LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es21 ful. 77-87
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Hagayya 1
  • Wiixata, Hagayya 2
  • Kibxata, Hagayya 3
  • Roobii, Hagayya 4
  • Kamisa, Hagayya 5
  • Jimaata, Hagayya 6
  • Sanbadduraa, Hagayya 7
  • Dilbata, Hagayya 8
  • Wiixata, Hagayya 9
  • Kibxata, Hagayya 10
  • Roobii, Hagayya 11
  • Kamisa, Hagayya 12
  • Jimaata, Hagayya 13
  • Sanbadduraa, Hagayya 14
  • Dilbata, Hagayya 15
  • Wiixata, Hagayya 16
  • Kibxata, Hagayya 17
  • Roobii, Hagayya 18
  • Kamisa, Hagayya 19
  • Jimaata, Hagayya 20
  • Sanbadduraa, Hagayya 21
  • Dilbata, Hagayya 22
  • Wiixata, Hagayya 23
  • Kibxata, Hagayya 24
  • Roobii, Hagayya 25
  • Kamisa, Hagayya 26
  • Jimaata, Hagayya 27
  • Sanbadduraa, Hagayya 28
  • Dilbata, Hagayya 29
  • Wiixata, Hagayya 30
  • Kibxata, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2021
es21 ful. 77-87

Hagayya

Dilbata, Hagayya 1

Inni na erge sun anaa wajjin jira; . . . inni kophaatti na hin dhiisu.—Yoh. 8:29.

Yesuus Abbaa isaa gammachiisaa akka jiru waan beekuuf, yeroo ariʼatamni isa irra gaʼaa turetti illee nagaa qaba ture. Yeroo kana gochuun ulfaataa isaaf turetti illee ajajameera. Abbaa isaa jaallateera, akkasumas guutummaan jireenya isaa Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godheera. Gara lafaa dhufuu isaa dura “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee Waaqayyoof hojjechaa ture. (Fak. 8:30, NW) Yeroo lafa irra turettis waaʼee Abbaa isaa hinaaffaadhaan warra kaan barsiiseera. (Mat. 6:9; Yoh. 5:17) Hojiin kun Yesuusiif gammachuu guddaa argamsiiseera. (Yoh. 4:34-36) Yihowaadhaaf ajajamuu fi ‘yeroo hunda hojiin Gooftaa akka nuuf baayʼatu’ gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. (1 Qor. 15:58) Hojii lallabaatiin yommuu ‘guutummaatti qabamnu,’ rakkina keenyaaf caalaatti ilaalcha sirrii taʼe qabaachuu dandeenya. (HoE. 18:5) Fakkeenyaaf, namoonni tajaajila irratti argannu, rakkina isa kan keenya caalu akka qaban yeroo baayʼee ni hubanna. Taʼus, Yihowaa jaallachuu yommuu baratanii fi gorsa isaa yommuu hojii irra oolchan jireenyi isaanii ni fooyyaʼa, akkasumas gammachuu argatu. Yeroo kana arginu hundatti, Yihowaan akka nuuf yaadu amanannaan isa irratti qabnu ni dabala. w19.04 10-11 key. 8-9

Wiixata, Hagayya 2

Namoonni gargaarsa jinniitiin waa hojjetan hedduun, kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban.—HoE. 19:19.

Namoonni kun hafuurota hamoo mormuudhaaf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Kitaabonni kun qarshii hedduu baasu turan. Haa taʼu malee, kitaabota kana namootaaf kennuu ykn warra kaanitti gurguruu mannaa, ni guban. Isaan qarshii kitaabonni sun isaaniif argamsiisan caalaa Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffatanii turan. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa kana akkamitti hordofuu dandeenya? Wantoota gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatan kan qabnu yoo taʼe guutummaatti balleessuun keenya ogummaa dha. Kunis kudhaama, faayaawwan ykn miʼawwan kan biroo namoonni hafuurota hamoo irraa ittiin of eeguuf godhatan ykn mana keessa kaawwatan dabalata. (1 Qor. 10:21) Bohaartii keessan of eeggannoodhaan qoraa. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Wanta ani itti bohaaru keessaa gocha hafuurota hamoo wajjin kan wal qabate jiraa?’ Bohaartii keessan yommuu gamaaggamtan filannoon gootan wanta Yihowaan jibbu irraa fagaachuuf kan isin gargaaru taʼuu isaa mirkaneessaa. Waaqayyo duratti ‘qalbii qulqulluu qabaannee’ jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu barbaanna.—HoE. 24:16. w19.04 22-23 key. 10-12

Kibxata, Hagayya 3

Jaarsolii . . . ofitti haa waammatu.—Yaq. 5:14.

Jaarsoliin cubbuu cimaan akka raawwatame yommuu dhagaʼan wanti hedduun isaan yaaddessa. Maqaan Waaqayyoo qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuun hunda caalaa isaan yaaddessa. (Lew. 22:31, 32; Mat. 6:9) Kana malees, nageenyi hafuuraa obbolootaa fi obboleettota isaanii gumii keessa jiranii baayʼee kan isaan yaaddessu siʼa taʼu, namoota cubbuu cimaan isaan irratti raawwatame kam iyyuu gargaaruu barbaadu. Kana malees, namni cubbuu raawwate sun kutaa gumii yoo taʼe, jaarsoliin kan dandaʼamu taanaan, hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebisee akka sirreessu gargaaruuf yaalii godhu. (Yaq. 5:14, 15) Kiristiyaanni fedhii dogoggoraatiif moʼamee cubbuu cimaa raawwatu tokko karaa hafuuraa dhukkubsataa dha. Kana jechuun sana booda Yihowaa wajjin hariiroo gaarii hin qabu jechuu dha. Karaa biraatiin, jaarsoliin doktaroota hafuuraati jechuu dha. Isaan ‘dhukkubsataa sana [nama cubbuu raawwate sana] fayyisuuf’ yaalii godhu. Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii gorsi isaan kennan hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu akka deebifatu gargaaruu dandaʼa, taʼus kun kan dandaʼamu namni sun dhugumaan yoo yaada geddarate qofa dha.—HoE. 3:19; 2 Qor. 2:5-10. w19.05 10 key. 10-11

Roobii, Hagayya 4

Waaqayyo . . . fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.—Filp. 2:13.

Yihowaan fedhii akka qabaannu nu taasisa. Tarii gumii keessatti gargaarsi akka barbaachisu hubachuu dandeenya. Kunis, ‘Ani gargaarsa gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee akka of gaafannu nu gochuu dandaʼa. Yookiin hojii ulfaataa tokko akka hojjennu kan nuu kenname taʼus, hojicha sirriitti hojjechuu fi dhiisuun keenya nu yaaddessa taʼa. Yookiin immoo Dubbii Waaqayyoo irraa caqasoota muraasa erga dubbisnee booda, ‘Yaada Kitaaba Qulqulluu kana hojii irra oolchuudhaan warra kaan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ gaaffiin jedhu nutti uumamuu dandaʼa. Yihowaan waaʼee wantoota gochuu dandeenyuu yaadaa akka jirru yommuu argu, wanta yaadne sana raawwachuuf fedhii akka qabaannu nu gargaara. Kana malees, Yihowaan humna hojiidhaaf nu barbaachisu nuu kennuu dandaʼa. (Isa. 40:29) Inni hafuura qulqulluu isaatiin dandeettii uumamaa keenya akka guddifannu gochuu dandaʼa. (Bau. 35:30-35) Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa hojiiwwan tokko tokko akkamitti hojjechuu akka dandeenyu nu barsiisa. Hojiin tokko akkamitti akka hojjetamu mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte gargaarsa gaafadhu. Akkasumas, Abbaan keenya inni arjaa taʼe ‘humna humna caalu’ akka sii kennu yeroo kamitti iyyuu isa gaafachuu dandeessa.—2 Qor. 4:7; Luq. 11:13. w19.10 21 key. 3-4

Kamisa, Hagayya 5

Namoonni kan of jaallatan [taʼu].—2 Xim. 3:2.

Addunyaan namoonni ofii isaaniitiif garmalee iddoo guddaa akka kennan jajjabeessa. Kitaabni tokko, baroota 1970mman keessa, “kitaabonni jireenya keessatti milkaaʼina argachuu ilaalchisee gorsa kennan baayʼatanii akka turan” ibseera. Kitaabonni tokko tokko “namoonni dubbisan ofii isaanii akka beekanii fi kanas amananii akka fudhatan, akkasumas eenyummaa isaaniitiif iddoo guddaa akka kennan gorsu turan.” Fakkeenyaaf yaada kitaabota akkasii keessaa isa tokko irratti ibsame haa ilaallu: “Ati nama hundumaa caalaa bareedaa fi dinqisiisaa hamma ammaatti jiraatee hin beekne waan taateef of jaalladhu.” Kitaabni kun, “namni tokko amantii ofii isaa akka qabaatu, jechuunis qalbii ofii isaa fi seera aadaa isaa kan isaaf taʼu irratti hundaaʼee amala akkamii argisiisuu akka qabu akka murteeffatu” jajjabeessa. Yaada akkanaa kanaan dura dhageessee beektaa? Seexanni Hewaaniin kan jajjabeesse wantuma kana fakkaatu akka gootu ture. Ishiin, ‘hamaa fi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taʼuu’ akka dandeessu dubbateera. (Uma. 3:5) Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen, namni kam iyyuu darbees Waaqayyo illee wanta sirrii fi dogoggora taʼe isaanitti himuu akka hin dandeenyetti ilaaluudhaan waaʼee ofii isaanii hunda irra caalchisanii yaadu. Fakkeenyaaf, yaadni akkasii ilaalcha namoonni gaaʼelaaf qaban irratti caalaatti ni mulʼata. w19.05 23 key. 10-11

Jimaata, Hagayya 6

Dhiphadheera, akka malees gaddeera; guyyaa guutuu gaddaan asii fi achi nan joora.—Far. 38:6.

Daawit Mootichi dhiphinaan yeroo itti moʼame qaba ture. Mee rakkoowwan isa mudatanii turan yaadaa. Dogoggora hedduu raawwateen kan kaʼe, miirri balleessaa guddaan isatti dhagaʼamee ture. (Far. 40:12) Ilmi isaa kan inni jaallatu Abiishaalom fincila kan isa irratti kaase siʼa taʼu, kunis Abiishaalom akka ajjeeffamu taasiseera. (2 Sam. 15:13, 14; 18:33) Michuun isaa inni baayʼee isatti dhihaatu tokkos isa ganeera. (2 Sam. 16:23–17:2; Far. 55:12-14) Faarfannaawwan Daawit barreesse hedduun, abdii kutannaa isatti dhagaʼamee fi amanannaa cimaa inni Yihowaa irratti qabu kan ibsani dha. (Far. 38:5-10; 94:17-19) Yeroo booda immoo, faarfataan tokko akkaataa jireenyaa namoota hamoo taʼanitti hinaafuu jalqabee ture. Faarfataan kun sanyii Asaaf Leewwichaa taʼuu kan hin oolle siʼa taʼu, inni “mana qulqullummaa Waaqayyoo isa guddaa” keessa tajaajileera. Faarfatichi dhiphinni miiraa isa irra gaʼe kun gammachuu akka dhabuu fi abdii akka kutatu isa godhee ture. Eebba Waaqa tajaajiluun argamsiisu illee shakkuu jalqabee ture.—Far. 73:2-5, 7, 12-14, 16, 17, 21. w19.06 17 key. 12-13

Sanbadduraa, Hagayya 7

Nuti akeeka [Seexanaa] beekna.—2 Qor. 2:11.

Seexanni wanta fedhii uumamaa keenya hawwatu nuuf dhiheessa. Ogummaa wanta ofii keenyaa fi maatii keenyaaf nu barbaachisu guuttachuuf nu gargaaru barachuuf fedhii uumamaa qabna. (1 Xim. 5:8) Ogummaa akkasii yeroo baayʼee mana barumsaa dhaquu fi jabaannee barachuudhaan arganna. Haa taʼu malee, of eeggannoo gochuu qabna. Sirni barumsaa biyyoota hedduu ogummaa qofa utuu hin taʼin, falaasama namootaas ni barsiisa. Barattoonni, Waaqayyo jiraachuu isaa akka shakkanii fi Kitaaba Qulqulluu akka tuffatan jajjabeeffamu. Jireenyi eessaa akka dhufe sirriitti kan ibsu barumsa jijjiirama tirannaa qofa akka taʼe isaanitti himama. (Rom. 1:21-23) Barumsawwan akkasii ‘ogummaa Waaqayyootiin’ mormu. (1 Qor. 1:19-21; 3:18-20) “Falaasamaa fi gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabne” isa addunyaan Seexanaa dhiheessuun matumaa akka hin boojiʼamne murteessaa. (Qol. 2:8) Yeroo hunda tooftaa Seexanaa irraa of eeggachuu keessan itti fufaa. (1 Qor. 3:18) Ilaalchi Yihowaadhaaf qabdan akka isin jalaa dimimmisu akka inni godhu isaaf hin heyyaminaa. Ulaagaawwan naamusaa Yihowaa warra sadarkaa ol aanaa qabaniin jiraadhaa. Akkasumas Seexanni gorsa Yihowaa salphistanii akka ilaaltan akka isin gowwoomsu hin heyyaminaa. w19.06 5 key. 13; 7 key. 17

Dilbata, Hagayya 8

Wanta ani isin ajaje hunda akka [eegan] isaan barsiisaa.—Mat. 28:20.

Mata dureen irratti mariʼachuuf filattan maal iyyuu yoo taʼe, waaʼee namoota isin dhaggeeffatanii yaadaa. Wanta Kitaabni Qulqulluun dhugumaan barsiisu barachuun isaanii hangam akka isaan fayyadu yaadaa. Yeroo isaanii wajjin dubbattan, isaan dhaggeeffachuu fi ilaalcha isaanii kabajuun baayʼee barbaachisaa dha. Akkas kan gootan yoo taʼe, caalaatti isaan hubattu, isaanis caalaatti isin dhaggeeffachuu dandaʼu. Namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteessuu isaa dura, deddeebii gaaffii gochuuf yeroo fi carraaqqii hedduu isin gaafachuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas namoota yeroo deebinee isaan gaafannutti argachuu dhiisuu dandeenya. Akkasumas namni tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabuudhaaf fedhii qabaachuu isaa dura, yeroo hedduu deddeebitanii gaafachuun isin barbaachisuu dandaʼa. Biqiltuun tokko caalaatti kan guddatu irra deddeebiʼamee yoo bishaan obaafame akka taʼe yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun, namni fedhii qabu tokko jaalalli inni Yihowaa fi Kiristoosiif qabu caalaatti guddachuu kan dandaʼu, nama sanaa wajjin irra deddeebinee Dubbii Waaqayyoo irratti kan mariʼannu yoo taʼe dha. w19.07 14 key. 1; 15-16 key. 7-8

Wiixata, Hagayya 9

Sababii Ilma namaatiin yommuu namoonni isin jibban, yommuu of gidduudhaa isin baasan, yommuu isin arrabsanii fi yommuu hamoota akka taatan godhanii maqaa keessan balleessan gammadaa.—Luq. 6:22.

Yesuus yommuu akkas jedhu maal jechuu isaa ture? Yesuus Kiristiyaanonni jibbamuun isaanii isaan gammachiisa jechuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, wanta nu irra gaʼuu dandaʼu nu akeekkachiisuu isaa ture. Nuti kutaa addunyaa miti. Akka barumsa Yesuusitti jiraanna, akkasumas ergaa inni lallabe lallabna. Kanaan kan kaʼes, addunyaan nu jibba. (Yoh. 15:18-21) Nuti Yihowaa gammachiisuu barbaanna. Abbaa keenya jaallachuu keenyaan kan kaʼe namoonni yoo nu jibban, rakkinni isaa kan isaanii ti. Gatii qabaachuun keenya namoota hedduu biratti fudhatama argachuu irratti akka hundaaʼe goonee yaaduudhaan dogoggora raawwachuu hin qabnu. Waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti ariʼatamni cimaan ykn dhorkaan yoom akka gaʼu hin beeknu. Haa taʼu malee, yeroo ammaatti hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu, ija jabina keenya guddifachuu fi jibba namootaa dandamachuu barachuudhaan qophaaʼuu akka dandeenyu ni beekna. Qophiin yeroo ammaatti goonu gara fuulduraatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. w19.07 6 key. 17-18; 7 key. 21

Kibxata, Hagayya 10

Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiru . . . amanuu qaba.—Ibr. 11:6.

Namoota amantii akka hin qabne dubbatan yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu, Waaqayyo jiraachuu isaa irratti amantii qaban akka guddifatan gargaaruu keenya itti fufuu qabna. Amantii Kitaaba Qulqulluu irratti qaban akka guddifatan isaan gargaaruun keenyas barbaachisa dha. Kun immoo qabxiiwwan tokko tokko al hedduu irra deddeebinee dubbachuu nu gaafachuu dandaʼa. Yeroo qoʼannaa geggeessinu hundatti, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamuu isaanii, gama saayinsii fi seenaatiin sirrii taʼuu isaa ykn ogummaa hojii irra ooluu dandaʼu qabaachuu isaa ibsuudhaan, ragaa Kitaabni Qulqulluu Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa argisiisu irratti mariʼachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Namoonni amantii qabaatanis qabaachuu baatanis, jaalala isaanitti argisiisuudhaan barattoota Kiristoos akka taʼan isaan gargaaruu ni dandeenya. (1 Qor. 13:1) Yeroo isaan barsiisnutti, galmi keenya Waaqayyo akka nu jaallatuu fi nutis akka isa jaallannu akka barbaadu isaan hubachiisuu dha. Namoonni duraan amantiidhaaf fedhii xinnoo qaban ykn homaa fedhii hin qabne, jaalala Waaqayyoof qaban waan guddifataniif namoonni kumaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan ni cuuphamu. Kanaafuu, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan, namoota hundumaaf jaalala akka qabdan argisiisaa, akkasumas xiyyeeffannaa isaaniif kennaa. Isaan dhaggeeffadhaa. Isaan hubachuuf yaalii godhaa. Fakkeenya isaaniif taʼuudhaan barattoota Kiristoos akka taʼan isaan barsiisaa. w19.07 24 key. 16-17

Roobii, Hagayya 11

Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.—Ibr. 13:16.

Intaloonni Shaalum namoota Yihowaan dallaa Yerusaalem suphuuf itti fayyadame keessaa tokko turan. (Nah. 2:20; 3:12) Abbaan isaanii bulchaa kan ture taʼus, intaloonni Shaalum hojii ulfaataa fi balaadhaaf nama saaxilu kana hojjechuuf fedhii qabu turan. (Nah. 4:15-18) Yeroo harʼaattis obboleettonni fedhii qaban gosa tajaajila qulqulluu adda taʼe, jechuunis galmawwan Yihowaadhaaf murteeffaman ijaaruu fi suphuu irratti gargaarsa gochuun isaan gammachiisa. Dandeettiin, hamileenii fi amanamummaan isaanii milkaaʼina hojichaatiif baayʼee barbaachisaa dha. Yihowaan Xaabiitaan keessumaa dubartoota abbootiin manaa irraa duʼaniif ‘hojiiwwan gaggaarii hedduu akka hojjettuu fi hiyyeeyyii akka gargaartu’ ishii kakaaseera. (HoE. 9:36) Arjummaa fi gaarummaa guddaa argisiisuudhaan waan beekamtuuf yeroo ishiin duutu namoonni hedduun gaddaniiru. Yommuu Pheexiros ergamaan duʼaa ishii kaasu garuu baayʼee gammadan. (HoE. 9:39-41) Xaabiitaa irraa maal baranna? Dargaggoonnis taane maanguddoonni ykn dhiironnis taane dubartoonni, hundi keenya obbolootaa fi obboleettota keenyaaf gargaarsa qabatamaa gochuu dandeenya. w19.10 23 key. 11-12

Kamisa, Hagayya 12

Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastanii beekuudhaan . . . mudaa kan hin qabne akka taatanii fi warra kaan akka hin gufachiisneefi.—Filp. 1:10.

Nama tokko gufachiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haala kanatti aanee jiru ilaalaa. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo dheeraadhaaf walʼaansoo cimaa erga godhee booda araada dhugaatii alkoolii isaa toʼachuu dandaʼe haa jennu. Barataan kun guutummaatti dhugaatii alkoolii irraa fagaachuu akka qabu hubateera. Achiis guddina ariifachiisaa gochuudhaan cuuphame. Yeroo booda obboleessi tokko affeerraa tokko irratti akka argamu isa affeeree dhugaatii alkoolii itti kennuudhaan akkana jedheen: “Kan of toʼattu yoo taate xinnoo dhuguu dandaʼuu qabda.” Obboleessi haaraan kun gorsa dogoggoraa kana dhagaʼuudhaan deebiʼee araada dhugaatii alkooliitiin yoo qabame baayʼee nama gaddisiisa! Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya gorsa caqasa guyyaa harʼaa irratti kenname karaawwan hedduudhaan hojii irra akka oolchinu nu gargaaru. Wanti Yihowaan caalaatti barbaachisaa akka taʼetti ilaalu maal akka taʼee fi mudaa kan hin qabne taʼuuf wanta baranne akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu nu yaadachiisu. Akkasumas Waaqayyoo fi obboloota keenya akka jaallannu nu jajjabeessu. Garaa keenya guutuudhaan Waaqayyoo fi obboloota keenya yommuu jaallannu, obboloota keenya gufachiisuu irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. w19.08 10 key. 9; 11 key. 13-14

Jimaata, Hagayya 13

Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, ergamoota hundumaatii gad kanan taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun kan naaf hin malle dha.—1 Qor. 15:9.

Namoonni ofitti amanannaa qabanii fi wanta isaanitti dhagaʼamu dubbatan ni kooru jechuu miti. (Yoh. 1:46, 47) Taʼus, salphaatti namatti kan dhihaannu taanus taʼuu baannus, hundi keenya kan gad of qabnu taʼuuf carraaqqii gochuu qabna. Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Yihowaan magaalota hedduu keessatti gumiiwwan haaraa hundeessuuf isatti fayyadameera. Ergamoota Yesuus Kiristoos kan biroo caalaa tajaajila irratti wanta baayʼee hojjeteera jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Phaawulos obboloota isaa irra akka caalu itti hin dhagaʼamne. Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu kan dandaʼe nama addaa waan taʼeef ykn wantoota hedduu waan raawwateef utuu hin taʼin, Waaqayyo gaarummaa guddaa waan isatti argisiiseef akka taʼe dubbateera. (1 Qor. 15:10) Phaawulos gad of qabuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko kan isa qeeqan taʼus, Kiristiyaanota Qorontos turaniif xalayaa yommuu barreessetti waaʼee ofii isaa of jajuudhaan hin dubbanne.—2 Qor. 10:10. w19.09 3 key. 5-6

Sanbadduraa, Hagayya 14

[Abbaadhaaf] fedhiidhaan bitamuudhaan jiraachuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii?—Ibr. 12:9.

Wanti Yihowaadhaaf bitamuun akka nutti ulfaatu godhu inni tokko hundi keenya cubbuu kan dhaallee fi mudaa kan qabnu taʼuu keenya dha. Kanaafuu, Waaqayyoof ajajamuu kan barbaannu yeroo hunda miti. Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti fincila erga kaasanii fi firii dhorkame irraa nyaatanii booda ulaagaa mataa isaanii baafatan. (Uma. 3:22) Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen Yihowaa dhiisuudhaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii isaaniitii murteeffachuuf filataniiru. Yihowaa kan beeknuu fi kan jaallannu taʼus guutummaatti isaaf bitamuuf walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Phaawulos ergamaa haalli akkasii isa mudatee ture. (Rom. 7:21-23) Akkuma Phaawulos nutis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu barbaanna. Haa taʼu malee, fedhii wanta dogoggoraa raawwachuuf qabnu yeroo hunda mormuu qabna. Sababiin Yihowaadhaaf bitamuun ulfaataa nutti taʼu inni biraan immoo, aadaan keessatti guddanne dhiibbaa kan nu irratti godhu taʼuu isaa ti. Yaadni namootaa hedduun fedhii Yihowaa wajjin wal faallessa, akkasumas akka namoonni yaadanitti yaaduu dhiisuun walʼaansoo gochuu gaafata. w19.09 15 key. 4-6

Dilbata, Hagayya 15

Dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni; . . . sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi.—Mar. 10:21.

Ilaalcha ni taʼa jedhu qabaachuu qabna. Tokkoon tokkoon keenya humni keenya daangaa akka qabu hubachuu nu barbaachisa. Kanaafuu, wanta goonu ilaalchisee of eeggannoo gochuu qabna. Fakkeenyaaf, qabeenya kuufachuuf yaaluudhaan humna keenya qisaasessuu dandeenya. Yesuus dargaggeessa sooressa, “Jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate tokkoof maal jedhee akka deebise hubadhaa. Wangeelli Maarqos Yesuus akka “isa jaallate” waan dubbatuuf namni kun nama gaarii taʼuu qaba. Yesuus geggeessaa dargaggeessa taʼe kanaaf affeeraa armaan olitti ibsame isaaf dhiheessee ture. Namni kun Yesuus duuka buʼuu barbaadee ture; taʼus, “qabeenya hedduu” qabu dhiisuu hin barbaanne. (Mar. 10:17-22) Kanaan kan kaʼes, waanjoo Yesuus baachuu dideera; kanaa mannaa “qabeenyaaf” bitamuu isaa itti fufeera. (Mat. 6:24) Utuu isin taʼee filannoo akkamii gootu turtan? Darbee darbee wantoota jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf irratti yaaduun keenya gaarii dha. Maaliifi? Sababiin isaas humna keenya ogummaadhaan itti fayyadamaa jiraachuu keenya mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. w19.09 24 key. 17-18

Wiixata, Hagayya 16

Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.

Hojiin lallabaa keenya hamma Yihowaan ni gaʼa jedhutti itti fufa. Namoonni waaʼee Yihowaa fi Yesuus Kiristoos beekuuf yeroo hammamiitu isaan hafa? (Yoh. 17:3) Nuti hin beeknu. Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura “warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” hundi misiraachicha fudhachuu dandaʼu. (HoE. 13:48) Maarree yeroon isaa utuu hin darbin namoota kana gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan karaa jaarmiyaa isaa wantoota namoota dhugaa barsiisuuf nu barbaachisan hunda nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, walgaʼii torbee gidduutti godhamu irratti torban torbaniin leenjii ni arganna. Walgaʼiin kun dhugaa baʼuu fi deddeebii gaaffii gochuuf maal jechuu akka qabnu beekuuf nu gargaara. Nama fedhii qabu tokko wajjin marii gaarii erga gootee booda tiraaktii ykn barruu tokko kan isaaf kennitu yoo taʼe, hamma ati deebitee isa argattutti qorannaa gochuu dandaʼa. Jiʼa jiʼaan hamma dandeenyu hojii lallabaatiin qabamuun itti gaafatamummaa dhuunfaa ti. w19.10 9 key. 7; 10 key. 9-10

Kibxata, Hagayya 17

Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.—Ibr. 13:16.

Yihowaan maanguddoon amanamaan Yerusaalem keessa jiraatuu fi Simiʼoon jedhamu duʼuu isaa dura Masiihicha akka argu waadaa galeefii ture. Simiʼoon waggoota hedduudhaaf Masiihicha eegaa waan tureef, waadaan Yihowaan galeef kun baayʼee isa jajjabeessee taʼuu qaba. Yihowaan amantii fi jabaatee dhaabbachuu isaatiif isa badhaaseera. Gaaf tokko “hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee” gara mana qulqullummaa dhufe. Achittis Yesuus isa daaʼima ture kan arge siʼa taʼu, Yihowaan waaʼee mucaa isa yeroo booda Kiristoos taʼu kanaa raajii dubbachuuf Simiʼoonitti fayyadameera. (Luq. 2:25-35) Simiʼoon Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa utuu hin jalqabin duʼee taʼuu dandaʼa; taʼus, mirga argateef dinqisiifannaa qaba ture, gara fuulduraattis wantoota gaggaarii hedduutu isa eeggata. Addunyaa haaraa keessatti namni amanamaan kun bulchiinsi Yesuus maatiiwwan lafa irra jiran hundaaf akkamitti eebba akka argamsiise ni arga. (Uma. 22:18) Nutis mirga Yihowaan tajaajila isaa keessatti nuu kenne kamiif iyyuu dinqisiifannaa qabaachuu dandeenya. w19.10 22 key. 7; 23 key. 12

Roobii, Hagayya 18

Wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu.—Fak. 4:23.

Qabeenyi qabnu baayʼees taʼe xinnoo, garaa keenya eeggachuu qabna. Akkamitti? Qabeenyaaf jaalala horachuu dhiisuudhaani. Akkasumas hojiin keessan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitan irra akka caalu heyyamuu dhiisuudhaan kana gochuu dandeessu. Haalli akkasii isin mudachaa jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beektu? Gaaffiiwwan kanatti aananii jiran of gaafachuu dandeessu: ‘Yommuun walgaʼii ykn tajaajila irra jirutti yeroo baayʼee waaʼee hojii koo nan yaadaa? Yeroo hunda waaʼee gara fuulduraatti qarshii gaʼaa argachuu nan yaaddaʼaa? Qarshii fi qabeenyi rakkina gaaʼela koo keessatti uumamuuf sababa taʼaa jiraa? Hojiin namoonni gad aanaa akka taʼetti ilaalan tokko Yihowaa tajaajiluu irratti yeroo dabalataa akkan dabarsu kan na taasisu yoo taʼe hojii kana hojjechuuf fedhii qabaa?’ (1 Xim. 6:9-12) Gaaffiiwwan kana irratti yommuu yaadnu Yihowaan akka nu jaallatuu fi waadaa warra isaaf of murteessaniif, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale haa yaadannu. Phaawulos ergamaanis, “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu,” jechuudhaan kan barreesse kanaafi.—Ibr. 13:5, 6. w19.10 29 key. 10

Kamisa, Hagayya 19

Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara.—Fak. 27:17.

Obboloota keenya wajjin yommuu hojjennuu fi amaloota gaggaarii isaan qaban yommuu arginu, isaan irraa barachuu dandeenya, akkasumas caalaatti isaanitti dhihaanna. Fakkeenyaaf, tajaajila irratti michuun kee wanta itti amanuuf ija jabinaan yommuu ragaa dhiheessu ykn waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa garaa guutuudhaan yommuu dubbatu yeroo dhageessu maaltu sitti dhagaʼama? Caalaatti isa jaallachuun kee hin oolu. Obboleettiin Aadeliin jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 23 taʼe naannoo tajaajilaa baayʼinaan hin hojjetamne deemanii akka tajaajilan michuu ishii Kaandis jedhamtu gaafatte. Akkana jetteetti: “Caalaatti hinaaffaadhaan lallabuu fi tajaajilatti gammaduu barbaannee turre. Lamaan keenya iyyuu jajjabinni nu barbaachisa ture.” Waliin hojjechuu isaaniitiin kan fayyadaman akkamitti ree? Aadeliin akkana jetteetti: “Galgala yeroo hunda miira nutti dhagaʼamu, marii goone ilaalchisee wanta nu tuqee fi qajeelfama Yihowaan tajaajila keenya irratti nuu kenne akkamitti akka hubanne waliin haasofna. Lamaan keenya iyyuu marii goonu kanatti baayʼee gammanna, akkasumas caalaatti wal baruu dandeenyeerra.” w19.11 5 key. 10-11

Jimaata, Hagayya 20

Gaachana amantii guddaa . . . kaasaa.—Efe. 6:16.

Bara duriitti loltuun tokko gaachana isaa dhiisee yoo gale akka salphate isatti dhagaʼama ture. Barreessaan seenaa Roomaa Taasiitas jedhamu, “Loltuun tokko gaachana isaa dhiisee yoo gale, kun salphina guddaa dha” jechuudhaan barreesseera. Kun sababii itti loltoonni gaachana isaanii jabeessanii qabachuun isaan barbaachisu keessaa isa tokko dha. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hunda argamuudhaan, akkasumas waaʼee maqaa Yihowaa fi Mootummaa isaa namootatti himuudhaan gaachana amantii keenya jabeessinee qabachuu dandeenya. (Ibr. 10:23-25) Kana malees, guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo ni dubbisna, akkasumas wanta inni jedhu hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru Yihowaa ni kadhanna. (2 Xim. 3:16, 17) Meeshaan Seexanni nu miidhuuf itti fayyadamu kam iyyuu, miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan gaʼuu hin dandaʼu. (Isa. 54:17) ‘Gaachanni amantii keenya inni guddaan’ eegumsa nuuf godha. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin harka walqabannee jabaannee ni dhaabbanna. Akkasumas, waraana guyyaa guyyaadhaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf goonu irratti ni injifanna. Hunda caalaa immoo, yommuu Yesuus waraana Seexanaa fi deeggartoota isaa wajjin godhu irratti mooʼicha argatu mirga isa cinaa dhaabbachuu arganna.—Mul. 17:14; 20:10. w19.11 19 key. 18-19

Sanbadduraa, Hagayya 21

Ani kanan abootu qilleensa rukutuuf miti.—1 Qor. 9:26.

Karoorri ifa taʼee fi barreeffamaan kaaʼame murtoo goote hojii irra oolchuuf si gargaaruu dandaʼa. (1 Qor. 14:40) Fakkeenyaaf, qaamni jaarsolii wanta murteeffame tokko kan raawwatu eenyu akka taʼee fi yoom xumuruu akka qaban dabalatee jaarsa murtoo qaamni jaarsolii godhe hunda galmeessu akka ramadan qajeelfamni isaaniif kennameera. Jaarsoliin qajeelfama kana hordofan murtoo isaanii raawwachuun isaaniif salphata. Dhimmoota dhuunfaa kee wajjin haala wal qabateenis wanta kanaa wajjin wal fakkaatu gochuuf yaaluu dandeessa. Fakkeenyaaf, wanta guyyaa guyyaadhaan hojjechuun si barbaachisu barreessuu fi wanta hojjettu tartiibaan kaaʼuu dandeessa. Kunis wanta jalqabde fiixaan baasuuf qofa utuu hin taʼin, yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf si gargaaruu dandaʼa. Taʼus carraaqqii gochuu si barbaachisa. Karoora baafatte hojii irra oolchuunii fi wanta jalqabde fiixaan baasuun carraaqqii gochuu gaafata. (Rom. 12:11) Phaawulos ergamaan, Ximotewos ‘carraaqqii gochuu isaa akka itti fufuu’ fi barsiisaa gaarii taʼuuf akka ‘cimu’ isa gorseera. Gorsi kun galmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateenis ni hojjeta.—1 Xim. 4:13, 16. w19.11 29-30 key. 15-16

Dilbata, Hagayya 22

Yihowaan Musee kan haasofsiisu, akkuma namni tokko nama kan biraa haasofsiisutti fuulaa fuulatti ture.—Bau. 33:11.

Museen saba Israaʼel garbummaa jalaa bilisa akka baasu yeroo gaafatametti ofitti amanannaa dhabee ture, akkasumas gaʼumsa akka hin qabne irra deddeebiʼee Yihowaatti himeera. Waaqayyo Museedhaaf gargaarsa isa barbaachisu isaaf gochuudhaan gara laafinaan deebii isaaf kenneera. (Bau. 4:10-16) Kanaan kan kaʼes, Museen ergaa murtii cimaa taʼe Faraʼoonitti himuu dandaʼeera. Museen Yihowaan yommuu humna isaatti fayyadamee Israaʼeloota oolchu, Faraʼoonii fi humna waraanaa isaa immoo yommuu Galaana Diimaa keessatti balleessu argeera. (Bau. 14:26-31; Far. 136:15) Museen Israaʼeloota Gibxii keessaa erga baasee booda, Israaʼeloonni yeroo baayʼee ni gungumu turan. Taʼus, Museen Yihowaan namoota garbummaa jalaa bilisa baase kanaa wajjin haala wal qabateen obsa guddaa argisiisuu isaa argeera. (Far. 78:40-43) Kana malees Museen, Yihowaan kadhannaa inni Israaʼeloota akka hin balleessineef dhiheesse dhagaʼee yaada isaa jijjiiruudhaan amala gad of qabuu yommuu argisiisu argeera. (Bau. 32:9-14) Israaʼeloonni Gibxiidhaa erga baʼanii booda, Museen akka waan Abbaa isaa isa samii ijaan arguutti hariiroon inni Yihowaa wajjin qabu baayʼee cimaa deemeera.—Ibr. 11:27. w19.12 17 key. 7-9

Wiixata, Hagayya 23

Inni . . . isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa; isin achitti isa ni argitu.—Mat. 28:7.

Barattoonni Yesuus baayʼeen isaanii namoota Galiilaa ti. Kanaafuu, mana dhuunfaa Yerusaalem keessatti argamu tokko irra gaara Galiilaa keessatti argamu irratti namoota hedduu walitti qabuutu salphata. Akkasumas Yesuus sana dura erga duʼaa kaʼee booda mana dhuunfaa Yerusaalemitti argamu tokko keessatti ergamoota isaa 11 wajjin wal argeera. Yesuus utuu barbaadee ergamoonni isaa, dubartoonni sunii fi warri kaan gara Galiilaa akka dhaqan isaan gaafachuu mannaa, akka lallabanii fi barattoota akka godhan Yerusaalemitti ergamoota isaa qofa ajajuu dandaʼa ture. (Luq. 24:33, 36) Yesuus barattoota akka godhan kan ajaje Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaatti jiraatan qofa hin turre. Akkamitti beekna? Yesuus qajeelfama duuka buutota isaatiif kenne kan xumure, “Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan ture. (Mat. 28:19, 20) Yeroo harʼaa namoonni hedduun barattoota gochaa jiru. Mee yaadi! Waggaa waggaadhaan namoonni gara 300,000 taʼan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii cuuphamu, akkasumas barattoota Yesuus Kiristoos taʼu! w20.01 2 key. 1; 3 key. 5-6

Kibxata, Hagayya 24

Yeroo dhiphannee turretti nu yaadate.—Far. 136:23.

Mee waaʼee haalawwan armaan gadii yaadi: Dargaggeessi tokko dhukkuba cimaa isa laaffisaa deemuun qabame. Obboleessi umuriin isaa dabalaa deeme tokko hojii argachuu hin dandeenye. Maanguddoon tokko sababa dullumaatiin tajaajila Yihowaa keessatti hamma kanaan duraa hojjechuu dadhaban. Atis haalli akkasii si mudateera yoo taʼe, kana booda homaa akka hin fayyadne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haalawwan akkasii gammachuu si dhabsiisuu, kabaja ofiif qabdu si jalaa balleessuu fi hariiroo warra kaan wajjin qabdu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Addunyaan kun ilaalcha Seexanni jireenya ilmaan namootaatiif qabu calaqqisiisa. Seexanni yeroo hunda ilmaan namootaa gatii guddaa akka hin qabnetti ilaala. Inni Waaqayyoof ajajamuu diduun duʼaan akka isaan adabsiisu utuma beekuu gara jabinaan kakaʼee, yoo Waaqayyoof ajajamuu baatte bilisa akka taatu Hewaanitti himeera. Seexanni yeroo hunda addunyaa kana ni toʼata. Kanaafuu, geggeessitoonni addunyaa hedduun jireenya namootaatiif kabajaa fi ulfina dhabuudhaan ilaalcha isaa calaqqisiisuun isaanii nama hin dinqisiisu. Gama biraatiin immoo Yihowaan miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu barbaada, akkasumas haalawwan gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼan yommuu nu mudatan nu deeggara.—Rom. 12:3. w20.01 14 key. 1-4

Roobii, Hagayya 25

Maqaa Yihowaatiin raajii hin dubbatin; taʼuu baannaan garuu, harka keenya irratti duuta.—Er. 11:21.

Ermiyaas waggoota 40f ykn isaa oliif ollaawwan isaa fi tarii immoo firoota isaa warra Anaatot bakka inni itti guddate jiraatan dabalatee namoota amanamoo hin taane gidduu jiraate. (Er. 12:6) Haa taʼu malee, inni isaan irraa adda of hin baasne. Siruma iyyuu, miira isatti dhagaʼame Baaruk isa barreessaa isaa amanamaa tureef ibseera, akkasumas wanti isatti dhagaʼamee ture galmeeffamee waan jiruuf nutis miira isaa hubachuu ni dandeenya. (Er. 8:21; 9:1; 20:14-18; 45:1) Baaruk wanta Ermiyaasiin mudate hunda yeroo barreessu jaalallii fi kabajni isaan waliif qaban guddatee akka ture tilmaamuu dandeenya. (Er. 20:1,  2; 26:7-11) Waggoota hedduudhaaf Ermiyaas wanta Yerusaalem irra gaʼuuf jedhu ija jabinaan Israaʼeloota akeekkachiiseera. (Er. 25:3) Yihowaan ammas sabichi yaada akka geddaratu gochuuf yeroo yaaletti Ermiyaas akeekkachiisawwan isaa maraa kitaabaa irratti akka barreessu isatti himeera. (Er. 36:1-4) Ermiyaasii fi Baaruk hojii Waaqayyo isaaniif kennee fi tarii jiʼoota hedduu fudhatee taʼuu dandaʼu kana walitti dhiheenyaan yommuu hojjetan haasaa amantii isaanii cimsu godhanii akka turan hin shakkisiisu. w19.11 2-3 key. 3-4

Kamisa, Hagayya 26

Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama, namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.—Mat. 23:12.

Obbolootaa fi obboleettota dibamaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Namni tokko obboleessa Kiristoos hafuuraan dibame yoo taʼe illee, garmalee isa dinqisiifachuun dogoggora. (Mat. 23:8-11) Kitaabni Qulqulluun waaʼee jaarsolii yommuu dubbatu fakkeenya ‘amantii isaanii akka hordofnu’ kan nu jajjabeessu taʼus, nama kam iyyuu geggeessaa keenya godhachuu akka dandeenyu hin dubbatu. (Ibr. 13:7) Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘ulfina guddaa argachuu akka qabanitti ilaalamuu’ akka qaban dubbata. Kunis dibamtoota waan taʼaniif utuu hin taʼin, ‘akka gaariitti waan bulchanii’ fi ‘dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii waan hojjetaniifi.’ (1 Xim. 5:17) Dibamtoota garmalee kan jajnuu fi xiyyeeffannaa addaa kan isaaniif kenninu yoo taʼe isaan qaanessuu dandeenya. Kana caalaa kan hammaatu immoo, akkas yoo goone akka kooran isaan gochuu dandeenya. (Rom. 12:3) Eenyuun keenya iyyuu wanta obboloota Kiristoos gufachiisuu dandaʼu gochuudhaan dogoggora cimaa akkasii akka hojjetan gochuu hin barbaannu!—Luq. 17:2. w20.01 29 key. 8

Jimaata, Hagayya 27

Wantoota alaan na mudatan kana malees, . . . waaʼeen gumiiwwan hundumaa na yaaddessa.—2 Qor. 11:28.

Phaawulos ergamaan wanta isa yaaddessu baayʼee qaba ture. Rakkoowwan obbolootaa fi obboleettota isaa irra gaʼan baayʼee isa dhiphisee ture. (2 Qor. 2:4) Namoonni isa morman yeroo baayʼee isa reebaniiru, akkasumas mana hidhaatti isa galchaniiru. Kana malees rakkoowwan akka yaaddaʼu isa taasisan kan akka ‘wanta xinnoodhaan jiraachuu’ dandamachuun isa barbaachisee ture. (Filp. 4:12) Phaawulos yommuu dooniidhaan deemutti yoo xinnaate siʼa sadi balaan doonii waan isa mudateef baayʼee dhiphatee taʼuu hin oolu. (2 Qor. 11:23-27) Phaawulos yaaddoo kana kan dandamate akkamitti ree? Phaawulos obboloonnii fi obboleettonni isaa yommuu rakkatan yaaddaʼee kan ture taʼus, rakkoowwan isaan mudatan kana hunda ofuma isaatii furuuf hin yaalle. Phaawulos ofuma isaatii wanta hunda raawwachuu akka hin dandeenye beeka ture. Namoonni amanamoon akka Ximotewosii fi Tiitoo jiran gumicha kunuunsuu irratti akka isa gargaaran qophii godheera. Wanti obboloonni kun hojjetanis Phaawulos baayʼee akka hin yaaddofne isa gargaaree akka ture hin shakkisiisu.—Filp. 2:19, 20; Tit. 1:1, 4, 5. w20.02 23 key. 11-12

Sanbadduraa, Hagayya 28

Yaa ijoolle . . . warra keessaniif ajajamaa.—Efe. 6:1.

Yihowaan akka isaaf ajajamnu barbaada. Inni Uumaa keenyaa fi kan nu jiraachisu, akkasumas abbaa kam iyyuu caalaa ogeessa waan taʼeef isaaf ajajamuun keenya isaaf mala. Haa taʼu malee, sababiin itti isaaf ajajamnu inni guddaan waan isa jaallannuufi. (1 Yoh. 5:3) Yihowaadhaaf ajajamuuf sababii hedduu kan qabnu taʼus, inni akkas akka goonu nu hin dirqisiisu. Yihowaan mirga filannaa nuuf kenneera; kanaafuu, jaalala isaaf qabnuun kakaanee isaaf ajajamuuf yommuu filannu ni gammada. Warri ijoolleen isaanii nagaa akka taʼan barbaadu. Seerawwan ijoollee isaaniitiif eegumsa godhan kan baasan kanaafi. Ijoolleen qajeelfamoota kanaaf yommuu ajajaman warra isaanii akka amananii fi akka kabajan argisiisu. Maarree seerawwan Abbaan keenya inni samii baase beekuunii fi isaaniif ajajamuun caalaatti barbaachisaa mitii? Kana yommuu goonu Yihowaa akka jaallannuu fi akka kabajnu argisiisna, ofii keenyaafis ni fayyadamna. (Isa. 48:17, 18) Faallaa kanaatiin namoonni Yihowaa fi seerawwan isaa dhiisan dhuma irratti of miidhu.—Gal. 6:7, 8. w20.02 9-10 key. 8-9

Dilbata, Hagayya 29

Tajaajiltuun tee sitti haa dubbattu; atis wanta tajaajiltuun tee jettu dhagaʼi.—1 Sam. 25:24.

Akkuma Abigaayil, nutis namni tokko daandii dogoggoraa irra deemaa akka jiru yoo argine dubbachuudhaaf ija jabina qabaachuu qabna. (Far. 141:5) Kabaja argisiisuu kan qabnu taʼus, ija jabeeyyii taʼuunis nu barbaachisa. Gorsa barbaachisaa taʼe nama tokkoof jaalalaan yommuu kenninu michoota dhugaa taʼuu keenya argisiisna. (Fak. 27:17) Keessumaa jaarsoliin warra gumii keessa jiranii fi tarkaanfii dogoggoraa fudhatanitti dubbachuuf ija jabina qabaachuu qabu. (Gal. 6:1) Jaarsoliin, isaanis mudaa akka qabanii fi guyyaa tokko gorsi isaan barbaachisuu akka dandaʼu gad of qabuudhaan ni hubatu. Taʼus, kun namoota adabni isaan barbaachisu balleessaa isaanii hubachiisuu irraa duubatti akka jedhan akka isaan taasisu hin heyyaman. (2 Xim. 4:2; Tit. 1:9) Nama tokko yommuu gorsan malaa fi obsaan isa barsiisuuf kennaa dubbachuu isaaniitti fayyadamuuf yaalu. Obboleessa isaanii ni jaallatu, kun immoo isa gargaaruuf isaan kakaasa. (Fak. 13:24) Haa taʼu malee, wanti caalaatti isaan yaaddessu ulaagaalee isaa deeggaruu fi gumicha miidhaa irraa eeguudhaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu dha.—HoE. 20:28. w20.03 20 key. 8-9

Wiixata, Hagayya 30

Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.—Filp. 4:13.

Yihowaan Museen Israaʼeloota bilisa akka baasu isa godheera. Haa taʼu malee, Yihowaan kan isatti fayyadame yoomi? Yeroo ‘ogummaa warra Gibxii hunda baratee’ gaʼumsa akka qabu isatti dhagaʼametti turee? (HoE. 7:22-25) Lakki, kanaa mannaa kan isatti fayyadame Museen kan gad of qabuu fi garraamii akka taʼu erga isa gargaaree booda ture. (HoE. 7:30, 34-36) Yihowaan ija jabina mootii Gibxii isa aangoo guddaa qabu dura dhaabbachuuf isa dandeessisu Museedhaaf kenneera. (Bau. 9:13-19) Kana irraa Yihowaan namoota amaloota isaa calaqqisiisanii fi jabina argachuuf isatti amanamanitti akka fayyadamu baranna. Guutummaa seenaa keessatti Yihowaan tajaajiltoonni isaa gaʼee adda addaa akka taphatan gochaa tureera. Yihowaan ati hoo maal akka taatu si godha? Kun baayʼinaan carraaqqii ati gootu irratti hundaaʼa. (Qol. 1:29) Ati yoo of dhiheessite, Yihowaan labsaa wangeelaa hinaaffaa qabu, barsiisaa buʼa qabeessa, jajjabina kennuu kan dandeessu, hojjetaa dandeettii qabu, michuu gaarii ykn fedha isaa raawwachuuf wanta barbaachisu kam iyyuu akka taatu si gochuu dandaʼa. w19.10 21 key. 5; 25 key. 14

Kibxata, Hagayya 31

Michoota jedhee isin waameera.—Yoh. 15:15.

Michoonni gaariin Yihowaadhaaf amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaaru. Karaan michuu gaarii argachuun itti dandaʼamu inni hunda caalu immoo michuu gaarii taʼuu dha. (Mat. 7:12) Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namoota kaan, keessumaa immoo warra ‘rakkatan’ gargaaruuf akka of dhiheessinu nu jajjabeessa. (Efe. 4:28) Namoota kaan gargaaruu irratti yoo xiyyeeffanne, caalaatti gammadoo taʼuun keenya hin oolu. (HoE. 20:35) Namoonni michoota godhannu yeroo qorumsi nu irra gaʼutti nu deggeruudhaan, nagaa keenya akka eeggannu nu gargaaru. Akkuma Eliihuun yeroo Iyoob waaʼee rakkina isaa dubbatutti isa dhaggeeffate, michoonni keenyas wantoota nu yaaddessan yommuu dubbannu obsaan nu dhaggeeffachuudhaan nu gargaaru. (Iyo. 32:4) Michoonni keenya murtoo akka nuuf godhan isaan irraa hin eegnu; taʼus, gorsa isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dhaggeeffachuun keenya ogummaa dha. (Fak. 15:22) Kana malees, akkuma Daawit Mootichi gargaarsa michoonni isaa isaaf godhan gad of qabuudhaan fudhate, gargaarsa michoonni keenya yeroo rakkinni nu irra gaʼutti nuuf godhan fudhachuuf koorri nutti dhagaʼamuu hin qabu. (2 Sam. 17:27-29) Dhuguma iyyuu, michoonni akkasii kennaa Yihowaa biraa argamani dha.—Yaq. 1:17. w19.04 11 key. 12; 12 key. 14-15

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi