Muddee
Sanbadduraa, Muddee 1
Guutummaan waldaa obboloota keessanii addunyaa keessatti argaman rakkina akkasii keessa akka jiran beekuudhaan amantiitti cimaatii isa mormaa.—1 Phe. 5:9.
Pheexiros ergamaan yaada kana kan barreesse Kiristiyaanonni rakkina Seexanni isaan irratti geessisu obsaan akka dandaʼaniif ture. Muuxannoon ‘warra jabaatanii dhaabatanii’ ejjennoo keenyaatti cimuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa; akkasumas, amanamummaadhaan deddeebiʼuun keenya buʼaa akka nuuf argamsiisu nu yaadachiisa. (Yaq. 5:11) Tarii namoota diinota waaqeffannaa dhugaa taʼan irraa mormiin cimaa fi ariʼatamni si irra gaʼaa jira taʼa. Yookiin Jaarsa gumii ykn daawwataa ol aanaa aanaa yoo taate immoo, hojiin akka sitti baayʼate sitti dhagaʼama taʼa. Taanaan fakkeenya Phaawulos irratti xiinxali. Phaawulos, namoota hamoo isa ariʼatan irraa, jechuunis ‘alaa wantoonni hedduun isa mudataniiru’; akkasumas waaʼee gumiiwwanii yaaduunis guyyaa guyyaadhaan isa yaaddessa ture. (2 Qor. 11:23-29) Taʼus abdii hin kutanne; fakkeenyi isaa kunis warra kaan jajjabeesseera. (2 Qor. 1:6) Rakkina tokko obsaan yommuu dandeessu, fakkeenyi kee warri kaan jabaatanii akka dhaabatan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu. w16.04 2:11, 14
Dilbata, Muddee 2
Dhaqaatii . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa [akkasumas isaan barsiisaa].—Mat. 28:19, 20.
Namoonni yoo nu dhagaʼanis taʼe cimsanii yoo nu morman, nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa gareedhaan hojii lallabaa keenyaan akka beekamnu namoonni hedduun ni amanu. Tarii immoo, tajaajila irratti namoonni wantoota nuti itti amannu irratti kan walii hin galle taʼanis, sababa hojii keenya kanaatiin akka nu kabajan dubbatan si mudatanii taʼuu dandaʼa. Akkuma beekamu, Yesuus misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti akka lallabamu raajii dubbateera. (Mat. 24:14) Gareewwan amantii hedduun, Wangeela ykn misiraachoo lallabaa akka jiran itti dhagaʼama. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee lallabni isaanii seenaa mataa isaanii dubbachuu, waldaatti tajaajiluu ykn miidiyaatti, jechuunis televijinii ykn Intarneetiitti fayyadamanii sagantaawwan garaa garaa dabarsuu irratti qofa kan xiyyeeffate dha. Warri kaan immoo hojii tola ooltummaa hojjetan ykn gama yaalii fayyaa fi barumsaatiin wanta hojjetan dubbatu. Wanti kun wanta Yesuus barattoonni isaa akka hojjetan ajajee wajjin yeroo wal bira qabamu maal fakkaata? w16.05 2:1, 2
Wiixata, Muddee 3
Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!—HoE. 25:11.
Bara 1914 kaasee mootummoonni ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo isa saboota balleessuudhaan dhiheenyatti firdii kennu mormaa jiru. (Far. 2:2, 7-9) Waaqayyo bulchiinsi siyaasaa akka itti fufu kan godhe, hamma tokko tasgabbii waan argamsiisuufi dha; kun immoo misiraachoo Mootummichaa lallabuuf nu gargaara. (Rom. 13:3, 4) Waaqayyo waaʼee abbootii taayitaa, keessumaa yeroo murtoon isaanii waaqeffannaa keenya irratti dhiibbaa geessisutti akka kadhannu nu gorsa. (1 Xim. 2:1, 2) Akkuma Phaawulos ergamaan godhe mirga keenya kabachiisuuf abbootii taayitaatti ni iyyanna. Kitaabni Qulqulluun, Seexanni inni diina Waaqayyoo taʼe sirna siyaasaa irratti aangoo akka qabu kan dubbatu taʼus, tokkoon tokkoon geggeessaa ykn abbaa taayitaa akka toʼatu hin dubbatu. (Luq. 4:5, 6) Kanaafuu, namni aangoo qabu tokko kallattiidhaan Seexanaan akka toʼatamu dubbachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, “mootummootaa fi abbootii taayitaa” wajjin haala wal qabateen ‘maqaa namootaa balleessuu’ irraa of qusachuu qabna.—Tit. 3:1, 2. w16.04 4:5, 6
Kibxata, Muddee 4
Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.
‘Dubbiin isaa dhimma tokko ilaalchisee kallattiidhaan qajeelfama hin kennu yoo taʼe, wanta Yihowaa biratti fudhatama qabu akkamitti beekuu dandeenya?’ jettee gaafatta taʼa. Yeroo Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan seera hin kenninetti, fedhii Waaqayyoo hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Isa kadhachuu fi qajeelfama inni karaa hafuura qulqulluu nuu kennu fudhachuudhaan kana gochuu dandeenya. Yesuus, wanta Abbaan isaa irraa barbaadu akkamitti akka hubate ilaali. Siʼa lama, dura erga kadhatee booda namoota hedduudhaaf dinqiidhaan nyaata akka kenne galmeeffameera. (Mat. 14:17-20; 15:34-37) Taʼus, lafa onaa keessatti yeroo inni beelaʼee jirutti Diyaabilos dhagaa gara daabbootti akka jijjiiru yeroo isa gaafatetti dideera. (Mat. 4:2-4) Yesuus, ilaalcha Abbaa isaa akka gaariitti waan beekuuf, dhagaa sana gara daabbootti jijjiiruu akka hin qabne beeka ture. Eeyyee, Yesuus ofiif jedhee humna akkanaatti fayyadamuun isaa fedhii Waaqayyoo akka hin taane hubatee ture. Kana gochuu diduudhaan, Yihowaan qajeelfamaa fi nyaata akka isaaf kennu amanannaa akka qabu argisiiseera. w16.05 3:7, 8
Roobii, Muddee 5
Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu . . . ni fayyada.—2 Xim. 3:16.
Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jalqaba irratti nama tokkoof ykn garee tokkoof barreeffaman. Kanaaf, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu keenya dura, barumsa Yihowaan nu barsiisu hubachuu akka dandeenyutti sammuu banaa fi ogummaa argachuuf kadhachuun keenya barbaachisaa dha. (Iz. 7:10; Yaq. 1:5) Yaada Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo dubbistu, xinnoo dhaabadhuutii gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu: ‘Yaadni kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Barumsa kana jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra kaan gargaaruuf akkamittan itti fayyadamuu dandaʼa?’ Gaaffiiwwan akkanaa irratti yoo yaadne, dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa caalaatti faayidaa akka argannu hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, ulaagaalee jaarsoliin Kiristiyaanaa guutuu qaban yaadi. (1 Xim. 3:2-7) Baayʼeen keenya jaarsolii waan hin taaneef, jalqaba irratti yaadni kun jireenya keenyaaf baayʼee akka hin fayyadne nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ulaagaaleen kun karaa adda addaatiin hunda keenya fayyaduu akka dandaʼan hubanna. w16.05 5:7, 8
Kamisa, Muddee 6
Isin harka koo keessatti akkuma suphee isa harka namicha suphee dhaʼu keessaa ti.—Er. 18:6.
Yihudoonni boojiʼaman yommuu Baabilon ishii duriitti seenan, magaalattiin waaqolii tolfamoodhaan guutamuu ishii fi namoonni ishiis hafuurota hamoodhaaf garboota taʼuu isaanii argan. Haa taʼu malee, Yihudoonni amanamoon kan akka Daaniʼelii fi hiriyoota isaa sadanii Baabiloniin tolfamuu didaniiru. (Dan. 1:6, 8, 12; 3:16-18) Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa Yihowaa isa akka supheetti isaan tolchuuf guutummaatti buluuf murteessanii turan. Kunis isaaniif milkaaʼeera! Daaniʼel umurii isaa guutuu jechuun ni dandaʼama Baabilon keessa kan jiraate taʼus, maleekaan Waaqayyoo Daaniʼel “nama guddaa jaallatamaa” taʼuu isaa dubbateera. (Dan. 10:11, 19) Bara duriitti, suphe dhooftuun tokko supheen sun bifa inni barbaade akka qabaatuuf, suphee sana miʼa ittiin boca baasutti jabeessee maxxansa ture. Yeroo ammaatti waaqeffattoonni dhugaan Yihowaan uumama cufa irratti ol aantummaa akka qabu, jechuunis namootas taʼe saboota tolchuuf aangoo akka qabu ni hubatu. (Er. 18:6) Waaqayyo dhuunfaatti nu tolchuufis aangoo qaba. Haa taʼu malee, mirga filannaa akka qabnu ni hubata, akkasumas fedhiidhaan kakaanee akka isaaf bitamnu ni barbaada. w16.06 2:1, 2
Jimaata, Muddee 7
Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu.—Ibr. 13:5.
Seexanni sirna daldalaa addunyaa isaatti fayyadamee, gammachuu qabaachuuf, kan nu barbaachisu caalaa qabeenya argachuu akka qabnu nu amansiisuu barbaada. Seexanni, ‘hawwii ijaatti’ fayyadamee nama gowwoomsuu irratti dandeettii guddaa qaba. (1 Yoh. 2:15-17; Uma. 3:6; Fak. 27:20) Addunyaan kun qabeenyaa wajjin haala wal qabateen, wanta barbaachisus wanta hin barbaachisnes nuuf dhiheessa; wantoota kana keessaa tokko tokko immoo baayʼee kan nama gammachiisan fakkaatu. Wanta tokko waan si barbaachisuuf utuu hin taʼin, beeksisa irratti ykn suuqiitti argitee waan sitti toleef qofa bittee beektaa? Wanta bitte sana malee jiraachuu akka dandeessu yeroo booda hubatteettaa? Wantoonni barbaachisoo hin taane akkanaa jireenya keenya wal xaxaa godhu, akkasumas baʼaa nutti taʼu. Wantoonni kun kiyyoo nutti taʼuu fi yaada keenya hihhiruudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti argamuu akkasumas tajaajila irratti yeroo hunda hirmaachuu akka hin dandeenye nu dhowwuu dandaʼu. Yohaannis ergamaan, “Addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru” jedhee akka akeekkachiise yaadadhu. w16.07 1:3, 4
Sanbadduraa, Muddee 8
“Waaqayyolii” hedduun [jiru] . . . nuuf garuu . . . Waaqa tokkicha [qofatu jira].—1 Qor. 8:5, 6.
Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa, Yihudoota, Giriikota, warra Roomaa fi namoota lammii kan biraa qabaniin kan ijaarame ture. Namoonni kun amantii, aadaa fi wantoota miira isaanii tuqan garaa gara taʼe qabu turan. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa tokko tokko waaqeffannaa haaraa kana fudhachuun ykn akkaataa jireenyaa isaanii isa duraa guutummaatti dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Waaqa tokko, jechuunis Yihowaa qofa akka qaban isaan yaadachiisuun barbaachisaa akka taʼe kan isatti dhagaʼame kanaafi. Haalli yeroo harʼaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru hoo maal fakkaata? Isaayaas raajichi “bara booddeetti,” namoonni saba hundumaa keessaa dhufan gara waaqeffannaa Yihowaa isa ol kaʼaa taʼetti akka yaaʼan raajii dubbatee ture. Namoonni kun, “[Yihowaan] waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa, nus daandiiwwan isaa irra ni adeemna” jedhu. (Isa. 2:2, 3, NW) Raajiin kun yommuu raawwatamu arguu keenyatti baayʼee gammadna! Kanaan kan kaʼes, gumiiwwan sanyii, aadaa fi qooqa garaa garaa qaban hedduun Yihowaa jajachaa jiru. w16.06 3:15, 16
Dilbata, Muddee 9
Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa waan qabnuuf Kiristoosii wajjin nu kaasee, isumaa wajjin iddoowwan samii keessa nu teessise.—Efe. 2:6.
Dibamtoonni samii keessatti Kiristoosii wajjin bulchuuf teessoo irra yommuu taaʼan, wantoota dinqisiisoo Yihowaan isaaniif yaade tilmaamuun hin dandaʼamu. (Luq. 22:28-30; Filp. 3:20, 21; 1 Yoh. 3:2) Misirroo Kiristoos, jechuunis “Yerusaalem Haaraa” taʼu. (Mul. 3:12; 17:14; 21:2, 9, 10) Namoonni ajajamoo taʼan baʼaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baʼanii mudaa kan hin qabne akka taʼaniif, Yesuusii wajjin hojii “saboota fayyisuu” irratti hirmaachaa jiru. (Mul. 22:1, 2, 17) Karaa guddaa gaarummaan Yihowaa inni dinqisiisaan ittiin mulʼatu keessaa tokko, yeroo ilmaan namootaa “awwaala” keessaa itti baʼan akka taʼe hin shakkisiisu. (Iyo. 14:13-15; Yoh. 5:28, 29) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon aarsaan Kiristoos hojii irra ooluu isaa dura duʼan, akkasumas ‘hoolonni kan biraan’ guyyoota dhumaa kanatti amanamummaa isaanii eeganii duʼan, duʼaa kaʼanii Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufu.—Yoh. 10:16. w16.07 4:13-15
Wiixata, Muddee 10
Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti!—Mar. 14:41.
Karaa hafuuraa ‘dammaqinaan eeguuf’ fedhii gaarii qabaachuu qofti gaʼaa miti. Yesuus haalli bakka Getesemaanee jedhamutti taʼe raawwatamuu isaa guyyoota muraasa dura, Yihowaatti kadhannaa cimaa akka dhiheessan barattootuma isaa kanatti himee ture. (Luq. 21:36) Kanaafuu, karaa hafuuraa dammaqinaan eeguu yoo barbaadne, nutis kadhannaadhaan dammaqoo taʼuu qabna. (1 Phe. 4:7) Yesuus guyyaan dhumaa ‘saʼaatii nuti ni dhufa jennee hin yaadnetti’ akka dhufu waan dubbateef, yeroon kun yeroo karaa hafuuraa itti rafnu, yeroo gammachuu Seexannii fi addunyaan isaa nu afeeran, akkasumas wantoota foon keenya hawwu itti hordofnu miti. (Mat. 24:44) Waaqayyoo fi Kiristoos, dhiheenyatti maal akka nuuf qopheessanii fi akkamitti dammaqoo taanee eeguu akka dandeenyu Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan nutti himu. Haala karaa hafuuraa irra jirruuf, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf, akkasumas dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa kennuu qabna. Wanta gara fuulduraatti dhufuuf qophaaʼoo taʼuu akka dandeenyutti, yeroo keessa jirruu fi wantoota raawwatamaa jiran hubachuu qabna. (Mul. 22:20) Kun dhimma duʼaa fi jireenyaa ti! w16.07 2:15-17
Kibxata, Muddee 11
Wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.—Qol. 3:13.
Hiriyoonni gaaʼelaa yoo balleessaa irra waliif darban gaaʼelli isaanii cimaa taʼa. ‘Wal dandaʼuu isaanii fi tola waliif dhiisuu isaanii itti fufuu’ qabu. Eeyyee, hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu dogoggora ni raawwatu. Haa taʼu malee, yeroo kanatti dogoggora isaanii irraa barachuuf, jechuunis dhiifama kan godhan taʼuuf carraa argatu; akkasumas, jaalalli ‘tokkummaadhaan akka walitti isaan qabsiisu’ godhu. (Qol. 3:14) Kana malees, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. . . . Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.” (1 Qor. 13:4, 5) Walitti buʼiinsi yommuu uumamu yeruma sana furmaanni itti kennamuu qaba. Kanaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan rakkinni kam iyyuu gidduu isaaniitti yommuu uumamu utuu aduun hin lixin furuu qabu. (Efe. 4:26, 27) “Si miidhuu kootiif dhiifama” jechuun gad of qabuu fi ija jabina kan gaafatu taʼus, rakkina furuu irratti gahee guddaa qaba; akkasumas hiriyoota gaaʼelaa walitti dhiheessa. w16.08 2:6
Roobii, Muddee 12
Ani barsiisa gaarii isiniif nan kenna.—Fak. 4:2.
Misiraachicha lallabuun hojii Yesuus isa guddaa ture. Haa taʼu malee, yeroo fudhatee warri kaan tiksitootaa fi barsiisota akka taʼan leenjiseera. (Mat. 10:5-7) Filiphosis, lallabaa wangeelaa taʼuu isaatiin hojiin kan itti baayʼatu taʼus, intaloonni isaa arfan dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan akka gargaare hin shakkisiisu. (HoE. 21:8, 9) Yeroo harʼaatti hoo leenjiin kun hammam barbaachisaa dha? Addunyaa maratti, namoonni misiraachicha fudhatan lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Namoonni haaraan hin cuuphamne, qoʼannaa dhuunfaan barbaachisaa taʼuu isaa hubachuu qabu. Akkasumas, warra kaaniif misiraachicha lallabuu fi dhugaa isaan barsiisuuf leenjiʼuu qabu. Obboloonni gumii keenya keessa jiran ulaagaa tajaajiltoota gumii fi jaarsolii gumii taʼuuf barbaachisu guutuuf ciminaan akka hojjetan jajjabeeffamuu qabu. Kiristiyaanonni bilchina qaban, namoonni haaraan karaa hafuuraa guddina akka godhan ‘barsiisa gaariidhaan’ gargaaruu dandaʼu. w16.08 4:1, 2
Kamisa, Muddee 13
Harka dadhabe qabaatii kaasaa, jilba mudhukes jabeessaa.—Isa. 35:3.
Obboloota keenyaa wajjin harka wal qabannee tajaajiluun tokkummaa akka qabaannu godha. Kana malees michummaa cimaa akka qabaannuu fi eebba Mootummaan Waaqayyoo fidu irratti amantiin qabnu akka dabalu godha. Harka warra kaanii yommuu jabeessinu haalawwan abdii nama kutachiisanii wajjin qabsoo akka godhan, akkasumas yeroo gara fuulduraa ilaalchisee ilaalcha sirrii fi abdii akka qabaatan isaan gargaarra. (Isa. 35:4) Kana malees, warra kaaniif akkas gochuun wantoota hafuuraa irratti akka xiyyeeffannuu fi wanti Waaqayyo gara fulduraatti nuu qopheesse dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Eeyyee, kun harka keenyas nuuf jabeessa. Yihowaan bara durii yeroo adda addaatti tajaajiltoota isaa amanamoo akkamitti akka deggeree fi akka eege yommuu hubannu, yeroo ammaatti amantii fi amanannaan isa irratti qabnu akka cimu godha. Kanaaf yommuu dhiibbaa fi rakkinni isin irra gaʼu, ‘harki keessan lawwaassaʼee kan gad rarraʼu hin taʼin!’ (Sef. 3:16) Kanaa mannaa, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuudhaan, harki isaa inni jabaan akka isin jabeessuu fi eebba Mootummichi fidutti akka isin geessu heyyamaa.—Far. 73:23, 24. w16.09 1:16-18
Jimaata, Muddee 14
Wanti hundinuu, hojiin hundinuus yeroo qaba.—Lal. 3:17.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta uffatan ilaalchisee murtoo yommuu godhan, gorsa olitti ibsame tilmaama keessa galchu. Haalli qilleensaa adda addaa fi waqtiileen jijijjiiramuun isaanii wanta uffannu irratti dhiibbaa akka geessisan beekamaa dha. Haalli garaa garaa keessa jirruu fi akkaataan jireenyaa keenyas dhiibbaa qaba. Haa taʼu malee ulaagaan Yihowaa haala qilleensaa wajjin hin jijijjiiramu. (Mil. 3:6) Haalli qilleensaa hoʼaa yeroo taʼutti, akkaataan uffannaa keenya ulfina qabeessa akka taʼu, akkasumas hubannaa fi murtoo gaarii irratti kan hundaaʼe akka taʼu gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, obboloonni keenya uffata dhaqnatti maxxanu ykn uffata gara dhabaa uffachuu irraa yeroo of qusannu ni dinqisiifatu. (Iyo. 31:1) Kana malees, naannoo galaanaatti yommuu bashannannu ykn iddoo bishaan daakaatti, uffanni bishaan daakuuf uffannu madaallii isaa kan eege taʼuu qaba. (Fak. 11:2, NW; Fak. 11:20) Namoonni addunyaa hedduun uffata daakaa qaama mulʼisu kan uffatan taʼus, nuti warri Yihowaa tajaajillu Waaqa qulqulluu jaallannuuf uffannaa keenyaan ulfina kennuu barbaanna. w16.09 3:11, 12
Sanbadduraa, Muddee 15
Eenyu anaan jettu?—Mat. 16:15.
Yesuus wanta isaan itti amanan duuka buutota isaa gaafachuu hin sodaatu ture. Isinis fakkeenya isaa hordofaa. Haalli isaa yeroo mijatutti ijoolleen keessan miira isaanii akka ibsan isaan afeeruun gaarii dha. Mucaan keessan barumsa tokko tokko ilaalchisee shakkii yoo qabaate, aariidhaan ykn karaa akka isa mormitan argisiisuun deebii isaaf hin kenninaa. Dhimmicha irratti akka yaadu obsaan isa gargaaraa. Mucaan keessan gaaffii gaafachuun isaa, waaʼee dhimma sanaa akka yaaduu fi hubachuu akka barbaadu kan argisiisu akka taʼetti ilaaluun isin fayyada. Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti illee gaaffiiwwan guguddaa gaafateera. (Luq. 2:46) Ijoollee keessan sirriitti beekuun yaada, miiraa fi yaaddoo isaanii beekuu dabalata. Isinii wajjin walgaʼii gumii irratti waan argamanii fi tajaajila irratti waan hirmaataniif qofa amantii qabaachuu dandaʼu jettanii hin yaadinaa. Sochii guyyaa guyyaa keessatti dhimmoota hafuuraa irratti mariʼadhaa. Ijoollee keessanii wajjin kadhadhaa; waaʼee isaaniis kadhadhaa. Wantoota amantii isaanii qoran kam iyyuu beekuuf yaalaa; qorumsawwan sanas akka damdamatan isaan gargaaraa. w16.09 5:3-5
Dilbata, Muddee 16
Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.—Mat. 5:3.
Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun raajii misraachichi “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” akka lallabamu dubbatame irratti ciminaan hirmaachaa jiru. (Mul. 14:6) Ati namoota qooqa haaraa barachaa jiran keessaa tokko dhaa? Tarii immoo, misiyoonii taatee ykn biyya alaa iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtee tajaajilaa ykn biyyuma dhalootaa keetti gumii afaan biraatiin geggeeffamu irratti argamaa jirtaa? Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, fayyaa hafuuraa ofii keenyaafis taʼe kan maatii keenyaatiif dursa kennuu qabna. Yeroo tokko tokko garuu, hojiin waan nutti baayʼatuuf, qoʼannaa dhunfaa itti yaadame godhachuun illee nutti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Obboloota naannoo biraa deemanii tajaajilan immoo rakkina kan biraatu mudata. Obboloonni naannoo haaraa deemanii tajaajilan qooqa haaraa barachuun isaan barbaachisa; garuu, nyaata hafuuraa jabaa taʼe haala dhaabbataa taʼeen of sooruu qabu.—1 Qor. 2:10. w16.10 2:1-3
Wiixata, Muddee 17
Warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu.—Mat. 26:52.
Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamni cimaan walitti fufee yoo isaan irra gaʼe iyyuu abdii isaaniitti gammaduu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf, obboloonni keenya Ertiraa, Singaappoorii fi Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman hedduun, gorsa Yesuus goraadee akka hin luqqifanne kenne hojii irra oolchuu isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii jiru. Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu irra ariʼatamni cimaan hin geenye taʼa. Qorumsi amantii isaan irra gaʼu garaa gara dha. Hedduun isaanii hiyyummaan, waraanni biyya keessaa ykn immoo balaawwan uumamaa utuma jiranii jabaatanii dhaabachuun isaan barbaachiseera. Warri kaan immoo akkuma Musee fi abbootii amantii kaanii, jireenya qananii ykn beekkamtii addunyaa keessa jiru dhiisaniiru. Qorumsa qabeenya akka ariʼanii fi of irratti qofa akka xiyyeeffataniif isaan irra gaʼuu wajjin walʼaansoo cimaa godhu. Kana akka godhan wanti isaan dandeessise maali dha? Yihowaa waan jaallataniif, akkasumas waadaa inni jalʼina hambisuu fi tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessatti jireenya bara baraa isaaniif kennuudhaan isaan eebbisuuf gale irratti amantii cimaa qabaachuu isaanii ti.—Far. 37:5, 7, 9, 29. w16.10 3:15, 16
Kibxata, Muddee 18
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.—Far. 34:18.
Ermiyaas yommuu sodaatee fi yommuu abdii kutatee turetti, Yihowaan amanannaa raajiin amanamaa taʼe kun qabu isaaf cimseera. (Er. 1:6-10) Daaniʼel raajichi inni maanguddoon, Waaqayyo maleekaa isaa ergee yommuu isa jajjabeesse wanta isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu. Maleekaan sun Daaniʼeliin “nama guddaa jaallatamaa” jedhee isa waame! (Dan. 10:8, 11, 18, 19) Ati hoo, haaluma wal fakkaatuun babalʼistoota, qajeelchitootaa fi maanguddoota dadhabaa jiran jajjabeessuu ni dandeessaa? Waaqayyo, innii fi Ilmi isaa inni jaallatamaan waggoota dheeraadhaaf waan waliin hojjetaniif, yommuu Yesuus lafa irra turetti isa galateeffachuu fi isa jajjabeessuun akka hin barbaachisne isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, Abbaan isaa, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhee samii irraa yommuu dubbatu Yesuus siʼa lama dhagaʼee ture. (Mat. 3:17; 17:5) Kanaaf Waaqayyo, Yesuusiin galateeffateera; wanta gaarii hojjechaa akka jirus isaaf mirkaneesseera. Kana malees Yihowaan, Yesuus galgala duʼa isaa dura turetti yommuu baayʼee dhiphatetti maleekaa tokko ergee isa jajjabeesseera.—Luq. 22:43. w16.11 1:7, 8
Roobii, Muddee 19
Daftee hin aarin!—Lal. 7:9.
Akka tuffatamne ykn murtoo jalʼaan akka nu irratti raawwatame yeroo nutti dhagaʼamu, miira keenya toʼachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Miidhaan kan nu irra gaʼe sanyii keenyaan, bifa keenyaan ykn garaa garummaa qaamaa nu gidduu jiru kaaniin yoo taʼe, baayʼee kan nama miidhu taʼu dandaʼa. Keessattuu kana kan godhe nama hidhata amantii keenya taʼe yoo taʼe immoo caalaatti nama gaddisiisa! Gorsa Kitaaba Qulqulluu aarii keenya akka toʼannuu fi dafnee akka hin aarree nuu kenname hojii irra oolchuun keenya ogummaa guddaa dha! (Fak. 16:32) Hundi keenya iyyuu namoota dafnee hin mufanee fi caalaatti dhiifama goonu taʼuuf carraaquu akka qabnu beekamaa dha. Yihowaa fi Yesuus dhiifama gochuudhaaf iddoo guddaa kennu. (Mat. 6:14, 15) Ati hoo caalaatti dhiifama gochuuf ykn miira kee toʼachuuf carraaqii dabalataa gochuun si barbaachisaa laata? Namoonni miira isaanii toʼachuu hin dandeenye, yeroo baayʼee aariin isaanii ittuma caalaa deema. Kanaan kan kaʼes, namoonni kaan isaan irraa baqatu taʼa. Namni garmalee aaru tokko gumii irratti dhiibbaa gadhee geessisuu dandaʼa.—Lew. 19:17, 18. w16.11 3:4-6
Kamisa, Muddee 20
Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba? Yookiin ifnii fi dukkanni maal wal irraa qaba?—2 Qor. 6:14.
Dhugaa Kitaaba Qulqulluu waan dheebotaniif , Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa naannoo bara 1800tti, Yunaayitid Isteetisitti waliin taʼanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqaban yeroo kanatti ture. Jalqaba irratti, kaayyoon obboleessa keenya Raasil amantiiwwan yeroo sanatti turan keessaa dhugaa kan barsiisu isa kam akka taʼe mirkaneeffachuu ture. Amantiiwwan Kiristiyaana hin taane illee dabalatee barumsawwan amantii hedduu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu wajjin of eeggannoodhaan wal bira qabee ilaaleera. Utuu baayʼee hin turin amantiiwwan kana keessaa guutummaatti Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka hin jirre hubate. Gaaf tokko, Raasil dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu innii fi michoonni isaa bira gaʼan fudhatanii miseensota gumii isaanii akka barsiisan abdachuudhaan geggeessitoota amantii tokko tokkoo wajjin wal qunname. Geggeessitoonni amantii kun garuu yaada isaa hin fudhanne. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu garuu dhugaa jiru kana amananii fudhachuu qabu turan. Namoota amantii sobaatti cichanitti michoomuun barbaachisaa miti. w16.11 4:14
Jimaata, Muddee 21
Kutaawwan qaama keessanii qajeelummaa isa gara qulqullummaatti geessuuf garboota godhaa dhiheessaa.—Rom. 6:19.
Dinqisiifannaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiif qabnu, halalummaa, machii ykn cubbuu warri Qorontos raawwachaa turan irraa fagaachuu caalaa waan dabalatu qaba. (1 Qor. 6:9-11) Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa fudhachuu jechuun halalummaa irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, fedhii bashannana gadhee taʼeen bashannanuuf nutti dhagaʼamu kam iyyuu wajjin qabsoo gochuu jechuu dha. Qaama keenya qajeelummaadhaaf garboota goonee dhiheessuun machii irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, dhugaatii gar malee dhuguu irraa fagaachuuf nu kakaasuu qaba. Gochawwan dogoggoraa kana irraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuu nu barbaachisa taʼa; taʼus qabsoo kana irratti moʼuu ni dandeenya. Galmi keenya cubbuu cimaas taʼe gocha dogoggoraa ifatti hin mulʼanne irraa fagaachuu taʼuu qaba. Kana guutummaatti gochuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, akkuma Phaawulos nutis kana gochuuf carraaquu qabna. Phaawulos obboloota isaa yommuu gorsu, “Isin akka kajeellaa fooniitiif hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu irratti mootii akka taʼu hin godhinaa” jedheera.—Rom. 6:12; 7:18-20. w16.12 1:16, 19-21
Sanbadduraa, Muddee 22
Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii garraamummaa fi of toʼachuu dha.—Gal. 5:22, 23.
Yesuus, Abbaan keenya inni samii namoota Isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu waadaa galeera. (Luq. 11:10-13) Hafuurri Waaqayyoo ykn humni isaa inni hojii irra jiru, amalawwan gaarii Waaqni keenya inni hundumaa dandaʼu qabu akka horannu nu gargaara. (Qol. 3:10) Amalawwan hafuuraa kana yommuu horattan walitti dhufeenyi namoota kaanii wajjin qabdan ni fooyyaʼa. Kanaaf, wantoota dhiphinni akka dhufu gochuu dandaʼan hedduu hirʼisuu ni dandeessu. “Harka Waaqayyoo isa jabaa” jala of galchuu fi ‘yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gatuuf’ gad of qabuun akka isin barbaachisu ifa dha. (1 Phe. 5:6, 7) Amala gad of qabuu horachuun keessan immoo, surraa Waaqayyoo fi deggersa Isaa isiniif argamsiisa. (Mik. 6:8) Waaqayyotti waan amanamtaniif, dandeettii qaamaa, sammuu fi miiraa keessaniif ilaalcha madaalamaa qabaattu; kun immoo dhiphina hirʼisuuf isin gargaaruu dandaʼa. w16.12 3:7, 12
Dilbata, Muddee 23
Noh . . . qajeelummaa [lallaba ture].—2 Phe. 2:5.
Noh nama “qajeelummaa lallabu” waan tureef, ergaa namoota akka akeekkachiisuuf isatti kenname amanamummaadhaan labseera. Akkas gochuun isaa amantiin isaa cimaa taʼee akka itti fufu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Hojii lallabaa raawwachuu isaatiin alattis, dandeettii qaamaa fi sammuu isaa hojii doonii ijaaruu Waaqayyo isaaf kenne hojjechuuf itti fayyadameera. (Ibr. 11:7) Akkuma Noh, ‘hojiin Gooftaa akka nuuf baayʼatu’ carraaqna. (1 Qor. 15:58) Hojiiwwan kun, bakkawwan waaqeffannaa ijaaruu fi suphuu, walgaʼiiwwan gurguddaa irratti fedhiidhaan hojjechuu ykn waajjira damee ykn waajjira hiikkaa fagoo keessatti hojii hojjechuu kan dabalatan taʼuu dandaʼu. Hunda caalaa garuu, hojii lallabaa isa abdii keenya gara fuulduraa nuuf cimsu irratti hinaaffaadhaan hirmaanna. Dhuguma iyyuu, hojii lallabaa irratti hirmaachuun, dorgommii fiigicha jireenyaa irratti abdii akka hin kutanne murtoo goone nuuf cimsa.—1 Qor. 9:24. w17.01 1:8, 9
Wiixata, Muddee 24
Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.
Bilisummaa warri kaan jireenya isaanii keessatti murtoo mataa isaanii gochuuf qaban kabajuu qabna. Maaliif? Hundi keenya iyyuu mirga filannoo waan qabnuuf, Kiristiyaanonni lama yeroo hunda murtoo wal fakkaatu gochuu hin dandaʼan. Kun amalaa fi waaqeffannaa keenyaa wajjin haala walqabateenis ni hojjeta. Kiristiyaanni hundi dhuunfaatti ‘baʼaa ofii isaa baachuu’ akka qabu yoo hubanne, yeroo wantoota baayʼee barbaachisaa hin taane irratti murtoo dhuunfaa goonutti illee mirga warri kaan filannoo gochuuf qaban ni kabajna. (1 Qor. 10:32, 33) Yihowaan mirga filannoo, bilisummaa dhugaa wajjin nuuf kenneera. (2 Qor. 3:17) Kennaa kana ni dinqisiifanna; kun immoo murtoo hangam Yihowaa akka jaallannu itti argisiisnu gochuuf nu gargaara. Karaa Waaqayyoof ulfina fiduun itti fayyadamuu fi akkaataa warri kaan kennaa isaanii itti fayyadamuuf filatan kabajuudhaan, kennaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu keenya itti haa fufnu. w17.01 2:15, 17, 18
Kibxata, Muddee 25
Ofii kootiin kakaʼee homaa [hin godhu], kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti [dha].—Yoh. 8:28.
Garaa namootaa tuquu kan dandeenyu, of jajuudhaan ykn xiyyeeffannaa isaanii gara keenyatti harkisuudhaan utuu hin taʼin, “tasgabbii fi hafuura garraamummaa” argisiisuudhaan akka taʼe beekna. (1 Phe. 3:3, 4; Er. 9:23, 24) Yaanni sirrii hin taane garaa keenya keessa yoo jiraate, oolee bulee gocha keenya irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, mirga tajaajilaa adda taʼe akka qabnu, odeeffannoo namoonni kaan hin beekne akka beeknu ykn obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin hariiroo addaa akka qabnu dubbachuudhaan kana argisiisna taʼa. Kana malees, yaanni ykn hojiin namoonni kaan irratti hirmaatan kan keenya qofa akka taʼe goonee dubbanna taʼa. Gama kanaan Yesuus fakkeenya gaarii taʼa. Wanti inni dubbate baayʼeen isaa, kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa kan fudhatame ture. Yesuus karaa akka gad of deebisu argisiisuun kan dubbate, dhaggeeffattoonni isaa wanti inni dubbatu beekumsaa fi ogummaa ofii isaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, Yihowaa biraa kan dhufe akka taʼe akka beekan waan barbaaduuf ture. w17.01 4:12
Roobii, Muddee 26
Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa . . . hin nyaatin!—Uma. 2:17.
Addaamii fi Hewwaaniif seera kana hubachuunis taʼe hojii irra oolchuun ulfaataa hin turre. Hunda caalaa immoo, nyaata hedduu nyaatanii illee fixuu hin dandeenye qabu turan. Seexanni inni Diyaabilos jedhame bofatti fayyadamee Hewwaaniin gowwoomsuudhaan akka ishiin Yihowaa isa Abbaa ishii taʼeef hin ajajamne godhe. (Uma. 3:1-5; Mul. 12:9) Seexanni, ijoolleen Waaqayyoo, “ija mukkeetii iddoo dhaabaa . . . keessa jiran hundumaa” irraa akka hin nyaanne dhorkamuu isaanii irratti gaaffii kaase. ‘Wanta barbaaddan gochuu hin dandeessan jechuu dhaa?’ akka jedhetti ilaalama. Achiis, “Hin duutan” jedhee soba guddaa dubbate. Sana boodas, “Ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu . . . Waaqayyo in beeka” jechuudhaan, Waaqayyoon dhaggeeffachuu akka hin qabne Hewwaaniin amansiisuuf yaale. Seexanni, iji mukaa sun beekumsa addaa waan isaanii kennuuf Yihowaan ija mukaa sana akka nyaatan akka hin barbaanne dubbachuu isaa ture. Kana malees Seexanni, ‘hamaa fi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taatu’ jedhee abdii sobaa isaaniif kenne. w17.02 1:8, 9
Kamisa, Muddee 27
Waaqayyo gooftaan keessan isin gidduudhaa, obboloota keessan keessaa, raajii akka kootii isiniif in kaasa; isin isaaf dhagaʼaa!—Kes. 18:15.
Isaayaasis geggeessaan kun “dura-buutuu fi ajajjuu” akka taʼu raajii dubbateera. (Isa. 55:4) Daaniʼel immoo “geggeessituu isa dibamee moosifame” ilaalchisee hafuuraan geggeeffamee raajii dubbateera. (Dan. 9:25) Xumura irrattis, Yesuus Kiristoos waaʼee ofii isaa “Geggeessaa” saba Waaqayyoo akka taʼe ibseera. (Mat. 23:10) Barattoonni Yesuusis fedhii isaaniitiin kan isa hordofan yeroo taʼu, Yihowaan akka isa filates mirkanaaʼoo turan. (Yoh. 6:68, 69) Kan isaan amansiise maali dha? Yohaannis Cuuphaan yeroo Yesuus cuuphametti, “samiiwwan utuu banamanii fi hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti utuu isa irra buʼuu” argee ture. (Mar. 1:10-12) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti, hafuurri qulqulluun dinqiiwwan gara garaa akka hojjetuu fi aangoo Waaqayyootiin akka dubbatu humna isaaf kenneera. (HoE. 10:38) Kana malees hafuurri qulqulluun Yesuus firiiwwan gaggaarii kan akka jaalalaa, gammachuu fi amantii cimaa akka horatu isa gargaareera. (Yoh. 15:9; Ibr. 12:2) Geggeessaan ragaa amansiisaa akkasii dhiheessuu dandaʼu kan biraan hin jiru. Dhuguma iyyuu Yesuusiin kan filate Yihowaa dha. w17.02 3:15, 16
Jimaata, Muddee 28
Warra isin gidduutti geggeessitoota taʼan . . . yaadadhaa.—Ibr. 13:7.
Ergamoonni gumii Kiristiyaanaa geggeessuu kan jalqaban, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti ture. Yeroo sanatti, “Pheexiros . . . warra Kudha Tokkoo wajjin kaʼee dhaabatee,” dhugaa lubbu baraarsaa kana namoota Yihudoota taʼanii fi amantii Yihudii fudhatan hedduutti hime. (HoE. 2:14, 15) Namoota kana keessaa hedduun isaanii amantoota taʼan. Yeroo boodas Kiristiyaanonni haaraan kun, “barumsa ergamootaa cimsanii hordofuu isaanii . . . itti fufan.” (HoE. 2:42) Qarshiin gumichaa sirriitti faayidaa irra akka oolu kan toʼatanis ergamoota turan. (HoE. 4:34, 35) Kana malees, nyaata hafuuraa saba Waaqayyootiif barbaachisu qopheessu turan; “nuti . . . guutummaatti kadhannaa fi dubbii Waaqayyoo barsiisuu irratti xiyyeeffanna” jedhanii turan. (HoE. 6:4) Akkasumas Kiristiyaanonni muuxannoo qaban naannoowwan haaraa taʼan dhaqanii akka lallabaniif isaan ergu turan. (HoE. 8:14, 15) Yeroo booda immoo, jaarsoliin dibamtoota taʼan ergamootaa wajjin taʼanii dhimmoota gumii adda addaa irratti hirmaachuu jalqaban. Jaarsolii fi ergamoonni kun, qaama ol aanaa taʼanii gumiiwwan hundaaf qajeelfama kennu turan.—HoE. 15:2. w17.02 4:4
Sanbadduraa, Muddee 29
Hundumaaf wanta isaaf malu, . . . isa ulfina barbaaduuf ulfina kennaa.—Rom. 13:7.
Hafuurri addunyaa Seexanaa namoota cubbuu dhaalan hedduu irratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Namoonni ulfinaa fi kabaja isaaf malu nama tokkoof kennuu mannaa isa waaqeffachuuf kan kakaʼan kanaafi. Geggeessitoota amantii ykn siyaasaa, namoota ispoortii fi bohaartii irratti beekamtii argatan, akkasumas namoota beekamoo taʼan kaan gar malee kan kabajan siʼa taʼu, uumama addaa akka taʼanitti isaan ilaalu. Kanaaf xinnaa guddaa utuu hin jedhin, namoota kana akka fakkeenyaatti ilaaluudhaan tarii haala, akkaataa uffannaa fi amala isaanii hordofu. Kiristiyaanonni dhugaan haala kanaan namootaaf ulfina kennuu irraa ni fagaatu. Namoota hanga harʼaatti jiraatan keessaa fakkeenya guddaa nuuf taʼuu kan qabu Kiristoos qofa dha. (1 Phe. 2:21) Waaqayyo namootaaf ulfina isaaniif malu caalaa yoo kennine nutti gadda. Dhugaa buʼuuraa kana yaadachuu qabna: “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan.” (Rom. 3:23) Dhuguma iyyuu, namni kam iyyuu hamma waaqeffannaa fakkaatutti ulfina argachuu hin qabu. w17.03 1:6-8
Dilbata, Muddee 30
Aasaan bara jireenya isaa hundumaa garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture.—1 Mot. 15:14.
Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya beekuuf of qoruu qabna. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaa gammachiisuuf, waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi saba isaa dhiibbaa gadhee irraa eeguuf murteesseeraa?’ Fakkeenyaaf namni baayʼee itti dhihaattu tokko yoo gumiidhaa baafame maal goota? Nama sanaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dhiisuudhaan tarkaanfii ni fudhattaa? Garaan kee maal gochuuf si kakaasa? Akkuma Aasaa yeroo mormiin si irra gaʼu, keessumaa immoo humna keetii ol kan fakkaatu yoo taʼe illee guutummaatti Waaqayyotti amanamuudhaan garaa guutuu akka qabdu argisiisuu dandeessa. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu keetiin kan kaʼe mana barumsaatti sitti qoosama taʼa. Yookiin immoo namoonni sii wajjin hojjetan sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuuf yeroo boqonnaa fudhattu ykn saʼaatii dabalataa hojjechuu yeroo diddu sitti qoosu taʼa. Haalawwan akkanaa keessatti akkuma Aasaa Waaqayyoon kadhadhu. (2 Sen. 14:11) Wanti ati itti amantu sirrii fi gaarii akka taʼe amanii. Waaqayyo akkuma Aasaa jabeessee fi gargaare siinis akka si jabeessu yaadadhu. w17.03 3:6-8
Wiixata, Muddee 31
Wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.—Fak. 21:5.
Dubbiin Waaqayyoo murtoo cimaa yommuu goonutti ariifachuu akka hin qabne nu gorsa. Wantoota murtoo goonuu wajjin wal qabatan irratti gadi fageenyaan kan yaannu yoo taʼe, yeroo baayʼee milkaaʼina argachuu dandeenya. (1 Tas. 5:21) Mataan maatii tokko tarkaanfii tokko fudhachuu isaa dura, yeroo ramadee Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan irratti qoranna gochuu, akkasumas ilaalcha ykn yaada miseensota maatii isaa tilmaama keessa galchuu qaba. Waaqayyo, Abrahaam wanta haati manaa isaa jettu akka dhagaʼu akka isa ajaje yaadadhaa. (Uma. 21:9-12) Jaarsoliinis taanaan qorannaa gochuuf yeroo ramaduu qabu. Tole kan jedhanii fi kan gad of qaban taanaan immoo, wanta murteessan ilaalchisee odeeffannoo haaraa amansiisaa taʼe yommuu argatan ulfinni isaanii akka hirʼatutti hin yaadan. Yeroo barbaachisaa taʼu hundatti ilaalchaa fi murtoo isaanii irratti jijjiirama gochuu qabu; hundi keenya fakkeenya isaanii hordofuu qabna. Kun immoo nagaa fi tokkummaa gumichaatiif gumaacha godha.—HoE. 6:1-4. w17.03 2:16