of qusadhaa.—1 Qor. 10:31, 32.
Aadaa ykn barsiifata tokko irratti hirmaachuuf yommuu murteessinu, murtoon keenya qalbii warra kaanii, keessumaa immoo Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaduu qabna. Matumaa nama tokko iyyuu gufachiisuu hin barbaannu! (Mar. 9:42) Akkasumas taʼe jennee namoota Dhugaa Baatota hin taane aarsuu hin barbaannu. Jaalalli karaa kabaja qabuun akka isaanitti dubbannu nu kakaasa; kun immoo Yihowaadhaaf ulfina fida. Matumaa namootaa wajjin wal falmuu ykn barsiifata isaanii ceephaʼuu hin qabnu. Jaalalli humna guddaa akka qabu yaadadhaa! Akka namaaf yaadnuu fi akka nama kabajnu karaa argisiisuun yommuu ibsinu, garaan mormitootaa illee akka nuuf laafu gochuu ni dandeenya. Hawaasni naannoo kee jiru Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee akka beeku godhi. (Isa. 43:10) Firoonnii fi ollaawwan kee Yihowaa akka waaqeffattu kan beekan yoo taʼe, haalawwan nama aarsuu dandaʼaniif karaa salphaa taʼeen furmaata kennuun siif salphachuu dandaʼa. Nutis dhugaa jiru deggeruuf ejjennoo fudhannetti matumaa qaanaʼuu hin qabnu.—Rom. 1:16. w19.04 17-18 key. 14-16
Kamisa, Amajjii 28
Ani . . . ergamoota hundumaatii gad kanan taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun kan naaf hin malle dha.—1 Qor. 15:9.
Ergamoonni 12n yeroo Yesuus lafa irratti tajaajilaa turetti isa duukaa buʼaniiru; Phaawulos ergamaan garuu hamma Yesuus duʼee duʼaa kaʼutti Kiristiyaana hin taane. Phaawulos yeroo booda “namoota saba Waaqayyoo hin taaneef ergamaa” taʼee kan muudame taʼus, ergamoota 12n keessaa tokko taʼuuf mirga hin arganne. (Rom. 11:13; HoE. 1:21-26) Phaawulos namoota 12n kanattis taʼe michummaa cimaa isaan Yesuus wajjin qabanitti hinaafuu mannaa wanta qabutti gammadee jiraateera. Wanta qabnutti kan gammannuu fi kan gad of qabnu yoo taane nutis akka Phaawulos taʼuu ni dandeenya, akkasumas aangoo Yihowaan warra kaaniif kenne akka kabajnu argisiisna. (HoE. 21:20-26) Yihowaan dhiironni muudaman gumii Kiristiyaanaa keessatti dursa fudhatanii akka geggeessan qophii godheera. Isaan mudaa kan qaban taʼanis, Yihowaan ‘dhiirota kennaa taʼan’ akka taʼanitti isaan ilaala. (Efe. 4:8, 11) Dhiirota muudaman kana yommuu kabajnuu fi qajeelfama isaan nuuf kennan gad of qabuudhaan yommuu hordofnu Yihowaatti maxxannee jiraanna, akkasumas obboloota keenya wajjin nagaa qabaanna. w20.02 17 key. 13-14
Jimaata, Amajjii 29
Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.—1 Yoh. 4:19.
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu kee dura iyyuu Kitaaba Qulqulluudhaaf dinqisiifannaa guddaa horattee taʼuu dandaʼa. Yesuusiifis jaalala horattee taʼuu dandaʼa. Amma Dhugaa Baatota Yihowaa waan beekteef isaanii wajjin hariiroo uumuu barbaadda taʼa. Haa taʼu malee, wantoota gaggaarii kana jaallachuun kee qofti Yihowaadhaaf akka of murteessituu fi akka cuuphamtu si kakaasuu dhiisuu dandaʼu. Wanti cuuphamuuf si kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabdu dha. Wanta hundumaa caalaa Yihowaa kan jaallattu yoo taʼe, wanti kam iyyuu ykn namni kam iyyuu isa tajaajiluu akka si dhoowwu hin heyyamtu. Jaalala Yihowaadhaaf qabdu balbala gara cuuphaatti si geessuu fi wanta Yihowaa tajaajiluu kee itti fufuuf si gargaaru akka taʼetti ilaaluu dandeessa. Yesuus garaa keenya guutuudhaan, lubbuu keenya guutuudhaan, sammuu keenya guutuudhaan, akkasumas humna keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu akka qabnu dubbateera. (Mar. 12:30) Hamma kana Yihowaa jaallachuu fi kabajuu barachuu kan dandeessu akkamitti? Jaalala Yihowaan nuuf qabu irratti xiinxaluun keenya nutis deebisnee isa jaallachuuf nu kakaasa. w20.03 4 key. 4-5
Sanbadduraa, Amajjii 30
Tajaajila kee guutummaatti raawwadhu.—2 Xim. 4:5.
Tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu jechuun maal jechuu dha? Salphaatti ibsuuf, hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hamma nuuf dandaʼame hirmaannaa guutuu gochuu jechuu dha. Taʼus, kana jechuun tajaajila irratti saʼaatii dheeraa dabarsuu jechuu qofa miti. Sababiin tajaajilaaf nu kakaasu Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Yihowaa fi namoota waan jaallannuuf tajaajila Kiristiyaanaa keenya lubbuu guutuudhaan raawwanna. (Mar. 12:30, 31; Qol. 3:23) Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun, jabinaa fi humna keenya hamma dandeenye tajaajila isaa raawwachuuf itti fayyadamuudhaan of kennuu jechuu dha. Mirga hojii lallabaa hojjechuuf arganne yommuu dinqisiifannu, hamma nuuf dandaʼame misiraachicha namoota hedduutti himna. Haaluma wal fakkaatuun, yeroon hojii lallabaa irratti dabarsuu dandeessu xiqqoo taʼuu dandaʼa. Taʼus, wanti ati hojjechuu jaallattu kana dha. Kanaafuu, misiraachicha karaa garaa namootaa tuquun dhiheessuuf dandeettii keenya fooyyessuu irratti carraaqqii goona. Akkasumas hojii lallabaatiif dursa kennina. w19.04 2 key. 3; 3 key. 4, 6
Dilbata, Amajjii 31
Dhugaan isa keessa [hin jiru].—Yoh. 8:44.
Sobawwan Seexanaa gaddii fi dhiphinni ilmaan namootaa akka itti caalu godhaniiru. Warri mucaa isaanii duʼaan dhabaniif gaddaa jiran, Waaqayyo mucaa isaanii tarii samii irratti maleekaa godhachuuf akka fudhate isaanitti himama taʼa. Sobni Seexanaa kun gaddi isaanii akka hirʼatu moo akka itti caalu godha? Barumsi sobaa ibidda qilillee, namoota barumsa mana sagadaa morman muka irratti fannisanii gubuu dabalatee, namoota dhiphisuun sirrii akka taʼe argisiisuuf itti hojjetamaa tureera. Kitaabni waaʼee dhaddacha Ispaanish Inkwizishin jedhamuu ibsu akka jedhetti, namoonni gocha gara jabinaa kana raawwatan kana kan godhan, mormitoonni, “ibidda qilillee keessatti bara baraaf gubachuun maal akka fakkaatu ilaaluudhaan” duʼuu isaanii dura yaada akka geddaratanii fi ibidda qilillee irraa akka oolan yaaduudhaan akka taʼe amanu. Biyyoota hedduu keessatti namoonni abbootii isaanii duʼan waaqeffachuuf, kabajuuf ykn eebba isaanii argachuuf dirqamni akka isaan irra jiru isaanitti dhagaʼama. Warri kaan immoo adaba tokko tokko irraa ooluuf abbootii isaanii duʼan gammachiisuu barbaadu. Kan nama gaddisiisu garuu, amantiiwwan soba Seexanaa irratti hundaaʼan jajjabina dhugaa hin argamsiisan. Kanaa mannaa, dhiphinaa fi sodaa hin barbaachisne uumu. w19.04 14 key. 1; 16 key. 10