Sanbadduraa, Onkoloolessa 11
Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni.—Isa. 26:20.
Kutaan inni keessaa’ gumii keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo rakkina guddaatti obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee yoo itti fufne Yihowaan akkuma waadaa gale eegumsa nuuf godha. Kanaafuu, ammumaa kaasnee obbolootaa fi obboleettota keenya dandeenyee jiraachuu qofa utuu hin taʼin, isaan jaallachuufis carraaqqii gochuu qabna. Fayyina argachuun keenya akkas gochuu keenyarratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” ilmaan namootaarratti dhiphina fida. (Sef. 1:14, 15) Saba Yihowaas haalli rakkisaan ni mudata. Ammuma yoo qophoofne garuu tasgabbaaʼuu fi warra kaan gargaaruu dandeenya. Rakkina nu mudatu kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Obboloota keenyarra rakkinni yeroo gaʼu gara laafina isaanitti argisiisuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuudhaan isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona. Yeroo ammaatti obboloota keenyatti jaalala argisiisuu yoo baranne gara fuulduraattis jaalala isaanitti argisiisuu keenya itti fufna. Akkas yoo goone Yihowaan addunyaa balaa fi rakkinni keessa hin jirre keessatti jireenya barabaraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.—Isa. 65:17. w23.07 7 key. 16-17
Dilbata, Onkoloolessa 12
[Yihowaan] isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.
Dubbiin Waaqayyoo yeroo baayʼee namoonni amanamoo taʼan humna akka qaban ibsa. Haa taʼu malee, namni jabina guddaa qabullee yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi yeroo tokko tokko “akkuma gaaraatti cimaa” akka taʼe isatti dhagaʼama ture, yeroo kan biraatti garuu ‘ni jeeqama’ ture. (Far. 30:7) Hafuurri Waaqayyoo Saamsoniif humna guddaa kennee ture; haa taʼu malee, Saamson hafuura Waaqayyoo yoo argachuu baate ‘dadhabaa akka taʼuu fi akkuma namoota kaanii akka taʼu’ hubatee ture. (Abo. 14:5, 6; 16:17) Namoonni amanamoon kun jabina qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan humna waan isaaniif kenneef qofadha. Phaawulos ergamaanis humni Yihowaa akka isa barbaachisu dubbateera. (2 Qorontos 12:9, 10) Phaawulos dhibee fayyaa qaba ture. (Gal. 4:13, 14) Wanta sirrii taʼe gochuuf yeroon walʼaansoo gochuun itti isa barbaachises jira. (Rom. 7:18, 19) Yeroo tokko tokkommoo yaaddoo fi sodaatu isatti dhagaʼama ture. (2 Qor. 1:8, 9) Taʼus, Phaawulos yeroo dadhabetti jabina qabaachuu dandaʼeera. Akkamitti? Yihowaan jabina rakkina isaa dandamachuuf isa barbaachisu isaaf kenneera. Isa cimseera. w23.10 12 key. 1-2
Wiixata, Onkoloolessa 13
Yihowaan . . . garaa namaa ilaala.—1 Sam. 16:7.
Darbee darbee gatii akka hin qabne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan ofuma isaatiin kakaʼee akka ofitti nu harkise haa yaadannu. (Yoh. 6:44) Inni wanta gaarii nu keessa jiruu fi tarii nuti hin hubanne ni arga, garaa keenyas beeka. (2 Sen. 6:30) Kanaafuu, ‘Gatii guddaa qabdu’ yeroo nuun jedhu isa amanuu dandeenya. (1 Yoh. 3:19, 20) Nu keessaa tokko tokko dhugaa barachuu keenya dura dogoggora ammayyuu miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhu raawwannee taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 4:3) Kiristiyaanonni amanamoo taʼanillee dadhabina garaagaraa wajjin walʼaansoo gochuun isaan barbaachisa. Atoo garaan kee si ceephaʼaa? Taanaan, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan miira akkasii wajjin walʼaansoo akka godhan beekuun kee si jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan mudaa qaburratti yeroo xiinxalu nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (Rom. 7:24) Dhugaadha, Phaawulos cubbuu isaarraa yaada geddaratee cuuphameera. Taʼus sana boodallee, “ergamoota hundumaatii gad” akka taʼee fi ‘cubbamaa hunda caalu’ akka taʼe isatti dhagaʼameera.—1 Qor. 15:9; 1 Xim. 1:15. w24.03 27 key. 5-6