Sadaasa
Dilbata, Sadaasa 1
Ani bara baraaf hin mufadhu.—Er. 3:12.
Jaarsoliin nama gumiidhaa baafame yeroo haasofsiisanitti gara laafina Yihowaa calaqqisiisuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, Yihowaan sabasaa mata jabeeyyii taʼanii fi Israaʼel durii keessa jiraachaa turan hamma ofumasaaniitiin yaada geddaratanitti hin eegne. Kanaa mannaa, mallattoon yaada akka geddaratan argisiisu tokkollee utuu hin jiraatin dursa fudhatee isaan gargaareera. Yihowaan, haadha manaasaa ishii cubbuu hojjechaa jirtuuf dhiifama akka godhu Hoseʼaa raajichatti himuudhaan hammam garaa akka laafu fakkeenyaan argisiiseera. (Hos. 3:1; Mil. 3:7) Jaarsoliinis akkuma Yihowaa cubbamoonni akka deebiʼan barbaadu; deebiʼuun akka isaanitti ulfaatu hin godhan. Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee yeroo dubbatetti Abbaan mucaa sanaa “fiigee isatti [maramee akka] isa dhungate” ibseera. (Luq. 15:20) Abbaan sun hamma ilmisaa dhiifama akka isaaf godhu isa kadhatutti akka hin eegne hubadhu. Kanaa mannaa, akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkootti dursa fudhateera. w24.08 28 key. 7-8
Wiixata, Sadaasa 2
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas, inni utuu dogoggora hin funaanin nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna.—Yaq. 1:5; milj.
Yaanni caqasa guyyaa harʼaa Yihowaan ogummaasaa akka hin qusanne argisiisa. Warra kaaniif arjummaadhaan kenna. Yihowaan ogummaasaa kan kennu “utuu hin ceephaʼin” ykn “utuu dogoggora hin funaanin” akka taʼes qalbeeffadhu. Qajeelfamnisaa akka nu barbaachisu amanuu keenyatti matumaa akka qaanofnu hin godhu. Kanaa mannaa, akka isa gaafannu nu jajjabeesseera. (Fak. 2:1-6) Nutoo akkami? Ogummaa keenya warra kaaniif qooduudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenyaa? (Far. 32:8) Sabni Yihowaa carraawwan wanta baratan warra kaaniif qooduu itti dandaʼan hedduu qabu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee babalʼistoota haaraa tajaajilarratti ni leenjisna. Jaarsoliin hojii gumii keessatti isaaniif kennamu akkamitti akka hojjetan tajaajiltoota gumii fi obboloota cuuphaman ni leenjisu. Obboloonni hojii ijaarsaa fi suphuurratti muuxannoo qabanimmoo hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti obbolootasaanii muuxannoo hin qabne leenjisu. w24.09 28-29 key. 11-12
Kibxata, Sadaasa 3
Isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.—1 Tas. 2:8.
Jaarsa taatee tajaajiluuf “himata irraa walaba” taʼuu, jechuunis amala gaarii argisiisuudhaan gumii keessatti maqaa gaarii qabaachuu qabda. (1 Xim. 3:2) “Namoota alaa birattis maqaa gaarii” qabaachuu qabda. Namoonni hin amanne amantii kee qeequu dandaʼu, garuu amanamummaa fi amaloota kee kaan ilaalchisee sababii itti si komatan qabaachuu hin qaban. (Dan. 6:4, 5) ‘Gumii keessattis taʼe gumiidhaa alatti maqaa gaarii qabaa?’ jedhii of gaafadhu. “Waan gaarii kan [jaallattu]” yoo taʼe amaloota gaggaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffatta, akkasumas isaan dinqisiifatta. (Tit. 1:8) Wanta sirraa eegamurrallee dabartee warra kaaniif wanta gaarii gochuun si gammachiisa. Jaarsoliin amala kana qabaachuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yeroosaanii hedduu gumichaaf tika gochuu fi hojii isaaniif kenname hojjechuudhaan waan dabarsaniifi. (1 Phe. 5:1-3) Taʼus, gammachuun warra kaan tajaajiluudhaan argatan aarsaa kaffalan kamirrayyuu baayʼee caala.—HoE. 20:35. w24.11 20-21 key. 3-5
Roobii, Sadaasa 4
Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.
Tajaajiltoonni gumii, gumii keessatti hojii barbaachisaa taʼe hojjetu. Phaawulos ergamaan dhiirota kana baayʼee akka dinqisiifatu ifadha. Fakkeenyaaf, yeroo Kiristiyaanota Filiphisiyus keessa turaniif barreessetti tajaajiltoota gumiis taʼe jaarsolii gumii caqasee nagaa isaaniitti dhaameera. (Filp. 1:1) Dargaggootas taʼan maanguddoota, obboloonni cuuphaman hedduun tajaajiltoota gumii taʼuusaaniitti baayʼee gammadu. Fakkeenyaaf, Deevan yeroo muudametti waggaa 18 ture. Obboleessi Luuyis jedhamummoo kan muudame waggaa 50 ol taʼeeti. Luuyis akkana jechuudhaan miira obboloota hedduu ibseera: “Tajaajilaa gumii taʼuu koo akka mirga guddaattan ilaala; keessumaa jaalala gumichi natti argisiisu yeroon yaadu baayʼeen gammada!” Cuuphamteetta yoo taʼee fi tajaajilaa gumii yoo taʼuu baatte, galma kana baafachuu ni dandeessaa? w24.11 14 key. 1-3
Kamisa, Sadaasa 5
Maaloo yaa Yihowaa, . . . si duratti wanta gaarii taʼe akkan [raawwadhe] akka yaadattu sin kadhadha.—2 Mot. 20:3.
Hisqiyaas mootiin Yihudaa umuriisaa waggaa 39tti dhukkuba hin fayyineen akka qabame hubate. Isaayyaas raajichi ergaa Yihowaa Hisqiyaas dhukkuba kanaan akka duʼu ibsu isatti hime. (2 Mot. 20:1) Haalli Hisqiyaas abdii waan qabu hin fakkaatu ture. Hisqiyaas kana yeroo dhagaʼu baayʼee waan gaddeef hinqirfatee booʼe. Achiis cimsee Yihowaa kadhate. Yihowaan kadhannaasaa yeroo dhagaʼuu fi imimmaansaa yeroo argu garaa waan isaaf laafeef, “Kadhannaa kee dhagaʼeera. Imimmaan kees argeera. Kunoo, sin fayyisa” isaan jedhe. Umuriisaa akka isaaf dheeressuu fi Yerusaalemiin harka Asoorotaa jalaa akka oolchus waadaa isaaf gale. (2 Mot. 20:4-6) Dhukkuba fayyuu kan hin dandeenye fakkaatuun yoo qabamte maal gochuu dandeessa? Miira sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi, isatti booʼuullee ni dandeessa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan inni “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼe rakkina keenya hunda keessatti akka nu jajjabeessu nuuf mirkaneessa.—2 Qor. 1:3, 4. w24.12 24 key. 15-17
Jimaata, Sadaasa 6
Akkuma namoonni kun abdatan, qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman Waaqayyoon nan abdadha.—HoE. 24:15.
Namoota duʼaa kaʼan simachuun baayʼee nama gammachiisa! Wantoota Yihowaan uume hedduu qorachuudhaanis waaʼeesaa caalaatti barachuun hammam akka si gammachiisu tilmaamuu dandeessa. (Far. 104:24; Isa. 11:9) Hunda caalaammoo miirri balleessaa xinnoonillee utuu sitti hin dhagaʼamin Yihowaa waaqeffachuu dandeessa. “Gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf [argamsiisuuf]” jettee eebbawwan kana hunda aarsaa ni gootaa? (Ibr. 11:25) Matumaa! Yeroo ammaatti eebbawwan kanaaf jecha aarsaa akkamiiyyuu kaffaluun nu hin gaabbisiisu. Jannanni lafarraa yeroo hunda abdii taʼee akka itti hin fufne yaadadhu. Gaaf tokko dhugoomuunsaa hin oolu. Yihowaan nu jaallatee Ilmasaa utuu nuu kennuu baatee wantoonni kun hundi hin raawwataman turan. w25.01 29 key. 12
Sanbadduraa, Sadaasa 7
Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?—Lak. 11:23.
Namoota amantii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa tokko Museedha; Museen nama amantii cimaa qabudha. (Ibr. 3:2-5; 11:23-25) Museen amantii argisiisuusaatti hin qaanofne; sababiinsaas, Waaqayyo lafa onaa goggogaa taʼe keessatti dinqiidhaan sabichaaf nyaataa fi bishaan kenneera. (Bau. 15:22-25; Far. 78:23-25) Museen amantii cimaa kan qabu taʼus, Israaʼelota Gibxiidhaa erga baasee gara waggaa tokkoo booda Yihowaan akkuma dubbatetti sabichaaf foon kennuu kan dandaʼu taʼuusaa shakkee ture. Museen Yihowaan lafa onaa keessatti foon namoota miliyoonaan lakkaaʼaman quubsu qopheessuu dandaʼa jedhee amanuun isatti ulfaatee ture. Yeroo kanatti Yihowaan, “Harki Yihowaa gabaabaa dhaa?” isaan jedhe. (Lakkoofsa 11:21-23) Yihowaan akkuma waan Museedhaan, ‘Wantan jedhe raawwachuu waanan hin dandeenye sitti fakkaataa?’ jedheeti. w25.03 26 key. 1-2
Dilbata, Sadaasa 8
[Waaqayyo] addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne.—2 Phe. 2:5.
Seenaan waaʼee Bishaan Badiisaa dubbatu wanta gara fuulduraatti taʼuuf gaaddidduu akka taʼetti ilaaluu qabnaa? Lakki. Maaliif? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa waan hin dubbanneefi. Yesuus, “bara Noh” yeroo argama isaa wajjin walbira qabee ibseera; haa taʼu malee, yeroo itti Yihowaan balbala doonichaa cufe dabalatee wantoonni bara Nohitti raawwataman hundi wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniif gaaddidduu akka taʼanitti hin dubbanne. (Mat. 24:37-39) Noh yeroo akeekkachiisa Yihowaa dhagaʼetti deebii akkamii kenne? Doonii ijaaruudhaan amantii akka qabu argisiiseera. (Ibr. 11:7; 1 Phe. 3:20) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu dhagaʼan wanta baratan hojiirra oolchuudhaan tarkaanfii fudhachuu qabu. (HoE. 3:17-20) Pheexiros, Nohiin “isa qajeelummaa lallabu” jedhee waameera. Yeroo harʼaatti hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamurratti hirmaachaa jirra; hojii kanarratti hinaaffaadhaan hirmaachuufis carraaqqii goona. Haa taʼu malee, hammamiyyuu carraaqqii yoo goone dhumni dhufuusaa dura namoota lafarra jiran hundumaaf lallabuu hin dandeenyu. w24.05 9-10 key. 3-5
Wiixata, Sadaasa 9
Namoota Yihowaa sodaatan . . . ni kabaja.—Far. 15:4.
Karaa michoota Yihowaatti gaarummaa fi kabaja argisiisuu itti dandeenyu barbaaddachuu qabna. (Rom. 12:10) Akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko Faarfannaa 15:4 irratti ibsameera; keessummaan dunkaana Yihowaa keessa jiru tokko “kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.” Waadaa galle tokko yoo cabsine warra kaan akka miinu beekamaadha. (Mat. 5:37) Fakkeenyaaf, Yihowaan keessummoonnisaa kakuu hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif galan akka eegan isaanirraa eega. Warri waadaa ijoolleesaaniitiif galan raawwachuuf yeroo carraaqqii godhan yommuu argus ni gammada. Jaalalli Waaqa keenyaa fi namoota kaaniif qabnu hamma nuuf dandaʼame waadaa galle eeguuf nu kakaasa. Karaan michoota Waaqayyoo akka kabajnu itti argisiisnu kan biraanimmoo keessummoota simachuu fi arjummaa argisiisuudha. (Rom. 12:13) Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin gumii fi tajaajilaan alattis yeroo dabalataa waliin dabarsuun keenya michummaa isaan faanas taʼe Yihowaa wajjin qabnu nuuf cimsa. Hunda caalaammoo, yeroo keessummoota simannu fakkeenya Yihowaa hordofna. w24.06 12 key. 15-16
Kibxata, Sadaasa 10
Akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha?—Far. 8:4.
Yihowaan dhugaa kan beeksisu namoota gad of qabanittidha. (Mat. 11:25) Dhugaa akka barannu gargaarsa nuu godhame gad of qabnee fudhanneerra. (HoE. 8:30, 31) Ammas taanaan akka hin koorre of eeggachuu qabna. Kan koorru yoo taʼe ilaalchi keenya qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi jaarmiyaa Yihowaarraa argannu wajjin qixxee akka taʼetti yaaduu jalqabuu dandeenya. Amala gad of qabuu argisiisuu keenya itti fufuuf, yeroo Yihowaa wajjin wal bira qabamnu baayʼee baayʼee xiqqoo akka taane yaadachuu qabna. (Far. 8:3, 4) Caalaatti amala gad of qabuu horachuuf akka nu gargaarus Yihowaa kadhachuu dandeenya. Yihowaan yaada ofii keenyaa caalaa yaada inni karaa Dubbii fi jaarmiyaasaa nu barsiisuuf dursa akka kenninu nu gargaara. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistu, wantoota Yihowaan gad of qabuu akka jaallatu, kooruu, of tuuluu fi of bokoksuu garuu akka jibbu argisiisan argachuuf yaali. Keessumaa mirgi hamma tokko beekamtii siif argamsiisu yeroo siif kennamu, amala gad of qabuu argisiisuu kee itti fufuuf caalaatti carraaqqii gochuu qabda. w24.07 10 key. 8-9
Roobii, Sadaasa 11
Inni xinnaan kuma, inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa. Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa.—Isa. 60:22.
Yihowaan yeroo harʼaattillee sabasaa gurmeessuusaa itti fufeera. Bara 1919 kaasee Yesuus hojii lallabaa qindeessuu fi duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa dhiheessuuf garee xinnoo obboloota dibamoo of keessatti qabatetti fayyadamaa tureera. (Luq. 12:42) Yihowaan hojii garee kanaa eebbisaa akka jiru ifatti hubachuun ni dandaʼama. (Isa. 65:13, 14) Gurmaaʼina hin qabnu utuu taʼee hojii Yesuus nuuf kenne hojjechuu hin dandeenyu turre. (Mat. 28:19, 20) Fakkeenyaaf, naannoon tajaajilaa nuuf hin ramadamu utuu taʼee namni hundi bakka barbaadetti lallaba ture. Naannoon tajaajilaa tokko tokko babalʼistoota garaagaraatiin irra deddeebiʼamee hojjetamuu, naannoon kaanimmoo dagatamuu dandaʼa ture. Buʼaa gurmaaʼuun keenya argamsiise kan biraa yaaduu dandeessaa? Yesuus akkuma yeroo lafarra turetti duuka buutotasaa gurmeessetti yeroo harʼaas saba Waaqayyoo gurmeessuusaa itti fufeera. w24.04 8-9 key. 2-4
Kamisa, Sadaasa 12
Ati wanta gaarii gochuutti yoo garagalte, fudhatama ni argatta mitii? Wanta gaarii gochuutti hin garagaltu taanaan garuu, cubbuun balbala irratti riphee si eeggachaa jira; inni si moʼuu barbaada.—Uma. 4:7.
Qaayin ilma angafaa Addaam fi Hewaani. Warrasaarraa cubbuu dhaaleera. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, ‘hojiin isaa hamaa akka taʼe’ dubbata. (1 Yoh. 3:12) Tarii Yihowaan, yeroo inni aarsaa dhiheessetti “Qaayinii fi aarsaa isaa gammachuudhaan [kan] hin ilaalle” kanaaf taʼuu dandaʼa. Qaayin sirreeffama gochuu mannaa, “aaree bobaʼe, ni gaddes.” Maarree, Yihowaan yeroo kanatti maal godhe? Isa haasofsiise. (Uma. 4:3-7) Yihowaan wanta gaarii yoo godhe akka isa eebbisu gaarummaadhaan isatti himeera, aariinsaa wanta hamaa taʼe raawwachuutti akka isa geessus isa akeekkachiiseera. Kan nama gaddisiisu, Qaayin dhagaʼuu dide. Yihowaan yaada geddarachuuf akka isa gargaaru hin heyyamne. Maarree, Yihowaan sana booda cubbamoonni kan biroon yaada akka geddaratan gargaaruuf yaaluusaa dhiiseeraa? Matumaa! w24.08 10 key. 8
Jimaata, Sadaasa 13
Akka [jiraattuuf] jireenya filadhu.—Kes. 30:19.
Sabni Israaʼel yeroo dinqisiisaa taʼetu isaan eeggata ture. Israaʼelonni eebba Yihowaatiin biyya waadaa isaaniif galame keessa umurii dheeraa jiraachuu ni dandaʼu. Biyyattiinimmoo miidhagduu fi biyya oomisha gaarii kennitudha! Museen biyyattiin ‘magaalota guguddoo fi gaggaarii isaan hin ijaarre, manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa isaan itti hin dadhabneen guutaman, boollawwan bishaanii isaan hin qonne, akkasumas maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa isaan hin dhaabne’ akka qabdu ibseera. (Kes. 6:10, 11) Museen Israaʼelotaaf akeekkachiisa tokkos kenneera. Biyya oomisha gaarii kennitu sana keessa jiraachuusaanii itti fufuuf ajajawwan Yihowaa eeguu qabu. Museen Yihowaa dhaggeeffachuu fi “isatti maxxanuudhaan” ‘jireenya akka filatan’ isaan jajjabeesseera. (Kes. 30:20) Israaʼelonni garuu Yihowaa dhagaʼuu didan. Kanaafuu, Waaqayyo yeroo booda warri Asoorii fi warri Baabilon akka isaan injifatanii fi boojuudhaan akka isaan fudhatan heyyame.—2 Mot. 17:6-8, 13, 14; 2 Sen. 36:15-17, 20. w24.11 9 key. 5-6
Sanbadduraa, Sadaasa 14
Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.—Yoh. 6:44.
Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun fayyuuf ‘Yesuusitti amanuu’ fi akka fayyisaa isaaniitti isa ilaaluun qofti gaʼaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. (Yoh. 6:29) Taʼus, namoota hedduu sana keessaa warri Yesuusitti amananii turan tokko tokko isa dhiisaniiru. Maaliif? Namoonni Yesuus nyaata isaaniif kenne hedduun hamma inni wanta barbaadan isaaniif kennetti isa duukaa buʼuuf fedhii qabu turan. Dinqiidhaan akka isaan fayyisu, tolaan nyaata akka isaaniif kennuu fi wantuma isaan gammachiisu akka isaan barsiisu barbaadanii turan. Haa taʼu malee, Yesuus namoota dhugumaan barattootasaa taʼanirraa wanti eegamu akka jiru ifa godhe. Gara lafaa kan dhufe wantuma isaan barbaadan isaaniif guutuuf miti. Wanta inni barsiisu hundaaf ajajamuudhaan affeerraa inni, “Gara koo [kottaa]” jechuudhaan dhiheesse fudhachuu qabu.—Yoh. 5:40. w24.12 12 key. 12-13
Dilbata, Sadaasa 15
Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallate . . . haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:25.
Abbaan manaa tokko amala haadha manaasaa miidhuu fi salphisu injifachuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaquu dandaʼa. Akkaataan inni barattootasaa itti qabe abbaa manaa tokkoof fakkeenya gaarii taʼa. Akkaataa Yesuus ergamootasaa itti qabee fi haasofsiiserraa abbootiin manaa maal barachuu akka dandaʼan haa ilaallu. Yesuus ergamootasaa gaarummaa fi ulfinaan qabe. Garaa isaanitti jabaatee hin beeku. Isaanirratti aangoo akka qabu argisiisuu akka qabu isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan isaan tajaajileera. (Yoh. 13:12-17) Barattoota isaatiin, “Ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu” jedheera. (Mat. 11:28-30) Yesuus garraamii akka taʼe hubadhu. Namni garraamii taʼe dadhabaa miti. Kanaa mannaa, cimina of toʼachuuf isa dandeessisu qaba. Wanti isa aarsu yeroo isa mudatu ni tasgabbaaʼa, akkasumas miirasaa ni toʼata. w25.01 10 key. 10-11
Wiixata, Sadaasa 16
Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhu.—Fak. 16:3.
Dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa yeroo deemu rakkinni diinagdee caalaatti hammaachaa akka deemu ni eegna. Jeequmsi siyaasaa, waraanni, balaan uumamaa ykn weerarri dhibee haaraan qaalaʼiinsa jireenyaa geessisuu ykn hojii, qabeenyaa fi mana keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. Murtoo Yihowaatti akka amanamnu argisiisu gochuuf maaltu nu gargaara? Tarkaanfii gaariin jalqabarratti fudhachuu qabdu wanta si yaaddessu Yihowaatti himuudha. Ogummaa murtoo gaarii gochuuf si dandeessisu akka siif kennuu fi haala keessa jirtu ilaalchisee ‘akka malee dhiphachuu dhiisuuf’ akka si gargaaru kadhadhu. (Luq. 12:29-31) Wantoota buʼuuraatti gammaddee jiraachuuf akka si gargaaru cimsii isa kadhadhu. (1 Xim. 6:7, 8) Yaada rakkina maallaqaa milkaaʼinaan dandamachuuf si gargaaru argachuuf barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhi. Namoonni hedduun yaadawwan jw.org irratti baʼanii fi rakkina maallaqaa dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsanirraa faayidaa guddaa argataniiru. w25.03 28-29 key. 10-11
Kibxata, Sadaasa 17
Nama tokkoon illee xuraaʼaa yookiin qulqulluu kan hin taane akkan hin jenne Waaqayyo natti argisiiseera.—HoE. 10:28.
Yeroon itti namoonni dhaqna hin qabanne kutaa saba Waaqayyoo itti taʼan gaʼee ture. Pheexiros ergamaan Qorneelewosiif akka lallabu ramadamee ture; Qorneelewos namoota Yihudii hin taane keessaa nama jalqaba amantii Kiristiyaanaa fudhatedha. Yihudoonni yeroo baayʼee nama Yihudii hin taane wajjin hariiroo hin qaban turan; kanaafuu, Pheexiros itti gaafatamummaa kana baʼuuf gargaarsi kan isa barbaachisu taʼuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu. Pheexiros ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu yeroo hubatu ilaalchasaa sirreesseera. Kanaan kan kaʼes, yeroo ergametti “mormii tokko malee” deemeera. (HoE. 10:28, 29) Achiis Qorneelewosii fi maatiisaatiif kan lallabe yeroo taʼu isaanis ni cuuphaman. (HoE. 10:21-23, 34, 35, 44-48) Pheexiros waggoota muraasa booda Kiristiyaanonni ‘yaadaan tokkummaa akka qabaatan’ jajjabeesseera. (1 Phe. 3:8) Saba Yihowaa waan taaneef ilaalcha Yihowaa isa Dubbiisaa keessatti ibsame calaqqisiisuudhaan obboloota keenya wajjin yaadaan tokkummaa qabaachuu dandeenya. w25.03 9-10 key. 7-8
Roobii, Sadaasa 18
Barumsawwan garaa garaa keessummaa taʼaniin karaa irraa hin maqfaminaa.—Ibr. 13:9.
Ilaalchi namoota addunyaa yeroo kamiyyuu caalaa ilaalcha Yihowaa wajjin kan wal faallessu taʼaa dhufeera. (Fak. 17:15) Kanaafuu, yaadawwan mormitoonni abdii nu kutachiisuuf, darbees karaarraa nu maqsuuf itti fayyadaman adda baafachuu fi irraa fagaachuuf dandeettii yaaduu keenya guddifachuu qabna. Gorsa Phaawulos bilchina hafuuraarra gaʼuu ilaalchisee Kiristiyaanota Ibrootaatiif kenne hojiirra oolchuun keenya gaariidha. Kunis dhugaa ilaalchisee beekumsa gadi fagoo qabaachuu fi ilaalcha Yihowaa horachuu dabalata. Erga of murteessinee cuuphamnee boodallee kana gochuu keenya itti fufuu qabna. Dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe hundi keenya yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuu qabna. (Far. 1:2) Barsiifata qoʼannaa dhuunfaa gaarii qabaachuun amala Phaawulos xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse keessatti addeesse tokko cimsachuuf nu gargaara; amalli kunis amantiidha.—Ibr. 11:1, 6. w24.09 10 key. 7-8
Kamisa, Sadaasa 19
Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.—Yaq. 4:8.
Yihowaan yoo nuuf dhugoome amanamummaa keenya eeguun nuuf salphata. Gama kanaan Yoseef fakkeenya nuuf taʼa. Yoseef halalummaa raawwachuu kan dide Waaqayyo waan isaaf dhugoomee fi isa gaddisiisuu waan hin barbaanneefi. (Uma. 39:9) Yihowaan akka nuu dhugoomuuf, kadhannaa isatti dhiheessuu fi Dubbiisaa qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Akkas yoo goone michummaan isa wajjin qabnus ni cima. Akkuma Yoseef Yihowaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaanne, wanta isa gaddisiisu akkamiiyyuu gochuu hin barbaannu. Namoonni Yihowaan Waaqa jiraataa taʼuusaa dagatan salphaatti isarraa fagaachuu dandaʼu. Israaʼelonni yeroo lafa onaa keessa turanitti maaltu akka isaan mudate haa ilaallu. Yihowaan akka jiru kan beekan taʼus, wanta isaan barbaachisu akka isaaniif kennu garuu shakkiin isaanitti uumamee ture. (Bau. 17:2, 7) Kanaan kan kaʼes, Waaqayyorratti fincilaniiru. Nuti akka isaanii taʼuu akka hin barbaanne beekamaadha.—Ibr. 3:12. w24.06 24 key. 14-15
Jimaata, Sadaasa 20
Ijji Yihowaa qajeelota irra jira, gurri isaas iyya isaan gargaarsa argachuuf dhiheessan ni dhagaʼa.—Far. 34:15.
Guyyoota dhumaa keessa waan jiraannuuf wantoonni imimmaan akka dhangalaasnu nu taasisan dabalaa deemuunsaanii hin oolu. Yihowaan imimmaan dhangalaasnu ni arga, akkasumas baayʼee nuuf gadda. Dhiphina guddaa keessatti amanamoo taanee jiraachuu keenyaaf nu jaallata, imimmaan keenyas ni yaadata. Kanaafuu, haalli nama dhiphisu yeroo nu mudatu miira nutti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himuu barbaanna. Obbolootaa fi obboleettota gumii keenyaa nu jaallatanirraa adda of baasuu hin qabnu. Yaada nama tasgabbeessuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamurraa jajjabina argachuu keenya itti haa fufnu. Amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu keenya yoo itti fufne Yihowaan akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Addunyaa haaraa keessatti imimmaan yeroo gaddinutti, yeroo ganamnuttii fi yeroo abdii kutannutti dhangalaasnu guutummaatti nurraa haquudhaan nu badhaasa. (Mul. 21:4) Yeroo sanatti imimmaan kan dhangalaasnu yeroo gammannutti qofadha. w24.12 20 key. 3; 25 key. 19
Sanbadduraa, Sadaasa 21
“Isin dhugaa baatota koo ti” jedha Yihowaan.—Isa. 43:12.
Yihowaan Dhugaa Baatota isaa akka taanu nu muudeera; ija jabeeyyii taʼuuf akka nu gargaarus waadaa nuuf galeera. (Isa. 43:10, 11) Karaawwan kana itti godhe keessaa afur haa ilaallu. Tokkoffaa, yeroo misiraachicha lallabnu hundatti Yesuus nuu wajjin taʼa. (Mat. 28:18-20) Lammaffaa, Yihowaan nu gargaaruuf maleekota muudeera. (Mul. 14:6) Sadaffaa, wantoota baranne akka yaadannu nu gargaaruuf hafuura qulqulluusaa gargaaraa godhee nuuf kenneera. (Yoh. 14:25, 26) Arfaffaa, obbolootaa fi obboleettota nu wajjin tajaajilan nuuf kenneera. Gargaarsa Yihowaatiin, akkasumas deggersa obboloonni keenya jaalala qabeeyyii taʼan nuuf godhaniin milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Haataʼu malee, namoota baayʼee waan manatti hin arganneef yoo abdii kutatte akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni naannoo tajaajilaa koo keessa jiraatan amma eessa jiru?’ (HoE. 16:13) ‘Iddoo hojiimoo gabaa jiru?’ Akkas taanaan namoota baayʼee argachuuf karaarratti tajaajiluu dandeessaa? w24.04 17 key. 10-11
Dilbata, Sadaasa 22
Namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?—1 Xim. 3:5.
Mataa maatii yoo taatee fi jaarsa taʼuu yoo barbaadde maatiin kee maqaa gaarii qabaachuu qaba. Kanaafuu, ‘haala gaariidhaan maatii kee kan bulchitu’ taʼuu qabda. Mataa maatii jaalala qabeessaa fi itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuudhaan maqaa gaarii qabaachuu qabda. Kunis kutaawwan waaqeffannaa keenya hundarratti dursa fudhachuu dabalata. Abbaa yoo taate, ijoolleen kee warri waggaa 18 gadi taʼan “kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban” taʼuu qabu. (1 Xim. 3:4) Jaalalaan isaan barsiisuu fi leenjisuu qabda. Dhugaadha, akkuma ijoollee kaanii isaanis kolfuu fi taphachuu barbaadu. Taʼus ajajamoo akka taʼan, warra kaan akka kabajanii fi naamusa gaarii akka qabaatan isaan barsiisuu qabda. Kana malees, ijoolleen kee Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimanii akka jiraatanii fi guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf wanta dandeessu gochuu qabda. w24.11 22 key. 10-11
Wiixata, Sadaasa 23
Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.—Yoh. 15:13.
Tajaajila Yihowaarratti caalaatti yeroo hirmaannu gargaarsasaa caalaatti arganna; kunimmoo amanannaan isarratti qabnu akka guddatu godha. (1 Qor. 3:9) Yihowaan wanta ati kennitu wanta warri kaan kennan wajjin akka wal bira hin qabne yaadadhu; kanaa mannaa, inni wanta garaa kee keessa jiru ilaala. Furicha isa kennaa guddaa taʼeef dinqisiifannaa qabdu yeroo argisiistu arguusaatti baayʼee gammada. (1 Sam. 16:7; Mar. 12:41-44) Cubbuu keenyaaf dhiifama kan arganne, Yihowaa wajjin michummaa kan qabaannee fi abdii jireenya barabaraa qabaachuu kan dandeenye furichaan kan kaʼedha. Dinqisiifannaa jaalala Yihowaa isa eebbawwan kana nuu kennuuf isa kakaaseef qabnu yeroo hunda haa argisiisnu. (1 Yoh. 4:19) Dinqisiifannaa Yesuus isa baayʼee nu jaallatee fi lubbuusaa dabarsee nuu kenneef qabnus haa argisiisnu. w25.01 31 key. 16-18
Kibxata, Sadaasa 24
Guyyaa guutuu nan rakkadhe.—Far. 73:14.
Mee miira nama Faarfannaa 73 barreessetti dhagaʼamerratti yaadi. Faarfataan kun warri kaan fayya buleeyyii fi sooreyyii akka taʼan, akkasumas jireenya dhiphina hin qabne jiraachaa akka turan argee ture. (Far. 73:3-5, 12) Jireenya gaarii fakkaatu akka jiraatan yeroo argu carraaqqiin Yihowaa tajaajiluuf godhe gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Yaada nama jeequ kanaan kan kaʼe ‘guyyaa guutuu rakkatee’ ture. (Far. 73:13, 14) Maarree, miira kana kan injifate akkamitti? Faarfatichi gara godoo qulqulluu Yihowaa deemeera. (Far. 73:16-18) Achitti sirriitti yaaduu dandaʼa ture. Namoonni tokko tokko jireenya gaarii jiraachaa kan jiran fakkaatus, egereensaanii gaarii akka hin taane hubateera. Wantoota hafuuraatiif dursa kennuun murtoo hundarra wayyu taʼuusaa waan hubateef nagaa sammuu argateera. Kanaan kan kaʼe, kutannoo Yihowaa tajaajiluusaa itti fufuuf godhe haareffateera.—Far. 73:23-28. w24.10 27 key.11-12
Roobii, Sadaasa 25
Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.—Far. 83:18.
Yihowaan “Dhugaa baatota koo” jedhee nu waameera. (Isaayyaas 43:10-12) Xalayaan Qaama Olaanaa waggoota muraasa dura ergame tokko akkana jedha: “Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamuun keenya ulfina argachuu dandeenyu keessaa isa hundarra caaludha.” Akkas kan jennu maaliifi? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Namni tokko mana murtiitti ragaa akka siif baʼu yoo barbaadde nama beektuu fi amantu, akkasumas nama maqaa gaarii qabuu fi ragaansaa amanamuu dandaʼu akka filattu beekamaadha. Yihowaan Dhugaa Baatotasaa akka taanu nu filachuudhaan sirriitti akka nu beekuu fi inni qofti Waaqa dhugaa taʼuusaa dhugaa akka baanu akka nu amanu argisiiseera. Dhugaa Baatotasaa taʼuun ulfina guddaa akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf carraa arganne hundatti fayyadamnee maqaasaa beeksisuu fi sobawwan hedduu waaʼeesaa dubbataman saaxiluu barbaanna. Kana gochuudhaan maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuu fi baayʼee itti boonnu kana wajjin walsimnee jiraanna!—Rom. 10:13-15. w24.05 18 key. 13
Kamisa, Sadaasa 26
Namoota dhukkubaan dhiphachaa turan [hunda] ni fayyise.—Mat. 8:16.
Yesuus warra kaan tajaajiluunsaa gammachuu isaaf argamsiiseera. Yeroo tokko Yesuus namoota hedduu sana yeroo tajaajilaa turetti isaan barsiisuu malees wanta dabalataa godheera. Gargaarsa isaan barbaachisu kan biraas isaaniif godheera. Dinqiidhaan nyaata erga qopheessee booda barattoonnisaa akka hihiran godhe. (Mar. 6:41) Akkas gochuudhaan, akkamitti warra kaan tajaajiluun akka dandaʼamu isaan barsiiseera. Wantoota tokko tokko isaaniif gochuudhaan isaan tajaajiluun barbaachisaa akka taʼes isaanitti argisiiseera. Ergamoonni Yesuus isa wajjin nyaata dinqiidhaan argame kana namootaaf yeroo raabsanii fi “hundi isaanii nyaatanii [akka] quufan” yeroo argan hammam akka gammadan yaadi! (Mar. 6:42) Yesuus faayidaa warra kaanii kan ofiisaarra akka dursu kan argisiise yeroo kanatti qofa miti. Lafarratti guutummaa jireenyasaa kan dabarse warra kaan tajaajiluudhaani. (Mat. 4:23) Yesuus warra kaan barsiisuu fi gad of qabee wanta isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan gammachuu argateera. w24.11 16 key. 10-11
Jimaata, Sadaasa 27
Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki.—2 Xim. 3:1.
“Guyyoota dhumaa” kanatti haalli addunyaa hammachaa yeroo deemu, carraa wal gargaaruuf nu dandeessisu dabalataa akka argannu hin shakkisiisu. Obboloota keenya karaa miiraa fi karaa hafuuraas gargaaruu ni dandeenya. Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko gara walgaʼii yeroo dhufan miira hoʼaadhaan isaan simachuudhaan dha. Addunyaan keessa jiraannu kan nama dhiphisudha. Kanaafuu, obboloonni keenya gara walgaʼii yeroo dhufan, isaan jajjabeessuu fi jaalala isaanitti argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna. Jaarsoliin obboloota qorumsa garaagaraa dandamachaa jiraniif iddoo kooluu itti galan taʼuu ni dandaʼu. Obboloonni balaan uumamaa yeroo isaan mudatuu fi gargaarsi yaalii fayyaa atattamaa yeroo isaan barbaachisutti, jaarsoliin dursa fudhatanii isaan gargaaru. Karaa hafuuraas isaan gargaaru. Jaarsi gumii tokko gaarummaa kan argisiisu, miira warra kaanii kan hubatuu fi wanta isaan dubbatan dhagaʼuuf fedhii kan qabu yoo taʼe obboloonni salphaatti isatti dhihaatu. Jaarsoliin amaloota kana yeroo argisiisan obboloonni akka jaallataman waan isaanitti dhagaʼamuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaniif kennamu akkamiiyyuu hojiirra oolchuun isaanitti salphata.—1 Tas. 2:7, 8, 11. w24.06 29 key. 12-13
Sanbadduraa, Sadaasa 28
Ilma isaatiif illee [hin hille].—Rom. 8:32.
Waaqayyo hundumaa waan dandaʼuuf miira hin qabu jennee yaaduu hin qabnu. Nuti fakkaattiisaatiin waan uumamneef miira qabna, kanaafuu Yihowaanis miira qaba. Kitaabni Qulqulluun namoonni akka isa “gaddisiisan” ibsa. (Far. 78:40, 41) Yihowaan yommuu namoonni ilmasaa gara jabinaan dhiphisanii ajjeesanitti baayʼee gaddeera. Furichi, firoota keenyaa fi michoota keenya dabalatee eenyuyyuu hamma Yihowaa akka nu hin jaallanne nu hubachiisa. (Rom. 8:32, 38, 39) Hamma nuti of jaallannu caalaa Yihowaan akka nu jaallatu ifadha. Barabaraaf jiraachuu ni barbaaddaa? Yihowaan hamma ati barbaaddu caalaa barabaraaf akka jiraattu barbaada. Cubbuun kee akka siif dhiifamu ni barbaaddaa? Yihowaan isa ati barbaaddu caalaa dhiifama akka argattu barbaada. Wanti inni nurraa eegu amantii qabaachuu fi ajajamoo taʼuudhaan wanta inni nuu godheef dinqisiifannaa qabnu akka argisiisnu qofadha. Dhugumayyuu furichi Waaqayyo jaalala guddaa akka nuuf qabu argisiisa.—Lal. 3:11. w25.01 22-23 key. 8-9
Dilbata, Sadaasa 29
Yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa.—Efe. 5:10.
Dhugaadha, hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko wanta arginu, wanta dhageenyuu fi miira nutti dhagaʼamurratti hundoofnee murtoo ni goona. Garuu, wanti arginuu fi wanti dhageenyu yeroo tokko tokko nu dogoggorsuu dandaʼa. Rakkinni akkasii yoo nu mudachuu baatellee wanta arginu qofaan kan deddeebinu yoo taʼe fedhii Waaqayyoo ykn gorsasaa dagachuu dandeenya. (Lal. 11:9; Mat. 24:37-39) Amantiidhaan kan deddeebinu yoo taʼe garuu murtoo “Gooftaa biratti fudhatama qabu” gochuun keenya hin oolu. Gorsa Waaqayyoo dhagaʼuun nagaa sammuu fi gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. (Far. 16:8, 9; Isa. 48:17, 18) Amantiidhaan deddeebiʼuu keenya yoo itti fufne jireenya barabaraa arganna. (2 Qor. 4:18) Amantiidhaan ykn ijaan arguudhaan deddeebiʼaa akka jirru beekuu kan dandeenyu akkamitti? Hundi keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: Murtoo kanan godhu maalirratti hundaaʼeeni? Wantootan ijaan argurratti hundaaʼeeni moo gorsa Yihowaarratti hundaaʼeeni? w25.03 20-21 key. 3-4
Wiixata, Sadaasa 30
Walii keessanii wajjin nagaa qabaadhaa.—1 Tas. 5:13.
Hundi keenyayyuu jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuurratti gaʼee guddaa qabna. Fakkeenya Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe gaʼee kana raawwachuu ni dandeenya. Yihowaan namoota dirqamaan gara jaarmiyaasaatti hin fidu. Kanaa mannaa, suuta jedhee ofitti isaan ‘harkisa.’ (Yoh. 6:44; Er. 31:3) Namoonni garaansaanii gaarii taʼe, jaalala Yihowaa fi eenyummaasaa isa nama hawwatu yeroo hubatan isatti dhihaachuuf kakaʼu. Nutoo amaloota gaggaarii fi naamusa gaarii taʼe argisiisuudhaan jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan jannanni hafuuraa namoota akka hawwatu gochuu itti dandeenyu tokko obboloota keenyatti jaalalaa fi gaarummaa argisiisuudha. Namoonni haaraan yeroo walgaʼiiwwan keenyarratti argaman akkuma namoota bara duriitti Qorontos keessa jiraachaa turanii fi tarii walgaʼiirratti argamanii akka isaanitti dhagaʼamu barbaanna. Namoonni kun, “Dhuguma iyyuu Waaqayyo isin gidduu jira” jedhanii turan. (1 Qor. 14:24, 25; Zak. 8:23) Kanaafuu gorsa, caqasa guyyaa harʼaarratti kenname hojiirra oolchuu keenya itti haa fufnu. w24.04 23-24 key. 16-17