Guraandhala
Dilbata, Guraandhala 1
Namni tokko falmii irraa fagaachuun isaa isaaf ulfina dha, namni gowwaa taʼe hundi garuu itti seena.—Fak. 20:3.
Obboloonni amaloota gaggaarii qaban gumicha baayʼee fayyadu. Namni ‘yaada ofiitti hin cichine’ nagaan akka jiraatu godha. Nama yaada ofiitti hin cichine taʼuudhaan beekamuu yoo barbaadde, yaada warra kaanii dhagaʼuu fi miirasaanii hubachuuf yaali. Seerri ykn dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hamma hin cabnetti murtoo jaarsolii baayʼeen irratti walii galan ni deggartaa? Wanti hundi karaa ani barbaaduun hojjetamuu qaba jettee hin yaadin. Gorsitoonni hedduun jiraachuun isaanii gatii guddaa akka qabu hubadhu. (Uma. 13:8, 9; Fak. 15:22) Goggogaa fi didaa taʼuu mannaa garraamii fi mala qabeessa taʼi. Naga qabeessa yoo taate haala ulfaataa taʼe keessattillee nagaa buusuuf dursa fudhatta. (Yaq. 3:17, 18) Dubbiin gaarummaadhaan dubbattu mormitoota dabalatee namoonni akka tasgabbaaʼan gochuu dandaʼa.—Abo. 8:1-3; Fak. 25:15; Mat. 5:23, 24. w24.11 23 key. 13
Wiixata, Guraandhala 2
Maleekota ergee, warra isaaf filataman bubbeewwan arfan irraa, andaara lafaatii hanga andaara samiitti walitti ni qaba.—Mar. 13:27.
Kiristoos “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” kan duʼe taʼus ammayyuu aarsaa nuuf kaffaluusaa itti fufeera. (Rom. 6:10) Akkamitti? Furicharraa faayidaa akka argannu gochuuf hojjechuusaa itti fufeera. Mee yeroo ammaatti maal hojjechaa akka jiru haa ilaallu. Mootii, Luba Olaanaa fi mataa gumii taʼee tajaajilaa jira. (1 Qor. 15:25; Efe. 5:23; Ibr. 2:17) Hojii dibamtootaa fi tuuta uummataa guddaa walitti qabuu isa rakkinni guddaan xumuramuusaa dura goolabamu isatu toʼata. (Mat. 25:32) Tajaajiltoonnisaa amanamoon guyyoota dhumaa kanatti karaa hafuuraa sirriitti akka sooratanis ni gargaara. (Mat. 24:45) Bulchiinsasaa Barkumee keessattis wanta nu barbaachisu nuu guutuusaa itti fufa. Dhugumayyuu Yihowaan ilmasaa nuuf kenneera! w25.01 24 key. 12
Kibxata, Guraandhala 3
Gaarummaa guddaa Waaqayyo furii Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee argisiiseen bilisa baʼanii qajeelota jedhamanii waamamuun isaanii kennaa tola argame dha.—Rom. 3:24.
Yihowaan yeroo dhiifama nuuf godhu, cubbuu keenya guutummaatti nuuf haqa, sana booda balleessaa sanaaf deebiʼee nu hin adabu. Kunis Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu gargaara. Kana malees, dhiifamni dhugaan kennaa akka taʼe yaadachuu qabna. Yihowaan namoota cubbamoo taʼaniif dhiifama kan godhu jaalalaa fi gaarummaa guddaadhaan kakaʼeeti. Dhiifamni Yihowaa wanta nuuf malu miti. Hundi keenyayyuu Yihowaan Waaqa ‘dhiifama dhugaa’ taʼuusaatti baayʼee galateeffachuu qabna. (Far. 130:4; Rom. 4:8) Haa taʼu malee, dhiifama argachuuf wanti barbaachisaan gochuu qabnu tokko jira. Yesuus, “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu” jechuudhaan ibseera. (Mat. 6:14, 15) Ifatti akka hubannutti, warra kaaniif dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya barbaachisaadha. w25.02 13 key. 18-19
Roobii, Guraandhala 4
Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].—HoE. 24:15.
Waaʼee namoota Sodoomii fi Gomoraa haa ilaallu. Loox inni nama qajeelaa taʼe isaan gidduu jiraachaa ture. Haa taʼu malee, Loox hundasaaniitiif lallabeeraa? Waaʼee kanaa hin beeknu. Namoonni sun hamoota akka turan beekamaadha; garuu hundisaaniiyyuu wanta sirrii fi dogoggora taʼe beeku turanii? Dhiironni magaalaa sanaa keessummoota Loox gudeeduuf gareedhaan taʼanii dhufanii akka turan yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun “isa xinnaadhaa hamma isa maanguddootti” akkas godhanii akka turan dubbata. (Uma. 19:4; 2 Phe. 2:7) Waaqa gara laafessa kan taʼe Yihowaan hundisaaniiyyuu abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabaanne isaanitti murteesseeraa? Akkas jechuu hin dandeenyu. Yihowaan magaalattii keessa namoonni qajeeloon kudhanillee akka hin jirre Abrahaamiif mirkaneesseera. (Uma. 18:32) Kanaafuu, namoonni sun jalʼoota turan; Yihowaan gochasaanii kanaaf isaan adabuunsaa sirrii ture. Maarree, hundisaaniiyyuu ‘jalʼoota duʼaa kaafaman’ keessaa tokko taʼuu hin dandaʼan jennee mirkanaaʼoo taanee dubbachuu ni dandeenyaa? Hin dandeenyu. w24.05 2 key. 3; 3 key. 8
Kamisa, Guraandhala 5
Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.—Mat. 6:33.
Obboloonni tokko tokko sababii haala dinagdeetiin kan kaʼe hojii maatiisaaniirraa fagaatanii jiraachuu isaan gaafatu hojjechuuf qoramaniiru; baayʼeensaanii garuu yeroo booda kun murtoo gaarii akka hin taane hubataniiru. Hojii haaraa tokko jalqabuu kee dura faayidaa gama maallaqaatiin argatturratti qofa utuu hin taʼin, miidhaa hojichi karaa hafuuraa sirraan geessisuu dandaʼurrattis yaadi. (Luq. 14:28) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Hiriyaa gaaʼelaa koorraa fagaadhee yoon deeme gaaʼela koorra miidhaan akkamii gaʼuu dandaʼa? Murtoon koo kun hariiroon obbolootaa wajjin qabuu fi tajaajila koorratti dhiibbaa akkamii geessisa?’ Ijoollee qabda taanaanimmoo gaaffii barbaachisaa taʼe kana of gaafachuu qabda: ‘Ijoollee koo wajjin hin jiraadhu taanaan “adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan [guddisuu]” kanan dandaʼu akkamitti?’ (Efe. 6:4) Yaada miseensonni maatii kee ykn michoonni kee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hin hordofne siif kennaniin utuu hin taʼin ilaalcha Waaqayyootiin geggeeffami. w25.03 29 key. 12
Jimaata, Guraandhala 6
Kana booda ijoollee taʼuu hin qabnu.—Efe. 4:14.
Kiristiyaanni bilchina hin qabne “gowwoomsaa” fi “mala haxxummaa irratti hundaaʼeen” salphaatti dogoggoruu, oduu fi seenaa sobaa miidiyaaleerratti dhihaatan amanuu, akkasumas gantootaan gowwoomfamuu dandaʼa. Namni akkasii hinaafuu, lola kakaasuu, salphaatti mufachuu, akkasumas qorumsaan moʼamuu dandaʼa. (1 Qor. 3:3) Kitaabni Qulqulluun karaa hafuuraa gara bilchinaatti deemuu guddina mucaan tokko godhu wajjin wal bira qabee ibsa. (Efe. 4:15) Daaʼimni tokko hubannaa waan hin qabneef namni guddaan toʼannaa isaaf gochuu qaba. Fakkeenyaaf, haati takka yeroo daandii ceʼanitti harka ishii akka qabdu intala ishiitti himti taʼa. Yeroo guddachaa deemtummoo ofuma ishiitiin akka ceetu ishiidhaaf heyyamti taʼa; taʼus, kallattii lamaaniinuu konkolaataan dhufaa akka hin jirre akka ilaaltu ishii yaadachiisti. Intalli sun nama guddaa yeroo taatu balaa akkasiirraa akkamitti akka of eegdu ofuma ishiitiin beekti. Kiristiyaanonni bilchina qabanis murtoo gochuusaanii dura ilaalcha Yihowaan dhimmicharratti qabu beekuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti gadi fageenyaan yaadu, achiis wanta baratan hojiirra oolchu. w24.04 3 key. 5-6
Sanbadduraa, Guraandhala 7
Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu?—Far. 15:1.
Yeroo muraasaaf michoonni Waaqayyoo warra samii keessa isa wajjin jiraatan qofa turan. Yeroo booda garuu lafarratti namoota uumee isaanis michootasaa akka taʼan heyyame. Heenok, Noh, Abrahaamii fi Iyyoob namoota michootasaa taʼan keessaa muraasa isaaniiti. Namoonni kun michoota Waaqayyoo ykn warra “Waaqa dhugaa wajjin” deeman akka taʼanitti ibsamaniiru. (Uma. 5:24; 6:9; Iyo. 29:4; Isa. 41:8) Yihowaan jaarraawwan hedduudhaaf michoonnisaa keessummootasaa akka taʼan affeeraa tureera. (His. 37:26, 27) Fakkeenyaaf, Waaqayyo tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan isa wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan fedhii guddaa akka qabu raajii Hisqiʼel barreesserraa hubachuu dandeenya. “Isaanii wajjin kakuu nagaa” akka galu waadaa galeera. Raajiin kun waaʼee yeroo namoonni samiirra jiraachuuf abdii qabanii fi namoonni lafarra jiraachuuf abdii qaban dunkaanasaa keessatti “tuuta tokko” itti taʼanii dubbata. (Yoh. 10:16) Yeroon sun ammadha! w24.06 2 key. 2, 4; 3 key. 5
Dilbata, Guraandhala 8
Misiraachoo Waaqayyoo isiniif lallabuuf . . . ija jabina arganne.—1 Tas. 2:2.
Saba Yihowaa waan taaneef garaa guutuudhaan Mootummaa Waaqayyoo ni deeggarra; taʼus akkas gochuuf yeroo baayʼee ija jabinni nu barbaachisa. (Mat. 6:33) Fakkeenyaaf, addunyaa hamaa kana keessatti ulaagaalee Yihowaa hordofnee jiraachuu fi misiraachoo Mootummichaa lallabuuf ija jabinni nu barbaachisa. Sirna caalaatti qoqqoodamaa deemu kana keessatti dhimmoota siyaasaarraa walaba taʼanii jiraachuunis ija jabina gaafata. (Yoh. 18:36) Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun siyaasarratti ykn waraanarratti hirmaachuu waan didaniif rakkinni maallaqaa isaan mudateera, miidhaan qaamaa isaanirra gaʼeera, akkasumas hidhamaniiru. Warri kaan bulchiinsa Yihowaa kan deeggaran akkamitti akka taʼe yaaduun keenya ciminaa fi ija jabina nuuf argamsiisa. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus sirna siyaasaa addunyaa Seexanaa keessa akka galuuf dhiibbaa isarratti godhame dandamateera. (Mat. 4:8-11; Yoh. 6:14, 15) Cimina argachuuf yeroo hunda Yihowaatti amanama ture. w24.07 3 key. 4; 4 key. 7
Wiixata, Guraandhala 9
Ishiin firii isaa fudhattee ni nyaatte. Sana booda, yommuu abbaan manaa ishii ishii wajjin taʼutti isaafis ni kennite; innis ni nyaate.—Uma. 3:6.
Yihowaan seenaa gaddisiisaan kun akka galmaaʼu kan godhe faayidaa keenyaafi. Seenaan kun Yihowaan cubbuu baayʼee kan jibbu maaliif akka taʼe akka hubannu nu gargaara. Cubbuun Abbaa keenyarraa nu fageessa, akkasumas duʼatti nu geessa. (Isa. 59:2) Seexanni Addaamii fi Hewaaniin cubbuutti kan galchee fi ammas namoonni cubbuutti akka galan gochaa kan jiru, Yihowaafis taʼe namootaaf jaalala waan hin qabneefi. Tarii Eedan keessatti injifannoo guddaa akka argate yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus Seexanni, Yihowaan hammam jaalala qabeessa akka taʼe hin hubanne. Waaqayyo kaayyoo sanyii Addaamii fi Hewaaniif qabu hin jijjiirre. Maatii ilmaan namootaa waan jaallatuuf, yeruma sana namoonni hundi abdii akka qabaataniif qophii godhe. (Rom. 8:20, 21) Yihowaan sanyii Addaam keessaa namoonni muraasni isa jaallachuuf akka filatanii fi walʼaansoo cubbuu wajjin godhanirratti gargaarsasaa argachuuf carraaqqii akka godhan beeka. Innis Abbaa fi Uumaasaanii waan taʼeef karaa cubbuu jalaa bilisa itti baʼanii fi isatti dhihaachuu itti dandaʼan isaaniif qopheessa. w24.08 3 key. 3-4
Kibxata, Guraandhala 10
Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].—Filp. 1:10.
Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun hojiin isaanitti baayʼata. Wanta ofii keenyaa fi maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf hojii hojjenna. (1 Xim. 5:8) Kiristiyaanonni hedduun miseensota maatii isaanii warra dhukkubsatan ykn dullooman kunuunsu. Hundi keenyayyuu fayyaa keenya kunuunsuun nu barbaachisa; kunimmoo yeroo barbaada. Itti gaafatamummaawwan kana malees, hojii gumii keessatti hojjennu qabna. Itti gaafatamummaawwan guguddaa qabnu keessaa tokko hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudha. Kiristiyaana tokkoof “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuudha; kanaafuu, yeroo hunda dursa kennuufii qabna. Kitaabni Faarfannaa nama gammachuu qabu ilaalchisee, “Seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa” jedha. (Far. 1:1, 2) Ifatti akka hubannutti, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramaduun nu barbaachisa. Maarree, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroon gaarii taʼe yoomi? Yeroon Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf filannu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti guddaan yeroo dhaabbataadhaan dubbisuuf nu dandeessisu filachuu keenyadha. w24.09 3 key. 5-6
Roobii, Guraandhala 11
Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.
Kiristiyaanni bilchina qabu tokko gargaarsi isa barbaachisaa? Eeyyee. Kiristiyaanonni bilchina qaban darbee darbee gargaarsa warra kaanii gaafachuu qabu. Namni bilchina hin qabne wanta gochuu qabu ykn murtoo ofiin murteeffachuu qabu warri kaan akka isatti himan eega taʼa. Kiristiyaanni bilchina qabu tokko Yihowaan ‘baʼaa ofii isaa akka baatu’ akka isarraa eegu waan beekuuf, ogummaa fi muuxannoo warra kaaniirraa barachuuf yaala. Akkuma namoonni gaʼeessota taʼan karaa qaamaa garaa gara taʼan, Kiristiyaanonni bilchina qabanis amaloota kanneen akka ogummaa, ija jabina, arjummaa fi gara laafinaa jiran argisiisuurratti garaa garummaa qabaachuu dandaʼu. Kana malees, Kiristiyaanonni bilchina qaban lama haalli wal fakkaataa taʼe yeroo isaan mudatu murtoo garaa gara taʼe, garuummoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu gochuu dandaʼu. Keessumaa haalli akkasii kan uumamu yeroo qalbii isaaniirratti hundaaʼanii murtoo godhanittidha. Kiristiyaanonni bilchina qaban kana waan hubataniif, yeroo garaa garummaan akkasii uumamutti walitti hin murteessan. Kanaa mannaa, tokkummaasaanii eeganii itti fufu.—Rom. 14:10; 1 Qor. 1:10. w24.04 4 key. 7-8
Kamisa, Guraandhala 12
Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.—Far. 94:19.
Gatii akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan iddoo guddaa akka siif kennu siif mirkaneessan dubbisiitii irratti xiinxali. Galma tokkorra gaʼuu ykn hamma warra kaanii hojjechuu yoo dadhabde ofitti hin murteessin. Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Far. 103:13, 14) Kanaan dura miidhaan sirra gaʼee ture taanaan, balleessaa nama si miidhe sanaatiif of hin ceephaʼin. Kun balleessaa kee miti! Yihowaan kan gaafatu nama miidhaan irra gaʼe utuu hin taʼin nama miidhaa geessise akka taʼe yaadadhu. (1 Phe. 3:12) Yihowaan warra kaan gargaaruuf sitti fayyadamuu akka dandaʼu matumaa hin shakkin. Tajaajilasaarratti isa faana akka hojjettu mirga sii kennuudhaan si kabajeera. (1 Qor. 3:9) Wanti jireenya kee keessatti si muudate warra kaaniif garaa akka laaftuu fi miira isaaniitti dhagaʼamu hubachuun akka siif salphatu godhee taʼuu dandaʼa. Namoota akkasii gargaaruuf wanta baayʼee gochuu dandeessa. w24.10 7-8 key. 6-7
Jimaata, Guraandhala 13
Waaqayyo warra filatee fi halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif haqa hin argamsiisuu? Kana malees inni obsa isaanitti ni argisiisa. Ani isinitti nan hima, inni dafee akka isaan haqa argatan godha.—Luq. 18:7, 8.
Yihowaan akkaataan warri kaan itti nu qaban isa yaaddessa. “Yihowaan haqa ni jaallata.” (Far. 37:28) Yesuus Yihowaan yeroo sirrii taʼetti ‘dafee haqa akka argamsiisu’ nuuf mirkaneesseera. Yeroo dhihootti miidhaa nurra gaʼes taʼe jalʼina haqaa guutummaatti balleessa. (Far. 72:1, 2) Yeroo qajeelummaan itti dagaagu yommuu eeggachaa jirru kanatti Yihowaan jalʼina haqaa akka dandamannu nu gargaara. (2 Phe. 3:13) Yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu gocha gowwummaa raawwachuurraa akkamitti of qusachuu akka dandeenyu nu barsiisa. Yihowaan jalʼina haqaa akkamitti dandamachuu akka dandeenyu Ilmasaatti fayyadamee nu barsiisa. Gorsa gaarii yeroo jalʼinni haqaa nurra gaʼu hojiirra oolchuu dandeenyus nuu kenna. w24.11 2-3 key. 3-4
Sanbadduraa, Guraandhala 14
Wanta nyaatan kennaafii.—Mat. 14:16.
Namoonni sun gara dhiirota 5,000 waan turaniif gaaffiin Yesuus namoota akka sooran dhiheesse ulfaataa ture. Dubartootaa fi ijoollee dabalateemmoo gara nama 15,000 taʼu. (Mat. 14:21) Indiriyaas, “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?” jedhe. (Yoh. 6:9) Daabboo garbuu yeroo baayʼee kan nyaatu namoota hiyyeeyyii taʼanidha; qurxummii xinnoon sunimmoo soogiddi itti godhamee kan gogfame taʼuu hin oolu. Taʼus, nyaanni mucaan sun qabate namoota hedduu sana akka hin geenye ifadha. Yesuus uummatichatti gaarummaa argisiisuu waan barbaadeef tuuta tuutaan margarra akka tataaʼan ajaje. (Mar. 6:39, 40; Yoh. 6:11-13) Achiis daabboo fi qurxummii sanaaf Abbaasaa galateeffate. Maddi nyaata kanaa isa waan taʼeef Waaqa galateeffachuunsaa sirriidha. Yesuus nyaachuu keenya dura kadhachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. Sana booda Yesuus barattoonnisaa nyaata sana uummatichaaf akka hiran godhe, isaanis nyaatanii quufan. w24.12 2-3 key. 3-4
Dilbata, Guraandhala 15
Waaqa keessan Yihowaa jajadhaa.—1 Sen. 29:20.
Yesuus yeroo lafarra turetti dinqii kan raawwate humna Yihowaatiin akka taʼe dubbachuudhaan Abbaasaatiif ulfina kenneera. (Mar. 5:18-20) Akkaataan itti waaʼee Abbaasaa dubbatee fi warra kaan itti qabes Yihowaadhaaf ulfina kan fidu ture. Gaaf tokko Yesuus mana sagadaa keessatti barsiisaa ture. Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa dubartiin waggaa 18tiif jinniidhaan qabamte jirti turte. Jinniin sun akka goophattu waan godheef ol jettee deemuu hin dandeessu turte. Kun baayʼee nama dhiphisa! Yesuus gara laafinaan kakaʼee dubartii sanatti dhihaatee gaarummaadhaan, “Dubartii nana, dhukkuba kee irraa furamteetta” ishiidhaan jedhe. Achiis harkasaa ishiirra kaaʼe, ishiinis yeruma sana kaatee “Waaqa galateeffachuu jalqabde”; fayyaa fi ulfinnishii guutummaatti ishiidhaaf deebiʼe. (Luq. 13:10-13) Dubartiin sun Yihowaadhaaf ulfina kennuuf sababa gaʼaa qabdi turte; nutis akkas gochuuf sababii gaʼaa qabna. w25.01 2-3 key. 3-4
Wiixata, Guraandhala 16
Cubbuu keenya nuu dhiisi.—Luq. 11:4.
Wanta Addaamii fi Hewaan dhaban hunda deebinee argachuu ni dandeenyaa? Ofii keenyaan hin dandeenyu. (Far. 49:7-9) Gargaarsa utuu argachuu baannee abdii jireenya barabaraas taʼe abdii duʼaa kaʼuu hin qabaannu turre. Akkuma bineensotaa duunee hafna turre. (Lal. 3:19 2 Phe. 2:12) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe kennaa cubbuu Addaamirraa dhaalleef dhiifama argamsiisu nuu kenneera. Yesuus kennaa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.” (Yoh. 3:16) Kana malees, kennaan kun Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf nu dandeessiseera. Kennaa dinqisiisaa kanarraa fayyadamuu fi cubbuu ykn “idaa” keenyaaf dhiifama argachuu dandeenya. w25.02 3 key. 3-6
Kibxata, Guraandhala 17
Achiis [Saaʼol] kaʼee cuuphame.—HoE. 9:18.
Saaʼol akka cuuphamu maaltu isa gargaare? Saaʼol Yesuus inni ulfina argate yommuu isatti mulʼatetti ijjisaa ni jaame. (HoE. 9:3-9) Sana booda guyyaa sadiif soomaa ture; yeroo kanatti wanta isa mudaterratti akka xiinxale hin shakkisiisu. Saaʼol, Yesuus Masiihicha akka taʼe, duuka buutonnisaas amantaa dhugaa hordofaa akka jiran mirkanaaʼaa taʼe. Saaʼolirraa barumsa argannu hedduu qabna. Koorri ykn sodaan namaa cuuphamuurraa duubatti akka isa taasisu heyyamuu dandaʼa ture. Taʼus, kun akka taʼu hin heyyamne. Ariʼatama akka isarraan geessisu kan beeku taʼus Kiristiyaana taʼuuf fedhii qaba ture. (HoE. 9:15, 16; 20:22, 23) Erga cuuphamee boodas qorumsa garaagaraa dandamachuuf akka isa gargaaru Yihowaatti amanamuusaa itti fufeera. (2 Qor. 4:7-10) Cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa yommuu taatu qorumsi amantii ykn rakkinni si mudachuu dandaʼa, taʼus gargaarsa ni argatta. Yihowaa fi Kiristoos yeroo hundumaa akka si deggeran mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Filp. 4:13. w25.03 4 key. 8-9
Roobii, Guraandhala 18
Ani akka kanaan kanan fiigu kaayyoo malee miti.—1 Qor. 9:26.
Kitaaba Qulqulluu dubbisuun keenya gaariidha; haa taʼu malee, dubbisa keenyarraa faayidaa guutuu argachuuf wanti gochuun nu barbaachisu kan biraanis jira. Mee fakkeenya kanarratti yaadi: Bishaan bokkaarraa argamu jireenyaaf barbaachisaadha. Bokkaa hedduun takkaatti yoo roobe garuu bishaan lafarra ciisuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti bokkaa hedduun roobuunsaa faayidaa argamsiisu hin qabu. Biyyoon bokkaa roobe ofitti fudhatee biqiltoonni akka irraa fayyadaman gochuuf yeroo barbaada. Haaluma wal fakkaatuun, utuu takka dhaabbannee irratti hin yaadin ariitiidhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuurraa of qusachuu qabna; taʼuu baannaan, wanta dubbisne yaadannee hojiirra oolchuun nutti ulfaata. (Yaq. 1:24) Yeroo tokko tokko Kitaaba Qulqulluu ariitiidhaan dubbistaa? Taanaan, maal gochuu qabda? Suuta dubbisi. Yeroo dubbistu ykn erga dubbistee booda irratti yaaduuf carraaqqii godhi. Irratti yaaduuf ykn xiinxaluuf akka si gargaaruuf yeroo qoʼannaaf ramadde dheeressuu dandeessa. w24.09 4 key. 7-9
Kamisa, Guraandhala 19
Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa.—Ibr. 13:17.
Jaarsoliin qajeelfamni tokko yeroo isaan gaʼu of eeggannoodhaan dubbisuu fi hamma isaaniif dandaʼame hojiirra oolchuu qabu. Gumii keessatti kutaa dhiheessuu fi kadhannaa dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe qofa utuu hin taʼin, hoolota Kiristoos akkamitti kunuunsuu akka dandaʼan ilaalchisee qajeelfamni isaaniif kennama. Jaarsoliin qajeelfama jaarmiyichaa hojiirra oolchan obboloonnii fi obboleettonni Yihowaan akka isaan jaallatuu fi akka isaan kunuunsu akka isaanitti dhagaʼamu godhu. Qajeelfama jaarsoliirraa argannu fedhiidhaan hojiirra oolchuu qabna. Kana gochuudhaan obboloonni dura buutota taʼan hojiisaanii hojjechuun akka isaaniif salphatu gochuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun obboloota dura buutota taʼaniif akka ajajamnuu fi akka bitamnu nu jajjabeessa. (Ibr. 13:7, 17) Kana gochuun yeroo tokko tokko ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliifi? Obboloonni kun mudaa waan qabaniifi. Haa taʼu malee, amaloota gaggaarii isaan qabanirratti utuu hin taʼin dadhabina isaaniirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe diinota keenya gargaaraa jirra jechuudha. Akkamitti? Dadhabina isaaniirratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe amantiin jaarmiyaa Waaqayyoorratti qabnu ni hirʼata. w24.04 10 key. 11-12
Jimaata, Guraandhala 20
Inni . . . namoota gargar foʼa.—Mat. 25:32.
Namoonni yeroo rakkina guddaatti duʼan hundi abdii duʼaa kaʼuu utuu hin qabaatin bara baraaf balleeffamuu? Kitaabni Qulqulluun ifatti akka dubbatutti namoonni Yihowaa mormanii fi innii fi loltoonnisaa Armaagedoonirratti balleessan duʼaa hin kaafaman. (2 Tas. 1:6-10) Namoonni kaanoo duʼaa ni kaafamuu? Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko yeroo rakkina guddaatti sababa dhukkubaatiin ykn dullumaatiin, akkasumas balaan isaanirra gaʼee duʼuu dandaʼu ykn namootaan ajjeefamuu dandaʼa. (Lal. 9:11; Zak. 14:13) Namoota kana keessaa tokko tokko ‘jalʼoota’ addunyaa haaraa keessatti duʼaa kaafaman keessaa taʼuu dandaʼuu? (HoE. 24:15) Kana ilaalchisee wanti beeknu hin jiru. Waaʼee taʼeewwan gara fuulduraa wanti beeknu hedduun jira. Fakkeenyaaf, wanti yeroo Armaagedoonitti namootatti murteessuuf buʼuura taʼu tokko akkaataa isaan obboloota Kiristoos itti qaban akka taʼe beekna. (Mat. 25:40) Namoonni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamu dibamtootaa fi Kiristoosiin akka deggeran argisiisu.—Mul. 12:17. w24.05 10-11 key. 9-11
Sanbadduraa, Guraandhala 21
Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan koo haa jajamu! Waaqni fayyisaa koo taʼe ol haa qabamu.—Far. 18:46.
Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraannu “[yeroo] addaa baayʼee rakkisaa taʼe” jedhee ibsa. (2 Xim. 3:1) Sabni Yihowaa rakkoowwan namoota hundarra gaʼaniin alattis mormii fi ariʼatama dandamachuu qabu. Utuma rakkoowwan kun nurra gaʼanii Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara? Wanti nu gargaaru inni guddaan Yihowaan “Waaqa jiraataa” akka taʼe beekuu keenyadha. (Er. 10:10; 2 Xim. 1:12) Yihowaan Qaama qorumsa nurra gaʼu hunda arguu fi yeroo hunda nu gargaaruuf qophaaʼaa taʼedha. (2 Sen. 16:9; Far. 23:4) Waaqa jiraataa akka taʼe yaadachuun keenya qorumsa nu mudatu kamiyyuu milkaaʼinaan dandamachuuf nu gargaara. w24.06 20 key. 1-2
Dilbata, Guraandhala 22
Daandiin qajeelotaa . . . akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema.—Fak. 4:18.
Amanannaa jaarmiyaa Yihowaarratti qabnu eeggachuu qabna. Obboloonni dura buutota taʼan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu tokko ilaalchisee hubannaa qabnurratti ykn karaa hojiin Mootummichaa itti gurmaaʼerratti sirreeffamni godhamuu akka qabu yeroo ifa taʼu, jijjiirama barbaachisu gochuurraa duubatti hin jedhan. Kana kan godhan wanta kamiyyuu caalaa Yihowaa gammachiisuu waan barbaadaniifi. Kana malees, qajeelfamni kennan Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu gochuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu; Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama sabni Yihowaa hundi hordofuu qabanidha. Phaawulos ergamaan gorsa, “Dubbii gaarii . . . akka qajeelfamaatti hordofi” jedhu kenneera. (2 Xim. 1:13) ‘Dubbii gaariin akka qajeelfamaatti hordofuu’ qabnu barumsawwan Kiristiyaanaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman argisiisa. (Yoh. 17:17) Barumsawwan kun wanta itti amannu hundaaf buʼuuradha. Jaarmiyaan Yihowaa qajeelfama kanatti akka maxxannu nu barsiiseera. Kana gochuu keenya yoo itti fufne eebba arganna. w24.07 11-12 key. 12-13
Wiixata, Guraandhala 23
Yihowaan . . . hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef isiniif jedhee obsa.—2 Phe. 3:9.
Pheexiros muuxannoosaa irraa kaʼuudhaan waaʼee yaada geddarachuu fi dhiifama argachuu warra kaan barsiisuu ni dandaʼa. Ayyaana Phenxeqosxee booda Pheexiros ergamaan Yihudoota hin amanneef haasaa akka isaan Masiihicha ajjeesan ibsu isaaniif dhiheessee ture. Taʼus, jaalalaan kakaʼee akkana jedhee isaan jajjabeesseera: “Kanaafuu, cubbuun keessan akka isinii haqamuuf yaada geddaradhaa, deebiʼaas; Yihowaa biraa yeroon haareffamuu isiniif ni dhufa.” (HoE. 3:14, 15, 17, 19) Pheexiros karaa kanaan cubbamaan tokko yaada geddarachuunsaa deebiʼuuf, jechuunis yaadaa fi gocha dogoggoraa dhiisee Waaqayyoon gammachiisuuf akka isa kakaasu ifa godheera. Yihowaan cubbuusaanii akka isaaniif haqu ykn guutummaatti akka balleessus ibseera. Yihowaan cubbuu cimaa yoo hojjennellee hamma yaada geddarannetti dhiifama akka nuuf godhu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! w24.08 12 key. 14
Kibxata, Guraandhala 24
Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu.—Ibr. 13:5.
Dhumni sirna kanaa akka dhufu amantii cimaa yoo qabaanne jaalala maallaqaarraa fagaachuuf kakaana. Namoonni “guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu” akka hin dandeenye waan hubataniif “meetii isaanii daandii irratti gatu.” (His. 7:19) Hamma dandeenye maallaqa baayʼee walitti qabachuuf yaaluu mannaa, murtoo jireenya salphaa garuummoo madaalliisaa eeggate jiraachuuf nu gargaaru gochuu qabna. Kunis liqii hin barbaachisne keessa galuu ykn qabeenya keenya kunuunsuudhaan yeroo dheeraa dabarsuurraa of qusachuu dabalata. Qabeenya qabnu garmalee akka hin jaallannes of eeggachuu qabna. (Mat. 6:19, 24) Dhuma sirna kanaa eeggachaa yeroo jirru kanatti qabeenyi amantii keenya qoruu dandaʼa. w24.09 11 key. 13-14
Roobii, Guraandhala 25
Namni, “Ani dhaabbadheera” jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.—1 Qor. 10:12.
Dadhabina keenya tokko tokko guutummaatti injifachuu dandeenya taʼa. Dadhabina kaan wajjin garuu itti fufiinsaan walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Mee haala Pheexiros ergamaa haa ilaallu. Sodaa namaatiin moʼamee siʼa sadii Yesuusiin ganeera. (Mat. 26:69-75) Pheexiros yaaʼii Saanhedriin duratti dhihaatee ija jabinaan yeroo dhugaa baʼetti sodaasaa kana waan injifate fakkaata ture. (HoE. 5:27-29) Haa taʼu malee, waggoota muraasa booda, “warra dhaqna qabatan sodaatee” yeroodhaaf Kiristiyaanota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuu dhiisee ture. (Gal. 2:11, 12) Pheexiros sodaansaa itti deebiʼee ture. Tarii yeroo sanatti dadhabinasaa kana guutummaatti hin injifanne taʼa. Nutis haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, gorsa Yesuus, “Qorumsatti akka hin galleef dammaqaa eegaa” jechuudhaan nuuf kenne hojiirra oolchuu dandeenya. (Mat. 26:41) Yeroo jabaa akka taate sitti dhagaʼamullee haalawwan akka qoramtu si taasisuu dandaʼanirraa fagaadhu. Malawwan milkaaʼina siif argamsiisan hojiirra oolchuu kee itti fufi.—2 Phe. 3:14. w24.07 18-19 key. 17-19
Kamisa, Guraandhala 26
[Namoota] kennaa godhee kenne.—Efe. 4:8.
Namni hamma Yesuus arjaa taʼe hin jiru. Yesuus yeroo lafarra turetti dandeettii dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamee namoota gargaareera. (Luq. 9:12-17) Nuuf jecha lubbuusaa dabarsee kennuudhaan kennaa hundarra caalu nuuf kenneera. (Yoh. 15:13) Yesuus duʼaa erga kaʼee boodas arjummaa argisiisuusaa itti fufeera. Akkuma waadaa galetti hafuura qulqulluu isa nu barsiisuu fi nu jajjabeessu akka nuuf ergu Yihowaa kadhateera. (Yoh. 14:16, 17, milj.; 16:13) Walgaʼiiwwan gumiitti fayyadamuudhaanis addunyaa maratti hojii barattoota gochuu hojjechuuf gaʼumsa akka qabaannu nu gargaaruusaa itti fufeera. (Mat. 28:18-20) Phaawulos ergamaan Yesuus gara samiitti erga ol baʼee booda, ‘namoota kennaa godhee akka kenne’ barreesseera. (Efe. 4:7, 8) Phaawulos, Yesuus obboloota kana kan kenne gumicha karaa garaagaraatiin deggeruuf akka taʼe ibseera. (Efe. 1:22, 23; 4:11-13) Obboloonni kun mudaa waan qabaniif, dogoggora akka raawwatan ifadha. (Yaq. 3:2) Taʼus, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos nu gargaaruuf isaanitti fayyadama; isaan kennaa inni nuuf kennedha. w24.10 18 key. 1-2
Jimaata, Guraandhala 27
[Hubannaan] si golga.—Fak. 2:11.
Daawit ilmisaa Solomoon milkaaʼina kan argatu Yihowaadhaaf yoo ajajame qofa akka taʼe isaatti hime. Kan nama gaddisiisu, jireenyasaa gara boodaarratti waaqolii kan biroo waaqeffachuu jalqabe. Sana booda Solomoon fudhatama Yihowaa duratti qabu waan dhabeef, ogummaa qajeelummaa fi haqaan bulchuuf isa dandeessisu dhabeera. (1 Mot. 11:9, 10; 12:4) Maal baranna? Ajajamuun milkaaʼina argamsiisa. (Far. 1:1-3) Dhugaadha, Yihowaan akka Solomooniif kennetti badhaadhinaa fi ulfina nuuf kennuuf waadaa hin galle. Taʼus, Waaqni keenya yoo isaaf ajajamne ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (Fak. 2:6, 7; Yaq. 1:5) Dhugaawwan buʼuuraasaa hojii, barumsa, bashannanaa fi maallaqa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru. Ogummaa Waaqayyoo hojiirra oolchuun miidhaa dhaabbataa taʼerraa nu oolcha. (Fak. 2:10, 11) Warra kaan wajjin hariiroo cimaa uumuuf nu gargaara. Qajeelfama jireenya maatii gammachiisaa taʼe qabaachuuf nu gargaarus qabna. w24.11 10-11 key. 11-12
Sanbadduraa, Guraandhala 28
Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa; wanta gaarii taʼe jabeessaa qabadhaa.—1 Tas. 5:21.
Warri Kitaaba Qulqulluu fi Waaqayyootti amanuu ilaalchisee ijoolleesaanii wajjin marii gammachiisaa gochuuf carraa isaan dandeessisu garaagaraa qabu. Godambaa tokko yeroo daawwattanitti carraa akkasii argachuu dandeessu. Taʼeewwan seenaa ykn hambaalee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu sirrii taʼuusaa isaaniif mirkaneessanirratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaruu dandeessu. Tarii waaʼee dhagaa Dhagaa Moʼaabotaa jedhamee beekamuu ijoollee keessanitti himuu ni dandeessu; dhagaa waggaa 3,000 dura bocame kanarratti maqaan Waaqayyoo ni argama. Fakkiin Dhagaa Moʼaabotaa agarsiisa “Kitaaba Qulqulluu fi Maqaa Waaqayyoo” isa Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Waarwiik, Niiwu Yoorkitti argamu keessa jira. Dhagaan Moʼaabotaa mootii Moʼaab kan taʼe Meeshaan Israaʼelirratti akka fincile ibsa. Yaanni kun wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu wajjin wal sima. (2 Mot. 3:4, 5) Ijoolleen keessan ragaa Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuusaa mirkaneessu ijasaaniitiin yeroo argan amantiinsaanii ni cima. w24.12 14 key. 4; 15 key. 6.