LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Guraandhala 1
  • Jimaata, Guraandhala 2
  • Sanbadduraa, Guraandhala 3
  • Dilbata, Guraandhala 4
  • Wiixata, Guraandhala 5
  • Kibxata, Guraandhala 6
  • Roobii, Guraandhala 7
  • Kamisa, Guraandhala 8
  • Jimaata, Guraandhala 9
  • Sanbadduraa, Guraandhala 10
  • Dilbata, Guraandhala 11
  • Wiixata, Guraandhala 12
  • Kibxata, Guraandhala 13
  • Roobii, Guraandhala 14
  • Kamisa, Guraandhala 15
  • Jimaata, Guraandhala 16
  • Sanbadduraa, Guraandhala 17
  • Dilbata, Guraandhala 18
  • Wiixata, Guraandhala 19
  • Kibxata, Guraandhala 20
  • Roobii, Guraandhala 21
  • Kamisa, Guraandhala 22
  • Jimaata, Guraandhala 23
  • Sanbadduraa, Guraandhala 24
  • Dilbata, Guraandhala 25
  • Wiixata, Guraandhala 26
  • Kibxata, Guraandhala 27
  • Roobii, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 17-26

Guraandhala

Kamisa, Guraandhala 1

Jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.—Yaq. 1:4.

Jabaatanii dhaabachuun “hojii” akkamii fiixaan baasa? ‘Wanti tokko illee utuu nutti hin hirʼatin, karaa hundumaan guutuu fi mudaa kan hin qabne’ akka taanu nu gargaara. (Yaq. 1:4) Qorumsi dadhabinni keenya, jechuunis wanti fooyyeffachuu qabnu ifa akka nuu taʼu godha. Qorumsawwan yeroo nu mudatanitti jabaannee yoo dhaabanne garuu, Kiristiyaana guutuu fi mudaa hin qabne taana. Fakkeenyaaf caalaatti obsa qabeeyyii, kan dinqisiifannuu fi gara laafeyyii taʼuu dandeenya. Jabaatanii dhaabachuun akka Kiristiyaana tokkootti nu bocuudhaan hojii guddaa waan hojjetuuf, qorumsa si mudatu hambisuuf jettee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hordofuu hin dhiisin. Fakkeenyaaf, yaadawwan xuraaʼoo wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Taanaan, qorumsa kanaaf harka kennuu mannaa, fedhiiwwan akkanaa kadhannaadhaan of irraa ittisi. Kana gochuudhaan of toʼachuu baruu dandeessa. Miseensota maatii hin amanne irraa mormiin si irra gaʼaa jiraa? Dhiibbaa kanaan moʼamuu mannaa, waaqeffannaa garaa guutuudhaan dhiheessitu itti fufuuf kutadhu. Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf, jabaannee dhaabachuu akka qabnu yaadadhu.—Rom. 5:3-5; Yaq. 1:12. w16.04 2:15, 16

Jimaata, Guraandhala 2

Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.

Gosa, aadaa ykn saba keenyaan kooruun keenya, ilaalcha Yihowaan bulchiinsa namootaatiif qabuu fi ilmaan namootaa maatii tokko taʼaniif qabuu wajjin wal faallessa. Waaqayyo aadaa keenya akka jibbinu akka nu irraa hin eegne beekamaa dha. Garaagarummaan aadaa, haala garaa garaa ilmaan namootaa qabanii fi dinqisiisaa taʼe kan argisiisu dha. Taʼu iyyuu, akka ilaalcha Waaqayyootti namoonni hundinuu qixxee akka taʼan yaadachuu qabna. (Rom. 10:12) Iddoo irraa dhufne ilaalchisee koorri nutti dhagaʼamuun isaa, miirri sabboonummaa nu keessa akka jiru kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu, tarkaanfii jalqabaa ejjennoo laaffisuutti nama geessu taʼuu dandaʼa. Namoonni gumii jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko illee, lammiin isaanii gara biraa taʼuu isaatiin kan kaʼe obboloonni isaanii isaan qoodanii waan turaniif, Kiristiyaanonnis koora akkanaa irraa walaba miti. (HoE. 6:1) Koorri sirrii hin taane nu keessa jiraachuu fi dhiisuu isaa akkamitti beekuu dandeenya? Obboleessi ykn obboleettiin biyya kan biraatii dhufan tokko yaada tokko sii kennan haa jennu. ‘Asitti kan hojjennu akkasitti miti’ jechuudhaan daftee yaada isaanii mormitaa? Kanaa mannaa, hundi keenya gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi caqasa guyyaa harʼaa irra jiruu hojii irra oolchuu qabna. w16.04 4:12, 13

Sanbadduraa, Guraandhala 3

Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun qaba.—Luq. 4:43.

Yesuus kan lallabe “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” siʼa taʼu, barattoonni isaas kanuma akka godhan irraa eega. Gareen namootaa ergaa kana ‘saba hundumaatti’ lallabaa jiran eenyufaʼi? (Mat. 28:19) Deebiin isa ifa dha; kana gochaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha. Lubni misiyoonii taʼe tokko biyyoota garaa garaa keessa akka jiraatee fi Dhugaa Baatota biyyoota inni deeme keessa jiraatan ergaan isaan lallaban maal akka taʼe gaafatee akka ture Dhugaa Baatuu tokkotti hime. Deebii akkamiitu isaaf kenname laata? Lubichi, “Hundi isaanii iyyuu, ‘Misiraachoo Mootummichaa’ jedhanii deebii wal fakkaataa naa deebisuudhaan gowwoota taʼuu isaanii argisiisaniiru” jedheera. Dhugaa Baatonni kun garuu “gowwoota” utuu hin taʼin, akkuma Kiristiyaanota dhugaa irraa eegamu tokkummaadhaan dubbachuu isaanii ti. (1 Qor. 1:10) Akkasumas ergaa Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu keessatti argamu dubbachaa turan. Barruun kun afaanota 254n kan maxxanfamu siʼa taʼu, maxxansi tokko giddu galeessaan koppii gara miliyoona 59 taʼuun qophaaʼa; kun immoo barruu addunyaa irratti balʼinaan raabsamu akka taʼu isa godheera. w16.05 2:6

Dilbata, Guraandhala 4

Namni hundi . . . akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.—2 Qor. 9:7.

Babalʼistoota Mootummichaa waan taaneef, qajeelchaa yeroo hundaa taanee tajaajila yeroo guutuu keessa galuu barbaadna taʼa. Galma kana irra gaʼuuf immoo, jireenya keenya salphisuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabna. Taʼus, waan xinnoo qofa qabaachuudhaan gammachuu dhugaa argachuun kan dandaʼamu taʼuun isaa nu shakkisiisa taʼa. Ajajni Kitaaba Qulqulluu qajeelchaa akka taanu ajaju akka hin jirre beekamaa dha; babalʼistoota amanamoo taanee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu dandeenya. Haa taʼu malee, Yesuus namoonni Mootummichaaf jecha aarsaa kaffalan eebba hedduu akka argatan mirkaneesseera. (Luq. 18:29, 30) Kana malees akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, Yihowaan ‘galata akka aarsaatti jaallannee isaaf dhiheessinutti,’ akkasumas waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf wanta dandeenye gammachuudhaan gochuu keenyatti ni gammada. (Far. 119:108) Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kunii fi kadhannaan qajeelfama argachuuf dhiheessinu, ilaalcha Yihowaa akka beeknu nu hin gargaaranii ree? Yaadawwan kana irratti xiinxaluun keenya, murtoo nu fayyaduu fi eebba Abbaa keenya isa samii nuuf argamsiisu gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. w16.05 3:13

Wiixata, Guraandhala 5

Barri hamaan utuu hin dhufin, . . . bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!—Lal. 12:1.

Rakkoowwan barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan irratti ibsaman keessaa baayʼeen isaanii, isaan irratti qofa kan mulʼatan miti. Hundi keenya iyyuu, amantii keenyaaf falmuu, miira keenya toʼachuu, dhiibbaa hiriyaa moʼuu, akkasumas hiriyummaa gadhee fi bohaartii qulqulluu hin taane irraa fagaachuu qabna. Mata dureewwan kunii fi kaan, barreeffamoota dargaggoota umurii waggoota kurnanii keessatti argamaniif qophaaʼan irratti ni baʼu. Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼan barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan dubbisuun ulfina isaanii akka tuqu itti dhagaʼamuu qabaa? Matumaa akkas taʼuu hin qabu! Barreeffamichi kan qophaaʼe haala dargaggoota hawwatuun taʼus, barumsi achi irratti baʼu dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isa yeroon itti hin darbine irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, hundi keenya iyyuu qophiiwwan hafuuraa kana irraa fayyadamuu dandeenya. Barreeffamoonni keenya dargaggoonni rakkina akka moʼan qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraa akka guddatanii fi Yihowaatti akka dhihaatanis isaan gargaaru. Obboloonni manguddoo taʼan illee kana irra faayidaa argachuu ni dandaʼu.—Lal. 12:13. w16.05 5:15, 16

Kibxata, Guraandhala 6

Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkcha dha. Ati Yihowaa Waaqa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!—Kes. 6:4, 5, NW.

“Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokko dha.” Kun yaada ergaa guddaa qabu mitii? Yaadachiisni kun Israaʼeloonni rakkoowwan yommuu Biyyattii Abdachiifamtetti galanii fi qabatan isaan mudatan moʼuuf jabina isaaniif kenneera. Nutis jechoota kana yaadatti qabachuun keenya rakkina guddaa fuula keenya dura jiru moʼuu fi Jannata sana booda dhufu irratti gumaacha gochuuf humna nuu kenna. Kanaafuu, lubbuu keenya guutuudhaan isa jaallachuu fi isa tajaajiluudhaan, akkasumas obbolummaan Kiristiyaanaa tokko taʼee akka itti fufu carraaqqii gochuudhaan guutummaatti Yihowaadhaaf buluu keenya itti haa fufnu. Kana gochuu keenya yoo itti fufne abdii Yesuus, “Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa” jechuudhaan, warri inni hoolota akka taʼanitti isaaniif murteessu akka argatan dubbate yommuu raawwatamu arguuf hawwiidhaan eeggachuu dandeenya.—Mat. 25:34. w16.06 3:2, 20

Roobii, Guraandhala 7

Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha.—Er. 17:9.

Koorri goggogaa akka taanu nu gochuudhaan gocha keenyaaf sababii akka dhiheessinu nu kakaasuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe argisiisa. Ati hoo Kiristiyaana tokkoon ykn mirga tokko tokko dhabuu keetiin miidhamtee beektaa? Taanaan maal goote? Koorri si moʼee turee? Moo wanti si yaaddesse inni guddaan, obboleessa kee wajjin nagaa uumuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuu ture? (Far. 119:165; Qol. 3:13) Namni tokko cubbuu hojjechuu amaleeffachuun isaa, tarii immoo dhoksaatti cubbuu hojjechuun isaa gorsa Waaqayyoo akka hin fudhanne isa gochuu dandaʼa. Sana booda cubbuu hojjechuun caalaatti salphaa taʼaafii deema. (Lal. 8:11) Obboleessi pornoograafii ilaaluu amaleeffatee ture tokko yeroo booda, “Jaarsoliidhaaf ilaalcha gadhee qabaachaa akkan dhufe nan hubadhe” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Amalli isaa kunis karaa hafuuraa isa miidhe. Yeroo booda gochi isaa kun ifatti kan baʼe siʼa taʼu, gargaarsi isa barbaachisus ni kennameef. Hundi keenya cubbamoota akka taane beekamaa dha. Haa taʼu malee, dhiifamaa fi gargaarsa Waaqayyoo barbaaduu mannaa, warra kaan ceephaʼuu ykn dogoggora raawwanneef sababa dhiheessuu yoo jalqabne, tarii garaan keenya didaa taʼaa jira taʼa. w16.06 2:5, 6

Kamisa, Guraandhala 8

Waaʼee jireenya keessanii . . . yaaddaʼuu keessan dhiisaa.—Mat. 6:25.

Dhaggeeffattoonni Yesuus sun wantoota isaan yaaddessuu hin qabne irratti yaaddaʼaa turan. Yesuus kana akka dhiisan barbaada ture; sababa itti kana jedhes qaba. Waaʼee wantoota buʼuura taʼanii illee utuu hin barbaachisin yaaddaʼuun ykn dhiphachuun, namni tokko yaadni isaa hihhiramee wantoota hafuuraa jireenyaaf caalaatti barbaachisan akka dhiisu godha. Yesuus barattoota isaatiif baayʼee waan yaaduuf, Lallaba isaa isa Gaaraa irratti waaʼee hawwii balaa qabu kanaa siʼa afur irra deddeebiʼee isaan akeekkachiiseera. (Mat. 6:27, 28, 31, 34) Yesuus wanta guyyaa guyyaadhaan namoota barbaachisu akka gaariitti beeka ture. Kana malees, duuka buutonni isaa jaarraawwan hedduu booda, “guyyoota dhumaa yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe” itti dhufu keessa jiraatan haalawwan rakkisaa keessa akka darban beeka ture. (2 Xim. 3:1) Haalawwan rakkisoon kun hojii dhabuu, kufaatii dinagdee, hanqina nyaataa fi deega guddaa namoota baayʼee irra gaʼu kan dabalatani dha. Haa taʼu malee, Yesuus ‘jireenyi nyaata irra, qaamnis uffata irra akka caalu’ hubatee ture. w16.07 1:8, 9

Jimaata, Guraandhala 9

Anis, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa . . . tola anaaf kennamee wajjin haala wal simuun . . . tajaajilaa taʼeera.—Efe. 3:7.

Utuu ulaagaalee Yihowaan nu irraa barbaadu guutummaatti ni guunna taʼee, gaarummaan isaa kun nuuf mala ture. Kana gochuu garuu hin dandeenyu. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru” jedhee barreesseera. (Lal. 7:20) Phaawulos ergamaanis, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan” jedheera; itti dabalees “Miindaan cubbuu duʼa dha” jedheera. (Rom. 3:23; 6:23a) Kan nuuf malu kana dha. Haa taʼu malee, Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaa gita hin qabneen jaalala isaa ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti argisiiseera. Nuuf jedhee akka duʼuuf “Ilma isaa isa tokkicha” gara lafaatti erguudhaan, kennaa hunda caalu nuu kenneera. (Yoh. 3:16) Kanaaf Phaawulos Yesusiin ilaalchisee, “Amma ulfinaa fi kabaja gonfatee argina; kunis kan taʼe, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin kan kaʼe tokkoon tokkoon namaatiif duʼa akka dhandhamatuufi” jedhee barreesseera. (Ibr. 2:9) Eeyyee, “kennaan Waaqayyo kennu, . . . karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Rom. 6:23b. w16.07 3:3, 4

Sanbadduraa, Guraandhala 10

Kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha.—Uma. 2:18.

Gaaʼelli kutaa jireenyaa ti. Akkaataa gaaʼelli itti hundeeffamee fi kaayyoo isaa ilaaluun keenya, walitti dhufeenya kanaaf ilaalcha sirrii akka qabaannuu fi eebba argamsiisu irraa guutummaatti faayidaa argachuuf nu gargaara. Waaqayyo nama jalqabaa kan taʼe Addaamiin erga uumee booda, akka inni maqaa isaaniif baasuuf bineensota gara isaatti fidee ture. “Namichaaf garuu kan akka isaatii, kan isa gargaartu hin argamne.” Kanaaf, Waaqayyo Addaam hirriba cimaa akka rafu gochuudhaan, lafee cinaachaa isaa keessaa tokko fuudhee dubartii uumuudhaan isaaf kenne. (Uma. 2:20-24) Kanaaf, gaaʼela kan hundeesse Waaqayyo dha. Yesuus wanta Yihowaan dubbate akkana jechuudhaan irra deebiʼee dubbateera: “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu.” (Mat. 19:4, 5) Waaqayyo dubartii jalqabaa uumuuf lafee Addaamitti fayyadamuun isaa, hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan godheera. Wal hiikuunis taʼe, hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol qabaachuun qophii Waaqayyoo hin turre. w16.08 1:1, 2

Dilbata, Guraandhala 11

[Yesuus] magaalota kan biraatti barsiisuu fi lallabuuf bakka sanaa deeme.—Mat. 11:1.

Yeroo baayʼee Yesuus waaʼee Mootummichaa dhuunfaatti namoota mariisisa ture. Fakkeenyaaf, boolla bishaanii Yaaqoob magaalaa Siikaar biratti argamutti dubartii tokkoo wajjin marii hoʼaa fi buʼa qabeessa taʼe godhee ture. (Yoh. 4:5-30) Akkasumas, Maatewos isa Leewwii jedhamuu fi qaraxa sassaabuu wajjin mariʼateera. Maatewos afeerrii Yesuus akka inni duuka buutuu isaa taʼuuf isaaf dhiheesse fudhateera. Maatewosii fi warri kaan yeroo Yesuus cidha mana Maatewositti godhame irratti saʼaatii dheeraadhaaf dubbatu dhagaʼanii turan. (Mat. 9:9; Luq. 5:27-39) Yeroo biraatti immoo, Yesuus Naatnaaʼel isa nama biyya Naazireetiif ilaalcha gaarii hin qabne jaalalaan haasofsiiseera. Haa taʼu malee, Naatnaaʼel ilaalcha isaa jijjiiruuf kakaʼee ture. Barumsa Yesuus inni nama Naazireet taʼe barsiisu caalaatti barachuuf murteessee ture. (Yoh. 1:46-51) Kanaaf, babalʼistoonni haaraan jaalalaan, akkasumas utuu hin dhiphatin namootaa wajjin akka mariʼatan leenjisuuf sababii gaʼaa qabna. Obboloonni nuti gama kanaan gargaarru, namoonni garaa qajeelaa qaban xiyyeeffannaan yommuu isaaniif kennamuu fi dubbii gaariidhaaf deebii yommuu kennan arguun akka isaan gammachiisu beekamaa dha. w16.08 4:7-9

Wiixata, Guraandhala 12

Haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin. . . . Abbaa manaas haadha mana isaa hin dhiisin.—1 Qor. 7:10, 11.

Rakkoowwan ciccimoon gaaʼela keessatti uumaman, hiriyaan gaaʼelaa inni tokko ykn lamaan isaanii gargar baʼuu ykn wal hiikuu akka yaadan gochuu dandaʼu. Hiriyaa gaaʼelaa ofii irraa gargar baʼuun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Gargar baʼuun yeroo rakkoowwan ciccimoon kaʼanitti furmaata kan argamsiisu fakkaatus, yeroo baayʼee rakkoowwan dabalataa uuma. Yesuus, wanta Waaqayyo namni abbaa fi haadha isaa dhiisuudhaan haadha manaa isaatti akka maxxanu dubbate erga irra deebiʼee dubbatee booda, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin” jedheera. (Mat. 19:3-6; Uma. 2:24) Kana jechuun, abbaan manaas taʼe haati manaa ‘waan Waaqayyo walitti qabsiise gargar baasuu’ hin qaban jechuu dha. Yihowaan, gaaʼelli walitti dhufeenya umurii guutuu akka taʼetti ilaala. (1 Qor. 7:39) Hiriyoonni gaaʼelaa, hundi keenya iyyuu Waaqayyo duratti akka itti gaafatamnu yaadachuun isaanii, rakkoowwan uumaman utuu hin cimin dafanii furuuf carraaqqii guddaa akka godhan isaan kakaasa. w16.08 2:10, 11

Kibxata, Guraandhala 13

Hamaadhaan hin moʼamin.—Rom. 12:21.

Diinonni keenya yeroo nuti hin eegnetti, akkasumas yeroo nuti baayʼee dadhabnutti nu miidhuu waan dandaʼaniif, yeroo hunda dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Gorsi “hamaadhaan hin moʼamin” jedhu hamaa moʼuu akka dandeenyu kan argisiisu dha. Hamaa loluu keenya yoo itti fufne akkas gochuu ni dandeenya. Faallaa kanaatiin, yoo of eeggachuu baannee fi loluu yoo dhiisne, Seexana, addunyaa isaa isa hamaa fi foon keenya isa mudaa qabuun moʼamuu dandeenya. Seexanni sodaattanii harka akka kennitan akka isin godhu matumaa hin heyyaminaa! (1 Phe. 5:9) Gama kanaan milkaaʼina argachuuf, warri walʼaansoo gochaa jiran sababii itti kana godhan dagachuu hin qaban. Waaqayyo duratti fudhatama argachuu fi eebba isaa argachuuf, abdii Ibroota 11:6 irra jiru irratti xiyyeeffachuu qabu: “Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.” Yaanni afaan Giriikii ‘cimsanii isa barbaaduu’ jedhamee hiikame carraaqqii cimaa gochuu akka barbaachisu argisiisa.—HoE. 15:17. w16.09 2:4, 5

Roobii, Guraandhala 14

Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.—1 Qor. 10:31.

Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama filannoo ogummaa irratti hundaaʼee fi Waaqayyoof ulfina fidu akka goonu nu gargaaru qabateera. Taʼus, wanta uffannu ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuu ni dandeenya. Akkuma galii keenyaa filannoon dhuunfaa keenyas garaa gara dha. Haa taʼu malee uffannaan keenya yeroo hunda qulqulluu, ulfina qabeessa, haala isaatiif kan taʼuu fi naannoo sanatti fudhatama kan qabu taʼuu qaba. Murtoo gaarii hubannaa irratti hundaaʼee fi haala hunda tilmaama keessa galche gochuun yeroo hunda salphaa akka hin taane amanuu qabna. Suuqiiwwan hedduun faashinoota ammayyaa waan gurguraniif qamisii, uffata dubartootaa irratti uffatamu, suufii fi surree ulfina qabeessa taʼee fi dhagnatti hin maxxanne argachuun yeroo fi carraaqqii dabalataa kan gaafatu taʼuu dandaʼa. Taʼus, obboloonni keenya carraaqqii nuti uffata bareedaa fi sirrii taʼe argachuuf goone hubachuu fi dinqisiifachuun isaanii hin oolu. Uffata isaaf ulfina fidu argachuun rakkisaa taʼus, Abbaa keenya isa samiidhaaf ulfina fiduun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. w16.09 3:15, 16

Kamisa, Guraandhala 15

Waaqayyo golee gara bitaa lafa duwwaa irra in diriirsee biyya lafaa immoo homtuu utuu jala hin jiraatin in rarraase.—Iyo. 26:7.

Ijoolleen yeroo baayʼee yaadaan waa uumuu jaallatu. Kanaaf warri, yommuu ijoollee keessan barsiistan fakkeenyatti fayyadamuuf yaalaa. Fakkeenyi buʼa qabeessi amantiin mucaan tokko Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuu isaa irratti qabus akka cimu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, caqasa guyyaa harʼaa haa ilaallu. Caqasni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuu isaa ibsuu kan dandeessan akkamitti? Akkasumaan dhugaa jiru itti himuu dandeessu. Haa taʼu malee, dandeettii yaadaan ilaaluu mucichaa kakaasuuf maaliif hin yaaltan? Iyoob utuu teleskooppiinii fi xiyyaarri gara hawaa ittiin deeman (mankuraakurri) hin kalaqamin yeroo dheeraa dura akka jiraate itti himaa. Mucaan keessan wanti baayʼee guddaan hamma lafaa gaʼu homtuu utuu jala hin jiraatin rarraʼee jira jedhanii amanuun namoota tokko tokkoof hammam akka ulfaatu ibsuuf yaala. Mucichi kubbaa ykn dhagaatti fayyadamee wanti hamma (mass) qabu tokko waan tokko irra taaʼuu akka qabu fakkeenyaan ibsuuf yaala. Barumsi akkasii Yihowaan dhugaawwan tokko tokko namoonni qoratanii bira gaʼuu isaanii yeroo dheeraa dura, Kitaaba Qulqulluu keessatti barreessisuu isaa akka hubatu isa godha.—Nah. 9:6. w16.09 5:9, 12

Jimaata, Guraandhala 16

Garaa keetti [amani].—Rom. 10:9.

Amantiin kaayyoo Waaqayyoo hubachuu caalaa waan dabalatu qaba. Humna namni tokko fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun akka jiraatu godhu dha. Namni tokko karaa Waaqayyo fayyina ittiin fidutti kan amanu yoo taʼe, misiraachicha warra kaanitti himuuf kakaʼa. Abdiin addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti bara baraaf jiraachuuf qabnu, amantii qabaachuu fi amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuu irratti kan hundaaʼe dha. Akkuma biqiltuu tokko bishaan obaasuun barbaachisu, amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuun keenya barbaachisaa dha. Biqiltuun lubbu qabeessa taʼe tokko biqiltuu namtolchee irraa haala adda taʼeen yeroo yerootti jijjiirama godha. Biqiltuun lubbu qabeessa taʼe bishaan yoo dhabe kan coolligu siʼa taʼu, walitti fufiinsaan jiidha yoo argate immoo dagaaguu isaa itti fufa. Biqiltuun gaarii taʼe tokko bishaan gaʼaa yoo dhabe suuta suuta duʼuu dandaʼa. Amantiin keenyas akkasuma. Yoo xiyyeeffannaan kennamuufii baate coolliguu fi duʼuu dandaʼa. (Luq. 22:32; Ibr. 3:12) Xiyyeeffannaa yoo kennineef garuu jiraataa taʼa; akkasumas “guddachaa” deema; nuti immoo “amantii cimaa” qabaanna.—2 Tas. 1:3; Tit. 2:2. w16.10 4:4, 5

Sanbadduraa, Guraandhala 17

Angafni hojjetoota warra xuʼaashii sunis maqaa isaanii geddaree, Daaniʼeliin “Belxishaazaar” [jedhe].—Dan. 1:7.

Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa boojuudhaan yeroo fudhatamanitti, warri Baabilon “afaan warra Kaldootaa” isaan barsiisuudhaan aadaa isaanii akka fudhatan gochuuf yaalanii turan. Kana malees, angafni hojjettootaa leenjii isaaniif kennamu hordofaa ture maqaa warra Baabilon isaaniif moggaase. (Dan. 1:3-7) Maqaan Daaniʼeliif kenname maqaa Beel jedhuu fi waaqa tolfamaa Baabilon isa guddaa wajjin kan wal qabatu ture. Nebukadnezaar Mootichi, Daaniʼel Waaqni isaa Yihowaan waaqa warra Baabiloniin akka moʼametti akka yaadu barbaadee taʼuu dandaʼa. (Dan. 4:8) Daaniʼel nyaata mootichaaf dhihaatu akka nyaatu kan afeerame taʼus, “akka of hin xureessineef garaa murate.” (Dan. 1:8) Afaan dhalootaa isaatiin, “caaffata qulqullaaʼoo” qoʼachuu isaa waan itti fufeef, biyya isaatii ala jiraatus fayyaa hafuuraa isaa eeggachuu dandaʼeera. (Dan. 9:2) Kanaan kan kaʼes, erga gara Baabilon dhaqee waggaa 70 booda illee maqaa Afaan Ibrootaatiin isaaf moggaafameen beekama ture.—Dan. 5:13. w16.10 2:7, 8

Dilbata, Guraandhala 18

[Isaan] garuma hafuurri itti adeemutti adeeman.—His. 1:20.

Haa taʼu malee, Yesuus nyaata hafuuraa akka qopheessu kan muude ‘garbicha amanamaa’ qofa dha. (Mat. 24:45-47) Yesuus Kiristoos inni ulfina gonfate, bara 1919 jalqabee duuka buutonni isaa Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi qajeelfama isaa akka hordofan gargaaruuf garbicha sanatti fayyadamaa jira. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuuf yoo ajajamne, qulqullina, nagaa fi tokkummaa gumiitiif gumaacha goona. Tokkoon tokkoon keenya, ‘Daandii Yesuus itti fayyadamaa jiru kanaaf nan amanamaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. Dubbiin Yihowaa inni barreeffamaan jiru kutaa jaarmiyaa isaa isa samii wajjin wal nu barsiisa. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel raajichi kutaan jaarmiyaa Waaqayyoo inni samii konkolaataa samii irra jirutti akka fakkeeffame mulʼataan argee ture. (His. 1:4-28) Konkolaataan Yihowaa inni saffisaan sochoʼaa jiru, Kiristoosii fi maleekota qulqulluu addunyaa hamaa kana balleessuuf jedhanii wajjin taʼee, ol aantummaan Yihowaa akka mirkanaaʼuu fi maqaan isaa qulqulluu akka taʼu gochuuf saffisaan deemaa jira. w16.11 3:9, 10

Wiixata, Guraandhala 19

Guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal [jajjabeessaa].—Ibr. 10:25.

Akkuma barattoota Yesuus bara durii, nuyis barachuu fi wal jajjabeessuuf walitti qabamna. (1 Qor. 14:31) Tajaajiltoonni Waaqayyoo muuxannoo qaban illee jajjabinni isaan barbaachisa. Mee fakkeenya Iyaasuu haa ilaallu. Waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa tureera. Taʼus, Yihowaan Museen akkana jedhee akka isa jajjabeessu itti hime: “Saba kana dura buʼee dhaqee, biyya ati argitu kana akka isaan dhaalan in godha; ati isa ajaji, gorsi, jajjabeessis.” (Kes. 3:27, 28) Iyaasuun, Israaʼeloota dura buʼee Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchuuf itti gaafatamummaa guddaan isaaf kennamuuf jedha. Rakkinni garaa garaa isa mudatee ture; loltoonni isaa immoo yoo xinnaate siʼa tokko injifatamaniiru. (Iya. 7:1-9) Iyaasuun, jajjabinnii fi ciminni isa barbaachisuun isaa nama hin dinqisiisu! Kanaaf daawwattoota ol aanaa aanaa dabalatee, jaarsolii tuuta hoolota Waaqayyoo kunuunsuuf dhamaʼan haa jajjabeessinu.—1 Tas. 5:12, 13. w16.11 1:12, 13

Kibxata, Guraandhala 20

Murtii gaalamoota guddittii ishii bishaanota hedduu irra teessu sana irratti dabarfame sitti nan argisiisa.—Mul. 17:1.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu ejjennoo amantii sobaa ilaalchisee qaban firoota, michootaa fi miseensota waldaa isaaniitti himuu qofti gaʼaa akka hin taane hubatanii turan. Baabilon Guddittiin gaalamoota taʼuu ishii guutummaan addunyaa beekuu qaba ture! Kanaan kan kaʼes, Muddee 1917 hanga jalqaba bara 1918 gidduutti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kuma muraasaan lakkaaʼaman tiraaktii mata duree “Kufaatii Baabilon” jedhu qabu koppii 10,000,000 hinaaffaadhaan raabsaniiru; tiraaktiin kun waaʼee Saba Kiristiyaanaa dhugaa isaa ifatti dubbata. Geggeessitoonni amantii baayʼee aaranii akka turan tilmaamuu dandeessu; Barattoonni Kitaaba Qulqulluu garuu duubatti jechuu mannaa, hojii barbaachisaa kana hojjechuu isaanii itti fufaniiru. “Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof” ajajamuuf murteessanii turan. (HoE. 5:29) Kun maal nu hubachiisa? Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti, dhiironnii fi dubartoonni Kiristiyaanota taʼan kunneen garbummaa Baabilon Guddittii jala akka hin turre nu hubachiisa; kanaa mannaa, dhiibbaa ishii jalaa bilisa baʼaa fi warri kaanis bilisa akka baʼan gargaaraa turan. w16.11 5:2, 4

Roobii, Guraandhala 21

Warri akka fooniitti jiraatan, yaadni isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata; warri akka hafuuraatti jiraatan garuu, yaadni isaanii wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffata.—Rom. 8:5.

Namoonni tokko tokko caqasni kun namoota dhugaa keessaa jiranii fi dhugaa keessa hin jirre, jechuunis namoota Kiristiyaanota taʼanii fi hin taane wal bira qabee kan ibsu dha jedhanii yaadu taʼa. Haa taʼu malee, Phaawulos yaada kana kan barreesse, ‘warra Waaqayyo biratti jaallatamanii fi Roomaa keessa jiran, akkasumas warra qulqulloota taʼuuf waamamaniif’ ture. (Rom. 1:7) Kanaaf, Phaawulos Kiristiyaanota akka fooniitti jiraatanii fi Kiristiyaanota akka hafuuraatti jiraatan wal bira qabee ibsaa ture. ‘Akka fedha fooniitti jiraachuu’ fi “hawwiiwwan cubbuu” ‘qaama isaanii keessatti hojjechaa turan’ wal qabsiisee ibseera. (Rom. 7:5) “Yaadni isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata” jechuudhaan yommuu dubbatu maal jechuu isaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Phaawulos, waaʼee namoota fedhii fi yaada isaanii isa cubbamaadhaan geggeeffamanii ykn fedhii fi yaada isaanii kana irratti xiyyeeffatanii dubbachaa ture. Walumaa galatti, namoonni kun karaa fedhii saalaatiinis taʼe karaa fedhiiwwan kan biraatiin hawwii, fedhii fi miira isaanii kan hordofani dha. w16.12 2:5, 7

Kamisa, Guraandhala 22

Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef . . . haa gammadu!—Far. 32:1.

Namni tokko gocha ykn dogoggora kanaan dura raawwateen kan kaʼe yaaddaʼuu dandaʼa taʼa. Daawit Mootichatti yeroo tokko tokko ‘irra-daddarbaan isaa mataa isaa irra akka ol darbu’ itti dhagaʼama ture. “Yaadni koo dhiphatee sababiin aaduufis nan iyya” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. (Far. 38:3, 4, 8, 18) Haala sana keessatti, Daawit maal gochuu isaatu gaarii ture? Inni hoo maal godhe? Araaraa fi dhiifama Yihowaatti amanameera. (Far. 32:2, 3, 5) Yeroo tokko tokko immoo, haalli amma keessa jirtan isin dhiphisa taʼa. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo Faarfannaa 55 barreessetti jireenya isaatiif sodaatee ture. (Far. 55:2-5) Taʼus yaaddoon, amanannaa inni Yihowaa irratti qabu akka isa jalaa balleessu hin heyyamne. Daawit rakkina isaa ilaalchisee kadhannaa cimaa dhiheessee ture; taʼus faayidaa wanta yaaddoo isatti fide sana damdamachuuf tarkaanfii kadhannaa isaa wajjin wal simu fudhachuun qabu hubatee ture. (2 Sam. 15:30-34) Daawit irraa maal baranna? Yaaddoon akka isin toʼatu heyyamuu mannaa, tarkaanfiiwwan haala keessa jirtan damdamachuuf isin gargaaran fudhadhaa; achiis dhimma isaa amanannaadhaan harka Yihowaatti gataa dhiisaa. w16.12 3:14, 15

Jimaata, Guraandhala 23

Ani Waaqayyoon yakkeera.—2 Sam. 12:13.

Daawit sirreeffama Naataan raajichi inni bakka buʼaa Yihowaa taʼe isaaf kenne fudhateera. Kana malees, Daawit cubbuu isaa himachuu fi fudhatama Yihowaa duratti qabu deebisee argachuuf fedhii cimaa akka qabu ibsuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Far. 51:1-17) Daawit, gar malee of ceephaʼuu mannaa, dogoggora isaa irraa barateera. Cubbuuwwan ciccimoo taʼan sana matumaa irra deebiʼee hin raawwanne. Yeroo booda amanamummaa isaa eegee duʼeera; Yihowaan amanamummaa isaa kanaan isa yaadata. (Ibr. 11:32-34) Fakkeenya Daawit irraa maal barachuu dandeenya? Cubbuu cimaa yoo raawwanne, garaadhaa yaada geddarachuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu carraaquu qabna. Cubbuu keenya isatti himachuu qabna. (1 Yoh. 1:9) Kana malees, jaarsolii karaa hafuuraa nu gargaaruu dandaʼan bira dhaquu qabna. (Yaq. 5:14-16) Qophiiwwan Yihowaa irraa fayyadamuudhaan, waadaa nu fayyisuu fi dhiifama nuuf gochuuf galetti akka amanamnu argisiisna. Kana malees, dogoggora keenya irraa barannee, Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu fi yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya.—Ibr. 12:12, 13. w17.01 1:13, 14

Sanbadduraa, Guraandhala 24

Waan of gad dhiisuudhaan hojjetan [irraa] garbicha kee eegi.—Far. 19:13.

Wantoonni ‘of gad dhiisuudhaan hojjetaman’ maali dha? Wanta mirga keenya hin taane ykn akka hojjennu nuuf hin heyyamamne, obsa dhabuudhaan ykn of gurguddisuudhaan raawwachuu jechuu dha. Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, hundi keenya yeroo tokko tokko gocha akka of gurguddisnu argisiisu ni raawwanna. Haa taʼu malee, akkuma fakkeenyi Saaʼol Mootichaa argisiisutti, amala of gurguddisuu calaqqisiisuu yoo jalqabne, oolee bulee hariiroon Waaqayyoo wajjin qabnu balaadhaaf saaxilama. Faarfannaan 119:21 waaʼee Yihowaa yommuu ibsu, “Warra gad-dhiisatti jiraatan ati in ifatta” jedha. Kan akkas godhu maaliifi? Wanti gad dhiisiitti hojjetamu dogoggora utuu hin beekin raawwatamu caalaa baayʼee cimaa dha. Tokkoffaa, gocha akka of gurguddisnu argisiisu yommuu raawwannu, mirga Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf qabu akka hin kabajne argisiisna. Lammaffaa, wanta aangoo keenyaa ol taʼe yoo raawwanne, warra kaanii wajjin walitti buʼuun keenya hin oolu. (Fak. 13:10) Sadaffaa, gocha akka of gurguddisnu argisiisu akka raawwanne yommuu beekamu, itti qaanaʼuun keenya hin oolu. (Luq. 14:8, 9) Gocha akka of gurguddisnu argisiisu raawwachuun buʼaa hin qabu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun ibsu, amala gad of deebisuu qabaachuun ogummaa dha. w17.01 3:4, 5

Dilbata, Guraandhala 25

Isaan isa irratti balleessaa hojjechuu isaaniitiin waan yeellaasifamaniif, siʼachi ijoollee isaa hin jedhaman.—Kes. 32:5.

Addaam erga cubbuu hojjetee booda, amalawwan Waaqayyoo sirriitti calaqqisiisuu hin dandaʼu. Ofii isaas taʼe ilmaan isaa abdii gara fuulduraa akka dhaban gochuu qofa utuu hin taʼin, hundi isaanii mudaa, cubbuu fi duʼa akka dhaalan godheera. (Rom. 5:12) Sanyiin isaa hundi abdii bara baraaf jiraachuu akka dhaban taasiseera. Kana malees, yeroo sanaa kaasee Addaamii fi Hewwaanis taʼe ilmaan isaanii, ijoollee mudaa hin qabne godhachuu hin dandaʼan. Seexanni inni Diyaabilos jedhame, Addaamii fi Hewwaan Waaqayyo irraa akka garagalan erga godhee kaasee, hanga harʼaatti ilmaan namootaa gowwoomsuu isaa itti fufeera. (Yoh. 8:44) Haa taʼu malee, Waaqayyo amma iyyuu ilmaan namootaa ni jaallata. Addaamii fi Hewwaan fincila kan kaasan taʼus, Yihowaan ilmaan namootaa isaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan barbaada. Inni eenyu iyyuu akka duʼu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Kanaaf, Waaqayyo fincilli sun kaʼee utuu baayʼee hin turin qophii ilmaan namootaa michummaa isaa wajjin qaban deebisanii akka haaromsan isaan dandeessisu godheera.—Yoh. 3:16. w17.02 1:12-14

Wiixata, Guraandhala 26

[Ogummaan] warra gorsa fudhatan bira jira.—Fak. 13:10.

Fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuudhaan amala gaarii namoonni kaan qaban irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, dinqisiifannaan gaʼee tajaajila Yihowaa keessatti qabnuu ni guddata. Yeroo hunda akka xiyyeeffannaan nuuf kennamu ykn wanta gochuu qaban warra kaanitti himuuf carraaquu mannaa, gad of deebisuudhaan gorsa warra kaanii gaafachuu fi yaada isaan kennan fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna. Yommuu warri kaan mirga tajaajilaa argatan isaanii wajjin gammanna. Kana malees Yihowaan, ‘guutummaa waldaa obboloota keenya addunyaa keessatti argaman’ eebbisaa akka jiru yommuu hubannu isaaf galata galchina. (1 Phe. 5:9) Kana malees, gad of deebisuudhaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu yoo baranne, murtoo gaarii gochuu dandeenya. Yeroo hunda qorachuudhaan, kadhachuudhaanii fi wanta baranne hojii irra oolchuudhaan, suutuma suuta qalbii keenya leenjisaa deemna. (1 Xim. 1:5) Warra kaaniif dursa kennuus ni baranna. Wanta nu irraa barbaadamu yoo goone, Yihowaan amala gad of deebisuu fi amalawwan gaggaarii kaan akka horannu nu gargaaruudhaan, ‘leenjiin keenya akka xumuramu’ gochuuf waadaa nuuf galeera.—1 Phe. 5:10. w17.01 4:17, 18

Kibxata, Guraandhala 27

Jaarsoliin akka gaariitti bulchan, keessumaa warri dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan ulfina guddaa argachuu akka qabanitti haa ilaalaman.—1 Xim. 5:17.

Namoonni nuu wajjin waaqeffatan ulfinaa fi kabaja argachuun isaaniif mala. Keessumaa immoo jaarsoliin dursa fudhatanii nu geggeessan ulfina argachuu qabu. Lammummaan, sadarkaan barumsaa, iddoon isaan hawaasa keessatti qaban ykn haalli dinagdee isaanii maal iyyuu yoo taʼe isaan ni kabajna. Kitaabni Qulqulluun ‘dhiirota kennaa’ taʼan jechuudhaan kan isaan waamu siʼa taʼu, wanta saba Waaqayyootiif barbaachisu guutuu wajjin haala wal qabateen gahee guddaa qabu. (Efe. 4:8) Mee waaʼee jaarsolii gumii, ilaaltota ol aanaa aanaa, miseensota Koree Waajjira Damee fi miseensota Qaama Ol Aanaa yaadaa. Obboloonni jaarraa jalqabaatti turan, namoota geggeessuuf itti gaafatamummaa qabaniif kabaja guddaa kennu turan; nutis akkas gochuu akka qabnu nutti dhagaʼama. Bakka buutota gumii Kiristiyaanaa beekamoo taʼan hin waaqeffannu ykn yeroo isaan nu bira jiranitti akka waan maleekaan nu bira jiruu hin taanu. Taʼus, hojii cimaa isaan hojjetanii fi amala gad of qabuu isaan argisiisaniin kan kaʼe obboloota kana ni kabajna; ulfinas ni kenninaaf.—2 Qor. 1:24; Mul. 19:10. w17.03 1:13

Roobii, Guraandhala 28

Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo tokkicha malee gaariin hin jiru.—Mar. 10:18.

Yesuus, Herodis Agriiphaa isa Tokkoffaa mootii Yihudaa taʼe irraa baayʼee adda ture! Herodis, guyyaa qophiin addaa godhame tokkotti “uffata mootii uffatee” ture. Namoonni isa jaallatanii fi achitti walitti qabamanis “Kun sagalee waaqaa ti malee, sagalee namaa miti!” jedhanii iyyan. Herodis, akkana jedhanii isa jajuu isaaniitiin akka gammade beekama dha. “Waaqayyoof ulfina waan hin kennineef battaluma sanatti maleekaan Yihowaa isa rukute; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.” (HoE. 12:21-23) Yihowaan, Herodis bulchaa akka taʼu akka isa hin filanne ifatti hubachuun ni dandaʼama. Yesuus garuu Waaqayyoon kan muudame taʼuu isaa mirkaneesseera; Yihowaan saba isaatiif Geggeessaa Hundaa Olii taʼuu isaa hubachuudhaanis yeroo hunda ulfina isaaf kenna. Bulchiinsi Yesuus waggoota muraasaaf qofa kan turu miti. Erga duʼaa kaafamee booda akkana jedhee ture: “Samii irrattis taʼe lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera . . . Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.”—Mat. 28:18-20. w17.02 3:20, 21

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi