LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Guraandhala 1
  • Dilbata, Guraandhala 2
  • Wiixata, Guraandhala 3
  • Kibxata, Guraandhala 4
  • Roobii, Guraandhala 5
  • Kamisa, Guraandhala 6
  • Jimaata, Guraandhala 7
  • Sanbadduraa, Guraandhala 8
  • Dilbata, Guraandhala 9
  • Wiixata, Guraandhala 10
  • Kibxata, Guraandhala 11
  • Roobii, Guraandhala 12
  • Kamisa, Guraandhala 13
  • Jimaata, Guraandhala 14
  • Sanbadduraa, Guraandhala 15
  • Dilbata, Guraandhala 16
  • Wiixata, Guraandhala 17
  • Kibxata, Guraandhala 18
  • Roobii, Guraandhala 19
  • Kamisa, Guraandhala 20
  • Jimaata, Guraandhala 21
  • Sanbadduraa, Guraandhala 22
  • Dilbata, Guraandhala 23
  • Wiixata, Guraandhala 24
  • Kibxata, Guraandhala 25
  • Roobii, Guraandhala 26
  • Kamisa, Guraandhala 27
  • Jimaata, Guraandhala 28
  • Sanbadduraa, Guraandhala 29
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 17-26

Guraandhala

Sanbadduraa, Guraandhala 1

Tajaajila [kee] guutummaatti raawwadhu.—2 Xim. 4:5.

Yesuus warra kaaniif gara laafina guddaa qaba ture. Namoonni jaalala inni isaaniif qabu waan hubataniif, ergaa Mootummichaatiif deebii gaarii kennaniiru. Nutis namootaaf gara laafina akkasii yoo horanne, tajaajila keenya raawwachuu irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taana. Miira namoota lallabnuufii hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Bakka namoota tajaajila irratti argannuu of kaaʼuu fi wanta akka nuuf godhamu barbaannu isaaniifis gochuu barbaanna. (Mat. 7:12) Tokkoon tokkoon namaatiif wanta barbaachisu hubadhaa. Namoota tajaajila irratti argattan hunda gargaaruuf mala tokko qofatti hin fayyadaminaa. Kanaa mannaa, haalaa fi ilaalcha tokkoon tokkoon namaa tilmaama keessa galchaa. Malaan gaaffiiwwanitti fayyadamuudhaan yaada isaa baasee akka dubbatu godhaa. (Fak. 20:5) Warri kaan yaada isaanii akka dubbatan yommuu goonu, misiraachichi kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe akka nutti himan gochaa jirra jechuu dha. Kana erga beeknee booda, wanta dhuunfaatti isaan barbaachisuuf akka yaadnu argisiisuu fi akkuma Yesuus godhe gargaarsa isaan barbaachisu isaaniif kennuu dandeenya.—1 Qor. 9:19-23 waliin ilaali. w19.03 20 key. 2; 22 key. 8-9

Dilbata, Guraandhala 2

Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in baʼa.—Fak. 16:3.

Addaamii fi Hewaan wantoota gaggaarii Yihowaan isaaniif godhe hundumaaf dinqisiifannaa tokko illee akka hin qabne argisiisaniiru. Hundi keenya murtoo isaan godhan irratti akka walii hin galle argisiisuuf carraa qabna. Cuuphamuudhaan, Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa nuuf baasuuf aangoo qabaachuu isaa akka amannu argisiisna. Kana gochuudhaan Abbaa keenya akka jaallannuu fi akka amannu mirkaneessina. Erga cuuphamnee booda guyyaa guyyaadhaan ulaagaa mataa keenyaatiin utuu hin taʼin, ulaagaa Yihowaa eegnee jiraachuuf qabsoo goona. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan ulaagaa Yihowaatiin jiraatu. Atis hubannaa Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu guddifachuu kee yoo itti fufte, obbolootaa fi obboleettota kee wajjin walgaʼii irratti yoo argamte, akkasumas waaʼee Abbaa kee isa jaalala qabeessa taʼee wanta baratte hinaaffaadhaan yoo lallabde akkuma isaanii taʼuu ni dandeessa. (Ibr. 10:24, 25) Murtoo yommuu gootu gorsa Yihowaan karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa siif kennu dhaggeeffadhu. (Isa. 30:21) Taanaan, wanti raawwattu hundi siif milkaaʼa.—Fak. 16:20. w19.03 7 key. 17-18

Wiixata, Guraandhala 3

Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa, jechuunis Abbaa ifa samii . . . biraa gad buʼa.—Yaq. 1:17.

Yihowaan nyaata hafuuraa hedduu nuuf kenneera. Fakkeenyaaf, karaa gumii, karaa barreeffamootaa fi weeb saayitii keenyaa qajeelfamoota barbaachisaa taʼan ni arganna. Haasaa tokko erga dhageessanii, mata duree tokko erga dubbistanii ykn broodkaastii tokko erga ilaaltanii booda, ‘Kun wanta na barbaachisu dha’ jettanii beektuu? Maarree, galateeffannaa keenya Yihowaadhaaf ibsuu kan dandeenyu akkamitti? (Qol. 3:15) Karaan inni tokko, kadhannaa guyyaa guyyaadhaan goonu keessatti kennaawwan isaa gaggaarii taʼan kanaaf isa galateeffachuu dha. Kana malees, bakka waaqeffannaa keenya qulqulluu fi seera qabeessa akka taʼu gochuudhaan galateeffannaa Yihowaadhaaf qabnu ibsuu dandeenya. Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuu irratti yeroo hunda hirmaachuu qabna; obboloonni meeshaa sagalee fi viidiyoo irratti hojjetanis meeshaa sana irra miidhaa akka hin geessisne of eeggannoo gochuu qabu. Galmawwan Walgaʼii keenya sirriitti yoo kunuunsine, yeroo dheeraadhaaf akka turanii fi suphiinsa guddaa gochuun akka hin barbaachisne goona. Karaa kanaan, addunyaa maratti Galmawwan Walgaʼii ijaaruu fi haaromsuuf qarshiin dabalataa akka jiraatu goona. w19.02 18 key. 17-18

Kibxata, Guraandhala 4

Isaan kun fiixee hojii isaa ti, isa nuyi waaʼee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha!—Iyo. 26:14.

Iyoob uumama Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe irratti xiinxaluudhaan yeroo dheeraa dabarseera. (Iyo. 26:7, 8) Waaʼee lafaa, samii, duumessaa fi bakakkaa yommuu yaadu dinqisiifannaadhaan kan guutame taʼus, wanti inni waaʼee uumamaa beeku baayʼee muraasa akka taʼe amaneera. Wanta Yihowaan dubbateefis iddoo guddaa akka kennu argisiiseera. Iyoob dubbii Waaqayyoo ilaalchisee, “Wanta inni dubbates yaadatti qabadheera” jedheera. (Iyo. 23:12) Iyoob Yihowaa dinqisiifateera, akkasumas kabaja guddaa isaaf kenneera. Abbaa isaa jaallateera; kanaaf isa gammachiisuu barbaadeera. Kanaan kan kaʼes, murtoon Iyoob amanamummaa isaa eeguuf godhe cimaa deemeera. Nutis akkuma Iyoob gochuu nu barbaachisa. Namoota bara Iyoob jiraatan caalaa waaʼee uumamaa waan hedduu beekna. Kana malees, waaʼee Yihowaa beekuuf kan nu gargaaru guutummaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame qabna. Wantoonni baranne hundi garaa keenya dinqisiifannaadhaan guutuuf nu gargaaruu dandaʼu. Dinqisiifannaa fi kabajni Yihowaadhaaf qabnu immoo, isa jaallachuu fi isaaf ajajamuuf, akkasumas amanamummaa keenya eeggachuuf fedhii guddaa akka qabaannu nu kakaasu.—Iyo. 28:28. w19.02 5 key. 12

Roobii, Guraandhala 5

Ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu dandaʼa?—Far. 118:6.

Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti, bulchitoonni saba Yihowaa irra ariʼatama geessisaa turaniiru. “Yakka” adda addaa akka raawwannetti nu himatu taʼa; sababiin isaan itti nu himatan inni guddaan garuu, “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu” waan filanneefi dha. (HoE. 5:29) Nutti qoosuu, mana hidhaatti nu galchuu ykn qaama keenya irra miidhaa geessisuu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, haaloo baʼuu mannaa gargaarsa Yihowaatiin yeroo qorumsi nu irra gaʼu hundatti garraamummaa argisiisna. Fakkeenya Ibroonni sadan Hanaaniiyaa, Miishaaʼelii fi Azaariyaan warri gara Baabilonitti boojiʼaman nuuf taʼan haa ilaallu. Isaan garuu bifa fakkeenyaa isa inni hojjete sana maaliif akka hin waaqeffanne garraamummaadhaan mootichaaf ibsan. Wanta Yihowaan heyyame kam iyyuu fudhachuuf qophaaʼoo turan. (Dan. 3:1, 8-28) Amanamummaan Waaqayyoof qabnu yeroo qoramu fakkeenya Ibroota sadan kanaa akkamitti hordofuu dandeenya? Gad of qabuudhaan Yihowaan akka nuuf yaadu isatti ni amanamna. (Far. 118:7) Namoota hamaa akka hojjenne nu himataniif, garraamummaa fi kabajaan deebii isaaniif kennina. (1 Phe. 3:15) Hariiroo Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee wajjin qabnu laaffisuuf matumaa tole hin jennu. w19.02 10-11 key. 11-13

Kamisa, Guraandhala 6

Jabaadhaa!—Yoh. 16:33.

Abdii aarsaan furii Kiristoos nuuf argamsiisu irratti yaaduudhaan ija jabina keenya cimsachuu ni dandeenya. (Yoh. 3:16; Efe. 1:7) Torban Ayyaana Yaadannoo fuuldura jiran muraasatti dinqisiifannaa furiichaaf qabnu guddifachuuf carraa addaa qabna. Yeroo sanatti, dubbisa Kitaaba Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo hordofaatii dubbisaa; akkasumas haalawwan yeroo Yesuus duʼetti turan irratti kadhannaadhaan xiinxalaa. Achiis yommuu Irbaata Gooftaatiif walitti qabamnu, barbaachisummaa maxinoo fi wayinii sanaa, akkasumas aarsaa addaa wantoonni kun bakka buʼan caalaatti hubanna. Wanta Yesuusii fi Yihowaan nuuf raawwatan yommuu dinqisiifannuu fi wanti isaan nuuf raawwatan kun nuunis taʼe namoota jaallannu akkamitti akka fayyadu yommuu hubannu, abdiin keenya ni cima, akkasumas hamma dhumaatti jabaannee dhaabachuuf kakaana. (Ibr. 12:3) Yesuus samii irratti Luba Ol Aanaa nuuf kadhatu taʼuudhaan amalawwan kana argisiisuu isaa akka itti fufe beekuu keenyatti guddaa dinqisiifanna! (Ibr. 7:24, 25) Dinqisiifannaa keenya garaadhaa madde argisiisuuf, akkuma inni ajajetti amanamummaadhaan Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa kabajuu qabna.—Luq. 22:19, 20. w19.01 22 key. 8; 23-24 key. 10-11

Jimaata, Guraandhala 7

Yaa Waaqayyo, galata ani akka aarsaatti afaan kootiin jaalladhee siif dhiʼeessu fudhachuun sitti haa tolu!—Far. 119:108.

Yihowaan hunda keenyaaf mirga isa jajachuu nuuf kenneera. Yaadni nuti walgaʼii irratti kenninu, “aarsaa galataa” dhiheessinu keessaa tokko dha. Aarsaa kana immoo namni kan biraan kam iyyuu nuuf dhiheessuu hin dandaʼu. (Ibr. 13:15) Yihowaan tokkoon tokkoon keenya aarsaa ykn yaada wal fakkaatu akka kenninu nu irraa eegaa? Lakki, hin eegu! Walgaʼiin gumii, nyaata michoota gaarii taʼanii wajjin nyaattan akka taʼetti ilaalaa. Michoonni gumii keessa jiran tokko tokko walii wajjin nyaata bilcheessanii nyaachuuf qophii akka godhanii fi atis nyaata xinnoo akka bilcheessitu akka si gaafatan godhii yaadi. Deebii akkamii kennita? Xinnoo dhiphachuun kee hin oolu taʼa; taʼus nyaata namoonni hundi itti gammadan qopheessuuf wanta siif dandaʼame hunda akka gootu hin shakkisiisu. Yihowaan inni Keessummeessaa keenya taʼe, walgaʼii keenya irratti wantoota gaggaarii hedduu qopheessee minjaala irra nuuf kaaʼeera. (Far. 23:5; Mat. 24:45) Akkasumas kennaa gaarii kennuu dandeenyu muraasa fudhannee yommuu dhaqnu ni gammada. Kanaaf, akka gaariitti qophaaʼaa, akkasumas hamma isiniif dandaʼame bilisaan hirmaannaa godhaa. Akkas kan gootan taanaan, maaddii Yihowaa irraa soorachuu qofa utuu hin taʼin, kennaa gumii wajjin hirmaattan muraasas fudhattanii dhaqxu. w19.01 8 key. 3; 13 key. 20

Sanbadduraa, Guraandhala 8

Warri Waaqayyoon dhiisanii kan biraa fudhatan, miidhama of irratti in baayʼisu.—Far. 16:4.

Bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti, waaqeffannaan sobaa yeroo baayʼee halalummaa raawwachuu kan dabalatu ture. (Hos. 4:13, 14) Waaqeffannaan akkasii foon isa cubbuu dhaale kan hawwatu dha. Haa taʼu malee, gammachuu itti fufiinsa qabu hin argamsiisu. Faallaa kanaatiin, Daawit, ‘Namoonni waaqayyolii kan biraa fudhatan miidhama of irratti baayʼisu’ jedheera. Kana malees, ijoollee hedduu irratti rakkina hangana hin jedhamne fidaniiru. (Isa. 57:5) Yihowaan hammina akkasiitiif jibba guddaa akka qabu argisiiseera! (Er. 7:31) Yeroo harʼaattis, waaqeffannaan sobaa yeroo baayʼee halalummaa fi saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu deggera. Haa taʼu malee, miidhaan gama naamusaatiin bilisa taʼuun fidu, erga Kitaabni Qulqulluun barreeffamee booda hin jijjiiramne. (1 Qor. 6:18, 19) Akkuma isin hubattanii taʼuu dandaʼu, namoonni “miidhama of irratti in baayʼisu.” Kanaaf, dargaggootaa, Abbaa keessan isa samii dhaggeeffadhaa. Isaaf ajajamuun faayidaa hunda caalu akka isiniif argamsiisu guutummaatti amanaa. Miidhaan dogoggora raawwachuun geessisu, gammachuu yeroo muraasaaf argamu kam iyyuu baayʼee akka caalu garaa keessan amansiisaa.—Gal. 6:8. w18.12 27-28 key. 16-18

Dilbata, Guraandhala 9

Anis akkasuma utuu si bira hin gaʼin nan taaʼa.—Hos. 3:3.

Hiriyaan gaaʼelaa Kiristiyaana tokkoo halalummaa yoo raawwate, Kiristiyaanni amanamaa taʼe murtoo cimaa gochuun isa barbaachisa. Yesuus hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe hiriyaa gaaʼelaa isaa erga hiikee booda, bilisa taʼee nama kan biraa wajjin gaaʼela godhachuuf sababa akka qabu dubbateera. (Mat. 19:9) Karaa kan biraa immoo hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe dhiifama gochuu ni dandaʼa. Kana gochuun isaa dogoggora miti. Hoseʼaan Gomeriin deebisee fuudheera. Gomer deebitee Hoseʼaa wajjin jiraachuu erga jalqabdee booda, nama kan biraa kam iyyuu wajjin ejja hin raawwanne. Hoseʼaan yeroo muraasaaf ‘saalqunnamtii hin raawwanne.’ (Hos. 3:1-3, NW) Yeroo booda, Hoseʼaan ishii wajjin saalqunnamtii raawwatee taʼuu qaba, kana gochuudhaan, Waaqayyo saba isaa deebisee simachuu fi hariiroo isaanii wajjin qabu itti fufuuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Hos. 1:11; 3:4-5) Seenaan kun waaʼee gaaʼela yeroo harʼaa jiruu maal nu barsiisa? Hiriyaan gaaʼelaa amanamaa taʼe gaaʼelichi akka itti fufu yoo murteesse, saalqunnamtii raawwachuun isaa dhiifama akka godhe argisiisa. (1 Qor. 7:3, 5) Gochi kun sababiin wal hiikuudhaaf buʼuura taʼu fudhatama akka hin qabaanne godha. Sana booda, lamaan isaanii iyyuu ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaaf qabu argisiisuuf walii wajjin hojjechuu qabu. w18.12 13 key. 13

Wiixata, Guraandhala 10

Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata.—Fak. 22:3.

Yommuu qoʼannu, haala gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼuuf Yihowaan yaada akkamii qabaachuu akka dandaʼu yaaduun keenya gaarii dha. Kana gochuudhaan, haalli hatattamaan murtoo akka goonu gaafatu yommuu nu mudatu, qophaaʼoo taana. Yoseef dhiibbaa haati manaa Phoxiifaar akka inni ejja raawwatu gochuuf isa irratti geessiste yeruma sana diduudhaan ilaalcha Yihowaan gaaʼelaaf amanamaa taʼuu ilaalchisee qabu irratti dursee akka yaade argisiiseera. (Uma. 39:8, 9) Kana malees, deebiin inni haadha manaa Phoxiifaariif, “Egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan kenne, ilaalcha Waaqayyoo kan ofii isaa akka godhate argisiisa. Nuti hoo akkami? Namni nu wajjin hojjetu tokko nu kolomsuu jalqabe haa jennu. Yookiin ergaan ykn suuraan saalqunnamtii ibsu moobaayilii keenya irratti yoo nuuf ergame hoo? Ilaalcha Yihowaan dhimmoota akkasiitiif qabu dursinee beekuudhaan kan itti amannee fi dursinee kan murteessine yoo taʼe, tarkaanfii fudhachuun baayʼee salphaa dha. w18.11 25 key. 13-14

Kibxata, Guraandhala 11

Ani Waaqayyotti nan ililcha.—An. 3:18.

Hayyoonni tokko tokko kallattiidhaan, “Ani Gooftaatti gammadee nan utaala; Waaqayyotti gammaduudhaan naannaʼee nan shubbisa” jechuu akka taʼe yaadu. Kun hunda keenyaaf wabii guddaa dha! Yihowaan abdii dinqisiisaa nuuf kennuu qofa utuu hin taʼin, kaayyoo isaa isa guddaa ariitiidhaan akka galmaan gaʼus nuuf mirkaneesseera. Ergaan Anbaaqom inni guddaan Yihowaa irratti amanannaa qabaachuu akka taʼe hin shakkisiisu. (An. 2:4) Nutis hariiroo Yihowaa wajjin qabnu, (1) wantoota yaaddoo nutti taʼanii fi nu dhiphisan hunda Yihowaatti himannee kadhannaatti cimuudhaan; (2) Dubbii Yihowaa fi qajeelfama jaarmiyaan isaa nuu kennuuf xiyyeeffannaa kennuu fi (3) amanamummaa fi obsaan Yihowaa eeggachuudhaan yoo cimsanne, amanannaa akkasii qabaachuu fi eeggannee itti fufuu ni dandeenya. Wanti Anbaaqom godhes kana ture. Kitaaba isaa gaddaan kan jalqabe taʼus, amanannaa fi gammachuudhaan xumureera. Nutis hammannaa abbaa keenya Yihowaa argachuu akka dandeenyuuf fakkeenya geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana haa hordofnu! Addunyaa dukkanaaʼaa deemu kana keessatti jajjabina kana caalu argachuu ni dandeenyaa? w18.11 17 key. 18-19

Roobii, Guraandhala 12

Warri lubbuudhaan jiranis isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef [Kiristoosiif] malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanne inni hundumaaf duʼeera.—2 Qor. 5:15.

Kiristiyaanonni dhugaan Waaqayyo akka isaan jaalatu amanuuf sababii gara biraas qabu. “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.” (Yoh. 3:16) Yesuusis lubbuu isaa nuuf kennuudhaan jaalala argisiiseera! Jaalalli inni nuuf qabu kunis baayʼee nu cimsa! Dubbiin Waaqayyoo ‘rakkinni ykn dhiphinni’ illee “jaalala Kiristoos irraa gargar nu baasuu” akka hin dandeenye abdii kenna. (Rom. 8:35, 38, 39) Qorumsi karaa qaamaa, miiraa ykn hafuuraa nu dadhabsiisu yeroo nu mudatu, jaalalli Kiristoos inni humna guddaa qabu jabaannee akka dhaabbannuuf cimina nuu kennuu dandaʼa. (2 Qor. 5:14) Qorumsawwan akka balaa uumamaa, ariʼatamaa, abdii kutachuu ykn dhiphina cimaa jiran yommuu nu mudatanitti illee, jaalalli Yesuus jabaannee akka dhaabbannuu fi abdii akka hin kutanne humna nuu kenna. w18.09 14 key. 8-9

Kamisa, Guraandhala 13

Dhugaa kee keessa nan deddeebiʼa.—Far. 86:11, NW.

Dhugaadhaan deddeebiʼuuf wanta Yihowaan dubbate hunda fudhachuu fi ajajamuu qabna. Jireenya keenya keessatti dhugaadhaaf dursa kennuu fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Akkuma Daawit, Nutis dhugaa Waaqayyootiin deddeebiʼuu keenya itti fufuuf murtoo cimaa gochuu qabna. Yoo kana gochuu baanne wanta dhugaadhaaf kaffaletti gaabbuu fi tarii immoo wanta kaffalle keessaa hamma tokko deebisnee fudhachuu jalqabuuf qoramuu dandeenya. Kanaa mannaa guutummaa dhugaa of eeggannoodhaan cimsinee qabanna. Dhugaa isa tokko fudhannee isa kan biraa immoo fudhachuu dhiisuu hin dandeenyu. Akkasumas ‘dhugaa hunda’ keessa deddeebiʼuu qabna. (Yoh. 16:13) Dhugaa irraa akka hin fagaanne yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu qabna. Yoo of eeggannoo gochuu baanne garuu, bashannanuudhaan, wanta yeroo boqonnaatti hojjennu hojjechuudhaan, intarneetii sakattaʼuu ykn televijiinii ilaaluudhaan yeroo dheeraa dabarsuu jalqabuu dandeenya. Wantoonni kun mataa isaaniitiin dogoggora taʼuu baatanis, yeroon nuti wantoota kana irratti dabarsinu, yeroo duraan qoʼannaa dhuunfaa fi sochiiwwan hafuuraa kan biraa irratti dabarsinu irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. w18.11 10 key. 7-8

Jimaata, Guraandhala 14

Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera.—Far. 131:2.

Jireenyi keenya akkuma tasaa yommuu jijjiiramu, jijjiiramni nu mudatu sun nu sodaachisuu fi dhiphina miiraa nutti fiduu dandaʼa. (Fak. 12:25) Jijjiiramawwan sana fudhachuun illee nutti ulfaachuu dandaʼa. Haalawwan akkasii keessatti lubbuu keenya ‘urursuu fi cal jechisiisuu’ kan dandeenyu akkamitti? (Far. 131:1-3) Haalawwan rakkisaa taʼan yoo jiraatan illee, nutis yeroo harʼaa “nagaan Waaqayyoo” inni nama tasgabbeessu yaada keenya akka eegu ofuma keenyaan argineerra. (Filp. 4:6, 7) Kanaaf, yommuu yaaddoodhaan akka liqimfamne nutti dhagaʼamu, gara Yihowaatti yoo garagalle, nagaan Waaqayyoo murtoo keenya nuuf jabeessuudhaan abdii utuu hin kutatin kaayyoo hafuuraa keenya akka galmaan geenyu nu eeguu dandaʼa. Hafuurri Waaqayyoo nu tasgabbeessuu malees, caqasoota Kitaaba Qulqulluu ijoo taʼanii fi wantoota hafuuraatiif dursa kennuu keenya akka itti fufnu nu gargaaran nu yaadachiisuu dandaʼa.—Yoh. 14:26, 27. w18.10 27 key. 2; 28 key. 5, 8

Sanbadduraa, Guraandhala 15

Walii walii keessanitti dhugaa dubbadhaa!—Zak. 8:16.

Meeshaan ilmaan namootaa irratti dhiibbaa gadhee geessise maali dha? Soba dha! Soba jechuun, nama tokko dogoggorsuuf jennee wanta dhugaa akka hin taane beeknu tokko dubbachuu jechuu dha. Qaamni soba dubbate inni jalqabaa eenyu dha? Yesuus Kiristoos, “Diyaabilos” “abbaa sobaa” akka taʼe ibseera. (Yoh. 8:44) Diyaabilos soba isa jalqabaa kan dubbate yoomi? Kun kan taʼe waggoota kumaan lakkaaʼamaniin dura dhaaba Eeden keessatti dha. Hiriyoonni gaaʼelaa warri jalqabaa Addaamii fi Hewaan Jannata Uumaan isaanii isaanif qopheesse keessa gammachuudhaan jiraatu turan. Diyaabilos dhimma kana keessa kan gale yeroo kanatti ture. Waaqayyo hiriyoonni gaaʼelaa kun “ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan” irraa akka hin nyaanne akka isaan ajajee fi ajaja kana immoo yoo cabsan akka duʼan ni beeka ture. Taʼus, Seexanni bofatti fayyadamuudhaan Hewaaniin matumaa, “Hin duutan [soba isa jalqabaa]; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” ishiidhaan jedhe.—Uma. 2:15-17; 3:1-5. w18.10 6 key. 1-2

Dilbata, Guraandhala 16

Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu.—Mat. 5:8.

Garaan keenya qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuuf, keessa keenyatti qulqulluu taʼuu, akkasumas jaalalaa fi hawwii qulqulluu horachuu qabna. Karaa hafuuraa qulqulluu taanee Yihowaadhaaf buluu akka dandeenyuuf, yaada keenya qulqulluu goonee eeguu qabna. (2 Qor. 4:2; 1 Xim. 1:5) Haa taʼu malee, ‘namni [Waaqayyoon] argee jiraachuu hin dandaʼu’ erga taʼee, warri garaa qulqulluu qaban ‘Waaqayyoon kan argan’ akkamitti? (Bau. 33:20) Jechi Afaan Giriikii, ‘arguu’ jedhamee hiikame, “yaadaan arguu, hubachuu, beekuu” yaada jedhu qabaachuu dandaʼa. Warri ‘ija garaa isaaniitiin’ Waaqayyoon argan, warra dhugumaan isa beekanii fi amalawwan isaa dinqisiifatani dha. (Efe. 1:18) Waaqeffattoonni dhugaan amalawwan Waaqayyoo beekuu isaanii malees, wanta inni isaaniif godhe hubachuudhaan ‘Waaqayyoon arguu’ dandaʼu. (Iyo. 42:5) Kana malees, ‘iji garaa isaanii’ eebba dinqisiisaa Waaqayyo warra qulqulluu taʼanii jiraachuu isaanii itti fufanii fi amanamummaadhaan isa tajaajilaniif qopheesse irratti akka xiyyeeffatu godhu. w18.09 20 key. 13, 15-16

Wiixata, Guraandhala 17

Ogummaan hundumaa irra in caaltiitii ishee argadhu!—Fak. 4:7.

Wanta sirrii akka taʼe beeknu hojii irra oolchuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisa. Ogummaan beekumsa irratti kan hundaaʼe taʼus, wanta dhugaa akka taʼe beeknu qofa utuu hin taʼin, caalaatti murtoo goonu wajjin walitti dhufeenya qaba. Goondaan illee ogummaa akka qabdu ni argisiisti. Goondaan yeroo bonaatti nyaata ishii qopheeffachuudhaan uumamaan ogummaa akka qabdu ni argisiisiti. (Fak. 30:24, 25) Kiristoos inni, “ogummaa Waaqayyoo” taʼe yeroo hundumaa wanta Abbaa isaa gammachiisu raawwata. (1 Qor. 1:24; Yoh. 8:29) Waaqayyo, garaagarummaa filannaa sirrii gochuu fi filannaa sana hojii irra oolchuu gidduu jiru beeka. Akkasumas namoota gad of qabuudhaan jabaatanii dhaabatanii fi wanta dhugaa akka taʼe beekan hojii irra oolchan ni badhaasa. (Mat. 7:21-23) Kanaaf, gumiin bakka obboloonni hundi gad of qabuudhaan Yihowaa tajaajiluu itti dandaʼan akka taʼu gochuuf hojjechuu kee itti fufi. Wanta dhugaa akka taʼe beeknu hojii irra oolchuun yeroo fudhata, akkasumas obsa barbaada, taʼus, kana gochuun mallattoo gad of qabuu siʼa taʼu, kunis yeroo ammaattis taʼe bara baraaf gammachuu nuuf argamsiisa. w18.09 7 key. 18

Kibxata, Guraandhala 18

Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru . . . nama kaanii wajjin utuu wal bira of hin qabin.—Gal. 6:4.

Yihowaan ilmaan namootaa erga uumee booda, isaa wajjin akka hojjetan barbaada ture. Yeroo ammaatti ilmaan namootaa mudaa kan qaban taʼus, namoonni amanamoon amma illee guyyaa hundumaa Yihowaa wajjin hojjechuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, misiraachoo Mootummaa isaa lallabuu fi barattoota gochuudhaan, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu’ dandeenya. (1 Qor. 3:5-9) Hojii Waaqni inni hundumaa dandaʼu iddoo guddaa kennuuf kana irratti isaa wajjin hojjechuun mirga guddaa dha! Taʼus, Yihowaa wajjin kan hojjennu lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuudhaan qofa miti. Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu kan biroon immoo maatii keenyaa fi obboloota keenya gargaaruu, keessummoota simachuu, hojii tiʼookraasii irratti fedhiidhaan hirmaachuu fi tajaajila keenya balʼifachuu dha. (Qol. 3:23) Haa taʼu malee, wanta warri kaan Yihowaadhaaf gochuu dandaʼan wanta isin isaaf gochuu dandeessanii wajjin wal bira qabdanii hin madaalinaa. Umuriin, haalli fayyaa, haalli keessa jiranii fi dandeettiin namootaa garaa gara taʼuu isaa yaadadhaa. w18.08 23 key. 1-2

Roobii, Guraandhala 19

Isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa.—An. 2:3.

Yihowaan gaaffiiwwan isaatiif deebii akka argatu isaaf mirkaneessuudhaan Anbaaqomiin jajjabeesseera. Yaaddoo isaa hundumaa irraa utuu hin turin walaba taʼa. Kana jechuun Waaqayyo raajii isaatiin, “Obsa qabaadhu, ana amani. Kan ture yoo fakkaate illee deebiin koo ni dhufa!” akka jedhetti lakkaaʼama. Yihowaan abdii kenne raawwachuuf yeroo murteesse akka qabu isa yaadachiiseera. Anbaaqom hamma inni kaayyoo isaa raawwatutti akka eeggatu isa gorseera. Raajiin kun dhuma irratti wanti inni eege utuu hin raawwatamin hafee abdii hin kutatu. Yihowaa obsaan eeggachuu fi wanta inni nutti dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenya, rakkinni gara garaa yoo nu irra gaʼe iyyuu amanannaa fi garaa tasgabbaaʼaa nuuf argamsiisa. Yesuus “Yeroo yookiin waqtii” Waaqayyo hamma ammaatti ifa hin goone irratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan yeroo eeguu irratti hunda kan caalu taʼuu isaa amanannaa qabaachuu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. (HoE. 1:7) Kanaaf, abdii kutachuu hin qabnu, kanaa mannaa, gad of qabuu, amantii fi obsaan eeguudhaan hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluuf yeroo keenya akka gaariitti itti haa fayyadamnu.—Mar. 13:35-37; Gal. 6:9. w18.11 16 key. 13-14

Kamisa, Guraandhala 20

Nama tokkoon illee xuraaʼaa yookiin qulqulluu kan hin taane jedhee waamuu akkan hin qabne Waaqayyo anatti argisiiseera.—HoE. 10:28.

Akkuma Yihudoota bara isaatti turan kaanii, Pheexirosis namoota Yihudoota hin taʼin qulqulluu akka hin taane amana ture. Taʼus, taʼeewwan ilaalcha isaa kana akka sirreessu isa taasisan isa mudataniiru. Fakkeenyaaf, Pheexiros mulʼata dinqisiisaa argeera. (HoE. 10:9-16) Jibbi halaalaa xinnoon illee garaa keenya keessa jiraachuu isaa beekuuf of eeggannoodhaan of qoruu fi gargaarsa warra kaanii fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna. Kan biraa hoo maal gochuu dandeenya? Garaa keenya balʼisnee yoo banne, halaalatti nama jibbuun jaalalaan akka bakka buʼu heyyamna. (2 Qor. 6:11-13) Namoota sanyii kee, qomoo kee, lammii kee fi gosa kee taʼan ykn qooqa kee dubbatanii wajjin qofa michoomuun barsiifata sitti taʼeera? Taanaan ilaalcha kee balʼifadhu. Namoota akkaataa guddinaa si irraa adda taʼe qabanii wajjin waliin tajaajiluuf maaliif isaan hin gaafattu? Nyaata isaan afeeruuf ykn isaanii wajjin taphachuuf maaliif mana keetti isaan hin afeertu? (HoE. 16:14, 15) Akkas kan gootu yoo taʼe, garaan kee jaalala guddaadhaan waan guutamuuf jibba halaalaatiif iddoo hin qabaatu. w18.08 9-10 key. 3, 6-7

Jimaata, Guraandhala 21

Gufuu taʼuu irraa of qusadhaa.—1 Qor. 10:32.

Dhugaa Baatonni tokko tokko namootuma addunyaa fakkaatu. Fakkeenyaaf, shubbisnii fi gochi isaan qophiilee bashannanaa irratti argisiisan, Kiristiyaanota biratti fudhatama kan hin qabne dha. Akkasumas suuraa fi yaada namoota hafuuraa taʼuu isaanii hin argisiisne weeb saayitii hawaasaa irratti gadhiisu. Kanaaf, obboloota umurii isaanii irra jiranii fi saba Yihowaa gidduutti amala gaarii qabaatanii jiraachuuf carraaqan irratti dhiibbaa gadhee geessisuu dandaʼu. (1 Phe. 2:11, 12) Addunyaan “hawwiin foonii, hawwiin ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuun” gar malee akka babalʼatu gochaa jira. (1 Yoh. 2:16) Nuti garuu kan Yihowaa waan taaneef, “wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu” gorsi nuuf kennameera. (Tit. 2:12) Wanti goonu hundi, jechuunis akkaataan itti dubbannu, akkaataan itti nyaannuu fi dhugnu, akkaataan uffannaa keenyaa fi akkaataan itti of miidhagsinu, barsiifanni hojii keenyaa namoonni nu ilaalan nuti namoota Yihowaadhaaf guutummaatti bulle akka taane ifatti akka hubatan gochuu qaba. w18.07 25 key. 13-14

Sanbadduraa, Guraandhala 22

Hamma Waaqayyo gooftaan keenya araara nutti argisiisutti, iji keenya gara isaa in ilaala.—Far. 123:2.

Iji keenya gara Yihowaa ilaaluu isaa kan itti fufu yoo taʼe, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu hin mancaasnu ykn wanta namoonni kaan godhaniin kan kaʼe hin aarru. Kun keessumaa jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa guddaa kan qabnu yoo taʼe baayʼee barbaachisaa dha. Hundi keenya ‘sodaa fi romʼaan fayyina keenya mirkaneessuuf carraaqqii cimaa gochuu keenya itti fufuu’ kan nu barbaachisu taʼus, Yihowaan qajeelfama gogaa bilisummaa dhabsiisuun akka nutti hin murteessine yaadachuu qabna. (Filp. 2:12) Haa taʼu malee, itti gaafatamummaa dabalataa argachaa yommuu deemnu, wanti nu irraa eegamus dabalaa deema. (Luq. 12:48) Dhugumaan Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe garuu, wanti kam iyyuu nu hin gufachiisu ykn jaalala isaa irraa gargar nu baasuu hin dandaʼu. (Far. 119:165; Rom. 8:37-39) Yeroo rakkisaa taʼe kanatti, fedha isaa hubachuu akka dandeenyuuf, iji keenya gara Waaqa isa ‘bantiiwwan waaqaa keessa teessoo irra jiruu’ ilaaluu isaa itti haa fufu. (Far. 123:1) Gochi namoota kaanii, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu akka nu jalaa mancaasu matumaa heyyamuu hin qabnu. w18.07 16 key. 19-20

Dilbata, Guraandhala 23

[Namoonni] Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.

Sabni Yihowaa lakkoofsaan dabalaa akka deemu dhagaʼuun baayʼee nama gammachiisa! Bara 2017⁠tti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa 10,000,000 ol taʼe geggeessineerra. Kun dhugumaan sabni Waaqayyoo ifni isaa akka ifu gochaa akka jiru argisiisa! Kana malees, waaʼee namoota haaraa miliyonaan lakkaaʼamanii fi fedhii argisiisuudhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamanii yaaduu dandeenya. Isaan jaalala Waaqayyo isa yeroo inni furiin akka dhihaatu godhetti argisiise barachuu dandaʼaniiru. (1 Yoh. 4:9) Waaqeffattoonni Yihowaa addunyaa mara irra jiran qooqa adda addaa hedduu dubbatu. Taʼus, kun Yihowaa Abbaa keenyaaf tokkummaadhaan galata akka hin galchine nu hin dhowwu. (Mul. 7:9) Afaan dhalootaa keenya maal iyyuu yoo taʼe ykn bakka kam iyyuu kan jiraannu yoo taʼe, “addunyaa [kana] keessatti akka ibsitoota ifaa” ibsuu dandeenya. (Filp. 2:15) Guddina dabalaa jiru arguun keenya, tokkummaan keenyaa fi carraaqqiin dammaqinaan jiraachuuf goonu hundi, namoonni Yihowaadhaaf ulfina akka kennan gochuu irratti gumaacha godha. w18.06 21 key. 1-3

Wiixata, Guraandhala 24

Rabbii, nyaadhu malee.—Yoh. 4:31.

Deebiin inni kenne maree hafuuraa sanaan qabamee waan tureef, waaʼee beelaa akka hin yaadanne kan argisiisu ture. Dubartii Samaariyaatiif lallabuun illee fedha Abbaa isaa ture; kun immoo isaaf akkuma nyaataa ture. (Yoh. 4:32-34) Yaaqoobii fi Yohaannis garuu barumsa kana hin hubanne turan. Yeroo Yesuusii wajjin Samaariyaa keessa deemaa turanitti, barattoonni mandara Samaariyaa tokko keessa buluu barbaadan. Warri Samaariyaa isaan simachuu yommuu didanitti, Yaaqoobii fi Yohaannis aariidhaan ibidda samii irraa buusanii guutummaa mandaratti balleessuuf gaafatanii turan. Yesuus garuu cimsee isaan ifate. (Luq. 9:51-56) Mandarri isaan simachuu dide kun mandara Yohaannisii fi Yaaqoob itti dhalatan Galiilaa utuu taʼee, ibiddaan akka gubattu yaada dhiheessuu laata jennee yaaduun keenya hin oolu. Jibbi halaalaa isaan qaban diinummaan isaanii akka itti caalu waan godhe fakkaata. Yohaannis ergamaan yeroo booda duula lallabaa milkaaʼaa Samaariyaa keessatti yommuu raawwate, kanaan dura dafee isaanitti aaruu isaatti gaabbee taʼuu dandaʼa.—HoE. 8:14, 25. w18.06 10-11 key. 12-13

Kibxata, Guraandhala 25

Saqqii dhugaatiin mudhii keessan [hidhachuudhaan] . . . jabaadhaa dhaabadhaa.—Efe. 6:14.

Dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti yeroo hidhannu yeroo hundumaa dhugaa kana wajjin haala wal simuun jiraachuu fi dhugaa dubbachuuf kakaana. Soba dubbachuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi? Sobni Seexanaaf meeshaa waraanaa hunda caalaa buʼa qabeessa taʼe waan taʼeefi. Sobni, isa dubbatus taʼe isa soba sana amanu ni miidha. (Yoh. 8:44) Kanaaf, hamma nuu dandaʼametti soba dubbachuu irraa fagaachuu qabna. (Efe. 4:25) Garuu akkas gochuun salphaa miti. Shamarreen waggaa 18 Abigaaʼel jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa dubbachuun yeroo hunda waan fayyadu hin fakkaatu, keessummaa immoo soba dubbachuun haala rakkisaa keessaa kan nu baasu yoo taʼe baayʼee ulfaataa dha.” Dhugaa dubbachuu kan qabnu maaliifi? Shamarreen umurii waggaa 23 Viiktooriyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa yeroo dubbattuu fi amantii keetiif yeroo dhaabattu miidhaan si irra gaʼuu dandaʼa. Taʼus yeroo hunda faayidaawwan nama dinqisiisan argatta: Ofitti amanamummaan kee ni dabala, caalaatti Yihowaatti akka dhihaatte sitti dhagaʼama, akkasumas namoonni si jaallatan si kabaju.” Dhuguma iyyuu, yeroo hundumaa ‘saqqii dhugaatiin mudhii keenya hidhachuun’ baayʼee kan nama kiisu dha. w18.05 28 key. 3, 5

Roobii, Guraandhala 26

Dammaqaa eegaa.—Mat. 24:42.

Yeroo rakkisaan kun caalaatti mancaʼaa yommuu deemu kanatti, hundi keenya dammaqinaan eeguu nu barbaachisa. Yihowaan tarkaanfii kan fudhatu yeroo sirrii taʼetti dha. (Mat. 24:42-44) Hamma yeroo sanaatti garuu obsa qabaadhaa, isa kanaan duraa caalaa dammaqinaan jiraadhaa. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisaa; kadhannaa wajjin haala wal qabateenis dammaqoo taʼaa. (1 Phe. 4:7) Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota dammaqinaan eeguu fi ifa isaanii ibsuudhaan gammachuu akka argatan jireenya isaaniitiin argisiisanii qalbeeffadhaa. Yihowaa tajaajiluudhaan hojiin kan isiniif baayʼate taʼaa. Namoota kaaniif hojii gaarummaa hojjedhaa, obbolootaa fi obboleettota keessanii wajjin yeroo dabarsaa. Kunis gammachuu guddaa isiniif argamsiisa, yeroonis utuma isin hin beekin ariitiidhaan darba. (Efe. 5:16) Mudaa kan qabnu taʼuun keenya, karaa fudhatama qabuun Yihowaa tajaajiluu irraa nu dhowwuu akka hin dandeenye beekuun amantii keenya nuuf cimsa. Kanaaf, Yihowaan jaarsolii gumii ‘dhiirota kennaa’ taʼan nuu kennuu isaa dinqisiifadhaa. (Efe. 4:8, 11, 12) Kana booda jaarsi tokko dhufee yommuu isin gaafatu, ogummaa isaa irraa barachuu fi gorsa inni isiniif kennu irraa fayyadamuuf carraaqaa. w18.06 24-25 key. 15-18

Kamisa, Guraandhala 27

Ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.—Yoh. 15:10.

Yesuus barattoonni isaa ‘jaalala isaa keessa jiraachuu’ akka qaban isaanitti himeera. Maaliif? Barataa Kiristoos isa dhugaa taʼuun yeroo hundumaa jabaatanii dhaabachuu kan gaafatu waan taʼeefi dha. Yesuus jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa taʼuu isaa addeessuuf, yaada gabaabaa Yohaannis 15:4-10 irra jiru irratti irra deddeebiʼee jecha ‘jiraachuu’ jedhutti fayyadameera. Maarree, jaalala Kiristoos keessa jiraachuu fi akkuma isa duratti fudhatama argannetti itti fufuu kan barbaannu taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Ajajawwan Yesuus eeguudhaani. Gabaabumatti, Yesuus ‘Anaaf ajajamaa’ jedhee nutti himeera. Taʼus, Yesuus wantuma ofii isaatii godhe akka nu gaafate yommuu dubbatu, “Akkuma ani ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu” jedheera. Yesuus gama kanaan fakkeenya taʼeera. (Yoh. 13:15) Ajajawwan Yesuus ilaalcha Abbaa isaa kan calaqqisan waan taʼaniif, ajaja Yesuus akka dhaqnuu fi akka lallabnu nuuf kenne raawwachuudhaan, nutis jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisna. (Mat. 17:5; Yoh. 8:28) Akkasumas Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallannu yommuu argisiisnu, isaanis jaalala isaanii keessa akka jiraannu nu taasisu. w18.05 18 key. 5-7

Jimaata, Guraandhala 28

Yaadni [karoorri] warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba.—Fak. 21:5.

Dargaggoonni gama barumsaatiin, hojii fi dhimmawwan kan biroo wajjin haala wal qabateen murtoo gochuu qabu. Galmawwan kee kan beektu yoo taʼe murtoo sirrii gochuun salphaa siif taʼa. Ijoollummaatti galma gaarii baafachuudhaan karoora yoo qabaatte, daftee milkaaʼina argatta. Dargaggoonni gumii addunyaa maratti argamu keessa jiran hundi miira hoʼaadhaan galateeffamuu qabu. Yihowaadhaaf of kennuudhaan jireenyi isaanii galmawwan tiʼookraasii irratti akka xiyyeeffatu godhaniiru. Dargaggoonni kun jireenyatti gammadoo dha, akkasumas wanta hojjetan hundumaa irratti qajeelfama Yihowaa hordofuu barachuuf tattaafatu. Kun immoo jireenya maatii dabalata. Solomoon, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu. . . . Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedhee barreesseera. (Fak. 3:5, 6) Dargaggoonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran Yihowaa isa isaan jaallatu, isaan eegu, qajeelfama isaaniif kennuu fi isaan eebbisu duratti iddoo guddaa qabu. w18.04 26-27 key. 7, 9

Sanbadduraa, Guraandhala 29

[Wal jaalladhaa]; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.

Yohaannis ergamaanis gumii Kiristiyaanaa bara durii keessatti utubaa ture. Seenaan inni tajaajila Yesuus ilaalchisee Wangeela keessatti barreesse baroota hedduudhaaf Kiristiyaanotaaf madda jajjabinaa taʼeera; yeroo harʼaattis isaan jajjabeessaa jira. Yesuus mallattoon barattoota isaa warra dhugaa adda baasee beeksisu jaalala taʼuu isaa akka dubbate kan ibsu Wangeela Yohaannis qofa dha. (Yoh. 13:35) Xalayaawwan sadan Yohaannis barreesse dhugaawwan gatii guddaa qaban dabalataa of keessatti qabataniiru. Baʼaan cubbuu yommuu nutti ulfaatu yaada, “Dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jedhu dubbisuun keenya boqonnaa nuuf hin argamsiisuu? (1 Yoh. 1:7) Garaan keenya nu ceephaʼuu isaa yeroo itti fufu immoo, yaada “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala” jedhu dubbisuun keenya nu hin jajjabeessuu? (1 Yoh. 3:20) Kana malees, “Waaqayyo jaalala” akka taʼe kan barreesse Yohaannis qofa dha. (1 Yoh. 4:8, 16) Xalayaa isaa isa lammaffaa fi sadaffaa keessatti immoo, Kiristiyaanota “dhugaadhaan deddeebiʼuu” isaanii itti fufan galateeffateera.—2 Yoh. 4; 3 Yoh. 3, 4. w18.04 18 key. 14-15

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi