BITOOTESSA 16-22
ISAAYYAAS 45-47
Faarfannaa 2 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. “Ani Waaqa Dha, kan Akka Kootii Tokko Illee hin Jiru”
(Daq. 10)
Kan akka Yihowaa tokkollee hin jiru (Isa 46:9; w20.06 5 key. 14)
Yihowaan fedhiisaa akka hin raawwanne homtuu isa dhowwuu hin dandaʼu (Isa 46:10, 11; cl 49 key. 14; w25.06 17 key. 15)
Warri waaqolii sobaatti amanaman gaddarra buʼu (Isa 46:6, 7; w24.09 11 key. 13-14)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 46:10—Yihowaan Addaamii fi Hewaan cubbuu akka hojjetan “jalqaba irraa kaasee” beeka turee? (w11 4/1 14 key. 2-3)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 45:1-11 (th qoʼannaa 5)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama amantaa Kiristiyaanaa hin hordofne tokkoof waaʼee Ayyaana Yaadannoo ibsi. (lmd barumsa 5 qabxii 3)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Nama kanaan dura waraqaa affeerrii Ayyaana Yaadannoo fudhate Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 9 qabxii 5)
6. Barattoota Gochuu
Faarfannaa 38
7. Yihowaan Yeroo Hunda Nu Gargaara
(Daq. 7) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yeroo rakkinni nurra gaʼu qaamni guutummaatti itti amanamuu dandeenyu Yihowaa qofadha.—Ibr 13:5, 6.
Faarfannaa 55:22 dubbisi. Achiis haalawwan armaan gadiirratti mariʼadhaa.
Haalawwan armaan gadii keessatti karaa Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu itti dandeenyu tokkoo fi karaa inni itti nu gargaaru tokko barreessi.
Yeroo hojii keenya dhabnu ykn yeroo wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuun nutti ulfaatu
Yeroo abbootiin taayitaa hojii keenya dhorkan
Yeroo dhibee cimaan nu qabu
Yeroo haalli baayʼee nama naasisu nurra gaʼu, fakkeenyaaf, yeroo balaan uumamaa nu mudatu ykn yeroo nama jaallannu duʼaan dhabnu
8. Gabaasa Sagantaa Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo 2026
(Daq. 8) Haasaa.
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 70-71