LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 108-118
  • Sadaasa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Sadaasa 1
  • Jimaata, Sadaasa 2
  • Sanbadduraa, Sadaasa 3
  • Dilbata, Sadaasa 4
  • Wiixata, Sadaasa 5
  • Kibxata, Sadaasa 6
  • Roobii, Sadaasa 7
  • Kamisa, Sadaasa 8
  • Jimaata, Sadaasa 9
  • Sanbadduraa, Sadaasa 10
  • Dilbata, Sadaasa 11
  • Wiixata, Sadaasa 12
  • Kibxata, Sadaasa 13
  • Roobii, Sadaasa 14
  • Kamisa, Sadaasa 15
  • Jimaata, Sadaasa 16
  • Sanbadduraa, Sadaasa 17
  • Dilbata, Sadaasa 18
  • Wiixata, Sadaasa 19
  • Kibxata, Sadaasa 20
  • Roobii, Sadaasa 21
  • Kamisa, Sadaasa 22
  • Jimaata, Sadaasa 23
  • Sanbadduraa, Sadaasa 24
  • Dilbata, Sadaasa 25
  • Wiixata, Sadaasa 26
  • Kibxata, Sadaasa 27
  • Roobii, Sadaasa 28
  • Kamisa, Sadaasa 29
  • Jimaata, Sadaasa 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 108-118

Sadaasa

Kamisa, Sadaasa 1

Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!—Fak. 27:11.

Seexanni, namoonni Yihowaa kan tajaajilan ofittummaadhaan kakaʼanii ti jechuu isaa ti. (Iyo. 2:4, 5) Seexanni erga kana dubbatee booda jijjiirameeraa? Lakki! Yeroo samii irraa gadi darbatametti illee, ‘Isa obboloota keenya himatu, isa halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan himatu!’ jedhameera. (Mul. 12:10) Seexanni gaaffii amanamummaa ilaalchisee kaase hin irraanfanne. Yeroo nuti qorumsaan moʼamnuu fi ol aantummaa Yihowaa deggeruu dhiisnu arguuf baayʼee hawwa. Kanaafuu, yommuu rakkinni si mudatu wanta ijaan hin mulʼanne kana yaadaan ilaali. Seexannii fi jinniiwwan isaa karaa tokkoon dhaabataniiru. Wanta ati gootu ilaalaa kan jiran siʼa taʼu, yommuu ati abdii kutattu arguuf hawwu. Karaa biraatiin kan jiran immoo Yihowaa, Ilma isaa isa bulchaa jiru, dibamtoota duʼaa kaʼanii fi maleekota hedduu dha. Jabaattee dhaabachuun kee fi ol aantummaa Yihowaa deggeruun kee waan isaan gammachiisuuf si deggeraa jiru. Afeerraan Yihowaan geggeessaa hafuuraatiin dubbatee fi caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu dhuunfaatti akka siif dhihaatetti ilaali. w16.04 2:8, 9

Jimaata, Sadaasa 2

Nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi.—Mat. 18:16.

Gargaarsa isaaniitiin dhimmicha furuu yoo dandeesse, “obboleessa kee deebistee argatte” jechuu dha. Dhimmi kun jaarsoliitti himamuu kan qabu, carraaqqii hedduun nama balleesse sana gargaaruuf godhame yoo milkaaʼuu baate qofa dha. Yeroo baayʼee haalli obboloonni tarkaanfiiwwan Maatewos 18:15-17 irratti ibsaman hunda akka fudhatan godhu hin uumamu. Kun, yeroo baayʼee qalbii jijjiirrachuu diduu isaatiin namni tokko gumiidhaa utuu hin baafamin rakkinichi furamuu isaa waan argisiisuuf nama gammachiisa. Yeroo baayʼee namni balleessaa raawwate tokko dogoggora isaa hubatee sirreeffama godha. Namni balleessaan irratti hojjetame immoo, dogoggora barbaaduuf sababa akka hin qabne hubachuudhaan dhiifama gochuu filachuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, wanta Yesuus dubbate irraa akka hubannutti walitti buʼiinsi akkuma uumameen gumiin gidduu seenuu hin qabu. Jaarsoliin kan gidduu seenan, tarkaanfiiwwan jalqabaa lamaan erga fudhatamanii booda, akkasumas ragaan wanta raawwatame ifatti mulʼisu yoo jiraate qofa dha. w16.05 1:15, 16

Sanbadduraa, Sadaasa 3

[Isaan] kutaa addunyaa miti.—Yoh. 17:16.

Mootummaa Waaqayyootiif amanamummaadhaan bitamuuf adda taʼuu qabna. Kun taʼuu baannaan garuu, rakkina ilmaan namootaa kan furu Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuu isaa ilaalchisee misiraachoo yeroo himnu qalbii qulqulluu qabaachuu hin dandeenyu. Kana malees, amantiiwwan sobaa siyaasa keessa galuudhaan miseensota isaanii qoqqoodan irraa haala adda taʼeen, waaqeffannaa dhugaan adda akka taanu nu gargaaruudhaan addunyaa maratti obboloota tokkummaa qabnu akka taanu godheera. (1 Phe. 2:17) Yeroo dhumni sirna Seexanaa dhihaachaa deemu, adda taʼuun caalaatti ulfaataa akka taʼu eeguu dandeenya. Addunyaan kun namoota “walii galuuf fedhii kan hin qabne” taʼanii fi namoota “mata jabeeyyii” taʼaniin guutameera; kanaafuu caalaatti qoqqoodamaa deema. (2 Xim. 3:3, 4) Biyyoota tokko tokkotti haalli siyaasaa akka tasaa waan jijijjiiramuuf, yeroo hin eegamnetti rakkinni adda taʼuu wajjin wal qabate obboloota keenya irra gaʼeera. Murtoo adda taʼuudhaaf goone ammuma cimsachuu kan qabnu maaliif akka taʼe hubattee? Hamma rakkinni nu mudatutti yoo eegne garuu, tarii ejjennoo keenya laaffisuu fi adda taʼuu dhiisuu dandeenya taʼa. w16.04 4:3, 4

Dilbata, Sadaasa 4

Namni waanuma facaase sana haammata.—Gal. 6:7.

Namoonni tokko tokko, wantoonni nuti gochuu filannu jijjiirama akka hin fidne itti dhagaʼama taʼa. Taʼus, murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuudhaaf seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Dubbii isaa keessatti argaman qoruu fi hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, Waaqayyo biratti fudhatama argachuudhaaf seera inni dhiiga ilaalchisee baase eeguu qabna. (Uma. 9:4; HoE. 15:28, 29) Murtoo dhugaawwan buʼuuraa fi seerawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gochuuf kadhannaan nu gargaara. Murtoowwan guguddaan, nageenya hafuuraa keenya irratti dhiibbaa qabaachuu dandaʼu. Filannoon nuti goonu hundi walitti dhufeenya nuti Yihowaa wajjin qabnu irratti dhiibbaa gaarii ykn gadhee geessisuu dandaʼa. Murtoo gaariin walitti dhufeenya nuti Waaqayyoo wajjin qabnu kan nuu cimsu siʼa taʼu, murtoo gadheen immoo walitti dhufeenya kana balleessa. Hunda caalaa immoo, murtoon sirrii hin taane namoota kaan jeequudhaan ykn isaan gufachiisuudhaan, akkasumas tokkummaa gumii diiguudhaan nageenya hafuuraa isaanii kan miidhu taʼuu dandaʼa. Dhuguma iyyuu, murtoon nuti goonu jijjiirama ni fida.—Rom. 14:19. w16.05 3:4, 5

Wiixata, Sadaasa 5

Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisu [dha].—Isa. 48:17.

Yihowaan, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼannaa dhuunfaa gochuudhaan ‘yeroo keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf’ carraaqqii goonu ni dinqisiifata. (Efe. 5:15, 16) Dhugaa isaa dubbachuuf, nyaata hafuuraa argannu hundaaf, yeroo hunda xiyyeeffannaa wal fakkaatu kennuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, balaa jiru tokko hubachuu qabna. Balaan kun maali dha? Qophiiwwan hafuuraa tokko tokko nuuf akka hin hojjenne yaaduudhaan, itti fayyadamuu dhiisna taʼa. Fakkeenyaaf, kutaan Kitaaba Qulqulluu tokko haala keenyaaf akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal goona? Yookiin immoo barreeffamni tokko kan qophaaʼe kallattiidhaan nuuf yoo taʼuu baate hoo? Akkuma haala isaatti dubbisnee bira darbinaa? Yookiin guutummaa isaa dubbisuu itti dhiisnaa? Taanaan, barumsa faayidaa guddaa nuuf argamsiisuu dandaʼu of dhowwachaa jirra jechuu dha. Hundi keenya, Maddi qophiiwwan hafuuraa hundi Waaqayyo taʼuu isaa yaadachuu qabna. w16.05 5:5, 6

Kibxata, Sadaasa 6

Namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.—Gal. 6:1.

Yihowaan dhuunfaatti nu tolchuuf, gumii Kiristiyaanaa fi jaarsolii gumiittis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, jaarsoliin karaa hafuuraa rakkina irra akka jirru yoo hubatan nu gargaaruuf carraaqqii godhu; kana kan godhan garuu ogummaa namaa irratti hundaaʼanii miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo hubannaa fi ogummaa akka isaaniif kennu gad of qabanii isa kadhatu. Achiis, haala keenya tilmaama keessa galchuudhaan kadhannaa isaanii wajjin haala wal simuun Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya irratti qorannaa godhu. Kunis rakkina keenyaaf gargaarsa akka nuuf kennan isaan qopheessuu dandaʼa. Akkaataa Waaqayyo itti nu tolchaa jiru hubachuun keenya, walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnu irratti, akkasumas ilaalcha namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu dabalatee namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif qabnu irratti nu fayyaduu dandaʼa. Waaqayyo namoonni jijjiirama akka godhan hin dirqisiisu; kanaa mannaa, fedhiidhaan jireenya isaanii akka qulqulleessan ykn sirreeffama gochuu akka dandaʼaniif ulaagaawwan isaa warra qajeeloo isaaniif ibsa. w16.06 1:13, 14

Roobii, Sadaasa 7

Ofii keetii isa jalaa baatee wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin!—Er. 45:5.

Yohaannis ergamaan namni wantoota addunyaa keessa jiran, jechuunis ‘hawwii foonii, hawwii ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuu’ jaallatu ‘jaalalli Abbaa akka isa keessa hin jirre’ akeekkachiiseera. (1 Yoh. 2:15, 16) Kana jechuun bashannana, michummaa, akkasumas akkaataa uffannaa fi akkaataa bareedinaa addunyaa kanaatiin garaan keenya akka hin moʼamne yeroo hunda qoruun keenya barbaachisaa dha. Yookiin immoo jaalalli addunyaa ‘wantoota guguddaa’ kan akka barumsa ol aanaa jiran hordofuuf carraaqqii gochuu dabalachuu dandaʼa. Daangaa addunyaa haaraa isa abdachiifame irra dhaabbannee jirra. Kanaafuu, jechoota Museen Keessa Deebii 6:4 irratti dubbatee fi ergaa guddaa dabarsan sammuutti qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! “Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko” akka taʼe akka gaariitti yoo hubannee fi cimsinee yoo itti amanne, karaa isa biratti fudhatama qabuun isa tajaajiluudhaan guutummaatti isaaf buluudhaaf wanta nuuf dandaʼame hunda goona.—Ibr. 12:28, 29. w16.06 3:14

Kamisa, Sadaasa 8

Hundumaa dura [Mootummaa Waaqayyoo] barbaadaa; wantoonni kun isiniif ni dabalamu.—Luq. 12:31.

Wanti nama barbaachisu muraasa, wanti namni barbaadu garuu lakkoofsa hin qabu. Namoonni hedduun garaa garummaa wanta isaan barbaachisuu fi wanta barbaadan gidduu jiru waan hubatan hin fakkaatu. Garaa garummaan wantoota kanaa maali dha? ‘Wanti si barbaachisu,’ jireenyi kee kan irratti hundaaʼe waan taʼeef, wanta qabaachuu qabdu dha. Nyaanni, uffannii fi manni wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisani dha. ‘Wanti barbaaddu’ immoo, wanta qabaachuu barbaaddu taʼus, jireenya guyyaa guyyaatiif kan hin barbaachisne dha. Wanti namoonni barbaadan iddoo isaan jiraatan irratti hundaaʼuudhaan garaa garummaa qabaachuu dandaʼa. Biyyoota guddachaa jiranitti, namoonni hedduun moobaayilii, doqdoqqee ykn lafa xinnoo bitachuuf qarshii gaʼaa argachuu barbaadu. Namoonni biyyoota badhaadhan keessa jiran immoo, saanduqa uffataa bareedaa taʼe, mana guddaa ykn konkolaataa gatiin isaa guddaa taʼe bitachuu barbaadu. Gama lamaaniin iyyuu balaan jira; wantoonni kun kan nu barbaachisan taʼanis taʼuu baatanis ykn bituuf humna qabaannus qabaachuu baannus, kiyyoo jaalala qabeenyaatiin, akkasumas kiyyoo wantoota dabalataa argachuuf hawwuutiin qabamuu dandeenya.—Ibr. 13:5. w16.07 1:1-3

Jimaata, Sadaasa 9

Fedhii foonii keessan raawwachuuf dursitanii karoora hin baafatinaa.—Rom. 13:14.

Namoonni baayʼeen dhimmawwan dhuunfaatiin qabamanii waan jiraniif, ‘Warra wantoota hafuuraa dheebotan’ miti. (Mat. 5:3) Wantoota biyya lafaa ‘hawwii foonii fi hawwii ijaa’ jajjabeessaniin xiyyeeffannaan isaanii harkifameera. (1 Yoh. 2:16) Hafuura addunyaa utuu hin taʼin, hafuurri Waaqayyoo jireenya keenya irratti dhiibbaa akka godhu barbaadna. Yihowaan hafuura isaatiin fayyadamee haalawwan nu fuuldura jiran akka hubannu nu gargaareera. (1 Qor. 2:12) Haa taʼu malee, namni tokko karaa hafuuraa akka rafu gochuun waan adda taʼe hin gaafatu; wantoonni bakka guddaa hin qabne sochiiwwan hafuuraa keenya akka toʼatan yoo heyyamne kana gochuu ni dandaʼu. (Luq. 21:34, 35) Namoonni kaan dammaqinaan eeguu keenyatti nutti qoosu taʼa; kun garuu miira ariifannaa dhabuuf sababii hin taʼu. (2 Phe. 3:3-7) Kanaa mannaa, walgaʼiiwwan gumii hafuurri Waaqayyoo itti argamu irratti Kiristiyaanota kaanii wajjin yeroo hunda wal gaʼuu qabna. w16.07 2:13, 14

Sanbadduraa, Sadaasa 10

Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu . . . gara kee in dhufa. [Ati] yakka keenya nuuf in dhiifta.—Far. 65:2, 3.

Namoonni hedduun Waaqayyo kadhannaa isaanii akka dhagaʼu waan amananiif utuu hin taʼin, miirri gaariin akka itti dhagaʼamuuf kadhatu. Kanaafuu, Yihowaan ‘isa kadhata namaa dhagaʼu’ akka taʼe beekuu qabu. Yesuus barattoota isaatiin, “Wanta akkamii iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha” jedhee ture. (Yoh. 14:14) “Wanta akkamii iyyuu” kan jedhame, wanta fedhii Yihowaa wajjin walsimu akka taʼe ifa dha. Yohaannis akkana jechuudhaan nuuf mirkaneessa: “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.” (1 Yoh. 5:14) Kadhannaan, sammuun keenya tasgabbii akka argatu gochuu caalaa, karaa gaarii “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti” ittiin dhihaannu taʼuu isaa warra kaan barsiisuun gaarii dha. (Ibr. 4:16) Namoonni karaa sirrii taʼeen, qaama sirrii taʼe, wanta sirrii taʼe akka kadhatan isaan barsiisuudhaan, Yihowaatti akka dhihaatanii fi yeroo dhiphinaatti jajjabina akka argatan gargaaruu dandeenya.—Far. 4:1; 145:18. w16.07 4:11, 12

Dilbata, Sadaasa 11

Warri siif of kennan . . . ulfinaan si jaju! Isaan waaʼee ulfina mootummaa kee in dubbatu, waaʼee hojii aangoo kees in himu. . . . Ulfina mootummaa kee isa simbo-qabeessas, ilmaan namootaatti beeksisuudhaaf kana in godhu.—Far. 145:10-12.

Jechoonni kun wanta Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo taʼan hundatti dhagaʼamu akka gaariitti akka ibsan beekamaa dha. Haa taʼu malee, dhukkubni ykn dullumni hamma tokko tajaajila kee yoo daangesse hoo? Namoota kunuunsa siif godhanii fi warra kaaniif yommuu lallabdu, tajaajilli qulqulluun ati dhiheessitu Waaqa keenya isa dinqisiisaa taʼeef ulfina akka fidu yeroo hunda yaadadhu. Sababa amantii keetiin yoo hidhamtes, hamma haalli kee siif heyyamu waaʼee dhugaa ni dubbatta taʼa; kun immoo Yihowaa baayʼee gammachiisa. (Fak. 27:11) Maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa utuu jirtuu kan isa tajaajiltu yoo taʼes, Yihowaan sitti gammada. (1 Phe. 3:1-4) Haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee, Yihowaa jajachuu fi karaa hafuuraa guddachuu dandeessa. Abdiiwwan dinqisiisoo Waaqayyo kenne namoota abdii hin qabnetti yommuu himtu Yihowaan akka si eebbisu hin shakkisiisu. w16.08 3:19, 20

Wiixata, Sadaasa 12

LHaadhotiin manaa akkuma Gooftaadhaaf bitaman abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman; sababiin isaas akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa ti.—Efe. 5:22, 23.

Qophiin kun haati manaa abbaa manaa ishiitii gadi akka taatu kan godhu miti. Kanaa mannaa, gahee Waaqayyo yeroo dubartii uumetti ishiidhaaf yaade raawwachuuf ishii gargaara; akkana jedheera: “Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha.” (Uma. 2:18) Akkuma Kiristoos isa ‘mataa gumii’ taʼee, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokkos matummaa isaa karaa jaalala qabeessa taʼeen itti fayyadamuu qaba. Yoo inni kana godhe, haadha manaa isaatti nageenyi kan dhagaʼamu siʼa taʼu, isa kabajuun, isa deggeruunii fi isaaf bitamuun ishiidhaaf salphata. Duuka buutonni Yesuus fakkeenya isaa hordofan, akkuma inni isaan jaallate, wal jaallachuu qabu. (Yoh. 13:34, 35; 15:12, 13; Efe. 5:25) Kanaaf, jaalalli hiriyoota gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan gidduu jiru, barbaachisaa taanaan isaan keessaa inni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaatiif duʼuuf illee fedhii akka qabaatu kan isa kakaasu taʼuu qaba. w16.08 2:3, 4

Kibxata, Sadaasa 13

Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa!—Fak. 15:23.

Jechoonni gaariin isin dubbattan warra kaan irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼu. Karaa kanaan caalaatti guutummaatti Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaaruu dandeessu. Walgaʼiiwwan irratti harka baasuudhaan yaada nama jajjabeessu yommuu kennitan, dhiibbaa guddaa warra kaan irratti geessisuu dandeessan matumaa akka laayyootti hin ilaalinaa. Gargaarsa Yihowaatiin, Nahimiyaa fi namoonni isaa wajjin turan hojiidhaaf harka isaanii jabeeffachuu dandaʼaniiru. Sana booda, guyyaa 52⁠tti dallaa Yerusaalem ijaaranii xumuran! (Nah. 2:18, hiika bara 1899; Nah. 6:15, 16) Nahimiyaan hojicha ol aantummaadhaan gaggeessuu qofa utuu hin taʼin, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti hirmaateera. (Nah. 5:16) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan hedduun ijaarsawwan tiʼookraasii ykn Galma Mootummaa isaanii qulqulleessuu fi suphuu irratti hirmaachuudhaan fakkeenya Nahimiyaa hordofuu dandaʼaniiru. Kana malees, babalʼistootaa wajjin tajaajiluu fi hojii tikaa hojjechuudhaan, warra garaa sodaataa qabanii fi harki isaanii laafe ni jabeessu.—Isa. 35:3, 4. w16.09 1:15, 16

Roobii, Sadaasa 14

[Jaalalli] amala sirrii hin taane hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.—1 Qor. 13:5.

Sabni Waaqayyoo gorsa Kitaaba Qulqulluu isa, “Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne [dha]” jedhu hojii irra oolchuuf carraaqqii cimaa waan godhaniifi dha. (Qol. 3:2, 5) Obboloonni keenya gorsa kana hojii irra oolchuun akka isaanitti ulfaatu gochuu hin barbaannu. Obboloonni jireenya gadhiisii dhiisanii dhufan tokko tokko, amma iyyuu fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochaa jiru taʼa. (1 Qor. 6:9, 10) Walʼaansoon godhan akka isaanitti ulfaatu gochuu hin barbaannu! Uffanni obboloota keenyaa wajjin yeroo taanutti uffannu gumiin karaa naamusaa qulqulluu akka taʼu gochuu irratti gahee guddaa qaba. Wanta uffannu filachuuf mirga qabna. Taʼus, hundi keenya iyyuu uffata warri kaan qulqullummaa isaanii eeganii jiraachuun, akkasumas yaadaan, dubbii fi gochaan ulaagaa Waaqa keenya isa qulqulluu eeguun akka isaanitti salphatu godhu uffachuuf itti gaafatamummaa qabna.—1 Phe. 1:15, 16. w16.09 3:9, 10

Kamisa, Sadaasa 15

Dargaggoonni, durboonnis . . . maqaa Waaqayyoo haa jajatan!—Far. 148:12, 13.

Hiriyoonni gaaʼelaa Faransaay jiraatan tokko, “Nuti Yihowaatti waan amannuuf, ijoolleen keenyas Yihowaatti ni amanu jechuu miti” jedhaniiru. Kana malees, “Amantiin wanta dhaalamu miti. Wanta ijoolleen keenya suuta suutaan argatani dha” jedhaniiru. Obboleessi Awustiraaliyaa jiraatu tokko immoo akkana jedheera: “Ijoolleen keessan amantii akka qabaatan gargaaruun tarii wanta isin mudachuu dandaʼu kam iyyuu caalaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. . . . Gaaffii mucaan keessan gaafateef deebii quubsaa akka kennitan isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, yeroo booda deebisee gaaffiima sana isin gaafata! Deebii quubsaan isin harʼa mucaa keessan isa waa beekuuf hawwii qabuuf deebistan tarii booriif gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dhimmoota tokko tokko irratti irra deddeebitanii mariʼachuun isin barbaachisa taʼa.” Warra yoo taatan, al tokko tokko ijoolleen keessan guddatanii gaʼeessota amantii qaban akka taʼan barsiisuu fi leenjisuuf itti gaafatamummaa qabdan raawwachuuf gaʼumsa akka hin qabne isinitti dhagaʼamaa? Eenyu iyyuu ogummaa mataa isaatiin kana raawwachuu hin dandaʼu! (Er. 10:23) Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu yoo gaafanne garuu milkaaʼuu dandeenya. w16.09 5:1, 2

Jimaata, Sadaasa 16

Gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun taʼuuf duraa hin hambisin!—Fak. 3:27.

Namoonni biyya biraatii dhufan aadaa biyya haaraa sanaa wajjin wal baruuf walʼaansoo godhu. Gama kanaan Ruut fakkeenya gaarii taati. Jalqaba irratti, qarmii funaannachuuf heyyamsiisuudhaan aadaa biyya sanaatiif kabaja akka qabdu argisiisteetti. (Rut. 2:7) Warri kaan ishii gargaaruuf dirqamni akka isaan irra jirutti yaaddee, mirga argatte kana akka laayyootti hin ilaalle. Lammaffaa irratti immoo, gaarummaa ishiitti argisiifameef yeruma sana galateeffatteetti. (Rut. 2:13) Obboloonni iddoo biraatii dhufan amalawwan gaarii akkanaa argisiisuun isaanii, jiraattonni biyyichaa fi obboloonni isaanii caalaatti akka isaan kabajan gochuu dandaʼa. Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, namoonni biyya hundumaatti argaman misiraachicha akka dhagaʼan heyyamuun isaa baayʼee nu gammachiisa. Tarii namoonni tokko tokko bakka dhalootaa isaaniitti carraa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn bilisummaadhaan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin marii gochuu hin arganne taʼa. Ammaa garuu nuu wajjin marii gochuuf carraa waan argataniif, nu gidduutti ormummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne gochuu hin qabnuu ree? w16.10 1:17-19

Sanbadduraa, Sadaasa 17

Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee . . . muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera.—Ibr. 12:2.

Yeroo harʼaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Waaqayyoon waaqeffatan, abdii isaanii irratti xiyyeeffachuudhaan, akkasumas rakkoowwan isaan mudatan amantii isaanii akka hin laaffisne gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaa jiru. Fakkeenyaaf, muuxannoo Ruudoolfi Giraayikan isa bara 1925⁠tti Jarmaniitti dhalatee haa ilaallu. Fakkiiwwan yaada Kitaaba Qulqulluu ibsanii fi keenyan mana isaa irratti fannifamanii turan ni yaadata. Akkana jedhee barreesseera: “Fakkiin tokko yeeyyii fi hoolaan, ilmoon reʼee fi qeerransi, jabbii fi leenci nagaadhaan yommuu waliin ciisanii fi mucaa xinnoon yommuu isaan tiksu argisiisa. . . . Fakkiiwwan akkanaa kun baayʼee na gammachiisu turan.” (Isa. 11:6-9) Ruudoolfi, waggoota hedduudhaaf, jalqaba bulchiinsa Geestaappoo Naaziitiin, yeroo booda immoo Istaazii (basaastota) Kooministii Baha Jarmaniitti argamuun ariʼatamni cimaan yoo isa irra gaʼe iyyuu, amantii cimaa bara baraaf lafa irra jiraachuuf qabu hin laaffisne. Qorumsi cimaan Ruudoolfi irra gaʼe kan biraanis jira. Haati isaa baayʼee jaallatu dhukkuba taayifasiitiin kan kaʼe mana hidhaa Raavanisbiruuk keessatti jalaa duuteetti. Akkasumas abbaan isaa amantiin isaa waan laafeef, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaa gane. w16.10 3:12-14

Dilbata, Sadaasa 18

Isin dubbii Waaqayyoo . . . yommuu fudhattan . . . akka dubbii [Waaqayyootti] . . . fudhattan; inni dhugumayyuu dubbii Waaqayyoo ti. —1 Tas. 2:13.

Tajaajiltoonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼeef iddoo guddaa kennu. Hundi keenya iyyuu cubbuu waan dhaalleef al tokko tokko gorsi Kitaaba Qulqulluu nu barbaachisa. Yeroo kanatti deebii akkamii kennina? Mee waaʼee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Ewodiyaa fi Sinxiikee jedhamanii haa ilaallu. Dubartoota dibamoo lamaan kana gidduutti rakkinni guddaan uumamee ture. Rakkinni Ewodiyaa fi Sinxiikee gidduutti uumame kun, nagaa guutummaa gumichaa booressuu dandaʼa ture. Kitaabni Qulqulluun dhumni isaa maal akka taʼe nutti himuu baatus, obboleettonni kun gorsa Phaawulos ergamaan jaalalaan kakaʼee isaaniif kenne fudhatanii taʼuu qaba. (Filp. 4:2, 3) Yeroo harʼaattis, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokko keessatti haalawwan wal fakkaatan akkasii rakkina uumuu dandaʼu. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe keessa jiru yoo hojii irra oolchine, rakkoowwan akkasii furuu ykn akka hin uumamne gochuu ni dandeenya. Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Yihowaa taʼeef bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, qajeelfama isaa wajjin wal simnee jiraanna.—Far. 27:11. w16.11 3:1-3

Wiixata, Sadaasa 19

Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.—Fak. 24:10.

Hundi keenya iyyuu jajjabinni nu barbaachisa. Keessumaa yeroo guddachaa deemnutti caalaatti nu barbaachisa. Barsiisaan Tiimotii Ivaanzi jedhaman tokko, “Ijoolleen . . . akkuma biqiltoonni bishaan barbaadan nama isaan jajjabeessu barbaadu. Mucaan tokko yoo jajjabeeffame gatii akka qabuu fi akka jaallatamu isatti dhagaʼama” jedhaniiru. Haa taʼu malee, yeroo rakkisaa keessa jiraanna. Namoonni ofittoo fi jaalala kan hin qabne taʼaniiru, akkasumas namoota jajjabeessuun hafaa jira. (2 Xim. 3:1-5) Seexanni abdii kutachuun, karaa hafuuraatiinis taʼe karaa biraatiin akka dadhabnu akka godhu waan beekuuf, abdii nu kutachiisuu barbaada. Seexanni, Iyoob isa qajeelaa taʼe abdii kutachiisuuf rakkoowwan walitti aananii dhufanii fi himata sobaatti fayyadameera; tooftaan gara jabinaa kun garuu utuu isaaf hin milkaaʼin hafeera. (Iyo. 2:3; 22:3; 27:5) Miseensota maatii keenyaa fi gumii keenyaa jajjabeesuudhaan hojii Diyaabilos mormuu dandeenya. Kun immoo, manni keenyas taʼe Galmi Mootummaa keenya bakka gammachuu fi nageenyi itti argamu akka taʼu gochuuf gargaara. w16.11 1:4, 6

Kibxata, Sadaasa 20

[Waaqayyo] dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin [waameera].—1 Phe. 2:9.

Namoonni ija jabeeyyii taʼan muraasni jalqaba jaarraa 16⁠ffaatti Dubbii Waaqayyoo afaanota namoonni hedduun dubbataniin hiikuu jalqabuuf murteessan. Namoonnis yeroo Kitaaba Qulqulluu argatan, dubbisu jalqaban. Yeroo dubbisanittis gaaffiiwwan akkanaa gaafatu turan: ‘Dubbii Waaqayyoo keessatti namni tokko erga duʼee booda gara samii dhaquu isaa dura cubbuu isaa irraa iddoon itti qulqulleeffamu akka jiru, waaʼeen sirna awwaalchaa raawwachiisuuf qarshii kaffaluu ykn waaʼeen phaaphaasii fi qeesii eessatti ibsame?’ Akka ilaalcha waldaatti kun baayʼee kan nama aarsu ture. Namoonni kaan geggeessitoota waldaa irratti gaaffii kaasuuf akkamitti ija jabaatan? Waldaanis deebitee lola isaan irratti kaaste. Dhiironnii fi dubartoonni barumsawwan waldaa fudhachuu waan didaniif gantoota akka taʼanitti ilaalamu turan. Waldaan murtoo duʼaa namoota kana irratti dabarsaa, Mootummaan immoo raawwachiisaa ture. Kaayyoon isaanii namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hin dubbisnee fi waldicha irratti gaaffii akka hin kaasne gochuu ture. Yeroo baayʼee tooftaan isaanii kun milkaaʼina argata ture. Taʼus, namoonni ija jabeeyyii taʼan muraasni Baabilon Guddittii hin sodaanne. Amma hamma tokko Dubbii Waaqayyoo kan hubatan siʼa taʼu, caalaatti barachuus barbaadaniiru! w16.11 4:13

Roobii, Sadaasa 21

Dhuga-baatuun amanamaan hin sobu.—Fak. 14:5.

Amanamummaan ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabu dha. (Efe. 4:25) Seexanni “abbaa sobaa” ti. Hanaaniyaa fi haati manaa isaas sababii sobaatiin lubbuu isaanii dhabaniiru. Namoota akkasii fakkaachuu waan hin barbaanneef sobuu irraa ni fagaanna. (Yoh. 8:44; HoE. 5:1-11) Haa taʼu malee, amanamummaan keenya kana caalaa waan dabalatu qabaa? Amanamummaan keenya dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiif qabnu kan calaqqisiisu taʼuu qaba. Sobuun wanta dhugaa hin taane dubbachuu jechuu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan sabni isaa soba dubbachuu irraa fagaachuu caalaa wanti akka godhan barbaadu jira. Yihowaan Israaʼeloota durii, “Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman taʼe isinis immoo qulqulloota taʼaa!” jedhee isaan gorseera. Achiis qulqulluu taʼuu ilaalchisee fakkeenya isaaniif kenneera. Waaqayyo, “Hin hatinaa! Hin sobinaa! Walis hin gowwoomsinaa!” jedheera. (Lew. 19:2, 11) Kan nama gaddisiisu garuu, namni matumaa soba dubbatee hin beekne, tarii namoota kaan gowwoomsuu kan amaleeffate taʼuu dandaʼa. w16.12 1:17, 18

Kamisa, Sadaasa 22

Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra [caalu] karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:7.

Dubbii Waaqayyoo keessatti, jechoota Yesuus nama jajjabeessan arganna. Dubbiinii fi barumsi isaa namoota isa dhaggeeffatan kan haaromsan turan. Yesuus, garaa warra dadhabanii waan tasgabbeessuuf, warra dadhabaa waan cimsuu fi warra gaddan waan jajjabeessuuf namoonni hedduun gara isaatti harkifamanii turan. (Mat. 11:28-30) Jaalalaan kakaʼee wanta namootaaf karaa hafuuraa, karaa miiraa fi qaamaa isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kenneera. (Mar. 6:30-32) Yesuus, akkuma ergamoota isaa wajjin deemaa turan gargaaruuf waadaa gale, yeroo harʼaatti nuunis nu gargaaruu dandaʼa. Kana irraa fayyadamuuf dirqama bakka Yesuus qaamaan argamutti argamuun isin hin barbaachisu. Yesuus Mootii samii irra jiru waan taʼeef, miira keenya hubachuudhaan gargaarsa nu barbaachisu nuuf godha. Kanaaf, yommuu dhiphattan, ‘yeroo gargaarsi isin barbaachisutti’ gara laafinaan ‘isin gargaaruu’ ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, Yesuus abdii fi ija jabina yaaddoo damdamachuuf nu gargaaru nuu kenna.—Ibr. 2:17, 18; 4:16. w16.12 3:4, 6

Jimaata, Sadaasa 23

Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga’eera.—Uma. 6:13.

Nohi addunyaa ‘humnaan wal irratti kaʼuu’ fi addaggummaadhaan ‘guutame’ keessa jiraachaa ture. (Uma. 6:4, 9-12) Nohi akeekkachiisa Yihowaa amanamummaadhaan lallabus, namoonni hamoon naannoo isaa jiran ergicha akka fudhatan dirqisiisuus taʼe Bishaan Badiisaa sun dafee akka dhufu gochuu hin dandaʼu ture. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti hamoota akka balleessu waadaa gale akka raawwatu amanuu qaba ture. (Uma. 6:17) Nutis addunyaa hammeenyaan guutamee fi Yihowaan balleessuuf waadaa gale keessa akka jirru beekna. (1 Yoh. 2:17) Hanga yeroo sanaatti garuu, namoonni ‘misiraachoo Mootummichaa’ akka fudhatan dirqisiisuu hin dandeenyu. Akkasumas yeroo “rakkinni guddaan” itti jalqabu saffisiisuuf homaa gochuu hin dandeenyu. (Mat. 24:14, 21) Nutis akkuma Nohi, Waaqayyo yeroo dhihootti tarkaanfii akka fudhatu amantii cimaa qabaachuu qabna. (Far. 37:10, 11) Yihowaan addunyaan hamaan kun yeroo kaayyoon isaa akka itti raawwatamu murteesse irra, guyyaa tokko illee akka darbu akka hin heyyamne ni amanna.—An. 2:3. w17.01 1:5-7

Sanbadduraa, Sadaasa 24

Ani Waaqayyo . . . isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.—Isa. 48:17.

Yeroo harʼaatti, namoonni hedduun bilisummaa isaanii karaa sirrii hin taaneen, darbees namoota kaan miidhuuf itti fayyadamuuf yommuu filatan wanta Yihowaatti dhagaʼamu yaadaa. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate, namoonni “guyyoota dhumaa” keessa jiran “kan hin galateeffanne” dha. (2 Xim. 3:1, 2) Kennaa addaa Yihowaa irraa arganne kana matumaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu irraa ykn akka laayyootti ilaaluu irraa of haa qusannu. Maarree kana irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? Hundi keenya michoota, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa, akkasumas bohaartii ilaalchisee wanta barbaanne filachuuf bilisummaa qabna. Haa taʼu malee, fedhii foonii keenyaaf garboota taʼuuf yoo filanne ykn faashinii addunyaa mancaʼaa yeroo yerootti jijjiiramu yoo hordofne, bilisummaa keenya ‘dogoggora hojjennu dhoksuuf’ itti fayyadamaa jirra jechuu dha. (1 Phe. 2:16) Bilisummaa keenya ‘fedhii foonii hordofuuf carraa akka nuuf argamsiisu goonee’ utuu hin taʼin, filannoo gorsa “Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedhu hordofuuf nu gargaaru gochuuf murteessuu barbaanna.—Gal. 5:13; 1 Qor. 10:31. w17.01 2:12-14

Dilbata, Sadaasa 25

Anis dubbii kana yommuun dhagaʼe . . . Waaqayyo gooftaa bantii waaqaa durattis guyyaa muraasaaf [soomee nan kadhadhe].—Nah. 1:4.

Fakkeenyi Nahimiyaa, mirgi tajaajilaa keenya yommuu jijjiiramu ykn itti gaafatamummaan dabalataa yommuu nuuf kennamu, amalli gad of deebisuu ofitti amanamuu irraa akkamitti akka nu eegu ibsa. Jaarsi tokko, jalqaba utuu Yihowaatti kadhannaa hin dhiheessin, muuxannoo isaatti amanamuudhaan dhimmawwan gumii wajjin wal qabatan tokko tokko raawwata taʼa. Kaan immoo murtoo tokko erga godhanii booda, Yihowaan murtoo isaanii akka isaaniif eebbisu kadhannaa dhiheessu taʼa. Haa taʼu malee, kun gad of deebisuu jedhamaa? Namni gad of deebisu, iddoo Waaqayyo duratti qabuu fi gaʼee qophii Waaqayyoo keessatti qabu matumaa hin irraanfatu. Wanti bakki guddaan kennamuuf, dandeettii keenya miti. Keessumaa immoo haala ykn rakkina kanaan dura nu mudate hiikuuf yommuu yaallutti, ofii keenyatti akka hin amanamne of eeggachuu qabna. (Fak.  3:5, 6) Miseensota maatii Waaqayyoo waan taaneef, itti gaafatamummaa qabaachuun keenya namoota maatii ykn gumii keenya keessa jiran kaan irraa nu caalchisa jennee hin yaannu. Kanaa mannaa, obboloota keenyaa wajjin wal taʼiinsaan hojjenna.—1 Xim. 3:15. w17.01 4:7, 8

Wiixata, Sadaasa 26

Lafa . . . ilmaan namaatiif kenne.—Far. 115:16.

Kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa lafa kana irra bara baraaf akka jiraatan ture. (Uma. 1:28; Far. 37:29) Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniif kennaawwan hedduu gatii guddaa qabanii fi jireenyatti akka gammadan isaan dandeessisan arjummaadhaan isaaniif kenneera. (Yaq. 1:17) Yihowaan mirga filannoo, dandeettii yaaduu, akkasumas dandeettii jaallachuu fi michummaa uumuu isaaniif kenneera. Uumaan, Addaamitti dubbachuudhaan, akkaataa inni akka isaaf ajajamu itti argisiisuu dandaʼu qajeelfama isaaf kenneera. Kana malees, Addaam wanta isa barbaachisu guuttachuu fi bineensotas taʼe lafa kunuunsuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe barateera. (Uma. 2:15-17, 19, 20) Akkasumas Yihowaan, Addaamii fi Hewwaan miira dhandhamuu, qaqqabuu, ilaaluu, dhagaʼuu fi fuunfachuu akka qabaatanitti isaan uume. Kanaaf, bareedina Jannata keessa jirutti guutummaatti gammaduu dandaʼu turan. Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa hojii gammachiisaa fi milkaaʼina argamsiisu hojjechuu, akkasumas bara baraaf wantoota haaraa irratti qorannaa gochuu dandaʼu turan. Addaamii fi Hewwaan dandeettii ijoollee mudaa hin qabne godhachuu akka qabaatan taasisee isaan uume. Bakka bara baraaf keessa jiraatan akka isaaniif taatuuf, lafaa fi qabeenya ishii hunda ilmaan namootaatiif kenneera. w17.02 1:6, 7

Kibxata, Sadaasa 27

Macaafa seeraa . . . waraqata maramu irratti haa caafsifatu! Dubbii seera kanaa fi seerrata kanaa hundumaa akka ittiin eeguuf.—Kes. 17:18, 19.

Dubbiin Waaqayyoo geggeessitoota kana irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture? Fakkeenya Yosiyaas  Mootichaa haa ilaallu. Barreeffamni seera Musee qabate tokko yeroo argametti, barreessaan Yosiyaas isaaf dubbisuu jalqabe. Yosiyaas Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamuudhaan, waaqolii tolfamoo balleessuuf duula guddaa tokko kan godhe siʼa taʼu, haala kanaan dura taʼee hin beekneen Ayyaana Faasikaa qopheesse. (2 Mot. 22:11; 23:1-23) Yosiyaasii fi geggeessitoonni amanamoon kaan Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamaa waan turaniif, qajeelfama saba Waaqayyootiif kennan sirreessuu fi fooyyessuuf fedhii qabu turan. Jijjiiramoonni kun sabni Waaqayyoo bara durii turan, akka fedhii Waaqayyootti akka jiraatan isaan taasisaniiru. Haa taʼu malee, Mootota saba Waaqayyoo bara durii bulchaa turan keessaa qajeelfama Waaqayyoo kan hordofan hunda isaanii miti. Yihowaan geggeessitoota kana yeroo itti adabe ykn bakka buuse qaba ture. (1 Sam. 13:13, 14) Yihowaan, yeroo isaa eegee geggeessaa namoota hanga yeroo harʼaatti turan hunda caalu muudeera. w17.02 3:11, 12, 14

Roobii, Sadaasa 28

[Nama] xinnoodhuma ofii keetii gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse.—Far. 8:5.

Ilmaan namootaa “akka bifa Waaqayyootti” uumaman. (Uma. 1:27) Kanaaf, hammi isaa garaa gara taʼus, baayʼeen isaanii amalawwan Waaqayyoo calaqqisiisuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni jaalala, garraamummaa fi gara laafina argisiisuu dandaʼu. Kana malees, qalbii wajjin waan uumamaniif, wanta sirrii ykn dogoggora taʼe, akkasumas wanta soba ykn dhugaa taʼe addaan baasanii beekuu dandaʼu. (Rom. 2:14, 15) Wanti qulqulluunii fi wanti miidhagaa taʼe namoota hedduu ni hawwata. Walumaa galatti, namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuu barbaadu. Beekanis beekuu baatanis hamma tokko ulfina Yihowaa calaqqisiisu; kanaaf ulfinnii fi kabajni isaaniif ni mala. Haa taʼu malee namootaaf ulfina akkamii fi hanga maaliitti ulfina isaaniif kennuu akka qabnu ilaalchisee, ilaalcha sirrii qabaachuun keenya barbaachisaa dha. w17.03 1:5, 6

Kamisa, Sadaasa 29

[Waaqayyo] wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne.—Yon. 3:10.

Waaqayyo akka ilmaan namootaa, aarii yeroodhaaf isatti dhagaʼamu irratti hundaaʼee tarkaanfii hin fudhatu. Kana mannaa, Yihowaan warri Nanawwee garaa geddaratanii ilaalcha isaanii akka jijjiiran yommuu argu murtoo isaa sirreesseera. Kana gochuudhaanis, tole kan jedhu, kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaa argisiiseera. Haaluma wal fakkaatuun yeroo tokko tokko filannoo ykn murtoo goone tokko irra deebinee ilaaluun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Tarii haalli nuti keessa jirru jijjiiramee taʼuu dandaʼa. Yihowaan haalli yommuu jijjiiramu murtoo godhe irratti sirreeffama ni godha. (1 Mot. 21:20, 21, 27-29; 2 Mot. 20:1-5) Yookiin immoo, odeeffannoo haaraa argachuu keenyaan kan kaʼe murtoo tokko jijjiiruun barbaachisaa taʼu dandaʼa. Daawit Mootichi waaʼee ilma ilma Saaʼol kan taʼe Mefii-Bosheet odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼee ture. Yeroo booda garuu odeeffannoo sirrii yommuu argatu murtoo isaa irratti jijjiirama godheera.—2 Sam. 16:3, 4; 19:24-29. w17.03 2:14, 15

Jimaata, Sadaasa 30

Tole kan jettan taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.—Filp. 4:5.

Rakkinni tokko yeroo nu mudatu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa galchuu fi hojii irra oolchuu qabna. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko misiraachicha lallabuu akka qabdu beekti. (HoE. 4:20) Haa taʼu malee, guyyaa tokko tajaajila baʼuuf karoorfatte haa jennu; abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane garuu akka ishiin manaa hin baane barbaade. Yeroo erga waliin dabarsanii akka turanii fi lama taʼanii waa utuu hojjetanii akka barbaadu itti hime. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan akka Waaqayyoof abboomamuu akka qabduu fi barattoota gochuu akka qabdu ibsan yaadatti taʼa. (Mat. 28:19, 20; HoE. 5:29) Haa taʼu malee, haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu fi tole kan jettu taʼuu akka qabdus yaadachuu qabdi. (Efe. 5:22-24) Abbaan manaa ishii tajaajila baʼuu ishii mormaa jira moo guyyaadhuma sanaaf qofa tajaajila akka hin baane ishii gaafachaa jira? Fedha Waaqayyoo yeroo raawwannutti ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi qalbii qulqulluu qabaachuuf carraaquu qabna. w17.03 4:17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi