Waxabajjii
Wiixata, Waxabajjii 1
Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.—Far. 86:5.
Ammumayyuu aarsaa furii Kiristoosirraa fayyadamaa jirra. Fakkeenyaaf, Yihowaan furicharratti hundaaʼuudhaan cubbuu keenyaaf dhiifama nuu godha. Dhiifama nuu gochuuf dirqamni isarra hin jiru. Garuu dhiifama nuu gochuu barbaada. (Far. 103:3, 10-13) Namoonni tokko tokko dhiifama Yihowaa argachuun akka isaaniif hin malle isaanitti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dubbachuuf hundi keenyayyuu dhiifama Yihowaa argachuun nuuf hin malu. Phaawulos ergamaan ‘ergamaa jedhamee waamamuun akka isaaf hin malle’ hubatee ture. Taʼus, “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera” jedheera. (1 Qor. 15:9, 10) Yihowaan cubbuu keenyarraa yaada yeroo geeddarannu dhiifama nuu godha. Maaliif? Dhiifama kan nuuf godhu waan nuuf maluuf utuu hin taʼin, waan nu jaallatuufi. Dhiifama argachuun akka siif hin malle yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan furicha kan qopheesse namoota cubbuu hin qabneef utuu hin taʼin, cubbamoota yaada geeddarataniif akka taʼe yaadadhu.—Luq. 5:32; 1 Xim. 1:15. w25.01 26-27 key. 3-4
Kibxata, Waxabajjii 2
Namni garraamiin ofii isaa ni fayyada, namni gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.—Fak. 11:17
Wanta warri kaan nutti dubbatan ykn nurratti raawwatan toʼachuu hin dandeenyu; deebii kenninu garuu toʼachuu dandeenya. Yeroo baayʼee deebiin hundarra wayyu dhiifama gochuudha. Maaliif? Yihowaa waan jaallannuufi, innimmoo dhiifama akka goonu barbaada. Dhiifama gochuu didnee akkuma aarretti yoo itti fufne gocha gowwummaa raawwachuu fi fayyaa keenya miidhuu dandeenya. (Fak. 14:17, 29, 30) Haaloo qabachuu yeroo dhiisnu garaan keenya aariidhaan akka hin miidhamne goona. Waaʼee dhimmichaa yaaduu dhiisuu fi deebinee jireenya keenyatti gammaduu waan jalqabnuuf ofii keenya ni fayyadna. Haaloo qabattee ykn aartee akka itti hin fufne maaltu si gargaara? Wanti kana gochuuf si gargaaru inni tokko hamma fayyitutti yeroo ofiif kennuudha. Namni qaamnisaa baayʼee miidhame tokko yaalii fayyaa erga argatee booda hamma fayyutti yeroon isa barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuun, karaa miiraa fayyinee nama tokkoof garaadhaa dhiifama gochuuf hamma qophaaʼoo taanutti yeroon nu barbaachisuu dandaʼa. (Lal. 3:3; 1 Phe. 1:22) Dhiifama gochuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. w25.02 16-17 key. 8-11
Roobii, Waxabajjii 3
Nyaanni jabaan . . . kan namoota [bilchaatoo ti].—Ibr. 5:14.
Barumsawwan buʼuuraa kana keessaa tokko tokko yaada geeddarachuu, amantii, cuuphaa fi duʼaa kaʼuudha. (Ibr. 6:1, 2) Barumsawwan akkasii buʼuura Kiristiyaanummaati. Pheexiros ergamaan namoota guyyaa Phenxeqosxeetti walitti qabamanii turaniif yeroo lallabetti, waaʼee wantoota kanaa kan dubbate kanaafi. (HoE. 2:32-35, 38) Barattoota Kiristoos taʼuuf barumsawwan jalqabaa kana fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, Phaawulos namni barumsa duʼaa kaʼuu fudhachuu didu kamiyyuu guutummaa amantaa Kiristiyaanaa akka hin fudhanne dubbateera. (1 Qor. 15:12-14) Haa taʼu malee, waaʼee dhugaa beekumsa buʼuuraa argannetti qofa gammannee jiraachuu hin qabnu. Barumsa jalqabaarraa haala adda taʼeen nyaanni hafuuraa jabaan seerota Yihowaa qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan buʼuuraa ilaalchasaa hubachuuf nu gargaaranis kan dabalatudha. Nyaata akkasiirraa faayidaa argachuuf Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluuf, akkasumas wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaquu qabna. Yeroo akkas goonu murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu baranna. w24.04 5 key. 12-13
Kamisa, Waxabajjii 4
Namoonni Nanawwee . . . yeroo murtiitti [ni kaʼu].—Mat. 12:41.
Waaqayyo namoonni Nanawwee “wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe gargar baafachuu [akka] hin dandeenye” Yoonaasiin yaadachiiseera. (Yon. 1:1, 2; 3:10; 4:9-11) Boodas, Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee haqaa fi gara laafina Yihowaa barsiiseera. Yaanni namoonni Nanawwee ‘yeroo murtiitti akka kaʼan’ ibsu hiika akkamii qaba? Yesuus waaʼee “duʼaa kaʼuu murtii” gara fuulduraatti raawwatamuu barsiiseera. (Yoh. 5:29) Yeroo akkas jedhu waaʼee Bulchiinsa Barkumee “qajeelonnis taʼan jalʼoonni” duʼaa itti kaafamanii dubbachuusaati. (HoE. 24:15) Duʼaa kaʼuun jalʼootaa “duʼaa kaʼuu murtiiti.” Kunis, Yihowaa fi Yesuus amala isaan argisiisanii fi deebii isaan barumsa isaaniif kennamuuf kennan akka ilaalanii fi akka gamaaggaman argisiisa. Namni Nanawwee duʼaa kaafame tokko waaqeffannaa qulqulluurratti hirmaachuu yoo dide, jiraachuusaa akka itti fufu Yihowaan isaaf hin heyyamu. (Isa. 65:20) Namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf filatan hundi garuu abdii barabaraaf jiraachuu qabaatu.—Dan. 12:2. w24.05 5 key. 13-14
Jimaata, Waxabajjii 5
Ilmi namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuuf dhufe.—Luq. 19:10.
Yesuus akkuma Abbaasaa namootatti gara laafina argisiiseera. (Yoh. 14:9) Abbaansaa inni gara laafessa taʼe namoota akka jaalatuu fi walʼaansoo cubbuu wajjin godhanirratti dhuunfaatti isaan gargaaruu akka barbaadu dubbii fi gochasaatiin argisiiseera. Yesuus namoonni cubbamoota taʼan daandiisaanii jijjiiranii isa duukaa buʼuuf fedhii akka qabaatan isaan gargaareera. (Luq. 5:27, 28) Yesuus wanta isa eeggatu beeka. Dabarfamee akka kennamuu fi muka dhiphinaarratti akka fannifamu irra deddeebiʼee duuka buutotasaatti himeera. (Mat. 17:22; 20:18, 19) Yesuus lubbuusaa aarsaa godhee erga dhiheessee booda ‘akaakuu namootaa hunda ofitti akka harkisus’ barsiiseera. (Yoh. 12:32) Namoonni cubbamoota taʼan Yesuusiin akka Gooftaasaaniitti fudhatanii faanasaa hordofuudhaan Yihowaa gammachiisuu ni dandaʼu. Akkas yoo godhan dhumarratti “cubbuu irraa bilisa [baʼu].” (Rom. 6:14, 18, 22; Yoh. 8:32) Yesuus ija jabeessa ture; kanaafuu, karaa baayʼee suukanneessaa taʼeen duʼuuf qophaaʼaa ture.—Yoh. 10:17, 18. w24.08 5 key. 11-12
Sanbadduraa, Waxabajjii 6
Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.
Yeroo jalqaba Dubbii Waaqayyoorraa dhugaa barattetti miira sitti dhagaʼame duubatti deebiʼii yaadi. Abbaan kee inni samii akka si jaallattu, kutaa maatii tajaajiltootasaa akka taatu akka barbaadu, dhiphinaa fi rakkina balleessuuf waadaa akka gale, akkasumas namoota jaallattuu fi duʼaan dhabde addunyaa haaraa keessatti akka argattuu fi wantoota kan biroo hedduu baratte. (Mar. 10:29, 30; Yoh. 5:28, 29; Rom. 8:38, 39; Mul. 21:3, 4) Dhugaawwan baratte kanatti baayʼee gammadde. (Luq. 24:32) Wantoota barachaa turte baayʼee waan jaallatteef dhugaawwan gatii guddaa qaban kana keessa keetti qabattee taaʼuu hin dandeenye! (Ermiyaas 20:9 wajjin walbira qabii ilaali.) Jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu yeroo guddatu callisuu hin dandeenyu. (Luq. 6:45) Akkuma barattoota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii fi “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jechuudhaan dubbatanii nutti dhagaʼama. (HoE. 4:20) Dhugaa baayʼee waan jaallannuuf hamma nuuf dandaʼame namoota hedduutti himuu barbaanna. w24.05 15 key. 5; 16 key. 7
Dilbata, Waxabajjii 7
Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.—Far. 100:2.
Abbaa keenya isa samii waan jaallannuuf, akkasumas namoonni akka isa beekan gargaaruu waan barbaannuuf warra kaaniif ni lallabna. Tokko tokko garuu tajaajilatti gammaduun isaanitti ulfaata. Maaliif? Isaan keessaa tokko tokko ija laafeyyii waan taʼanii fi ofitti amanannaa waan hin qabneefi. Obboloonni tokko tokko utuu hin affeeramin mana namaa deemuun isaan dhiphisa. Kaanimmoo namoonni ergaa koo hin fudhatan jedhanii sodaatu. Namoota akka hin aarsine kan sodaatanis jiru. Obboloonnii fi obboleettonni kun, namoota hin beeknetti misiraachicha himuun isaanitti ulfaata. Miirawwan akkasiitiin kan kaʼe yeroo tokko tokko tajaajilatti gammaduun sitti ulfaataa? Taanaan abdii hin kutatin. Ofitti amanannaa dhabuun kee akka gad of qabduu fi xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu akka hin barbaanne, akkasumas warra kaan wajjin falmii keessa galuu akka hin barbaanne kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Namni kamiyyuu keessumaa yeroo namootaaf wanta gaarii gochuuf yaalutti isaan biratti fudhatama dhabuu hin barbaadu. Abbaan kee inni samii haala rakkisaa si mudatu sirriitti beeka; si gargaaruus ni barbaada.—Isa. 41:13. w24.04 14 key. 1-2
Wiixata, Waxabajjii 8
Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama.—Fak. 11:2
Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu wanta baratte hunda takkaatti hojiirra oolchuuf yaaluu mannaa, galma bira gaʼuu dandeessu muraasa baafadhu. Akkana gochuuf yaali: Wantoota irratti hojjechuun si barbaachisu erga galmeessitee booda wanta jalqaba irratti hojjettu tokko ykn lama filadhu; warra hafanimmoo yeroo biraa irratti hojjechuu dandeessa. Maalirraa jalqabuu dandeessa? Galma irra gaʼuun siif salphaturraa jalqabuu dandeessa. Tariimmoo wanta caalaatti fooyyessuun si barbaachisurratti hojjechuuf filachuu dandeessa. Galma kee erga adda baafattee booda, barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhi. “Fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13) Achiis wanta baratte hojiirra oolchuuf yaali. Galma kee isa jalqabaarra gaʼaa akka jirtu yeroo hubattu galma kee isa kaanirra gaʼuufis carraaqqii gochuuf kakaata. Gama taʼe tokkoon jijjiirama gochuu ykn amala kee tokko fooyyessuu akka dandeesse yeroo hubattu, jijjiirama gochuu kee itti fufuuf kakaata; kunimmoo fooyyaʼiinsa dabalataa gochuun akka siif salphatu godha. w24.09 6 key. 13-14
Kibxata, Waxabajjii 9
Isin dhimma kana ilaalchisee karaa hundumaa qulqulluu taʼuu keessan argisiistaniittu.—2 Qor. 7:11.
Wanti kanaan dura raawwatte warra kaan miidhuunsaa si yaaddessa taʼa. Haala kana dandamachuuf maaltu si gargaara? Garaadhaa dhiifama gaafachuu dabalatee miidhaa geessiste sirreessuuf wanta dandeessu hunda godhi. Yihowaan namoota gocha keetiin miidhaman akka gargaaru kadhadhu. Inni atis taate namoonni ati miite jabaattanii akka dhaabbattanii fi deebitanii nagaa akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼa. Dogoggora keerraa baradhu, akkasumas Yihowaan karaa barbaadeen akka sitti fayyadamu isaaf heyyami. Mee fakkeenya Yoonaas raajichaa haa ilaallu. Yoonaas akkuma Waaqayyo isa ajajetti gara Nanawwee deemuu mannaa kallattii Nanawweerraa faallaa taʼeen baqate. Yihowaan Yoonaasiin adabeera, innis dogoggorasaarraa barateera. (Yon. 1:1-4, 15-17; 2:7-10) Yihowaan Yoonaasitti abdii hin kutanne. Gara Nanawwee akka deemu carraa kan biraa isaaf kenne, Yoonaasis yeroo kanatti dafee ajajameera. Gaabbiin dogoggora kanaan dura raawwateen isatti dhagaʼame ramaddii Yihowaan isaaf kenne fudhachuu akka isa dhoowwu hin heyyamne.—Yon. 3:1-3. w24.10 8-9 key. 10-11
Roobii, Waxabajjii 10
Kanaafuu, cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas; Yihowaa biraa yeroon haareffamuu isiniif ni dhufa.—HoE. 3:19.
Yihowaan idaa ykn cubbuu keenya nuuf dhiisuu qofa utuu hin taʼin nuuf haqa. Idaan tokko yeroo nuuf dhiifamu mallattoon X guddaa taʼe akka irra kaaʼamu yaanna taʼa. Taʼus, lakkoofsi mallattoo X sana jala jiru ammayyuu ni mulʼata. Wanti tokko yeroo haqamu garuu haallisaa kanarraa addadha. Fakkeenya kana hubachuuf, bara duriitti qalamni barreessuuf tajaajilu makaa kaarboonii, haphee fi bishaanii akka taʼe yaadachuu qabna. Namni tokko wanta barreeffame ispoonjii jiidhaa taʼetti fayyadamee haquu ni dandaʼa ture. Kanaafuu, idaan tokko yeroo “haqamu” guutummaatti bada jechuudha. Wanti barreeffamee ture hin mulʼatu. Kanaa mannaa, akkuma waan kanaan dura hin jirree taʼa. Yihowaan cubbuu keenya dhiisuu qofa utuu hin taʼin guutummaatti akka haqu beekuun baayʼee nama gammachiisa!—Far. 51:9. w25.02 10 key. 11
Kamisa, Waxabajjii 11
Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi.—Far. 37:8.
Warri kaan dogoggoraan yeroo nu hubatan ykn nu miidhanitti Yihowaan dhugaasaa akka beeku ni amanna. Amanannaa akkasii qabaachuun keenya Yihowaan yeroo booda wanta hunda akka sirreessu beekuudhaan jalʼina haqaa dandamachuuf nu gargaara. Dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuun keenya aaruu ykn haaloo qabachuurraa of qusachuuf nu gargaara. Miirri akkasii tarkaanfii gaarii hin taane akka fudhannu gochuu, gammachuu keenya nu dhabsiisuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼa. Dhugaadha, fakkeenya Yesuus guutummaatti hordofuu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko wanta booda itti gaabbinu dubbachuu ykn raawwachuu dandeenya. (Yaq. 3:2) Jalʼinni haqaa tokko tokko karaa miiraa fi karaa qaamaa godaannisa sirna kana keessatti hin badne nurratti dhiisuu dandaʼa. Atis haalli akkasii sirra gaʼeera taanaan Yihowaan haala keessa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Yesuus inni jalʼinni haqaa hedduun irra gaʼes miira kee siif hubata. (Ibr. 4:15, 16) Yihowaan gorsa jalʼina haqaa dandamachuuf nu gargaaru nuuf kennuu isaatti baayʼee gammadna. w24.11 6 key. 12-13
Jimaata, Waxabajjii 12
Hojii Waaqayyoo hojjechuuf, isa inni ergetti amanuu qabdu.—Yoh. 6:29.
‘Jireenya bara baraa qabaachuuf’ Yesuusitti amanuun barbaachisaadha. (Yoh. 3:16-18, 36; 17:3) Yihudoonni barumsa Yesuus “hojii Waaqayyoo” isa haaraa ilaalchisee barsiise hin fudhanne. “Akka nuti arginee si amannuuf, dinqii akkamii raawwatta?” jedhanii isa gaafatan. (Yoh. 6:30) Abbootiin isaanii bara Museetti mannaa isa akkuma daabboo taʼe argachaa akka turan dubbatan. (Nah. 9:15; Far. 78:24, 25) Kanaafuu, ammas kan isaan yaaddessu waaʼee nyaata argachuu qofa ture. Yesuus Yihowaan “samii irraa nyaata isa dhugaa” isa jireenya barabaraa argamsiisu akka isaaniif kennu yeroo dubbatu maal jechuusaa akka ture isa hin gaafanne. (Yoh. 6:32) Wanta karaa foonii isaan barbaachisurratti garmalee waan xiyyeeffataniif dhugaawwan hafuuraa Yesuus isaan barsiisuuf yaalaa ture hin hubanne. w24.12 5-6 key. 10-11
Sanbadduraa, Waxabajjii 13
Inni wantoota hundumaa tolche . . . Waaqayyo dha.—Ibr. 3:4.
Ijoolleen keessan mana barumsaatti yeroo saayinsii baratan seeronni uumamawwan hedduun boca walfakaatu akka qabaatan godhan akka jiran ni baratu. Fakkeenyaaf, mukkeen hedduun boca walfakkaataa qabu; jirmisaanii gara dameewwan guguddaatti, dameewwan sunimmoo gara dameewwan xixiqqaatti qoqqoodamaa deema. Adeemsi kunis firaaktaal jedhama. Adeemsi kun uumamawwan kan biroorrattis ni argama. Maarree, seerota boca miidhagaa akkasii argamsiisan kana kan baase eenyu? Wiixinee of eeggannoodhaan qophaaʼe kana kan uume eenyu? Ijoolleen keessan gaaffilee akkasiirratti yaaduunsaanii wantoota hunda kan uume Waaqayyo akka taʼe amantii qaban isaaniif cimsa. Ijoolleen keessan guddachaa yeroo dhufan, “Kan nu uume Waaqayyo erga taʼee, ulaagaalee naamusaa akkamitti gammadoo taʼuu akka dandeenyu beekuuf nu gargaaranis nuuf kenna jedhanii yaaduun sirrii hin taʼuu?” jettanii isaan gaafachuu dandeessu. Achiis qajeelfama akkasii Kitaaba Qulqulluurraa akka argannu ibsuufii dandeessu. w24.12 16 key. 8
Dilbata, Waxabajjii 14
Isin gidduutti halalummaan akka raawwatame natti himameera; namni haadha manaa abbaa isaa wajjin jiraatu tokko jira; halalummaan akkanaa immoo saboota kaan gidduutti illee hin argamu. —1 Qor. 5:1.
Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee xalayaa cubbamaan yaada hin geddaramne sun gumiidhaa akka baafamu ibsu barreesseera. (1 Qor. 5:13) Kiristiyaanonni amanamoon tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu? Phaawulos, ‘michummaa isaa wajjin qaban akka dhiisan’ isaanitti himeera. Kun maal jechuudha? Phaawulos, “Nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa” jechuudhaan ajajni kun maal akka dabalatu ifa godheera. (1 Qor. 5:11) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuun keenya nama sanatti dhihaachuun akka nutti salphatu gochuu dandaʼa. Phaawulos gumichi nama sana wajjin hariiroo qabaachuu akka hin qabne ifatti kan dubbate kanaafi. Kunis dhiibbaa gadheerraa gumicha eega. (1 Qor. 5:5-7) Kana malees, hariiroo nama sana wajjin qaban addaan kutuunsaanii namni sun daandii Yihowaarraa hammam akka fagaate akka hubatu, akka ofitti qaanaʼuu fi yaada akka geddaratu isa kakaasuu dandaʼa. w24.08 15 key. 4-5
Wiixata, Waxabajjii 15
Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.—Yoh. 3:16.
Israaʼel keessatti waggaa waggaadhaan Guyyaan Araaraa ni kabajama ture. Guyyaa sanatti lubni olaanaan sabicha bakka buʼee aarsaa beeladootaa dhiheessa. Beeladoonni namootaa gadi waan taʼaniif aarsaansaanii cubbuu nama kamiitiifiyyuu guutummaatti araara argamsiisuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, namni Israaʼel yaada geeddarate tokko aarsaa Yihowaan barbaadu yoo dhiheesse Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf fedhii qaba ture. (Ibr. 10:1-4) Qophiin kun Israaʼelonni cubbamoota taʼuusaanii isaan hubachiiseera. Taʼus, Yihowaan ilmaan namootaa dhiifama cubbuu akka argataniif qophii dhaabbataa taʼe godheera. Ilmisaa jaallatamaan ‘cubbuu namoota hedduu baachuuf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha akka of dhiheessu’ godheera. (Ibr. 9:28) Yesuus “lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee” kenneera.—Mat. 20:28. w25.02 4 key. 9-10
Kibxata, Waxabajjii 16
Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa.—Mat. 26:41.
“Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.” (Mat. 26:41b) Yaanni kun Yesuus mudaa fi dadhabina akka qabnu akka hubatu argisiisa. Taʼus akeekkachiisa, ‘Garmalee ofitti akka hin amanamne of eeggadhaa’ jedhus kan dabalatudha. Galgala sana saʼaatii muraasa dura barattoonnisaa ofitti amanannaadhaan matumaa Gooftaasaanii akka hin dhiisne dubbachaa turan. (Mat. 26:35) Kakaʼumsisaanii gaarii ture. Taʼus, dhiibbaa isaanirra gaʼuun salphaatti moʼamuu akka dandaʼan hin hubanne turan. Kanaafuu akkuma caqasa guyyaa harʼaarratti ibsame Yesuus isaan akeekkachiiseera. Kan nama gaddisiisu dammaqinaan eeguu dhiisan. Maarree, yeroo Yesuus qabametti isa cinaa dhaabbatanimoo sodaadhaan moʼamanii isa dhiisanii baqatan? Barattoonnisaa dammaqanii waan hin eegneef wantuma matumaa hin goonu jedhanii dubbatan godhaniiru: Yesuusiin dhiisanii baqataniiru.—Mat. 26:56. w24.07 14 key. 1-2
Roobii, Waxabajjii 17
Karaa duʼa Ilma isaa Waaqayyotti araaramne.—Rom. 5:10.
Addaamii fi Hewaan abdii jireenya barabaraa qofa utuu hin taʼin hariiroo Abbaasaanii wajjin qabanis dhabaniiru. Addaamii fi Hewaan jalqabarratti kutaa maatii Waaqayyoo turan. (Luq. 3:38) Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin yeroo hafanitti garuu maatii kana keessaa ni ariʼaman; kunis kan taʼe ijoollee godhachuusaanii duradha. (Uma. 3:23, 24; 4:1) Nu dabalatee ijoolleen isaanii hundi kutaa maatii Yihowaa taʼuu hin dandeenyu. Kanaafuu, isa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf gargaarsi nu barbaachisa. (Rom. 5:10, 11) Diinota Waaqayyoo taʼuu dhiisnee michootasaa taʼuun nu barbaachisa. Kan nama ajaaʼibsiisu, kun akka taʼu gochuuf dursa kan fudhate Yihowaadha. Akkamitti? Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaataniif qophii godheera. Wanta Addaam dhabe deebinee akka argannuuf wanta kana wajjin gatii walfakkaatu qabu tokko qopheesseera. w25.02 3-4 key. 7-8
Kamisa, Waxabajjii 18
Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun yaada geddarachuu fi fayyinatti [geessa].—2 Qor. 7:10.
Phaawulos ‘nama akkasiitiif adabni baayʼeen isaanii isa adaban akka isa gaʼu’ dubbateera. (2 Qor. 2:5-8) Karaa kan biraatiin, adabni nama haadha buddeenaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwatee tureef kenname kaayyoosaa galmaan gaʼeera. (1 Qor. 5:1) Kaayyoo akkamii? Kaayyoonsaa yaada akka geddaratu isa kakaasuu ture. (Ibr. 12:11) Phaawulos obboleessa dogoggora raawwateef ‘gaarummaadhaan dhiifama akka godhanii fi akka isa jajjabeessan,’ akkasumas ‘jaalala isaaf qaban akka isaaf mirkaneessan’ gumicha jajjabeesseera. Phaawulos gumichi namni sun gara saba Yihowaatti akka deebiʼu isaaf heyyamuu malees wanta dabalataa akka godhu barbaadee akka ture hubadhu. Garaadhaa dhiifama akka isaaf godhanii fi akka isa jaallatan dubbii fi gochasaaniitiin akka isaaf mirkaneessan barbaadee ture. Karaa kanaan gara gumiitti deebiʼuusaatti baayʼee akka gammadan ifatti argisiisu. w24.08 15 key. 4; 16-17 key. 6-8
Jimaata, Waxabajjii 19
Uummata duratti arrabsamaa fi rakkinni isin irra gaʼaa ture.—Ibr. 10:33.
Phaawulos ergamaan, jabaatanii dhaabbachuuf maal gochuun akka barbaachisu sirriitti beeka. Kiristiyaanonni yeroo qorumsi isaanirra gaʼu ofiisaaniitti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamuu akka qaban isaan yaadachiiseera. Phaawulos ija jabinaan, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jechuu dandaʼeera. (Ibr. 13:6) Obboloonni keenya tokko tokko yeroo ammaatti ariʼatama dandamachaa jiru. Isaaniif kadhachuudhaan, yeroo tokko tokkommoo gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuudhaan amanamummaadhaan isaa deggaruu dandeenya. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jedha. (2 Xim. 3:12) Kanaafuu, hundi keenya wanta gara fuulduraatti nu mudatuuf qophaaʼuu qabna. Yihowaan qorumsa nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan guutummaatti isatti amanamuu keenya itti haa fufnu. Yeroonsaa yommuu gaʼu tajaajiltootasaa amanamoo taʼan hundaaf boqonnaa ni kenna.—2 Tas. 1:7, 8. w24.09 13 key. 17-18
Sanbadduraa, Waxabajjii 20
Namoonni Qorontos warri ergaa sana dhagaʼan [hedduun] amanuu fi cuuphamuu jalqaban.—HoE. 18:8.
Namoonni Qorontos akka cuuphaman maaltu isaan gargaare? (2 Qorontos 10:4, 5) Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurrisaa inni humna guddaa qabu jireenya isaanii keessatti jijjiirama guddaa akka godhan isaan gargaareera. (Ibr. 4:12) Namoonni Qorontos misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu fudhatan barsiifatawwan gadhee kanneen akka machii, hannaa fi sodoomummaa jiran dhiisuu dandaʼaniiru. (1 Qor. 6:9-11) Namoonni Qorontos tokko tokko jijjiirama guguddaa gochuun kan isaan barbaachisu taʼus, Kiristiyaana taʼuun baayʼee ulfaataadha jedhanii akka hin yaanne hubadhu. Daandii dhiphaa jireenya barabaraatti geessurra deemuudhaaf carraaqqii cimaa godhaniiru. (Mat. 7:13, 14) Cuuphamuu akka dandeessuuf barsiifata gadhee tokko injifachuuf walʼaansoo gochaa jirtaa? Matumaa abdii kutattee walʼaansoo gochuu kee hin dhaabin! Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee wanta hamaa taʼe hawwuurraa fagaachuuf akka si gargaaru kadhadhu. w25.03 6 key. 15-17
Dilbata, Waxabajjii 21
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu.—Yaq. 1:5.
Yihowaan ogummaa murtoon tokko kan isa gammachiisu taʼuu fi dhiisuusaa hubachuuf nu gargaaru akka nuu kennu waadaa galeera. Ogummaa akkasii “nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna.” Qajeelfama Yihowaa argachuuf erga kadhattee booda deebii inni kennu xiyyeeffannaadhaan hordofi. Fakkeenyaaf, utuma deemtuu karaan yoo si jalaa bade nama naannoo sanaa gargaarsa gaafatta taʼa. Garuu namni sun utuu deebii siif hin kennin callistee deemuu kee itti fuftaa? Akkas hin gootu. Kanaa mannaa, yeroo inni kallattii sitti argisiisu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatta. Haaluma walfakkaatuun, Yihowaan ogummaa akka siif kennu erga kadhattee booda, seeraa fi dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keetiif taʼu argachuuf yaaluudhaan deebii inni kennu hubachuuf yaali. Fakkeenyaaf, affeerraa tokkorratti argamuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessitu, Kitaabni Qulqulluun affeerraa gadhiisii, hiriyummaa gadhee fi fedhii dhuunfaa kee caalaa hojii Mootummichaatiif dursa kennuu ilaalchisee maal akka jedhu yaaduu dandeessa.—Mat. 6:33; Rom. 13:13; 1 Qor. 15:33. w25.01 16 key. 6-7
Wiixata, Waxabajjii 22
Kunoo, tajaajiltoonni koo ni nyaatu, isin garuu ni beeloftu.—Isa. 65:13.
Raajiin Isaayyaas jireenya namoota jannata hafuuraa keessa jiranii fi jireenya namoota jannata kanaa ala jiranii wal bira qabee ibsa. Yihowaan fedhii hafuuraa waaqeffattootasaa guutaa jira. Hafuura qulqulluu qabna; akkasumas Dubbii isaa fi nyaata hafuuraa ‘nyaachuu, dhuguu fi ittiin gammaduu’ dandeenyu hedduu qabna. (Mulʼata 22:17 wajjin wal bira qabii ilaali.) Faallaa kanaatiin, namoonni jannata hafuuraatii ala jiran ‘beelaʼaa, dheebochaa fi qaanaʼaa’ jiru. Namoonni kun fedhii hafuuraasaanii guuttachaa hin jiran. (Amo. 8:11) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee sabasaatiif nyaata hafuuraa dabalatee wantoota isaan barbaachisan ni guutaa. (Yoe. 2:21-24) Kanas kan godhu Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan, weebsaayitii keenya, akkasumas walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannootti fayyadameeti. Qophiiwwan hafuuraa kanarraa guyyaa guyyaadhaan fayyadamuu waan dandeenyuuf karaa hafuuraa fayya buleeyyii taanee fi gammannee jiraachuu dandeenya. w24.04 21 key. 5-6
Kibxata, Waxabajjii 23
Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu . . . haa taʼu.—Qol. 4:6.
Nama tokko wajjin wal qorachuu kan barbaaddu yoo taʼe, iddoo namni argamutti qaamaan haasaʼuuf ykn bilbilaan waliin haasaʼuuf qophii gochuu dandeessa. Miira kee ifatti itti himi. (1 Qor. 14:9) Barbaachisaa taanaan, akka irratti yaadu yeroo isaaf kenni. (Fak. 15:28) Namni sun hariiroo akkasii jalqabuuf fedhii hin qabu taanaan miirasaa isaaf kabaji. Namni tokko si wajjin wal qorachuu akka barbaadu yoo siif ibsehoo? Namni sun miirasaa siif ibsuuf ija jabina guddaa isa gaafatee taʼuu dandaʼa; kanaafuu, gaarummaa fi kabaja guddaa isatti argisiisi. Nama sana wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura yeroo fudhattee irratti yaaduun si barbaachisa taanaan yaada kee kana itti himi. Haa taʼu malee, hamma siif dandaʼame dafii deebii isaaf kenni. (Fak. 13:12) Wal qorachuu jalqabuuf fedhii hin qabdu taanaan, yaada kee gaarummaadhaan ifatti itti himi. Fedhii qabda yoo taʼemmoo miira keessanii fi wantoota yeroo wal qorattanitti gootanirratti mariʼadhaa. Wanti ati yeroo wal qorattanitti akka gootan eegdu wanta namni sun eegurraa adda taʼuu dandaʼa. w24.05 23-24 key. 12-13
Roobii, Waxabajjii 24
Maqaa Yihowaa Gooftaa [Raayyaatiin] sitti nan dhufa.—1 Sam. 17:45.
Yeroo booda, utuma umurii waggoota kurnanii keessa jiruu taʼuu hin oolu, Daawit buufata raayyaa waraanaa Israaʼel ilaaluuf dhaqe. Loltoonni Israaʼel namicha Filisxeem baayʼee dheeraa taʼee fi Goliyaad jedhamuun kan kaʼe baayʼee jeeqamanii turan; innis, “Loltoota Israaʼel warra hiriira galanii dhaabbatan nan qaanessa” jedha ture. (1 Sam. 17:10, 11) Loltoonni sun kan sodaatan guddina namichaa fi arrabsoo dhagaʼanirratti waan xiyyeeffataniifi. (1 Sam. 17:24, 25) Daawit garuu haala kana karaa kanarraa adda taʼeen ilaaleera. Daawit Goliyaad qoosaa kan jiru raayyaa Israaʼelitti qofa utuu hin taʼin “Waaqa isa jiraataatti” akka taʼe beeka. (1 Sam. 17:26) Yeroo kanatti waaʼee Yihowaa yaadaa ture. Daawit Waaqni yeroo tiksee turetti isa gargaare haala kana keessattis akka isa gargaaru amaneera. Waaqayyo akka isa gargaaru mirkanaaʼaa waan taʼeef Goliyaadiin loluuf baʼe; kana gochuusaattis injifannoo guddaa argateera!—1 Sam. 17:45-51. w24.06 21 key. 7
Kamisa, Waxabajjii 25
Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin. Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin. Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara, ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.—Isa. 41:10.
Yihowaa hin tajaajillu utuu taʼee jireenyi keenya maal akka fakkaatu yaaduu dandeenya. Akkas gochuun keenya amanamummaa keenya eeggachuuf nu gargaara; akkuma faarfatichaa, “Gama kootiin garuu, Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha” jechuu dandeenya. (Far. 73:28) “Waaqa isa jiraataa fi isa dhugaa akka garbaatti” waan tajaajilluuf, rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate hin sodaannu. (1 Tas. 1:9) Waaqni keenya Waaqa jiraataa tajaajiltootasaatiif jecha tarkaanfii fudhatudha. Bara durii kaasee tajaajiltootasaa wajjin akka taʼu argisiiseera, yeroo harʼaattis nu wajjin jira. Dhiheenyatti lafarratti rakkinni guddaan ni uumama. Taʼus, Yihowaan nu wajjin waan jiruuf, kophaa keenya hin taanu. Hundi keenyayyuu, “ija jabina guddaadhaan, ‘Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu’” jechuu dandeenya.—Ibr. 13:5, 6. w24.06 25 key. 17-18
Jimaata, Waxabajjii 26
Isin . . . garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa . . . gidduu jiru ni hubattu.—Mil. 3:18.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota Israaʼel keessatti mootota taʼanii bulchan 40 ni dubbata. Mootonni gaarii taʼan wantoota hamaa raawwataniiru. Daawit isa mootii gaarii ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yihowaan, “Tajaajilaan koo Daawit na duratti wanta sirrii taʼe gochuudhaan garaa isaa guutuudhaan ana duukaa buʼe” jedheera. (1 Mot. 14:8) Taʼus Daawit dubartii heerumte wajjin halalummaa raawwateera, abbaan manaa ishiis waraanarratti akka ajjeefamu godheera. (2 Sam. 11:4, 14, 15) Karaa biraatiinimmoo mootonni amanamoo hin taane hedduun wantoota gaggaarii tokko tokko raawwataniiru. Rooboʼaam akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Rooboʼaam Yihowaa duratti ‘wanta hamaa taʼe raawwateera.’ (2 Sen. 12:14) Taʼus, Yihowaan gosoota kurnan mootummaa isaarraa citan akka hin waraanne yeroo isa ajajetti ajajameera. Magaalota mootummaasaa keessa jiran cimsuudhaanis wanta sabasaa fayyadu raawwateera. (1 Mot. 12:21-24; 2 Sen. 11:5-12.) Yihowaan mootiin tokko gaarii ykn hamaa taʼuusaa kan murteessu maalirratti hundaaʼeeti? Wanti inni tilmaama keessa galchu haala garaasaa, yaada geeddarachuusaa fi waaqeffannaa dhugaatti maxxanuusaati. w24.07 20 key. 1-3
Sanbadduraa, Waxabajjii 27
Adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.—Efe. 6:4.
Mucaan umuriinsaa waggaa 18 gadi taʼee fi cuuphame tokko cubbuu cimaa yoo hojjetehoo? Qaamni jaarsolii jaarsoliin lama mucaa sanaa fi warrasaa Kiristiyaanota taʼan akka haasofsiisan qophii godhu. Jaarsoliin warrisaa mucaansaanii yaada akka geddaratu gargaaruuf tarkaanfii akkamii akka fudhatan beekuuf yaalu. Mucichi ilaalcha gaarii kan qabuu fi warrisaa isa gargaaraa jiru taanaan jaarsoliin sun lamaan tarkaanfii dabalataa fudhachuun barbaachisaa akka hin taane murteessuu dandaʼu. Yihowaan ijoolleesaaniitiif sirreeffama jaalalarratti hundaaʼe akka kennan itti gaafatamummaa kan kenne warraafi. (Kes. 6:6, 7; Fak. 6:20; 22:6; Efe. 6:2-4) Sana booda jaarsoliin mucaan sun gargaarsa isa barbaachisu argachaa jiraachuusaa darbee darbee warrasaa ni gaafatu. Haa taʼu malee, mucaan cuuphame tokko yaada geddarachuu diduudhaan wanta sirrii hin taane raawwachuusaa yoo itti fufehoo? Yeroo akkasiitti koreen jaarsolii warrasaa Kiristiyaanota taʼan wajjin isa haasofsiisu. w24.08 24 key. 18
Dilbata, Waxabajjii 28
Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.
Hundi keenyayyuu yeroo kennaan nuuf kennamu ni gammanna. Yeroo warra kaaniif kenninu garuu caalaatti gammanna. Yihowaan karaa kanaan nu uumuunsaa gammachuu keenya guddisuurratti gumaacha gochuuf nu dandeessiseera. Carraawwan dabalataa kennuu itti dandeenyu barbaaduudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu dandeenya. Akkaataan itti uumamne dinqisiisaa mitii? (Far. 139:14) Kitaabni Qulqulluun kennuun gammachuu akka argamsiisu waan dubbatuuf, Yihowaan “Waaqa gammadaa taʼe” jedhamuunsaa nu hin dinqisiisu. (1 Xim. 1:11) Inni arjummaa argisiisuurratti qaama isa jalqabaati, kennuurratti kan isaan qixxaatu hin jiru. Akkuma Phaawulos ergamaan jedhe “jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.” (HoE. 17:28) Dhugumayyuu, “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaarraa argama. (Yaq. 1:17) Hundi keenyayyuu gammachuu kennuudhaan argamu caalaatti argachuu barbaanna. Gama kanaan arjummaa argisiisuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya nu gargaara.—Efe. 5:1. w24.09 26 key. 1-4
Wiixata, Waxabajjii 29
Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Filp. 3:16.
Tajaajiltoonni gumii tokko tokko ulaagaalee jaarsa taʼuuf barbaachisan erga ilaalanii booda yoomiyyuu ulaagaalee kana guutuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaanis taʼe jaarmiyaansaa ulaagaalee kana hunda mudaa tokko malee akka guuttu akka sirraa hin eegne yaadadhu. (1 Phe. 2:21) Ulaagaalee kana akka guuttu kan si gargaarus hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabudha. (Filp. 2:13) Amalli fooyyessuu barbaaddu jiraa? Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Dhimmicharratti qorannaa godhi, akkamitti fooyyessuu akka dandeessu yaada akka sii kennu jaarsa tokko gaafadhu. Yihowaan isaa fi gumicha caalaatti tajaajiluu akka dandeessuuf akka si leenjisu kadhadhu. (Isa. 64:8) Yihowaan carraaqqii ulaagaa jaarsa taʼuuf barbaachisu guutuuf gootu siif haa eebbisu. w24.11 25 key. 17-18
Kibxata, Waxabajjii 30
Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.
Tajaajila Yihowaa keessatti waggoota hedduu kan dabarsine yoo taʼellee, araarasaa argachuuf gaʼumsa akka qabnu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Dhugaadha, Yihowaan wanta isaaf goone hunda ni yaadata. Ilmasaa kan nuuf kenne wanta isa tajaajiluuf gooneef gatii nuu kaffaluuf miti; kanaa mannaa, akka kennaatti tolaan nuuf kenne. Kanaafuu, Yihowaadhaaf jennee wanta baayʼee waan gooneef araarasaa argachuun nuuf mala jennee yaaduun dogoggoradha. Akkasitti yoo yaanne furichi nu hin barbaachisu jechaa jirra. (Galaatiyaa 2:21 wajjin wal bira qabi.) Phaawulos ergamaan carraaqqiisaatiin Yihowaa biratti fudhatama argachuu akka hin dandeenye beeka. Maarree, Yihowaa tajaajiluuf jabaatee kan hojjete maaliifi? Akka isaaf malu mirkaneessuuf utuu hin taʼin dinqisiifannaa gaarummaa guddaa Yihowaatiif qabu argisiisuufi. (Efe. 3:7) Nutis akkuma Phaawulos hinaaffaadhaan tajaajiluu keenya kan itti fufnu carraaqqii keenyaan araara Yihowaa argachuuf utuu hin taʼin, dinqisiifannaa qabnu argisiisuufi. w25.01 27 key. 5-6