LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 7-17
  • Amajjii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Amajjii 1
  • Kibxata, Amajjii 2
  • Roobii, Amajjii 3
  • Kamisa, Amajjii 4
  • Jimaata, Amajjii 5
  • Sanbadduraa, Amajjii 6
  • Dilbata, Amajjii 7
  • Wiixata, Amajjii 8
  • Kibxata, Amajjii 9
  • Roobii, Amajjii 10
  • Kamisa, Amajjii 11
  • Jimaata, Amajjii 12
  • Sanbadduraa, Amajjii 13
  • Dilbata, Amajjii 14
  • Wiixata, Amajjii 15
  • Kibxata, Amajjii 16
  • Roobii, Amajjii 17
  • Kamisa, Amajjii 18
  • Jimaata, Amajjii 19
  • Sanbadduraa, Amajjii 20
  • Dilbata, Amajjii 21
  • Wiixata, Amajjii 22
  • Kibxata, Amajjii 23
  • Roobii, Amajjii 24
  • Kamisa, Amajjii 25
  • Jimaata, Amajjii 26
  • Sanbadduraa, Amajjii 27
  • Dilbata, Amajjii 28
  • Wiixata, Amajjii 29
  • Kibxata, Amajjii 30
  • Roobii, Amajjii 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 7-17

Amajjii

Wiixata, Amajjii 1

Amantii [sanaaf jabaadhaa lolaa].—Yih. 3.

Shamarreen yeroo abbaan ishii adda waraanaatii itti deebiʼu hawwiidhaan eegaa turte tokko, yommuu inni nagaadhaan deebiʼu isa simachuuf warra kaan dursitee gara isaatti fiigde. Moʼicha guddaa argachuu isaatti baayʼee gammaddeetti. Abbaan ishii garuu ishii wajjin sirbuu fi shubbisuu mannaa uffata isaa bakka waraanaatti xuraaʼe tarsaasuudhaan, “Wayyoo! Yaa intala ko! Baayʼee na gaddisiifte, na dhiphiftes” jedhee booʼe. Achiis wanta hawwii fi abdii ishiin akkuma shamarran kaaniitti jiraachuuf qabdu jalaa fashaleessu, jechuunis wanta bara baraaf jireenya ishii jijjiiru dubbate. Ishiin garuu, mamii tokko malee abbaan ishii wanta Yihowaadhaaf waadaa seene akka raawwatu isa jajjabeessite. Wanti ishiin dubbatte amantii cimaa akka qabdu argisiisa. Wanti Yihowaan gaafatu hundi ishiidhaaf gaarii akka taʼu ni amanti turte. (Abo. 11:34-37) Abbaan ishii intalli isaa murtoo inni murteesse deggeruuf fedhii qabaachuun ishii Yihowaa biratti fudhatama akka argatan waan godhuuf, intala isaatti ni boone.Yiftaa fi intalli isaa, yeroo ulfaataa taʼutti illee karaa Yihowaan wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii qabu turan. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun, aarsaa kam irra iyyuu akka caalu of amansiisanii turan. w16.04 1:1, 2

Kibxata, Amajjii 2

Iyoob jabaatee akka dhaabate dhageessaniittu; kanaan kan kaʼes wanta Yihowaan isaaf godhe argitaniittu.—Yaq. 5:11.

Michuun kee ykn miseensi maatii kee tokko jecha si miidhu yoo dubbate, dhukkubni cimaan yoo si qabe ykn nama jaallattu duʼaan dhabuudhaan baayʼee yoo gaddite, fakkeenya Iyoob irraa jajjabina argachuu dandeessa. (Iyo. 1:18, 19; 2:7, 9; 19:1-3) Iyoob rakkinoota kana hunda kan itti fide eenyu akka taʼe kan hin beekne taʼus abdii hin kutanne. Maaliif? “Nama Waaqayyoon sodaatu” waan tureefi dha. (Iyo. 1:1) Iyoob yeroo isaaf mijaaʼuttis taʼe yeroo isaaf hin mijoofnetti Yihowaa gamachiisuuf kutatee ture. Iyoob gargaarsa Waaqayyootiin wanta Yihowaan karaa hafuura qulqulluu raawwate irratti xiinxaluu dandaʼeera. Kunis, Yihowaan qorumsawwan isa irra gaʼan yeroo isaatti akka hambisu mirkanaaʼaa akka taʼu isa gargaareera. (Iyo. 42:1, 2) Kan taʼes kanuma dha. “Yihowaan rakkina Iyoob ni hambise, badhaadhummaa isaas isaaf deebise. Yihowaan wanta inni qaba ture irra dachaa lama isaaf kenne.” Iyoob “dulloomee bara quufee in duʼe.”—Iyo. 42:10, NW; Iyo. 42:17. w16.04 2:11, 13

Roobii, Amajjii 3

Akka bofaa of eeggataa, akka gugees garraamii taʼaa.—Mat. 10:16.

Balaa jiru dursinee hubachuudhaan of eeggataa taʼuun keenya, balaawwan kun ejjennoo keenya akka laaffisan heyyamuu dhiisuudhaan immoo garraamii taʼuu keenya argisiisna. Dhimmoonni siyaasaa yeroo kaʼan of eeggachuu qabna. Fakkeenyaaf, ergaa Mootummichaa yeroo lallabdan, seerawwan paartiin siyaasaa ykn bulchaan tokko baase deggertaniis taʼe mormitanii dubbachuu hin qabdan. Furmaata siyaasaa kam iyyuu kaasuu mannaa, kaʼumsa rakkoo sanaa irratti xiyyeeffachuudhaan, wanta namni haasofsiistan irratti walii galu kaasuuf yaalaa. Achiis, Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan hunda guutummaatti, akkasumas bara baraaf akka furu Kitaaba Qulqulluu irraa itti argisiisaa. Gaaʼela saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi ulfa baasuu dabalatee dhimmawwan mormii kaasuu dandaʼan yoo kaʼan, qajeelfama Waaqayyo kenne deggeruudhaan jireenya ofii keenyaa keessatti qajeelfama kana akkamitti akka hordofnu ibsaa. Yeroo dhimma akkanaa irratti mariʼattan, ejjennoo siyaasaa kam irraa iyyuu guutummaatti walaba taʼaa. Seerri tokko akka baʼu, akka diigamu ykn akka jijjiiramu yaada hin laannu; namoonni ilaalcha keenya akka deggeranis dhiibbaa isaan irratti hin goonu. w16.04 4:8, 9

Kamisa, Amajjii 4

Kanaaf, dhaqaatii . . . barattoota godhaa.—Mat. 28:19.

Barattoota gochuu, cuuphuu fi barsiisuu qabna; wanti nuti jalqaba irratti gochuu qabnu garuu maali dha? Yesuus, “Dhaqaa”! jedheera. Ajaja kanaa wajjin haala wal qabateen, hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko, “Kan deemamu daandii irras taʼe galaana irra, ‘dhaquu’ kan qabu amantoota hunda dha” jedhaniiru. (Mat. 10:7; Luq. 10:3) Yesuus dubbachaa kan ture, waaʼee carraaqqii duuka buutonni isaa dhuunfaatti godhanii ti moo waaʼee duula misiraachicha lallabuuf qindoominaan hojjetamuu ti? Namni tokko “saba hundumaa” bira dhaquu waan hin dandeenyeef, hojii kana hojjechuuf namoonni hedduun gurmaaʼuu qabu. Yesuus akka qurxummiitti ‘namoota kan qaban’ akka taʼan barattoota isaa afeeruun isaa kana argisiisa. (Mat. 4:18-22) Malli qurxummii qabuu as irratti ibsame kun, nama kophaa isaa manxaqqootti fayyadamee qurxummii qabuu fi hanga qurxummiin sun dhufee wanta achi irra kaaʼame nyaatutti callisee taaʼee eegu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, saaphana qurxummii ittiin qabanitti fayyadamuu kan gaafatu siʼa taʼu, kun immoo hojii cimaa namoonni hedduun waliin taʼanii hojjetani dha.—Luq. 5:1-11. w16.05 2:3, 4

Jimaata, Amajjii 5

Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.—Fak. 3:5, 6.

Ilaalcha Yihowaa akka gaariitti beekuuf, qoʼannaa dhuunfaatiif dursa kennuu qabna. Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbisnu ykn yommuu qoʼannu, ‘Barumsi kun waaʼee Yihowaa, waaʼee daandii isaa isa qajeelaa fi waaʼee ilaalcha isaa maal mulʼisa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Ilaalcha akka Daawit isa akkana jedhee faarfatee qabaachuu qabna: “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi! Dhugaa keetiin na geggeessi, na barsiisis! Ati Waaqayyo isa na fayyisu waan taateef, ani guyyaa hundumaa sin eeggadha.” (Far. 25:4, 5) Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti yeroo xiinxaltu gaaffiiwwan kan akka armaan gadii irratti yaaduu dandeessa: ‘Barumsa kana maatii koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Eessattan hojii irra oolchuu dandaʼa? Manattii? Bakka hojiittii? Mana barumsaattii? Moo tajaajila irratti?’ Wanta dubbisne eessatti hojii irra oolchuu akka qabnu yoo murteessine, akkamitti akka hojii irra oolchinu hubachuun nutti salphata. w16.05 3:9, 11

Sanbadduraa, Amajjii 6

Ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba [taʼuu qaba].—1 Xim. 3:2.

Yihowaan, warra ilaaltuu olaanaa taʼaniif ulaagaalee baasuudhaan, namoota muudaman irraa waan guddaa akka eegu argisiiseera. (1 Xim. 3:2-7) Fakkeenya gaarii akka taʼan isaan irraa eega; akkasumas gumii inni “dhiiga Ilma isaatiin bite” akkaataa itti qabaniif isaan gaafata. (HoE. 20:28) Yihowaan eegumsa tiksitoota isa jala jiranii jalatti tasgabbiidhaan akka jiraannu barbaada. (Isa. 32:1, 2) Kanaafuu, ulaagaan Kitaaba Qulqulluu jaarsolii Kiristiyaanaa irraa barbaadamu, Yihowaan hammam akka nuuf yaadu nu yaadachiisa. Ulaagaalee kana keessaa hedduun isaanii wanta Yihowaan Kiristiyaanota hunda irraa barbaadu waan taʼaniif, hundi isaanii iyyuu ulaagaalee kana irraa barumsa argachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, hundi keenya tole kan jennuu fi sirriitti kan yaadnu taʼuu qabna. (Filp. 4:5; 1 Phe. 4:7) Jaarsoliin ‘tuutichaaf fakkeenya taʼuuf’ yeroo yaalan, nuti immoo isaan irraa barachuu fi ‘amantii isaanii hordofuu’ dandeenya.—1 Phe. 5:3; Ibr. 13:7. w16.05 5:8-10

Dilbata, Amajjii 7

Yaada [“garaa,” NW] kee baʼeessa godhii eeggadhu!—Fak. 4:23.

Amalawwan garaan keenya didaa akka taʼu godhan kamfaa irraa of eeguu qabna? Amalawwan kun koora, cubbuu hojjechuu amaleeffachuu fi amantii dhabuu kan dabalatani dha. Amalawwan akkanaa immoo akka hin ajajamnee fi akka fincillu nu gochuu dandaʼu. (Dan. 5:1, 20; Ibr. 3:13, 18, 19) Mootii Yihudaa kan taʼe Uziyaan koora akka qabu argisiiseera. (2 Sen. 26:3-5, 16-21) Jalqaba irratti Uziyaan, ‘wanta Waaqayyo duratti qajeelaa taʼe hundumaa hojjechaa’ fi “yaadaan Waaqayyoon duukaa buʼaa ture.” Haa taʼu malee, jabina kan argate Waaqayyo biraa taʼus, “nama jabaa erga taʼee booddee, of gurguddise.” Kana malees, mirga luboota sanyii Aaron taʼaniif qofa kenname fudhachuuf, jechuunis mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsuuf yaalii godhe. Achiis yommuu luboonni isa morman Uziyaan inni koortuu taʼe ni aare! Kun maal geessise? Harka Waaqayyoo irratti salphinaan ‘badiisni’ kan irra gaʼe siʼa taʼu, dhukkuba nadaayiitiin qabamee duʼe. (Fak. 16:18) Koora irraa yoo of eeguu baanne, nutis ‘hamma yaaduu qabnu caalaa darbinee waaʼee ofii keenyaa yaaduu’ jalqabuudhaan, tarii gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee nuu kennamu hanga mormuutti gaʼuu dandeenya.—Rom. 12:3; Fak. 29:1. w16.06 2:3, 4

Wiixata, Amajjii 8

Jaalalaan waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa.—Efe. 4:2.

Kiristiyaanota aadaa isa kan keetii irraa baayʼee adda taʼe qabaniif ilaalcha akkamii qabda? Qooqni, akkaataan uffannaa, amallii fi nyaanni isaanii isa ati barte irraa adda taʼuu dandaʼa. Isaan irraa baqattee, caalaatti warra sii wajjin akkaataa guddinaa wal fakkaatu qaban qofatti michoomtaa? Tarii immoo warri gumii ykn aanaa ykn waajjira damee kee keessatti ilaaltota ol aanaa taʼanii muudaman, umuriidhaan sii gad yoo taʼan ykn aadaa ykn sanyii isa kan keetii irraa adda taʼe yoo qabaatan hoo maaltu sitti dhagaʼama? Wantoonni akkanaa tokkummaa fi kaayyoo tokkicha saba Yihowaa gidduu jiru akka balleessan ni heyyamtaa? Balaa akkanaa irraa fagaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Phaawulos Kiristiyaanota magaalaa Efesoon ishii badhaatuu taatee fi namoonni garaa garaa keessa jiraataniif gorsa tokko tokko kenneera. (Efe. 4:1-3) Phaawulos jalqaba amalawwan kan akka gad of qabuu, garraamummaa, obsaa fi jaalalaa caqaseera. Amalawwan kun utubaawwan mana tokko ol qajeelchanii dhaabanii wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. w16.06 3:17, 18

Kibxata, Amajjii 9

Of eeggadhaa . . . sassata hundumaa irraa of eegaa.—Luq. 12:15.

Seexanni Yihowaadhaaf utuu hin taʼin, qabeenyaaf akka bitamnu barbaada. (Mat. 6:24) Wantoota hedduu argachuu irratti qofa kan xiyyeeffannu yoo taʼe, jireenyi keenya hiika hin qabaatu. Abdii kutachuu fi rakkina qarshii keessa galuu dandeenya. Caalaatti immoo, amantii Yihowaa fi Mootummaa isaa irratti qabnu nu dhabsiisuu dandaʼa. (1 Xim. 6:9, 10; Mul. 3:17) Haalli kun, fakkeenya Yesuus waaʼee nama sanyii facaasuu dubbatee wajjin wal fakkaata. Ergaan Mootummichaa yeroo “qoree gidduutti facaafametti . . . hawwiin wantoota kaanii garaa isaanii seenee dubbicha ni hudha; innis firii kan hin godhanne taʼa.” (Mar. 4:14, 18, 19) Gara dhuma sirna kanaatti dhihaachaa waan jirruuf, yeroon kun yeroo qabeenya dabalataa itti kuufannu miti. Qabeenyi keenya hammam iyyuu bakka guddaa kan kenninuuf yoo taʼe ykn gatiin isaa guddaa yoo taʼe, rakkina guddaa irraa ni oolu jennee eeguu hin qabnu.—Fak. 11:4; Mat. 24:21, 22. w16.07 1:5, 6

Roobii, Amajjii 10

Hundi keenya . . . gaarummaa guddaa irratti dabalataan gaarummaa guddaa arganneerra.—Yoh. 1:16.

Abbaan maasii wayinii tokko ganama bariidhaan kaʼee hojjettoota maasii isaa irratti hojjetan barbaaduuf bakka gabaa deeme. Namoonni inni argates mindaa isaaniif kaffalamu irratti walii galanii hojii isaanii jalqaban. Haa taʼu malee, abbaan maasii kun hojjettoota dabalataa waan barbaadeef, namoota dabalataa qacaruu fi warra waaree booda dhufaniif illee gatii sirrii kaffaluudhaaf guyyaa guutuu iddoo gabaatti deddeebiʼe. Yommuu galgalaaʼus, mindaa isaaniif kaffaluuf hojjettoota hunda walitti qabe; achiis, warra saʼaatii hedduudhaafis taʼe saʼaatii tokkoof qofa hojjetaniif kaffaltii wal qixxee kenne. Namoonni jalqaba irratti qacaramanis yommuu kana hubatan gungumuu jalqaban. Abbaan maasii wayinii sunis akkana jedhee deebiseef: ‘Mindaa ani kaffale irratti walii hin gallee? Hojjettoota koo hundaaf wantan barbaade kennuuf mirga hin qabuu? Arjaa waanan taʼeef hinaaftanii?’ (Mat. 20:1-15, milj.) Fakkeenyi Yesuus dubbate kun amala Yihowaa yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jechuunis ‘gaarummaa isaa isa guddaa’ nu yaadachiisa.—2 Qor. 6:1. w16.07 3:1, 2

Kamisa, Amajjii 11

Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha . . . Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi.—Mul. 21:5.

Yeroo dhumni dhihaachaa jiru kanatti, yeroo kam iyyuu caalaa misiraachoo Mootummichaa lallabuu qabna! (Mar. 13:10) Misiraachichi gaarummaa Yihowaa isa guddaa akka argisiisu hin shakkisiisu. Hojii lallabaa irratti yeroo hirmaannu kana yaadachuu qabna. Yeroo lallabnutti galmi keenya Yihowaa kabajuu dha. Eebbawwan Yihowaan addunyaa haaraa keessatti fiduuf waadaa seene, karaa gaarummaan isaa inni dinqisiisaan itti mulʼatu taʼuu isaa namootatti himuudhaan kana gochuu dandeenya. Yeroo warra kaaniif lallabnutti, Bulchiinsa Kiristoos jalatti ilmaan namootaa guutummaatti furicha irraa faayidaa akka argatanii fi suuta suuta cubbuu irraa walaba akka taʼan ibsuufii dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa argata.’ (Rom. 8:21) Kun taʼuu kan dandaʼu gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan qofa dha. w16.07 4:17-19

Jimaata, Amajjii 12

Abbaan manaa wanta haati manaa isaa argachuu qabdu ishiidhaaf haa kennu; haati manaas abbaa manaa ishiitiif akkuma kana haa gootu.—1 Qor. 7:3.

Kitaabni Qulqulluun gosaa fi daangaa hiriyoonni gaaʼelaa jaalala itti walitti argisiisan ilaalchisee kallattiidhaan seera kennuu baatus, jaalalli argisiifamuu akka dandaʼu dubbata. (Wed. 1:2; 2:6) Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan gaarummaa walitti argisiisuu qabu. Waaqayyoo fi namootaaf jaalala cimaa qabaachuun, eenyu illee ykn wanti akkamii iyyuu walitti dhufeenya gaaʼelaa irratti dhiibbaa akka hin geessisne godha. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokko poornoogiraafii ilaaluu amaleeffachuu isaatiin kan kaʼe, gaaʼelawwan tokko tokko rakkina keessa galaniiru. Namni tokko poornoogiraafii ilaaluu irraas taʼe, nama hiriyaa gaaʼelaa isaa hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabaachuu irraa fagaachuu qaba. Nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taane kolomsuun, jaalala waan hin taaneef irraa fagaachuu qabna. Waaqayyo yaadaa fi gocha keenya akka beeku yaadachuun keenya, fedhii isa gammachiisuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf qabnu nuuf cimsa.—Mat. 5:27, 28; Ibr. 4:13. w16.08 2:7-9

Sanbadduraa, Amajjii 13

Beekumsa sirrii waaʼee fedhii [Waaqayyoo ibsuun] . . . akka guutamtan, matumaa isiniif kadhachuu . . . hin dhiisne.—Qol. 1:9.

Kiristiyaanonni Qolosaayisitti argaman, beekumsa sirrii akkanaatiin ‘guutummaatti isa gammachiisuu fi akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼuu’ dandaʼu turan. Kun immoo, keessumaa misiraachicha lallabuu wajjin haala wal qabateen, “hojii gaarii hundumaan firii godhachuu” akka itti fufan isaan dandeessisa. (Qol. 1:10) Namni Yihowaa waaqeffatu tokko, karaa buʼa qabeessa taʼeen tajaajiluuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu amaleeffachuu qaba. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya dhugaa kana akka hubatan gargaaruu qabna. Kana malees, nuti Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti qoʼachuu barsiifata godhachuu qabna. Kanaafuu, akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Namni haasofsiisnu yaada Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne yoo dubbate ykn gaaffii ulfaataa yoo gaafate deebii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe deebisuu nan dandaʼaa? Dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan hammam faayidaa akka arganne warra kaanitti yoo himne, isaanis barattoota gad fageenyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼatan taʼuudhaan faayidaa akkanaa akka argatan jajjabeessuu dandeenya. w16.08 4:3, 4

Dilbata, Amajjii 14

Qabsoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo iddoo samii keessa jiranii wajjini dha.—Efe. 6:12.

Wantoota “daʼoo jajjabaa” addunyaa taʼaniin akka hin mancaaneef of eeggachuun baayʼee barbaachisaa dha. Kunis barumsa amantii, falaasamaa fi gochawwan nama miidhan, kan akka halalummaa raawwachuu, tamboo xuuxuu, dhugaatii gara malee dhuguu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu kan dabalatu dha. Akkasumas dadhabina foonii keenyaa fi miira abdii kutachuu wajjin walʼaansoo wal irraa hin cinne gochuu qabna. (2 Qor. 10:3-6; Qol. 3:5-9) Mormitoota humna guddaa qaban akkasii moʼuun dhuguma ni dandaʼamaa? Eeyyee ni dandaʼama; garuu qabsoo gochuu gaafata. Phaawulos dorgomaa buunyaa bara duriitti ture akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, “Ani akkasumaan qilleensa rukutuuf hin abootu” jechuudhaan waaʼee ofii isaa dubbateera. (1 Qor. 9:26) Akkuma dorgomaan buunyaa mormituu isaa of irraa ittisu, nutis diinota keenya of irraa faccisuu qabna. Yihowaan lola keenya irratti nu leenjisa, akkasumas nu gargaara. Dubbii isaatti fayyadamee qajeelfamawwan lubbuu keenya nuuf oolchan nuu kenna. Kana malees barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaatti fayyadamee nu gargaara. Wanta barattu hojii irra oolchaa jirtaa? w16.09 2:2, 3

Wiixata, Amajjii 15

Kiristoos illee of hin gammachiisne.—Rom. 15:3.

Yesuus faayidaa mataa isaatiif utuu hin taʼin namoota gargaaruuf dursa kenneera; kun immoo fedha Waaqayyoo raawwachuuf isa gargaareera. Kanaaf, gosa uffataa ykn akkaataa uffannaa tokko kan jaallannu taʼus, namoonni ergaa lallabnu akka hin fudhanne kan godhu taanaan ni dhiisna. (Rom. 15:2) Warri Kiristiyaanota taʼan maatiin isaanii qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra akka oolchu barsiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Kun immoo, isaanis taʼan ijoolleen isaanii uffannaanii fi akkaataan itti of miidhagsan seera qabeessa akka taʼu gochuudhaan garaa Waaqayyoo ciibsuuf carraaquu kan dabalatu dha. (Fak. 22:6; 27:11) Warri, ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu fi qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe kennuudhaan, ijoolleen isaanii Waaqa qulqulluu isa waaqeffataniif kabaja akka qabaatan barsiisuu dandaʼu. Ijoolleen isaanii eessaa, akkasumas akkamitti uffata sirrii argachuu akka dandaʼan barsiisuun isaaniis baayʼee gaarii dha! Wanta jaallatan qofa utuu hin taʼin, wanta mirga Yihowaa bakka buʼuuf qaban raawwachuuf isaan dandeessisu akka filatan barsiisuu qabu. w16.09 3:13, 14

Kibxata, Amajjii 16

Barataan, barsiisaa isaa hin caalu; namni akka gaariitti barate hundi garuu akkuma barsiisaa isaa ni taʼa.—Luq. 6:40.

Yesuus, Yihowaa, Dubbii Waaqayyoo fi namoota waan jaallatuuf yeroo barsiisu garaa namootaa tuqeera. (Luq. 24:32; Yoh. 7:46) Jaalalli akkasii warris garaa ijoollee isaanii akka tuqan isaan gargaara. (Kes. 6:5-8; Luq. 6:45) Kanaaf, warri Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota qoʼannaadhaaf gargaaran akka gaariitti qoʼachuu qabu. Uumamaa fi mata dureewwan dhimma kana ilaalchisee barreeffamoota keenya irratti baʼaniif xiyyeeffannaa kennaa. (Mat. 6:26, 28) Kun beekumsi keessan akka guddatu, dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabdan akka dabaluu fi ijoollee keessan barsiisuuf caalaatti gaʼumsa akka qabaattan isin gargaara. Garaan keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin yommuu guutamu, waaʼee isaa maatii keessanii wajjin mariʼachuu barbaaddu. Walgaʼiidhaaf yommuu qophooftan ykn yommuu waaqeffannaa maatii gootan qofa utuu hin taʼin yeroo hunda akkas godhaa. Mareen akkasii dirqamaan ykn sagantaadhaan taʼuu hin qabu; kanaa mannaa fedhiidhaan, akkasumas sochii guyyaa guyyaa keessatti yeruma waliin haasoftanitti taʼuu qaba. w16.09 5:6, 7

Roobii, Amajjii 17

Afaan warra Yihudootaa dubbachuu hin beekan.—Nah. 13:24.

Dubbiin Waaqayyoo qooqa biraatiin nuu galuu dhiisuun isaa, karaa hafuuraa nu miidhuu dandaʼa. Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti Nahimiyaan ijoollee Yihudoota boojuu Baabilon irraa deebiʼanii keessaa tokko tokko Afaan Ibrootaa dubbachuu akka hin dandeenye yeroo beeku baayʼee yaaddaʼee ture. Ijoolleen kun, hiika Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuu waan hin dandeenyeef, akka tajaajiltoota Waaqayyootti deddeebiʼuun isaanitti ulfaatee ture. (Nah. 8:2, 8) Warri Kiristiyaana taʼanii fi naannoo afaan kan biraan dubbatamutti tajaajilan tokko tokko, fedhiin ijoolleen isaanii dhugaadhaaf qaban akka bade hubataniiru. Maaliif? Yeroo afaan kan biraatiin waa dubbisnu, akka yeroo afaan keenyaan dubbisnuutti garaan keenya hin tuqamu taʼa. Kana malees, afaan kan biraatiin sirriitti walii galuu dadhabuun keenya, sammuu keenya irrattis taʼe fayyaa hafuuraa keenya irratti miidhaa geessisuu dandaʼa. Kanaafuu, fedhii qooqa kan biraatiin lallabuuf qabnu yeroo guuttannutti, karaa hafuuraa akka hin miidhamne of eeggachuun keenya barbaachisaa dha.—Mat. 4:4. w16.10 2:4-6

Kamisa, Amajjii 18

Amantiin . . . ragaa amansiisaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii kan argisiisu dha.—Ibr. 11:1, milj.

Amantiin Kiristiyaanonni qaban amala gatii guddaa qabu dha. Akkasumas wanta namni hundi qabu miti. (2 Tas. 3:2) Haa taʼu malee, Yihowaan waaqeffattoota isaa hundaaf “amantii” kenneera. (Rom. 12:3; Gal. 5:22) Namoonni amantii kana qaban hundi garaadhaa galateeffachuu qabu. Yesuus Kiristoos, Abbaan isaa inni samii karaa Ilma Isaa namoota gara ofii isaatti akka harkisu dubbateera. (Yoh. 6:44, 65) Namni tokko Yesuus irratti amantii qabaachuun isaa immoo cubbuu isaatiif dhiifama akka argatu godha. Kunis Yihowaa wajjin bara baraaf walitti dhufeenya qabaachuuf abdii akka qabaannu nu godheera. (Rom. 6:23) Eebba kana argachuuf wanti nuti goone hin jiru. Cubbamoota waan taaneef, kan nuuf malu duʼa qofa ture. (Far. 103:10) Yihowaan garuu wanta gaarii hojjechuuf dandeettii akka qabnu keessa keenyatti argeera. Gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee misiraachicha akka fudhannu godheera. Kanaafuu, jireenya bara baraa argachuuf, Yesuus Kiristoos irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu jalqabne.—1 Yoh. 4:9, 10. w16.10 4:1, 2

Jimaata, Amajjii 19

[Phaawulos] obboloota achi jiraniif haasaa nama jajjabeessu hedduu [kenne].—HoE. 20:2.

Phaawulos xalayaawwan isaa irratti, gaarummaa Kiristiyaanota hidhata isaa taʼanii dubbateera. Tokko tokkoo wajjin waggoota dheeraadhaaf waliin deemaa waan turaniif, dadhabina isaanii akka beeku hin shakkisiisu; taʼus waaʼee isaanii wanta gaarii dubbateera. Fakkeenyaaf Phaawulos, Ximotewos ‘Gooftaa tajaajiluudhaan ilma isaa jaallatamaa fi amanamaa’ Kiristiyaanota kaaniif garaadhaa yaadu akka taʼe dubbateera. (1 Qor. 4:17; Filp. 2:19, 20) Phaawulos ergamaan gumii Qorontosiif “inni michuu koo fi nama faayidaa keessaniif anaa wajjin hojjetu dha” jechuudhaan Tiitoo galateeffateera. (2 Qor. 8:23) Ximotewosii fi Tiitoon ilaalcha Phaawulos isaaniif qabu yommuu hubatan jajjabaatanii taʼuu qaba! Phaawulosii fi Barnaabaas iddoo itti rakkinni cimaan isaan irra gaʼee turetti deebiʼuudhaan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Fakkeenyaaf, Lisxiraatti mormii cimaan isaan irra gaʼu iyyuu, barattoonni haaraan amanamummaa isaanii eeganii akka jiraatan jajjabeessuuf achitti deebiʼaniiru. (HoE. 14:19-22) Efesoonitti immoo jeequmsi sun erga qabbanaaʼee booda, Phaawulos barattoota achi turan jajjabeesseera.—HoE. 20:1. w16.11 1:10, 11

Sanbadduraa, Amajjii 20

Yaadaa fi kaayyoodhaan guutummaatti tokkummaa [qabaadhaa].—1 Qor. 1:10.

Yihowaan, qajeelfama Kiristoos isa “gumichaaf mataa taʼe” jalatti ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee namoota kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa keessa jiran geggeessaa fi sooraa jira. (Mat. 24:45-47; Efe. 5:23) Garbichi kun akkuma qaama ol aanaa jaarraa jalqabaatti turee, Dubbii ykn ergaa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame ni fudhata, akkasumas iddoo guddaa kennaaf. (1 Tas. 2:13) Kitaabni Qulqulluun yeroo hunda walgaʼii irratti akka argamnu nu ajaja. (Ibr. 10:24, 25) Barumsa amantii tokko taʼe akka amannu gorsa cimaa nuuf kenna. Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa akka kenninu nutti hima. (Mat. 6:33) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun manaa gara manaatti, bakka namoonni hedduun argamanittii fi karaa al idilee taʼeen tajaajiluun, dirqamaa fi mirga keenya akka taʼe ibsa. (Mat. 28:19, 20; HoE. 5:42; 17:17; 20:20) Dubbiin Waaqayyoo, jaarsoliin gumii jaarmiyaan Waaqayyoo qulqulluu akka taʼu eeguu akka qaban isaan ajaja. (1 Qor. 5:1-5, 13; 1 Xim. 5:19-21) Akkasumas, Yihowaan namoonni jaarmiyaa isaa keessa jiran hundi karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qaban ajajeera.—2 Qor. 7:1. w16.11 3:7, 8

Dilbata, Amajjii 21

Yaa saba ko, . . . ishii keessaa baʼaa.—Mul. 18:4.

Waggoottan kurnan Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa dura turanitti, Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa, dhaabbileen Amantii Kiristiyaanaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisaa akka hin jirre hubataniiru. Kanaaf amantii sobaa irraa fagaachuuf murteessanii turan. Masaraan Eegumsaa Xiyoon maxxansa Sadaasa 1879 irratti, Baabilon Guddittii ilaalchisee ejjennoo isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe ifatti yommuu dubbatu akkana jedhee ture: “Waldaan durba qulqulluu Kiristoosiif kaadhimamte akka taate dubbattu, garuu immoo addunyaa (bineensichaa) wajjin tokkummaa qabduu fi deggersa addunyaa argattu kam iyyuu, akka Kitaaba Qulqulluutti waldaa gaalamoota taate waan taateef ishii balaaleffachuu qabna.” (Mul. 17:1, 2) Dhiironnii fi dubartoonni Waaqayyoon sodaatan maal gochuu akka qaban hubatanii turan. Dhaabbilee amantii sobaa deggeruu isaanii kan itti fufan yoo taʼe, eebba Waaqayyoo arganna jedhanii eeguu hin dandaʼan. Kanaan kan kaʼes, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun waldaa keessa jiran gadhiisuuf xalayaa barreessaniiru. w16.11 5:2, 3

Wiixata, Amajjii 22

Warri akka hafuuraatti jiraatan . . . yaadni isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata.—Rom. 8:5.

Tibba Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuusitti, Roomaa 8:15-17 dubbistanii beektuu? Dubbistanii taʼuu dandaʼa. Caqasni ijoon kun Kiristiyaanonni, dibamoo taʼuu isaanii akkamitti akka beekan, jechuunis hafuurri qulqulluun hafuura isaanii wajjin taʼee akka dhugaa isaaniif baʼu ibsa. Adda durummaadhaan boqonnaa kana irratti kan caqasaman Kiristiyaanota dibamoo dha. Isaan ‘foon isaanii irraa hiikamanii yeroo Waaqayyo akka ijoollee isaatti itti isaan guddisu hawwii guddaadhaan eeggachaa’ waan jiraniif, “hafuuricha” argataniiru. (Rom. 8:23) Eeyyee, gara fuulduraatti samii irratti ilmaan Waaqayyoo taʼu. Kun taʼuu kan dandaʼe, Kiristiyaanota cuuphaman waan taʼaniif, Waaqayyo isaaniif jedhee furicha waan qopheesseef, dhiifama waan isaaniif godheef, akkasumas ijoollee hafuuraa taʼuudhaan qajeelota jedhamanii waan waamamaniifi. (Rom. 3:23-26; 4:25; 8:30) Haa taʼu malee, Waaqayyo warra lafa irra jiraachuuf abdatanis akka qajeelotaatti waan ilaaluuf, Roomaan boqonnaan 8 isaaniifis ni hojjeta. Kanaaf isaanis gorsa qajeelotaaf kenname kana irraa faayidaa argachuu ni dandaʼu. w16.12 2:1-3

Kibxata, Amajjii 23

Matumaa . . . hin yaaddaʼinaa.—Mat. 6:34.

Yesuus, “Matumaa . . . hin yaaddaʼinaa” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Tajaajilaan Waaqayyoo tokko yeroo taʼe tokkotti hin yaaddaʼu jechuu isaa akka hin taane ifa dha. Kanaa mannaa Yesuus, utuu hin barbaachisin ykn garmalee yaaddaʼuun rakkinaaf furmaata akka hin taane akka hubatan barattoota isaa gargaaraa ture. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa qaba, kanaaf Kiristiyaanonni wanta darbe ykn wanta gara fuulduraatti taʼu yaaddaʼuudhaan dhiphina harʼaatti dabaluu hin qaban. Yeroo baayʼee, Kiristiyaanni tokko rakkoowwan gara fuulduraatti taʼuu dandaʼan ilaalchisee kan dhiphatu yoo taʼe, yaaddoo hin barbaachisneef saaxilama. Haa taʼu malee, wantoota matumaa waaʼee isaanii hin beekneen dhiphachuu ykn yaaddaʼuu hin qabdan. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, wantoonni yeroo baayʼee gadhee taʼuu dandaʼu jennee yaannu, akka nuti sodaanne taʼuu dhiisuu dandaʼu. Hunda caalaa immoo, haalli toʼannaa Waaqa isa yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gatuu dandeessan sanaa ala taʼe hin jiru. Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka eebbisuu fi waaʼee durii, ammaa fi gara fuulduraa yaaddaʼuu irraa akka fagaatan akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. w16.12 3:13, 16

Roobii, Amajjii 24

Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa.—Fak. 11:2.

Saaʼol, mootiin Israaʼel durii, yommuu mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama gad of deebisuu fi kabajamaa ture. (1 Sam. 9:1, 2, 21; 10:20-24) Erga mootii taʼee booda garuu nama of gurguddisu taʼe. Saamuʼel raajichi guyyaa beellama isaatti gara Giilgal utuu hin dhufin waan tureef Saaʼol obsuu dadhabe. Filisxeemonni waraanaaf qophaaʼanii kan turan siʼa taʼu, Israaʼeloonni immoo Saaʼoliin dhiisanii baqachuu jalqaban. Yeroo kanatti, ‘Dafee waan tokko gochuun qaba’ jedhee yaadee taʼuu qaba. Kanaaf, wanta gochuun isaaf hin heyyamamne raawwate, jechuunis aarsaa Waaqayyoof dhiheesse. Yihowaan garuu kanatti hin gammanne ture. (1 Sam. 13:5-9) Saamuʼel yommuu gara Giilgal dhufu Saaʼolitti dheekkame. Saaʼol sirreeffama isaaf kenname fudhachuu mannaa, sababii dhiheessuu fi nama kan biraatti qabachuuf kan yaale taʼuu isaa irra iyyuu, balleessaan isaa salphaa akka taʼe dubbate. (1 Sam. 13:10-14) Yeroo sanaa kaasee, Saaʼol wantoota akka of gurguddisu argisiisu hedduu waan raawwateef, Yihowaan mootii akka hin taane isa tuffate. (1 Sam. 15:22, 23) Saaʼol jalqaba irratti nama gaarii kan ture taʼus, dhuma irratti garuu jijjiirameera.—1 Sam. 31:1-6. w17.01 3:1, 2

Kamisa, Amajjii 25

Ani nama akka garaa koo taʼe [Daawitiin argadheera].—HoE. 13:22.

Daawit jireenya isaa guutuu amanamaa ture jechuun ni dandaʼama. Taʼus, yeroo tokko cubbuu cimaa hojjetee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwatee ture. (2 Sam. 11:1-21) Daawit wanta raawwate duubatti deebisuu hin dandaʼu ture. Akkasumas miidhaa dogoggorri isaa itti fide jalaa ooluu hin dandaʼu. Miidhaan isa irra gaʼu tokko tokko jireenya isaa guutuu isaa wajjin kan jiraatu dha. (2 Sam. 12:10-12, 14) Kanaaf, amantii qabaachuu isa barbaachisa ture. Garaadhaa yaada yoo geddarate, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhuu fi miidhaa gochi isaa isatti fide dandaʼee akka jiraatu akka isa gargaaru amanannaa qabaachuu qaba ture. Mudaa kan qabnu waan taaneef, hundi keenya cubbuu ni raawwanna. Dogoggorri tokko tokko isa kaan irra baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, dogoggora raawwanne duubatti deebisuu hin dandeenyu taʼa. Kanaaf, miidhaa gochi keenya nutti fiduu wajjin jiraachuu qabna. (Gal. 6:7) Yoo yaada geddaranne garuu, Yihowaan yeroo rakkisaa taʼetti, tarii haalli rakkisaa sun kan dhufe dogoggora keenyaan taʼu illee, akka nu gargaaru waadaa Waaqayyo galetti amanamuu qabna.—Isa. 1:18, 19; HoE. 3:19. w17.01 1:10-12

Jimaata, Amajjii 26

Wanta Waaqayyo aduu jalatti hojjete hundumaa namni tokko illee hubachuu [hin danda’u]; namni hamma fedhe illee itti yaadee yoo qore, hiikaa wanta lafa irratti taʼaa jiruu argachuu hin dandaʼu; namni ogeessi kana kan beeku yoo of seʼe iyyuu, qoree bira gaʼuu hin dandaʼu.—Lal. 8:17.

Gad of deebisuun yommuu wanta tokko guutummaatti hin beeknetti ykn haalawwan toʼachuu hin dandeenyetti illee murtoo gaarii gochuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, tajaajila yeroo guutuu tokko keessatti utuu hirmaachaa jirruu yoo dhukkubsanne maal taana? Warra keenya dullooman gargaarsi yoo isaan barbaachise hoo? Yommuu dulloomnu of gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaa ykn qorannaa hangamii yoo goone illee, gaaffiiwwan akkasiitiif deebii quubsaa argachuu hin dandeenyu. Amanannaan Yihowaa irratti qabnu, humna keenya akka beeknu qofa utuu hin taʼin, amannee akka fudhannu nu gargaara. Qorannaa erga goonee, warra kaan erga mariisisnee fi qajeelfama argachuuf erga kadhannee booda, karaa hafuurri Waaqayyo nu geggeessu irra deemuu qabna. (Lal. 11:4-6) Haala kanaan murtoo yoo goone, Yihowaan murtoo keenya ni eebbisa ykn galma kan biraa akka baafannu nu gargaaruu dandaʼa.—Fak. 16:3, 9. w17.01 4:14

Sanbadduraa, Amajjii 27

Mukicha [irraa] hin nyaatin!—Uma. 2:17.

Addaamii fi Hewwaan wanta gochuu qaban murteessuu qabu turan. Yihowaadhaaf ajajamu moo wanta bofichi jedhe dhagaʼu laata? Isaan garuu Waaqayyoof ajajamuu dhiisuuf murteessan. (Uma. 3:6-13) Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin kan kaʼe mudaa kan qaban taʼan. Kana malees, fincilli isaanii kun, Yihowaa isa ‘baayʼee qulqulluu’ taʼe irraa isaan fageesseera. Yihowaan ‘jalʼina callisee ilaaluu hin dandaʼu.’ (An. 1:13) Utuu inni callisee ilaaleera taʼee, nagaa fi tokkummaan uumamawwan samii irras taʼe lafa irra jiranii balaa irra buʼa ture. Kana malees, Waaqayyo cubbuu Eeden keessatti raawwatame ilaalchisee tarkaanfii fudhachuu utuu dhiisee, qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffiin ni kaʼa ture. Yihowaan garuu, matumaa ulaagaa baase hin diigu. (Far. 119:142) Kanaaf, Addaamii fi Hewwaan mirga filannoo qabaachuun isaanii seera Waaqayyoo cabsuuf sababii hin taʼu ture. Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, duʼanii gara biyyoo irraa uumamanitti deebiʼan.—Uma. 3:19. w17.02 1:8, 10, 11

Dilbata, Amajjii 28

Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaadhaan jiraachuu hin dandaʼu.—Mat. 4:4.

Yesuus yeroo tajaajila isaa itti jalqabee kaasee Kitaabni Qulqulluun akka isa qajeelchu heyyameera. Jechoonni duʼuu isaa dura dubbate iyyuu caqasawwan waaʼee Masiihichaa ibsan kan dabalatan turan. (Mat. 27:46; Luq. 23:46) Faallaa kanaatiin immoo, geggeessitoonni amantii yeroo sana turan, barsiifta isaanii wajjin yommuu wal faalleessu hundatti Dubbii Waaqayyoo ni mormu turan. Yesuus wanta Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa dubbate caqasuudhaan waaʼee isaanii akkana jedheera: “Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha. Ajaja namootaa akka dubbii kootti waan barsiisaniif akkanumaan na waaqeffatu.” (Mat. 15:7-9) Yesuus, Dubbiin Waaqayyoo gocha isaa qofa utuu hin taʼin, yeroo barsiisuuttis akka isa geggeessu heyyameera. Yesuus yeroo geggeessitoonni amantii isa falmanitti, ogummaa isaa isa guddaatti ykn muuxannoo isaa isa homtinuu ittiin hin qixxaannetti hin fayyadamne. Kanaa mannaa, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee namoota barsiisa ture.—Mat. 22:33-40. w17.02 3:18, 19

Wiixata, Amajjii 29

Namoota akaakuu hundumaa kabajaa, . . . mootii kabajaa.—1 Phe. 2:17.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, akka biyya isaaniitti waan isaan irraa eegamu gochuudhaan, bulchitoota uummata tajaajilaniif fedhiidhaan ulfina kennuun isaanii sirrii dha. Dirqama isaan irra jiru yommuu raawwatan isaan ni deggerra. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ulfinnii fi deggersi isaaniif kenninu daangaa isaa irra darbuu akka hin qabne ibsa. Wanta ajaja Waaqayyoo akka cabsinu ykn siyaasa keessa akka seennu nu taasisu hin raawwannu. (1 Phe. 2:13-16) Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii walitti dhufeenya bulchitootaa fi abbootii taayitaa wajjin qaban ilaalchisee fakkeenya nuuf taʼu. Mootummaan Roomaa namoonni akka galmaaʼan yeroo seera baasetti, Yoseefii fi Maariyaam ajajamaniiru. Maariyaam ilma ishii isa jalqabaa daʼuu jala geessee kan turte taʼus, gara Beetaliheem dhaqaniiru. (Luq. 2:1-5) Yeroo booda immoo, Phaawulos yeroo himatametti, karaa kabaja qabuun of irraa ittiseera; akkasumas Heroodis Agriiphaa fi Feesxos isa bulchaa godina Yihudaa ishii Roomaa jala turtee akka kabaju argisiiseera.—HoE. 25:1-12; 26:1-3. w17.03 1:9, 10

Kibxata, Amajjii 30

Wantoonni kun [nu] akeekkachiisuuf barreeffaman.—1 Qor. 10:11.

Yihowaan, Israaʼelonni karaa Kanaʼaanotaa cubbuudhaan guutamee yeroo hordofan, yeroo sana kaasee eegumsa isaaniif gochuu isaa dhiise. (Abo. 2:1-3, 11-15; Far. 106:40-43) Waggoota rakkisaa taʼan kanatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuun maatiiwwan sodaa Waaqayyoo qabaniif ulfaataa akka taʼu beekamaa dha! Taʼus, namoonni amanamoo taʼanii fi Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf kutatan kan akka Yiftaa, Elqaanaa, Haannaa fi Saamuʼel akka turan Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. (1 Sam. 1:20-28; 2:26) Yeroo harʼaatti addunyaa namoonni akkuma warra Kanaʼaanitti yaadanii fi akkuma isaanii qunnamtii saalaa fi lolaaf, akkasumas qabeenyaaf iddoo guddaa kennan guutan keessa jiraachaa jirra. Yihowaan akkuma Israaʼeloota duriitiif godhe, dhiibbaawwan akkanaa irraa nu eeguuf akeekkachiisa ifa taʼe nuuf kennaa jira. Dogoggora Israaʼelootaa irraa ni barannaa? (1 Qor. 10:6-10) Ilaalcha akka Kanaʼaanotaa kam iyyuu jireenya keenya keessaa baasnee gatuuf carraaqqii gochuu qabna. (Rom. 12:2) Kana gochuudhaan amanamoo taʼuu keenya argisiisaa jirraa? w16.04 1:4-6

Roobii, Amajjii 31

Namni dubbii gargar baasuu [beeku] mala in argata.—Fak. 1:5.

Murtoo guddaa gochuun yommuu nu barbaachisu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi kadhannaadhaan Yihowaa qajeelfama gaafachuun keenya barbaachisaa dha. Yihowaan amalawwan murtoo fedhii isaa wajjin wal simu gochuu irratti nu gargaaruu dandaʼan nuuf kenna. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Murtoon kun jaalala ani Yihowaadhaaf qabu kan argisiisu dhaa? Maatii kootiif gammachuu fi nagaa kan argamsiisu dhaa? Obsa kanan qabuu fi garraamii taʼuu koo kan argisiisu dhaa?’ Yihowaan akka isa jaallannuu fi akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. Mirga filannoo waan nuu kenneef, mirgaa fi itti gaafatamummaa isa tajaajiluuf qabnu nuu kabaja. (Iya. 24:15; Lal. 5:4) Taʼus, murtoowwan kan biroo qajeelfama isaa irratti hundoofnee goones hojii irra akka oolchinu nu irraa eega. Karaa Yihowaan wantoota itti raawwatuu fi dhugaawwan buʼuuraa inni gaarummaadhaan nuu kenne irratti amantii qabaachuudhaan, murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼan gochuu fi daandii keenya hunda irratti asii fi achi kan hin jenne taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:5-8; 4:8. w17.03 2:17, 18

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi