Jimaata, Onkoloolessa 10
Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti.—Fak. 9:10.
Meeshaalee elektirooniksii keenyatti utuma fayyadamnuu poornoogiraafiin yoo nu mudate maal gochuu qabna? Yeruma sana of duraa balleessuu qabna. Qabeenyi keenya inni guddaan michummaa Yihowaa wajjin qabnu akka taʼe yoo yaadanne tarkaanfii kana fudhachuun nuuf salphata. Fakkiiwwan akka poornoogiraafiitti hin ilaalamnellee fedhii saalaa kakaasuu dandaʼu. Fakkiiwwan akkasiirraas fagaachuu kan qabnu maaliifi? Garaa keenya keessa yaanni gara halalummaatti nu geessu xinnoonillee akka jiraatu waan hin barbaanneefi. (Mat. 5:28, 29) Jaarsi gumii Taayilaandi keessa jiraatuu fi Deevid jedhamu akkana jedheera: “‘Fakkiiwwan kun poornoogiraafii yoo taʼuu baatanillee ilaaluu koo yoon itti fufe Yihowaan ni gammadaa?’ jedheen of gaafadha. Akkas jedhee yaaduun koo ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf na gargaara.” Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaachuun keenya gama kanaan tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuuf nu gargaara. Yihowaa sodaachuun “jalqaba” ykn buʼuura “ogummaati.” w23.06 23 key. 12-13
Sanbadduraa, Onkoloolessa 11
Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni.—Isa. 26:20.
Kutaan inni keessaa’ gumii keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo rakkina guddaatti obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee yoo itti fufne Yihowaan akkuma waadaa gale eegumsa nuuf godha. Kanaafuu, ammumaa kaasnee obbolootaa fi obboleettota keenya dandeenyee jiraachuu qofa utuu hin taʼin, isaan jaallachuufis carraaqqii gochuu qabna. Fayyina argachuun keenya akkas gochuu keenyarratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” ilmaan namootaarratti dhiphina fida. (Sef. 1:14, 15) Saba Yihowaas haalli rakkisaan ni mudata. Ammuma yoo qophoofne garuu tasgabbaaʼuu fi warra kaan gargaaruu dandeenya. Rakkina nu mudatu kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Obboloota keenyarra rakkinni yeroo gaʼu gara laafina isaanitti argisiisuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuudhaan isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona. Yeroo ammaatti obboloota keenyatti jaalala argisiisuu yoo baranne gara fuulduraattis jaalala isaanitti argisiisuu keenya itti fufna. Akkas yoo goone Yihowaan addunyaa balaa fi rakkinni keessa hin jirre keessatti jireenya barabaraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.—Isa. 65:17. w23.07 7 key. 16-17
Dilbata, Onkoloolessa 12
[Yihowaan] isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.
Dubbiin Waaqayyoo yeroo baayʼee namoonni amanamoo taʼan humna akka qaban ibsa. Haa taʼu malee, namni jabina guddaa qabullee yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi yeroo tokko tokko “akkuma gaaraatti cimaa” akka taʼe isatti dhagaʼama ture, yeroo kan biraatti garuu ‘ni jeeqama’ ture. (Far. 30:7) Hafuurri Waaqayyoo Saamsoniif humna guddaa kennee ture; haa taʼu malee, Saamson hafuura Waaqayyoo yoo argachuu baate ‘dadhabaa akka taʼuu fi akkuma namoota kaanii akka taʼu’ hubatee ture. (Abo. 14:5, 6; 16:17) Namoonni amanamoon kun jabina qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan humna waan isaaniif kenneef qofadha. Phaawulos ergamaanis humni Yihowaa akka isa barbaachisu dubbateera. (2 Qorontos 12:9, 10) Phaawulos dhibee fayyaa qaba ture. (Gal. 4:13, 14) Wanta sirrii taʼe gochuuf yeroon walʼaansoo gochuun itti isa barbaachises jira. (Rom. 7:18, 19) Yeroo tokko tokkommoo yaaddoo fi sodaatu isatti dhagaʼama ture. (2 Qor. 1:8, 9) Taʼus, Phaawulos yeroo dadhabetti jabina qabaachuu dandaʼeera. Akkamitti? Yihowaan jabina rakkina isaa dandamachuuf isa barbaachisu isaaf kenneera. Isa cimseera. w23.10 12 key. 1-2