LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es26 ful. 7-17
  • Amajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Amajjii 1
  • Jimaata, Amajjii 2
  • Sanbadduraa, Amajjii 3
  • Dilbata, Amajjii 4
  • Wiixata, Amajjii 5
  • Kibxata, Amajjii 6
  • Roobii, Amajjii 7
  • Kamisa, Amajjii 8
  • Jimaata, Amajjii 9
  • Sanbadduraa, Amajjii 10
  • Dilbata, Amajjii 11
  • Wiixata, Amajjii 12
  • Kibxata, Amajjii 13
  • Roobii, Amajjii 14
  • Kamisa, Amajjii 15
  • Jimaata, Amajjii 16
  • Sanbadduraa, Amajjii 17
  • Dilbata, Amajjii 18
  • Wiixata, Amajjii 19
  • Kibxata, Amajjii 20
  • Roobii, Amajjii 21
  • Kamisa, Amajjii 22
  • Jimaata, Amajjii 23
  • Sanbadduraa, Amajjii 24
  • Dilbata, Amajjii 25
  • Wiixata, Amajjii 26
  • Kibxata, Amajjii 27
  • Roobii, Amajjii 28
  • Kamisa, Amajjii 29
  • Jimaata, Amajjii 30
  • Sanbadduraa, Amajjii 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
es26 ful. 7-17

Amajjii

Kamisa, Amajjii 1

Hubannaa keessaniinis gaʼeessota taʼaa.—1 Qor. 14:20.

Hiriyoonni gaaʼelaa mucaa fayya buleessa taʼe yeroo godhatan baayʼee gammadu. Warri daaʼima isaanii isa reefu dhalate baayʼee kan jaallatan taʼus, daaʼima taʼee akka itti fufu hin barbaadan. Mucaansaanii yoo guddachuu baate baayʼee dhiphatu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis yeroo jalqaba duuka buutota Yesuus taʼuuf tarkaanfii fudhannetti baayʼee gammadeera; haa taʼu malee, karaa hafuuraa daaʼima taanee akka itti fufnu hin barbaadu. (1 Qor. 3:1) Kanaa mannaa, Kiristiyaana ‘gaʼeessa’ akka taanu nu jajjabeesseera. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Giriikii “gaʼeessa” jedhamee hiikame “bilchaataa,” “mudaa kan hin qabne,” akkasumas “guutuu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. (1 Qor. 2:6) Karaa hafuuraa daaʼima taʼuu dhiisnee nama hafuuraa yeroo taanu Kiristiyaana gaʼeessa ykn bilchaataa taana. Dhugaadha, galma kanarra erga geenyee boodas karaa hafuuraa guddina gochuu dhaabuu hin qabnu.—1 Xim. 4:15. w24.04 2 key. 1, 3

Jimaata, Amajjii 2

Dunkaanni koo isaanii wajjin ni taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa.—His. 37:27.

Yihowaan jireenya kee keessatti iddoo akkamii qaba? ‘Yihowaan Abbaa koo, Waaqa koo fi Michuu kooti’ jettee deebista taʼa. Jechoonni Yihowaa ittiin ibsuu dandeenyu kan biroonis jiru. Haa taʼu malee, qaama keessummummaa si simatu akka taʼettoo isa ni ilaaltaa? Daawit Mootichi michummaa Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo wajjin qabu walitti dhufeenya keessummaa fi nama keessummaa simatu gidduu jirutti fakkeesseera. “Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu? Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?” jedhee gaafateera. (Far. 15:1) Caqasa kanarraa keessummoota Yihowaa, jechuunis michootasaa taʼuu akka dandeenyu baranna. Yihowaan hojii uumamaa jalqabuusaa dura kophaasaa ture. Yeroo booda garuu dunkaanasaa isa fakkeenyaan ibsame keessatti Ilmasaa hangafaa simate. Yihowaan yeroo sanatti baayʼee gammadee ture. Kitaabni Qulqulluun Ilmasaatti ‘haala adda taʼeen gammadaa akka ture’ dubbata. Ilmisaa inni keessummaasaa jalqabaa taʼes ‘yeroo hunda isa duratti ni gammada ture.’—Fak. 8:30. w24.06 2 key. 1-3

Sanbadduraa, Amajjii 3

Saadoq dargaggeessa jabaa fi onnataa [ture].—1 Sen. 12:28.

Mee haala armaan gadii yaadaan ilaali. Namoonni 340,000 ol taʼan guutummaa Israaʼelirratti Daawitiin mootii godhanii muuduuf walitti qabamaniiru. Namoonni kun guyyaa sadiif tabbawwan qarsaadhaan guutamanii fi Kebroonitti dhihoo jiran keessa turaniiru; achittis kolfaa, taphachaa fi gammachuudhaan Yihowaa jajachaa turan. (1 Sen. 12:39) Dargaggeessi Saadoq jedhamus isaanii wajjin ture; namoonni baayʼeen jiraachuusaallee waan hubatan hin fakkaatu. Yihowaan garuu hubateera, akka inni achi ture akka beeknus ni barbaada. (1 Sen. 12:22, 26-28) Saadoq luba taʼee Abiyaataar isa Luba Olaanaa taʼe wajjin hojjechaa ture. Saadoq nama mulʼata arguu fi fedhii Yihowaa hubachuu dandaʼu, akkasumas nama hubannaa adda taʼe qabudha. (2 Sam. 15:27) Saadoq nama ija jabeessa ture. Guyyoota dhumaa kanatti Seexanni haleellaa saba Waaqayyoorratti geessisu caalaatti finiinsaa jira. (1 Phe. 5:8) Kanaafuu, guyyaa Yihowaan Seexanaa fi sirna hamaa kana itti balleessu yeroo eeggannutti ija jabeeyyii taʼuu qabna. (Far. 31:24) Kana gochuudhaan fakkeenya Saadoq isa ija jabeessa taʼee hordofuu dandeenya. w24.07 2 key. 1-3

Dilbata, Amajjii 4

Addaam walumaa galatti waggaa 930 jiraate; achiis ni duʼe.—Uma. 5:5.

Yihowaan dhiiraa fi dubartii jalqabaa yeroo uumetti gammadoo akka taʼan barbaadee ture. Iddoo jireenyaa miidhagaa taʼe, gaaʼelaa fi hojii gammachiisaa isaaniif kenneera. Isaanis lafa sanyiisaaniitiin guutuu fi guutummaa lafaa akkuma iddoo biqiltuu Eedan gochuu qabu turan. Wanta tokko qofa garuu akka hin goone isaan ajajee ture. Taʼe jedhanii isarratti finciluudhaan ajaja kana yoo cabsan akka duʼanis isaan akeekkachiiseera. Wanta sana booda taʼe beekna. Qaamni hafuuraa Waaqayyoofis taʼe isaaniif jaalala hin qabne tokko cubbuu akka hojjetan isaan qore. Addaamii fi Hewaan dhiibbaa kanaaf harka kennaniiru. Abbaasaanii isa jaalala qabeessa taʼe waan hin amanneef cubbuu hojjetan. Akkuma beeknu, wanti Yihowaan dubbate raawwatameera. Guyyaa sanaa kaasee miidhaa ajajamuu diduunsaanii isaanitti fide wajjin walʼaansoo gochuu jalqaban; boodas dulloomanii duʼan.—Uma. 1:28, 29; 2:8, 9, 16-18; 3:1-6, 17-19, 24. w24.08 3 key. 3

Wiixata, Amajjii 5

Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, . . . dhagaʼuu qofaan kan of gowwoomsitan hin taʼinaa.—Yaq. 1:22.

Yihowaa fi Ilmisaa jaallatamaan gammadoo akka taanu barbaadu. Faarfannaan 119:2, “Warri yaadachiisawwan isaa eegan, warri garaa isaanii guutuudhaan isa barbaaddatan gammadoo dha” jedha. Yesuusis, “Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedheera. (Luq. 11:28) Nuti tajaajiltoonni Yihowaa saba gammadoodha. Sababiin isaas yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaqna. (Yaq. 1:22-25) Yihowaa gammachiisuuf kun murteessaadha. (Lal. 12:13) Wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra yeroo oolchinu, walitti dhufeenyi miseensota maatii keenyaa fi obboloota gumii keenyaa wajjin qabnu ni fooyyaʼa. Hunda caalaammoo, rakkina namoota daandii Yihowaa hin hordofnerra gaʼu hedduurraa ni baraaramna. Kanaafuu, wanta Daawit Mootichi dubbaterratti walii galla. Daawit faarfannaasaarratti seera, qajeelfamaa fi murtii Yihowaa erga caqasee booda, “Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa” jedheera.—Far. 19:7-11. w24.09 2 key. 1-3

Kibxata, Amajjii 6

Warra garaan isaanii cabe ni fayyisa; madaa isaaniis isaaniif ni hidha.—Far. 147:3.

Yihowaan wanta tajaajiltootasaa mudatu hundumaa ni arga. Gammachuu keenyas taʼe gadda keenya beeka. (Far. 37:18) Dhiphina garaagaraa wajjin walʼaansoo gochaa, hamma dandeenye isa tajaajilaa akka jirru yeroo argu baayʼee nutti gammada! Kana malees, nu deggeruu fi nu jajjabeessuuf baayʼee hawwa. Faarfannaan 147:3 Yihowaan ‘madaa warra garaan isaanii cabee akka hidhu’ dubbata. Caqasni kun Yihowaan namoota miirrisaanii madaaʼe suuta jedhee akka kunuunsu ibsa. Maarree, kunuunsa Yihowaarraa fayyadamuuf maal gochuu qabna? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Doktarri dandeettii qabu tokko nama madaaʼe tokko fayyisuuf wanta baayʼee gochuu dandaʼa. Namni madaaʼe sun gargaarsasaarraa fayyadamuuf garuu qajeelfama doktarichi isaaf kennu of eeggannoodhaan hordofuu qaba. Yihowaan namoota karaa miiraa miidhaman Dubbiisaatti fayyadamee isaan haasofsiisa, akkasumas gorsa jaalalarratti hundaaʼe isaaniif kenna. w24.10 6 key. 1-2

Roobii, Amajjii 7

Hundi [isaanii] lafa irraa haxaaʼamanii balleeffaman.—Uma. 7:23.

Kanaan dura barreeffamoota keenyarratti gaaffii, ‘Namoota Yihowaan jalʼoota akka taʼanitti itti murteesserra maaltu gaʼa?’ jedhuuf ibsi kennamee ture. Namoonni akkasii abdii duʼaa kaʼuu hin qaban jennee dubbachaa turre. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan Yihowaan namoota jalʼoota taʼanirratti murtii akka dabarse ibsan hedduun jiru; fakkeenyaaf, Yihowaan bara Nohitti isaa fi maatiisaatiin ala namoota lafarra jiraachaa turan hunda Bishaan Badiisaatiin balleesseera, Israaʼelotatti fayyadamee saboota torban Biyyattii Abdachiifamte keessa jiraachaa turan balleesseera, akkasumas maleekaa tokkotti fayyadamee halkan tokkotti loltoota Asoor 185,000 balleesseera. (Kes. 7:1-3; Isa. 37:36, 37) Maarree, Kitaabni Qulqulluun namoonni yeroo sanatti balleeffaman hundi badiisni barabaraa akka isaanitti murteeffamee fi abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabne ni dubbataa? Lakki, hin dubbatu. Yihowaan tokkoon tokkoon namaatiif murtii kan kennu akkamitti akka taʼe hin beeknu; namoonni balleeffaman sun waaʼee Yihowaa barachuu fi yaada geddarachuuf carraa argachuu fi dhiisuusaaniis hin beeknu. w24.05 3 key. 5-7

Kamisa, Amajjii 8

Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi.—Rom. 12:21.

Yesuus fakkeenya waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi haqa argachuuf abbaa murtii tokko irra deddeebitee kadhachaa turte tokkoo ibsu dubbateera. Jalʼinni haqaa namoota bara sana turan hedduurra gaʼaa waan tureef, barattoonni Yesuus miira dubartii sanatti dhagaʼame akka hubatan hin shakkisiisu. (Luq. 18:1-5) Nutis miirri dubartii sanatti dhagaʼamee ture nuuf gala; hundi keenyayyuu yeroo taʼe tokkotti jalʼinni haqaa nurra gaʼee beeka. Yeroo harʼaatti addunyaa keessatti jibbi halaalaa, loogiinii fi cunqursaan baramaa waan taʼeef yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu nu hin ajaaʼibu. (Lal. 5:8) Taʼus, obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta gaarii hin taane yeroo nurratti raawwatan baayʼee gaddina taʼa. Dhugaadha, obboloonnii fi obboleettonni keenya akka mormitoota keenyaa jalʼina nurratti raawwachuu hin barbaadan. Wanta nu miidhu kan raawwatan mudaa waan qabaniifi. Wanta Yesuus yeroo mormitoonni hamoota taʼan jalʼina haqaa isarraan gaʼanitti godherraa barumsa hedduu arganna. Mormitoota jalʼina haqaa nurratti raawwataniif kan obsinu yoo taʼe obboloota keenyaafimmoo caalaatti obsuu hin qabnuu? w24.11 2 key. 1-2

Jimaata, Amajjii 9

Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa binna?—Yoh. 6:5.

Namoonni bara duriitti jiraatan hedduun nyaannisaanii inni guddaan daabboo ture. (Uma. 14:18; Luq. 9:3) Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko tokko akka walii galaatti nyaata ibsuuf jecha daabboo jedhutti fayyadama. (1 Mot. 17:11, 12) Yesuusis dinqiiwwan beekamoo taʼan lama kan raawwate daabbootti fayyadameeti. (Mat. 16:9, 10) Seenaawwan kana keessaa tokko Yohaannis boqonnaa 6 irratti argama. Ergamoonni Yesuus duula lallabaatii erga deebiʼanii booda akka boqotaniif Yesuus bidiruudhaan Galaana Galiilaa gamatti isaan geesse. (Mar. 6:7, 30-32; Luq. 9:10) Bakka namni hin jirree fi naannoo Beetasaayidaatti argamu tokko deeman. Utuma baayʼee hin turin garuu namoonni kumaan lakkaaʼaman garasaa dhufan. Yesuus calluma jedhee isaan hin ilaalle. Kanaa mannaa, yeroo ramadee waaʼee Mootummichaa isaan barsiiseera, akkasumas warra dhukkubsatan fayyiseera. Yeroo dhihu barattoonnisaa, ‘Namoonni kun hundi nyaata akkamitti argachuu dandaʼu laata?’ jedhanii yaaddaʼan. Isaan keessaa tokko tokko nyaata xinnoo qabatanii taʼuu dandaʼa; baayʼeen isaanii garuu gara gandeenii deemanii nyaata bitachuu qabu.—Mat. 14:15. w24.12 2 key. 1-2

Sanbadduraa, Amajjii 10

Kennaan Waaqayyo kennu . . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.—Rom. 6:23.

Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaan namoota mudaa hin qabnee fi jannata bareedduu taate keessa jiraatan turan. (Uma. 1:27; 2:7-9) Barabaraaf gammachuudhaan jiraachuu dandaʼu turan. Akkuma tasaa garuu wanti hundi ni jijjiirame. Jannata bakka jireenyaasaanii taate keessaa ni ariʼaman, abdii barabaraaf jiraachuus ni dhaban. Maarree, ijoolleesaaniitti dhaala akkamii dabarsan? Kitaabni Qulqulluun, “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha. (Rom. 5:12) Dhaalli Addaam nutti dabarse cubbuudha, cubbuunimmoo duʼa geessisa. Cubbuun dhaalle kun akkuma idaa guddaati; nu keessaa idaa kana kaffaluu kan dandaʼu hin jiru. (Far. 49:8) Yesuus cubbuu ‘idaatti’ fakkeesseera. (Mat. 6:12, milj.; Luq. 11:4, milj.) Yeroo cubbuu hojjennu akkuma waan Yihowaan idaa nurraa qabuutti ilaalama. Adabbii cubbuun keenya nutti fidu kaffaluu qabna. Idaan kun yoo kaffalamuu baate nuuf haqamuu kan dandaʼu yoo duune qofadha.—Rom. 6:7. w25.02 2-3 key. 2-3

Dilbata, Amajjii 11

Ani . . . maqaa kee . . . beeksiseera.—Yoh. 17:26.

Dhugaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu warra kaanitti himuun mirga guddaa akka taʼetti ilaalla. Mirga kana kan argate nama hunda miti. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo lafarra turetti hafuuronni hamoon waaʼeesaa akka dubbatan isaaniif hin heyyamne. (Luq. 4:41) Yeroo harʼaatti namni tokko saba Yihowaa wajjin tajaajilarratti hirmaachuusaa dura mirga kana argachuuf ulaagaa barbaachisu guutuu qaba. Yeroo hundumaa bakka kamittiyyuu dhugaa baʼuudhaan mirga kana hammam akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Akkuma Yesuus galmi keenya sanyii dhugaa Mootummichaa garaa namootaa keessatti dhaabuu fi bishaan obaasuudha. (Mat. 13:3, 23; 1 Qor. 3:6) Jaarmiyaan Yihowaas fakkeenya Yesuus hordofuudhaan namoonni maqaa Waaqayyoo akka beekan gargaaruuf wanta dandaʼu hunda godha. Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo bakka sirriitti deebisuudhaan gama kanaan gumaacha guddaa godheera. Hiikkaan kun yeroo ammaatti guutuunsaa ykn gartokkeensaa afaan 270 oliin argama. w24.04 9 key. 8-9

Wiixata, Amajjii 12

Abbaan manaa [ishii] kaʼee ishii jajata.—Fak. 31:28.

Abbootiin manaa gaaʼela gammachiisaa qaban tokko tokko guyyaa guyyaadhaan wanta haadha manaasaanii akka jaallatan argisiisu ni godhu. (1 Yoh. 3:18) Abbaan manaa tokko karaawwan xixinnoo kanneen akka harka qabuu fi hammachuu jiraniin haadha manaasaa akka jaallatu argisiisuu dandaʼa. Tarii ergaa gabaabaa ishiidhaaf erguudhaan akka ishii yaade ykn oolmaan ishii akkam akka ture ishii gaafachuu dandaʼa. Kana malees, baayʼee akka ishii jaallatu kaardiirratti barreessee ishiidhaaf kennuu dandaʼa. Abbaan manaa tokko yommuu akkas godhu haadha manaasaa akka kabaju argisiisa, akkasumas gaaʼelasaa cimsa. Abbaan manaa haadha manaasaa kabaju iddoo guddaa akka ishiidhaaf kennu ishiitti hima, akkasumas ishii jajjabeessa. Karaan kana itti godhu inni tokko wanta ishiin isa deggeruuf gootu hundaaf dinqisiifannaasaa ibsuudhaani. (Qol. 3:15) Abbaan manaa tokko yommuu garaadhaa haadha manaasaa jaju baayʼee ishii gammachiisa. Akkas yommuu godhu nagaan ishiitti dhagaʼama, akkasumas akka jaallatamtuu fi akka kabajamtu ishiitti dhagaʼama. w25.01 11 key. 15; 13 key. 16

Kibxata, Amajjii 13

Ani Waaqa kee Yihowaa isa . . . karaa irra deemuu qabdu [irra] si geggeessu dha.—Isa. 48:17.

Faarfannaan 15 waadaa akkana jedhuun xumurama: “Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.” Faarfatichi asirratti sababii guddaa Yihowaan ulaagaalee faarfannaa kanarra jiran hunda akka eegnu itti barbaadu ibseera. Yihowaan gammadoo akka taanu barbaada. Qajeelfama eebbaa fi eegumsasaa nuuf argamsiisu kan nuuf kennu kanaafi. Keessummoonni Yihowaa egereensaanii gaarii akka taʼu eeguu ni dandaʼu. Dibamtoonni amanamoon samiirra iddoo Yesuus isaaniif qopheesse keessa jiraatu. (Yoh. 14:2) Namoonni lafarra jiraachuuf abdatanimmoo yeroo waadaan Mulʼata 21:3 irratti ibsame itti raawwatamu hawwiidhaan eegu. Dhugumayyuu, Yihowaan dunkaanasaa keessatti barabaraaf keessummootasaa taanee akka jiraannu, jechuunis michootasaa akka taanu nu affeeruunsaa mirga guddaadha!—Far. 15:1-5. w24.06 13 key.19-20

Roobii, Amajjii 14

Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.—Far. 96:8.

Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Waaqa ajaaʼibsiisaa akka taʼe dubbata. Yihowaan sabni Israaʼel garbummaa Gibxii jalaa akkuma bilisa baʼeen ulfinasaa isaanitti argisiiseera. Mee haalasaa yaadaan ilaali: Israaʼelonni miliyoonaan lakkaaʼaman wanta Waaqayyo isaanitti himu dhagaʼuuf Gaara Siinaa biratti walitti qabamaniiru. Duumessi cimaan gaaricha uwwiseera. Achiis akkuma tasaa kirkirri lafaa cimaan lafa sochoose; akkasumas bakakkaan, kakawweenii fi sagaleen xurumbaa gurra namaa duuchu ni dhagaʼame. (Bau. 19:16-18; 24:17; Far. 68:8) Israaʼelonni Yihowaan haala kanaan ulfinasaa yeroo argisiisu baayʼee ajaaʼibsiifatanii taʼuu qaba. Yeroo harʼaatti waaʼee humnasaa isa guddaa fi waaʼee amalootasaa warra dinqisiisoo taʼanii warra kaanitti himuudhaan, akkasumas wantoota humnasaatiin raawwanne hundaaf beekamtii isaaf kennuudhaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya.—Isa. 26:12. w25.01 2 key. 2-3

Kamisa, Amajjii 15

Yihowaan na erge.—Lak. 16:28.

Yeroo Israaʼelonni gara Biyyattii Abdachiifamtetti imalaa turanitti, namoonni beekamoo taʼan Musee fi gaʼee Yihowaan isaaf kennerratti fincilanii turan. “[Musee qofa utuu hin taʼin] guutummaan yaaʼichaa, hundumti isaanii qulqulluu dha; Yihowaanis isaan gidduu jira” jedhanii turan. (Lak. 16:1-3) Yihowaan “guutummaan yaaʼichaa” isa duratti qulqulluu taʼus, sabicha gidduutti geggeessaa akka taʼu Musee filate. Finciltoonni kun Musee qeequunsaanii Yihowaa qeeqaa akka jiran argisiisa. Wanta Yihowaan barbaadurratti utuu hin taʼin, wanta isaan barbaadanirratti, jechuunis aangoo fi beekamtii dabalataa argachuurratti xiyyeeffataniiru. Waaqayyo namoota fincila sana geggeessaa turanis taʼe namoota kumaan lakkaaʼamanii fi isaan wajjin walii galanii turan balleesseera. (Lak. 16:30-35, 41, 49) Yeroo harʼaattis Yihowaan namoota qophii jaarmiyaasaatiif kabaja hin qabnetti akka gaddu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w24.07 11 key. 11

Jimaata, Amajjii 16

Mulʼatichi yeroo isaaf murteeffame qaba.—An. 2:3.

Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen akeekkachiisa Kitaabni Qulqulluun dhuma sirna kanaa ilaalchisee kennu hin fudhatan, darbees itti qoosu. (2 Phe. 3:3, 4) Wantoonni nuti hin beekne baayʼeen jiru. Dhumni sirna kanaa yeroo sirrii taʼetti akka dhufuu fi Yihowaan yeroo sanatti kunuunsa akka nuuf godhu amantii cimaa qabaachuu qabna. Kana malees, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Yihowaan yeroo harʼaatti qajeelfama nuu kennuuf itti fayyadamurratti amantii qabnu cimsachuu qabna. (Mat. 24:45) Yeroo rakkinni guddaan jalqabu qajeelfamoonni lubbuu keenya nuuf oolchan nuuf kennamuu dandaʼu. Kanaafuu, qajeelfama obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti dura buutota taʼanirraa nuuf kennamurratti amantii qabnu yeroon itti cimsannu ammadha. Amma qajeelfamasaanii hordofuun yoo nutti ulfaate yeroo rakkina guddaatti akkas gochuu hin dandeenyu. w24.09 11 key. 11-12

Sanbadduraa, Amajjii 17

Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne [mirkaneeffadhaa].—Rom. 12:2.

Warri Kiristiyaanota taʼan, mucaan tokko Waaqayyorratti amantii qabaachuu warrasaarraa dhaaluu akka hin dandeenye beeku. Mucaan tokko gaaffileen, ‘Waaqayyo akka jiru akkamittan beeka? Dhuguma wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti amanuu nan dandaʼaa?’ jedhan isatti uumamuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun “dandeettii yaaduu” keenyatti akka fayyadamnuu fi ‘waan hundumaa qorree akka mirkaneeffannu’ nu jajjabeessa. (Rom. 12:1; 1 Tas. 5:21) Maarree, ijoolleen keessan amantiisaanii akka cimsatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Ijoolleen keessan barumsi Kitaaba Qulqulluu dhugaa taʼuusaa akka mirkaneeffatan jajjabeessaa. Ijoolleen keessan yommuu gaaffii isin gaafatan, deebiisaa argachuuf meeshaalee qorannoo kanneen akka Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jiranitti akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan isaanitti argisiisaa. Ragaa Kitaabni Qulqulluun kitaaba namoonni barreessanirraa adda akka taʼe argisiisu argachuuf Barreeffama Qorannaa kanarraa kutaa “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalaa mata duree “Hafuura Waaqayyootiin Barreeffame” jedhu ilaaluu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun “dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tas. 2:13. w24.12 14-15 key. 4-5

Dilbata, Amajjii 18

Wantoota . . . sana, namoota amanamoo taʼanitti imaanaadhaan kenni; isaan immoo warra kaan barsiisuuf gaʼumsa ni qabaatu.—2 Xim. 2:2.

Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Jaarsoliin dargaggoota dabalatee dhiironni itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf gaʼumsa akka qabaataniif isaan leenjisuu fi isaan gargaaruu qabu. Jaarsoliin obboloonni leenjiʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan isaanirraa eeguu hin qaban. Obboloonni dargaggoota taʼan muuxannoo akka horatan, akkasumas gad of qabuun, amanamoo taʼuunii fi warra kaan tajaajiluuf fedhii qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubataniif gorsa jaalalarratti hundaaʼe isaaniif kennuu qabu. (1 Xim. 3:1; 1 Phe. 5:5) Yesuus akka lallaban qofa utuu hin taʼin akka barsiisanis barattootasaatiif itti gaafatamummaa kenneera. Tarii barattoonnisaa itti gaafatamummaa kanaaf gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yesuus hojicha hojjechuu akka dandaʼan shakkii hin qabu ture; kanas isaanitti himeera. Yesuus, “Akkuma Abbaan ana erge, anis isin nan erga” isaaniin jechuudhaan amantii guutuu akka isaanirratti qabu ibseera.—Yoh. 20:21. w24.10 16 key. 15; 17 key. 17

Wiixata, Amajjii 19

Daawit . . . isa nama akka garaa koo taʼe.—HoE. 13:22.

Daawit mootii gaarii ture. Kana malees, nama dandeettii muuziqaa qabu, barreessaa walaloo, gootaa fi raajii ture. Daawit qorumsi hedduun isa mudateera. Waggoota muraasaaf Saaʼol Mooticha isa hinaaftuu taʼe jalaa baqachaa jiraateera. Mootii erga taʼee boodas, yeroo ilmisaa Abishaalom teessoosaa isa jalaa fudhachuuf yaaletti lubbuusaa oolfachuuf baqachuun isa barbaachiseera. Daawit rakkoowwan akkasii fi dadhabina mataasaa wajjin walʼaansoo gochaa kan ture taʼus hamma dhuma jireenyasaatti Waaqayyoof ajajameera. Yihowaanis, “Nama akka garaa koo taʼe” isaan jedheera. Kanaafuu gorsa Daawit dhagaʼuu qabna! (1 Mot. 15:5) Mee gorsa Daawit ilmasaa Solomoon isa bakkasaa buʼee mootii taʼuuf kenne akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Waaqeffannaa qulqulluu akka babalʼisuu fi mana qulqullummaa ulfina isaaf fidu akka ijaaru dargaggeessa kana kan filate Yihowaadha. (1 Sen. 22:5) Solomoon haalawwan rakkisoon garaagaraa isa mudatu. Maarree, Daawit gorsa akkamii isaaf kenna laata? Daawit ilmi isaa yoo Yihowaaf ajajame jireenyi isaa akka isaaf milkaaʼu isatti hime.—1 Mot. 2:2, 3. w24.11 10 key. 9-11

Kibxata, Amajjii 20

Daandii kee Yihowaatti kennadhu; isatti amanami, innis siif jecha tarkaanfii ni fudhata.—Far. 37:5.

Abbaan manaa karaa qaamaas taʼe jechaan haadha manaasaa miidhu hariiroo Yihowaa fi haadha manasaa wajjin qabu haareessuuf tarkaanfii fudhachuu qaba. Tokkoffaa, rakkina cimaa akka qabu amanee fudhachuu qaba. Wanti ija Yihowaa jalaa dhokate hin jiru. (Far. 44:21; Lal. 12:14; Ibr. 4:13) Lammaffaa, haadha manaasaa miidhuu dhiisee amalasaa jijjiiruu qaba. (Fak. 28:13) Sadaffaa, haadha manaasaa fi Yihowaa dhiifama gaafachuu qaba. (HoE. 3:19) Fedhiisaa jijjiiruuf, akkasumas yaadasaa, dubbisaa fi gochasaa toʼachuuf Yihowaan akka isa gargaaru cimsee kadhachuu qaba. (Far. 51:10-12; 2 Qor. 10:5; Filp. 2:13) Arfaffaa, hamminaa fi dubbii gadhee kamiyyuu jibbuuf wanta dandaʼu hunda gochuudhaan tarkaanfii kadhannaasaa wajjin wal simu fudhachuu qaba. (Far. 97:10) Shanaffaa, dafee gargaarsa jaarsolii gumii argachuuf yaaluu qaba. (Yaq. 5:14-16) Jaʼaffaa, karoora gara fuulduraatti wantoota kanarraa fagaachuuf isa gargaaran baafata. w25.01 11 key. 14

Roobii, Amajjii 21

Maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami.—HoE. 22:16.

Yihowaa isa jireenya dabalatee kennaawwan gaggaarii taʼan hunda siif kenne ni jaallattaa? Jaalala isaaf qabdu argisiisuu ni barbaaddaa? Karaa gaariin kana gochuu itti dandeessu isaaf of murteessuu fi murtoo kee kanammoo cuuphamtee argisiisuudha. Tarkaanfiiwwan kun kutaa maatii Yihowaa taʼuuf si gargaaru. Tarkaanfii kana fudhachuun kee qabeenya Yihowaa waan si taasisuuf Abbaan kee fi michuun kee Yihowaan si qajeelcha, akkasumas si kunuunsa. (Far. 73:24; Isa. 43:1, 2) Of murteessitee cuuphamuun kee abdii jireenya barabaraas siif argamsiisa. (1 Phe. 3:21) Cuuphamuurraa wanti duubatti akka jettu si taasisu jiraa? Taanaan, gufuun akkasii kan mudatu si qofa miti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman cuuphamuuf gochasaanii fi ilaalchasaanii irratti jijjiirama gochuun isaan barbaachiseera. Namoonni kun amma gammachuu fi hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. w25.03 2 key. 1-2

Kamisa, Amajjii 22

Dhiifamni dhugaan si biraa argama.—Far. 130:4.

Kitaaba Qulqulluu keessatti cubbuun yeroo baayʼee baʼaa ulfaataa taʼetti fakkeeffama. Daawit Mootichi cubbuusaa ilaalchisee akkana jedheera: “Dogoggorawwan koo mataa koo irratti tuulamaniiru; isaan akka baʼaa ulfaatoo waan taʼaniif, ani isaan baachuu hin dandaʼu.” (Far. 38:4) Taʼus, Yihowaan namoonni dogoggora raawwatan yoo yaada geddaratan cubbuusaanii isaaniif ni dhiisa. (Far. 25:18; 32:5) Jechi Afaan Ibrootaa ‘dhiisuu’ jedhamee hiikame hiika “irraa fuudhuu” ykn “kaasuu” jedhu qaba. Akkuma namni humna qabu tokko baʼaa nurraa fuudhutti, Yihowaanis baʼaa cubbuu keenyaan nutti dhufe gateettii keenyarraa fuudha. Fakkeenyi kan biraanimmoo Yihowaan cubbuu keenya hammam akka nurraa fageessu ibsa. Faarfannaan 103:12, “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera” jedha. Kallattiin bahaa dhiharraa baayʼee fagaata. Kallattiiwwan lamaan yoomiyyuu wal tuquu hin dandaʼan. Kana jechuun Yihowaan cubbuu keenya isa tilmaamuu dandeenyu caalaa nurraa fageessa jechuudha. Yihowaan guutummaatti dhiifama akka nuuf godhu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! w25.02 9 key. 5-6

Jimaata, Amajjii 23

Yommuu kennaa gara laafinaa kennitu . . . dursitee malakata hin afuufin.—Mat. 6:2.

Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda Pheexiros ergamaan namicha erga dhalatee kaasee naafa ture tokko fayyisuudhaan dinqii raawwate. (HoE. 1:8, 9; 3:2, 6-8) Namoonni baayʼeen dinqii kana arganii Pheexiros biratti walitti qabaman. (HoE. 3:11) Pheexiros hawaasa beekamtii fi aangoodhaaf iddoo guddaa kennu keessatti waan guddateef, yeroo kanatti xiyyeeffannaa warra kaanii argachuunsaa isa gammachiiseeraa? Lakki. Pheexiros gad of qabuudhaan namoonni Yihowaa fi Yesuusirratti akka xiyyeeffatan godheera. Namoota sanaan akkana jedheera: “Maqaan [Yesuusii] fi amantiin nuti maqaa isaa irratti qabnu, namichi isin argitanii fi beektan kun jabaa akka taʼu godheera.” (HoE. 3:12-16) Nutis amala gad of qabuu horachuurratti fakkeenya Pheexiros hordofuu dandeenya. Wanta warra kaan fayyadu kan goonu jaalala Yihowaa fi namootaaf qabnuun kakaaneeti malee warri kaan akka nu jajaniif jennee miti. Namoonni carraaqqii keenya hubatanis hubachuu baatanis Yihowaa fi obboloota keenya karaa dandeenyu kamiiniyyuu gammachuudhaan kan tajaajillu yoo taʼe akka gad of qabnu argisiisna.—Mat. 6:1-4. w25.03 10-11 key. 11-12

Sanbadduraa, Amajjii 24

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabnurratti xiyyeeffachuudhaan gammachuu hojii lallabaarratti argannu guddifachuu dandeenya. (Mat. 22:37-39) Yihowaan hojicha yeroo hojjennu yommuu argu hammam akka gammaduu fi namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqaban hammam akka gammadan mee yaadi! Namoonni ergaa keenya fudhatan fayyina akka argatanis yaadadhu. (Yoh. 6:40) Sababa taʼe tokkoon manaa baʼuu hin dandeessuu? Taanaan, jaalala Yihowaa fi namootaaf qabdu argisiisuuf wanta gochuu dandeessurratti xiyyeeffadhu. Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 turetti Saamuʼelii fi Daaniyaan manaa baʼuu hin dandaʼan turan. Yeroo ulfaataa taʼe sanatti yeroo hunda bilbilaan dhugaa baʼaa, xalayaa barreessaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu karaa Zuumii geggeessaa turan. Saamuʼelii fi Daaniyaan haalli isaanii kan daangeffame taʼus, wanta dandaʼan godhaniiru; akkas gochuu isaaniittis gammachuu argataniiru. w24.04 18 key. 15-16

Dilbata, Amajjii 25

Haadha manaa kaamettii eenyutu argachuu dandaʼa? Gatiin ishii gatii elellaa irra baayʼee caala.—Fak. 31:10.

Gammachuu qabaachuuf gaaʼela dhaabbachuun dirqama taʼuu baatus, dargaggootas taʼan namoota guguddaa Kiristiyaanonni qeenxee taʼan hedduun gaaʼela dhaabbachuu barbaadu. Dhugaadha, nama tokko wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura gama maallaqaatiin of dandaʼuu, akkasumas karaa hafuuraa fi karaa miiraa gaaʼelaaf qophaaʼuu qabda. (1 Qor. 7:36) Nama tokko wajjin wal qorachuu jalqabuu kee dura amaloota hiriyaan gaaʼelaa kee akka qabaatu barbaaddu beekuu qabda. Taʼuu baannaan, nama siif taʼu dhiistee nama siif hin taane wajjin wal qorachuu jalqabuu dandeessa. Namni hiriyaa gaaʼelaa kee akka taʼu yaaddu Kiristiyaana cuuphame taʼuu akka qabu beekamaadha. (1 Qor. 7:39) Taʼus, namni cuuphame hundi hiriyaa gaaʼelaa gaarii siif taʼuu dandaʼa jechuu miti. Kanaafuu, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Galmawwan akkamiin qaba? Amaloonni hiriyaan gaaʼelaa koo akka qabaatu barbaadu maalfaʼi? Ulaagaan koo sirriidhaa?’ w24.05 20 key. 1; 21 key. 3

Wiixata, Amajjii 26

Gaarummaa walitti argisiisaa.—Efe. 4:32.

Yommuu wal qorattan rakkinaa fi waldhabiinsa darbee darbee gidduu keessanitti uumamuu dandaʼu furuu kan dandeessan akkamitti? Kun hariiroon keessan milkaaʼaa akka hin jirre kan argisiisudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa; namni hundi garaagarummaa qaba. Gaaʼelli cimaan hariiroo namoonni garaagarummaa isaanii waliin taʼanii furuuf carraaqqii godhan lama hundeessanidha. Kanaafuu, yeroo ammaatti akkaataan itti rakkina isin mudatu furtan gaaʼelli keessan milkaaʼina kan qabaatu taʼuu fi dhiisuusaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Dhimma tokkorratti tasgabbii fi kabajaan waliin haasaʼuu dandeenyaa? Dogoggora keenya dafnee ni amannaa? Fooyyaʼiinsa gochuuf hoo carraaqqii ni goonaa? Dafnee tole jechuuf, dhiifama gaafachuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabnaa?’ (Efe. 4:31) Haa taʼu malee, yeroo wal qorattanitti yeroo hunda kan walii hin galle ykn kan wal falmitan yoo taʼe haallisaa erga gaaʼela dhaabbattanii boodas fooyyaʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni sun akka siif hin taane yoo hubatte walitti dhufeenya keessan addaan kutuun lamaan keessaniifiyyuu gaarii taʼuu dandaʼa. w24.05 29 key. 12

Kibxata, Amajjii 27

Yihowaan inni Qarsaa koo taʼe, inni harka koo waraanaaf . . . leenjisu haa jajamu.—Far. 144:1.

Wanta hundumaarratti Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuu fi murtoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu gochuuf kan carraaqnu yoo taʼe warra kaaniif fakkeenya gaarii taana. Amantiin keenyaa fi dhugaa ilaalchisee beekumsi qabnu guddachaa yeroo deemu Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu fi ulaagaaleesaa eeguun nuuf salphata. Yaada dhaabbataa kan hin qabne, ejjennoo kan hin qabne ykn barumsa sobaa fi ilaalcha addunyaatiin asii fi achi kan daddarbatamnu hin taanu. (Efe. 4:14; Yaq. 1:6-8) Obboloota qorumsi irra gaʼaa jiru gargaaruus ni dandeenya. (1 Tas. 3:2, 3) Jaarsoliin barsiifata madaalamaa kan qaban, sirriitti kan yaadan, seera qabeeyyii fi yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu qabu. Obboloonni kun ‘dubbicha isa amanamaa sana cimsanii qabachuudhaan’ akka tasgabbaaʼanii fi Yihowaarratti amantii cimaa akka qabaatan obbolootasaanii gargaaru. (Tit. 1:9; 1 Xim. 3:1-3) Fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, akkasumas tika isaaniif gochuudhaan yeroo hunda walgaʼiirratti akka argaman, tajaajilarratti akka hirmaatanii fi qoʼannaa dhuunfaa akka godhatan isaan jajjabeessu. Jaarsoliin obboloonnisaanii yeroo haalli nama dhiphisu isaan mudatu Yihowaatti akka amanamanii fi waadaa inni galerratti akka xiyyeeffatan isaan yaadachiisuu dandaʼu. w24.06 31 key. 16-18

Roobii, Amajjii 28

Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa.—Mat. 4:17.

Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti Abbaansaa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuusaa namoota barsiiseera. Fakkeenya waaʼee ilma badee ibsu haa ilaallu. Dargaggeessi kun yeroo muraasaaf daandii cubbuu hordofuuf filatee ture. Taʼus, “qalbii isaatti [deebiʼee]” gara manasaatti deebiʼe. Abbaansaa maal godhe? Yesuus akka ibsetti “utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee . . . . fiigee isatti maramees isa dhungate.” Mucaan kun tajaajiltootasaa keessaa akka isa tokkootti akka isa ilaalu gaafatee kan ture taʼus, abbaansaa “ilmi koo kun” jedhee isa waameera, akkasumas iddoo maaticha keessatti qabutti isa deebiseera. Abbaansaa waaʼee ilmasaa kanaa yeroo dubbatu, “Badee ture, amma garuu argameera” jedheera. (Luq. 15:11-32) Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura, yeroo abbaansaa cubbamoota yaada geddaratan hedduutti gara laafina argisiisu ilaalaa akka ture ifadha. Karaan Yesuus Abbaa keenya Yihowaa isa araara qabeessa taʼe itti ibse garaa namaa kan tuquu fi kan nama jajjabeessudha! w24.08 11 key. 11-12

Kamisa, Amajjii 29

Sirriitti kan yaaddan taʼaa.—1 Phe. 4:7.

Kiristiyaanni sirriitti yaadu tokko murtoowwan gaggaarii ilaalcha Yihowaa calaqqisiisan gochuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. Kiristiyaanni akkasii jireenyasaa keessatti wanti hariiroo Yihowaa wajjin qaburra caalu akka hin jirre beeka. Wanta hunda akka hin beekne waan hubatuuf ofiisaatiif ilaalcha madaalamaa qaba. Gad of qabuudhaan irra deddeebiʼee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan akka isatti amanamu argisiisa. Dandeettiin uumamaan qabnu maaliyyuu yoo taʼe yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa akka taʼe ni hubanna. Kanaafuu, keessumaa yeroo murtoo guddaa gochuun nu barbaachisutti Yihowaan wanta nuuf wayyu akka beeku amanuudhaan qajeelfamasaa argachuuf ni kadhanna. Yihowaan amalootasaa calaqqisiisuu akka dandeenyu godhee nu uumuusaatti baayʼee galateeffanna. (Uma. 1:26) Dhugaadha, guutummaatti Yihowaa fakkaachuu hin dandeenyu.—Isa. 55:9. w25.03 11 key. 13; 13 key. 17-18

Jimaata, Amajjii 30

[Jaalalli] waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata.—1 Qor. 13:7.

Kakaʼumsa warra kaanii shakkuurraa of qusadhu. Warri kaan wanta isaaniif goone akka dinqisiifatan yoo ibsuu baatan, ‘Dhuguma dinqisiifannaa dhabaniitimoo dinqisiifannaasaanii ibsuu irraanfataniiti?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Sababiiwwan namoonni dinqisiifannaasaanii itti hin ibsine kan biroonis jiraachuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko garaadhaa kan galateeffatan taʼus, miirasaanii ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Keessumaa duraan warra kaan gargaaraa turan taanaan, gargaarsa warra kaanii fudhachuun isaan qaanessuu dandaʼa. Sababiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu ilaalcha gaarii isaaniif qabaachuu fi gammachuudhaan kennuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. (Efe. 4:2) Obsa qabaadhu. Solomoon Mootichi arjummaa argisiisuu ilaalchisee, “Daabboo kee bishaan irratti darbadhu; guyyoota hedduu booda deebitee isa ni argatta” jedheera. (Lal. 11:1) Kanarraa akka hubannutti, namoonni tokko tokko dinqisiifannaa arjummaa isaanitti argisiisneef qaban kan ibsan “guyyoota hedduu booda” taʼuu dandaʼa. w24.09 30 key. 18-19

Sanbadduraa, Amajjii 31

Warra kaaniif akeekkachiisa akka taʼutti, namoota cubbuu hojjechuu amaleeffatan nama hundumaa duratti ifadhu.—1 Xim. 5:20.

Namni tokko adabbiin akka isaaf kenname yeroo tokko tokko gumiirratti beeksisni himamuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti namni sun yaada akka geddaratee fi dogoggora raawwachaa ture akka dhiise waan beeknuuf isa wajjin yeroo dabarsuu keenya itti fufuu dandeenya. Namni kun ammayyuu kutaa gumichaa waan taʼeef, obbolootasaa wajjin yeroo dabarsuudhaan jajjabina argachuun isa barbaachisa. (Ibr. 10:24, 25) Haa taʼu malee, hariiroon nama gumiidhaa baafame wajjin qabnu kanarraa baayʼee addadha. ‘Michummaa isaa wajjin qabnu dhiisuu’ qabna; ‘nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaannu.’ (1 Qor. 5:11) Kana jechuun garuu, nama gumiidhaa baafame nagaa gaafachuu hin dandeenyu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Dhugaadha, nama akkasii wajjin michummaa hin qabaannu. Taʼus, Kiristiyaanonni nama gumiidhaa baafame tokko walgaʼiirratti akka argamu affeeruu ilaalchisee qalbiisaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu dandaʼu; tarii namni kun firasaanii ykn nama duraan itti dhihaatan taʼuu dandaʼa. w24.08 30 key. 13-14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi