LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es26 ful. 26-36
  • Bitootessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Bitootessa 1
  • Wiixata, Bitootessa 2
  • Kibxata, Bitootessa 3
  • Roobii, Bitootessa 4
  • Kamisa, Bitootessa 5
  • Jimaata, Bitootessa 6
  • Sanbadduraa, Bitootessa 7
  • Dilbata, Bitootessa 8
  • Wiixata, Bitootessa 9
  • Kibxata, Bitootessa 10
  • Roobii, Bitootessa 11
  • Kamisa, Bitootessa 12
  • Jimaata, Bitootessa 13
  • Sanbadduraa, Bitootessa 14
  • Dilbata, Bitootessa 15
  • Wiixata, Bitootessa 16
  • Kibxata, Bitootessa 17
  • Roobii, Bitootessa 18
  • Kamisa, Bitootessa 19
  • Jimaata, Bitootessa 20
  • Sanbadduraa, Bitootessa 21
  • Dilbata, Bitootessa 22
  • Wiixata, Bitootessa 23
  • Kibxata, Bitootessa 24
  • Roobii, Bitootessa 25
  • Kamisa, Bitootessa 26
  • Jimaata, Bitootessa 27
  • Sanbadduraa, Bitootessa 28
  • Dilbata, Bitootessa 29
  • Wiixata, Bitootessa 30
  • Kibxata, Bitootessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
es26 ful. 26-36

Bitootessa

Dilbata, Bitootessa 1

Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera.—Rom. 6:7.

Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota qajeelota turanii fi yeroo booda jalʼoota taʼaniis ni dubbata. Solomoon Mootichi isaan keessaa tokkodha. Solomoon Yihowaa sirriitti beeka ture, eebba hedduus isarraa argateera; booda garuu, waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqabe. Wanti inni godhe Yihowaa baayʼee dheekkamsiise; cubbuu inni raawwateen kan kaʼe Israaʼelonni waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif dararamaa jiraataniiru. Kitaabni Qulqulluun, Solomoon namoota amanamoo kan akka Daawit Mootichaa jiran dabalatee “abbootii isaa wajjin [akka] boqote” dubbata. (1 Mot. 11:5-9, 43; 2 Mot. 23:13) Maarree, akkaataan itti awwaalame abdii duʼaa kaʼuu akka qabu argisiisaa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Duʼaa kaʼuun kennaa Waaqa jaalala qabeessa taʼerraa argannudha. Kennaa kanas namoota barabaraaf isa tajaajiluuf carraa akka argatan barbaaduuf kenna. (Iyo. 14:13, 14; Yoh. 6:44) Maarree, Solomoon kennaa kana ni argataa? Deebiisaa Yihowaatu beeka; nuti hin beeknu. Yihowaan wanta sirrii taʼe akka raawwatu garuu beekna. w24.05 4 key. 9

Wiixata, Bitootessa 2

Dunkaana kee keessatti bara baraaf keessummummaadhaan nan jiraadha.—Far. 61:4.

Yihowaadhaaf yeroo of murteessinu dunkaanasaa keessatti keessummootasaa taana. Nyaata hafuuraa irraa hafaa taʼe arganna, namoota keessummoota Yihowaa taʼan kan biroo wajjinis michummaa uumna. Dunkaanni Yihowaa bakkuma taʼe tokkotti kan daangeffame miti. Dunkaanni Yihowaa bakka tajaajiltoonnisaa amanamoon jiran kamittiyyuu ni argama. (Mul. 21:3) Namoonni amanamoon duʼanoo? Ammas keessummoota dunkaana Yihowaa keessa jiranidhaa? Eeyyee! Akkas kan jennu maaliifi? Namoonni kun ammas yaadannoo Yihowaa keessa waan jiraniifi. Yesuus akkana jedheera: “Warri duʼan akka duʼaa kaʼan garuu, Museen iyyuu seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu keessatti, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ jedhee Yihowaa waamuudhaan ifa godheera. Hundi isaanii isaaf jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”—Luq. 20:37, 38. w24.06 3 key. 6-7

Kibxata, Bitootessa 3

Yihowaan jabina koo fi gaachana koo ti.—Far. 28:7.

Saadoq gara Kebroon kan deeme meeshaa waraanaa hidhatee lolaaf qophaaʼaa taʼeeti. (1 Sen. 12:38) Daawit wajjin gara dirree waraanaa deemuu fi Israaʼeliin diinarraa eeguuf fedhii qaba ture. Saadoq waraanarratti muuxannoo qabaachuu baatus ija jabeessa ture. Saadoq inni luba taʼe ija jabina eenyurraa barate? Namoota ciccimoo fi ija jabeeyyii taʼaniin marfamee jiraata ture. Fakkeenyisaanii akka isa fayyade ifadha. Fakkeenyaaf, Daawit ija jabinaan ‘Israaʼeliin duula irratti geggeessuun isaa’ Israaʼelonni hundi garaa guutuudhaan isa deeggaruuf isaan kakaaseera. (1 Sen. 11:1, 2) Daawit yeroo diinotasaa lolu hundumaatti Yihowaan akka isa gargaaru ni kadhata ture. (Far. 138:3) Saadoq namoota ija jabeeyyii kanneen akka Yehoyaadaa fi ilmasaa Benaayaa, akkasumas ajajjoota gosootaa 22n warra Daawitiin deeggaranirraas barateera.—1 Sen. 11:22-25; 12:26-28. w24.07 3 key. 5-6

Roobii, Bitootessa 4

Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa [jira.]—Rom. 2:4.

Saaʼol inni biyya Xarsees dogoggora hedduu raawwateera. Duuka buutota Kiristoos gara jabinaan ariʼachaa ture. Kiristiyaanonni hedduun nama yaada geddarachuu hin dandeenye akka taʼetti isa ilaaluu hin oolan. Yesuus inni duʼaa kaafame garuu Saaʼol jijjiiramuu fi yaada geddarachuu akka dandaʼu beeka. Innii fi Abbaansaa amaloota gaggaarii Saaʼol qabu arganiiru. Yesuus, ‘Namni kun miʼa anaaf filatame dha’ jedheera. (HoE. 9:15) Yesuus Saaʼol yaada akka geddaratu gochuuf dinqii raawwateera. (HoE. 7:58–8:3; 9:1-9, 17-20) Saaʼol inni Kiristiyaana erga taʼee booda Phaawulos ergamaa jedhamee beekamu gaarummaa fi araara argate akka dinqisiifatu irra deddeebiʼee dubbateera. (1 Xim. 1:12-15) Phaawulos gumii Qorontos keessatti halalummaan akka raawwatame yeroo dhagaʼetti dhimmicha kan qabe akkamitti? Karaa inni dhimma kana itti qaberraa, Yihowaan tajaajiltootasaa kan adabu jaalalaan akka taʼee fi yeroo yaada geddaratan araara akka isaanitti argisiisu baranna; fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna. w24.08 13 key. 15-16

Kamisa, Bitootessa 5

Ilmi Waaqayyoo kaayyoo kanaatiif, jechuunis hojii Diyaabilos diiguuf mulʼifame.—1 Yoh. 3:8.

Jaarraawwan sana booda turanitti Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼan isatti dhihaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe suutuma suuta ifa godheera. Eedan keessatti fincilli erga kaʼee booda namni Yihowaarratti amantii akka qabu argisiise inni jalqabaa ilma Addaamii fi Hewaan isa lammaffaa kan taʼe Abeeli. Abeel Yihowaa waan jaallatuuf isa gammachiisuu fi isatti dhihaachuu barbaadee ture; kanaafuu, aarsaa isaaf dhiheesse. Abeel tiksee waan tureef, hoolota xobbaallaa muraasa qalee aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheesse. Yihowaan yeroo kanatti maaltu isatti dhagaʼame? “Abeelii fi aarsaa isaa gammachuudhaan . . . ilaale.” (Uma. 4:4) Yihowaan aarsaa namoonni isa jaallatanii fi isatti amanaman kan biroon kanneen akka Noh jiran isaaf dhiheessanittis akka gammade ibseera. (Uma. 8:20, 21) Yihowaan aarsaa akkasii fudhachuudhaan, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan isa biratti fudhatama argachuu fi isatti dhihaachuu akka dandaʼan argisiiseera. w24.08 3-4 key. 5-6

Jimaata, Bitootessa 6

Miilli koo karaa irraa jalʼachuuf jedhee, tarkaanfiin koos mucucaachuu jala gaʼee ture.—Far. 73:2.

Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu miirri keenya baayʼee miidhamuu fi dhiphachuu dandeenya. (Lal. 7:7) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon kan akka Iyyoobii fi Anbaaqom jiranis akkas isaanitti dhagaʼameera. (Iyo. 6:2, 3; An. 1:1-3) Miirri akkasii nutti dhagaʼamuunsaa waanuma jirudha; taʼus gocha gowwummaa akka hin raawwanne of eeggachuu qabna. Kun haalichi caalaatti akka hammaatu gochuu dandaʼa. Namoonni jalʼina haqaa raawwatan kan hin adabamne yeroo fakkaatutti, wanta sirrii taʼe raawwachuun gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Faarfataan tokko namoonni hamoon qajeelotarratti jalʼina raawwatan gammachuudhaan akka jiraatan isatti dhagaʼamee ture. “Namoonni kun hamoota, warra yeroo hunda rakkina malee jiraatani dha” jedheera. (Far. 73:12) Jalʼina haqaa arguunsaa baayʼee waan isa dhiphiseef, Yihowaa tajaajiluun gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture; “Kana hubachuuf yommuun yaalii godhetti, na rakkisee ture” jedheera.—Far. 73:14, 16. w24.11 3 key. 5-7

Sanbadduraa, Bitootessa 7

Isin maatiiwwan sabootaa, Yihowaadhaaf wanta isaaf malu kennaa, ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.—Far. 96:7.

Yihowaa baayʼee waan kabajnuuf ulfina isaaf kennina. Yihowaa kabajuuf wantoonni nu kakaasan hedduudha. Yihowaan hundumaa dandaʼa; humnisaa daangaa hin qabu. (Far. 96:4-7) Ogummaasaa isa guddaa wantoota inni uumerraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Jireenyaa fi wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan nuu kenne isadha. (Mul. 4:11) Inni amanamaadha. (Mul. 15:4) Wanti inni raawwatu hundi isaaf milkaaʼa; yeroo hunda waadaa gale ni eega. (Iya. 23:14) Ermiyaas raajichi waaʼee Yihowaa akkana kan jedhe kanaafi: “Ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas, kan akka keetii tokko illee hin jiru.” (Er. 10:6, 7) Eeyyee, Abbaa keenya isa samii kabajuuf sababa gaʼaa qabna. Haa taʼu malee, Yihowaadhaaf kabaja kennuu qofa utuu hin taʼin, isa jaallachuun keenyas isaaf mala. Sababiin Yihowaadhaaf ulfina itti kenninu inni guddaan jaalala guddaa isaaf qabaachuu keenyadha. w25.01 3 key. 5-6

Dilbata, Bitootessa 8

Nama hamaa of gidduudhaa baasaa.—1 Qor. 5:13.

Mormitoonni Waaqayyoo wantoota gaggaarii jaarmiyaansaa godhu busheessuuf yaalu. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajiltoonnisaa karaa qaamaa, karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼan akka isaanirraa eegu Kitaaba Qulqulluurraa baranneerra. Waaqayyo namni wanta qulqulluu hin taane hojjechuusaa itti fufuu fi yaada hin geeddaranne kamiyyuu gumii keessaa akka baafamu ajajeera. (1 Qor. 5:11, 12; 6:9, 10) Ajaja Kitaaba Qulqulluu kana cimsinee hordofna. Mormitoonni keenya garuu namootaaf jaalala akka hin qabne, namoota nurraa adda taʼan akka balaaleffannuu fi wal dandaʼuu akka hin beekne godhanii nu himatu. Haleellaa kana duuba kan jiru eenyu akka taʼe adda baafachuu qabna. Oduuwwan sobaa kana duuba kan jiru Seexanadha. Inni ‘abbaa sobaati.’ (Yoh. 8:44; Uma. 3:1-5) Kanaafuu, Seexanni waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba babalʼisuuf deggartootasaatti akka fayyadamu eeguu dandeenya. w24.04 10-11 key. 13-14

Wiixata, Bitootessa 9

Dhugumaan ni raawwatama.—His. 33:33.

Rakkinni guddaan erga jalqabee boodallee, namoonni badiisa “Baabilon Guddittii” argan tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf waaʼee taʼee kanaa dubbachaa akka turan yaadachuu dandaʼu. Namoonni taʼee kana argan tokko tokko jijjiirama ni godhuu laata? (Mul. 17:5) Haalli kun wanta bara Museetti Gibxii keessatti taʼee wajjin wal fakkaata. Yeroo sanatti “uummanni walitti makame hedduun” Israaʼelotaa wajjin akka baʼe yaadadhu. Namoota kana keessaa tokko tokko akeekkachiisni Museen dhaʼichawwan kurnan ilaalchisee kenne raawwatamuu isaanii yeroo arganitti Yihowaarratti amantii qabaatanii taʼuu dandaʼa. (Bau. 12:38) Badiisa Baabilon Guddittii booda wanti akkasii uumamuu isaatiin kan kaʼe dhumni dhufuusaa yeroo muraasa dura namoonni nutti makamuu isaaniitti ni aarraa? Lakki hin aarru! Yeroo sanattis amala Abbaa keenya isa samii argisiisuu barbaanna; inni “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” dha.—Bau. 34:6. w24.05 11 key. 12-13

Kibxata, Bitootessa 10

Dubbii gaarii . . . akka qajeelfamaatti hordofi.—2 Xim. 1:13.

‘Dubbii gaarii akka qajeelfamaatti hordofuu’ keenya yoo dhiisne maaltu uumama? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni tokko tokko guyyaan Yihowaa akka gaʼe oduu babalʼisaa turan. Dhimma kana ilaalchisee xalayaan Phaawulos ergamaan akka barreessetti yaadan tokko jiraachuu hin oolu. Kiristiyaanonni Tasalonqee keessa jiraachaa turan tokko tokko dhugaasaa utuu hin mirkaneeffatin oduu odeeffamu kana waan amananiif isaanis babalʼisuu jalqaban. Wanta Phaawulos yeroo isaan faana turetti isaan barsiise utuu yaadataniiru taʼee hin gowwoomfaman turan. (2 Tas. 2:1-5) Phaawulos wantuma dhagaʼan hunda akka hin amanne obbolootasaa gorseera. Gara fuulduraatti akka of eeggatan isaan gargaaruuf xalayaa warra Tasalonqeetiif barreesse isa lammaffaa yaada akkana jedhuun xumureera: “Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha, kun mallattoo xalayaa koo hundaa ti, kun akkaataa ani itti barreessu dha.”—2 Tas. 3:17. w24.07 12 key. 13-14

Roobii, Bitootessa 11

Jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.—Ibr. 10:36.

Kiristiyaanonni Ibrootaa haalli Yihudaa keessa jiru hammaachaa yeroo deemu qorumsa amantii isaan mudatu dandamachuun isaan barbaachisa ture. Isaan keessaa tokko tokko ariʼatamni cimaan isaanirra gaʼee kan ture taʼus, baayʼeensaanii Kiristiyaana kan taʼan yeroo nagaattidha. Phaawulos qorumsi amantii cimaan kan isaanirra gaʼe taʼus, akka Yesuus hamma duʼaatti akka hin qoramne isaan yaadachiiseera. (Ibr. 12:4) Haa taʼu malee, Kiristiyaanummaan babalʼachaa yeroo deemu Yihudoonni mormitoota taʼan garmalee isaanitti aaruu fi isaan jibbuu jalqaban. Yihudoonni 40 ol “hanga Phaawulosiin ajjeesanitti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatan.” (HoE. 22:22; 23:12-14) Kiristiyaanonni sun jibbii fi ariʼatamni akkasii jiraatus waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu, misiraachicha lallabuu fi amantiisaanii cimsachuun isaan barbaachisa ture. w24.09 12 key. 15

Kamisa, Bitootessa 12

[Yesuus] haadha isaatiin “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe.—Yoh. 19:26.

Yohaannis, ergamaa Yesuus Kiristoos jaallatamaa taʼe ture. (Mat. 10:2) Yeroo Yesuus lafarratti tajaajilaa ture hundatti isaa wajjin taʼuudhaan dinqiiwwan inni raawwate argeera, yeroo rakkisaa taʼettis isarraa adda hin baane. Yeroo Yesuus mukarratti fannifamu ilaalaa ture, erga inni duʼaa kaʼee boodas isa argeera. Kana malees, gumiin Kiristiyaanaa yeroo guddatuu fi misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” yeroo lallabamu argeera. (Qol. 1:23) Yohaannis gara dhuma jireenyasaatti hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee kutaa Dubbii Waaqayyoo barreessuuf mirga argateera. Mulʼata ajaaʼibsiisaa Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos mulʼise galmeesseera. (Mul. 1:1) Wangeela maqaasaatiin waamamu barreesseera. Xalayaawwan sadiis barreesseera. Yohaannis xalayaa sadaffaa kan barreesse Kiristiyaana amanamaa Gaayos jedhamuu fi akka ilmasaatti ilaaluuf akka taʼe ibseera. (3 Yoh. 1) Wanti maanguddoon amanamaan kun barreesse duuka buutota Yesuus yeroo harʼaa jiran hundas kan jajjabeessudha. w24.11 12 key. 15-16

Jimaata, Bitootessa 13

Isin abbootiin manaa, . . . dubartoota . . . kabajaa.—1 Phe. 3:7.

Abbaan manaa haadha manaasaa jaallatu iddoo guddaa ishiidhaaf kenna, akkasumas ishii kunuunsa. Kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamte akka taatetti ishii ilaala. (Fak. 18:22; 31:10) Kanaan kan kaʼes yeroo saalqunnamtii raawwatanittillee gaarummaa fi kabajaan ishii qaba. Saalqunnamtii ishiitti hin tolle, ishii salphisuu fi qalbii ishii jeequ akka raawwattu dhiibbaa irratti hin godhu. Innis Yihowaa duratti qalbii qulqulluu qabaachuuf ni carraaqa. (HoE. 24:16) Abbootiin manaa, Yihowaan carraaqqii isin karaa hundumaan haadha manaa keessan kabajuuf gootan akka arguu fi akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Wanta ishii miidhu kamiyyuu gochuu dhiisuudhaan, akkasumas gaarummaa fi jaalala ishiitti argisiisuudhaan ishii kabajuuf kutadhaa. Akkas gochuudhaan haadha manaa keessan akka jaallattanii fi iddoo guddaa akka kennitaniif argisiistu. Haadha manaa keessan kabajaa; akkas yoo gootan Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeessu.—Far. 25:14. w25.01 13 key. 17-18

Sanbadduraa, Bitootessa 14

Inni . . . bilisa nu baasuuf, akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.—Tit. 2:14.

Wanti tajaajiltoota Yihowaa Kiristiyaanota sobaarraa adda baasee beeksisu tokko hinaaffaa tajaajilaaf qabanidha. Maarree, hinaaffaa hojii lallabaatiif qabnu eeggachuuf, darbees guddifachuuf maaltu nu gargaara? Fakkeenya Yesuus qoruudhaan hojii lallabaatiif hinaaffaa qabaachuu ilaalchisee barumsi argannu jira. Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti hinaaffaansaa qabbanaaʼee hin beeku. Yeroon darbaa yommuu deemu caalaatti jabaatee hojjeteera. Akkuma hojjetaan maasii wayinii sun firii tokkollee utuu hin argatin waggaa sadiif muka harbuu sana kunuunsuusaa itti fufe, Yesuusis Yihudoonni hedduun deebii gaarii kennuu baatanis gara waggaa sadiitiif isaaniif lallabeera. Haa taʼu malee, akkuma hojjetaan maasii wayinii sun muka harbuu sanatti abdii hin kutanne Yesuusis namootatti abdii hin kutanne ykn hinaaffaa tajaajilaaf qabu hin hirʼisne. (Luq. 13:6-9) Wanta inni barsiise barachuun keenyaa fi fakkeenyasaa hordofuun keenya yeroo harʼaatti hinaaffaa keenya eeggannee itti fufuuf nu gargaara. w25.03 14-15 key. 1-4

Dilbata, Bitootessa 15

Namni abshaalli beekumsaan hojjeta.—Fak. 13:16.

Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa gaarii akka siif taʼu yoo sitti dhagaʼamehoo? Miira kee kana yeruma sana ibsuufii qabdaa? Kitaabni Qulqulluun namni ogeessi tarkaanfii fudhachuusaa dura beekumsa argachuuf akka yaalu dubbata. Nama tokko malaan beekuuf yaaluu kan dandeessu akkamitti? Walgaʼii gumiirratti ykn yeroo waliin taatanii yeroo dabarsitanitti wantoota haala hafuuraa nama sanaa, eenyummaasaa fi amalootasaa argisiisan hubachuu dandeessa. Michoonnisaa eenyufaʼi? Waaʼee maalii haasaʼuu jaallata? (Luq. 6:45) Galmisaa galma kee wajjin tokkodhaa? Jaarsolii gumiisaa ykn Kiristiyaanota bilchina qabanii fi sirriitti isa beekan kan biroo haasofsiisuu dandeessa. (Fak. 20:18) Maqaa akkamii akka qabuu fi waaʼee amalootasaa isaan gaafachuu dandeessa. (Rut. 2:11) Malaan waaʼeesaa beekuuf yeroo yaaltu wanta isa dhiphisu akka hin goone of eeggadhu. Miirasaa isaaf kabaji, yeroo hunda isa hordofuuf hin yaalin. w24.05 22 key. 7-8

Wiixata, Bitootessa 16

Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe.—Far. 32:5.

Jaarsoliin fakkeenya Yesuus waan hordofaniif namni cubbuu hojjete sun yaada hin geddaratu jechuuf hin ariifatan. Namoonni tokko tokko jalqaba yeroo koreen jaarsolii isaan haasofsiisu yaada geddarachuu dandaʼu; kaanimmoo yeroon dabalataa isaan barbaachisuu dandaʼa. Kanaafuu, jaarsoliin nama cubbuu hojjete sana al tokkoo ol haasofsiisuuf qophii gochuu dandaʼu. Tarii Kiristiyaanni sun jalqaba jaarsolii wajjin erga wal argee booda wanta isatti himamerratti yaaduu jalqabuu dandaʼa. Gad of qabee Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu kadhachuu dandaʼa. (Far. 38:18) Kanaafuu, jaarsoliin deebiʼanii yeroo isa haasofsiisan ilaalcha jalqaba yeroo isa haasofsiisanitti qabu jijjiiree taʼuu dandaʼa. Jaarsoliin namni cubbuu hojjete sun yaada akka geddaratu isa gargaaruuf miirasaa hubachuu fi gaarummaa isatti argisiisuuf yaalu. Yihowaan carraaqqiisaanii akka eebbisuu fi Kiristiyaanni sun gara qalbiisaatti deebiʼee yaada akka geddaratu ni abdatu, akkasumas ni kadhatu.—2 Xim. 2:25, 26. w24.08 22-23 key. 12-13

Kibxata, Bitootessa 17

“Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu. Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.—His. 18:32.

Yihowaan eenyuyyuu akka badu hin barbaadu! Cubbamoonni akka isatti araaraman barbaada. (2 Qor. 5:20) Yihowaan bara duriitii kaasee tajaajiltoonnisaa isarraa fagaatan yaada akka geddaratanii fi akka deebiʼan jajjabeessuuf irra deddeebiʼee kan yaalu kanaafi. Jaarsoliin gumii namoonni cubbuu hojjetan yaada akka geddaratan gargaaruuf carraaqqii gochuudhaan Yihowaa wajjin hojjechuuf mirga argataniiru. (Rom. 2:4; 1 Qor. 3:9) Yeroo cubbamoonni yaada geddaratan samiirratti gammachuu guddaatu taʼa! Abbaan keenya Yihowaan yeroo hoolonnisaa badanii turan gara gumiitti deebiʼan hundatti baayʼee gammada. Gara laafina, araaraa fi gaarummaa guddaa Yihowaan qaburratti yeroo xiinxallu jaalalli isaaf qabnu ni guddata.—Luq. 1:78. w24.08 31 key. 16-17

Roobii, Bitootessa 18

Yesuus, namoonni sun dhufanii qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa gara gaaraatti ol baʼe.—Yoh. 6:15.

Yesuus namoonni sun mootii akka isa godhan utuu heyyameera taʼee kun siyaasa Yihudoota bulchiinsa Roomaa jala jiranii keessa galuu isatti taʼa ture. Kitaabni Qulqulluun Yesuus, “Gara gaaraatti ol baʼe” jedha. Kanaafuu, dhiibbaan kan isarratti godhame taʼus siyaasa keessa hin galle. Kanarraa barumsa guddaa arganna. Namoonni daabboo dinqiidhaan akka baayʼisnu ykn nama dhukkubsate akka fayyisnu akka nu hin gaafanne, akkasumas mootii ykn bulchaa nu gochuuf akka hin yaalle beekamaadha. Garuu nama jijjiirama akka fidu isaanitti dhagaʼamu tokko filachuudhaan ykn deeggaruudhaan siyaasa keessa akka gallu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, wanta Yesuus godhe haa yaadannu. Dhimmoota siyaasaa keessa galuurraa of qusateera, akkasumas, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedheera. (Yoh. 17:14; 18:36) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jirrus ilaalchasaa qabaachuu fi fakkeenyasaa hordofuu qabna. Nuti Mootummaa kana ni deeggarra, waaʼeesaa dhugaa ni baana, akka dhufus ni kadhanna.—Mat. 6:10. w24.12 4 key. 5-6

Kamisa, Bitootessa 19

Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata, anis isa nan jaalladha; isattis ifatti of nan mulʼisa.—Yoh. 14:21.

Yommuu qoʼattu karaa itti wanta baratte hojiirra oolchitu barbaadi. Fakkeenyaaf, namoota wal caalchisuu dhiisuudhaan haqa Yihowaa hordofi. Maqaa Yihowaatiif jecha rakkina dandamachuudhaan, akkasumas yeroo tokko tokko salphaa taʼuu baatus warra kaan gargaaruudhaan jaalala Yesuus Abbaasaa fi namootaaf qabu hordofi. Kana malees, warri kaanis carraa itti kennaa Yihowaa fudhatan akka argatan dhugaa isaaniif baʼuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi. Waaʼee furichaa hammuma caalaatti hubachaa fi dinqisiifachaa deemne Yihowaa fi Ilmasaa caalaatti jaallachaa deemna. Isaanis caalaatti nu jaallatu. (Yaq. 4:8) Kanaafuu, qophii Yihowaatti fayyadamuudhaan waaʼee furichaa barachuu keenya itti haa fufnu. w25.01 25 key. 16-17

Jimaata, Bitootessa 20

Cubbuuwwan koo hundumaa of duubatti gatteetta.—Isa. 38:17.

Caqasni guyyaa harʼaa, “Ija kee duraa balleessiteetta” jedhamee ibsamuu dandaʼa. Yaanni kun akka argisiisutti Yihowaan cubbuu namoota yaada geddaratanii fuudhee ijasaa duraa balleessa. Yaanni kun, “Cubbuuwwan koo akkuma waan hin raawwatamneetti ilaalteetta” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Qabxiin kun Miikiyaas 7:18, 19 irratti fakkeenya biraadhaanis ibsameera. Caqasni kun Yihowaan cubbuu keenya galaana gadi fagoo keessatti akka darbatu ibsa. Bara duriitti wanta galaana gadi fagoo keessa buʼe deebiʼanii argachuun hin dandaʼamu ture. Fakkeenyota hamma ammaatti ilaallerraa, Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu baʼaa cubbuun keenya nutti fiderraa bilisa akka nu godhu baranneerra. Yaanni Daawit dubbate kun dhugaadha: “Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame gammadoo dha.” (Rom. 4:7) Dhiifama dhugaa jechuun kanadha! w25.02 9 key. 7-8

Sanbadduraa, Bitootessa 21

Wantan uumaa jirutti bara baraaf gammadaa, ililchaas.—Isa. 65:18.

Yeroo harʼaatti jannanni namootaa fi sochiidhaan guutame tokko lafarra jira. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi nagaa dhugaa qaban jannata kana keessa jiru. Namoonni jannata kana keessa jiran akka keessaa hin baane of eeggachuuf kutataniiru. Hamma isaaniif dandaʼame namoonni baayʼeen gara jannata kanaa akka dhufan gargaaruu barbaadu. Jannanni kun maalidha? Jannata hafuuraati! Yihowaan addunyaa Seexanaa jibba, hamminaa fi wantoota balaa geessisaniin guutame keessatti karaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen iddoon tasgabbii qabu akka jiraatu godheera. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:12) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe balaa sirni kun geessisu waan beekuuf, tasgabbii karaa hafuuraa dagaaguuf nu barbaachisu nuuf kenneera. Dubbiinsaa jannanni hafuuraa iddoo balaarraa walaba taʼe, “bakka . . . itti baqatanii” fi “iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argate” akka taʼetti ibsa. (Isa. 4:6; 58:11) Namoonni jannata kana keessa jiraatan guyyoota dhumaa ulfaataa taʼe kana keessatti gargaarsa Yihowaatiin gammachuu fi tasgabbiidhaan jiraachuu dandaʼaniiru.—Isa. 54:14; 2 Xim. 3:1. w24.04 20 key. 1-2

Dilbata, Bitootessa 22

Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.—Filp. 4:6.

Gaaʼela dhaabbachuu kan barbaaddu yoo taʼe, waaʼee kanaa kadhannaa akka dhiheessite beekamaadha. Dhugaadha, Yihowaan hiriyaa gaaʼelaa kennuuf eenyuufiyyuu waadaa hin galle. Taʼus, waaʼeen wanta si barbaachisuu fi miira keetii isa yaaddessa; akkasumas yaalii hiriyaa gaaʼelaa argachuuf gooturratti si gargaaruu dandaʼa. Kanaafuu, fedhii fi miira kee isatti himuu kee itti fufi. (Far. 62:8) Obsaa fi ogummaa akka siif kennu kadhadhu. (Yaq. 1:5) Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu yeruma sana argachuu baattus, Yihowaan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa si kunuunsuusaa akka itti fufu waadaa siif galeera. (Far. 55:22) Haa taʼu malee, jireenyi kee nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu barbaaduurratti kan xiyyeeffate akka hin taane of eeggadhu. (Filp. 1:10) Gammachuu dhugaa qabaachuun kee kan hundaaʼe gaaʼela dhaabbachuu ykn qeenxee taʼuu keerratti utuu hin taʼin, hariiroo Yihowaa wajjin qabdurrattidha. (Mat. 5:3) Qeenxee taʼuun kee tajaajila kee balʼifachuuf caalaatti bilisummaa siif kenna. (1 Qor. 7:32, 33) Yeroo kanatti sirriitti itti fayyadami. w24.05 21 key. 4; 22 key. 6

Wiixata, Bitootessa 23

Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.—Filp. 2:4.

Yeroo hammamiitiif wal qorachuu qabdu? Ariifatanii murteessuun yeroo baayʼee miidhaa qaba. (Fak. 21:5) Kanaafuu, yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan akka gaariitti wal beekuuf kan isin dandeessisu taʼuu qaba. Garuu utuu hin barbaachisin yeroo wal qorachuudhaan dabarsitan dheeressuu hin qabdan. Kitaabni Qulqulluunis, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. (Fak. 13:12) Namoota wal qorachaa jiran beekna yoo taʼe akkamitti isaan gargaaruu dandeenya? Nyaata isaan affeeruu fi waaqeffannaa maatii keenyarratti akka argaman ykn nu wajjin akka bashannanan isaan affeeruu dandeenya. (Rom. 12:13) Nama isaan wajjin taʼu, geejjiba ykn bakka itti kophaatti waliin haasaʼuu dandaʼan argachuuf gargaarsi isaan barbaachisaa? Taanaan, isaan gargaaruu ni dandeenyaa? (Gal. 6:10) Namoonni wal qorachaa jiran isaan wajjin akka taatu yoo si gaafatan carraa kana akka mirgaatti maaliif hin ilaaltu? Guutummaatti kophaatti akka isaan hin dhiisne of eeggadhu; garuummoo yeroon itti kophaa taʼuun isaan barbaachisus akka jiru hubadhu. w24.05 30 key. 13-14

Kibxata, Bitootessa 24

Ani yaada akka geddarattu yeroo ishiidhaaf kenneen ture.—Mul. 2:21.

Jaarsoliin wantoota nama sana cubbuu hojjechuutti geessan hubachuuf yaalu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni sun karaa hafuuraa kan dadhabe suutuma suuta qoʼannaa dhuunfaa gochuu ykn tajaajilarratti hirmaachuu waan dhaabeefii? Yeroo hunda kadhachuu dhiiseeraa? Fedhiin dogoggoraa akka isa toʼatu heyyameeraa? Hiriyaa ykn bashannana ilaalchisee filannaa gaarii hin taane godheeraa? Filannaan inni godhe ilaalchaa fi fedhiisaarratti dhiibbaa kan godhe akkamitti? Murtoo fi gochasaa kana ilaalchisee Yihowaa Abbaasaatti maaltu akka dhagaʼamu hubateeraa? Jaarsoliin wantoota hariiroo Yihowaa wajjin qabu isa jalaa laaffisanii fi cubbuutti isa geessanirratti akka yaadu isa gargaaruuf gaaffii isa gaafachuu dandaʼu. Kanas gaarummaadhaan, akkasumas dhimma dhuunfaasaa keessa utuu hin galin gochuu qabu. (Fak. 20:5) Kana malees, namni sun gochasaarratti akka yaaduu fi dogoggorasaa akka hubatu isa gargaaruuf fakkeenyatti fayyadamuu dandaʼu. Tarii jalqaba yeroo isa haasofsiisanitti gochasaatti gaabbuu dandaʼa. Guutummaatti yaada geddarachuullee ni dandaʼa. w24.08 22 key. 9-11

Roobii, Bitootessa 25

Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame.—Luq. 4:43.

Yesuus Waaqayyo hojii kana akka hojjetu akka barbaadu waan beekuuf “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” hinaaffaadhaan lallabeera. Jireenyasaa keessatti adda durummaadhaan tajaajilarratti xiyyeeffata ture. Tajaajilasaa xumuruu jala gaʼee yeroo turettillee “magaalotaa fi gandeen hunda keessa” deemaa namoota barsiisa ture. (Luq. 13:22) Labsitoota taʼanii akka isa wajjin hojjetaniifis barattootasaa keessaa namoota dabalataa leenjiseera. (Luq. 10:1) Yeroo harʼaattis hojii guddaan Yihowaa fi Yesuus akka hojjennu barbaadan misiraachicha lallabuudha. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Namootaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuudhaan hinaaffaa tajaajilaaf qabnu cimsachuu dandeenya. Yihowaan hamma dandaʼame namoonni hedduun misiraachicha akka dhagaʼanii fi akka fudhatan barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Ergaa lubbuu baraaru kana warra kaanitti himuurratti caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu kan nu leenjisu kanaafi. Namoonni amma deebii gaarii yoo kennuu baatanillee, rakkinni guddaan xumuramuusaa dura akkas gochuuf carraa argachuu dandaʼu. w25.03 15-16 key. 5-7

Kamisa, Bitootessa 26

Namni nagaa isa gaafatu hojii isaa isa hamaa deggera.—2 Yoh. 11.

Dhimma kanarratti Kiristiyaanni kamiyyuu qalbiisaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu qaba. Obboloonni tokko tokko nama sana nagaa gaafachuun ykn yeroo gara walgaʼii dhufu isa simachuun isaanitti hin ulfaatu taʼa. Taʼus, nama sana wajjin marii dheeraa gochuu ykn yeroo wajjin dabarsuu hin qabnu. Tarii namoonni tokko tokko, ‘Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanni nama akkasii nagaa gaafatu hojiisaa isa hamaa akka deggeru dubbata mitii?’ jedhanii yaadu taʼa. (2 Yoh. 9-11) Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru akka argisiisutti qajeelfamni kun kan kenname gantootaa fi namoota gocha gadhee babalʼisan kan biroo ilaalchiseeti. (Mul. 2:20) Kanaafuu, namni tokko barumsa gantummaa ykn gocha gadhee kan biraa kan babalʼisu yoo taʼe jaarsoliin isa haasofsiisuuf qophii hin godhan. Dhugaadha, namni kun gara qalbiisaatti deebiʼuu dandaʼa. Hammasitti garuu nama akkasii nagaa hin gaafannu, walgaʼiirratti akka argamus hin affeerru. w24.08 30-31 key. 14-15

Jimaata, Bitootessa 27

Garaan isaanii amma iyyuu hubachuu dadhabee ture.—Mar. 6:52.

Yesuus uummaticha erga sooree booda ergamoonnisaa bidiruudhaan gara Qifirnaahomitti akka deebiʼan godhe; innimmoo uummatichi mootii akka isa hin gooneef gara gaaraatti ol baʼe. (Yoh. 6:16-20) Ergamoonnisaa bidiruudhaan deemaa utuu jiranii bubbee jabaan bubbisaa waan tureef dambalii cimaan ni kaʼe. Yeroo kanatti Yesuus bishaanirra deemaa garasaanii dhufe. Achiis bishaanirra deemee garasaa akka dhufu Pheexiros ergamaatti hime. (Mat. 14:22-31) Yeroo Yesuus bidiruu sana yaabbatu bubbeen sun ni dhaabbate. Barattoonnisaas ajaaʼibsiifatanii, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhan. (Mat. 14:33) Taʼus, isaan dinqiin kunii fi dinqiin sana dura raawwatame walitti dhufeenya akkamii akka qabu hin hubanne turan. Maarqos akkana jedheera: “[Ergamoonni] baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, isaan hiika daabboo sanaa hin hubanne turan.” (Mar. 6:50-52) Eeyyee, ergamoonnisaa Yihowaan dinqii akka raawwatuuf Yesuusiif humna hammamii akka kenne utuu hin hubatin hafaniiru. w24.12 5 key. 7

Sanbadduraa, Bitootessa 28

Fedhiin [Waaqayyoo] akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.—1 Xim. 2:4.

Tibba Ayyaana Yaadannoo dinqisiifannaa furichaaf qabnu argisiisuuf itti fayyadamuudhaan jaalala Yihowaa akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Ayyaanicharratti argamuuf karoorfachuu malees warri kaan akka irratti argaman affeeruu dandeenya. Wanta Ayyaanicharratti raawwatamu namoota affeertuuf ibsi. Weebsaayitii jw.org irraa viidiyoo Yesuus kan Duʼe Maaliifi? akkasumas Duʼa Yesuus Yaadadhaa jedhaman itti argisiisuun si fayyaduu dandaʼa. Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa qabbanaaʼan affeeruu qabu. Hoolonni Yihowaa badanii turan tokko tokko gara tuuta hoolotaasaatti yeroo deebiʼan samii keessattis taʼe lafarratti gammachuu guddaan ni taʼa. (Luq. 15:4-7) Ayyaana Yaadannoorratti walii keenya qofa utuu hin taʼin, namoota haaraa ykn warra yeroo dheeraa booda deebiʼanii argaman nagaa gaafachuuf haa yaallu. Keessummummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne barbaanna.—Rom. 12:13. w25.01 29 key. 15

Dilbata, Bitootessa 29

Waaqayyo waan nu jaallateef, cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa akka taʼu Ilma isaa [erge].—1 Yoh. 4:10.

Furichi Yihowaan haqa qabeessa akka taʼe kan argisiisu taʼus, hunda caalaa hammam akka nu jaallatu hubachuuf nu gargaara. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10) Yihowaan Ilmisaa akka nuuf duʼu erguunsaa jireenya barabaraa akka argannu qofa utuu hin taʼin kutaa maatiisaa akka taanu akka barbaadu argisiisa. Addaam yommuu cubbuu hojjetetti Yihowaan maatiisaa keessaa isa ariʼeera. Kanaan kan kaʼe hundi keenya kan dhalanne maatii Yihowaatii alattidha. Taʼus, furicharratti hundaaʼee cubbuu karaa Addaam dhufeef dhiifama gochuudhaan ilmaan namootaa warri amantii qabanii fi ajajamoo taʼan kutaa maatiisaa akka taʼan godha. Ammumayyuu Yihowaa fi namoota isa waaqeffatan wajjin michummaa gaarii uumuu dandeenyeerra. Dhugumayyuu Yihowaan baayʼee nu jaallata!—Rom. 5:10, 11. w25.01 21 key. 6

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:12-19; Maarqos 11:1-11

Wiixata, Bitootessa 30

Jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera.—1 Yoh. 4:9.

Furichi kennaa dinqisiisaadha yoo jedhame akka irratti walii galtu ifadha. (2 Qor. 9:15) Yesuus jireenyasaa aarsaa waan godheef Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu dandeessa. Abdii jireenya barabaraas qabaachuu dandeessa. Furichaa fi Yihowaa isa jaalalaan kakaʼee aarsaa kana nuu qopheesseef dinqisiifannaa qabnu ibsuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Rom. 5:8) Galateeffannaa qabnu akka argisiisnuu fi furicha akka laayyootti akka hin ilaalle nu gargaaruuf Yesuus Ayyaana Yaadannoo duʼasaa hundeesseera. (Luq. 22:19, 20) Waggaa kana Ayyaanni Yaadannoo Kamisa Ebla 2, 2026 kabajama. Hundumti keenyayyuu irratti argamuuf akka karoorfanne homaa hin shakkisiisu. Tibba Ayyaana Yaadannootti yeroo fudhannee, wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhanirratti yoo xiinxalle baayʼee fayyadamna. w25.01 20 key. 1-2

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:20-50

Kibxata, Bitootessa 31

Meetii mannaa adaba koo, warqii baʼeessa mannaas beekumsa filadhaa.—Fak. 8:10.

Wanta isaan nuuf godhanirratti xiinxaluu kee yoo itti fufte waaʼee jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisanii wanta dabalataa barachuu ni dandeessa. Tarii tibba Ayyaana Yaadannootti Wangeelota keessaa tokko ykn isaa ol dubbisuu dandeessa. Takkaatti waan hedduu dubbisuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, suuta jedhiitii sababa dabalataa Yihowaa fi Yesuusiin jaallachuuf nu gargaaru argachuuf yaali. Dhugaa keessa yeroo dheeraaf turteetta taanaan, ‘Haqa Waaqayyoo, jaalalasaa fi furii ilaalchisee hubannaa haaraa argachuun ni dandaʼamaa?’ jettee yaadda taʼa. Waaʼee wantoota kanaa fi kan biroo yeroo hundumaa wanta haaraa barannu qabna. Kanaafuu, barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼan qoʼadhu. w25.01 24-25 key. 13-15

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 21:1-36

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi