LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 118-128
  • Muddee

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Muddee
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Muddee 1
  • Roobii, Muddee 2
  • Kamisa, Muddee 3
  • Jimaata, Muddee 4
  • Sanbadduraa, Muddee 5
  • Dilbata, Muddee 6
  • Wiixata, Muddee 7
  • Kibxata, Muddee 8
  • Roobii, Muddee 9
  • Kamisa, Muddee 10
  • Jimaata, Muddee 11
  • Sanbadduraa, Muddee 12
  • Dilbata, Muddee 13
  • Wiixata, Muddee 14
  • Kibxata, Muddee 15
  • Roobii, Muddee 16
  • Kamisa, Muddee 17
  • Jimaata, Muddee 18
  • Sanbadduraa, Muddee 19
  • Dilbata, Muddee 20
  • Wiixata, Muddee 21
  • Kibxata, Muddee 22
  • Roobii, Muddee 23
  • Kamisa, Muddee 24
  • Jimaata, Muddee 25
  • Sanbadduraa, Muddee 26
  • Dilbata, Muddee 27
  • Wiixata, Muddee 28
  • Kibxata, Muddee 29
  • Roobii, Muddee 30
  • Kamisa, Muddee 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 118-128

Muddee

Kibxata, Muddee 1

Baayʼee isaaniif gadde.—Mar. 6:34.

Amalawwan Yesuus keessaa inni caalaatti nama gammachiisu, rakkoowwan namoota mudaa qabnu mudatan hubachuu dandaʼuu isaa ti. Yesuus yeroo lafa irra turetti, ‘warra gammadanii wajjin gammaduu, warra booʼanii wajjin booʼuu’ dandaʼeera. (Rom. 12:15) Fakkeenyaaf, barattoonni isaa 70n, hojii lallabaa inni isaaniif kenne, milkaaʼinaan raawwatanii yommuu deebiʼanitti, Yesuus, “hafuura qulqulluudhaan gammadee” ture. (Luq. 10:17-21) Karaa biraa immoo, gadda guddaa duuti Alaazaar warra isa jaallatan irraan gaʼe yommuu argu, Yesuus, ‘keessa isaatti baayʼee gaddee, jeeqames’ ture. (Yoh. 11:33) Namni cubbuu hin qabne kun namoota cubbuu dhaalanitti gaarummaa akka argisiisuu fi akka garaa isaaniif laafu kan isa dandeessise maali dha? Hunda caalaa kan isa gargaare namootaaf jaalala qabaachuu isaa ti. Inni, ‘nama hundumaatti ni gammada’ ture. (Fak. 8:31) Jaalalli inni namootaaf qabu kun, akkaataa namoonni itti yaadan guutummaatti akka hubatu isa kakaaseera. Yohaannis ergamaan, ‘Inni wanta nama keessa jiru ni beeka’ jechuudhaan ibseera.—Yoh. 2:25. w19.03 20 key. 1-2

Roobii, Muddee 2

Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa.—Iyo. 1:11.

Wanta Iyoob qabu rukutuudhaan qabeenya isaa, tajaajiltoota isaa fi maqaa gaarii inni uummata biratti qabu balleesseera. Maatii Iyoob rukutuudhaan ijoollee isaa warra inni jaallatu kudhan ajjeeseera. Achiis qaama Iyoob rukutee mataa isaatii hamma miilla isaatti iita baayʼee nama dhukkubuun akka uwwifamu godheera. Haati manaa Iyoob baayʼee dhiphattee fi gaddaan moʼamtee waan turteef, Waaqayyoon abaaree akka duʼu isa gorsite. Iyoob mataan isaa duʼuu barbaadee ture, taʼus, amanamummaa isaa eegeera. Achiis Seexanni mala ittiin isa rukutu kan biraa yaale. Namoota michoota Iyoob taʼan sadiitti fayyadame. Namoonni kun guyyoota hedduudhaaf Iyoob bira kan turan taʼus, jajjabina tokko illee isaaf hin kennine. Kanaa mannaa, gara jabinaan isatti dubbatan, akkasumas isa ceephaʼan. Rakkina kan isatti fide Waaqayyo akka taʼe, akkasumas Waaqayyo amanamummaa isaa tilmaamaa keessa akka hin galchine dubbatan. Kana malees, Iyoob nama hamaa akka taʼee fi wantoonni dhiphisoon isa irra gaʼan kan isaaf malan akka taʼan illee dubbataniiru!—Iyo. 1:13-22; 2:7-11; 15:4, 5; 22:3-6; 25:4-6. w19.02 4 key. 7-8

Kamisa, Muddee 3

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti.—Far. 111:10.

Sodaan tokko tokko nuuf gaarii dha. Fakkeenyaaf, Yihowaa akka hin gaddisiisneef sodaa sirrii taʼe qabaachuu qabna. Addaamii fi Hewaan sodaa akkasii qabaataniiru utuu taʼee, Yihowaa irratti fincila hin kaasan turan. Haa taʼu malee, fincila kaasaniiru. Erga kana godhanii booda, iji isaanii kan baname siʼa taʼu, cubbamoota taʼuu isaanii guutummaatti hubatan. Ijoollee isaanitti dabarsuu kan dandaʼan cubbuu fi duʼa qofa ture. Haala keessa jiran arguu ykn hubachuu waan dandaʼaniif, qullaa taʼuu isaanitti qaanaʼuudhaan ofitti marxifataniiru. (Uma. 3:7, 21) Yihowaadhaaf sodaa sirrii qabaachuu kan qabnu taʼus, duʼa sodaannee romʼuu nu hin barbaachisu. Yihowaan karaa jireenya bara baraa itti argannu nuuf qopheesseera. Cubbuu yoo raawwannee fi dhugumaan yoo yaada geddaranne, Yihowaan dogoggora keenya nuuf dhiisa. Amantii aarsaa furii Ilma isaa irratti qabnu irratti hundaaʼee dhiifama nuuf godha. Karaan amantii keenya itti argisiisnu inni guddaan, jireenya keenya Waaqayyoof murteessuu fi cuuphamuu dha.—1 Phe. 3:21. w19.03 5-6 key.12-13

Jimaata, Muddee 4

Isaan keessaa Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, namni tokko iyyuu hin hafne.—Lak. 26:65.

Israaʼeloonni galateeffachuuf sababii hedduu qabu turan. Garbummaa jalaa bilisa kan baʼan Yihowaan Gibxii irratti Dhaʼicha Kudhan erga fidee booda dha. Achiis Waaqayyo guutummaa raayyaa Gibxii Galaana Diimaa keessatti balleessuudhaan balaa irraa isaan oolche. Israaʼeloonni baayʼee waan galateeffataniif, Yihowaa jajachuuf faarfannaa injifannoo faarfatan. Haa taʼu malee, galateeffachuu isaanii itti fufanii turanii? Israaʼeloonni rakkoowwan kan biraan yommuu isaan mudatan, wantoota gaarii Yihowaan isaaniif raawwate hundumaa yeruma sana irraanfatan. Kanaan kan kaʼes galateeffannaa akka hin qabne argisiisaniiru. (Far. 106:7) Akkamitti? “Waldaan Israaʼel guutummaatti lafa onaa sana keessatti Musee fi Aaron irratti in gunguman”; dhugaa dubbachuuf garuu kan gunguman Yihowaa irratti ture. (Bau. 16:2, 8) Yihowaan galateeffannaa dhabuu sabni isaa argisiisanitti gaddee ture. Boodas, Iyaasuu fi Kaaleb irraa kan hafe guutumaan dhaloota sanaa lafa onaa keessatti akka badu raajii dubbateera.—Lak. 14:22-24. w19.02 17 key. 12-13

Sanbadduraa, Muddee 5

Ani garraamii fi kanan gad of qabu [dha].—Mat. 11:29.

Yesuus yaadannoon duʼa isaa sirna guddaadhaan akka kabajamu qophii gochuudhaan garmalee xiyyeeffannaa ofitti hin harkisne. Kanaa mannaa, barattoonni isaa waggaatti al tokko irbaata salphaa kanaan isa yaadachuu akka qaban isaanitti himeera. (Yoh. 13:15; 1 Qor. 11:23-25) Irbaanni salphaa fi haala isaatiif mijataa taʼe kun Yesuus kan kooru akka hin taane argisiisa. Gad of qabuun amalawwan guguddaa mootiin keenya inni samii qabu keessaa tokko taʼuu isaa beekuun keenya nu gammachiisa. (Filp. 2:5-8) Gad of qabuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Fedhii warra kaanii kan ofii keenyaa dursuudhaani. (Filp. 2:3, 4) Mee galgala Yesuus yeroo dhumaatiif lafa irratti dabarse yaadaa. Yesuus yeroo muraasa booda duʼa suukanneessaa akka duʼu beeka ture; taʼus, waaʼeen ergamoota isaa amanamoo yeroo muraasa booda isaaf gadduuf jiranii baayʼee isa yaaddessee ture. Kanaaf, galgala isa dhumaa lafa irratti dabarsetti isaan barsiisuu, jajjabeessuu fi isaan tasgabbeessu irratti xiyyeeffatee ture. (Yoh. 14:25-31) Yesuus gad of qabuudhaan nageenya ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif akka yaadu argisiiseera. Kun nuuf fakkeenya hunda caalu mitii? w19.01 21 key. 5-6

Dilbata, Muddee 6

Yaa Waaqayyo, galata ani akka aarsaatti afaan kootiin jaalladhee siif dhiʼeessu fudhachuun sitti haa tolu!—Far. 119:108.

Yaada kennuuf harka kee baasuu yommuu yaaddu hundatti sodaa guddaan sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Dhugaa dubbachuuf baayʼeen keenya yommuu yaada kenninu hamma tokko sodaan nutti dhagaʼama. Dhugaa dubbachuuf sodaan akkasii gaarii taʼuu dandaʼa. Kun nama gad of qabdu akka taatee fi warri kaan akka si caalan gootee akka ilaaltu argisiisa. Yihowaan amala akkasii ni jaallata. (Far. 138:6; Filp. 2:3) Haa taʼu malee Yihowaan walgaʼii irratti akka isa jajattu, akkasumas obboloota kee akka jajjabeessitus ni barbaada. (1 Tas. 5:11) Inni si jaallata, akkasumas ija jabina si barbaachisu siif kenna. Yaadachiisawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun hundi keenya wanta dubbannuunis taʼe akkaataa itti dubbannuun dogoggora akka raawwannu ni dubbata. (Yaq. 3:2) Yihowaan nutis taane, obboloonni keenya mudaa kan hin qabne akka taanu nu irraa hin eegu. (Far. 103:12-14) Isaan karaa hafuuraa maatii keenya dha, akkasumas nu jaallatu. (Mar. 10:29, 30; Yoh. 13:35) Yaadni nuti kenninu yeroo tokko tokko sirrii taʼuu dhiisuu akka dandaʼu ni hubatu. w19.01 8 key. 3; 10-11 key. 10-11

Wiixata, Muddee 7

Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!—Lal. 12:1.

Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti kana gochuun salphaa kan taʼu yeroo hunda miti. Taʼus, matumaa kan hin dandaʼamne miti. Gargaarsa Waaqayyootiin dargaggummaa keessanitti qofa utuu hin taʼin, jireenya keessan guutuu milkaaʼina argachuu ni dandeessu. Kana fakkeenyaan ibsuuf, haala yeroo Daawit Goliyaadii wajjin wal lolettii fi yeroo Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte qabatanitti ture irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu dhihaatan, Waaqayyo ogummaa lolaaf qaban akka guddifatan ykn lolaaf akka leenjiʼan isaanitti hin himne. (Kes. 28:1, 2) Kanaa mannaa, ajajawwan isaa akka hordofanii fi isa irratti amanannaa akka qabaatan isaanitti hime. (Iya. 1:7-9) Akka ilaalcha namaatti gorsi kun buʼaa kan qabu hin fakkaatu! Haa taʼu malee, Yihowaan Kanaʼaanota irratti injifannoo hedduu akka argatan waan isaan gargaareef kun gorsa hunda caalaa gaarii taʼe ture. (Iya. 24:11-13) Eeyyee, Waaqayyoof ajajamuun amantii kan gaafatu taʼus, amantiin akkasii yeroo hundumaa milkaaʼina argamsiisa. Dhugaan kun yeroon darbaa yommuu adeemutti hin jijjiiramne. Akkuma yeroo sana ture harʼas ni hojjeta. w18.12 25 key. 3-4

Kibxata, Muddee 8

Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda.—Yoh. 6:68.

Tokko tokko kan gufatan sirreeffama hubannaa kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti qabnu irratti godhameen, kaan immoo gantootaa fi mormitoota warra amantii keenya jalʼisanii hubatan cinaa hiriiraniiru. Kanaan kan kaʼes, tokko tokko taʼe jedhanii Yihowaa fi gumii irraa ‘fagaachuu’ jalqabaniiru. (Ibr. 3:12-14) Akkuma Pheexiros ergamaan godhe utuu amantii isaanii eeggataniiru taʼee, akkasumas Yesuusitti amanamuu isaanii itti fufaniiruu taʼee baayʼee gaarii ture! Warri kaan immoo suutuma suuta wanta taʼaa jiru illee utuu hin hubatin, dhugaa dhiisaniiru. Namni suutuma suuta dhugaa dhiisu tokko, bidiruu suuta suuta qarqara galaanaa irraa fagaatu wajjin wal fakkaata. Kitaabni Qulqulluun jijjiirama akkasii ‘suuta suuta fagaachuu’ jedhee ibsa. (Ibr. 2:1) Nama taʼe jedhee dhugaa dhiisu irraa haala adda taʼeen, namni suuta suuta dhugaa irraa fagaatu tokko kana kan godhu taʼe jedhee miti. Haa taʼu malee, namni akkasii hariiroo Yihowaa wajjin qabu laaffisuudhaan hariiroo kana gara guutummaatti dhabuutti adeema. w18.11 9 key. 5-6

Roobii, Muddee 9

Namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhiʼeessu.—Far. 110:3.

Tajaajila qulqulluu dhiheessuu irratti gaʼumsa kee fooyyeffachuuf leenjiiwwan dabalataa fudhachuuf fedhii qabdaa? Akkas taanaan, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuuf ulaagaa barbaachisu guutuu dandeessa taʼa. Manni barumsaa kun obboloota karaa hafuuraa cimoo taʼanii fi tajaajila yeroo guutuu keessatti hirmaachaa jiran hojiiwwan tiʼookraasii irratti caalaatti akka hirmaatan isaan leenjisa. Obboloonni mana barumsaa kana irratti barachuu barbaadan, erga eebbifamanii booda hojii kam iyyuu fudhachuuf fedhii qabaachuu qabu. Ati hoo carraa kanatti fayyadamtee caalaatti Yihowaadhaaf hojjechuuf fedhii qabdaa? (1 Qor. 9:23) Saba Yihowaa waan taaneef, arjummaa, gaarummaa, garraamummaa fi jaalala argisiisuuf kakaana; guyyaa hundumaas waaʼee namootaa ni yaadna. Kana kan goonu yoo taʼe, nagaa fi gammachuu arganna. (Gal. 5:22, 23) Haalli keessatti argamtu maal iyyuu yoo taʼe, arjummaa Yihowaa hordofuudhaanii fi isaa wajjin hojjechuudhaan gammachuu argachuu dandeenya!—Fak. 3:9, 10. w18.08 27 key. 16-18

Kamisa, Muddee 10

Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.—Mat. 19:6.

Namni tokko, ‘Kiristiyaanonni haadha manaa isaanii hiikanii kan biraa fuudhuuf sababiin jiraa?’ jedhee gaafata taʼa. Yesuus ilaalcha wal hiikuudhaaf qabu akkas jechuudhaan ibseera: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi, ishii irratti ejja raawwata; dubartiin tokkos abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte, ishiinis ejja raawwatti.” (Mar. 10:11, 12; Luq. 16:18) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus gaaʼela kabajeera, warri kaanis akkas akka godhan barbaada ture. Namni sababa akka qabu fakkeessuudhaan haadha manaa isaa ishii amanamtuu taate hiikee kan biraa fuudhu ejja raawwata. Dubartiin takkas abbaa manaa ishii amanamaa taʼe yoo hiikte akkasuma gooti. Taʼus, hiriyaa gaaʼelaa ofii hiikuun qofti gaaʼelichi akka diigamu waan hin gooneef yaadni olitti ibsame kun dhugaa dha. Waaqayyo duratti lamaan isaanii amma iyyuu “foon tokko” dha. Kana malees, Yesuus namni haadha manaa isaa ishii amanamtuu taate hiiku tokko ejja raawwachuuf akka saaxilamtu akka ishii godhu dubbateera. Akkamitti? Yeroo sanatti, dubartiin abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte takka deggersa qarshii argachuuf jecha nama kan biraatti heerumuu akka qabdu ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Sababa kanaan hiriyaa gaaʼelaa hiikanii nama kan biraa wajjin gaaʼela dhaabbachuun ejja raawwachuu wajjin tokko dha. w18.12 11 key. 8-9

Jimaata, Muddee 11

Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega.—An. 2:1.

Anbaaqom haasaan inni Yihowaa wajjin godhe garaa isaa tasgabbeesseera. Kanaaf hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti amanannaadhaan isa eeggachuuf murtoo godheera. Anbaaqom yeroo booda, ‘[Guyyaa rakkinaa] sana arguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha’ jechuudhaan murtoo isaa kana irra deebiʼee waan ibseef, kun tarkaanfii inni yeroo muraasaaf fudhate hin turre. (An. 3:16) Murtoon Anbaaqom godhe maal nu barsiisa? Tokkoffaa, qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe matumaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya dhaabuu hin qabnu. Lammaffaa, wanta Yihowaan karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa nutti himu dhaggeeffachuu qabna. Sadaffaa, Yihowaan yeroo murteessetti rakkina keenya akka balleessu guutummaatti amanachuudhaan obsaan isa eeggachuu qabna. Akkuma Anbaaqom godhe, wanta garaa keenyaa Yihowaatti himachuu fi isa dhaggeeffachuudhaan eeggachuu keenya yoo itti fufne, nutis garaa tasgabbaaʼaa jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru ni qabaanna. Abdiin keenya obsa nuuf kenna, kun immoo rakkinni hedduun kan nu irra gaʼu taʼus gammachuu akka qabaannu nu gargaara. Abdiin, Abbaan keenya inni samii tarkaanfii akka fudhatu amanannaa nuuf kenna.—Rom. 12:12. w18.11 15-16 key. 11-12

Sanbadduraa, Muddee 12

[Dubartoonni] maal naan jedhuu fi hubannaadhaan uffata sirrii taʼe uffachuudhaan of haa miidhagsan.—1 Xim. 2:9.

Warra kaan gufachiisuu ilaalchisee ilaalchi Yihowaan qabu maali dha? Yesuus, “Namni warra xixinnoo amantii qaban kana keessaa tokko gufachiisu hundi, dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti yoo gatame isaaf wayya” jedheera. (Mar. 9:42) Jechoonni Yesuus warra kaan gufachiisuu akka laayyootti akka hin ilaalle argisiisu! Yesuus amala Abbaa isaa guutummaatti kan calaqqisiisu waan taʼeef, Yihowaanis nama gocha dantaa dhabummaa raawwachuudhaan duuka buutota Yesuus keessaa tokko gufachiisuuf akkasuma akka itti dhagaʼamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yoh. 14:9) Nuti hoo waaʼee warra kaan gufachiisuu ilaalcha Yihowaa fi Yesuus qabnaa? Ilaalcha kana kan ofii keenyaa godhanneerraa? Gochi keenya maal argisiisa? Fakkeenyaaf, uffata ykn akkaataa miidhaginaa namoota gumii keessa jiran tokko tokko aarsuu ykn fedhii saalqunnamtii kakaasuu dandaʼu tokko jaallanneerra haa jennu. Jaalala namoota hidhata amantii keenya taʼaniif qabnu, filannoo dhuunfaa uffannaa ykn akkaataa miidhaginaa tokkoof qabnu ni caalchisinaa? w18.11 25 key. 9-10

Dilbata, Muddee 13

Seexanni immoo deebisee, “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree? . . . Mee, harka kee ol fuudhiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti! Inni iyyuu mulʼinatti si arrabsa” jedhe.—Iyo. 1:9, 11.

Amanamummaan hunda keenyaaf baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amanamummaan kan isin barbaachisu Seexanni Yihowaadhaan waan morkatee fi waaʼee keessanis falmii waan kaaseefi dha. Maleekaan dhaaba Eeden keessatti fincila kaase sun maqaa Yihowaa isa gaarii balleessuuf, Waaqayyo hamaa fi ofittoo akka taʼe, akkasumas Bulchaa haqa qabeessa akka hin taane yaada argisiisu dubbateera. Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan Seexana cina dhaabachuudhaan Yihowaa irratti fincila kaasaniiru. (Uma. 3:1-6) Jireenyi Eeden keessatti jiraatan jaalala Yihowaadhaaf qaban akka cimsatan carraa hedduu isaaniif kennee ture. Haa taʼu malee yeroo Seexanni falmii kaasetti jaalalli isaanii, guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne hin taane. Boodas gaaffii kan biraan kan kaʼe siʼa taʼu, innis, namni jaalala isaaf qabuun kakaʼee Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu dandaʼu jiraa? Jecha kan biraatiin, namoonni amanamummaa argisiisuu ni dandaʼuu? kan jedhu ture. Gaaffiin kun Iyoobii wajjin haala wal qabateen ifa taʼeera. (Iyo. 1:8-11) Inni akkuma keenya mudaa kan qabu ture. Dogoggora hojjeteera. Haa taʼu malee, Yihowaan sababii amanamummaa isaatiin isa jaallateera. w19.02 3-4 key. 6-7

Wiixata, Muddee 14

Wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitate.—Mat. 13:46.

Yesuus dhugaan Mootummaa Waaqayyoo warra isa argataniif gatii guddaa akka qabu argisiisuuf, waaʼee daldalaa imaltuu callee gaarii barbaaduu fi argate tokkoo dubbatee ture. Namichi sun callee sana bitachuuf wanta qabu hundumaa ‘battaluma sanatti gurgureera.’ (Mat. 13:45, 46) Haaluma wal fakkaatuun, dhugaan Mootummaa Waaqayyoo nuti argannee fi dhugaawwan kaan Dubbii Waaqayyoo keessaa baranne hundi, gatii guddaa waan nuuf qabaniif, isaaniin argachuuf jecha aarsaa barbaachisu yeruma sana fedhii keenyaan kaffalleerra. Dhugaadhaaf iddoo guddaa kennuu keenya hamma itti fufnetti ‘matumaa hin gurgurru.’ (Fak. 23:23, NW) Kan nama gaddisiisu garuu, saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko gatii guddaa dhugaan argatan qabu arguu dadhabuu isaanii irra iyyuu gurguraniiru. Wanti akkasii matumaa nu irra hin gaʼin! Dhugaadhaaf iddoo guddaa akka kenninuu fi matumaa gurguruu akka hin barbaanne argisiisuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu, “dhugaadhaan deddeebiʼaa” jedhu hordofuu qabna. (3 Yoh. 2-4) Dhugaadhaan deddeebiʼuun, ittiin jiraachuu jechuunis jireenya keenya keessatti dursa kennuufii, akkasumas haala isaa wajjin wal simuun jireenya keenya geggeessuu dabalata. w18.11 9 key. 3

Kibxata, Muddee 15

Sabichi guyyaa torbaaf erga itti naannaʼanii booda dallaan Yerikoo amantiidhaan jige.—Ibr. 11:30.

Israaʼeloonni Yerikoo akka hin waraanne, kanaa mannaa guyyaa jaʼaaf guyyaatti al tokko guyyaa torbaffaatti immoo al torba akka marsan ajajaman. Loltoonni tokko tokko, ‘Kun yeroo fi humna qisaasessuu dha!’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Geggeessaan Israaʼel inni ijatti hin mulʼanne garuu maal gochaa akka jiru sirriitti beeka ture. Qajeelfamni kun amantii Israaʼelootaa cimsuu qofa utuu hin taʼin, loltoota Yerikoo jajjaboo taʼanii wajjin kallattiidhaan wal waraanuu irraas isaan oolcheera. (Iya. 6:2-5) Seenaa kana irraa maal baranna? Yeroo tokko tokko sababiin jaarmiyaan Yihowaa qajeelfama haaraa itti kenne guutummaatti nuuf hin galu taʼa. Fakkeenyaaf, qoʼannaa dhuunfaadhaaf, tajaajilaa fi walgaʼiiwwaniif meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuun barbaachisaa taʼuu isaa ilaalchisee jalqaba irratti gaaffiin nutti uumamee taʼuu dandaʼa. Amma garuu, yoo dandaʼame wantoota kanatti fayyadamuun gaarii taʼuu isaa hubachuu hin oollu. Kanaan dura shakkii akkamii iyyuu yoo qabaanne amma buʼaa guddina teknooloojii kanaan argame yeroo hubannu, amantiin keenyaa fi tokkummaan keenya ni cima. w18.10 23 key. 8-9

Roobii, Muddee 16

Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?—HoE. 1:6.

Abdiiwwan isaan waaʼee Masihiichaa qaban fi namoonni bartoota Yesuusiin fayyan namoonni Galiilaa shakkii malee Yesuus mootii isaanii akka taʼu akka barbaadan isaan kakaaseera. Yesuus nama dandeettii dubbachuu gaarii qabu, namoota dhukkubsatan kan fayyisu, namoota beelaʼaniif illee nyaata kennuu kan dandaʼu taʼuun isaa, inni geggeessaa gaʼumsa qabu akka taʼe godhanii akka yaadan akka isaan kakaase tilmaamuu dandeenya. Yesuus dhiirota gara 5,000 taʼan erga nyaachisee booda, miira namoota sanaa hubatee ture. “Yesuus, namoonni sun dhufanii isa qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa gara gaaraatti deeme.” (Yoh. 6:10-15) Guyyaa itti aanu, Galaana Galiilaa gamatti miirri namoota tokko tokkoo qabbanaaʼee taʼuu hin oolu. Yesuus yeroo kanatti hojiin isaa inni guddaan maal akka taʼe namoota hedduu sanaaf ibseera. Inni sabichaaf faayidaa karaa foonii argamu utuu hin taʼin, faayidaa karaa hafuuraa argamu fiduuf dhufe. Akkana isaaniin jedhe: “Nyaata baduuf hin hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisu . . . sanaaf hojjedhaa.”—Yoh. 6:25-27. w18.06 4 key. 4-5

Kamisa, Muddee 17

Inni shomboqqoo buruqfame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu.—Isa. 42:3, NW.

Yesuus miira warra abdii kutatanii fi akka shomboqqoo buruqeetti ykn foʼaa ibsaa dhaamuu jala gaʼeetti dadhabanii hubateera. Kanaaf warra kaaniif kan yaadu, akkasumas gaarummaa fi obsa kan argisiisu taʼeera. (Mar. 10:14) Dhugaa dha, nuti hubannaa fi dandeettii barsiisuu Yesuus qabu hin qabnu! Taʼus, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif akka yaadnu argisiisuu ni dandeenya, kana gochuus qabna. Kunis akkamitti akka isaan haasofsiisnu, yoom akka isaan haasofsiisnuu fi yeroo hammamiitiif akka isaan haasofsiisnu dabalata. Yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman sirna daldalaa, siyaasaa fi geggeessitoota amantii jalʼinaa fi gara jabinaan guutamaniin “cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii” jiru. (Mat. 9:36) Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun shakkitootaa fi abdii malee kan jiraatan taʼaniiru. Kanaaf jechoota filannuu fi akkaataa sagalee keenyaatiin gaarummaa fi akka namaaf gaddinu argisiisuun keenya barbaachisaa dha! Dhugaa dubbachuuf namoonni baayʼeen ergaa keenya kan fudhatan beekumsa Kitaaba Qulqulluu qabnuun ykn ragaa dhiheessinuun utuu hin taʼin gaarummaa waan isaanitti argisiisnuu fi waan isaaniif yaadnuufi dha. w18.09 31-32 key. 13-14

Jimaata, Muddee 18

Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.—Mat. 5:3.

Wanta hafuuraa akka dheebonnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Nyaata hafuuraa soorachuudhaan, wantoota hafuuraatiif iddoo guddaa kennuu fi Waaqa gammadaa waaqeffachuuf dursa kennuudhaan kana gochuu dandeenya. Tarkaanfiiwwan kana yoo fudhanne gammachuun keenya ni guddata. Abdiin Waaqayyo kenne akka raawwatamu amantii qabnu ni cimsanna. (Tit. 2:13) Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuun, wantoota gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf barbaachisan keessaa isa guddaa dha. Phaawulos ergamaan, hafuuraan geggeeffamee, “Yeroo hunda Gooftaatti [Yihowaatti] gammadaa. Ammas irra deebiʼeen dubbadha, Gammadaa!” jedhee barreesseera. (Filp. 4:4) Hariiroo gaarii akkasii qabaachuuf, ogummaa Waaqayyoo argachuu nu barbaachisa. (Fak. 3:13, 18) Haa taʼu malee, gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu qofa utuu hin taʼin, hojii irra oolchuun keenyas baayʼee barbaachisaa dha. Yesuus, “Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha” jechuudhaan wantoota baranne hojii irra oolchuun keenya barbaachisaa taʼuu isaa cimsee ibseera. (Yoh. 13:17; Yaq. 1:25) Fedhii hafuuraa keenya guuttachuu fi gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf kun murteessaa dha. w18.09 18 key. 4-6

Sanbadduraa, Muddee 19

[Ephaafraan] yeroo hundumaa cimsee isiniif kadhachaa jira.—Qol. 4:12.

Ephaafraan Obboloota akka gaariitti ni beeka, akkasumas garaadhaa isaaniif yaada ture. Phaawulosii wajjin ‘hidhamee kan jiru’ taʼuun isaa wantoota karaa hafuuraa warra kaan barbaachisan akka dagatu isa hin goone. (Film. 23) Kanaafis wanta godhe qaba. Kun ofittummaa irraa walaba taʼanii warra kaaniif yaaduu kan argisiisu mitii? Keessumaa dhuunfaatti maqaa isaanii caqasnee tajaajiltoota Yihowaa warra hidhata keenya taʼaniif kadhachuun humna guddaa qaba. (2 Qor. 1:11; Yaq. 5:16) Namoota maqaa isaanii caqastee isaaniif kadhachuu dandeessu mee yaadi. Akkuma Ephaafraa, obboloonni keenya hedduun warra gumii isaanii keessa jiraniif, maatiiwwan itti gaafatamummaa guddaa qabaniif ykn warra murtoo cimaa gochuu qabaniif ykn qorumsa guddaa keessa jiraniif ni kadhatu. Kana malees, warra nama jaallatan duʼaan dhaban, warra balaan uumamaa dhiheenyatti isaan irra gaʼee fi waraana irraa oolan, akkasumas warra haala dinagdee rakkisaa taʼe keessa jiraatan yaadachuun keenya gaarii dha. Obboloonni kadhannaan keenya isaan barbaachisuu fi kadhannaa keenya irraa faayidaa argachuu dandaʼan hedduun akka jiran ifaa dha. w18.09 5-6 key. 12-13

Dilbata, Muddee 20

Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.—HoE. 20:35.

Phaawulos wanta qabnu kennuu qofa utuu hin taʼin jajjabina, gorsaa fi gargaarsa isaan barbaachisu kennuu akka dabalatu dubbachuu isaa ture. (HoE. 20:31-35) Phaawulos dubbii isaatiinis taʼe fakkeenya taʼuudhaan akka of kenninu, jechuunis yeroo, humna, xiyyeeffannaa fi jaalala keenya akka kenninu nu barsiiseera. Qorattoonni saayinsii hawaasaa irratti bobbaʼanis, kennuun namootaaf gammachuu akka argamsiisu hubataniiru. Akka barreeffamni tokko jedhetti, “namoonni warra kaaniif gaarummaadhaan wanta tokko erga raawwatanii booda gammachuun isaanii guddaa akka dabale gabaasaniiru.” Akka qorattoonni jedhanitti, namoota kan biraa gargaaruun “fedhii buʼuuraa ilmaan namootaa waan guutuuf,” jireenya “kaayyoo guddaa fi hiikkaa qabu” qabaachuuf baayʼee barbaachisaa dha. Kanaaf, hayyoonni yeroo baayʼee fayyaa isaanii fi gammachuu isaanii akka dabaluuf hojii tola ooltummaa akka raawwatan namoota jajjabeessu. Kun garuu namoota Kitaaba Qulqulluu akka Dubbii Yihowaa isa Uumaa ilmaan namootaa jaalala qabeessa taʼetti fudhataniif wanta haaraa miti.—2 Xim. 3:16, 17. w18.08 22 key. 17-18

Wiixata, Muddee 21

Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.—Yoh. 7:24.

Isaayaas raajii waaʼee Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos dubbatutti fayyadamee, wanta garaa keenya gammachiisuu fi nu jajjabeessu dubbateera. Isaayaas, “faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu” jechuudhaan waaʼee Yesuus raajii dubbateera. Inni “warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada.” (Isa. 11:3, 4) Kun kan nu jajjabeessu maaliifi? Addunyaa loogii fi halaalatti nama jibbuudhaan guutame keessa waan jiraannuufi. Hundi keenya iyyuu Abbaa Murtii mudaa hin qabnee fi wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼee hin murteessine qabaachuu barbaanna! Guyyaa hundumaa namootaa wajjin haala wal qabateen murtoo goona. Taʼus namoota mudaa qabnu waan taaneef, akka Yesuusitti murtoo guutummaatti sirrii taʼe murteessuu hin dandeenyu. Wanti ijaan arginu dhiibbaa nu irratti godha. Taʼus, Yesuus yeroo lafa irra turetti ajaja akkana jedhu kenneera. Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus fakkeenya isaa akka hordofnuu fi wanta alaan mulʼatu ilaallee namootatti akka hin murteessine barbaada. w18.08 8 key. 1-2

Kibxata, Muddee 22

Sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhagaʼa.—Isa. 30:21.

Dhugaa dha, Waaqayyo yeroo harʼaa samii irraa nutti hin dubbatu. Haa taʼu malee, Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu isa barreeffamaan jiru kan nuuf kenne siʼa taʼu, karaa kanaan qajeelfama nuuf kenna. Kana malees, Yihowaan, ‘Bulchaan amanamaan’ tajaajiltoota isaatiif nyaata kennuu isaa akka itti fufu hafuura isaatiin isa gargaara. (Luq. 12:42) Karaa barreeffamoota maxxanfamanii, karaa intarneetii, akkasumas wantoota viidiyoo fi sagaleedhaan qophaaʼaniin nyaata hafuuraa hedduu arganna! Dubbiin Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame, Yihowaan waan hundumaa akka toʼatu, akkasumas miidhaa Seexannii fi addunyaan isaa nu irraan gaʼan kam iyyuu akka sirreessu amanannaa nuuf haa kennu. Akkasumas sagalee Yihowaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf haa murteessinu. Kana kan goonu yoo taʼe, rakkoowwan nu irra gaʼaa jiranii fi gara fuulduraatti nu irra gaʼan kam iyyuu akka gaariitti dandamachuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, wanta inni abdachiise sana argachuuf jabaattanii dhaabachuun isin barbaachisa” jechuudhaan nu gorsa.—Ibr. 10:36. w19.03 13 key. 17-18

Roobii, Muddee 23

[Yihowaan Iyaasuudhaan akkana jedhe] Museen garbichi koo duʼeera; egaa amma atii fi sabni kun hundinuu kaʼaatii laga Yordaanos kana ceʼaa.—Iya. 1:1, 2.

Waggoota hedduudhaaf Israaʼeloota geggeessaa kan ture Musee waan taʼeef, Iyaasuun sabni Waaqayyoo geggeessummaa kootiif deebii akkamii kennu laata? gaaffiin jedhu isatti uumamee taʼuu dandaʼa. (Kes. 34:8, 10-12) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko Iyaasuu 1:1, 2 ilaalchisee, “Bara duriittis taʼe bara keenyatti, yeroon aangoon nama tokko irraa nama kan biraatti itti darbu baayʼee rakkisaa dha” jedheera. Iyaasuun sodaachuuf sababii gaʼaa kan qabu taʼus, guyyoota muraasa gidduutti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhateera. (Iya. 1:9-11) Waaqayyotti amanamuun isaa sirrii ture. Akka seenaan Kitaaba Qulqulluu ibsutti, Yihowaan Iyaasuu fi saba isaa Israaʼel maleekaa bakka buʼaa isaa taʼe tokkoon geggeesseera. Maleekaan kun Dubbicha jechuunis Ilma Waaqayyoo isa angafa ture jennee yaaduun keenya sirrii dha. (Bau. 23:20-23; Yoh. 1:1) Yihowaan sabichi jijjiirama Iyaasuun geggeessaa isaanii taʼuu isaatiin dhufe akka fudhatan isaan gargaareera. w18.10 22-23 key. 1-4

Kamisa, Muddee 24

Macaafni seenaa waaʼee warra isa sodaatanii . . . fuula isaa duratti caafameera.—Mil. 3:16.

Yihowaan namoota fedhiidhaan isa tajaajilaniif beekamtii kennuudhaan, maqaa isaanii ‘macaafa seenaa’ irratti galmeessa. Maqaan keenya ‘macaafa seenaa’ Yihowaa keessatti barreeffamuun isaa dirqama tokko tokko nutti fida. Miilkiyaas Yihowaa ‘sodaachuu fi maqaa isaatiif ulfina kennuu’ akka qabnu ifatti caqaseera. Qaama ykn wanta kan biraa kam iyyuu yoo waaqeffanne garuu, maqaan keenya kitaaba Yihowaa irraa haqamuu dandaʼa! (Bau. 32:33; Far. 69:28) Yihowaadhaaf of murteessuun keenya fedha isaa raawwachuuf waadaa galuu fi bishaaniin cuuphamuu caalaa wanta dabalatu hedduu qaba. Tarkaanfiiwwan kun siʼa tokko qofa kan fudhatamani dha; Yihowaa waaqeffachuun garuu kutaa jireenya keenyaa ti. Saba Yihowaa taanee isa cinaa dhaabachuun immoo, hamma lubbuudhaan jiraannetti, ammas taʼe gara fuulduraatti isaaf ajajamuu keenya itti fufuu gaafata.—1 Phe. 4:1, 2. w18.07 23-24 key. 7-9

Jimaata, Muddee 25

Amma barumsa isa jalqabaa waaʼee Kiristoos ibsu irra waan darbineef, gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii cimaa haa goonu.—Ibr. 6:1.

Kun immoo akkasumaan kan dhufu miti. Utuu wal irraa hin kutin “carraaqqii cimaa” gochuu gaafata. Gara bilchinaatti deemuun beekumsaa fi hubannaadhaan guddachuu kan dabalatu dha. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu muraasa akka dubbisnu yeroo hunda kan jajjabeeffamnus kanaafi. (Far. 1:1-3) Ati hoo galma kana baafatteettaa? Dubbisni akkasii seeraa fi qajeelfama Yihowaa ilaalchisee hubannaa guddaa isiniif argamsiisa; akkasumas Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan akka hubattan godha. Kiristiyaanotaaf seerri hunda irra caalu seera jaalalaa ti. Yesuus barattoota isaatiin, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedhee ture. (Yoh. 13:35) Obboleessa Yesuus kan taʼe Yaaqoob, jaalalli “seera Mootichaa” akka taʼe dubbateera. (Yaq. 2:8) Phaawulosis, “Namni nama jaallatu seera hundumaa hojii irra oolcha” jedheera. (Rom. 13:10) Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala dha” waan jedhuuf, jaalala ilaalchisee ibsi akkasii kennamuun isaa nama hin dinqisiisu.—1 Yoh. 4:8. w18.06 19 key. 14-15

Sanbadduraa, Muddee 26

Isaan akka inni keessa baʼee isatti hadhaaʼu waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin [“utuu itti hin yaadin,” NW] dubbate.—Far. 106:33.

Israaʼelonni kan aarsan Yihowaa taʼee utuu jiruu, kan keessa baʼee isatti hadhaaʼe garuu Musee ture. Of toʼachuu dhiisuun isaa, miidhaa geessisu utuu tilmaama keessa hin galchin akka dubbatu godheera. Museen gochi namoota kaanii, iji isaa Yihowaa irratti xiyyeeffachuu isaa akka itti hin fufne akka godhu heyyameera. Israaʼeloonni jalqaba irratti waaʼee bishaanii yommuu gungumanitti, Museen wanta sirrii taʼe raawwateera. (Bau. 7:6) Israaʼeloota hin ajajamnee wajjin waggoota kudhaniin lakkaaʼaman erga dabarsee booda garuu, dadhabee fi abdii kutate taʼuu dandaʼa. Museen karaa Yihowaadhaaf ulfina itti kennuu dandaʼu irratti yaaduu mannaa, adda durummaadhaan miira isaa irratti xiyyeeffatee turee laata? Raajiin amanamaa akka Musee jiru xiyyeeffannaan isa erga hihhiramee fi erga gufatee, nuunis haalli wal fakkaataan akkasii salphaatti nu mudachuu dandaʼa. Akkuma Musee, nutis biyya akka fakkeenyaatti ibsame, jechuunis addunyaa haaraa Yihowaan nu galchuuf abdachiisetti galuuf jenna. (2 Phe. 3:13) Eenyuun keenya iyyuu mirga addaa kana dhabuu hin barbaannu. Mirga kana argachuuf garuu, fedha Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuudhaan, yeroo hunda iji keenya isa irratti akka xiyyeeffatu gochuun nu barbaachisa.—1 Yoh. 2:17. w18.07 15 key. 14-16

Dilbata, Muddee 27

Isa hamaa sana [mootaniittu].—1 Yoh. 2:14.

Seexanni wanta namoonni gochuu hin barbaanne akka godhan dirqisiisuu hin dandaʼu. (Yaq. 1:14) Namoonni baayʼeen utuu hin beekin wanta kaayyoo Seexanaa wajjin wal simu raawwatu. Dhugaa erga baratanii booda garuu, tokkoon tokkoon isaanii eenyuun tajaajiluu akka barbaadan filatu. (HoE. 3:17; 17:30) Waaqayyoon tajaajiluuf kan murteessinu yoo taʼe, Seexanni amanamummaa keenya balleessuu hin dandaʼu. (Iyo. 2:3; 27:5) Seexannii fi jinniiwwan wanta gochuu hin dandeenye kan biraas qabu. Fakkeenyaaf, sammuu ykn garaa nama tokkoo beekuu akka dandaʼan Kitaaba Qulqulluu keessatti wanti dubbatame hin jiru. Kana gochuu kan dandaʼan Yihowaa fi Yesuus qofa akka taʼan ibsameera. (1 Sam. 16:7; Mar. 2:8) Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal simu kan dubbannu ykn kan raawwannu yoo taʼe, Yihowaan, Seexanni miidhaa guddaa nu irra akka geessisu akka isaaf hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 34:7) Diina keenya beekuun nu barbaachisa; isa sodaachuu garuu hin qabnu. Gargaarsa Yihowaatiin, ilmaan namootaa cubbamoo taʼan illee Seexana mooʼuu ni dandaʼu. Seexana kan morminu yoo taʼe inni nu irraa baqata.—Yaq. 4:7; 1 Phe. 5:9. w18.05 26 key. 15-17

Wiixata, Muddee 28

Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus [“karoorfattus,” NW] fiixaan siif in baʼa.—Fak. 16:3.

Dhimma guddaa tokkoof gara magaalaa fagoo jiru tokkoo deemuuf karoorfatte haa jennu. Bakka sana gaʼuuf otoobisiidhaan karaa dheeraa deemuu gaafata. Dhaaba otoobisii keessa otoobisii hedduutu jira. Bakka yaadde sana gaʼuuf, otoobisii bakka deemuu barbaadde sana deemu yaabbachuun kee baayʼee barbaachisaa dha! Otoobisii bakka biraa deemu kam iyyuu yaabbachuu jechuun kallattii dogoggoraatti deemaa jirta jechuu dha. Dargaggoota yeroo harʼa jiranis haala fakkaatutu isaan mudata, garuu otoobisiidhaan utuu hin taʼin, jireenya isaanii keessatti daandii dheeraa deemuuf dirqamu. Dargaggoonni yeroo tokko tokko carraa hedduun akka isaaniif dhihaatee fi murtoo hedduun akka isaan mudate isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dargaggootaa, jireenya keessan keessatti eessa dhaquu akka barbaaddan ilaalchisee yaada gaarii yoo qabaattan adeemsi kun salphaa akka isiniif taʼu godha. jireenyi keessan fedhii Yihowaa gammachiisuuf qaban irratti akka xiyyeeffatu gochuu ni barbaadduu? Kana jechuun jireenya keessan hunda keessatti, jechuunis barumsa, hojii, itti gaafatamummaa maatii fi kan kana fakkaatan irratti Yihowaa dursuu jechuu dha. Akkasumas galmawwan hafuuraa baafachuu dabalata. Dargaggoonni Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuu isaanii itti fufan, Yihowaan jireenya isaanii keessatti milkaaʼina akka argatan gochuudhaan akka isaan eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. w18.04 25 key. 1-3

Kibxata, Muddee 29

Wayyoo! Yaa intala ko! Baayʼee na gaddisiifte, na dhiphiftes.—Abo. 11:35.

Yiftaan wareega isaa eeguudhaan jireenya ishii guutuu godoo qulqulluu keessatti akka tajaajiltuuf intala isaa ishii durba taate gara Shiilootti ni erge. (Abo. 11:30-35) Haa taʼu malee, kun Yiftaadhaaf ulfaataa ture; caalaatti immoo intala isaa ishii fedhiidhaan murtoo abbaa ishii deggerteef ulfaataa ture. (Abo. 11:36, 37) Akka kanaan ishiin mirga heerumuu, ijoollee godhachuu, akkasumas maqaa fi dhaala maatii ishii itti fufsiisuuf qabdu dhiisteetti. Kanaaf, jajjabinni baayʼee ishii barbaachisa ture. Kitaabni Qulqulluun, “Kana irraa kan kaʼe durboonni Israaʼel waggaa waggaatti guyyaa afuriif baʼanii intala Yiftaa Giilʼaadichaaf in booʼu turan; kunis biyya Israaʼel keessatti amala taʼe” jedha. (Abo. 11:39, 40) Maarree, Kiristiyaanota gaaʼela hin godhannee fi carraa kanatti fayyadamanii “wantoota Gooftaa” irratti xiyyeeffatan galateeffachuu fi jajjabeessuu hin qabnuu?—1 Qor. 7: 32-35. w18.04 17 key. 10-11

Roobii, Muddee 30

[Maleekonni] aangoo isaanii isa jalqabaa hin eegne . . . bakka jireenyaa isaanii isa sirrii [dhiisaniiru].—Yih. 6.

Maleekonni baayʼeen Seexanaa wajjin fincilaniiru. Bishaan Badiisaa dura, isaan keessaa yoo xinnaate muraasni isaanii dubartootaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan gochuudhaan kiyyoo isaa keessa isaan galcheera. Kitaabni Qulqulluun dhugaa kana fakkeenyaan yommuu ibsu jawwichi urjoota samii harka sadii keessaa harka tokko harkisee gara lafaatti akka gad darbate dubbata. (Uma. 6:1-4; Mul. 12:3, 4) Maleekonni kun maatii Waaqayyoo dhiisanii yommuu deeman, toʼannaa Seexanaa jala galaniiru. Haa taʼu malee, maleekonni fincilan kun garee hin gurmoofnee fi jeequmsa uuman qofa miti. Seexanni Mootummaa Waaqayyoo fakkeessuudhaan, mootummaa isaa kan hundeesse yeroo taʼu, mootii mootummaa kanaas of godheera. Addunyaa ijaan hin mulʼanne keessatti, Seexanni jinniiwwan isaa mootummaa isaa keessatti kan gurmeesse yeroo taʼu, aangoo isaaniif kennuudhaan akka isaa wajjin bulchan godheera. (Efe. 6:12) Seexanni jaarmiyaa isaatti fayyadamee mootummoota ilmaan namootaa hunda toʼachaa jira. w18.05 23 key. 5-6

Kamisa, Muddee 31

Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa.—Far. 16:7.

Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu yeroo tokko tokko sirreeffama inni akka abbaatti nuuf kennuun ibsama. Daawit gorsa gaarummaa irratti hundaaʼe akkasii gammachuudhaan fudhateera. Akkasumas, yaada Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan, yaada isaa kana kan ofii isaa godhateera, akkasumas dhiibbaa gaarii akka isa irratti godhu heyyameera. Isinis amantiidhaan yommuu akkas gootan, jaalalli Waaqayyoof qabdanii fi fedhiin isaaf ajajamuuf qabdan ni guddata. Kana malees karaa hafuuraa ni bilchaattu, akkasumas ni guddatu. Obboleettiin Kiristiin jedhamtu takka, “Yommuun qorannaa godhuu fi wantan dubbise irratti xiinxalu, wanta sana Yihowaan akka naaf barreesse natti dhagaʼama!” jetteetti. Jireenya keessan keessatti ilaalcha hafuuraa qabaachuun, addunyaa fi wanta gara fuulduraatti isa mudatuuf ilaalcha Waaqayyoo akka qabaattan waan isin gargaaruuf, beekumsa addaa isiniif kenna yoo jedhame arbeessuu miti. Waaqayyo beekumsaa fi hubannaa akkasii kan isiniif kennu maaliifi? Jireenya keessan keessatti wanta sirrii taʼeef dursa akka kennitan, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka gootanii fi yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan akka eeggattan barbaada!—Isa. 26:3. w18.12 26 key. 9-10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi