Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
BITOOTESSA 2-8
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 41-42
“Hin Sodaatin”
Yihowaan Akka Si Jajjabeessu Amanuu Dandeessa
13 Yihowaan abdii dinqisiisaa isaaniif kennuudhaan boojiʼamtoota sana kan jajjabeesse taʼus, yeroo bilisa baʼanitti haalli rakkisaan akka isaan mudatu beeka. Yihowaan yeroo boojuun Yihudootaa xumuramuu jala gaʼu mootiin humna guddaa qabu tokko saboota naannoo sanaa erga balleessee booda gara Baabilonitti akka garagalu raajii dubbatee ture. (Isa. 41:2-5) Maarree, Yihudoonni dhiphachuun isaan barbaachisaa? Yihowaan, “Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin. Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin” jechuudhaan sabasaa jajjabeessee ture. (Isaayyaas 41:10-13 dubbisi.) “Waaqa kee waanan taʼeef” yeroo jedhu maal jechuusaati? Isa waaqeffachuu akka qaban isaan yaadachiisaa hin turre; akkas gochuu akka qaban durumayyuu beeku. Kanaa mannaa, akkana kan jedhe inni yeroo hundumaa isaan cinaa akka jiru isaan yaadachiisuuf jedheeti.—Far. 118:6.
Isaayyaas 41:10—“Ani Sii Wajjin Waanan Jiruuf hin Sodaatin!”
“Ani sii wajjin waanan jiruuf.” Yihowaan tajaajiltoota isaatti sababii itti sodaachuu hin qabne yommuu isaanitti himu kophaa isaanii akka hin taane isaaniif ibseera. Rakkina isaan keessa jiran waan arguu fi kadhannaa isaanii waan dhagaʼuuf, akkuma waan isaanii wajjin turetti ilaalama.—Faarfannaa 34:15; 1 Pheexiros 3:12.
“Ani Waaqayyo kee ti.” Yihowaan tajaajiltoonni isaa haala akkamii keessa iyyuu kan jiran yoo taʼe, inni amma iyyuu Waaqa isaanii akka taʼee fi akkuma tajaajiltoota isaatti akka isaan ilaalu isaan yaadachiisuudhaan isaan tasgabbeesseera. Isaanis haalli akkamii iyyuu Waaqayyo isaaniif jedhee tarkaanfii akka hin fudhanne isa dhorkuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—Faarfannaa 118:6; Roomaa 8:32; Ibroota 13:6.
“Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” Yihowaan dhugumaan akka isaan gargaaru addeessuuf gaaleewwan sadiitti fayyadamee yaada tokko dabarseera. Sabni isaa yommuu gargaarsi isaan barbaachisutti akkamitti akka isaan gargaaru ibsuuf ibsa gaariitti fayyadameera. Namni tokko yoo kufe, Waaqayyo nama sana kaasuuf harka isaa mirgaa isatti hiixata.—Isaayyaas 41:13.
Karaa guddaan Waaqayyo tajaajiltoota isaa jabeessuu fi gargaaruuf itti fayyadamu, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe dha. (Iyyaasuu 1:8; Ibroota 4:12) Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyo namoota rakkinni akka hiyyummaa, dhukkuba ykn nama jaallatan duʼaan dhabuu jiran isaan mudataniif gorsa gaarii kenna. (Fakkeenya 2:6, 7) Waaqayyo tajaajiltoota isaatiif karaa miiraa fi sammuu jabina rakkina dandamachuuf isaan barbaachisu isaaniif kennuuf, hafuura isaa isa qulqulluu ykn humna isaa isa hojii irra jiruttis ni fayyadama.—Isaayyaas 40:29; Luqaas 11:13.
“Hin Sodaatin. Ani Sin Gargaara”
Yaadni kun si hin jajjabeessuu? Wanta Yihowaan waadaa siif gale kana yaadaan ilaali. Caqasni kun Yihowaa wajjin harka wal qabdee akka deemtu akka hin ibsine hubadhu; kana yaaduun iyyuu baayʼee namatti tola. Taʼus, Yihowaa wajjin harka wal qabdee deemta yoo taʼe, harka isaa mirgaatu harka kee bitaa qaba. Haa taʼu malee, Yihowaan haala dhiphisaa jireenya kee keessatti si mudatu jalaa si baasuuf, ‘irree qajeelummaa isaa isa mirgaa’ diriirsee “harka kee mirgaa” qaba. Yeroo kana godhuttis, “Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o” jedhee si jajjabeessa.
Yihowaa Abbaa jaalala qabeessaa fi Michuu yeroo dhiphinaatti si gargaaru akka taʼetti ilaaltaa? Inni waaʼee kee ni yaada, nageenyi kee isa yaaddessa, akkasumas si gargaaruuf qophaaʼaa dha. Yihowaan baayʼee waan si jaallatuuf, rakkinni yeroo si irra gaʼu tasgabbiin akka sitti dhagaʼamu barbaada. Inni dhuguma iyyuu “rakkina keessatti gargaaraa” dha.—Far. 46:1.
Albuuda Hafuuraa
Yihowaan Yeroo Rakkinaatti Si Gargaara
11 Wanta Yihowaan godhu. Yihowaan nu deggeruuf waadaa galeera. (Faarfannaa 94:18 dubbisi.) Akkuma atleetiin miidhame tokko sochoʼuuf gargaarsi isa barbaachisu nutis tajaajila Yihowaa keessatti sochii gaarii gochuuf gargaarsi nu barbaachisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti Yihowaan, “Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha” jechuudhaan waadaa nuu galeera. (Isa. 41:13) Daawit Mootichi gargaarsa akkasii argateera. Yeroo qorumsi garaa garaa isa mudatettis taʼe diinonni isaa isa dhiphisanitti Yihowaadhaan, “Harki kee mirgaa na deggera” jedheera. (Far. 18:35) Maarree, Yihowaan kan nu deggeru akkamitti?
12 Yihowaan yeroo baayʼee warri kaan nu gargaaruuf akka kakaʼan gochuudhaan nu deggera. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo baayʼee dadhabee turetti michuun isaa Yonaataan isa cimsuu fi isa jajjabeessuuf gara isaa deemee ture. (1 Sam. 23:16, 17) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Eelsaaʼitti fayyadamee Eeliyaasiin gargaareera. (1 Mot. 19:16, 21; 2 Mot. 2:2) Yeroo harʼaatti Yihowaan nu deggeruuf maatii keenya, michoota keenyaa fi jaarsoliitti fayyadamuu dandaʼa. Yeroo baayʼee miidhamnutti garuu warra kaanirraa fagaachuuf qoramna taʼa. Yeroo akkasiitti kophaa keenya taʼuu barbaanna. Kun waanuma jirudha. Maarree, deggersa Yihowaa argachuuf maal gochuu dandeenya?
BITOOTESSA 9-15
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 43-44
Raajii Raawwatamuusaa Jaarraa Lama Dura Barreeffame
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhutti Amanuu ni Dandeessaa?
5. Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan guguddaa tokko tokko ilaalchisee raajii dubbateera
Isaayyaas 44:27–45:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
• Kitaabni Qulqulluun Baabilon kufuu ishii waggoota 200 dura raajii ibsa balʼaa qabu akkamii dubbateera?
VIIDIYICHA taphachiisaa.
VIIDIYOO: Kitaabni Qulqulluun Baabilon Akka Kuftu Dursee Dubbateera (0:58)
Seenaan akka mirkaneessutti, Qiiros inni mootii Faarsi taʼee fi raayyaan isaa Dh.K.D. bara 539tti magaalaa Baabilon injifataniiru. Raayyaan isaa laga magaalattiidhaaf eegumsa godhu jalʼise. Karrawwan utuu hin cufamin hafaniin erga seenanii boodas, waraana tokko malee magaalattii qabatan. Baabilon waggoota 2,500 ol booda illee akkuma diigamtetti jirti. Wanta Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate qoradhu.
Isaayyaas 13:19, 20 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
• Wanti Baabilon irra gaʼe raajiin kun raawwatamuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?
Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?
YIHUDOONNI baayʼee gammadanii turan. Yihowaan Israaʼelota waggoota hedduudhaaf boojuu Baabilon jala turan akka gadhiisu “hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase.” Mootichi Yihudoonni gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼanii ‘mana Yihowaa Waaqa Israaʼel deebisanii akka ijaaran’ labsii baase. (Iz. 1:1, 3) Kun labsii baayʼee nama gammachiisu dha! Labsiin kun waaqeffannaa dhugaan biyya Waaqayyo saba isaatiif kenne keessatti deebiʼee hundeeffamuuf akka jedhu kan argisiisu dha.
Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate
Waggaa tokko keessatti Qiiros, ‘Yihowaan Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa isaa deebisee akkan ijaaru natti himeera. Namoota isaa keessaa gargaarsa gochuu kan barbaadu kam iyyuu deemuu ni dandaʼa’ jedhee beeksise. Kanaaf, akkuma Yihowaan waadaa galee turetti, Yihudoonni hedduun erga Yerusaalem balleeffamtee waggaa 70 booda gara biyya isaaniitti deebiʼan. Qiirosis miʼawwan warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Nebukadnezaar mana qulqullummaatii fudhate hunda deebisee erge. Yihowaan saba isaa gargaaruuf Qiirositti akkamitti akka fayyadame hubachuu ni dandeessaa?
Albuuda Hafuuraa
Gaaffii Dubbistootaa
Fakkeenyi lammaffaanimmoo, raajii waaʼee namicha Qiiros jedhamuu dubbatamedha; Qiiros Yihudoota boojuu jalaa bilisa akka baasuu fi mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii akka ijaaran ajaja akka kennu raajiin dubbatamee ture. (Isa. 44:26–45:4) Mootii Faarsi kan taʼe Qiiros raajiin kun akka raawwatamu godheera. (Iz. 1:1-4) Haa taʼu malee, Qiiros nama Waaqa dhugaa waaqeffatu hin turre. Yihowaan raajii kana raawwachuuf kan isatti fayyadame taʼus, akka isa waaqeffatu isa hin dirqisiisne.—Fak. 21:1.
BITOOTESSA 16-22
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 45-47
“Ani Waaqa Dha, kan Akka Kootii Tokko Illee hin Jiru”
“Maqaan Kee Haa Qulqullaaʼu”
14 Seexanni Yihowaan kaayyoo isaa akka galmaan hin geenye gochuuf wanta dandaʼe hunda godheera. Taʼus Seexanni irra deddeebiʼee utuu isaaf hin milkaaʼin hafeera. Seenaan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akkamitti tarkaanfii akka fudhate argisiisa; tarkaanfiin kunis qaamni akka Yihowaa taʼe kan biraan akka hin jirre mirkaneessa. Dhugaa dha, fincilli Seexannii fi warri isa cinaa hiriiran hundi kaasan Yihowaa irratti dhiphina guddaa geessiseera. (Far. 78:40) Taʼus, Yihowaan haala rakkisaa kana ogummaa, obsaa fi haqaan qabeera. Kana malees, hundumaa akka dandaʼu karaawwan hedduudhaan humna isaa argisiiseera. Hunda caalaa immoo, jaalalli isaa wanta hojjete hundumaa irratti ifatti mulʼata. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuuf utuu wal irraa kutin hojjechaa tureera.
‘Yihowaan Humna Guddaa Qaba’
14 Akkuma fuulduraatti ilaallu, Waaqayyo uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf, jechuunis wanta kaayyoo isaa isa mudaa hin qabnee wajjin walsimu hunda raawwachuuf humna isaatti fayyadama. (Isaayyaas 46:10) Yeroo tokko tokko Yihowaan waaʼee amalawwanii fi ulaagaawwan isaa wantoota barbaachisoo taʼan ibsuuf humna isaatti fayyadama. Hunda caalaa garuu fedha isaa raawwachuuf, jechuunis Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee maqaa isaa qulqulleessuu fi bulchiinsi isaa hunda irra kan caalu taʼuu isaa argisiisuuf humna isaatti fayyadama. Wanti tokko iyyuu kaayyoo isaa kana fashaleessuu hin dandaʼu.
Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
15 Wanta boru taʼu beekuu baannus Yihowaan samiirratti ykn lafarratti jireenya barabaraa nuu kennuuf waadaa akka nuu gale beekna. Inni akka hin sobnee fi waadaa gale akka hin raawwanne wanti tokkollee isa dhowwuu akka hin dandeenye beekna. (Tit. 1:2) ‘Wanta gara fuulduraatti taʼu, akkasumas wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamne bara dheeraa dura dubbachuu’ kan dandaʼu isa qofadha. Wantoonni inni kanaan dura dubbate raawwatamaniiru; wantoonni inni gara fuulduraa ilaalchisee dubbates ni raawwatamu. (Isa. 46:10) Wanti kamiyyuu Yihowaan akka nu hin jaallanne dhowwuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoodha. (Rom. 8:35-39) Inni ogummaa, jajjabinaa fi humna wanta nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Yihowaan akka nu gargaaruu fi akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Er. 17:7, 8.
Xalayaa Hamma Dhumaatti Amanamoo Taʼuuf Nu Gargaaru
13 Kiristiyaanonni Ibrootaa yeroo itti baqatan eegaa yommuu turanitti “jaalala maallaqaa irraa” fagaachuudhaan jireenya salphaa jiraachuu qabu turan. (Ibroota 13:5 dubbisi.) Isaan keessaa tokko tokko beelaa fi hiyyummaa keessa turaniiru. (Ibr. 10:32-34) Kanaan dura misiraachichaaf jedhanii haala rakkisaa dandamachuuf fedhii kan qaban taʼus, isaan keessaa tokko tokko qabeenyi eegumsa akka isaaniif argamsiisu yaaduu jalqabanii taʼuu dandaʼa. Garuu maallaqni hammamiiyyuu badiisa dhufaa jirurraa isaan oolchuu hin dandaʼu. (Yaq. 5:3) Warri qabeenya jaallatan manaa fi qabeenyasaanii dhiisanii baqachuun baayʼee isaanitti ulfaachuu dandaʼa.
14 Dhumni sirna kanaa akka dhufu amantii cimaa yoo qabaanne jaalala maallaqaarraa fagaachuuf kakaana. Namoonni “guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu” akka hin dandeenye waan hubataniif “meetii isaanii daandii irratti gatu.” (His. 7:19) Hamma dandeenye maallaqa baayʼee walitti qabachuuf yaaluu mannaa, murtoo jireenya salphaa garuummoo madaalliisaa eeggate jiraachuuf nu gargaaru gochuu qabna. Kunis liqii hin barbaachisne keessa galuu ykn qabeenya keenya kunuunsuudhaan yeroo dheeraa dabarsuurraa of qusachuu dabalata. Qabeenya qabnu garmalee akka hin jaallannes of eeggachuu qabna. (Mat. 6:19, 24) Dhuma sirna kanaa eeggachaa yeroo jirru kanatti qabeenyi amantii keenya qoruu dandaʼa.
Albuuda Hafuuraa
Addaamii fi Hewwaan Cubbuu Akka Hojjetan Waaqayyo Beeka Turee?
Caaffanni Qulqullaaʼoon Yihowaan “ogeessa tokkicha” akka taʼes ni ibsu. (Roomaa 16:27) Ergamoonni Waaqayyoo, inni ogummaa hangana hin jedhamne akka qabu karaa addaddaatiin ibsaniiru. Yeroo Yihowaan wantoota lafarratti argaman uume ergamoonni kun, ‘guddisanii sagalee gammachuu dhageessisuu’ jalqaban. (Iyoob 38:4-7) Uumamawwan hafuuraa yaaduu dandaʼan kun, wantoota dhaaba Eeden keessatti raawwataman hawwii guddaadhaan hordofaa akka turan hin shakkisiisu. Waaqni ogummaa qabu kun, uumama cufa nama dinqisiisuufi wantoota ajaaʼibsiisoo hedduu lafarratti uumee, Addaamiifi Hewwaan akka badan utuu beekuu ergamoonnisaa duratti isaan jedhanii yaaduun sirriidhaa? Waaqayyo wanti gadheen akkasii akka raawwatamu karoora baasa jedhanii yaaduun matumaa waan hin fakkaannedha.
Haataʼu malee namoonni tokko tokko, ‘Waaqni ogummaa guddaa qabu kun wanta kana akkamitti wallaala?’ jedhanii gaafachuu dandaʼu. Wanta Yihowaan ogummaa guddaa qaba akka jennu nu godhu keessaa inni tokko, inni “wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee” beekuu dandaʼuusaa akka taʼe beekamaadha. (Isaayaas 46:9, 10) Haataʼu malee, akkuma yeroo hunda humnasaa isa guddaatti guutummaatti fayyadamuun isa hin barbaachisne, dandeettiisaa kanattis guutummaatti fayyadamuun isa hin barbaachisu. Yihowaan dandeettii wanta tokko dursee beekuuf qabu yeroo barbaadetti qofa itti fayyadama. Yihowaan dandeettii kanatti kan fayyadamu yeroo barbaachisaa taʼuufi yeroo haalasaa wajjin walsimuttidha.
BITOOTESSA 23-29
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 48-49
Wanta Yihowaan Jedhu Xiyyeeffannaadhaan Dhagaʼuudhaan Fayyadamaa
Murtoo Gaarii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
1. Murtoowwan gaggaarii gochuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
Murtoo tokko gochuu kee dura gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhadhu, akkasumas Yihowaan dhimma sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu beekuuf Kitaaba Qulqulluu qoradhu. (Fakkeenya 2:3-6 dubbisi.) Yihowaan haalawwan tokko tokko ilaalchisee ajaja ifa taʼe kenneera. Yeroo akkasiitti murtoon hunda irra caalu ajajawwan kana hojii irra oolchuu dha.
Haa taʼu malee, ajajni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼee fi wanta gochuu qabdu ibsu hin jiru yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiittis Yihowaan ‘karaa irra deemuu qabdu irra si geggeessa.’ (Isaayyaas 48:17) Akkamitti? Gama kanaan qajeelfamoonni si geggeessan jiraachuu dandaʼu. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa yaadaa fi miira Waaqayyoo ibsani dha. Yeroo baayʼee seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko yommuu dubbisnu, ilaalcha Waaqayyo dhimma tokkoof qabu baranna. Ilaalcha Waaqayyo qabu yommuu hubannu immoo, murtoowwan isa gammachiisan gochuu dandeenya.
Kitaabni Qulqulluun Mirga Filannaa Ilaalchisee Maal Jedha?
● Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume. (Uumama 1:26) Bineensota uumamumaan sochoʼan irraa haala adda taʼeen, amalawwan akka jaalalaa fi haqaa jiran argisiisuuf dandeettii qabnuun Uumaa keenya fakkaachuu dandeenya. Akkasumas, akkuma Uumaa keenyaa mirga filannaa qabna.
● Yeroon gara fuulduraa keenya, harki caalaan isaa filanoo keenya irratti kan hundaaʼe dha. Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya foʼadhaa! . . . Sagalee [Waaqayyoos] dhagaʼaa!” jedha. (Keessa Deebii 30:19, 20) Mirga filannaa odoo qabaachuu baannee, affeerraan akkasii nuuf dhihaachuun isaa hiika kan hin qabne, darbees gara jabina taʼa ture. Waaqayyo wanta ofii isaa barbaadu akka raawwannu nu dirqisiisuu mannaa, “Eyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta taʼee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaaʼa . . . ture” jechuudhaan afeerraa jaalala irratti hundaaʼe nuuf dhiheessa.—Isaayaas 48:18.
‘Amantii Keessan Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluurratti Of Ijaaraa!’
8 Asirratti Yihowaan yoo isaaf abboomamne akka fayyadamnu nu yaadachiisaa jira. Akkas goonaan eebba lama akka nuu kennu waadaa galeera. Tokkoffaa, nagaan keenya akka laga bishaanii guutee kan yaa’uufi kan dhuma hin qabne ta’a. Lammaffaa, qajeelummaan keenya akka guuboo galaanaa ol ka’a. Qarqaraa galaanaa dhaabattee dha’a bishaanii walitti aansuudhaan yommuu yaa’u utuu argitee, yeroo hunda matumaa kan walirraa hin cinne ta’uusaa hubachuunkee hin oolu. Gara fuulduraattis, dha’aan bishaanii kun gara qarqara galaanaatti dhufuusaa akka itti fufu beekta. Yihowaan, qajeelummaankeee, jechuunis adeemsi ati wanta sirrii ta’e raawwachuuf gootu akkuma kanaa barabaraaf kan itti fufu ta’uu akka danda’u dubbateera. Hamma isaaf amanamaa ta’uuf carraaqxetti, matumaa si hin gatu! (Faarfannaa 55:22 dubbisi.) Jechoonni nama jajjabeessan akkasii, amantii Yihowaafi ulaagaa inni qajeelummaaf baaserratti qabdu sii hin cimsinee?
Albuuda Hafuuraa
Barabaraaf Keessummaa Yihowaa Taʼi!
4 Faarfannaa 15:2 irratti namni michuu Waaqayyoo taʼe, “Nama balleessaa malee deddeebiʼu, nama wanta sirrii taʼe raawwatu” jedhamee ibsameera. Jechoonni ‘deddeebiʼuu’ fi ‘raawwachuu’ jedhan gocha itti fufiinsa qabu argisiisu. Haa taʼu malee, ‘balleessaa malee deddeebiʼuu’ ni dandeenyaa? Eeyyee. Namni mudaa hin qabne hin jiru; taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf wanta dandeenyu hamma goonetti ‘balleessaa malee deddeebiʼaa’ akka jirrutti nu ilaala. Yihowaadhaaf of murteessinee yeroo cuuphamnu Waaqayyoo wajjin deemuu eegalla. Bara duriitti namni tokko lammii Israaʼel waan taʼeef qofa keessummaa Yihowaa taʼuuf gaʼumsa qabaachuu akka hin dandeenye yaadadhu. Israaʼelonni tokko tokko “dhugaa fi qajeelummaadhaan taʼuu baatus” maqaa Yihowaa waammachaa turan. (Isaayyaas 48:1 dubbisi.) Israaʼelonni keessummoota Yihowaa taʼuuf garaadhaa barbaadan ulaagaaleesaa barachuu fi hordofuu qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, cuuphamuu fi gumii Kiristiyaanaatti makamuu caalaa wanti nurraa eegamu jira. ‘Wanta sirrii taʼe raawwachuu’ keenya itti fufuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
EBLA 6-12
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 50-51
Isa Waaqayyorraa Barate Dhagaʼaa
Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu
5 Yommuu yeroonsaa gaʼuttimmoo Yihowaan tajaajila Ilmisaa gara fuulduraatti lafarratti raawwatu ilaalchisee isa barsiiseera. Raajii walitti dhufeenya Barsiisaa Guddichaafi tokkicha Ilmasaa gidduu ture ibsu tokko mee haa ilaallu. (Isaayaas 50:4, 5 dubbisi.) Raajiin kun Yihowaan ‘ganama ganama’ Ilmasaa akka ‘dammaqsu’ dubbata. Yaadni fakkeenyaan ibsame kun barsiisaa barataasaa barsiisuuf ganama bariidhaan isa kaasu kan nu yaadachiisudha. Kitaabni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennu tokko, ‘Akka fakkeenyaatti Yihowaan tajaajilaasaa mana barumsaatti geessuudhaan wanta inni lallabuufi akkamitti akka lallabu isa barsiiseera’ jechuudhaan addeesseera. Yihowaan “mana barumsaa” samiirra jiru sana keessatti ‘wanta Ilmisaa dubbatu’ isa barsiiseera. (Yoh. 12:49) Kana malees Abbaan, Ilmisaa akkamitti barsiisuu akka qabu qajeelfama isaaf kenneera. Yesus leenjii argate kana yommuu lafarra turetti tajaajilasaa raawwachuuf qofa utuu hin taʼin, duuka buutonnisaa tajaajilasaanii raawwachuu akka dandaʼaniif isaan leenjisuufis itti fayyadameera.
‘Abbaa Nan Jaalladha’
13 Yesuus gara lafaa dhufuusaa durayyuu Abbaasaarraa barachuuf hawwii guddaa qaba ture. Akkuma Isaayyaas 50:4-6rratti ibsametti, Yihowaan Ilmasaa hojii Masiihicha taʼee raawwatuuf qopheessuuf barumsa adda taʼe isaaf kenneera. Barumsi isaaf kenname rakkoowwan Masiihicha mudatan tokko tokkos kan ibsu ture; taʼus, Yesuus Yihowaarraa barachuuf hawwii guddaa qaba ture. Yeroo booda Yesuus lafarratti dhalatee nama gaʼeessa erga taʼee booda, gara mana Abbaasaa dhaqee waaqeffannaa achitti geggeeffamurratti hirmaachuu fi achitti barsiisuuf fedhii guddaa qaba ture. Kitaabni Qulqulluun Yesuus yeroo hunda gara mana qulqullummaa fi mana sagadaa deemaa akka ture dubbata. (Luqaas 4:16; 19:47) Nutis jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimaa taʼee akka itti fufu yoo barbaanne, Yihowaa waaqeffachuuf, akkasumas waaʼeesaa barachuu fi caalaatti isatti dhihaachuuf walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu qabna.
Albuuda Hafuuraa
Cuuphamuu kan Qabdu Maaliifi?
8 Yesuus Bulchaa hundarra caalu waan taʼeef, Mootii keenya taʼuu isaatti ni gammanna. Ilma isaa kan leenjisee fi akka bulchu kan isa muude Yihowaadha. (Isa. 50:4, 5) Jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi Yesuus argisiises yaadi. (Yoh. 13:1) Yesuus Mootii kee waan taʼeef isa jaallachuun kee sirriidha. Yesuus namoonni dhugumaan isa jaallatanii fi michoota isaa taʼan ajaja inni kenne eeguudhaan jaalala isaaf qaban akka argisiisan ibseera. (Yoh. 14:15; 15:14, 15) Michuu Ilma Yihowaa taʼuun ulfina guddaadha!
EBLA 13-19
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 52-53
Yesuus Jaalala Guddaa Argisiiseera!
Dargaggootaa—Dhiibbaa Hiriyaa Moʼaa
2 Hiriyoonni keessan dhiibbaa guddaa isinirra geessisuu? Taanaan, maaliif? Isaan biratti fudhatama argachuu waan barbaaddaniif taʼinnaa? Fedhiin akkasii yeroo hundumaa dogoggoradha jechuu miti. Namoonni gaʼeessota taʼanis hiriyootasaanii biratti fudhatama argachuu barbaadu. Dargaggeessas taʼe gaʼeessa, namni kamiyyuu warra kaan biratti fudhatama dhabuu hin barbaadu. Haataʼu malee, wanta sirrii taʼe raawwachuun yeroo hunda warra kaan biratti fudhatama akka nuu hin argamsiisne beekamaadha. Yesusiyyuu haalli akkasii isa mudatee ture. Taʼus yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwateera. Namoonni tokko tokko isa duukaa buʼuudhaan bartootasaa taʼanis, namoonni kaan garuu Ilma Waaqayyoo kan tuffatan taʼuusaanirrayyuu, “homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.”—Isa. 53:3.
Garraamummaa Barbaaduudhaan Yihowaa Gammachiisaa
15 Yesuus jiʼoota xumuraa jireenya isaa isa lafa irraa keessatti dhiphinni cimaan isa mudatee ture. Akka ajjeefamuu fi dhiphinni cimaan akka isa irra gaʼu beeka ture. (Yoh. 3:14, 15; Gal. 3:13) Duʼuu isaa jiʼoota muraasa dura baayʼee dhiphatee akka ture dubbateera. (Luq. 12:50) Akkasumas duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, “Ani dhiphadheera” jedhee ture. Kadhannaa, “Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi. Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe. Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee dhiheesse irraa, kan gad of qabuu fi Waaqayyoof kan ajajamu taʼuu isaa hubachuu dandeenya. (Yoh. 12:27, 28) Yommuu yeroon sun gaʼutti, Yesuus ija jabinaan diinota Waaqayyoo warra haala baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun isa ajjeesanitti dabarsee of kenneera. Dhiphinni guddaanii fi rakkinni guddaan kan isa irra gaʼe taʼu illee, Yesuus garraamummaadhaan fedha Yihowaa raawwateera. Kanaaf afaan keenya guunnee, Yesuus dhiphina guddaa keessatti garraamummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa jennee dubbachuu dandeenya!—Isaayaas 53:7, 10 dubbisi.
Albuuda Hafuuraa
Yihowaan Sabni Isaa Qulqulluu Akka Taʼan Barbaada
9 Waaqeffannaa qulqulluu. Karaa kamiin iyyuu amantii sobaa keessatti hirmaachuu hin qabnu. Israaʼeloonni boojuudhaan yeroo Baabilon keessa turanitti, namoota gocha amantii sobaa naamusaan ala taʼe raawwatan gidduu jiraatu turan. Isaayyaas Israaʼeloonni gara biyya isaaniitti akka deebiʼanii fi waaqeffannaa qulqulluu deebisanii akka hundeessan raajii dubbatee ture. Yihowaan, “Achii baʼaa, wanta xuraaʼaa tokko illees hin tuqinaa! . . . Ishii gidduudhaa baʼaa, qulqulluus taʼaa” isaaniin jedhee ture. Waaqeffannaan isaanii barumsawwan, barsiifatawwan ykn aadaawwan amantii sobaa Baabiloniin makamuu hin qabu ture.—Isaayyaas 52:11.
10 Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis amantii sobaa irraa ni fagaatu. (1 Qorontos 10:21 dubbisi.) Addunyaa maratti duudhaawwan, aadaawwanii fi amantiiwwan beekamoo hedduun barumsawwan amantii sobaa irratti kan hundaaʼani dha. Fakkeenyaaf, aadaawwan hedduu keessatti namni tokko erga duʼee booda wanti isa keessa jirtuu fi jiraachuu ishii itti fuftu takka akka jirtu amanu, aadaawwan hedduun immoo barumsa kana irratti kan hundaaʼani dha. (Lallaba 9:5, 6, 10) Kiristiyaanonni aadaawwan akkasii irraa fagaachuu qabu. Miseensonni maatii keenyaa aadaawwan kanneen keessaa tokko tokko irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaan qulqulluu akka taanetti akka nu ilaalu waan barbaannuuf, dhiibbaa akkasiitiif hin moʼamnu.—Hojii Ergamootaa 5:29.
EBLA 20-26
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 54-55
Yihowaarraa Barachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluuf Fedhii Qabdu?
Caalmaa Barumsi Waaqayyoo Qabu
3 Yihowaan gaarummaasaatiin ilmaan namootaa cubbamoo ta’an barsiisuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Isaayaas 54:13 Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee, “Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa, yommus nagaan ilmaan keetii guddaa in ta’a” jechuudhaan raajii dubbateera. Jechoonni kun, “hoolota kan biraa” warra kan Kiristos ta’anii wajjin haala walqabateenis seera bu’uuraa ta’anii tajaajiluu danda’u. (Yoh. 10:16) Kunis raajii bara keenyatti raawwatamaa jiru tokkorraa ifatti mul’ata. Isaayaas namoonni saboota hundaa keessaa walitti qabaman gara waaqeffannaa dhugaatti yommuu yaa’an mul’ataan argee ture. Namoonni kun akkas akka waliin jedhan ibseera: “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa.” (Isa. 2:1-3) Waaqayyorraa barachuun mirga guddaa mitii?
‘Dhugaa Bitadhu, Matumaas hin Gurgurin’
6 Isaayaas 55:1-3 dubbisi. Dubbiin Yihowaa Isaayaas galmeesse dhugaa bituu jechuun maal jechuu akka taʼe caalaatti ifa godha. Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana keessatti Yihowaan dubbii isaa bishaan, aannanii fi wayinii wajjin wal bira qabeera. Akkuma bishaan qulqulluu qabbanaaʼaa dhuguun nama gammachiisu, dhugaan dubbii Waaqayyoos nama haaromsa. Akkasumas akkuma aannan nu jabeessuu fi ijoolleen akka guddatan gargaaru, dubbiin Yihowaas, nu jabeessa akkasumas karaa hafuuraa akka guddannu nu gargaara. Kana malees, dubbiin Yihowaa wayinii wajjin wal fakkaata. Karaa kamiin? Kitaaba Qulqulluu keessatti wayiniin gammachuu wajjin wal qabsiifamee ibsameera. (Far. 104:15) Kanaafuu, Yihowaan sabni isaa ‘wayinii akka bitatan’ isaanitti himuudhaan, akka dubbii isaatti jiraachuun gammachuu akka nuu kennu nuuf mirkaneesseera. (Far. 19:8) Fakkeenyi kun dhugaa dubbii Waaqayyoo barachuu fi hojii irra oolchuun faayidaa akka argamsiisu akka gaariitti kan ibsu dha! Carraaqqii goonu gatii kaffalluu wajjin wal bira qabuu dandeenya. Kanaafuu, mee dhugaa bitachuuf wantoota kaffaluu qabnu shan haa ilaallu.
DHUGAA BITACHUUF MAAL KAFFALTANIITTU?
7 Yeroo. Kun gatii namni dhugaa bitachuu barbaadu hundi kaffaluu qabu dha. Ergaa Mootummichaa dhaggeeffachuun, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuun, qoʼannaa dhuunfaa gochuun, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti hirmaachuun yeroo gaafata. Yeroo akkasii ‘bitachuu’ ykn sochiiwwan baayʼee barbaachisoo hin taane irraa qooddachuu qabna. (Efesoon 5:15, 16, fi miiljalee dubbisi.) Waaʼee barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekumsa sirrii argachuun yeroo hangamii gaafata? Kun haala keenya irratti kan hundaaʼe dha. Ogummaa, karaa fi hojii Yihowaa ilaalchisee wantoonni barachuu dandeenyu dhuma hin qaban. (Rom. 11:33) Maxxansi Masaraa Eegumsaa inni jalqabaa dhugaa ‘habaaboo xinnoo tokkotti’ fakkeessuudhaan akkana jedhee ture: “Habaaboo dhugaa tokkittii qabaachuu qofaan na gaʼa hin jedhin. Tokko qofti ni gaʼa utuu taʼee kan biraan hin barbaachisu ture. Hamma dandeessu walitti qabadhu, dabalataan argachuuf yaali.” ‘Hidhaan habaaboo koo hangam guddaa dha?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Bara baraaf yoo jiraanne illee, yeroo hundumaa waaʼee Yihowaa wanta dabalataa barachuu ni dandeenya. Yeroo harʼaa wanti baayʼee barbaachisaa taʼe, hamma haalli keenya nuuf heyyame dhugaa hedduu bitachuuf yeroo keenya ogummaadhaan itti fayyadamuu dha. Mee fakkeenya nama cimsee dhugaa barbaadaa ture tokkoo ilaalaa.
“Akka Itti Dhageessanitti Akeekkadhaa!”
Wantoonni xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne nu godhan hedduun jiru. Sammuun keenya wantoota nama dhiphisaniin guutamuu dandaʼa. Sagaleefi sochiin gumii keessattis taʼe alaa dhagaʼamu xiyyeeffannaa keenya harkisuu dandaʼa. Haalli mijaaʼaa hin taanes xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne nu gochuu dandaʼa. Warri ijoollee xixinnoo qaban, yeroo hedduu xiyyeeffannaansaanii ni hirama. Saganticha xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼaree?
Iji keenya xiyyeeffannaa keenyarratti dhiibbaa guddaa qaba. Ijikee nama haasaa dhiheessurratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan, yaadakee sassaabbattee dhaggeeffachuu dandeessa. Caqasicha beektullee, yeroo inni dubbisu Macaafa Qulqulluu baasii hordofi. Gara sagaleen dhagaʼame ykn sochiin itti godhame ilaaluurraa of qusadhu. Asiifi achi ilaaluudhaan yaannikee akka hiramu yoo goote, barumsa darbu keessaa hedduusaa utuu hin dhagaʼin hafta.
Wanti si ‘yaaddessuufi’ saganticharratti akka hin xiyyeeffanne si rakkisu yoo jiraate, Yihowaan yaadaafi garaa gabiidhaan dhaggeeffachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Far. 94:19; Filp. 4:6, 7) Barbaachisaa taanaanis irra deddeebiʼii kadhadhu. (Mat. 7:7, 8) Walgaʼiin gumii qophii Yihowaan nuu godhe keessaa tokkodha. Walgaʼiiwwan kanarraa faayidaa akka argattu kan barbaadu taʼuusaa hin shakkin.—1 Yoh. 5:14, 15.
Albuuda Hafuuraa
“Ani Waaqayyo Kee Ti hin Naʼin!”
14 Tokkoffaa, duuka buutota Kiristoos waan taaneef, jibbi akka nu irra gaʼu ni eegna. (Mat. 10:22) Yesuus guyyoota dhumaatti barattoonni isaa garmalee akka ariʼataman raajii dubbateera. (Mat. 24:9; Yoh. 15:20) Lammaffaa raajiin Isaayaas, diinonni keenya nu jibbuu caalaa iyyuu, meeshaawwan waraanaa adda addaatti akka fayyadaman nu akeekkachiiseera. Meeshaawwan waraanaa kun, gowwoomsaa dhokataa, soba guddaa fi ariʼatama suukanneessaa dabalatu. (Mat. 5:11) Yihowaan diinonni keenya meeshaawwan waraanaa kanatti fayyadamanii waraana akka nu irratti hin banne hin dhorku. (Efe. 6:12; Mul. 12:17) Haa taʼu malee, sodaachuun nu hin barbaachisu. Maaliifi?
15 Dhugaa yaadachuu qabnu isa sadaffaa haa ilaallu. Yihowaan, “miʼi waraanaa” nuuf qopheeffamu kam iyyuu ‘nu miidhuu akka hin dandeenye’ dubbateera. Akkuma masaraan tokko obonboleettii miidhaa geessisu irraa nu eegu, Yihowaanis ‘wanta afaan jalʼootaa keessaa baʼu’ irraa nu eega. (Isaayaas 25:4, 5 dubbisi.) Diinonni keenya miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuudhaan matumaa milkaaʼina hin argatan.—Isa. 65:17.
EBLA 27–CAAMSAA 3
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 56-57
Yihowaan Waaqa Keenya Taʼuusaatti Baayʼee Gammanna
ip-2-AM 269-270 key. 14-16
Yihowaan Hafuura Warra Rakkatoo ni Haaressa
14 Haa taʼu malee, Waaqayyo obsasaa ni fixata. Yihowaan yeroo sana ilaalchisee akkana jedheera: “Ani ‘qajeelummaan’ kee fi hojiiwwan kee akka beekaman nan godha, isaanis faayidaa siif hin argamsiisan. Yommuu gargaarsa argachuuf iyyattutti, waaqolii tolfamoon walitti qabatte si hin oolchan. Bubbeen hunduma isaanii fudhatee sokka, hafuurri afaanii baʼus isaan haree sokka.” (Isaayyaas 57:12, 13a) Yihowaan qajeelummaa Yihudaa isa fakkeessaa taʼe ni saaxila. Fakkeessaan ishii faayidaa tokkollee ishiidhaaf hin argamsiisu. “Waaqolii tolfamoon walitti qabatte” ishii hin oolchan. Yeroo rakkinni dhufu waaqoliin itti amanamaa turte hafuura afaanii baʼuun haxaaʼamanii badu.
15 Wanti Yihowaan dubbate Dh.K.D. bara 607tti raawwatameera. Bara kanatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yerusaalemiin balleesseera, mana qulqullummaa gubeera, akkasumas namoota hedduu boojuudhaan fudhateera. “Akka kanaan, Yihudaan boojiʼamee biyya isaa keessaa ni fudhatame.”—2 Mootota 25:1-21.
16 Haaluma wal fakkaatuun, waaqoliin Sabni Kiristiyaanaa tolfatan guyyaa dheekkamsa Yihowaatti isaan oolchuu hin dandaʼan. (Isaayyaas 2:19-22; 2 Tasalonqee 1:6-10) Sabni Kiristiyaanaa amantaawwan sobaa kutaa “Baabilon Guddittii” taʼan kaanii wajjin haxaaʼamanii ni balleeffamu. Bineensa diimaan fakkeenyaan ibsamee fi gaanfonnisaa kurnan, “[Baabilon Guddittii] ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu.” (Mulʼata 17:3, 16, 17) Yeroo sanatti ajaja, “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef ishii keessaa baʼaa” jedhuuf ajajamuu keenyatti baayʼee gammanna! (Mulʼata 18:4, 5) Ishiittis taʼe daandii ishiitti deebiʼuu matumaa hin barbaannu.
“Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”
16 Dhuguma iyyuu jijjiiramawwan kun barbaachisoo dha! Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa galaana hurrisuu fi hunkuramu, jechuunis galaana nagaa hin beeknee wajjin wal fakkeessa. (Isa. 17:12; 57:20, 21; Mul. 13:1) Yeroo dhimmi siyaasaa namoota kakaasu, isaan gidduutti qoqqoodiinsa uumuu fi jeequmsi suukanneessaan akka kaʼu godhutti, nuti garuu nagaa keenyaa fi tokkummaa keenya eegnee jiraanna. Yihowaan addunyaa qoqqoodamaa keessa jiraannu kana yommuu ilaalu, tokkummaan saba isaa gidduu jiru akka isa gammachiisu beekamaa dha.—Sefaaniyaa 3:17 dubbisi.
Albuuda Hafuuraa
Guddina Gootutti Gammadi!
11 Isaayyaas 57:15 dubbisi. Yihowaan ‘warra caccabanii fi warra gaddaniif’ ni yaada. Jaarsolii qofa utuu hin taʼin hundi keenya iyyuu, obbolootaa fi obboleettota akkasii jajjabeessuu dandeenya. Karaan isaan itti jajjabeessuu dandeenyu keessaa tokko akka isaaniif yaannu argisiisuu dha. Yihowaan hoolota isaa warra isa biratti iddoo guddaa qaban akka jaallatu akka isaanitti argisiisnu barbaada. (Fak. 19:17) Gad of qabuudhaan, akkasumas humna ofii beekuudhaan obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruu dandeenya. Xiyyeeffannaa ofitti harkisuudhaan warri kaan akka nutti hinaafan gochuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, dandeettii fi beekumsa keenya warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamna.—1 Phe. 4:10, 11.