Akkaataa Buukleetii Kanatti Itti Fayyadamnu
Fuulawwan itti aanan irratti, caqasa tokkoon tokkoon guyyaatiif ramadamee fi yaada caqasicha irratti hundaaʼe argatta. Caqasawwan kanaa fi yaada isaa saʼaatii kamitti iyyuu dubbisuun kan dandaʼamu taʼus, obboloonni hedduun ganama dubbisuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Yoo akkas godhan guyyaa guutuu yaadicha irratti xiinxaluu dandaʼu. Maatiidhaan taʼanii caqasicha irratti mariʼachuun baayʼee gaarii dha. Maatiiwwan Betʼel addunyaa maratti argaman saʼaatii cireetti caqasa guyyaa irratti mariʼatu.
Yaadawwan buukleetii kana irratti argaman Masaraa Eegumsaa (w) Ebla 2016 hanga Bitootessa 2017 irraa kan fudhatamani dha. Lakkoofsonni guyyaa maxxansa Masaraa Eegumsaa sanatti aansee argamu, jechuunis (1, 2, 3, 4 ykn 5) mata dureewwan qoʼannaa duraa duubaan maxxansicha keessa jiran argisiisu. Itti aansuudhaanis caqasicha ilaalchisee yaanni dabalataa keeyyata isa kam irraa akka fudhatame ibsan kaaʼamaniiru. (Fakkeenya armaan gadii ilaali.) Odeeffannoon dabalataa waaʼee dhimma sanaa ibsu, mata duree yaanni sun irraa fudhatame irratti argama. Mata dureen caqasame hundi fuula kam irraa akka jalqabu beekuuf, fuula lammaffaa maxxansa Masaraa Eegumsaa sanaa ilaali.