Amajjii
Roobii, Amajjii 1
Museen namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ture.—Lak. 12:3, NW.
Museen yeroo miseensa maatii Mootii Gibxii turetti garraamii hin turre. Nama dafee aaru waan tureef, namicha wanta sirrii hin taane akka raawwate isatti dhagaʼame tokko ajjeeseera. Museen gochi isaa kun Yihowaa duratti fudhatama akka qabu godhee yaadee ture. Yihowaan, Museen Israaʼeloota geggeessuuf, ija jabina caalaa garraamummaan akka isa barbaachisu isa hubachiisuuf waggaa 40f isa gargaareera. Garraamii taʼuuf immoo, kan gad of qabuu fi kan ajajamu taʼuun isa barbaachisa ture. Innis barumsa kana sirriitti barachuudhaan, geggeessaa baayʼee gaarii taʼuu dandaʼeera. (Bau. 2:11, 12; HoE. 7:21-30, 36) Yeroo ammaatti, mataawwan maatii fi jaarsoliin fakkeenya Musee hordofuu qabu. Yommuu namoonni haala kabaja hin qabneen isin qabanitti salphaatti hin aarinaa. Gad of qabuudhaan dogoggora raawwattan amanaa fudhadhaa. (Lal. 7: 9, 20) Akkaataa rakkoowwaniif furmaata kennitan irratti qajeelfama Yihowaan kennuuf ajajamaa. Yeroo hunda garraamummaadhaan deebii kennaa. (Fak. 15:1) Mataawwan maatii fi ilaaltonni ol aanaa haala kanaan deebii kennan, Yihowaa ni gammachiisu, nagaan akka dagaagu godhu, akkasumas garraamummaa argisiisuudhaan fakkeenya taʼu. w19.02 8 key. 1; 10 key. 9-10
Kamisa, Amajjii 2
Baayʼee isaaniif gadde.—Mar. 6:34.
Yesuus kan gadde ykn miira namoota kanaa kan hubate maaliif akka taʼe hubadhu. Inni namoonni sun ‘akka hoolota tiksee hin qabnee akka turan’ hubateera. Yesuus tarii namoota kana keessaa tokko tokko hiyyeeyyii akka taʼanii fi wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf saʼaatii dheeraa akka hojjetan hubatee taʼuu dandaʼa. Warri kaan immoo nama jaallatan duʼaan dhabuudhaan gaddaa turan taʼa. Akkas yoo taʼe Yesuus haala isaan keessa jiran hubatee taʼuu dandaʼa. Yesuus rakkoowwan kana keessaa tokko tokko isa irra gaʼaniiru. Yesuus waaʼee warra kaanii yaadeera, ergaa nama jajjabeessu isaanitti himuufis kakaʼeera. (Isa. 61:1, 2) Fakkeenya Yesuus irraa maal baranna? Akkuma Yesuus nutis, namoota “akka hoolota tiksee hin qabnee” taʼaniin marfamnee jirra. Namoonni kun rakkoowwan hedduu wajjin qabsoo godhu. Nuti immoo wanta isaan barbaachisu, jechuunis ergaa Mootummichaa qabna. (Mul. 14:6) Kanaaf fakkeenya Gooftaa keenyaa hordofuudhaan, nutis ‘warra dadhaboo fi wanta isaan barbaachisu hin qabneef ooʼa waan qabnuuf’ ykn waan isaaniif gaddinuuf misiraachicha lallabna. (Far. 72:13) Namootaaf garaa waan laafnuuf isaan gargaaruuf waan tokko gochuu barbaanna. w19.03 21-22 key. 6-7
Jimaata, Amajjii 3
Gooftichi inni guyyuma guyyaatti baʼaa keenya nuuf baatu . . . haa eebbifamu!—Far. 68:19.
Yihowaa jaallachuudhaaf sababiiwwan hedduu qabna. Wantoota gaggaarii guyyaa guyyaadhaan itti gammadnu nuu kennuu malees, waaʼee ofii isaa fi kaayyoo isaa dhugaa jiru nu barsiiseera. (Yoh. 8:31, 32) Qajeelfama akka nuuf kennuu fi akka nu deggeruuf gumii Kiristiyaanaa nuuf kenneera. Yeroo ammaatti rakkina keenya akka moonu nu gargaara; gara fuulduraatti immoo haala mudaa hin qabne keessatti bara baraaf akka jiraannuuf abdii nuuf kenneera. (Mul. 21:3, 4) Yihowaan akka nu jaallatu argisiisuuf wanta inni kanaan dura godhe irratti yommuu xiinxallu, isa jaallachuuf kakaana. Yihowaadhaaf yommuu jaalala qabaannu immoo, sodaadhaaf ilaalcha sirrii qabaanna. Baayʼee waan isa jaallannuuf, Isa gaddisiisuu ni sodaanna. Qajeelfama Yihowaa irraa hangam akka fayyadamte hubachuu kee yommuu itti fuftu, jaalalli ati isaa fi ulaagaa isaatiif qabdu ni guddata. Taanaan, wanti Seexanni Yihowaa akka hin tajaajille gochuuf siif kennu kam iyyuu si hin hawwatu. Waggaa kuma tokko booda akka jirtu godhii yaadi. Murtoo cuuphamuuf goote duubatti deebitee yommuu yaaddu, kun murtoo goote hundumaa irra akka caalu ni hubatta! w19.03 6 key. 14; 7 key. 19
Sanbadduraa, Amajjii 4
Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu dandaʼa ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti.—Fak. 31:10.
Miseensonni maatii hundi galateeffannaa akka qaban yommuu argisiisan guutummaan maatichaa ni fayyadama. Hiriyoonni gaaʼelaa galateeffannaa akka qaban yommuu argisiisan caalaatti walitti dhihaatu. Akkasumas, dogoggora walii isaaniif dhiifama gochuun isaanitti salphata. Abbaan manaa haadha manaa isaa dinqisiifatu tokko, wantoota gaarii ishiin dubbattuu fi hojjettu hubachuu qofa utuu hin taʼin ‘ishee jajata.’ (Fak. 31:28) Haati manaa ogeettii taate takkas, abbaa manaa ishii ilaalchisee wanta dinqisiifattu adda baaste isatti himti. Warra kan taatan, ijoolleen keessan galateeffannaa akka argisiisan barsiisuu kan dandeessan akkamitti? Ijoolleen keessan wanta isin dubbattanii fi wanta isin gootan akka hordofan yaadadhaa. Kanaaf, yeroo ijoolleen keessan wantoota tokko tokko isiniif godhan galatoomi jechuudhaan fakkeenya gaarii taʼaa. Kana malees, ijoolleen keessan yeroo namoonni wanta tokko isaaniif godhan galatoomi akka jedhan isaan barsiisaa. Ijoolleen keessan galateeffannaan garaadhaa akka madduu fi wanti isaan dubbatan waan hedduu akka raawwatu akka hubatan isaan gargaaraa. w19.02 17 key. 14-15
Dilbata, Amajjii 5
Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!—Iyo. 27:5, NW.
Jechoonni kun Iyoob wanti akkamii iyyuu yoo taʼe amanamummaa isaa eeguuf kutatee akka ture argisiisu. Iyoob Seexanaaf harka kennuu dideera; nutis akkasuma gochuu ni dandeenya. Seexanni tokkoon tokkoon keenya irratti himatuma akkasii dhiheessa. Himanni kun isiniinis kan ilaallatu akkamitti? Seexanni jaalalli Yihowaadhaaf qabdan dhugaa miti, lubbuu keessan oolchuuf isa tajaajiluu ni dhiistu; kana malees amanamummaan isin qabna jettan soba dha jedha. (Iyo. 2:4, 5; Mul. 12:10) Kun maaltu akka isinitti dhagaʼamu godha? Kun nama miidha, mitii? Haa taʼu malee kana yaadaa: Yihowaan baayʼee waan isin amanuuf carraa dinqisiisaa isin afeereera. Inni Seexanni amanamummaa keessan akka qoru isaaf heyyameera. Yihowaan amanamummaa keessan eeguu akka dandeessanii fi Seexanni sobduu taʼuu isaa akka mirkaneessitan amanannaa qaba. Yeroo kana gootanittis Inni isin gargaaruuf waadaa galeera. (Ibr. 13:6) Qaama hawaa keessatti Hundumaa Ol taʼeen amanamuun mirga guddaa mitii? Amanamummaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubattaniittuu? Soba Seexanaa fashaleessuu, maqaa Abbaa keenyaa isa gaarii kabajuu fi akkaataa inni itti bulchu deggeruuf nu dandeessisa. w19.02 5 key. 9-10
Wiixata, Amajjii 6
Saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessu isatti dhagaʼamu ni dhufa.—Yoh. 16:2.
Yesuus qorumsa gara fuulduraatti isaan eeggatu ergamoota isaatti himeera. Achiis “jabaadhaa!” jechuudhaan fakkeenya isaa akka hordofan isaan jajjabeesseera. (Yoh. 16:1-4a, 33) Waggoota hedduu booda, barattoonni Yesuus fakkeenya inni fedhii ofii isaa aarsaa gochuudhaan kaaʼe hordofaniiru, akkasumas ija jabina argisiisaniiru. Dhiphina kan isaan irraan geessisu taʼus, qorumsawwan gara garaa keessatti walii isaanii ni deggeru turan. (Ibr. 10:33, 34) Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo harʼaa ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Yesuus ni hordofna. Fakkeenyaaf, obboloota keenya warra sababii amantii isaaniitiin ariʼataman gargaaruun ija jabina gaafata. Yeroo tokko tokko obboloonni keenya jalʼina haqaatiin hidhamuu dandaʼu. Yeroo haalli akkasii uumamu, isaaniif falmuu dabalatee, waan nuuf dandaʼame hundumaa isaaniif gochuu qabna. (Filp. 1:14; Ibr. 13:19) Karaa kan biraan ija jabina itti argisiisnu immoo “ija jabinaan” lallabuu keenya itti fufuu dha. (HoE. 14:3) Namoonni yoo nu mormanii fi yoo nu ariʼatan illee, akkuma Yesuus nutis ergaa Mootummichaa lallabuuf kutanneerra. w19.01 22-23 key. 8-9
Kibxata, Amajjii 7
Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa . . . caalaatti wal haa jajjabeessinu.—Ibr. 10:24, 25.
Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe walgaʼii hundumaaf qophaaʼuu dha. Dursitanii yommuu karoorfattanii fi akka gaariitti qophooftan, yaada kennuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaattu. (Fak. 21:5) Walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuun maalfaa dabalata? Yeroo qoʼattan hundatti Yihowaan hafuura qulqulluu akka isiniif kennu kadhachuudhaan jalqabaa. (Luq. 11:13; 1 Yoh. 5:14) Achiis daqiiqaa muraasaaf barumsicha gabaabaatti ilaalaa. Mata duree isaa, mata dureewwan xixiqqaa, fakkeenyotaa fi saanduqa yaada ijoo qabate irratti xiinxalaa. Achiis tokkoon tokkoon keeyyata isaa yeroo qoʼattan, caqasoota kennaman hundumaa dubbisaa. Qabxiiwwan yaada irratti kennuu barbaaddaniif xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan, odeeffannoo kenname irratti xiinxalaa. Akka gaariitti yoo qophooftan, caalaatti faayidaa argattu, akkasumas yaada kennuun caalaatti isiniif salphachuu dandaʼa.—2 Qor. 9:6. w19.01 9 key. 6; 11-12 key. 13-15
Roobii, Amajjii 8
Mulʼata argite kana . . . caafi!—An. 2:2.
Yihowaan Anbaaqom yaaddoo isaa akka barreessu hafuuraan isa geggeessuudhaan, barumsa barbaachisaa kana nuuf kenneera: Yaaddoo fi shakkii keenya isatti himuuf sodaachuu hin qabnu. Wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan akka isa duratti dhangalaasnu nu afeera. (Far. 50:15; 62:8) Anbaaqom Yihowaa isa Michuu amanamaa fi Abbaa isaa taʼetti dhihaachuuf dursa fudhateera. Hubannaa ofii isaatti hirkachuudhaanis haala isaa qofa irratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, miira isaa fi yaaddoo isaa ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. Kana malees, Yihowaan inni kadhannaa dhagaʼu, yaaddoo keenya kadhannaadhaan isatti himachuudhaan amanannaa isa irratti qabnu akka argisiisnu nu afeera. (Far. 65:2) Kana gochuun keenya deebii Yihowaan kennu, jechuunis hammannaa inni qajeelfama isaa isa gaarummaa irratti hundaaʼetti fayyadamee nuuf kennu argachuuf nu gargaara. (Far. 73:23, 24) Rakkinni nu irra gaʼe maal iyyuu yoo taʼe inni yaada isaa akka beeknu nu gargaara. Kadhannaan garaadhaa dhiheessinu karaa amanannaa Waaqayyo irratti qabnu itti argisiisnu keessaa isa tokko dha. w18.11 13 key. 2; 14 key. 5-6
Kamisa, Amajjii 9
Warri isaaf qulqullaaʼanii biyyicha keessa jiran ulfina-qaboota, isaan anaaf guutummaa gammachuu kootii ti.—Far. 16:3.
Daawit faarfatichi michoota kan godhate warra umuriidhaan hiriyoota isaa taʼan qofa hin turre. Maqaa nama ‘ulfina qabeessa’ michuu isaa taʼe tokkoo ni yaadattuu? Maqaan isaa Yonaataani dha. Michummaan isaanii seenaawwan babbareedoo Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa tokko dha. Haa taʼu malee, Yonaataan, Daawitiin gara waggaa 30 akka caalu beektuu? Kanaaf wanti hariiroo isaaniitiif buʼuura taʼe maal ture ree? Amantii Waaqayyo irratti qaban, kabaja guddaa walii isaaniitiif qabanii fi diinota Waaqayyoo yommuu waraananitti ija jabina walii isaanii arguu isaanii ture. (1 Sam. 13:3; 14:13; 17:48-50; 18:1) Akkuma Daawitii fi Yonaataan nutis warra Yihowaa jaallatanii fi amantii isa irratti akka qaban argisiisan jaallachuudhaan, ‘guutummaatti gammaduu’ ni dandeenya. Kiiraan ishiin waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilte, “Namoota addunyaa maratti argaman, akkaataa guddinaa fi aadaa gara garaa qaban hedduu michoota godhadheera” jetteetti. Isinis akkasuma yommuu gootan, humna Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurri isaa addunyaa maratti waaqeffattoota isaa tokko gochuuf qabu ofuma keessanii arguu dandeessu. w18.12 26 key. 11-13
Jimaata, Amajjii 10
Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata.—Mat. 19:9.
Jechi “halalummaa” jedhu cubbuu saalqunnamtii gaaʼelaan alatti raawwatamu hedduu argisiisa: Isaanis, ejja, sagaagalummaa, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamu, saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamuu fi horii wajjin raawwatamu argisiisu. Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko halalummaa yoo raawwate, haati manaa isaa isa hiikuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandeessi. Yesuus hiriyaan gaaʼelaa tokko halalummaa (poorniyaa) yoo raawwate dirqama wal hiikuu qabu akka hin jenne hubadhaa. Fakkeenyaaf, abbaan manaa ishii halalummaa kan raawwate yoo taʼe iyyuu, haati manaa gaaʼelichi akka hin diigamne filachuu dandeessi taʼa. Ishiin amma iyyuu isa jaallatti, akkasumas dhiifama isaaf gochuu fi gaaʼelicha fooyyessuuf fedhii qabaachuu dandeessi taʼa. Abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumuu baatte rakkinni akka ishii mudatu beekamaa dha. Wantoota jireenyaaf ishii barbaachisanii fi fedhii saalqunnamtii ishii ilaalchisee hoo? Kophummaa ilaalchisee hoo? Wal hiikuun ijoollee isaanii irratti dhiibbaa akkamii geessisa? (1 Qor. 7:14) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, hiriyaan gaaʼelaa amanamaan gaaʼelli isaa diigame rakkoowwan guguddaan isa mudatu. w18.12 12 key. 10-11
Sanbadduraa, Amajjii 11
Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa!—Far. 97:10.
Yihowaan jalʼina ni jibba. (Isa. 61:8) Yihowaan cubbuu dhaalleen kan kaʼe, ilaalcha dogoggoraa tokko tokko akka qabnu kan beeku taʼus, jalʼinaaf akkuma isaa jibba akka qabaannu nu gorsa. Yihowaan hammina cimsee kan jibbu maaliif akka taʼe xiinxaluun keenya, yaada isaa kan ofii keenyaa godhachuuf nu gargaara, akkasumas gocha dogoggoraa raawwachuu irraa fagaachuuf jabina dabalataa nuuf kenna. Ilaalcha Yihowaan hamminaaf qabu horachuun keenya, Dubbii Waaqayyoo keessatti kan hin caqasamne yoo taʼan illee, gochawwan dogoggora taʼan tokko tokko addaan baasnee hubachuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, shubbisni laap daansiingi jedhamu addunyaa irratti baramaa siʼa taʼu halalummaa babalʼisa. Namoonni tokko tokko gochi kun saalqunnamtii raawwachuu wajjin tokko akka hin taane dubbachuudhaan amalli akkasii fudhatama akka qabu sababa dhiheessu. Haa taʼu malee, Yihowaan hammina akkamii iyyuu akka jibbu yaadadhaa. Kanaaf, amala of toʼachuu horachuu fi wanta Yihowaan jibbu jibbuudhaan gocha dogoggoraa irraa haa fagaannu.—Rom. 12:9. w18.11 25 key. 11-12
Dilbata, Amajjii 12
Namni qajeelaan . . . amantii isaatiin in jiraata.—An. 2:4.
Abdiin Yihowaan kenne baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Phaawulos ergamaan caqasa kana al sadii caqaseera. (Rom. 1:17; Gal. 3:11; Ibr. 10:38) Namni qajeelaan rakkinni akkamii iyyuu yoo isa irra gaʼe, amantii isaa fi amanannaadhaan kaayyoon Waaqayyoo yommuu raawwatamu arguuf ni jiraata. Yihowaan isa amma jiru irra dabarsinee wanta fuulduratti dhufu akka ilaallu nutti himeera. Kitaabni Anbaaqom warra guyyoota dhumaa keessa jiraannu hundaaf barumsa guddaa kenna. Yihowaan namni qajeelaan amantii fi amanannaa isa irratti qabu argisiisu kam iyyuu jireenya akka argatu abdii kenneera. Kanaaf rakkinnii fi yaaddoon akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe, amantii fi amanannaa Waaqayyo irratti qabnu cimsachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan akka nu deggeruu fi akka nu oolchu karaa Anbaaqom nuuf mirkaneesseera. Inni akka isa amanannuu fi yeroo inni murteesse, jechuunis yeroo Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafti namoota gammadoo fi garraamii isa waaqeffataniin guutamtu obsaan akka eeggannu gaarummaadhaan nu gaafata.—Mat. 5:5; Ibr. 10:36-39. w18.11 16-17 key. 15-17
Wiixata, Amajjii 13
Dhugaadhaan deddeebiʼaa.—3 Yoh. 4.
Jaarraa jalqabaatti, namoonni barumsa Yesuus fudhatan tokko tokko dhugaa keessa deddeebiʼuu isaanii itti hin fufne. Fakkeenyaaf, Yesuus namoota hedduu dinqiidhaan erga nyaachisee booda, namoonni sun hamma Galaana Galiilaa gamaatti isa duuka buʼanii turan. Achitti Yesuus, “foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, ofii keessaniin jireenya hin qabdan” jechuudhaan wanta isaan naasise tokko dubbate. Taʼus, akka inni isaaniif ibsu gaafachuu mannaa, “Dubbiin kun kan nama suukanneessu dha; eenyutu dhagaʼuu dandaʼa?” jechuudhaan dubbii isaatiin gufatan. Kanaan kan kaʼes, “barattoota isaa keessaa baayʼeen wantoota dhiisanii turanitti deebiʼan; sana boodas isa duukaa hin buune.” (Yoh. 6:53-66) Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko dhugaa cimsanii qabachuu dadhabaniiru. Tokko tokko kan gufatan wanta obboleessi iddoo guddaa qabu tokko dubbateen ykn raawwateeni dha. Warri kaan immoo gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee isaaniif kennametti mufataniiru ykn Kiristiyaana tokkoo wajjin walii galuu dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe dhugaa dhiisaniiru. w18.11 9 key. 3-5
Kibxata, Amajjii 14
Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa [dha].—Mat. 23:10.
Jaarmiyichi jijjiirama tokko tokko kan godhe maaliif akka taʼe guutummaatti yoo hubachuu dadhabne, akkaataa Kiristoos kanaan dura itti geggeessaa ture irratti yaaduun keenyaa gaarii dha. Bara Iyaasuuttis taʼe jaarraa jalqabaatti, Kiristoos saba Waaqayyoo akka walii galaatti eeguuf, amantii isaanii cimsuuf, akkasumas tokkummaa akka qabaatan gochuuf yeroo hunda qajeelfama gaarii kenna ture. (Ibr. 13:8) Garbichi amanamaanii fi ogeessi” yeroo sirriitti qajeelfama kan nuu kennu taʼuun isaa, Yesuus nageenya hafuuraa keenyaaf akka yaadu ifatti mulʼisa. (Mat. 24:45) Qajeelfama Kiristoos kennu kan hubannu yoo taʼe, inni guddina hafuuraa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennu beekna. Kiristoos fedhii hafuuraa keenya nuuf guutuu malees, hojii guddaa yeroo harʼaa lafa irratti hojjetamaa jiru irratti xiyyeeffachuu keenya akka itti fufnu nu gargaaraa jira. Innis hojii lallabaa keenya dha.—Mar. 13:10. w18.10 25 key. 13-16
Roobii, Amajjii 15
[Gad of qabuudhaan] waamicha isa itti waamamtanii wajjin haala wal simuun [deddeebiʼaa].—Efe. 4:1, 2.
Yommuu wanti nu aarsu nu mudatu, of toʼachuu ilaalchisee 2 Saamuʼel 16:5-13 irraa fakkeenya gaarii argachuun ni dandaʼama. Shimeʼiin inni fira Saaʼol Mootichaa taʼe, Daawitii fi tajaajiltoota isaa arrabseera, akkasumas miidhaa qaamaa irraan gaʼeera. Daawit isa ajjeesuuf humna kan qabu taʼus, haala kana obsaan dandaʼeera. Daawit miira isaa toʼachuuf humna kan argate akkamitti ture? Yaanni mata duree Faarfannaa boqonnaa 3 irra jiru, faarfannaan kun kan qindeeffame yeroo Daawit ‘ilma isaa Abiishaalom duraa baqatetti’ akka ture argisiisa. Yaanni lakkoofsa 1 fi 2 irra jiru, yaada Lammaffaa Saamuʼel boqonnaa 16 irra jiruu wajjin wal sima. Itti aansuudhaan Faarfannaan 3:4, “Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo . . . deebii anaaf in kenna” jechuudhaan amanannaa Daawit qabu ibsa. Nutis yeroo miidhaan nu irra gaʼu kadhachuu ni dandeenya. Yihowaanis hafuura qulqulluu isa jabaannee akka dhaabannu nu gargaaru nuu kennuudhaan deebii nuu kenna. Haala amala of toʼachuu akka qabaattu si gaafatu ykn jibba sababii malee si irra gaʼuuf tola dhiifama akka gootu si gaafatu yaaduu ni dandeessaa? Yihowaa miidhaa si irra gaʼu akka ilaaluu fi eebba akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessaa? w18.09 6-7 key. 16-17
Kamisa, Amajjii 16
Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.
Yommuu lallabnutti, yeroo hunda namootaaf yaaduu fi isaan kabajuu qabna; kunis namoota naannoo keenyaa sirriitti beekuu dabalata. Manaa gara manaa deemnee yommuu tajaajillu nuti keessummoota hin afeeramne taʼuu keenya haa yaadannu. Kanaaf yeroo namoonni caalaatti nu haasofsiisuu dandaʼanitti gara mana isaanii deemuun keenya barbaachisaa dha! (Mat. 7:12) Fakkeenyaaf, namoonni naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran dhuma torbeetti ganama yeroo dheeraa rafuu barbaaduu? Taanaan tajaajila keessan karaa irratti, addababayiitti ykn namoota yeroo sanatti isin haasofsiisuu dandaʼaniif deddeebii gaaffii gochuudhaan jalqabuu dandeessu. Namoonni hedduun hojiin itti baayʼata, kanaaf yoo xinnaate jalqaba irratti yeroo gabaabaadhaaf qofa turuu qabna. (1 Qor. 9:20-23) Namoonni haala isaanii ykn hojiin akka isaanitti baayʼatu akka hubannu yommuu argan deebinee akka isaan haasofsiisnu fedhii qabaachuu dandaʼu. Firiin hafuura Waaqayyoo tajaajila keenya irratti calaqqisiifamuu akka qabu ifaa dha. Akkas yoo taʼe, “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” kan taanu taʼuu isaa irra iyyuu, Yihowaan nama tokko gara dhugaatti fiduuf nutti fayyadamuu dandaʼa.—1 Qor. 3:6, 7. w18.09 32 key. 15-17
Jimaata, Amajjii 17
Warri garraamiin gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.—Mat. 5:5.
Garraamii taʼuun gammachuudhaaf gumaacha kan godhu akkamitti? Namoonni beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe erga argatanii booda jijjiirama godhu. Namoonni kun yeroo tokkotti, hamoota, falmii kan jaallatanii fi dheekkamoo kan turan taʼuu dandaʼu. Amma garuu, “namummaa haaraa” uffachuudhaan, “gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa” argisiisu. (Qol. 3:9-12) Kanaan kan kaʼes, amma jireenya nagaa, jaalalaa fi gammachuu qabu jiraachaa jiru. Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo namoonni akkasii ‘lafa akka dhaalan,’ (NW) abdii kenna. (Far. 37:8-10, 29) Yesuus, “Warri garraamiin . . . lafa ni dhaalu” yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Barattoonni isaa warri dibamtoota taʼan, lafa kan dhaalan yommuu moototaa fi luboota taʼanii lafa bulchanitti dha. (Mul. 20:6) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaan waamicha samii hin qabne garuu, cubbuu irraa walaba taʼanii, nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf lafa irra akka jiraatan waan isaaniif heyyamamuuf lafa ni dhaalu jechuun ni dandaʼama. w18.09 19 key. 8-9
Sanbadduraa, Amajjii 18
Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa . . . haa taʼu.—Yaq. 1:19.
Gama kanaan Yihowaan fakkeenya hunda caalu taʼeera. (Uma. 18:32; Iya. 10:14) Haasaa Baʼuu 32:11-14 irratti galmeeffamee jiru irraa maal akka barannu haa ilaallu. Yihowaan Museen yaada dabalataa akka isaaf kennu kan isa hin barbaachisne taʼus, wanta isatti dhagaʼamu akka dubbatu carraa isaaf kenneera. Namni nama yaada dogoggoraa dhiheessu tokko obsaan dhaggeeffatee, sana booda yaada isaa kana fudhatee hojii irra oolchu jiraa? Taʼus, Yihowaan namoota amantiidhaan isa waammatan obsaan dhaggeeffata. Hundi keenya akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Yihowaan gad jedhee namootaa wajjin walitti dhufeenya uumuu fi akkuma Abrahaam, Raahel, Musee, Iyaasuu, Maanoʼaa, Eliyaasii fi Hisqiyaasiin dhaggeeffate namoota kan dhaggeeffatu erga taʼee, anoo obboloota koo kabajuu, yaada isaanii dhaggeeffachuu fi hojii irra oolchuudhaan hunda isaanii kabajuu hin qabuu? Gumii koo ykn maatii koo keessaa namni yeroo ammaatti xiyyeeffannaa koo barbaadu jiraa? Kana ilaalchisee maal gochuun qaba? Waaʼee kanaa hoo maal gochuun dandaʼa?’—Uma. 30:6; Abo. 13:9; 1 Mot. 17:22; 2 Sen. 30:20. w18.09 6 key. 14-15
Dilbata, Amajjii 19
Namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama.—Fak. 11:25.
Namoota kan warra kaanii caalaa fedhii ofii isaaniitiif dursa kennan gidduu utuu jiraannuu, amala arjummaadhaan kennuu keenya eegnee jiraachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus ajajawwan guguddaa lamaan, garaa, lubbuu, sammuu fi humna keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu, akkasumas nama akka ofii keenyaatti jaallachuu akka taʼe dubbateera. (Mar. 12:28-31) Namoonni Yihowaa jaallatan fakkeenya isaa hordofu. Yihowaan warra kaaniif ni kenna, Yesuusis akkasuma godha. Gammachuu dhugaa waan nuu kennuuf nutis akkasuma akka goonu nu gorsu. Waaqayyoo fi namootaa wajjin haala wal qabateen amala arjummaa argisiisuuf kan carraaqnu yoo taʼe, Yihowaadhaaf ulfina argamsiisna; akkasumas ofii keenyaafis taʼe warra kaaniif faayidaa argamsiisna. Kana dura iyyuu warra kaaniif, keessumaa immoo namoota hidhata amantii keessan taʼaniif of kennuuf carraaqqii gochaa akka jirtan hin shakkisiisu. (Gal. 6:10) Akkana gochuu keessan yoo itti fuftan, akka jaallatamtanii fi akka dinqisiifamtan beekamaa dha; kunis gammachuu isiniif argamsiisa. w18.08 22 key. 19-20
Wiixata, Amajjii 20
Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa.—Yoh. 7:24.
Yihowaa duratti sanyiin, qomoon, lammiin, gosni ykn garaa garummaan qooqaa jijjiirama hin fidu. Namni Waaqayyoon sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu kam iyyuu isa biratti fudhatama qaba. (Gal. 3:26-28; Mul. 7:9, 10) Atis kun dhugaa taʼuu isaa amantee akka fudhattu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, biyya ykn mana jibbi halaalaa itti babalʼate keessatti guddatte yoo taʼe hoo? Namoota akka wal hin caalchisne kan sitti dhagaʼamu taʼus, jibbi halaalaa keessa keetii guutummaatti hin badne taʼa. Pheexiros inni Yihowaan namoota akka wal hin caalchisne ibsuuf mirga argate illee, yeroo booda amala halaalatti nama jibbuu akka qabu argisiisee ture. (Gal. 2:11-14) Wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee namootatti murteessuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadni ykn miirri jibbi halaalaa kam iyyuu nu keessa jiraachuu isaa beekuuf, Dubbii Waaqayyoo isa ibsaa taʼetti fayyadamnee of eeggannoodhaan of qoruun nu barbaachisa. (Far. 119:105) Kana malees, jibbi halaalaa akka nu keessa jiru beekuu baannus, namoota ilaalcha akkasii akka qabnu hubatan irraa gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe argachuun nu barbaachisa taʼa. (Gal. 2:11, 14) Ilaalchawwan akkasii nu keessatti hundee gadi fageeffachuu waan dandaʼaniif, nu keessa jiraachuu isaanii illee hin hubannu taʼa. w18.08 9 key. 5-6
Kibxata, Amajjii 21
Ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.
Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Yihowaatti guutummaatti akkan amanamu namoota kaanitti ifatti ni mulʼataa? Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan taʼe of beeksisuuf carraan argadhe hundatti nan fayyadamaa?’ Yihowaan saba isaa akka taanuuf erga nu filatee booda, kan isaa taʼuu keenya namoota kaanitti beeksisuu irraa duubatti yoo jenne baayʼee gadda. (Far. 119:46; Mar. 8:38) Obboloonni tokko tokko “hafuura addunyaa” hordofuu isaaniitiin, ‘garaa garummaan warra qajeelotaa fi warra jalʼoota gidduu jiru, warra Waaqayyoof hojjetanii fi warra isaaf hin hojjenne gidduu jiru’ akka ifatti hin mulʼanne gochuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. (1 Qor. 2:12) Hafuurri kun immoo “fedhii foonii” jajjabeessa. (Efe. 2:3) Fakkeenyaaf, gorsi hedduun kan isaaniif kenname taʼu illee, obboloonni tokko tokko amma iyyuu akkaataa uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsan dogoggoraa hordofuu filataniiru. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti illee, uffata dhagnatti maxxanuu fi qaama isaanii argisiisu uffatu. Yookiin akkaataan rifeensa isaanii itti muratan ykn hojetatan gara dhabaa dha. (1 Xim. 2:9, 10) Kanaan kan kaʼes, yeroo namoota baayʼee gidduu taʼanitti eenyu kan Yihowaa akka taʼe, eenyu immoo “michuu addunyaa” akka taʼe addaan baasuun rakkisaa taʼuu dandaʼa.—Yaq. 4:4. w18.07 24-25 key. 11-12
Roobii, Amajjii 22
Isin hundi keessan obbolaa dha.—Mat. 23:8.
Dhugaa dha, hundi keenya iyyuu Addaam irraa waan argamneef “obbolaa” jedhamuu dandeenya. (HoE. 17:26) Taʼus kana qofa miti. Yesuus barattoonni isaa obbolootaa fi obboleettota kan taʼan, Yihowaan Abbaa isaanii isa samii akka taʼe amananii waan fudhataniif akka taʼe ibseera. (Mat. 12:50) Kana malees, miseensa maatii hafuuraa balʼaa taʼe keessatti jaalalaa fi amantiidhaan tokko taʼaniiru. Kanaaf, ergamoonni xalayaa barreessan irratti barattoota hidhata amantii isaanii taʼan, ‘obboloota’ jedhanii isaan waamu turan. (Rom. 1:13; 1 Phe. 2:17; 1 Yoh. 3:13) Yesuus akka obbolootaa fi obboleettotaatti wal ilaaluu akka qabnu erga ibsee booda, gad of qabuun barbaachisaa akka taʼes addeesseera. (Mat. 23:11, 12) Akkuma olitti ibsame, koorri sirrii hin taane ergamoota gidduutti tokkummaan akka hin jiraanne godheera. Sanyiidhaan kooruunis rakkina uumuu dandaʼa. Yihudoonni sanyii Abrahaam taʼuun isaanii kooruuf sababii isaaniif taʼuu dandaʼaa? Yihudoonni hedduun ilaalcha cimaa akkasii qabu turan. Haa taʼu malee Yohaannis Cuuphaan, “Waaqayyo dhagaawwan kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa” isaaniin jedhee ture.—Luq. 3:8. w18.06 9-10 key. 8-9
Kamisa, Amajjii 23
Namni beekaan of qusachaa dubbata.—Fak. 17:27.
Haalawwan baayʼee nu aarsan yommuu nu mudatan ykn yommuu walitti buʼiinsi uumamutti, arraba keenyaa fi aarii keenya ni toʼannaa? (Fak. 10:19; Mat. 5:22) Yommuu namoonni kaan nu aarsanitti, dheekkamsa Yihowaadhaaf dhiisuu barachuun nu barbaachisa. (Rom. 12:17-21) Gara Yihowaa ilaaluu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, yeroo ofii isaatii barbaachisaa akka taʼe yaadutti tarkaanfii akka fudhatuuf dheekkamsa isaaf dhiisuudhaan ulfina isaaf malu akka kenninu argisiisna. Wanta kana irraa faallaa taʼe gochuunii fi karaa taʼe tokkoon ofii keenyaa ijaa baʼuuf yaaluun, Yihowaadhaaf akka ulfina hin kenninetti ilaalama. Qajeelfamawwan haaraa Yihowaan nuuf kennu amanamummaadhaan ni hordofnaa? Taanaan, yeroo hunda wantoota kan raawwannu karaa kanaan dura barreen qofa hin taʼu. Kanaa mannaa, qajeelfama haaraa Yihowaan karaa jaarmiyaa isaatiin nuuf kennu kam iyyuu dafnee hordofna. (Ibr. 13:17) Haa taʼu malee, ‘wantoota barreeffaman irra akka hin darbine’ of eeggachuu qabna. (1 Qor. 4:6) Akkas kan goonu yoo taʼe, iji keenya Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu gochaa jirra. w18.07 15-16 key. 17-18
Jimaata, Amajjii 24
Gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii cimaa haa goonu.—Ibr. 6:1.
Gara bilchina Kiristiyaanummaatti guddachaa yommuu deemtan, qajeelfamni caalaatti akka isin barbaachisu hubattu. Kunis kan taʼe seerri haalawwan murtaaʼan keessatti kan hojjetu siʼa taʼu, qajeelfamni garuu karaa balʼaa taʼeen hojii irra ooluu waan dandaʼuufi dha. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko balaa hiriyummaa gadheen geessisu hin hubatu taʼa; warri isaa hubatoo taʼan garuu eegumsa isaaf gochuuf seera baasu taʼa. (1 Qor. 15:33) Taʼus, mucichi bilchaataa yommuu deemu, dandeettiin yaaduu isaa waan guddatuuf, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee yaaduu dandaʼa. Kanaaf, dandeettiin murtoo ogummaa irratti hundaaʼee hiriyoota filachuuf qabu guddachaa adeema. (1 Qor. 13:11; 14:20) Qajeelfama Waaqayyoo irratti yommuu yaadnu, qalbiin keenya caalaatti geggeessaa amanamuu fi ilaalcha Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼa. Murtoo ogummaa irratti hundaaʼee fi Yihowaa gammachiisu gochuuf wanta nu barbaachisu hunda qabnaa? Eeyyee. Seeraa fi qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru sirriitti fayyadamuudhaan, ‘hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophoofne’ taʼuu dandeenya.—2 Xim. 3:16, 17. w18.06 19-20 key. 14, 16-17
Sanbadduraa, Amajjii 25
Nama isa kam jaallachuun qaba?—Luq. 10:29.
Seenaan Yesuus namni Samaariyaa tokko jaalala dhugaa jechuun maal jechuu akka taʼe namoota Yihudii barsiisuu akka dandaʼu argisiiseera. (Luq. 10:25-37) Barattoonni Yesuus hojii isaaniif kenname raawwachuuf, kooraa fi jibba halaalaa qaban moʼuu isaan barbaachiseera. Yesuus gara samiitti ol baʼuu isaa dura, “Yihudaa fi guutummaa Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” dhugaa akka baʼan isaan ajajee ture. (HoE. 1:8) Yesuus amala gaarii namoonni Yihudii hin taane qaban irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan, hojii balʼaa isaan eeggatu kanaaf dursee isaan qopheesseera. Amantii guddaa ajajaan dhibbaa Yihudii hin taane tokko argisiiseen kan kaʼe isa jajateera. (Mat. 8:5-10) Yesuus magaalaa Naazireet bakka itti guddate keessatti, waaʼee namoota Yihudii hin taʼinii fi Yihowaa duratti fudhatama argatanii, kan akka dubartii Saraaphtaa abbaan manaa irraa duʼee fi nama Sooriyaa dhukkuba nadaayiitiin qabamee dubbateera. (Luq. 4:25-27) Akkasumas Yesuus dubartii Samaariyaatiif lallabuu qofa utuu hin taʼin, namoonni ergaa isaatiif fedhii waan argisiisaniif magaalaa Samaariyaa keessa guyyaa lamaaf tureera.—Yoh. 4:21-24, 40. w18.06 10 key. 10-11
Dilbata, Amajjii 26
Mala haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabachuu akka dandeessaniif miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffadhaa.—Efe. 6:11.
Phaawulos ergamaan jireenya Kiristiyaanotaa loltoota fuulaa fuulatti walʼaansoo walqabanii wajjin wal fakkeesseera. Waraanni keenya qaamaan utuu hin taʼin waraana karaa hafuuraa akka taʼe beekamaa dha. Diinonni keenya garuu dhugumaan kan jirani dha. Seexannii fi jinniiwwan loltoota dandeettii fi muuxannoo guddaa qabani dha. Jalqaba irratti waraana kana moʼuu waan hin dandeenye nutti fakkaachuu dandaʼa. Keessummaa immoo dargaggoonni salphaatti balaadhaaf waan saaxilaman fakkaata. Hafuurota hamoo humna namaa olii qaban kana mooʼuu ni dandaʼuu? Eeyyee, dargaggoonni waraana kana mooʼuu ni dandaʼu, akkasumas mooʼaa jiru! Akkas kan jennu maaliifi? ‘Gooftaa fi humna isaa isa guddaa irraa jabina argachuu isaanii waan itti fufaniifi.’ Humna Waaqayyoo argachuu malees wanta godhan qabu. Uffannaa waraanaa uffataniiru. Akkuma loltoota sirriitti leenjifamanii, ‘miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffataniiru.’ (Efe. 6:10-12) Phaawulos fakkeenya kana kan dubbate tarii miʼa lolaa loltuun Roomaa tokko uffatu sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa.—HoE. 28:16. w18.05 27 key. 1-2
Wiixata, Amajjii 27
Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.—Mat. 6:9.
Sababiin hojiin lallabaa irratti hirmaannu inni guddaan Yihowaaf ulfina fiduu fi maqaan isaa qulqulluu akka taʼu gochuufi dha. (Yoh. 15:1, 8) Garuu, maqaan Waaqayyoo caalaatti qulqulluu akka taʼu gochuu hin dandeenyu. Jalqabuma iyyuu guutummaatti qulqulluu dha. Taʼus, wanta Isaayaas raajichaan, “Waaqayyo gooftaan maccaa duwwaan qulqulluu akkan taʼe beeki!” jedhee dubbate qalbeeffadhaa. (Isa. 8:13) Wantoota kan biraa dabalatee, maqaan kun maqaawwan kaan irraa adda akka taʼetti ilaaluu fi namoonni kaanis maqaan kun qulqulluu akka taʼetti akka ilaalan gargaaruudhaan maqaan Waaqayyoo qulqulluu akka taʼu goona. Fakkeenyaaf, amalawwan Yihowaa warra dinqisiisoo fi kaayyoo inni ilmaan namootaa Jannata keessa bara baraaf akka jiraatan gochuuf qabu yommuu namoota barsiisnu, wanti gadheen Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate hundi soba taʼuu isaa akka hubatan gargaarra. (Uma. 3:1-5) Kana malees, namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran Yihowaan “ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun” kan isaaf malu taʼuu isaa akka hubatan gargaaruuf yommuu carraaqnu maqaa Waaqayyoo qulqulleessaa jirra jechuu dha.—Mul. 4:11. w18.05 18 key. 3-4
Kibxata, Amajjii 28
Waaqayyoof galata galchuun . . . maal maal gaarii dha! Ati yaa gooftaa, gocha keetiin na gammachiifteetta, hojii harka keetti gammadee nan faarfadha.—Far. 92:1, 4.
Sababiin galma hafuuraa baafachuu itti qabnu inni guddaan, jaalala Yihowaan nutti argisiisee fi wanta inni nuuf godheef galateeffannaa qabnu argisiisuufi dha. Faarfatichi, “Dargaggootaa, wanta Yihowaa irraa argattan hunda yaadaa. Jireenya, amantii, Kitaaba Qulqulluu, gumii fi abdii dinqisiisaa gara fuulduraa qabdan yaadaa. Wantoota hafuuraatiif dursa kennuun, karaa eebbawwan Yihowaan nuu kenne kanaaf itti galateeffannu siʼa taʼu, kunis akka isatti dhihaannu nu gargaara. Galmawwan hafuuraa baafattee hojii irra oolchuu yommuu jalqabdu, hojii gaarii hojjechuudhaan Yihowaa duratti seenaa gaarii galmeessisuu jalqabda. Kun immoo caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu si gargaara. Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jechuudhaan abdii kenneera. (Ibr. 6:10) Galma hafuuraa baafachuuf matumaa umuriin keessan akka hin geenye gootanii hin yaadinaa. Atis galmawwan iddoo guddaa kennituuf adda baastee beekuudhaan isaan irra gaʼuuf maaliif carraaqqii gochuu hin jalqabdu?—Filp. 1:10, 11. w18.04 26 key. 5-6
Roobii, Amajjii 29
Bakka hafuurri Yihowaa [jiru] bilisummaan jira.—2 Qor. 3:17.
Warri Roomaa Kiristiyaanonni durii isaan gidduu jiraachaa turan, seera isaaniitiin, haqa raawwachiisuudhaanii fi bilisummaadhaan warra kaan akka caalan waan isaanitti dhagaʼamuuf of jaju turan. Haa taʼu malee, aangoonii fi ulfinni Bulchiinsa Roomaa garri caalaan isaa kan hundaaʼe gatiittii garbootaa irratti ture. Yeroo taʼe tokkotti, jiraattota biyyichaa keessaa dhibbeentaa 30ni garboota turan. Waaʼeen garbummaa fi bilisummaa, Kiristiyaanota dabalatee namoota hedduu yaaddessaa akka ture hin shakkisiisu. Phaawulos ergamaan xalayaawwan barreesse irratti waaʼee bilisummaa waan baayʼee dubbateera. Taʼus tajaajilli isaa kan xiyyeeffatte wanta namoonni hedduun barbaadan irratti, jechuunis hawaasa ykn siyaasa irratti jijjiirama fiduu irratti hin turre. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan bilisummaa argachuuf bulchitoota ilmaan namootaa ykn dhaabbata kam iyyuu hin abdanne. Kanaa mannaa, namoonni kaan waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo fi gatii guddaa aarsaan furii Yesuus Kiristoos qabu akka baratan gargaaruu irratti cimanii hojjetaniiru. Phaawulos, obboloonni kaan Madda bilisummaa dhugaa akka beekan isaan gargaareera. w18.04 8 key. 1-2
Kamisa, Amajjii 30
Yaa Simoon, yaa Simoon, kunoo Seexanni hunda keessan akka qamadiitti gingilchuuf gaafateera. Ani garuu amantiin kee akka hin badne siif wawwaadheera; atis yommuu deebitu obboloota kee jajjabeessi.—Luq. 22:31, 32.
Yesuus galgala duʼa isaa dura turetti yaada caqasa harʼa irratti argamu Pheexiros ergamaatti himeera. Pheexiros gumii Kiristiyaanaa bara duriitti tureef utubaa taʼuu isaa argisiiseera. (Gal. 2:9) Yeroo Phenxeqosxeettis taʼe sana booda ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuudhaan obboloota isaa jajjabeesseera. Yeroo dheeraadhaaf erga tajaajilee booda xumura irratti Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniif xalayaa barreessee ture. Sababa isaa yeroo ibsu, “Ani isin jajjabeessuu fi kun dhuguma gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa taʼuu isaa cimsee ragaa baʼuuf, . . . gabaabsee isiniif barreesseera. Gaarummaa kana keessatti jabaadhaa dhaabadhaa” jedheera. (1 Phe. 5:12) Xalayaawwan Pheexiros geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse baroota hedduudhaaf Kiristiyaanotaaf madda jajjabinaa taʼuu isaanii itti fufaniiru. Yeroo waadaa Yihowaan gale eeggachaa jirru kanatti jajjabinni kun baayʼee nu barbaachisa!—2 Phe. 3:13. w18.04 17 key. 12-13
Jimaata, Amajjii 31
Namni seera bilisummaa argamsiisu isa mudaa hin qabne sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu . . . gammachuu argata.—Yaq. 1:25.
Namoonni iddoo kamitti iyyuu argaman, wanta barbaadan gochuu fi akka barbaadanitti jiraachuuf fedhii guddaa waan qaban fakkaata. ‘Fedhii isaanii kana guuttachuu kan barbaadan karaa kamiini?’ inni jedhu immoo gaaffii kan biraa ti. Dhimmawwan hawaasaa ykn siyaasaa wajjin haala wal qabateen, namoonni hedduun mormuu, hiriira baʼuu, loluu ykn fincila kaasuu filatu. Haa taʼu malee, kun buʼaa barbaadamu argamsiisuu ni dandaʼaa? Buʼaa gaarii argamsiisuu mannaa, yeroo baayʼee rakkinaa fi duʼa geessisa. Wantoonni kun hundi wanti Solomoon Mootichi, “Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidhus jira” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu. (Lal. 8:9) Caqasa guyyaa harʼaa irratti, Yaaqoob gammachuu dhugaa argachuuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maal akka taʼe dubbateera. Yihowaan inni seera mudaa hin qabne kana kenne, ilmaan namootaa gammachuu guutuu argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe eenyu iyyuu caalaa beeka. Hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiif, bilisummaa dhugaa dabalatee wanta gammachuu argachuuf isaan barbaachisu hundumaa isaaniif kennee ture. w18.04 3 key. 1-3