Hagayya
Sanbadduraa, Hagayya 1
Rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beekne . . . ni dhufa.—Mat. 24:21.
Namoonni hedduun ergaa akeekkachiisaa isaanitti himnu dhagaʼanii waaqeffannaa qulqulluu akka fudhatan ni kadhanna. Haataʼu malee warri yeroo ammaa akeekkachiisa hin fudhanne hoo maal taʼu? Yihowaan namoota Baabilon Guddittiin yeroo baddu arganii jijjiirama godhan oolchuu dandaʼa. Taanaan, namoota akeekkachiisuu itti fufuun keenya baayʼee ariifachiisaadha. Wanta yeroo ammaatti isaanitti himnu yeroo sanatti yaadachuu dandaʼu. (Hisqiʼel 33:33 wajjin walbira qabii ilaali.) Tarii akeekkachiisa isaaniif kennine yaadatanii yeroon darbuusaa dura waaqeffannaa dhugaa cinaa dhaabbachuuf kakaʼuu dandaʼu. Akkuma eegduu mana hidhaa Filiphisiyus keessa turee fi “kirkirri lafaa guddaan” erga gaʼee booda jijjiirama godhe sanaa, tarii namoonni yeroo ammaatti ergaa keenya hin fudhanne tokko tokkos Baabilon Guddittiin erga baddee booda jijjiirama gochuu dandaʼu.—HoE. 16:25-34. w24.05 17 key. 9-10
Dilbata, Hagayya 2
Seerichi Kiristoosiin xumurameera.—Rom. 10:4.
Wanta Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif barreesserraas barumsa gaarii arganna. Isaan keessaa tokko tokko guddina hafuuraa gochuusaanii itti hin fufne; ‘nyaata hafuuraa jabaa nyaachuu mannaa duubatti deebiʼanii aannan barbaadu’ turan. (Ibr. 5:12) Obboloonni kun wantoota haaraa Yihowaan karaa gumichaa isaan barsiisaa ture hubachaa fi fudhachaa hin turre. (Fak. 4:18) Fakkeenyaaf, Yihudoonni amantoota taʼan hedduun aarsaa Kiristoos dhiheesseen kan kaʼe Seerri Musee erga hafee gara waggaa 30 boodallee Seerichi akka eegamu jajjabeessu turan. (Tit. 1:10) Namni xalayaa Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Ibrootaaf barreesse dubbisu kamiyyuu kitaabichi nyaata hafuuraa jabaa taʼe akka qabate hubachuu ni dandaʼa. Xalayaan kun caalmaa qophiin waaqeffannaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru qabu hubachuu fi ija jabinaan lallabuusaanii itti fufuuf kan isaan gargaaru ture.—Ibr. 10:19-23. w24.04 6 key. 15
Wiixata, Hagayya 3
Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].—HoE. 24:15.
Addaamii fi Hewaan Seexana wajjin taʼuudhaan Yihowaarratti erga fincilanii kaasee namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaniiru. Namoota kana hunda gara fuulduraatti maaltu isaan eeggata? Duuka buutota Kiristoos keessaa namoonni muraasni, jechuunis namoonni 144,000 taʼan duʼaa kaʼanii samii keessatti jireenya hin badne argatu. (Mul. 14:1) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon Yihowaa jaallatan hedduun yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti duʼaa kaafamu; yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoosittii fi yeroo qorumsa isa dhumaatti qajeelota taʼanii yoo itti fufan lafarra bara baraaf jiraatu. (Dan. 12:13; Ibr. 12:1) Kana malees, yeroo Bulchiinsa Barkumeetti “jalʼoonni” Yihowaa tajaajilanii hin beeknee fi “wanta hamaa hojjetan” jijjiirama godhanii amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilan carraan isaaniif kennama. (Yoh. 5:29; Luq. 23:42, 43) Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka malee hamoo waan taʼaniif, Yihowaan duʼaa isaan kaasuu dhiisuuf murteesseera.—Luq. 12:4, 5. w24.05 2 key. 3; 5 key. 15; 6 key. 17
Kibxata, Hagayya 4
Hidhii [isaatiin] ulfina naaf kenna, garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha.—Isa. 29:13.
Namni Yihowaa duratti simatamuu barbaadu “garaa isaatti dhugaa [dubbachuu]” qaba. (Far. 15:2) Kun sobuu dhiisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yihowaan dubbii fi gocha keenya hundumarratti amanamoo akka taanu barbaada. (Ibr. 13:18) Kun baayʼee barbaachisaadha; “sababiin isaas, Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.” (Fak. 3:32) Namoonni ‘garaa isaaniitti dhugaa dubbatan’ dhoksaatti seera Waaqayyoo utuma cabsanii namoota duratti ajajamoo fakkaatanii mulʼachuuf hin yaalan. Wanta jalʼaa taʼe hin raawwatan. Namni jalʼaa taʼe qajeelfamoonni Yihowaa tokko tokko ogummaarratti kan hundaaʼan taʼuusaanii ni shakka taʼa. (Yaq. 1:5-8) Dhimmoota xixiqqoodha jedhee yaadurratti Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin hafa taʼa. Ajajamuu dhiisuusaatiin kan kaʼe rakkinni isa hin mudanne taanaanimmoo wantoota sanarra hammaatan raawwachuu dandaʼa; yeroo kanatti waaqeffannaansaa fakkeessaarratti kan hundaaʼe taʼa. (Lal. 8:11) Nuti garuu wanta hundumaarratti amanamoo taʼuu barbaanna. w24.06 10 key. 7-8
Roobii, Hagayya 5
Qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan . . . jabaadhaa dhaabbadhaa.—Efe. 6:14, 15.
Sabni Yihowaa dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu baayʼee jaallatu. Amantiin keenya kan hundaaʼe dhugaa kanarrattidha. (Rom. 10:17) Yihowaan gumii Kiristiyaanaa “utubaa fi deggertuu dhugaa” godhee akka ijaare ni amanna. (1 Xim. 3:15) Seexanni amanannaa Kitaaba Qulqulluu fi qajeelfama jaarmiyaa Waaqayyoorratti qabnu nu dhabsiisuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. (Efe. 4:14) Diyaabilos yeroo dhihootti saboota hunda dogoggorsuudhaan Yihowaa mormanii akka dhaabbatan gochuuf olola cimaa taʼetti fayyadama. (Mul. 16:13, 14) Seexanni saba Yihowaa dogoggorsuuf caalaatti carraaqqii akka godhus ni eegna. (Mul. 12:9) Garaa garummaa dhugaa fi soba gidduu jiru beekuun, akkasumas dhugaadhaaf ajajamuu barachuun kan nu barbaachisu kanaafi. (Rom. 6:17; 1 Phe. 1:22) Rakkina guddaarraa ooluu kan dandeenyu akkas yoo goonedha! w24.07 8 key. 1-3
Kamisa, Hagayya 6
Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti.—Kes. 30:11.
Yihowaan saba Israaʼel yeroo gurmeessetti isaan wajjin kakuu galee, jechuunis walii galtee godhee ture. Isaan seerasaatiif yoo ajajaman innis isaan eega, akkasumas isaan eebbisa. Waaqolii kan biroo waaqeffachuuf filachuudhaan yoo isarratti fincilan garuu, eebbasaa isaan dhowwata, akkasumas ni rakkatu. Taʼus, sana boodallee deebiʼanii Waaqayyo biratti fudhatama argachuu ni dandaʼu. ‘Gara Waaqa isaanii Yihowaatti deebiʼuu fi sagalee isaa dhagaʼuu’ ni dandaʼu. (Kes. 30:1-3, 17-20) Jechuunis, yaada geddarachuu ni dandaʼu. Akkas yoo godhan, Yihowaan isaanitti dhihaata, akkasumas deebiʼee isaan eebbisa. Sabni Yihowaan filate kun irra deddeebiʼee isarratti fincileera. Kanaan kan kaʼes sabichi rakkinarra buʼeera. Taʼus, Yihowaan abdii isaanitti hin kutanne. Yaada akka geddaratanii fi garasaatti akka deebiʼan isaan jajjabeessuuf irra deddeebiʼee raajotasaa gara isaanitti ergeera.—2 Mot. 17:13, 14. w24.08 9 key. 4-5
Jimaata, Hagayya 7
Gumii Yerusaalem keessa jiru irratti ariʼatamni guddaan ni kaʼe.—HoE. 8:1.
Kiristiyaanonni Ibrootaa Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiraatan waggoota Yesuus erga duʼee booda turanitti haalli rakkisaa hedduun isaan mudateera. Gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee utuma baayʼee hin turin ariʼatamni cimaan ni kaʼe. Gara waggaa 20 boodammoo, beela biyyattii keessatti uumamee tureen kan kaʼe duuka buutota Kiristoos rakkinni diinagdee cimaan mudateera. (HoE. 11:27-30) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61tti garuu, Kiristiyaanonni ariʼatama gara fuulduraatti isaan mudatu wajjin yeroo walbira qabamu hamma tokko nagaa argatanii turan. Yeroo sanatti Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa isaaniif barreesseera; xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture. Nagaan Kiristiyaanonni yeroo sanatti argatan yeroo dheeraa waan hin turreef xalayaan kun yeroosaa kan eeggate ture. Phaawulos gorsa gaarii rakkina isaan mudachuuf jedhu akka dandamatan isaan gargaaru isaaniif kenneera. w24.09 8 key. 1-2
Sanbadduraa, Hagayya 8
Isaan madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru.—Qol. 4:11.
Yeroo rakkinni nurra gaʼu jaalala Yihowaan nuuf qabu obbolootaa fi obboleettota keenyarraa ifatti argina. Obboloonni keenya gara laafinaan nu dhaggeeffachuudhaan nu jajjabeessuu ykn nu wajjin yeroo dabarsuudhaan nu deggeruu dandaʼu. Caqasa Kitaaba Qulqulluu nu jajjabeessu nuuf dubbisuu ykn nu wajjin kadhachuu dandaʼu. (Rom. 15:4) Yeroo tokko tokko, obboleessi ykn obboleettiin tokko ilaalcha Yihowaan nuuf qabu nu yaadachiisuu fi madaallii keenya akka eeggannu nu gargaaruu dandaʼu. Obboloonni keenya karaa qabatamaa taʼe kan biraatiin, fakkeenyaaf, yeroo dhiphannutti nyaata nuu qopheessuudhaan nu gargaaruu dandaʼu. Gargaarsa warra kaanii argachuuf gaafachuun nu barbaachisuu dandaʼa. (Fak. 17:17) Miira nutti dhagaʼamu ykn wanta nu barbaachisu beekuu dhiisuu dandaʼu. (Fak. 14:10) Kanaafuu, wanta sitti dhagaʼamu obboloota bilchina qabanitti himi. Gargaarsa akkamii akka barbaaddus itti himi. Jaarsa gumii itti dhihaachuun sitti salphatu tokko ykn lama haasofsiisuus ni dandeessa. Obboleettonni tokko tokko obboleettota bilchina qaban haasofsiisuun akka isaan gargaare hubataniiru. w24.10 10 key. 15-16
Dilbata, Hagayya 9
Namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa [qabaata].—Yoh. 6:40.
Namoonni hedduun fayya buleeyyii taʼanii jiraachuu waan barbaadaniif wanta sooratan of eeggannoodhaan filatu, akkasumas yeroo baayʼee sochii qaamaa gochuuf yaalu. Taʼus, barabaraafan jiraadha jedhanii hin yaadan. Dullumni dhiphina guddaa akka geessisu waan beekaniif, barabaraaf jiraachuun wanta hin fakkaannee fi nuffisiisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Yesuus ilmaan namootaa “jireenya bara baraa” argachuu akka dandaʼan Yohaannis 3:16 fi 5:24 irratti ifatti dubbateera. Gaaf tokko Yesuus namoota kumaan lakkaaʼamaniif dinqiidhaan daabboo fi qurxummii kennee ture. Kun wanta ajaaʼibsiisaa taʼedha; wanti guyyaa itti aanee jirutti dubbate garuu kana caalaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Namoonni hedduun sun isa duukaa buʼanii gara Qifirnaahom ishii qarqara Galaana Galiilaa biratti argamtu deemanii turan; achittis namoonni duʼan duʼaa kaafamanii barabaraaf akka jiraatan isaanitti hime. (Yoh. 6:39, 40) Wanti Yesuus dubbate namoonni duʼan hedduun akka duʼaa kaʼanii fi atis namoota jaallattu wajjin barabaraaf jiraachuu akka dandeessu siif mirkaneessa! w24.12 8 key. 1-2
Wiixata, Hagayya 10
Isin abbootiin manaa, . . . dubartoota warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajaa.—1 Phe. 3:7.
Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhiheenyatti baʼe akka argisiisutti abbootiin manaa hedduun qaamaan, jechaan ykn karaa miiraa haadha manaasaanii ni miidhu. Abbaan manaa akkas godhu tokko tarii warra kaan duratti kabajaan kan ishii qabu taʼus, manatti garuu karaa sirrii hin taaneen ishii qaba taʼa. Abbootiin manaa tokko tokko haadha manaasaanii karaa sirrii hin taaneen akka qaban wanti taasisu maalidha? Tarii abbaa amala gaarii hin qabneen waan guddataniif haadha manaasaanii haala kanaan qabuun dogoggora akka hin taane yaadu taʼa. Warra kaanirrattimmoo aadaan keessatti guddatan dhiibbaa isaanirratti godha; aadaansaanii abbaan manaa tokko dhiirummaasaa argisiisuuf humna fayyadamuu qaba yaada jedhu babalʼisa taʼa. Abbootiin manaa kaanimmoo aarii dabalatee miirasaanii toʼachuu hin baranne. Dhiironni tokko tokko yeroo baayʼee poornoogiraafii waan ilaalaniif dubartootaa fi saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa qabu. Kana malees, gabaasni akka argisiisutti weerarri dhibee Kooviid-19 haalli kun akka itti hammaatu godheera. Dhugaadha, wantoonni kun abbaan manaa tokko haadha manaasaa karaa sirrii hin taaneen qabuuf sababa taʼuu hin qaban. w25.01 8 key. 2-3
Kibxata, Hagayya 11
Kiristoos yeroo fooniin turetti rakkinni waan isa irra gaʼeef, isinis yaada Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa.—1 Phe. 4:1.
“Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaanis jaalladhu.” (Luq. 10:27) Yesuus Seera Musee keessaa ajajni hundarra caalu isa kana akka taʼe ifa godheera. Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu qabna; kunimmoo fedhii fi miira keenya dabalata. Isa jaallachuun lubbuu guutuudhaan isaaf buluu fi humna keenyas ni dabalata. Yihowaa jaallachuun sammuu keenya, jechuunis ilaalcha dhimmoota garaagaraatiif qabnus ni dabalata. Dhugaadha, ilaalcha Yihowaa guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Taʼus, Yesuus ilaalcha Abbaasaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, “yaada Kiristoos” qoʼachuudhaan ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachuu dandeenya.—1 Qor. 2:16. w25.03 8 key. 1
Roobii, Hagayya 12
Akka baayʼina gaarummaa isaa isa guddaatti, karaa dhiiga Ilma isaa furicha kaffaluu isaatiin bilisa baaneerra, eeyyee, cubbuun keenya nuuf dhiifameera.—Efe. 1:7.
Yesuus akkuma Addaam cubbuu hojjechuusaa dura ture nama mudaa hin qabnedha. (1 Qor. 15:45) Kanaafuu, Yesuus nuuf jecha duʼuudhaan gatii wanta Addaam dhabe bakka buusuuf barbaachisu kaffaluu dandaʼeera. (Rom. 5:19) Akka kanaan Yesuus ‘Addaam isa boodaa’ taʼeera. Namni mudaa hin qabne kan biraan dhufee wanta Addaam dhabeef gatii kaffaluun isa hin barbaachisu. Yesuus “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” duʼeera. (Ibr. 7:27; 10:12) Maarree, qophiin araaraa fi furichi garaagarummaa akkamii qabu? Qophiin araaraa tarkaanfii Waaqayyo ilmaan namootaa isa wajjin hariiroo gaarii akka qabaataniif jecha fudhatedha. Furichimmoo gatii ilmaan namootaa cubbamoo taʼan araara akka argataniif kaffalamedha. Dhiigni Yesuus inni nuuf jecha dhangalaʼe gatii kaffalame kana argisiisa.—Ibr. 9:14. w25.02 5 key. 12-13
Kamisa, Hagayya 13
Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.—1 Qor. 10:13.
Yihowaan Qaama jiraataa akka taʼe yaadachuun keenya qorumsa nu mudatuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. Akkamitti? Qorumsi nu mudatu kutaa dhimma isa guddaa Yihowaa fi Seexana gidduutti kaʼee akka taʼetti ilaalla. Diyaabilos yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaa akka dhiisnu dubbateera. (Iyo. 1:10, 11; Fak. 27:11) Qorumsa nu mudatu milkaaʼinaan yeroo dandamannu garuu, Yihowaa akka jaallannu argisiisna, akkasumas Diyaabilos sobduu taʼuusaa saaxilla. Mormii mootummaa, rakkina diinagdee, dhiibbaa namoota dantaa hin qabnee ykn qorumsa kan biraa dandamachaa jirtaa? Taanaan, haalli keessa jirtu garaa Yihowaa gammachiisuuf carraa akka siif banu yaadadhu. Yihowaan humna keetii ol akka qoramtu matumaa akka hin heyyamnes yaadadhu. Cimina jabaattee dhaabbachuuf si barbaachisu siif kenna. w24.06 22 key. 9
Jimaata, Hagayya 14
Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.—Yaq. 1:14.
Caalaatti kan qoramtu kallattiiwwan kamfaarratti akka taʼe beektaa? Dadhabina keenya salphisnee ilaaluun ykn cimoo waan taaneef dogoggora akka hin raawwanne yaaduun balaa qaba. (1 Yoh. 1:8) Phaawulos, ‘warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabanillee’ yoo of eeggachuu baatan qorumsaan moʼamuu akka dandaʼan ibseera. (Gal. 6:1) Kanaafuu, haqaan of gamaaggamuu fi kallattii dadhaboo itti taane amannee fudhachuu qabna. (2 Qor. 13:5) Kallattiiwwan caalaatti itti qoramnu erga adda baafannee booda maal gochuu qabna? Humna keenya cimsachuu qabna. Fakkeenyaaf, bara duriitti kutaan dallaa magaalaa tokkoo caalaatti balaadhaaf saaxilamu karrasaati. Kutaa magaalaa kamiyyuu caalaa karrisaa kan eegamu kanaafi. Haaluma wal fakkaatuun, nutis kallattii caalaatti dadhaboo akka taane beeknuuf xiyyeeffannaa addaa kennuu qabna.—1 Qor. 9:27. w24.07 15 key. 5-7
Sanbadduraa, Hagayya 15
Hojii gaarii hundumaan firii [godhadhaa, akkasumas] beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsuun [guddadhaa]. —Qol. 1:10.
Akkuma caqasa guyyaa harʼaarratti ibsame hojii gaariin misiraachicha lallabuu dabalata. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu amantiin Yihowaarratti qabnu ni cima, ergaa mootummichaa warra kaanitti himuun hammam barbaachisaa akka taʼes ifa nuuf taʼa. Dubbii Waaqayyoorraa caalaatti fayyadamuuf yeroo dubbistu, yeroo qoʼattuu fi irratti xiinxaltu ariifachuu hin qabdu. Suuta jedhii dubbisi. Caqasni hubachuuf ulfaataa taʼe yoo si mudate irra hin utaalin. Kanaa mannaa, Indeeksii Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa ykn Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadamuudhaan ibsa caqasicharratti kenname argachuuf yaali. Suuta jettee kan qoʼattu yoo taʼe Dubbiin Waaqayyoo dhugaa akka taʼe caalaatti mirkanaaʼaa taata. (1 Tas. 5:21) Amantiin kee caalaatti yeroo cimu wanta baratte warra kaanitti himuunis caalaatti si gammachiisa. w24.04 15 key. 4-5
Dilbata, Hagayya 16
Kanan isiniif [barreesses], isin wanta hundumaan ajajamoo taʼuu fi dhiisuu keessan mirkaneessuufi.—2 Qor. 2:9.
Daawit, Yihowaan ‘gaarii fi dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ akka taʼe dubbateera. (Far. 86:5) Miikiyaas, “Waaqni akka keetti . . . balleessaa isaanii isaaniif dhiisuu fi dogoggora isaanii irra isaaniif darbu eenyu?” jedhee barreesseera. (Mik. 7:18) Isaayyaasis akkana jedheera: “Namni hamaan daandii isaa, namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu; dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef, gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.” (Isa. 55:7) Gumiin Qorontos keessa ture fakkeenya Yihowaa hordofuuf nama yaada geddarate sana gara gumiitti simachuu fi jaalala itti argisiisuu qaba ture. Obboloonni gumichaa qajeelfama kana hordofuudhaan, “wanta hundumaan ajajamoo taʼuu” isaanii argisiisaniiru. Gumiidhaa erga baafamee jiʼoota muraasa qofa taʼus, adabni isaaf kenname yaada geddarachuuf isa kakaaseera. Kanaafuu, sababiin utuu gumiitti hin deebiʼin akka turu itti godhamu hin jiru. w24.08 17-18 key. 12-13
Wiixata, Hagayya 17
Inni tokko ni fudhatama, inni tokko immoo ni dhiifama.—Mat. 24:40.
Kan jiraannu yeroo murteessaa taʼe keessadha! Yesuus yeroo dhihootti namoota lafarra jiran hundarratti murtii ni dabarsa. Yesuus wanta murtiin kun dhihaachuusaa beekuuf nu gargaaru nutti himeera; barattootasaatiif “mallattoo” karaa hin mulʼanneen argamuusaa fi “dhuma sirna kanaa” beekuuf gargaaru kenneera. (Mat. 24:3) Mallattoon kun Maatewos boqonnaa 24 fi 25, akkasumas Maarqos boqonnaa 13 fi Luqaas boqonnaa 21 irratti galmeeffameera. Yesuus fakkeenyota sadiitti fayyadamuudhaan akeekkachiisa nu fayyadu nuuf kenneera. Isaanis fakkeenyota waaʼee hoolotaa fi reʼootaa, waaʼee durboota hubatoo fi durboota gowwoota taʼanii, akkasumas waaʼee taalaantii dubbatanidha. Fakkeenyonni hundi amalli nama tokkoo murtii isaaf kennamurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. w24.09 20 key. 1-2
Kibxata, Hagayya 18
Wanta hojjettan hunda jaalalaan hojjedhaa.—1 Qor. 16:14.
Yesuus Kiristoos inni fakkeenya keenya taʼe wanta hunda kan raawwatu jaalala Abbaasaa fi namootaaf qabuun kakaʼeeti. Jaalalli kun jabaatee hojjechuuf, akkasumas hojii gadaanaa akka taʼetti ilaalamu hojjechuuf isa kakaaseera. (Mat. 20:28; Yoh. 13:5, 14, 15) Obbolootaa, jaalalaan kakaatanii carraaqqii kan gootan yoo taʼe, Yihowaan galmawwan hafuuraa kanneen akka tajaajilaa gumii taʼuu jiranirra akka geessan isin gargaara. (1 Phe. 5:5) Addunyaa keessatti, namoonni of argisiisan yeroo baayʼee ni leellifamu. Jaarmiyaa Yihowaa keessatti garuu akkas miti. Obboleessi akkuma Yesuus jaalalaan kakaʼee carraaqqii godhu warra kaanirratti aangoo qabaachuuf hin hawwu. Namni hawwii akkasii qabu tokko gumii keessatti yoo muudame, hojii akka gadaanaatti ilaalamuu fi hoolota Yihowaa kunuunsuuf barbaachisu tokko tokko raawwachuuf fedhii dhabuu dandaʼa. Hojiin akkasii akka isaaf hin taane isatti dhagaʼamuu dandaʼa.—Yoh. 10:12. w24.11 15 key. 6-7
Roobii, Hagayya 19
Hafuurri qulqulluun ilaaltota ol aanaa godhee . . . isin muudeera.—HoE. 20:28.
Addunyaa maratti, obboloonni “kennaa” taʼanii tajaajilan dabalataa nu barbaachisu. (Efe. 4:8) Obboleessa cuuphamte yoo taate, ‘gargaaruuf humna qabdaa?’ (Fak. 3:27) Tajaajilaa gumii taʼuuf ulaagaa barbaachisu guutuuf fedhii qabdaa? Jaarsa gumii taatee obboloota kee tajaajiluuf carraaqqii gochuuf fedhii qabdaa? Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti hirmaachuuf haala kee mijeessuu ni dandeessaa? Manni barumsaa kun Yesuus caalaatti akka sitti fayyadamuuf gaʼumsa qabaachuuf si gargaara. Galmawwan kanarra gaʼuuf gaʼumsa akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Hojii siif kennamu kamiyyuu hojjechuu akka dandeessuuf hafuura qulqulluu akka siif kennu isa kadhadhu. (Luq. 11:13) Obboloonni Yesuus “kennaa” godhee muude guyyoota dhumaa kana keessatti Yesuus nu geggeessaa akka jiru nuuf mirkaneessu. (Mat. 28:20) Mootii jaalala qabeessa, arjaa, wanta nu barbaachisu beekuu fi obboloota nu kunuunsuuf gaʼumsa qaban nuuf muudu qabaachuu keenya hin dinqisiifattuu? w24.10 23 key. 16-17
Kamisa, Hagayya 20
Wantoonni duraanii hin yaadataman.—Isa. 65:17.
Waaʼee wantoota saba Waaqayyoorratti dhiphina geessisaniihoo maal jechuu dandeenya? Yeroo booda, wanti akkasii “ni irraanfatama; fuula [Waaqayyoo] duraas ni dhokata.” (Isaayyaas 65:16) Yihowaan rakkina nurra gaʼu hundumaa ni balleessa; suutuma suuta miira rakkinni amma nurra gaʼaa jiru nutti uume hunda guutummaatti akka irraanfannu godha. Yeroo ammaattillee, walgaʼiiwwan keenyarratti yeroo argamnu tasgabbiitu nutti dhagaʼama, dhiphina addunyaan hamaan kun nurraan geessise ni irraanfanna. Jaalala, gammachuu, nagaa, gaarummaa fi garraamummaa warra kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼan yeroo argisiisnu, tasgabbii jannata hafuuraa keessa jiruuf gumaacha goona. (Gal. 5:22, 23) Kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuun eebba guddaadha! Namoonni jannata hafuuraa keessa jiraachuu isaanii itti fufan waadaan Waaqayyo “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” fiduuf gale yeroo guutummaatti raawwatamu ni argu. w24.04 22 key. 9-10
Jimaata, Hagayya 21
Namni tokko ariifatee, “Qulqulluu dha!” yoo jedhe, sana booda immoo wanta wareege irratti yoo yaade kiyyoo isatti taʼa.—Fak. 20:25.
Wal qorachuun gammachiisaa taʼus, tarkaanfii barbaachisaa gara gaaʼelaatti geessuu dandaʼudha. Namoonni wal qorachaa turan guyyaa cidha isaaniitti hamma lubbuudhaan jiranitti wal jaallachuu fi wal kabajuuf Yihowaa duratti kakuu galu. Kakuu akkamiiyyuu galuu keenya dura dhimmicharratti of eeggannoodhaan yaaduu qabna. Kakuu gaaʼelaa yeroo gallus akkasuma gochuu qabna. Namoonni lama wal qorachuunsaanii caalaatti akka wal beekanii fi murtoo gaarii akka godhan isaan gargaara. Yeroo tokko tokko murtoon isaan godhan gaaʼela dhaabbachuu taʼuu dandaʼa; yeroo tokko tokkommoo walitti dhufeenyasaanii addaan kutuu taʼuu dandaʼa. Namoonni wal qorachaa turan yoo gargar baʼan dogoggora raawwataniiru jechuu miti. Kanaa mannaa, kaayyoo itti wal qorachaa turan galmaan gaʼaniiru jechuudha; wal qorachuunsaanii murtoo gaarii gochuuf isaan gargaareera. Wal qorachuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoonni qeenxee taʼan ilaalcha sirrii yoo qabaatan nama hiriyaa gaaʼelaasaanii akka taʼu hin barbaanne wajjin wal qorachuu hin jalqaban. w24.05 26-27 key. 3-4
Sanbadduraa, Hagayya 22
Waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuu . . . hin qaanaʼin.—2 Xim. 1:8.
Kiristiyaanonni dargaggoota taʼan yeroo tokko tokko wanta itti amanan warra kaanitti himuun isaan sodaachisa taʼa. Tarii yeroo daree keessatti waaʼeen jijjiirama tirannaa kaʼu yaadasaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Barsiisonnisaanii barumsi jijjiirama tirannaa dhugaa akka taʼe waan dubbataniif taʼuu dandaʼa. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan wanti itti amanan dhugaa taʼuusaa mirkanaaʼoo akka taʼan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Mucaan keessan uumama ilaalchisee dhugaasaa beekuusaatti qaanaʼuu akka hin qabne isaaf mirkaneessaa. Maaliif? Saayintistoonni hedduunillee jireenyi akkuma tasaa akka hin argamne hubataniiru. Saayintistoonni kun wantoota wal xaxoo taʼan hunda kan uume qaama dandeettii guddaa qabu tokko akka taʼe bira gaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, barumsa jijjiirama tirannaa hin fudhatan. Ijoolleen keessan ragaawwan obboloonnii fi obboleettonni kan biroon jireenyi uumamaan akka argame isaan amansiisan qoruudhaan ofitti amanannaasaanii cimsachuu dandaʼu. w24.12 18 key. 14-15
Dilbata, Hagayya 23
Hafuura qulqulluudhaan gammade.—Luq. 10:21.
Yesuus hojii lallabaatiif ilaalcha gaarii qabaatee itti fufeera. Kunis miira hoʼaa tajaajilasaatiif qabu eeggatee itti fufuuf isa gargaareera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. dhuma bara 30tti, namoonni hedduun misiraachoo inni lallabuuf deebii gaarii kennaa akka jiran yommuu argu namoota kana midhaan haamaadhaaf gaʼetti fakkeesseera. (Yoh. 4:35) Gara waggaa tokkoo booda barattootasaatiin, “Hojiin makarichaa guddaa dha” jedheera. (Mat. 9:37, 38) Boodas, “Hojiin makarichaa guddaa dha, . . . Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa” isaaniin jedheera. (Luq. 10:2) Yesuus ammayyuu namoonni misiraachichaaf deebii gaarii kennan akka jiran mirkanaaʼaa ture; yeroo deebii gaarii kennanittis ni gammada ture. Yesuus barattoonnisaa ergaasaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan isaan barsiisuudhaan hinaaffaasaanii akka eeggatan isaan jajjabeesseera. w25.03 18-19 key. 15-16
Wiixata, Hagayya 24
Waaqni koo qarsaa ani kooluu itti galu dha.—Far. 94:22.
Yihowaan iddoo kooluu itti galludha. Akkuma qarsaa guddaan tokko obomboleettii cimaa jalaa dhokachuuf gargaaru, Yihowaanis haalli balaadhaaf nama saaxilu yeroo nu mudatu eegumsa nuuf godha. Hariiroo isa faana qabnu akka eeggannu nu gargaara, rakkinni miidhaa dhaabbataa nurraan geessisu akka nurra gaʼus hin heyyamu. Kana malees, gara fuulduraatti wanta dhiphinaa fi rakkina geessisu hunda akka balleessu waadaa galeera. (His. 34:25, 26) Karaan Yihowaa iddoo kooluu itti gallu godhachuu itti dandeenyu tokko kadhannaadhaan isatti dhihaachuudha. Yihowaan yeroo kadhannaa isatti dhiheessinu, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa garaa fi sammuu keenya eegu nuu kenna. (Filp. 4:6, 7) Inni yeroo hunda nu gargaaruuf qophaaʼaadha. Inni “Qarsaa bara baraa” ti. (Isa. 26:3, 4) Yeroo hundumaa jiraataa waan taʼeef waadaa gale ni eega, kadhannaa keenya ni dhagaʼa, akkasumas yeroo nu barbaachisutti gargaarsa nuuf godha. Yihowaan tajaajiltootasaatiif amanamaa waan taʼeef guutummaatti isatti amanamuu dandeenya. (2 Sam. 22:26) Wanta raawwanne yoomiyyuu hin irraanfatu; yeroo hundumaa nu badhaasa.—Ibr. 6:10; 11:6. w24.06 27 key. 4-6
Kibxata, Hagayya 25
Maddi jireenyaa isa keessaa waan argamuuf . . . hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu.—Fak. 4:23.
Bashannanni gaarii hin taane garaan keenya akka hiramu gochuu dandaʼa. Hiriyummaa gadheenii fi qabeenyaaf iddoo guddaa kennuunis garaa keenya hiruu dandaʼa. Wanti taʼe tokko jaalala Yihowaadhaaf qabnu nu jalaa laaffisaa akka jiru yoo hubanne wanta sanarraa fagaachuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. (Mat. 5:29, 30) Garaan keenya akka hiramu heyyamuu hin qabnu. Hirmaannaa sochiiwwan hafuuraarratti goonu hamma daballetti wantoota dhiibbaa gadhee nurraan geessisanirraa fagaachuuf carraaquun akka nu hin barbaachisne yaaduudhaan of gowwoomsuu dandeenya. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu; mana kee erga qulqulleessitee booda foddaa fi balbala bantee kan deemtu yoo taʼe maaltu taʼa? Manni kee yeruma sana awwaaraan guutama. Haaluma walfakkaatuun, wantoota caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaaran gochuun qofti gaʼaa miti. Akkuma awwaarri mana keenyatti akka hin galle of eeggannu, wanti jaalala Yihowaadhaaf qabnu nu jalaa laaffisus gara garaa keenyaatti akka hin seenne of eeggachuu qabna.—Efe. 2:2. w24.07 21 key. 6-7
Roobii, Hagayya 26
Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa.—Mat. 5:44.
Yesuus gara jabinaan isa dararaa waan turaniif dhukkubbii cimaan isatti dhagaʼamee ture; dhiphina yeroo kanatti isatti dhagaʼame guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Taʼus, Yesuus jalʼina haqaa isarra gaʼeen hin moʼamne. Loltoota mismaaraan mukarratti isa fannisan sana abaaruu mannaa, “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jedhee isaaniif kadhateera. (Luq. 23:34) Namoota miidhaa nurraan gaʼaniif kadhachuun keenya, tasgabbaaʼuu fi aarii keenya dhiisuuf, darbees ilaalcha isaaniif qabnu jijjiiruuf nu gargaaruu dandaʼa. Addunyaa hamaa kana keessatti jalʼinni haqaa akkamii akka nurra gaʼu hin beeknu. Wanti akkamiiyyuu yoo nu mudate gargaarsa argachuuf Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya itti haa fufnu. Kana malees, yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu fakkeenya Yesuus haa hordofnu, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuu keenya itti haa fufnu. Akkas yoo goone, eebba Yihowaan fidu akka dhaallu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Phe. 3:8, 9. w24.11 6 key. 16; 7 key. 17, 19
Kamisa, Hagayya 27
Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; namni hamaa taʼe kam iyyuu sii wajjin hin jiraatu.—Far. 5:4.
Yihowaa duratti fudhatama kan qabu amala hunda miti; inni cubbuu ni jibba. (Far. 5:4-6) Ulaagaaleesaa warra qajeeloo taʼanii fi Dubbiisaa keessatti nuuf ibse akka eegnu nurraa eega. Dhugaadha, Yihowaan namoonni cubbuu dhaalan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa hin eegu. (Far. 130:3, 4) Taʼus, ‘namoota isa hin sodaannee fi gaarummaa guddaa Waaqa keenyaatiin qabatanii addaggummaa raawwatan’ callisee hin ilaalu. (Yih. 4) Kitaabni Qulqulluun waraanni Armaagedoon waraana Waaqayyoo isa “namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffaman” akka taʼe dubbata. (2 Phe. 3:7; Mul. 16:16) Haa taʼu malee, Yihowaan eenyuyyuu akka badu hin barbaadu. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “hundumtuu yaada akka geddaratan” akka barbaadu ifatti dubbata. (2 Phe. 3:9) Jaarsoliin namoonni cubbuu raawwatan daandiisaanii jijjiiranii deebiʼanii Yihowaa duratti fudhatama akka argatan obsaan gargaaruudhaan fakkeenya Yihowaa hordofu. w24.08 26 key. 1-2
Jimaata, Hagayya 28
Ati harka kee ni banta, fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaas ni quubsita.—Far. 145:16.
Nutis akkuma Yihowaa jaalalaan kakaanee warra kaaniif wanta isaan barbaachisu kennuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessa ykn obboleettii nyaanni ykn uffanni isaan barbaachisu beektaa? Yihowaan nama sana gargaaruuf sitti fayyadamuu dandaʼa. Sabni Yihowaa yeroo balaan gaʼu arjummaa argisiisuudhaan beekamu. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 turetti obboloonni warra gargaarsi barbaachisuuf nyaata, uffataa fi wantoota kan biroo kennaa turan. Kana malees, obboloonni hedduun hojii addunyaa maraatiif buusii godhaniiru. Buusiin kun obboloota addunyaa maratti balaadhaan miidhaman gargaaruurratti gumaacha godheera. Obboloonni arjoota taʼan kun gorsa Ibroota 13:16 irratti argamu kana hojiirra oolchaniiru: “Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada.” w24.09 27 key. 6-7
Sanbadduraa, Hagayya 29
Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.
Mee haala kanatti aanee jiru yaadi. Maatii kee deeggaruuf hojii barbaadaa jirta. Achiis hojii lama argatte. Gosa hojichaa, sagantaa hojichaa, saʼaatii bakka hojii deemuuf sitti fudhatuu fi kkf ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachuuf yaalta. Hojiin lamaanuu akka Kitaaba Qulqulluutti fudhatama qaba. Tarii gosti hojichaa ykn mindaansaa gaarii waan taʼeef isa tokko filatta taʼa. Haa taʼu malee, murtoo gochuu kee dura wantoonni tilmaama keessa galchuu qabdu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, hojichi sagantaa walgaʼii gumii wajjin walirra buʼaa? Yeroo maatii kee karaa miiraa fi karaa hafuuraa kunuunsuuf si barbaachisu si jalaa fudhataa? Gaaffilee akkasiirratti yaaduun kee maallaqa dabalataa argachuuf utuu hin taʼin, “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan,” jechuunis waaqeffannaa kee fi wanta maatii keetiif barbaachisuuf dursa kennuuf si gargaara. Akkas yoo goote murtoo Yihowaan eebbisu gochuu dandeessa. w25.01 17 key. 11-13
Dilbata, Hagayya 30
Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha.—Far. 34:18.
Warri kaan yoo si miidhanillee Yihowaan akka si jaallatuu fi iddoo guddaa akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. “Hafuurri [kee akka] caccabe” yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan keessa keetti wanta gaarii argee dhuunfaatti akka ofitti si harkise yaadadhu. (Yoh. 6:44) Isa biratti iddoo guddaa waan qabduuf yeroo hunda si gargaaruuf qophaaʼaadha. Fakkeenya Yesuus qoruudhaan miira Yihowaan nuuf qabu hubachuu dandeenya. Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti namoota warra kaan biratti tuffatamaniif xiyyeeffannaa kenneera, akkasumas gara laafinaan isaan qabeera. (Mat. 9:9-12) Dubartiin dhukkuba cimaadhaan dhiphachaa turte takka akka fayyitu abdachuudhaan uffatasaa yeroo tuqxetti ishii jajjabeesseera, akkasumas amantii ishiitiif ishii dinqisiifateera. (Mar. 5:25-34) Yesuus amala Abbaasaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, Yihowaan iddoo guddaa akka siif kennu, akkasumas amantii kee fi jaalala isaaf qabdu dabalatee amaloota gaggaarii qabdu akka hubatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. w24.10 7 key. 4-5
Wiixata, Hagayya 31
Imimmaan koo qalqalloo kee keessatti walitti qabi.—Far. 56:8.
Daawit jireenyasaa keessatti rakkoowwan imimmaan akka dhangalaasu isa taasisan hedduun isa mudataniiru. Namoonni baayʼeen isa jibbaniiru, namoonni inni amanu tokko tokkollee isa gananiiru. (1 Sam. 19:10, 11; 2 Sam. 15:10-14, 30) Yeroo tokko akkana jedhee barreesseera: “Aaduu koo irraa kan kaʼe bututeera; halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa; iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa.” (Far. 6:6) Daawit rakkinni hedduun isa mudatus Yihowaan akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. “Yihowaan sagalee booʼicha kootii [ni dhagaʼa]” jedhee barreesseera. (Far. 6:8) Yaanni caqasa guyyaa harʼaarra jiru Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi miira keenyaaf xiyyeeffannaa akka kennu nu yaadachiisa. Daawit Yihowaan imimmaansaa miʼa keessatti akka kuusu ykn kitaabarratti akka galmeessu isatti dhagaʼameera. Yihowaan miidhamasaa akka arguu fi akka yaadatu mirkanaaʼaa ture. Daawit Abbaansaa inni samii haala inni keessa jiru qofa utuu hin taʼin miira isatti dhagaʼamus akka hubatu mirkanaaʼaa ture. w24.12 22 key. 11-12