LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr26 Amajjii ful. 1-12
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • AMAJJII 5-11
  • w16.04 28 key. 4
  • Addunyaa Qoqqoodame Kana Keessatti Adda Taʼaa
  • AMAJJII 12-18
  • AMAJJII 19-25
  • AMAJJII 26–GURAANDHALA 1
  • GURAANDHALA 2-8
  • GURAANDHALA 9-15
  • GURAANDHALA 16-22
  • GURAANDHALA 23 –BITOOTESSA 1
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2026
mwbr26 Amajjii ful. 1-12

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

AMAJJII 5-11

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 17-20

‘Qooda Warra Nu Saamanii’

w18.06 7 key. 16

“Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”

16 Dhuguma iyyuu jijjiiramawwan kun barbaachisoo dha! Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa galaana hurrisuu fi hunkuramu, jechuunis galaana nagaa hin beeknee wajjin wal fakkeessa. (Isa. 17:12; 57:20, 21; Mul. 13:1) Yeroo dhimmi siyaasaa namoota kakaasu, isaan gidduutti qoqqoodiinsa uumuu fi jeequmsi suukanneessaan akka kaʼu godhutti, nuti garuu nagaa keenyaa fi tokkummaa keenya eegnee jiraanna. Yihowaan addunyaa qoqqoodamaa keessa jiraannu kana yommuu ilaalu, tokkummaan saba isaa gidduu jiru akka isa gammachiisu beekamaa dha.—Sefaaniyaa 3:17 dubbisi.

w16.04 28 key. 4

Addunyaa Qoqqoodame Kana Keessatti Adda Taʼaa

4 Haalli siyaasaa naannoo keenyaa tasgabbaaʼaa fi waaqeffannaa dhugaa kan hin mormine taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo dhumni sirna Seexanaa dhihaachaa deemu, adda taʼuun caalaatti ulfaataa akka taʼu eeguu dandeenya. Addunyaan kun namoota “walii galuuf fedhii kan hin qabne” taʼanii fi namoota “mata jabeeyyii” taʼaniin guutameera; kanaafuu caalaatti qoqqoodamaa deema. (2 Xim. 3:3, 4) Biyyoota tokko tokkotti haalli siyaasaa akka tasaa waan jijijjiiramuuf, yeroo hin eegamnetti rakkinni adda taʼuu wajjin wal qabate obboloota keenya irra gaʼeera. Murtoo adda taʼuudhaaf goone ammuma cimsachuu kan qabnu maaliif akka taʼe hubattee? Hamma rakkinni nu mudatutti yoo eegne garuu, tarii ejjennoo keenya laaffisuu fi adda taʼuu dhiisuu dandeenya taʼa. Addunyaa qoqqoodame kana keessatti adda taanee jiraachuu keenya itti fufuuf of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti ree? Wantoota nu gargaaran afur haa ilaallu.

ip-1-AM 198 key. 20

Murtii Yihowaan Sabootarratti Dabarse

20 Buuʼaansaa maalidha? Isaayyaas akkana jedheera: “Galgala jeequmsi jira. Bariʼuu isaa duras isaan achitti hin argaman. Qoodni warra nu saamanii, carraan warra qabeenya keenya humnaan fudhataniis kana dha.” (Isaayyaas 17:14) Namoonni hedduun saba Yihowaarratti gocha gara jabinaa raawwachuudhaan, akkasumas isaan salphisuudhaan qabeenyasaanii humnaan fudhachaa jiru. Kiristiyaanonni dhugaan kutaa amantaalee addunyaa gugguddaa waan hin taanee fi taʼuus waan hin barbaanneef, qeeqxonnii fi mormitoonni namoota miidhaadhaaf saaxilaman akka taʼanitti isaan ilaalu. Taʼus, sabni Waaqayyoo ‘bariin,’ jechuunis yeroon qorumsi isaanirra gaʼu itti dhaabbatu baayʼee akka dhihaate mirkanaaʼoodha.—2 Tasalonqee 1:6-9; 1 Pheexiros 5:6-11.

Albuuda Hafuuraa

w06-AM 12/1 11 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Isaayyaas— Kutaa 1

20:2-5—Isaayyaas waggaa sadiif qullaasaa asiifi achi deemaa turee? Isaayyaas uffata irraan uffatu qofa ofirraa baasee, jechuunis “uffata jalaan uffatamu qofa” uffatee taʼuu dandaʼa.—1 Saamuʼel 19:24, miiljalee.

AMAJJII 12-18

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 21-23

Barumsa Kufaatii Shebnaarra Gaʼerraa Argannu

w18.03 25 key. 7-9

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

7 Gatii adabni qabu hubachuuf mee namoota Yihowaan adaba isaaniif kenne lama haa ilaallu: isaanis, Shebnaa isa bara Hisqiyaas Mootichaatti jiraatee fi Giraaham isa yeroo ammaatti argamu dha. Shebnaan ‘hojii mana mootummaa Hisqiyaas adeemsisaa’ waan tureef, aangoo guddaa qaba ture. (Isa. 22:15) Kan nama gaddisiisu garuu, ulfina argachuu waan barbaadeef kooruu jalqabe. Baasii hedduudhaan ofii isaatiif iddoo awwaalaa kan tolchisiifate siʼa taʼu, ‘konkolaattota ulfina qabeeyyii’ taʼaniin deema ture!—Isa. 22:16-18.

8 Shebnaan ofii isaatiif ulfina argachuu irratti waan xiyyeeffateef, Waaqayyo ‘hojii isaa irraa isa kaasee’ Eliyaaqiimiin bakka isaa buuseera. (Isa. 22:19-21) Jijjiiramni kun kan godhame yommuu mootii Asor kan taʼe Senaaheriib Yerusaalemiin waraanuu barbaadetti dha. Yeroo boodas mootiin sun hamilee Yihudootaa cabsuuf, akkasumas Hisqiyaas sodaatee harka akka kennu gochuuf, raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin ajajjoota mana mootummaa gara Yerusaalemitti ni erge. (2 Mot. 18:17-25) Ajajjoota kana akka haasofsiisuuf Eliyaaqiim kan ergame taʼus, kophaa isaa hin turre. Namoota kan biraa lamaa wajjin kan deeme siʼa taʼu, isaan keessaa inni tokko Shebnaa isa yeroo sanatti barreessaa taʼee tajaajilu ture. Tarii kun Shebnaan haala isa mudatetti garmalee gadduu fi haaloo qabachuu mannaa gad of qabee itti gaafatamummaa gadi aanaa taʼe akka fudhate kan argisiisu dhaa? Taanaan, seenaa kana irraa maal barachuu dandeenya? Mee barumsawwan Shebnaa irraa argannu sadii haa ilaallu.

9 Tokkoffaa, Shebnaan aangoo isaa dhabeera. Muuxannoon isaa akeekkachiisni, “Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa” jedhu dhugaa taʼuu isaa argisiisa. (Fak. 16:18) Gumii keessatti mirgawwan tarii hamma tokko beekamtii siif argamsiisan yoo qabaatte, gad of qabuu kee itti fufuuf carraaqqii ni gootaa? Kennaawwan qabdu ykn wanta raawwatte kam iyyuu wajjin haala wal qabateen ulfinni Yihowaadhaaf akka taʼu ni gootaa? (1 Qor. 4:7) Phaawulos ergamaan, “Namni isin gidduu jiru hundi, . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa” jedhee barreesseera.—Rom. 12:3.

w18.03 25 key. 10

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

10 Lammaffaa, Yihowaan Shebnaadhaaf gorsa cimaa kennuudhaan haalli isaa abdii kan qabu akka taʼetti akka yaadu argisiiseera. (Fak. 3:11, 12) Kun warra gumii Waaqayyoo isa yeroo harʼaatti argamu keessatti mirga qaban dhabaniif barumsa gaarii dha! Aaruu fi haaloo qabachuu mannaa, adabni isaaniif kenname jaalala Yihowaa kan argisiisu akka taʼetti ilaaluudhaan haala haaraa amma keessa jiran keessatti hamma isaaniif dandaʼame Waaqayyoon tajaajiluu isaanii itti fufuu dandaʼu. Abbaan keenya yoo isa duratti gad of qabne akka waan abdii hin qabneetti akka nu hin ilaalle yaadadhaa. (1 Pheexiros 5:6, 7 dubbisi.) Adabni jaalala irratti hundaaʼe karaa Waaqayyo nu sirreessuuf itti fayyadamu waan taʼeef, harka isaa keessatti akka suphee lallaafaa haa taanu.

w18.03 26 key. 11

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

11 Sadaffaa, akkaataan Yihowaan Shebnaa itti qabe, warra adaba kennan kan akka warraa fi ilaaltoota ol aanaa jiraniif barumsa gaarii qabateera. Barumsa akkamii? Adabni Yihowaan kennu cubbuu akka jibbu kan mulʼisu taʼus, nama cubbuu raawwateef akka yaadus kan argisiisu dha. Warra ykn ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaan adaba kan kennitan yoo taʼe, wanta dogoggora taʼe utuma jibbitanii wanta gaarii mucaan keessan ykn namni hidhata amantii keessanii taʼe qabu ilaaluudhaan fakkeenya Yihowaa ni hordoftuu?—Yih. 22, 23.

Albuuda Hafuuraa

w20.12 09 key. 5

“Warri Duʼan kan Kaafaman Akkamitti?”

5 Phaawulos ilaalcha namoonni tokko tokkoo isa, “Warri duʼan hin kaʼan yoo taʼe, ‘boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus’” jedhuu fi hamaa taʼe irraa akka of eeggatan obboloota isaa akeekkachiiseera. Ilaalchi akkasii bara Phaawulos dura iyyuu jira ture. Phaawulos yaada kana kan fudhate Isaayyaas 22:13, isa ilaalcha Israaʼelootaa ibsu irraa taʼuu dandaʼa. Isaan jaalala Waaqayyoof qaban cimsachuu mannaa, of gammachiisuu irratti xiyyeeffatu turan. Israaʼeloonni kun yaada yeroo ammaattis baramaa taʼee fi yeroo kamitti iyyuu duʼuu waan dandeenyuuf, of haa gammachiisnu jedhu qabu turan. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ilaalcha dogoggoraa kanaan kan kaʼe wanta isaan irra gaʼe ni dubbata.—2 Se. 36:15-20.

AMAJJII 19-25

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 24-27

“Waaqni Keenya Isa Kana!”

cl 17 key. 21

“Kunoo, Waaqni Keenya Isa Kana!”

21 Mucaan xinnoon tokko gara abbaa isaatti quba qabee gammadaa fi boonaa, “Sun abbaa kooti” jedhee yeroo hiriyoota isaatti himu argitee beektaa? Tajaajiltoonni Waaqayyoos isatti boonuuf sababii hedduu qabu. Kitaabni Qulqulluun, yeroon namoonni amanamoon, “Kunoo, Waaqni keenya isa kana!” jedhan akka dhufu raajii dubbateera. (Isaayyaas 25:8, 9) Waaʼee amalawwan Yihowaa hubannaa dabalataa argachaa yommuu deemtu, Abbaa hunda irra caalu akka qabdu sitti dhagaʼamaa deema

w24.12 6 key. 14

Daabboo Dinqiidhaan Argamerraa Maal Baranna?

14 Yesuus, “Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni” jennee akka kadhannu yeroo barsiisetti, “Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu” jennee akka kadhannu barsiiseera. (Mat. 6:9-11) Yeroo sanatti addunyaan kun maal fakkaata? Fedhiin Waaqayyoo lafarratti nyaanni gaariin akka jiraatu gochuu akka dabalatu Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. Isaayyaas 25:6-8 akka jedhutti Mootummaa Yihowaa jalatti namoonni nyaata gaarii hedduu ni argatu. Faarfannaan 72:16, “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa” jedha. Midhaan sana keessaa tokko tokkotti fayyadamtee daabboo jaallattu tolchuuf ykn nyaata haaraa qopheessuuf ni hawwitaa? Firii wayinii ofuma keetiin dhaabde nyaachuus ni dandeessa. (Isa. 65:21, 22) Wantoota kanatti kan gammadu garuu si qofa miti.

w25.01 28-29 key. 11-12

Jaalalli Yihowaa kan Nu Fayyadu Akkamitti?

11 Lafa jannata taaturratti jireenyi kee maal akka fakkaatu yaadi. Nan dhukkubsadha ykn nan duʼa jettee hin yaaddoftu. (Isa. 25:8; 33:24) Yihowaan wantoota gaggaarii barbaaddu hundumaa siif kenna. Yeroo sana waaʼee maalii barachuu barbaadda? Fiiziksii? Keemistirii? Muuziqaa? Moo aartiidha? Namoonni diizaayinii manaa baasanii fi ijaaran, akkasumas hojii qonnaa hojjetan ni barbaachisu. Namoonni nyaata qopheessan, meeshaalee garaagaraa hojjetan, biqiltoota dhaabanii fi kunuunsanis ni barbaachisu. (Isa. 35:1; 65:21) Barabaraaf yeroo jiraattu ogummaa barbaaddu kamiyyuu barachuuf yeroo ni qabaatta.

12 Namoota duʼaa kaʼan simachuun baayʼee nama gammachiisa! (HoE. 24:15) Wantoota Yihowaan uume hedduu qorachuudhaanis waaʼeesaa caalaatti barachuun hammam akka si gammachiisu tilmaamuu dandeessa. (Far. 104:24; Isa. 11:9) Hunda caalaammoo miirri balleessaa xinnoonillee utuu sitti hin dhagaʼamin Yihowaa waaqeffachuu dandeessa. “Gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf [argamsiisuuf]” jettee eebbawwan kana hunda aarsaa ni gootaa? (Ibr. 11:25) Matumaa! Yeroo ammaatti eebbawwan kanaaf jecha aarsaa akkamiiyyuu kaffaluun nu hin gaabbisiisu. Jannanni lafarraa yeroo hunda abdii taʼee akka itti hin fufne yaadadhu. Gaaf tokko dhugoomuunsaa hin oolu. Yihowaan nu jaallatee Ilmasaa utuu nuu kennuu baatee wantoonni kun hundi hin raawwataman turan.

Albuuda Hafuuraa

w24.12 24 key. 18

Yihowaan Imimmaan Kee ni Arga

18 Hisqiyaas wanta Yihowaan dubbaterraa jajjabina argateera. Nutis Dubbii Yihowaarraa jajjabina argachuu ni dandeenya. Yihowaan yaadawwan yeroo haalli dhiphisaan nu mudatu miira keenya nuuf tasgabbeessan akka nuuf galmaaʼan godheera. (Rom. 15:4) Obboleettiin Afrikaa Dhihaa keessa jiraattuu fi dhukkuba kaansariitiin qabamte takka yeroo baayʼee ni boossi. Akkana jetteetti: “Caqasni baayʼee na jajjabeesse tokko Isaayyaas 26:3dha. Qorumsa nu mudatu guutummaatti toʼachuu kan hin dandeenye taʼus, caqasni kun Yihowaan nagaa sammuu tarkaanfii yeroo akkasiitti fudhannu toʼachuuf nu gargaaru akka nuuf kennu naaf mirkaneesseera.” Caqasni yeroo haalli baayʼee ulfaataa taʼee fi abdii kan hin qabne fakkaatu si mudatetti si tasgabbeesse jiraa?

AMAJJII 26–GURAANDHALA 1

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 28-29

Wanta Dubbattanii fi Wanta Garaa Keessanitti Yaaddaniin Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

ip-1-AM 299 key. 23

Isaayyaas Waaʼee ‘Hojii Yihowaa Isa Baramaa hin Taanee’ Raajii Dubbate

23 Geggeessitoonni amantaa Yihudii karaa hafuuraa hubatoo akka taʼan kan dubbatan taʼus, Yihowaa dhiisanii turan. Wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee yaadasaanii isa miciiramaa barsiisu turan; gochi amantii dhabuudhaan raawwatanii fi addaggummaansaanii, akkasumas sabichi Waaqayyoo biratti fudhatama akka dhabu gochuunsaanii sirrii akka taʼe fakkeessanii dhiheessu. Yihowaan “dinqii irratti dinqii” raawwachuudhaan, jechuunis “hojii isaa isa baramaa hin taane” raawwachuudhaan fakkeessaa isaanii kanaaf isaan adaba. Akkana jedheera: “Sabni kun afaan isaatiin natti dhihaata, hidhii isaatiinis ulfina naaf kenna, garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha; kan na sodaatus ajaja namootaa isa barate irratti hundaaʼee ti. Kanaafuu, saba kana irratti ammas wanta dinqisiisaa kan raawwatu, dinqii irratti dinqii kan raawwatus ana dha; ogummaan namoota isaanii warra ogeeyyii taʼanii ni bada, hubannaan namoota isaanii warra hubatoo taʼaniis kan dhokfame ni taʼa.” (Isaayyaas 29:13, 14) Yihowaan Mootummaan Addunyaa Baabiloon sirna amantaa Yihudii isa gantummaarratti hundaaʼe akka balleessu yeroo haala mijeessetti ogummaanii fi hubannaan Yihudaas wajjin bade. Jaarraa jalqabaatti yeroo geggessitoonni Yihudii ogeyyii akka taʼan isaanitti dhagaʼamu sabicha jalʼisanittis wantuma akkasiitu taʼe. Saba Kiristiyaanaa bara keenya jirturrattis wantuma akkasiitu gaʼa.—Maatewos 15:8, 9; Roomaa 11:8.

w21.05 9 key. 7

Wanti Kam Iyyuu Qajeelota hin Gufachiisu

7 Yesuus gocha fakkeessaa geggeessitoonni amantii bara isaa turan raawwatan ija jabinaan balaaleffateera. Fakkeenyaaf, fakkeessitummaa Fariisotaa saaxileera, isaan warra isaanii kunuunsuu caalaa akkaataa harka isaanii itti dhiqataniif xiyyeeffannaa kennu. (Mat. 15:1-11) Barattoonni Yesuus wanti inni dubbate kun isaan dinqisiisee taʼuu qaba. Kanaafuu, “Fariisonni wanta ati dubbatte dhagaʼanii akka gufatan hubatteettaa?” jedhanii isa gaafatan. Innis deebisee akkas jedhe: “Biqiltuun Abbaan koo inni samii hin dhaabne hundi ni buqqifama. Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.” (Mat. 15:12-14) Yesuus geggeessitoonni amantii isatti aaruun isaanii dhugaa dubbachuu akka dhiisu isa hin goone.

w24.06 10 key. 8

Barabaraaf Keessummaa Yihowaa Taʼi!

8 Namoonni ‘garaa isaaniitti dhugaa dubbatan’ dhoksaatti seera Waaqayyoo utuma cabsanii namoota duratti ajajamoo fakkaatanii mulʼachuuf hin yaalan. (Isa. 29:13) Wanta jalʼaa taʼe hin raawwatan. Namni jalʼaa taʼe qajeelfamoonni Yihowaa tokko tokko ogummaarratti kan hundaaʼan taʼuusaanii ni shakka taʼa. (Yaq. 1:5-8) Dhimmoota xixiqqoodha jedhee yaadurratti Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin hafa taʼa. Ajajamuu dhiisuusaatiin kan kaʼe rakkinni isa hin mudanne taanaanimmoo wantoota sanarra hammaatan raawwachuu dandaʼa; yeroo kanatti waaqqeffannaansaa fakkeessaarratti kan hundaaʼe taʼa. (Lal. 8:11) Nuti garuu wanta hundumaarratti amanamoo taʼuu barbaanna.

Albuuda Hafuuraa

w23.12 15 key. 3

Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa

Hammam cimaa akkan taʼe argisiisuuf dhugaatii alkoolii nan dhugaa? Aadaa tokko tokko keessatti dhugaatii yeroo baayʼee fi garmalee dhuguun wanta fudhatama qabu akka taʼetti ilaalama. (1 Phe. 4:3) Haa taʼu malee 1 Qorontos 16:13 gorsa, “Dammaqaa jiraadhaa, amantiitti cimaa dhaabbadhaa, dhiira taʼaa, jaboo taʼaa” jedhu nuuf kenna. Namni tokko dhugaatii alkoolii dhuguun isaa jabaa akka taʼu isa gargaaruu dandaʼaa? Matumaa isa hin gargaaru. Namni tokko dhugaatii dhuguun isaa dandeettiin yaaduu isaa akka dadhabuu fi murtoo gadhee akka godhu isa taasisuu dandaʼa. Kanaafuu, dhugaatii alkoolii baayʼisanii dhuguun mallattoo ciminaa utuu hin taʼin mallattoo dadhabinaati. Isaayyaas 28:7 namni dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe karaarraa goree akka gatantaruu fi akka gufatu dubbata.

GURAANDHALA 2-8

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 30-32

Qoochoo Yihowaa Jalatti Kooluu Galuu

w01-AM 11/15 16 key. 7

Yihowaan Dahoo Keenya

7 Yihowaan dahoo keenya waan taʼeef yaanni armaan gadii nu jajabessa: “Inni baalleewwan isaatiin si golga, atis qoochoowwan isaa jalatti kooluu galta. Amanamummaan isaa gaachana guddaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.” (Faarfannaa 91:4) Waaqayyo akkuma allaattiin cuucota ishii eegdu eegumsa nuuf godha. (Isaayyaas 31:5) ‘Inni baalleewwan isaatiin eenyu illee akka nutti hin dhihaanne nu golga.’ “Baalleewwan” allaattii qoochoo ishiiti. Allaattiin baalleewwan ishiitti fayyadamtee cuucota ishii warra isaan adamsanirraa eegdi. Nutis jaarmiyaa Yihowaa jalatti kooluu galuudhaan baalleewwan Yihowaa jalatti eegumsa ni arganna.—Ruut 2:12; Faarfannaa 5:1, 11.

w24.01 24 key. 13

Yihowaan Yeroo Rakkinaatti Si Gargaara

13 Wanta gochuu qabnu. Warra kaanirraa akka of hin fageessine carraaqqii godhi. Yeroo warra kaanirraa of fageessinu ofii keenyaa fi rakkina nurra gaʼaa jirurratti qofa xiyyeeffanna. Ilaalchi akkasiimmoo murtoo keenyarratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. (Fak. 18:1) Dhugaadha, hundi keenyayyuu keessumaa haalli rakkisaan yeroo nu mudatu kophaa taʼuu barbaanna. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf namarraa kan of fageessinu yoo taʼe gargaarsa namoota Yihowaan deggersa nuu gochuuf itti fayyadamuu utuu hin argatin hafuu dandeenya. Kanaafuu, yeroo rakkinni si mudatutti ulfaataa yoo taʼellee gargaarsa maatiin, michoonnii fi jaarsoliin siif godhan fudhadhu. Yihowaan isaanitti fayyadamee si gargaaraa akka jiru godhii yaadi.—Fak. 17:17; Isa. 32:1, 2.

w23.10 17 key. 19

“Inni Isin Jabeessa”—Akkamitti?

19 Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Eenyufaatu sitti mulʼata? Sagalee akkamii dhageessa? Miira akkamiitu sitti dhagaʼama? Yaadaan ilaaluuf akka si gargaaruuf fakkiiwwan Jannata argisiisanii fi barreeffamoota keenyarratti baʼan ilaali ykn faarfannaawwan Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha, Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera ykn Sitti haa Mulʼatu jedhaman ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa.

Albuuda Hafuuraa

w22.11 10 key. 8-9

Yihowaan Gammachuudhaan Jabaannee Akka Dhaabbannu Nu Gargaara

8 Isaayyaas 30:20, 21 dubbisi. Loltoonni Baabilon waggaa tokkoo fi walakkaadhaaf yeroo Yerusaalemitti marsanii turanitti sabichi baayʼee dhiphatee ture. Haalli dhiphisaan sunis akkuma nyaataa fi bishaanii wanta baramaa taʼee ture. Haa taʼu malee, lakkoofsa 20 fi 21 irratti Yihowaan yoo yaada geeddaratanii fi amala isaanii yoo jijjiiran akka isaan oolchu Yihudootaaf waadaa galeera. Isaayyaas Yihowaan ‘Barsiisaa isaanii Isa Guddicha’ akka taʼe caqasuudhaan akkamitti karaa fudhatama qabuun isa Waaqeffachuu akka dandaʼan akka isaan barsiisu isaanitti himeera. Yaanni kun yeroo Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼan raawwii isaa argateera. Yihowaan Barsiisaa isaanii Isa Guddicha taʼuu isaa mirkaneesseera, akkasumas qajeelfama isaa jalatti sabichi waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuurratti milkaaʼina argateera. Yeroo harʼaatti Yihowaan Barsiisaa keenya Isa Guddicha taʼuu isaatti baayʼee gammanna.

9 Isaayyaas itti fufuudhaan nuti barattoota karaa lamaan Yihowaa irraa barannu akka taane ibseera. Jalqabarratti, “Ijuma keetiin Barsiisaa kee Isa Guddicha ni argita” jedheera. Fakkeenya kanarratti barsiisichi akka waan bartoota dura dhaabbatee jiruutti ibsameera. Yeroo harʼaatti barumsa isaarraa fayyadamuuf mirga arganneerra. Yihowaan kan nu barsiisu akkamitti? Jaarmiyaa isaatti fayyadamee nu barsiisa. Qajeelfama ifaa jaarmiyaa Yihowaarraa argannuuf baayʼee galateeffanna. Barumsi karaa walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaa, akkasumas karaa barreeffamoota, biroodkaastiingii fi karaawwan kan birootiin argannu haala rakkisaa nu mudatu gammachuudhaan dandamachuuf nu gargaara.

GURAANDHALA 9-15

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 33-35

“Inni Tasgabbii Siif ni Kenna”

w24.01 22 key. 7-8

Yihowaan Yeroo Rakkinaatti Si Gargaara

7 Haala rakkisaa. Yeroo rakkinni ulfaataan nu mudatu miirri keenya, yaanni keenyaa fi gochi keenya akka yeroo kaanii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Miirri baayʼee ulfaataa taʼe utuu walirraa hin citin nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Aanaan ishiin olitti ibsamte abbaan manaa ishii Luyiis erga duʼee booda miirri garaa garaa hedduun akka ishiitti dhagaʼame dubbatteetti. “Yeroon baayʼee dhiphadhu ofiif gadduun jalqaba. Achiis duʼuu isaatti aaruun jalqaba” jetteetti. Yeroo kan biraattimmoo Aanaan kophummaan ishiitti dhagaʼama; dhimmoota Luyiis kanaan dura raawwachaa turerratti murtoo gochuun ishii sodaachisa. Yeroo tokko tokkommoo galaana raafamaa jirurra akka jirtu ishiitti dhagaʼama. Miira akkasiitiin yeroo liqimfamnu Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti?

8 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan akka nu tasgabbeessu nuuf mirkaneesseera. (Isaayyaas 33:6 dubbisi.) Dooniin tokko galaanarratti obomboleettiin yeroo kaʼu garmalee raafamuu dandaʼa. Taʼus, wanti sochii kana toʼachuuf gargaaruu fi bitaa fi mirga doonichaa jalaan baʼee bishaan keessa diriiru jira. Wanti kun doonichi baayʼee akka hin raafamne gargaara. Kanaan kan kaʼes imaltoonni isaanitti tolee tasgabbaaʼanii imalu. Wanti doonichi akka hin raafamne gargaaru kun akka gaariitti kan hojjetu garuu yeroo doonichi fuulduratti deemudha. Haaluma wal fakkaatuun, rakkina keessatti amanamummaadhaan fuulduratti yeroo deemnu Yihowaan nu tasgabbeessa.

w21.02 29 key. 10-11

Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!

10 Furmaata isaa: Yihowaan ogummaa akka nuuf kennu gaafachuu. Qorumsawwan nu irra gaʼan gammachuudhaan dandamachuu yoo barbaanne, jalqaba Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru akka nuuf kennu kadhachuu qabna. (Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Yihowaan kadhannaa keenya dafee akka nuuf hin deebisne yoo nutti dhagaʼame hoo maal gochuu qabna? Yaaqoob, Waaqayyoon ‘kadhachuu keenya akka itti fufnu’ dubbateera. Irra deddeebinee ogummaa akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuun keenya isa hin aarsu. Yoo akkas goone inni nu hin ceephaʼu. Abbaan keenya inni samii ogummaa qorumsa nu irra gaʼu dandamachuuf nu gargaaru akka nuuf kennu yommuu isa kadhannu ‘arjummaadhaan nuuf kenna.’ (Far. 25:12, 13) Inni qorumsa nu irra gaʼu ni arga, nuuf gadda, nu gargaaruufis hawwii guddaa qaba. Kun immoo baayʼee nu gammachiisa! Maarree, Yihowaan ogummaa kan nuuf kennu akkamitti?

11 Yihowaan ogummaa kan nuuf kennu Dubbii isaatti fayyadamee ti. (Fak. 2:6) Ogummaa kana argachuuf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qoʼachuu qabna. Haa taʼu malee, qoʼachuu malees wanti gochuu qabnu kan biraan jira. Gorsa Waaqayyoo hojii irra oolchuudhaan ogummaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Yaaqoob, ‘Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, kan dhageessan qofa hin taʼinaa’ jedhee barreesseera. (Yaq. 1:22) Gorsa Waaqayyoo yommuu hojii irra oolchinu caalaatti naga qabeeyyii, yaada keenyatti kan hin cichinee fi gara laafeyyii taana. (Yaq. 3:17) Amalawwan kunneen gammachuu keenya utuu hin dhabin qorumsawwan nu irra gaʼan kam iyyuu dandamachuuf nu gargaaru.

ip-1-AM 352-355 key. 21-22

“Jiraattota Biyyattii Keessaa Tokko Illee, ‘Na Dhukkuba’ hin Jedhu”

21 Haa taʼu malee, raajiin Isaayyaas yeroo ammaattis raawwatamaa jira. Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiran karaa hafuuraas fayyifamaa jiru. Barumsawwan sobaa kanneen akka lubbuun hin duutu, Waaqayyo Sillaaseedha, akkasumas Waaqayyo ibiddaan nama dhiphisa jedhaniirraa bilisa baʼaniiru. Qajeelfama naamusaa gochawwan naamusaan ala taʼanirraa fagaachuu fi murtoo gaarii gochuuf isaan gargaarus argachaa jiru. Aarsaa furii Yesuus Kiristoos kaffaleef galanni haa taʼuutii, Waaqayyo duratti qajeelota akka taʼanitti ilaalamuu fi qalbii qulqulluu qabaachuu dandaʼaniiru. (Qolosaayis 1:13, 14; 1 Pheexiros 2:24; 1 Yohaannis 4:10) Fayyinni karaa hafuuraa argatan kun karaa qaamaas isaan fayyada. Fakkeenyaaf, halalummaa fi tamboo xuuxuurraa fagaachuun isaanii dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarbanii fi gosa kaansarii tokko tokkorraa isaan eega.—1 Qoronto 6:18; 2 Qoronto 7:1.

22 Yaanni Isaayyaas 33:24rra jiru raawwiisaa isa guddaa kan argatu Armaagedon booda addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessattidha. Bulchiinsa Mootummaa Masiihichaa jalatti, ilmaan namootaa karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayyina guddaa argatu. (Mulʼata 21:3, 4) Sirni Seexanaa balleeffamee utuma baayʼee hin turin, dinqiin dinqii Yesuus yeroo lafarra turetti raawwachaa ture wajjin wal fakkaatu guutummaa lafaarratti akka raawwatamu hin shakkisiisu. Qaro dhabeeyyiin ni argu, warri gurrisaanii duude ni dhagaʼu, warri naafa turanis ni deemu! (Isaayyaas 35:5, 6) Kunis namoonni rakkina guddaarraa oolan hundi hojii guddaa lafa gara jannataatti jijjiiruuf hojjetamurratti hirmaachuuf carraa isaaniif bana.

Albuuda Hafuuraa

w23.05 15 key. 8

“Daandii Qulqullummaa” Irra Deemuu Kee Itti Fufi

8 Tarii namoonni tokko tokko, ‘Kun baayʼee namatti tola; garuu wanti waggoota hedduu dura Yihudoota mudate yeroo harʼaatti nuuf hiika qabaachuu dandaʼaa?’ jedhanii yaadu taʼa. Yeroo ammaatti akka fakkeenyaatti “Daandii Qulqullummaa” irra deemaa waan jirruuf, eeyyee, nuufis hiika qaba. Dibamtootas taane “hoolota kan biroo” “Daandii Qulqullummaa” kanarra deemuu keenya itti fufuu qabna; daandiin kun yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti yeroo Mootummichi eebbawwan dinqisiisoo taʼan fidutti Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (Yoh. 10:16) Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman Baabilon Guddittii ishii amantaawwan sobaa addunyaarra jiran hunda argisiistu keessaa baʼanii daandii fakkeenyaan ibsame kanarra deemuu jalqabaniiru. Atis isaan keessaa tokko taʼuu dandeessa. Daandiin kun kan baname gara waggaa 100 dura taʼus, daandii kana qopheessuun kan jalqabame jaarraawwan hedduu duradha.

GURAANDHALA 16-22

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 36-37

“Dubbii Dhageesse . . . Sanaan kan Kaʼe hin Sodaatin”

it-E “Hisqiyaas” Lakk. 1 key. 14

Hisqiyaas

Kufaatii Yerusaalemitti Senaaheriibiin Mudate. Akkuma Hisqiyaas eegee ture, Senaaheriib Yerusaalemiin rukutuuf ni murteesse. Raayyaa isaa wajjin magaalaa dallaa dhagaa qabdu kan taate Laakiish keessa buufatee yeroo turetti, Yerusaalem harka akka kennitu dirqisiisuuf loltootasaa muraasaa fi ajajaa loltootaa erge. Dubbi himaan garee sanaa Raabshaaqicha (kun maqaa dhuunfaa utuu hin taʼin maqaa ulfinaa loltuu aangoo qabuuf kennamudha) isa Afaan Ibrootaa akka gaariitti dubbatudha. Namichi kun sagaleesaa ol kaasee Hisqiyaasitti ni qoose, Yihowaas ni arrabse; akkuma waaqoliin saboota kaanii biyya waaqeffattootasaanii harka mootii Asoorirraa oolchuu hin dandeenye Yihowaanis Yerusaalemiin oolchuu akka hin dandeenye of tuulummaadhaan dubbate.—2Mo 18:13-35; 2Se 32:9-15; Isa 36:2-20.

ip-1-AM 387 key. 10

Amantiin Mootichaa Isa Kiiseera

10 Raabshaaqichi ittaansuudhaan loltoonni Yihudoonni qaban gatii akka hin qabne dubbate. Of tuulummaadhaan akkana jedhe: “Ati namoota farda gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.” (Isaayyaas 36:8) Dhugaasaa dubbachuuf garuu, namoonni Yihudaa farda gulufuu dandaʼan baayʼee ykn muraasa taʼuunsaanii jijjiirama ni fidaa? Lakki, sababiinsaas, fayyinni Yihudaa kan hundaaʼe wanta humna waraanaarra baayʼee caalurrattidha. Fakkeenyi 21:31, “Fardi guyyaa waraanaatiif ni qopheeffama, fayyinni garuu Yihowaa biraa argama” jedha. Raabshaaqichi ittaansuudhaan Yihowaan eebbisaa kan jiru Yihudoota utuu hin taʼin Asoorota akka taʼe dubbate. Akkasumas Asooronni naannoo Yihudaa keessa seenuu kan dandaʼan kanaaf akka taʼe dubbate.—Isaayyaas 36:9, 10.

ip-1-AM 388 key. 13-14

Amantiin Mootichaa Isa Kiiseera

13 Raabshaaqichi ammas wanta miidhaa guddaa geessisu dubbate. Yihudoonni yeroo Hisqiyaas, “Yihowaan nu oolcha” isaaniin jedhu isa amanuu akka hin qabne dubbate. Raabshaaqichi waaqoliin Samaariyaa gosoota kurnan Asoorotarraa oolchuu akka hin dandeenye Yihudoota yaadachiise. Waaqolii saboota Asooronni injifatan kaanii ilaalchiseehoo maal jechuutu dandaʼama? Akkana jedhe: “Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim hoo meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu?”—Isaayyaas 36:18-20.

14 Raabshaaqichi inni waaqolii sobaa waaqeffatu, Samaariyaa ishii gantuu taatee fi Yerusaalem ishii bulchiinsa Hisqiyaas jala jirtu gidduu garaagarummaa guddaan akka jiru hubachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Waaqoliin sobaa Samaariyaa mootummaa gosoota kurnanii oolchuu hin dandeenye. (2 Mootota 17:7, 17, 18) Faallaa kanaatiin, Yerusaalem ishiin bulchiinsa Hisqiyaas jala jirtu waaqolii sobaa dhiistee Yihowaa tajaajilaa jirti. Haa taʼu malee, bakka buutonni Yihudootaa sadan Raabshaaqichaaf waaʼee kanaa ibsuuf hin yaalle. “Mootichi, ‘Deebii isaaf hin kenninaa’ jedhee ajajee waan tureef, isaan calluma jedhan; waan tokko illee isaaf hin deebisne.” (Isaayyaas 36:21) Eliyaaqiim, Shebnaanii fi Yoʼaan gara Hisqiyaasitti deebiʼanii wanta Raabshaaqichi jedhe itti himan.—Isaayyaas 36:22.

Albuuda Hafuuraa

it-E “Luugama” key. 4

Luugama

Yihowaan mootii Asoor kan taʼe Senaaheriibiin, “Funyaan keetti hookkoo koo, afaan keettis luugama koo nan galcha; karaa irra dhufteenis akka deebitu nan godha” jedhe. (2Mo 19:28; Isa 37:29) Senaaheriib fedhiisaatiin utuu hin taʼin Yihowaan waan isa dirqisiiseef, Yerusaalemitti marsuusaa dhiisee gara Nanawweetti deebiʼe; achittis ilmaansaa isa ajjeesan. (2Mo 19:32-37; Isa 37:33-38) Akkuma namni beeladoota lugamaan toʼatutti, Yihowaanis mangaagaa saboota diinotasaa taʼanitti luugama akka galchu ibsamuunsaa akka isaan guutummaatti toʼannaasaa jala galan argisiisa.—Isa 30:28.

GURAANDHALA 23 –BITOOTESSA 1

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 38-40

“Inni Akkuma Tikseetti Bushaayee Isaa ni Kunuunsa”

w23.02 2-3 key. 3-4

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Abbaa Kitaabichaa Maal Nu Barsiisa?

3 Isaayyaas 40:8 dubbisi. Dubbiin Waaqayyoo waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoota amanamoo taʼaniif qajeelfama gaarii kennaa tureera. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Akkuma beekamu Kitaabni Qulqulluun waggoota hedduu dura wantoota salphaatti baduu dandaʼanirratti barreeffame; barreeffamoonni jalqabaa kunimmoo yeroo ammaatti hin argaman. Haa taʼu malee, Yihowaan namoonni barreeffamoota qulqulluu kana akka garagalchan godheera. Namoonni barreeffamoota kana garagalchan mudaa kan qaban taʼanis baayʼee of eeggatu turan. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee hayyuun tokko, “Kitaabni bara durii ergaan isaa utuu hin jijjiiramin sirriitti garagalfame kan biraan hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun erga barreeffamee yeroo dheeraan kan darbe, wantoota salphaatti baduu dandaʼanirratti kan barreeffamee fi namoota mudaa qabaniin kan garagalfame taʼus, ergaan yeroo harʼaatti Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnu yaada Yihowaa isa Abbaa kitaabichaa taʼee akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

4 “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa argama. (Yaq. 1:17) Kitaabni Qulqulluun kennaawwan gaggaarii Yihowaan nuu kenne keessaa tokkodha. Kennaan tokko namni kennaa sana nuuf kenne nuunis taʼe wanta nu barbaachisu akka beeku argisiisa. Yihowaa isa Kitaaba Qulqulluu nuu kennee wajjin haala walqabateenis akkasuma. Waaʼee kennaa kanaa yeroo qorru waaʼee Yihowaa wanta baayʼee baranna. Nuunis taʼe wanta nu barbaachisu hammam akka beeku nu hubachiisa. Mata duree kana keessatti Kitaabni Qulqulluun amaloota Yihowaa sadii, jechuunis ogummaa, haqaa fi jaalala isaa ilaalchisee maal akka nu barsiisu ilaalla. Mee jalqaba Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ogeessa taʼuu isaa kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

cl 82 key. 7

Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha

7 Yihowaan tikseetti of fakkeessuudhaan, garaadhaa eegumsa nuu gochuu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. (Hisqiʼel 34:11-16) Yaada Isaayyaas 40:11 irratti argamuu fi Boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaa irratti ibsame ni yaadattaa? Caqasichi Yihowaa ilaalchisee, “Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa. Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba, qoma isaattis isaan ni baata” jedha. Ilmoon hoolaa tokko “qoma” tiksee ishii irra baʼuu, jechuunis uffata isaa isa irraan uffate keessa akkamitti galuu dandeessi? Tarii gara tiksee ishii dhaqxee miilla isaatti rigatti taʼa. Haa taʼu malee, gadi jedhee lafaa ishii kaasuu fi qoma isaatti ishii baachuu kan qabu tiksee sana dha. Kun, fakkeenya gaarii Tikseen keenya Inni Guddaan nu eeguuf fedhii akka qabu argisiisu mitii?

w18.01 8 key. 4-6

“Inni Warra Dadhabaniif Humna In Kenna”

4 Isaayaas 40:26 dubbisi. Urjiilee hawaa keessa jiran hunda lakkaaʼuu kan dandaʼu hin jiru. Saayintiistonni, gaalaaksiin Miilkii Weey isa nuyi keessa jirru qofti illee urjiilee gara biliyoona 400 akka qabate amanu. Taʼu iyyuu Yihowaan tokkoon tokkoon isaaniitiif maqaa kenneera. Kana irraa maal baranna? Yihowaan uumamawwan isaa yaaduu hin dandeenyeef dhuunfaatti xiyyeeffannaa kan kennu erga taʼe, isin warra dirqamaan utuu hin taʼin jaalalaan kakaatanii isa tajaajiltaniif miira akkamii akka qabaatu yaadaa! (Far. 19:1, 3, 14) Abbaan keenya Yihowaan sirriitti isin beeka. Isa biratti “rifeensi mataa keessanii tokko illee utuu hin hafin lakkaaʼameera.” (Mat. 10:30) Kana malees Faarfatichi, “Yihowaan wanta namoota balleessaa hin qabne mudatu ni beeka” jedheera. (Far. 37:18, NW) Eeyyee, Yihowaan qorumsawwan isin irra gaʼan ni hubata, akkasumas tokkoon tokkoon isaanii dandamachuuf jabina isiniif kennuu ni dandaʼa.

5 Isaayaas 40:28 dubbisi. Yihowaan Madda humna guddaa ti. Fakkeenyaaf humna inni aduudhaaf qofa kennu illee haa ilaallu. Barreessaa saayinsii kan taʼe Deeviid Bodaanas, “Kutaan (qaamni) Aduu sekoondii tokko keessatti dhukaʼee gara humnaatti jijjiiramu, boombii atoomii biliyoonaan lakkaaʼamu wajjin qixxee dha” jedheera. Qorataa kan biraan immoo, ‘humni aduun sekoondii tokko keessatti maddisiistu, humna waggoota 200,000 taʼaniif ilmaan namootaatiif barbaachisu dhiheessuuf gaʼaa’ akka taʼe ibseera! Maarree, Waaqni aduudhaaf humna kennu, rakkina keenya kam iyyuu dandamachuuf jabina nu barbaachisu nuu kennuu akka dandaʼu kan shakku jiraa?

6 Isaayaas 40:29 dubbisi. Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa argamsiisa. Yesuus barattoota isaatiin, “Waanjoo koo baadhaa” jedheera. Itti aansuudhaanis, “Lubbuu keessaniif boqonnaa argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha” jedhe. (Mat. 11:28-30) Kun dhugaa dha! Yeroo tokko tokko gumii dhaquuf ykn tajaajila irratti hirmaachuuf yeroo manaa baanu baayʼee dadhabnee taʼa. Yeroo deebinu garuu maaltu nutti dhagaʼama? Baayʼee haareffamnee, akkasumas qorumsawwan jireenyaa dandamachuuf qophaaʼoo taanee deebina. Dhuguma iyyuu waanjoon Yesuus nama hin quuqu!

Albuuda Hafuuraa

w25.05 29 key. 12

Maqaan Yihowaa Nuuf Hammam Barbaachisaadha?

12 Maqaa Yihowaa yeroo deeggarru fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofna. Kana malees, Isaayyaas namni tokko ‘daandii Yihowaa akka qopheessu’ raajii dubbateera. (Isa. 40:3) Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Yohaannis Cuuphaan Yesuus isa maqaa Yihowaatiin dhufee fi maqaa Yihowaatiin dubbateef karaa qopheesseera. (Mat. 3:3; Mar. 1:2-4; Luq. 3:3-6) Raajiin kun itti fufee, “Ulfinni Yihowaa ni mulʼata” jedha. (Isa. 40:5) Kun kan taʼe akkamitti? Yesuus yeroo lafarra turetti Yihowaa guutummaatti waan bakka buʼeef, haallisaa akkuma waan Yihowaan gara lafaa dhufeeti jechuun ni dandaʼama.—Yoh. 12:45.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi