Sadaasa
Dilbata, Sadaasa 1
Namni nyaata kana nyaatu hundi garuu bara baraan ni jiraata.—Yoh. 6:58.
Yoo Yihowaa tajaajille carraa bara baraaf jiraachuu dabalatee, yeroo booda, wanta Addaamii fi Hewaan dhaban hundumaa argachuuf abdii qabaanna. Addaamii fi Hewaan Yihowaadhaaf jaalala guddaa utuu hin horatin waan hafaniif, isa tajaajiluu dhiisuu filataniiru. Taʼus Yihowaan, umurii dheeraa jiraatanii ijoollee akka godhatanii fi ulaagaa mataa isaaniitiin ijoollee isaanii akka guddisan isaaniif heyyameera. Murtoon Addaamii fi Hewaan Yihowaa irraa addaan baʼuuf godhan wanti inni geessise, utuma baayʼee hin turin gowwoota akka turan ifa godheera. Ilmi isaanii inni hangafaa obboleessa isaa isa balleessaa hin qabne kan ajjeese siʼa taʼu, yeroo boodas, yakkii fi ofittummaan maatii ilmaan namootaa toʼateera. (Uma. 4:8; 6:11-13) Haa taʼu malee, Yihowaan ijoollee Addaamii fi Hewaan warra isa tajaajiluu barbaadan hundumaa karaa ittiin fayyisu qopheesseera. (Yoh. 6:38-40, 57) Yihowaan obsaa fi jaalala qabeessa akka taʼe caalaatti barachaa yommuu deemtu jaalalli isaaf qabdu guddachaa deemuun isaa hin oolu. Daandii Addaamii fi Hewaan filatan hordofuu diduudhaan Yihowaadhaaf of murteessuuf fedhii qabaatta. w19.03 2 key. 3; 4 key. 9
Wiixata, Sadaasa 2
Hundi keessan . . . miira walii hubadhaa.—1 Phe. 3:8.
Miira walii hubachuuf, miseensonni maatii fi hidhattoonni amantii keessanii haala akkamii keessa akka jiran hubachuuf yaalaa. Dargaggoota umurii kurnanii keessa jiraniif, warra dhukkubsataniif, maanguddootaa fi warra nama jaallatan duʼaan dhabaniif xiyyeeffannaa kennaa. Haala akkamii keessa akka jiran isaan gaafadhaa. Yeroo isaan yaada isaanii ibsan garaadhaa dhaggeeffadhaa. Haala isaan keessa jiran hubachuu keessan akka isaanitti dhagaʼamu gargaaraa. Karaa dandeessan hundaan gargaarsa gochuu akka barbaaddan ibsaa. Yommuu kana gootan, jaalala dhugaa hojiidhaan argisiisaa jirtu jechuu dha. (1 Yoh. 3:18) Warra kaan gargaaruuf yommuu yaallutti, akka haala isaatti yaada keenya jijjiiruu nu barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaas namoonni yeroo rakkinni isaan irra gaʼu wanti isaan godhan garaa gara waan taʼeefi dha. Tokko tokko dubbachuuf fedhii kan qaban siʼa taʼu, warri kaan garuu dubbachuu irraa of qusatu. Kanaaf, isaan gargaaruu akka barbaannu ibsuu kan qabnu taʼus, dhimmoota dhuunfaa taʼan gaafachuu hin qabnu. (1 Tas. 4:11) Haa taʼu malee, yeroo warri kaan yaada isaanii ifatti dubbatanitti illee, yaada isaanii irratti kan walii gallu yeroo hundaa miti. Taʼus, kun miira isaanitti dhagaʼamu akka taʼe amannee fudhachuu nu barbaachisa. Dhaggeeffachuutti kan ariifannuu fi dubbachuutti suuta kan jennu taʼuu barbaanna.—Mat. 7:1; Yaq. 1:19. w19.03 19 key. 18-19
Kibxata, Sadaasa 3
Ani baayʼisee nan sodaadhe.—Nah. 2:2.
Namoota duratti dhugaa Kitaaba Qulqulluu dubbachuu ni sodaattaa? Mee Nahimiyaa yaadadhaa. Inni mana mootummaa mootii aangoo guddaa qabu tokkoo keessa tajaajila ture. Nahimiyaan dallaanii fi karri Yerusaalem diigamanii akka jiran waan dhagaʼeef gaddee ture. (Nah. 1:1-4) Inni kan gadde maaliif akka taʼe Mootichi akka isaaf ibsu yommuu isa gaafatu hammam sodaatee taʼuu akka qabu yaadaa! Nahimiyaan yeruma sana kadhannaa dhiheesse, achiis deebii kenne. Kanaan kan kaʼes, mootichi saba Waaqayyoo gargaaruuf waan hedduu raawwateera. (Nah. 2:1-8) Mee waaʼee Yoonaasis yaadaa. Yihowaan jiraattota Nanawweetti akka inni labsu yommuu isa gaafatu, Yoonaas baayʼee sodaatee gara kallattii kan biraatti baqate. (Yon. 1:1-3) Haa taʼu malee, Yoonaas gargaarsa Yihowaatiin itti gaafatamummaa isaa raawwateera. Ergaan inni labses namoota Nanawwee keessa jiraataniif wanta gaarii hedduu raawwateera. (Yon. 3:5-10) Nahimiyaa irraa, deebii kennuu dura kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa taʼuu isaa baranna. Yoonaas irraa immoo sodaa guddaan kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe illee, Yihowaan akka isa tajaajillu akka nu gargaaru baranna. w19.01 11 key. 12
Roobii, Sadaasa 4
Namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin . . . [maatii] dhiise, yeroo ammaatti . . . dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.—Mar. 10:29, 30.
Akka dhugaa Kitaaba Qulqulluutti jiraachuuf yommuu filannu, hariiroon michootaa fi firoota keenyaa wajjin qabnu jijjiiramuu dandaʼa. Maaliif? Yesuus duuka buutota isaa ilaalchisee, “Dhugaa sanaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha” jedhee kadhateera. (Yoh. 17:17; milj.) “Isaan qulqulleessi” jechuun “adda isaan baasi” jedhamuus ni dandaʼa. Dhugaa yommuu fudhannu, addunyaa irraa adda taana, sababiin isaas sana booda akka inni barbaadu hin taanu. Wanti nuti iddoo guddaa kenninuuf waan jijjiirameef, namoonni akka adda taanetti nu ilaalu. Ulaagaa dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraanna. Nuti wal qoqqooduu kan hin uumne taʼu illee, michoonnii fi miseensonni maatii keenya tokko tokko nu irraa fagaachuu ykn amantii keenya isa haaraa mormuu illee ni dandaʼu. Garuu, kun nu hin dinqisiisu. Yesuus, “Dhuguma iyyuu, namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu” jechuudhaan dhugaa isaa beeksiseera. (Mat. 10:36) Kana malees, dhugaa bitachuu keenyaan badhaasni argannu, gatii kaffallu hunda irra baayʼee akka caalu mirkaneesseera. w18.11 6 key. 11
Kamisa, Sadaasa 5
Gumiiwwan saboota adda addaa gidduu jiran hundis isaan galateeffatu.—Rom. 16:4.
Phaawulos ergamaan obbolootaa fi obboleettota isaa dinqisiifatee kan ture siʼa taʼu, dinqisiifannaa isaa kanas akkaataa waaʼee isaanii itti dubbatuun ibseera. Kadhannaa isaa keessatti yeroo hundumaa waaʼee isaaniitiif Waaqayyoon galateeffateera. Kana malees, yeroo isaaniif barreessu, dinqisiifannaa isaa ibseera. Phaawulos Roomaa boqonnaa 16 keessaa lakkoofsa 15 warra duraa irratti maqaa Kiristiyaanota hidhata amantii isaa taʼan 27 caqaseera. Phaawulos, Phirisqillaa fi Aqiilaan isaaf jedhanii, ‘lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii akka turanii’ fi Feeban immoo Phaawulosiin dabalatee “namoota hedduudhaaf dawoo” akka taate adda baasee ibseera. Phaawulos obboloota jaallatamoo jabaatanii hojjetan kana galateeffateera. (Rom. 16:1-15) Phaawulos obboloonni isaa kun mudaa akka qaban ni beeka ture; taʼus, amalawwan isaanii warra gaggaarii irratti xiyyeeffachuuf filateera. Yaadni Phaawulos barreesse kun gumii irratti yommuu dubbifamu obboloonni kun hangam jajjabaatanii taʼuu akka dandaʼu mee yaadaa! Kanaan kan kaʼes, michummaan isaan Phaawulosii wajjin qaban caalaatti cimee akka ture hin shakkisiisu. Wanta gaarii miseensonni gumii kee dubbatan ykn hojjetaniif dinqisiifannaa qabdu yeroo hundaa ni ibsitaa? w19.02 16 key. 8-9
Jimaata, Sadaasa 6
Amanamummaa koo hin dhiisu!—Iyo. 27:5, NW.
Amanamummaa qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuu qabna jennee yaaduu qabnaa? Kana malees, dogoggora hedduu akka hojjennu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaan dogoggora keenya irratti waan hin xiyyeeffanneef, amanamummaa qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuun nu hin barbaachisu. Dubbiin Isaa, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jedha. (Far. 130:3) Inni cubbuu dhaaluu keenyaan kan kaʼe namoota mudaa qabnu akka taane waan beekuuf dhiifama nuuf godha. (Far. 86:5) Akkasumas, Yihowaan humni keenya daangeffamaa akka taʼe waan beekuuf, wanta gochuu dandeenyu caalaa nu irraa hin eegu. (Far. 103:12-14) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼuuf jaalala qabaachuun isaanii murteessaa dha. Jaalalli Waaqayyoof qabnu fi Abbaa keenya isa samiitiif amanamummaadhaan kan bulle taʼuun keenya yeroo hundumaa guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba. Yeroo qorumsi nu irra gaʼutti illee jaalalli keenya akka kana yoo taʼe amanamummaa qabna jechuu dha. (1 Sen. 28:9; Mat. 22:37) Kanaa mannaa, Yihowaan ulaagaawwan qajeeloo taʼan akka qabu waan hubatanii fi sammuun isaanii Abbaa isaanii isa samii gammachiisuu irratti waan xiyyeeffateefi dha. Jaalalli isaaf qaban murtoo godhan irratti isaaf dursa akka kennan isaan kakaaseera. Akkas gochuudhaan amanamummaa isaanii hojiidhaan argisiisaniiru. w19.02 3 key. 4-5
Sanbadduraa, Sadaasa 7
Yaada kee baʼeessa godhii eeggadhu!—Fak. 4:23.
Faayidaa wanta sirrii raawwachuun qabu yommuu hubannu hundatti, amantiin keenya caalaatti cima. (Yaq. 1:2, 3) Yihowaan ijoollee isaa keessaa tokko akka taanetti nu ilaaluu isaatti waan kooruuf, miirri gaariin nutti dhagaʼama, akkasumas hawwiin isa gammachiisuuf qabnu caalaatti cima. (Fak. 27:11) Qorumsi nu irra gaʼu hundi, abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe tajaajilaa kan jirru garaa hirʼuudhaan akka hin taane argisiisuuf carraa nuuf kenna. (Far. 119:113) Kanaa mannaa, garaa guutuudhaan jechuunis garaa ajaja isaa fi fedhii isaa raawwachuuf murteesseen Yihowaa tajaajilaa akka jirru mirkaneessina. (1 Mot. 8:61) Dogoggora ni raawwannaa? Eeyyee; nutti namoota cubbuu dhaalle dha. Kanaaf yoo gufanne fakkeenya Hisqiyaas Mootichaa haa yaadannu. Inni dogoggora raawwateera. Haa taʼu malee, inni yaada geddarateera, akkasumas “garaa guutuudhaan” Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. (Isa. 38:3-6; 2 Sen. 29:1, 2; 32:25, 26) Kanaaf, yaalii Seexanni yaada isaatiin nu faaluuf godhu irraa haa fagaannu. Akkasumas “garaa ajajamu” qabaachuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taanee jiraachuuf haa kadhannu.—1 Mot. 3:9, NW; Far. 139:23, 24. w19.01 18-19 key. 17-18
Dilbata, Sadaasa 8
Yeroo hunda . . . Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu; kunis firii hidhii keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha.—Ibr. 13:15.
Yommuu walgaʼii irratti yaada kenninu ofii keenyaaf faayidaa arganna. (Isa. 48:17) Akkamitti? Tokkoffaa, yaada kennuudhaaf galma yoo baafanne, walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼuuf ni kakaana. Akka gaariitti yommuu qophoofnu, Dubbii Waaqayyoo irratti hubannaa gad fageenya qabu arganna. Hubannaa gad fageenya qabu yoo arganne immoo, wanta baranne caalaatti hojii irra oolchina. Lammaffaa, maree godhamu irratti waan hirmaannuuf, walgaʼichatti caalaatti gammaduun keenya hin oolu. Sadaffaa, yaada kennuun carraaqqii waan gaafatuuf, walgaʼiin sun erga xumuramee yeroo dheeraa booda yaada dubbanne sana yeroo baayʼee ni yaadanna. Kana malees waaʼee amantii keenyaa yommuu dubbannu Yihowaa gammachiisna. Yihowaan carraaqqii nuti walgaʼii irratti yaada kennuuf goonu akka dhaggeeffatuu fi guddaa akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Mil. 3:16) Isa gammachiisuuf carraaqqii cimaa yommuu goonu, nu eebbisuudhaan dinqisiifannaa qabu argisiisa. (Mil. 3:10) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, walgaʼii irratti yaada kennuuf sababii gaarii qabna. w19.01 8 key. 3; 9-10 key. 7-9
Wiixata, Sadaasa 9
Wanta hamaa taʼe jibbaa; wanta gaarii taʼetti maxxanaa.—Rom. 12:9.
Seerawwan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif kenne ogummaa irratti kan hundaaʼan turan. Yihowaan seerawwan dhuma hin qabne nuuf kennuu mannaa, seera jaalalaa akka hordofnu obsaan nu barsiisa. Dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyootiin akka jiraannuu fi wanta gadhee akka jibbinu nu irraa barbaada. Lallabni Gaaraa Yesuus wanta dogoggoraaf madda taʼe irratti kan xiyyeeffatu waan taʼeef barumsa kanaaf fakkeenya taʼa. (Mat. 5:27, 28) Kiristoos Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, ilaalchi nuti qajeelummaa fi jalʼinaaf qabnu guutummaatti kan isaa wajjin akka wal simuuf addunyaa haaraa keessattis nu barsiisuu isaa itti fufa. (Ibr. 1:9) Qaamaa fi sammuudhaan cubbuu irraa akka walaba taanus nu godha. Mee yaadaa, sana booda cubbuun dhiibbaa isin irratti gochaa ykn miidhaa isin irraan geessisaa akka jiru isinitti hin dhagaʼamu. Dhuma irrattis, ‘bilisummaa ulfina qabeessa’ isa Yihowaan abdachiise argattu. (Rom. 8:21) Bilisummaan keenya ofuma isaatii guutuu taʼuu hin dandaʼu. Bilisummaan keenya guutuu taʼuu kan dandaʼu jaalala Waaqayyootiin kan geggeeffamnu yoo taʼe qofaa dha.—1 Yoh. 4:7, 8. w18.12 23 key. 19-20
Kibxata, Sadaasa 10
Inni caaffata ittiin ishee gad dhiisu harkatti kenneefii mana isaatii haa baasu!—Kes. 24:1.
Namni Israaʼel tokko haadha manaa isaa irratti ‘wanta namatti hin tolle yoo arge’ ishii hiikuu ni dandaʼa. Taʼus, Seerichi ‘wanta namatti hin tolle’ kan jedhame maal akka taʼe hin ibsine. Wanta namatti hin tolle kan jedhame wantoota xixinnoo nama aarsan tokko tokko utuu hin taʼin, wanta nama qaanessu ykn wanta cimaa taʼuu qaba. (Kes. 23:14) Kan nama gaddisiisu, bara Yesuusitti Yihudoonni hedduun “sababiidhuma taʼeen” haadha manaa isaanii hiiku turan. (Mat. 19:3) Nuti ilaalcha isaanii qabaachuu akka hin barbaanne beekamaa dha. Miilkiyaas ilaalcha Waaqayyo wal hiikuudhaaf qabu ibseera. Miilkiyaas kana kan dubbate tarii yeroo namni tokko shamarree Yihowaa hin waaqeffanne fuudhuuf jecha haxxummaadhaan ‘haadha manaa qeerrummaa’ isaa hiikuun baramaa taʼetti ture. Miilkiyaas gaaʼela ilaalchisee Waaqayyo, “Wal hiikuu nan jibba,” (NW) akka jedhe barreesseera. (Mil. 2:14-16) Kun wanta Dubbiin Waaqayyoo gaaʼela jalqabaa ilaalchisee “[Dhiirri] haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu” jechuudhaan dubbate wajjin kan wal simu dha. (Uma. 2:24) Yesuusis, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin” jechuudhaan ilaalcha Abbaan isaa gaaʼelaaf qabu akka deggeru argisiiseera.—Mat. 19:6. w18.12 11 key. 7-8
Roobii, Sadaasa 11
Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjettoonni garuu muraasa.—Mat. 9:37.
Obboloonni tokko tokko haalli isaanii iddoo fagoo deemanii akka tajaajilan isaaniif heyyameera. Obboloonni akkasii ilaalcha Isaayaas raajichaa wajjin wal fakkaatu qabu. Yeroo Yihowaan “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhee gaafatu, Isaayaas “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhee deebise. (Isa. 6:8) Ati hoo Jaarmiyaa Yihowaa keessatti gargaarsa gochuuf fedhii fi humna qabdaa? Karaawwan kamiin gargaarsa gochuu dandeessa? Yesuus hojii lallabaa fi barattoota gochuu ilaalchisee akkana jedheera: “Kanaaf Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.” (Mat. 9:38) Tarii qajeelchaa taate iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluu ni dandeessaa? Yookiin immoo namni kan biraan akkas akka godhu isa gargaaruu ni dandeessaa? Obboloonni hedduun iddoo ykn naannoo hojjettoonni makarichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun karaa gaarii Waaqayyoo fi namoota akka jaallatan itti argisiisan akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Karaan dabalataa tajaajila kee balʼisuu ykn guddisuu itti dandeessu hoo jiraa? Akkas gochuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya. w18.08 27 key. 14-15
Kamisa, Sadaasa 12
Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.—Ibr. 13:5.
Wangeelonni qabeenya jaallachuu ilaalchisee Yihowaan yaada akkamii akka qabu ni ibsu. Waaqayyo maatii Ilma isaa guddisan of eeggannoodhaan filateera. Hiriyoonni gaaʼelaa inni filate kun qabeenya muraasa kan qaban turan. (Lew. 12:8; Luq. 2:24) Yesuus yeroo dhalatetti, “bakka keessummoonni bulan keessa iddoon waan hin jirreef,” Maariyaam, “mucicha huccuudhaan martee bidiruu horiin keessaa nyaatu keessa ciibsite.” (Luq. 2:7) Yihowaan utuu barbaadeera taʼee Ilmi isaa iddoo gaarii taʼetti akka dhalatu karaa hedduu qophii gochuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, wanti isaaf barbaachisaa ture, kunuunsaa fi guddina Yesuusiif naannoo karaa hafuuraa mijataa taʼe ture. Seenaa kana irraa, ilaalcha Yihowaan qabeenyaaf qabu hubachuu ni dandeenya. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii wantoota hafuuraa aarsaa godhanii illee, qabeenya gaʼaa akka argatan barbaadu. Yihowaan garuu wantoonni hafuuraa caalaatti barbaachisaa akka taʼanitti ilaala. Isin hoo, ilaalcha Yihowaa fudhattaniittuu? Gochi keessan maal argisiisa? w18.11 24 key. 7-8
Jimaata, Sadaasa 13
Sabni gooftichi [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!— Far. 144:15.
Waaqayyo madda gammachuu waan taʼeef, gammadoo akka taanu barbaada, gammadoo akka taanuufis sababii hedduu nuuf kenneera. (Kes. 12:7; Lal. 3:12, 13) Haa taʼu malee, addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti gammadaa taʼuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliifi? Haalawwan nama dhiphisan, kan akka namni jaallatan duʼuu ykn gumiidhaa baafamuu ykn wal hiikuu ykn hojii ofii dhabuu jiran gammachuu keenya balleessuu dandaʼu. Walitti buʼiinsi maatii keessatti uumamuu fi nagaadhaan walitti dubbachuu dadhabuun miira nageenyaa keenya balleessuu dandaʼu. Namoonni waliin hojjennu ykn waliin barannu nutti qoosuun isaanii, ariʼatamni amantii ykn hidhaan gammachuu keenya xiqqeessuu dandaʼu. Kana malees, fayyaan keenya mancaʼaa deemuun isaa, dhukkubni cimaan ykn dhiphinni sammuu gammachuu keenya balleessuu dandaʼa. Taʼus Yesuus Kiristoos, “inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taʼe,” jajjabinaa fi gammachuu namootaaf kennuutti ni gammada ture. (1 Xim. 6:15; Mat. 11:28-30) Addunyaa Seexanaa keessatti qorumsawwan nama dhiphisan kan nu mudatan taʼus, Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti, amalawwan hedduu gammachuu keenyaaf gumaacha godhan ibseera. w18.09 17-18 key. 1-3
Sanbadduraa, Sadaasa 14
Warra duʼaniif of hin murmurinaa, gubbee mataa keessaniis hin haaddatinaa!—Kes. 14:1.
Aadaa fi gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne dhiisuun gatii dhugaadhaaf kaffallu keessaa hunda caalaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. (Fak. 23:23) Namoonni tokko tokko gochawwan akkasii dhiisuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu fudhachuun kan isaanitti salphatu taʼus, warri kaan garuu dhiibbaa miseensota maatii, michootaa fi hiriyoota isaanii irraa isaan irra gaʼuun kan kaʼe duubatti jedhu. Keessumaa aadaan sun sirna firoota duʼan kabajuu wajjin kan wal qabate yoo taʼe, haalli isaa miira namaa tuquu dandaʼa. Fakkeenyi ija jabinaa namoonni kaan nuuf taʼan, jijjiirama barbaachisu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Namoonni haaraan Efesoon keessatti hojii akkasii hojjechaa turanii fi amantii Kiristiyaanaa fudhatan, gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne sana dhiisanii dhugaa bitachuuf maal godhanii turan? Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “ Kitaabota isaanii walitti qabanii namoota hunda duratti guban. Gatii kitaabota kanaas yommuu shallagan gara meetii 50,000 taʼuu isaa hubatan.” (HoE. 19:19, 20) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan, aarsaa gatii guddaa qabu akkasii kaffaluudhaan eebba hangana hin jedhame argataniiru. w18.11 7 key. 15-16
Dilbata, Sadaasa 15
Sabni guutummaatti erga dhagna qabamee booddee, hamma fayyutti iddoo buufata isaa keessa ture.—Iya. 5:8.
Israaʼeloonni Laga Yordaanos ceʼanii utuu baayʼee hin turin, namni goraadee qabate tokko gara Iyaasuu dhufe. Namichi kun “angafa loltuu Waaqayyoo,” isa saba isaa oolchuuf qophaaʼe ture. (Iya. 5:13-15) Iyaasuun akkaataa Yerikoo itti qabatu ilaalchisee maleekaa isaan geggeessaa ture sana irraa qajeelfama ifaa taʼe argateera. Qajeelfama sana keessaa tokko tokko jalqaba irratti buʼa qabeessa fakkaachuu dhiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yihowaan dhiironni hundi dhagna akka qabatan ajajee kan ture siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes guyyoota muraasaaf madaaʼanii turan. (Uma. 34:24, 25; Iya. 5:2) Israaʼeloonni humni isaanii daangeffame kun, loltoonni diinaa yoo isaan weeraran maatii isaaniitiif akkamitti eegumsa akka godhan isaan yaaddessee akka ture hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, akkuma tasaa odeeffannoo “sababii Israaʼelootaaf karri mandara Yerikoo jabaatee cufamee” akka jiru ibsu dhagaʼan. (Iya. 6:1) Haalli isaa jijjiiramee wanti isaan hin eegne raawwatamuun isaa, amantiin isaan qajeelfama Waaqayyoo irratti qaban akka cimu kan godhu ture mitii? w18.10 23 key. 5-7
Wiixata, Sadaasa 16
Maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha.—HoE. 14:15.
Gad of qabuu irratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, wanta humna Yihowaatiin raawwanneef, ulfinni akka nuuf kennamu eeguu ykn fudhachuu barbaaduu irratti qorumsa nu mudatu kam iyyuu mormuu qabna. Tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Namootan isaaniif lallabu akkamittan ilaala? Utuu natti hin beekamin ilaalcha dogoggoraa hawaasni ani keessa jiraadhu namoota adda taʼan tokkoof qabu horachaan jiraa?’ Kan nama gammachiisu, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, namoonni misiraachichaaf deebii kennan amma iyyuu jiraachuu isaanii beekuuf naannoo tajaajilaa isaanii sakattaʼaa jiru. Obboloonni tokko tokko afaan ykn aadaa namootaa, warri kaan gad aanoo akka taʼanitti ilaalan illee barachuuf carraaqqii godhu. Dhugaa Baatonni namoota akkasiitiif lallabuuf carraaqan karaa kamiin iyyuu namoota kana akka caalan godhanii of ilaaluu hin qaban. Kanaa mannaa, ergaa Mootummichaatiin garaa isaanii tuquuf tokkoon tokkoon namaa hubachuuf yaalii godhu. w18.09 5 key. 9, 11
Kibxata, Sadaasa 17
Yihudaan inni nama Galiilaa taʼe kaʼee, namoota hedduu of duukaa buusee ture.—HoE. 5:37.
Warri Roomaa Yihudaa ajjeesaniiru. Yihudoonni kaan garuu haala Finciltoota ykn sabboontoota Yihudii kana irraa adda taʼeen, dhufaatii Masiihii siyaasaa hawwiidhaan eeggachaa turan. Masiihiichi yommuu dhufu saba isaaniitiif ulfina akka argamsiisuu fi waanjoo warra Roomaa jalaa bilisa akka isaan baasu eegu turan. (Luq. 2:38; 3:15) Hedduun isaanii Masiihiichi lafa irratti, jechuunis Israaʼel keessatti mootummaa hundeessa jedhanii amanu turan. Kun yoo taʼe, Yihudoonni biyyoota adda addaatti bittinaaʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman gara biyya isaanitti deebiʼu. Yohaannis Cuuphaan yeroo tokko Yesuusiin, “Ati isa Dhufuuf Jiru Sana moo kan biraa eegnu?” jedhee gaafatee akka ture yaadadhaa. (Mat. 11:2, 3) Yohaannis akkas kan jedhe, abdii Yihudoonni qaban hunda kan raawwatu nama kan biraa taʼuu isaa beekuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. Boodas, barattoonni lamaan karaa gara Emaahus geessu irratti Yesuus isa duʼaa kaʼee wajjin wal arganii turan. Isaan Yesuus Israaʼeliin bilisa baasa jedhanii abdatu turan. (Luq. 24:21) Utuma baayʼee hin turinis ergamoonni Yesuus, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatan.—HoE. 1:6. w18.06 4 key. 3-4
Roobii, Sadaasa 18
Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana.—Fak. 14:15.
Keessumaa gabaasawwan saba Yihowaa wajjin haala wal qabateen dhihaatan irratti of eeggannoo gochuun nu barbaachisa. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan akka himatu matumaa dagachuu hin qabnu. (Mul. 12:10) Kanaaf, Yesuus mormitoonni “sobaan wanta hamaa hundumaa” akka nu irratti dubbatan akeekkachiiseera. (Mat. 5:11) Akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kan kenninu yoo taʼe, gabaasawwan sobaa saba Yihowaa irratti dubbataman yommuu dhageenyu hin rifannu. Michootaa kee fi namoota hin beekneef, iimeelii fi ergaa gabaabaa erguun si gammachiisaa? Taanaan, seenaa oduu irratti dubbatame haaraa yommuu argitu ykn muuxannoo tokko yeroo dhageessu, nama jalqabaa seenaa gammachiisaa kana gabaasu taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ergaa gabaabaa ykn iimeelii erguu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Odeeffannoon babalʼisuuf jedhu kun dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa dha? Dhimma sana ilaalchisee hoo odeeffannoo guutuu qabaa?’ Yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte, utuu hin beekin obboloota keenya gidduutti odeeffannoo soba taʼe babalʼisuu dandeessa. Shakkii yoo qabaatte, odeeffannoo kana erguu irraa of qusadhu. w18.08 3-4 key. 3, 6-7
Kamisa, Sadaasa 19
Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu.—Luq. 6:38.
Yesuus arjoota taʼuudhaan gammachuu akka argannu barbaada. Namoonni hedduunis arjummaa ni dinqisiifatu. Haa taʼu malee, deebii gaarii kan kennan namoota hunda akka hin taane beekamaa dha; deebii gaarii yoo kennan garuu galata wal irra hin cinne argamsiisuu dandaʼa. Kanaaf, namoonni kan dinqisiifatan ykn kan hin dinqisiifanne fakkaatanis kennuu keessan itti fufaa. Arjummaan isin al tokko qofa argisiistan illee, wanta gaarii hammamii fiduu akka dandaʼu matumaa beekuu hin dandeessan. Namoonni dhugumaan arjoota taʼan, namoota deebisanii akka isaaniif kennan eeguudhaan kennan miti. Yesuus akkana jedhee kan barsiise kana yaadatti qabachuudhaan ture: “Yommuu afeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼate, warra naafatanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami; isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta. Yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti gatiin kee sii deebiʼa.” (Luq. 14:13, 14) Barreessaan hafuuraan geggeeffame tokko, “Namni arjaan eebbifamaa in taʼa” jedheera. Inni kan biraan immoo, “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu!” jedheera. (Fak. 22:9; Far. 41:1) Dhuguma iyyuu, warra kaan gargaaruun waan nu gammachiisuuf arjoota taʼuu qabna. w18.08 21-22 key. 15-16
Jimaata, Sadaasa 20
Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.—Fak. 3:5, 6.
Yeroo harʼaatti odeeffannoowwan sobaa, gabaasawwan walakkaan isaanii dhugaa taʼan babalʼachuun isaanii fi mudaa kan qabnu taʼuun keenya, dhimma tokko ilaalchisee dhugaa isaa beekuu fi sirriitti madaaluun rakkisaa akka nutti taʼu godhu. Wanti haala rakkisaa akkasii keessatti nu gargaaru maali dha? Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu beekuu fi hojii irra oolchuu qabna. Qajeelfamawwan sana keessaa tokko, dhimma tokko dhugaa isaa utuu hin dhagaʼin deebii kennuun gowwummaa fi yeelloo akka taʼe kan ibsu dha. (Fak. 18:13, NW) Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu kan biraan immoo, wanta dubbatame hunda gaaffii malee fudhachuu akka hin qabne nu yaadachiisa. (Fak. 14:15) Dhuma irrattis, jireenya Kiristiyaanaa keessatti hammam illee muuxannoo kan qabnu yoo taʼe, hubannaa ofii keenyaatti akka hin amanamne of eeggachuu qabna. Odeeffannoowwan madda amanamuu dandaʼaman irraa argaman irratti hundoofne xumura gaarii irra kan geenyuu fi murtoo ogummaa irratti hundaaʼe kan goonu yoo taʼe, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu eegumsa nuuf gochuu dandaʼu. w18.08 7 key. 19
Sanbadduraa, Sadaasa 21
Abbaa isa hafuura qulqulluudhaan . . . jireenya nuu kenneef bitamuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii?—Ibr. 12:9.
Akkasumas bishaaniin cuuphamuudhaan kan Yihowaa akka taanee fi fedhiidhaan isaaf bitamuu akka barbaannu namootatti argisiisna. Yesuusis yommuu cuuphameetti wantuma wal fakkaatu godheera; yeroo kana godhu Yihowaadhaan, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola” akka jedhetti ilaalama. (Far. 40:7, 8) Yeroo Yesuus cuuphamu Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Seenaan Kitaaba Qulqulluu tokko akkana jedha: “Yesuus erga cuuphamee booda, battaluma sanatti bishaanicha keessaa baʼe; yeroo kanatti samiiwwan ni banaman; hafuurri Waaqayyoos akka gugeetti gad buʼee utuu isa irra qubatuu arge. Akkasumas sagaleen tokko samii irraa, ‘Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha’ jedhe.” (Mat. 3:16, 17) Yesuus duruma iyyuu kan Yihowaa kan ture taʼus, Yihowaan Ilmi isaa guutummaatti fedhii Isaa raawwachuuf of dhiheessuu isaatti gammadeera. Yeroo nuti isaaf of murteessinus Yihowaan ni gammada, akkasumas nu eebbisa.—Far. 149:4. w18.07 23 key. 4-5
Dilbata, Sadaasa 22
Amma egaa nuyi kattaa kana keessaa bishaan isiniif baafnaa ree?—Lak. 20:10.
Museen “nuyi” yommuu jedhu, isaa fi Aaron argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Wanti Museen dubbate kun Yihowaa isa Madda dinqii dhugaa taʼeef kabaja akka hin kennine argisiisa. Yaanni Faarfannaa 106:32, 33 irratti akkana jechuudhaan ibsame kana kan mirkaneessu fakkaata: “Isaan bishaan Mariibaa biratti goofticha in aarsan; sababii isaaniitiifis dubbiin gadheen Musee irratti in dhufe. Isaan akka inni keessa baʼee isatti hadhaaʼu waan godhaniif, innis dubbii hin alalfatamin [“utuu itti hin yaadin,” NW] dubbate.” (Lak. 27:14) Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Museen ulfina Yihowaadhaaf malu utuu hin kennin hafeera. Yihowaan, Musee fi Aaroniin, ‘Isin abboommii koo irratti kaataniittu’ jedhee dubbateera. (Lak. 20:24) Dhuguma iyyuu kun cubbuu cimaa dha! Kanaan dura, Yihowaan Israaʼeloonni isaaf ajajamuu waan didaniif guutummaan dhaloota tokkoo gara biyya Kanaʼaanitti akka hin galle murteessee ture. (Lak. 14:26-30, 34) Kanaaf, Yihowaan Museen gocha sirrii hin taane waan raawwateef, murtoo walfakkaataa taʼe murteessuun isaa wanta sirrii taʼee fi amansiisaa taʼe dha. Biyyattii Abdachiifamtetti akka galu isaaf hin heyyamamne. w18.07 14-15 key. 9, 12-13
Wiixata, Sadaasa 23
Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.—Rom. 14:21.
Obboleessa qalbiin isaa kan keessan irraa adda taʼe kan gufachiisu yoo taʼe, wantoota mirga keessan taʼan illee dhiisuuf fedhii qabduu? Fedhii akka qabaattan hin shakkisiisu. Obboloonni keenya tokko tokko Dhugaa Baatota taʼuu isaanii dura dhugaatii alkoolii gar malee dhugu turan, amma garuu dhuguu dhiisuuf murteessaniiru. Eenyuun keenya iyyuu, obboleessi kun wanta amala isaa duraa miidhaa guddaa isa irraan geessisutti akka deebiʼu isa taasisu gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha! (1 Qor. 6:9, 10) Kanaaf, obboleessi tokko dhugaatii alkoolii dhuguu akka hin barbaanne yoo dubbate, namni isa afeere dhiibbaa isa irratti gochuun isaa akka isa jaallatu hin argisiisu. Ximotewos dargaggeessichi umurii waggoota kurnanii ykn jalqaba umurii waggoota 20mmanii irra yommuu turetti taʼuu hin oolu, Yihudoota isaaniif lallabuuf jedhu gufachiisuu waan hin barbaanneef dhaqna qabateera. Innis ilaalcha Phaawulos ergamaa wajjin wal fakkaatu qaba ture. (HoE. 16:3; 1 Qor. 9:19-23) Ati hoo akkuma Ximotewos faayidaa warra kaaniitiif jecha, aarsaa kaffaluuf fedhii qabdaa? w18.06 18-19 key. 12-13
Kibxata, Sadaasa 24
Ani qooqa namootaa gara qooqa qulqulluutti nan jijjiira.—Sef. 3:9, NW.
Yihowaan namoota garaa qajeelaa qabanii fi miseensa maatii hafuuraa isaa akka taʼan isaaniif heyyamu suuta jedhee gara waaqeffannaa dhugaatti harkisa. (Yoh. 6:44) Nama dhugaa keessa hin jirre tokko wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal argitan, waaʼee nama sanaa maal beektu? Maqaa isaa fi bifa isaa irraa kan hafe tarii wanti beektan muraasa taʼa. Nama Yihowaa beekuu fi isa jaallatu tokkoo wajjin yommuu jalqaba wal argitan garuu haalli isaa kana irraa adda dha. Namni sun akkaataan guddinaa isaa, biyyi isaa, gosti ykn aadaan isaa kan keessan irraa yoo adda taʼe illee, waaʼee nama sanaa waan baayʼee beektu, innis waaʼee keessan ni beeka! Fakkeenyaaf, “qooqa” walii keessanii, jechuunis “qooqa qulqulluu,” yeruma sana adda baastanii beektu. Kanaan kan kaʼes, waaʼee Waaqayyoo, ulaagaa naamusaa fi abdii gara fuulduraa ilaalchisee amantii tokkoon tokkoon keessan qabdan beekuu dandeessu. Wantoonni kun immoo, amanannaa nama tokko irratti qabnu guddifachuuf wantoota beekuu qabnu keessaa warra gurguddaa dha. Akkasumas amalawwan kun michummaa gaarii fi itti fufiinsa qabu uumuuf buʼuura taʼu. w18.12 21 key. 9-10
Roobii, Sadaasa 25
Yoo dhaqna qabattan malee fayyuu hin dandeessan!—HoE. 15:1.
Qaamni ol aanaan qajeelfama Kiristoos isaaf kenneen, Kiristiyaanonni Yihudoota hin taʼin dhagna qabachuun akka isaan hin barbaachisne ifaa godhe. (HoE. 15:19, 20) Haa taʼu malee, Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan, erga murtoon kun godhamee waggoota hedduu boodas ijoollee isaanii dhagna qabuu itti fufanii turan. Yesuus dhimmi kun utuu furmaata hin argatin yeroo hammanaatiif akka turu kan heyyame maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. (Qol. 2:13, 14) Sirreeffama hubannaa irratti godhamu fudhachuun namoota tokko tokkotti yeroo fudhata. Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan ilaalcha isaanii sirreessuuf yeroo baayʼeen isaan barbaachisa ture. (Yoh. 16:12) Namoonni tokko tokko dhagna qabaan hariiroo addaa isaan Waaqayyoo wajjin qabaniif mallattoo taʼuun isaa akka hafe amananii fudhachuun isaanitti ulfaatee ture. (Uma. 17:9-12) Warri kaan immoo, ariʼatamni nu irra gaʼa jedhanii waan sodaataniif, hawaasa Yihudootaa irraa adda akka hin taaneef duubatti jedhanii turan. (Gal. 6:12) Yeroo booda garuu Kiristoos karaa xalayaawwan Ergamoonni geggeessaa hafuuraatiin barreessaniin qajeelfama dabalataa kenneera.—Rom. 2:28, 29; Gal. 3:23-25. w18.10 24-25 key. 10-12
Kamisa, Sadaasa 26
Qayyaafaan . . . namni tokko uummatichaaf duʼuun isaa akka isaan fayyadu Yihudoota gorse.—Yoh. 18:14.
Qayyaafaan halkan daʼoo godhatanii Yesuusiin akka qabaniif loltoota erge. Yesuus tooftaa nama qaanessu kana hubatee waan tureef, yeroo dhumaatiif ergamoota isaa wajjin irbaata yeroo nyaatanitti goraadee muraasa akka qopheeffatan isaan gaafatee ture. Barumsa guddaa tokko isaan barsiisuuf goraadeen lama qofti gaʼaa ture. (Luq. 22:36-38) Gaafasuma galgala takka turee, Pheexiros namoota Yesuusiin qabuu dhufan sana keessaa tokko rukutuuf goraadee tokkotti fayyadameera. Pheexiros jalʼina haqaa galgala Yesuus qabametti raawwatametti baayʼee aaree akka ture hin shakkisiisu. (Yoh. 18:10) Haa taʼu malee Yesuus, Pheexirosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedhe. (Mat. 26:52, 53) Barumsi guddaan kun, wanta Yesuus galgala sana gara duraa isaan kutaa addunyaa taʼuu akka hin qabne kadhachaa turee wajjin kan wal simu dha. (Yoh. 17:16) Jalʼina haqaatiif furmaata kennuuf falmuun wanta Waaqayyoof dhiifamuu qabu ture. Kanaaf nuti garuu nagaa keenyaa fi tokkummaa keenya eegnee jiraanna. Yihowaan addunyaa qoqqoodamaa keessa jiraannu kana yommuu ilaalu, tokkummaan saba isaa gidduu jiru akka isa gammachiisu beekamaa dha.—Sef. 3:17. w18.06 7 key. 13-14, 16
Jimaata, Sadaasa 27
Jawween sun dubartii sanatti aaree . . . warra sanyii ishii keessaa hafan irratti waraana banuuf deeme.—Mul. 12:17.
Seexanni nu sossobuu malees amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka hin eegne gochuuf nu dorsisuuf yaala. Fakkeenyaaf, hojii lallabaa keenya akka dhorkan gochuuf mootummoota kakaasuu dandaʼa. Yookiin immoo namoonni nuu wajjin hojjetan ykn nuu wajjin baratan fedhii ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimnee jiraachuuf qabnutti akka qoosan gochuu dandaʼa. (1 Phe. 4:4) Kana malees, miseensota maatii keenya hin amanetti fayyadamee gumii deemuu irraa akka duubatti jennu gochuu dandaʼa. (Mat. 10:36) Qorumsawwan akkanaa dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, Seexanni nu irratti waraana banee waan jiruuf dhiibbaan akkasii akka nu irra gaʼu eeguu qabna. (Mul. 2:10) Lammaffaa, wanta qorumsa sana duuba jiru hubachuu qabna; Seexanni nuti Yihowaa kan tajaajillu yeroo nuuf mijatutti qofa akka taʼe dubbateera. Yoo dhiibbaan nu irra gaʼe, Waaqayyotti dugda keenya akka garagalchinu dubbateera. (Iyo. 1:9-11; 2:4, 5) Dhuma irratti immoo, Yihowaan humna qorumsa kana dandamachuuf nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuu qabna. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne yaadadhaa.—Ibr. 13:5. w18.05 26 key. 14
Sanbadduraa, Sadaasa 28
Inni kam akka tolu [hin beektu].—Lal. 11:6.
Ergaan Mootummichaa nuti lallabnu garaa namootaa kan hin tuqne kan fakkaatu taʼu illee, dhiibbaa hojii facaasuu nuti raawwannu qabu salphisnee ilaaluu hin qabnu. Namoonni hedduun kan nu hin dhaggeeffanne taʼu illee, akka nu ilaalan beekamaa dha. Uffata qulqulluu uffanne, amala keenya isa gaarii fi garaadhaa seequu keenya ni hubatu. Oolee bulee, amalli keenya namoonni tokko tokko ilaalchi dogoggoraa nuuf qaban sirrii akka hin taane akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼa. Sargiyee fi Oliindaan warri qajeelchitoota taʼanii tajaajilan akkana jedhaniiru: “Sababii dhukkubaatiin yeroo muraasaaf walakkaa magaalaa bakka namoonni itti baayʼatan sana hin deemne turre. Yommuu deebinu namoonni achi irra darban, ‘Maal taatan? Baayʼee isin yaadne’ nuun jedhan.” Dhuguma iyyuu, ‘harki keenya’ sanyii Mootummichaa ‘facaasuuttii hamma hin boqonnetti,’ hirmaannaa ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼamuuf’ godhamu irratti gaʼee guddaa qabaanna. (Mat. 24:14) Hunda caalaa garuu, gammachuu guddaa Yihowaa duratti fudhatama akka qabnu beekuudhaan argamu qabaanna; Yihowaan namoota ‘jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatan’ hunda ni jaallata!—Luq. 8:15. w18.05 16 key. 16-18
Dilbata, Sadaasa 29
[Waaqaayyoof] galanni haa gaʼu; inni . . . rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.—2 Qor. 1:3, 4.
Ilmaan namootaa cubbuutti erga kufanii kaasee, Yihowaan Waaqa jajjabina kennu taʼuu isaa argisiiseera. Akkuma Eeden keessatti fincilli kaʼeen, sanyiiwwan Addaam warra gara fuulduraatti dhufaniif sababa itti jajjabaatan isaaniif kenneera. Raajiin Uumama 3:15 irratti argamu, “bofti inni jalqabaa,” inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu yeroo booda gocha isaa isa hamaa hundumaa wajjin akka balleeffamu erga hubatamee booda ilmaan namootaatiif abdii kenneera. (Mul. 12:9; 1 Yoh. 3:8) Tajaajilaa Yihowaa kan taʼe Nohi addunyaa Waaqayyoon hin beekne keessa jiraachaa ture; yeroo kanatti Yihowaa kan waaqeffatan miseensota maatii isaa qofa turan. Nohi wal irratti kaʼuu fi saalqunnamtiin seeraan ala taʼe guutummaa naannoo isaa keessatti babalʼatee waan tureef, abdii kutatee taʼuu dandaʼa. (Uma. 6:4, 5, 11; Yih. 6) Yihowaan garuu addunyaa hamaa sana balleessuuf akka jedhu Nohitti kan hime siʼa taʼu, maatii isaa badiisa irraa oolchuuf maal gochuu akka qabu isa ajaje. (Uma. 6:13-18) Yihowaan Nohiif Waaqa jajjabinaa taʼuu isaa argisiiseera. w18.04 15 key. 1-2
Wiixata, Sadaasa 30
Akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.
Namaa wajjin salphaatti walii galuu waan hin dandeenyeef warra kaan jajjabeessuu hin dandeenyu jennee kan yaannu yoo taʼe dogoggora dha. Madda jajjabinaa taʼuun carraaqqii guddaa kan gaafatu miti; tarii yeroo nama tokko nagaa gaafannutti seequun keenya qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Innis deebisee yoo seequu baate, kun rakkinni tokko akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa; kanaaf yeroo kanatti nama sana dhaggeeffachuun qofti jajjabina isaaf kennuu dandaʼa. (Yaq. 1:19) Hundi keenya iyyuu obboleessa ykn obboleettii jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu ni dandeenya. Solomoon Mootichi, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa! Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa” jedhee barreesseera. (Fak. 15:23, 30) Phaawulos faarfannaa Mootummichaa waliin faarfachuun illee madda jajjabinaa taʼuu akka dandaʼu ibseera. (HoE. 16:25; Qol. 3:16) Guyyaan Yihowaa ‘dhihaachaa dhufaa’ waan jiruuf wal jajjabeessuun keenya caalaatti barbaachisaa dha.—Ibr 10:25. w18.04 23-24 key. 16, 18-19