GAAFFII DARGAGGOOTAA
Barsiisaa Koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Barsiisaa amala rakkisaa qabu
Barataan kamiyyuu barsiisaan loogu, amalli isaa rakkisaa taʼe ykn isa miidhu isa mudachuun isaa hin oolu.
Luuyis ishiin waggaa 21 taate akkana jetteetti: “Barsiistuun keenya tokko yeroo baayʼee dubbii namatti hin tolle dubbatti, akkasumas barattoota ishii ni salphisti turte. Yeroon sooroma itti baatu dhihaatee waan tureef nan ariʼama jettee hin sodaattu turte.”
Melaaniin ishiin waggaa 25 taate, barsiistuun ishii wanta dhuunfaatti ishii miidhu gochaa akka turte yaadachuudhaan akkana jetteetti: “Wanta na miidhu kan gootu miseensa amantaalee guguddaa waanan hin taaneef akka taʼe dubbatti turte. Yeroon guddadhu miidhaan akkasii waan narra gaʼuuf yeroo sanaaf na qopheessaa akka jirtu dubbatti turte.”
Amalli barsiisaa keetii sitti ulfaata taanaan, mana barumsaa deemuun akka si hin dhiphisneef wanti gochuu dandeessu jira. Wantoota armaan gadii gochuuf yaali.
Yaadawwan si fayyadan
Akka haalasaatti sirreeffama godhi. Wanti barsiisonni barattoota isaaniirraa eegan garaagaradha. Wanta barsiisaan kee sirraa eegu beekuuf yaali; achiis wanta sana raawwachuuf wanta siif dandaʼame godhi.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni ogeessi ni dhagaʼa, barumsa dabalataas ni argata.”—Fakkeenya 1:5.
“Wanta barsiistuun koo barbaaddu gochuu akkan qabu waanan hubadheef, wantuma ishiin na ajajje gochuuf carraaqqiin godha ture. Kunis ishii wajjin walii galuun akka natti hin ulfaanne godheera.”—Kiristoofar.
Kabaja argisiisi. Barsiisota kee kabajaan haasofsiisuuf yaali. Kabajni akka isaaniif hin malle yoo sitti dhagaʼamellee isaanitti hin deebisin. Akka hiriyaa isaaniitti utuu hin taʼin akka barataa isaaniitti si ilaaluun isaanii sirrii akka taʼe yaadadhu.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabdan akka beektaniif, dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.”—Qolosaayis 4:6.
“Barsiisonni kabaja isaaniif malu barattoota isaaniirraa kan argatan yeroo hunda miti; kanaafuu, isaan kabajuuf carraaqqii gochuun kee akkaataa itti si qabanirratti jijjiirama guddaa fida.”—Siyaaraa.
Isaan hubadhu. Barsiisonni namootuma akka keetiiti. Isaanis akkuma namoota kaanii baʼaa fi dhiphina mataa isaanii qabu. Kanaafuu, ‘Barsiisaan koo nama gaarii miti’ ykn ‘Na jibba’ jettee hin yaadin.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna.”—Yaaqoob 3:2, miiljalee.
“Barsiisonni hojii ulfaataa hojjetu. Barattoota kana hunda naamusa gaarii akka qabaatan gargaaruunii fi isaan barsiisuun salphaa miti. Yeroo hundumaa barsiistuun koo baayʼee akka hin dhiphannee fi baʼaa dabalataa akkan ishiitti hin taanee of eeggachuu akkan qabu natti dhagaʼama.”—Aleeksis.
Warra kee haasofsiisi. Warri kee deggersa guddaa siif godhu. Barumsa keerratti akka siif milkaaʼu waan barbaadaniif gorsi isaan siif kennan barsiisaa amala rakkisaa qabu wajjin walii galuuf si gargaara.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Mariin hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu.”—Fakkeenya 15:22.
“Warri keenya rakkina furuurratti nu caalaa muuxannoo hedduu qabu. Kanaafuu, gorsa isaanii dhagaʼi. Gorsi isaanii milkaaʼina siif argamsiisa.”—Oliiviyaa.
Barsiisaa kee haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti?
Yeroo tokko tokko haala ulfaataa isin gidduutti uumame ilaalchisee barsiisaa kee wajjin haasaʼuun si barbaachisuu dandaʼa. Isa haasofsiisuun yoo si sodaachise kan isa barbaadde isa wajjin wal falmuuf akka hin taane yaadadhu. Kan isa barbaadde isa mariisisuufi; kunimmoo baayʼee salphaa fi buʼaa gaarii kan argamsiisu taʼuu dandaʼa.
Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota nagaa argamsiisan hordofaa.’—Roomaa 14:19.
“Barsiistuun kee kan rakkistu siin qofa akka taʼe yoo sitti dhagaʼame ‘Wanta si aarsu godheeraa laata?’ jedhii ishii gaafadhu. Deebii ishiin sii kennitu wanta fooyyessuu dandeessuu beekuuf si gargaara taʼa.”—Juuliyaanaa.
“Dhimmicha ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu barumsa dura ykn booda kophaatti tasgabbiidhaan isaaf ibsuun kee gaariidha. Karaa kanaan isa haasofsiisuun kee isa gammachiisuu dandaʼa.”—Beenjaamiin.
SEENAA DHUGAA
“Qabxiin koo gaarii hin turre; barsiistuun koos homaa nan gargaartu turte. Jireenya waan natti hadheessiteef barumsa koo addaan kutuu barbaadeen ture.
“Achiis barsiisaa tokkon gorsa gaafadhe. Innis akkana naan jedhe: ‘Sirriitti sin beektu; atis sirriitti ishii hin beektu. Haala rakkisaa keessa akka jirtu ishiitti himuu qabda. Akkas gochuun kee barattoota ishii haasofsiisuun isaan sodaachisu kaanis gargaaruu dandaʼa.’
“Kana gochuu hin barbaadun ture. Taʼus, wanta inni naan jedherratti yommuun yaadu sirrii akka taʼe nan hubadhe. Furmaata argachuu yoon barbaade tarkaanfii fudhachuun qaba.
“Kanaafuu, guyyaa itti aanu gara barsiistuu koo deemee gosa barnootaa ishiin barsiistuuf iddoo guddaa akkan kennuu fi caalaatti irraa fayyadamuu akkan barbaadu, taʼus, rakkachaa akkan jiruu fi maal gochuu akkan qabu akkan hin beekne kabajaanan itti hime. Ishiinis gorsa tokko tokko naaf kennite; barumsa booda qaamaan ykn iimeeliidhaan na gargaaruu akka dandeessullee yaada naaf dhiheessite.
“Yeroo kanatti baayʼeen naʼe! Waliin mariʼachuun keenya hariiroon nu gidduu jiru akka fooyyaʼuu fi mana barumsaa deemuun akka na hin dhiphisne godheera.”—Maariyaa.
Gorsa gaarii: Barsiisaa kee wajjin walii galuun yoo sitti ulfaate carraa wanta gara fuulduraatti si mudatuuf itti leenjitu akka taʼetti ilaali. Kaatii ishiin waggaa 22 taate akkana jetteetti: “Barumsa kee erga xumurtee booda hoggantoonni gaarii hin taane si mudachuu dandaʼu. Barsiisaa gaarii hin taane faana kan walii galtu yoo taʼe namoota rakkisoo gara fuulduraatti si mudatan wajjin walii galuun sitti salphata.”