Akkaataa Buukleetii Kanatti Itti Fayyadamtu
Buukleetii kana keessatti caqasa tokkoon tokkoon guyyaatiif ramadamee fi yaada caqasicha irratti hundaaʼe argatta. Caqasoota kanaa fi ibsa isaanii saʼaatii kamittiyyuu dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, obboloonni hedduun ganama dubbisuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Yoo akkas godhan guyyaa guutuu yaadicha irratti xiinxaluu dandaʼu. Maatiidhaan taʼanii caqasicha irratti mariʼachuun baayʼee gaariidha. Maatiiwwan Beetel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti caqasa guyyaa irratti mariʼatu.
Yaannisaa mata duree kamirraa akka fudhatame dhuma yaadichaarratti ibsameera. Fakkeenyaaf, ibsi “w24.04 2 key. 1, 3” jedhu maal akka argisiisu saanduqa armaan gadii keessatti ibsameera. Dabalataan dubbisuu yoo barbaadde, mata duree yaanni sun irraa fudhatame ilaaluu dandeessa.
w24 |
Waggaa maxxansa Masaraa Eegumsaa (2024) |
04 |
Jiʼa maxxansa Masaraa Eegumsaa (Ebla) |
2 |
Fuula yaanni isaa irratti argamu |
key. 1, 3 |
Keeyyata yaanni isaa irratti argamu |