Bitootessa
Kamisa, Bitootessa 1
Ariʼanii [Yiftaa] in baasan.—Abo. 11:2.
Obboloonni Yiftaa hinaaffaa fi jibbaan kakaʼanii mirga inni akka ilma angafaatti dhaala argachuuf qabu seeraan ala isa dhowwataniiru. (Abo. 11:1-3) Taʼus, yeroo gargaarsa isa gaafatanitti, gargaarsa isaaniif godheera. (Abo. 11:4-11) Yiftaadhaaf iddoo guddaa kan qabu, walitti buʼiinsa dhuunfaa utuu hin taʼin waraana maqaa Yihowaatiif godhamu ture. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf kutatee ture; kun immoo warra kaaniifis taʼe isaaf buʼaa gaarii argamsiiseera. (Ibr. 11:32, 33) Fakkeenya Yiftaa irraa ni barannaa? Tarii Kiristiyaanonni hidhata keenya taʼan tokko tokko nu gaddisiisu ykn nu miidhu taʼa. Rakkoowwan kun walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu ykn Yihowaa tajaajiluu, akkasumas guutummaatti gumii wajjin taʼuu irraa duubatti akka jennu akka nu godhan heyyamuu hin qabnu. Nutis fakkeenya Yiftaa hordofuudhaan, ulaagaaleen Waaqayyoo ilaalchawwan sirrii hin taane moʼuuf akka nu gargaaran heyyamuudhaan warra kaan irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandeenya.—Rom. 12:20, 21; Qol. 3:13. w16.04 1:7, 9, 10
Jimaata, Bitootessa 2
Abdii hin kutannu.—2 Qor. 4:1.
Jabaannee dhaabachuu kan qabnu, yeroodhaaf utuu hin taʼin, hamma dhumaatti taʼuu qaba. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Dooniin tokko bishaaniin liqimfamaa jira haa jennu. Imaltoonni, lubbuudhaan ooluuf hamma qarqara bishaanichaatti daakuu qabu. Wanti nama qarqara bishaanichaa gaʼuuf muraasni isa hafee abdii kutatuu fi daakuu akkuma jalqabeen abdii kutatu mudatu tokkuma dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis hamma addunyaa haaraa keessa seennutti jabaannee dhaabachuuf kutanneerra. Jireenyi keenya kan hundaaʼe kana irratti dha. Ilaalcha akka Phaawulos ergamaa isa siʼa lama “Abdii hin kutannu” jedhee qabna. (2 Qor. 4: 16) Yihowaan hamma dhumaatti jabaannee akka dhaabannu akka nu gargaaru amanannaa guutuu qabaachuu ni dandeenya. Amantii Phaawulos qabuu fi Roomaa 8:37-39 irratti ibsamee wajjin wal fakkaatu qabna. Akkana jedha: “Karaa isa nu jaallate sanaa . . . guutummaatti injifannoo arganna. Sababiin isaas, duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu, jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera.” w16.04 2:17, 18
Sanbadduraa, Bitootessa 3
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu . . . isaafis ni kennama.—Yaq. 1:5.
Haalawwan ejjennoo kee akka laaffistu godhan beekuu fi moʼuuf ogummaa akka sii kennuuf Yihowaa kadhadhu. Waaqeffannaa dhugaa deggeruudhaan ejjennoo cimaa qabaachuu keetiin kan kaʼe yoo hidhamte ykn yoo adabamte, ija jabinaan amantii kee cinaa dhaabachuu fi ariʼatama kam iyyuu moʼuuf jabina akka sii kennu kadhadhu. (HoE. 4:27-31) Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamee nu jabeessuu dandaʼa. Caqasoota yeroo qorumsaatti adda taʼuuf si gargaaran irratti xiinxali. Yeroo booda Kitaaba Qulqulluu argachuu hin dandeessu yoo taʼe, si jabeessuu akka dandaʼanitti caqasoota kana amma yaadatti qabadhu. Dubbiin Waaqayyoo, abdii eebbawwan Mootummichi fidu irratti qabdus sii cimsuu dandaʼa. Abdiin kun ariʼatama moʼuuf barbaachisaa dha. (Rom. 8:25) Caqasa waaʼee eebba caalaatti argachuuf hawwituu ibsu filadhuutii, Jannata keessatti eebbawwan sana yeroo argattu yaadaan ilaali. w16.04 4:14, 15
Dilbata, Bitootessa 4
Waan tola fudhattaniif, tola kennaa.—Mat. 10:8.
Qeesonni saba Kiristiyaanaa, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabaa hin jiran. Waaʼee Mootummichaa yoo dubbatan illee, hedduun isaanii Mootummaan kun miira ykn haala garaa Kiristiyaana tokkoo keessa jiru akka taʼetti ibsu. (Luq. 17:21) Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irra jiru akka taʼee fi Mootiin isaa Yesuus Kiristoos akka taʼe, rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif furmaata akka fidu, akkasumas yeroo dhihootti hammeenya hundumaa lafa irraa akka balleessu namoota hin barsiisan. (Mul. 19:11-21) Yesuusiin kan yaadatan iyyuu yeroo ayyaana Qillee fi ayyaana Faasikaatti dha. Wanta Yesuus Bulchaa lafaa isa haaraa taʼuudhaan raawwatu waan beekan hin fakkaatu. Wanti hojii lallabaatiif kakaasu maal akka taʼes hin hubatan. Qarshii sassaabuu fi gamoowwan guguddaa ijaaruuf taʼuu hin qabu. Dubbii Waaqayyootiin daldaluu hin qabnu. (2 Qor. 2:17, milj.) Namoonni ergicha lallaban hojii kana hojjechuu isaaniitiin faayidaa dhuunfaa argachuuf yaaluu hin qaban.—HoE. 20:33-35. w16.05 2:7, 8
Wiixata, Bitootessa 5
Namni hundi yoom iyyuu faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kaanii haa barbaadu.—1 Qor. 10:24.
Akkaataa uffannaa namoota gumii keessa jiran tokko tokkotti toluu dhiisuu dandaʼu hordofuu barbaadde haa jennu. Taʼus, seerri Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan wanta kana dhowwu akka hin jirre beekta taʼa. Dhimma kana ilaalchisee yaadni Yihowaa maali dha? Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gorsa armaan gadii kenneera: “Dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, maal naan jedhuu fi hubannaadhaan uffata sirrii taʼe uffachuudhaan of haa miidhagsan; dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti of haa miidhagsan.” (1 Xim. 2:9, 10) Dhugaan buʼuuraa kun, dhiirota Kiristiyaana taʼaniifis qixxuma hojjeta. Tajaajiltoota Yihowaadhaaf bulle waan taaneef, waaʼee filannoo keenyaa qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa akkaataan uffannaa fi akkaataan itti of miidhagsinu namoota kaan irratti geessisus ni yaadna. Kan gad of qabnuu fi jaalala kan qabnu yoo taane, yaadni obboloota keenyaa akka hin hihhiramnee fi akka isaan hin aarre gochuuf ilaalcha isaanii tilmaama keessa galchina.—1 Qor. 10:23; Filp. 3:17. w16.05 3:14
Kibxata, Bitootessa 6
Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti.—Isa. 64:8.
Addaam yeroo Uumaa isaa irratti fincila kaasetti mirga ilmummaa kana dhabeera. Dhaloota sana booda turan hedduu keessatti garuu, namoonni akka “duumessa guddaa” sanyii Addaam taʼan, ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu filataniiru. (Ibr. 12:1) Namoonni kun gad of qabanii Uumaa isaaniitiif bitamuudhaan, Seexanni utuu hin taʼin, Yihowaan Abbaa isaanii fi akka supheetti kan isaan tolchu akka taʼu kan barbaadan taʼuu isaa argisiisaniiru. (Yoh. 8:44) Yaanni caqasa guyyaa harʼaa irra jiru, Waaqayyoof amanamoo taʼuu isaanii nu yaadachiisa. Yeroo harʼaatti hafuuraa fi dhugaadhaan Yihowaa kan waaqeffatan hundi, gad of qabuu fi bitamuudhaan ilaalcha akkanaa qabaachuuf carraaqqii godhu. Yihowaa, Abbaa keenya jedhanii waamuu fi akka supheetti akka isaan tolchu hubachuudhaan isaaf bitamuu akka ulfinaatti ilaalu. Ati hoo akka suphee lallaafaa harka Waaqayyoo keessa jirutti, jechuunis miʼa ija isaa duratti gatii guddaa qabu taatee tolfamuuf fedhii kan qabdu akka taate gootee of ni ilaaltaa? Obbolootaa fi obboleettota kee hundas, warra Waaqayyo isaan tolchaa jiru akka taʼan gootee ni ilaaltaa? w16.06 1:2, 3
Roobii, Bitootessa 7
Amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa.—2 Qor. 13:5.
Yeroo addunyaa haaraatti dhihaachaa jirru kanatti amantiin keenya ni qorama. Kanaafuu, jabina amantii keenyaa qoruun keenya barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, jechoota Yesuus Maatewos 6:33 irratti galmeeffamaniif ilaalcha akkamii akka qabnu qoruu dandeenya. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantoonni ani dursa kennuuf, akkasumas murtoowwan koo dhugumaan jechoota Yesuus kanatti akkan amanu ni argisiisuu? Galii koo guddisuuf jecha walgaʼiiwwan ykn tajaajila dirree irraa hafuuf nan murteessaa? Hojii wajjin haala wal qabateen dhiibbaan ana irra gaʼu natti cimaa yoo deeme maalan godha? Addunyaan kun akka bifa isaati akka na tolchu, tarii immoo dhugaa keessaa akka na baasu nan heyyamaa?’ Karaa gara biraa immoo, mee waaʼee obboleessa hiriyyummaa, qophii gumiidhaa baasuu ykn bashannana ilaalchisee hamma tokko ulaagaa Kitaaba Qulqulluu hordofuuf mamu tokkoo yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Tarii wanti olitti ibsame kun na ilaallataa laata?’ Amalli gadheen akkanaa nu keessatti guddachaa akka jiru yoo hubanne, atattamaan amantii keenya qoruun nu barbaachisa. Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee haqaan of gamaaggamuun, dhimma yeroo hunda itti yaaduu qabnu dha. w16.06 2:8, 9
Kamisa, Bitootessa 8
Maatiin xinnaan baayʼatee kumaatama in taʼa, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in taʼa.—Isa. 60:22.
Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon lafa irra jiran, jechuunis Dhugaa Baatonni isaa jaarmiyaa adda taʼe qabu. Dhugaa dha, jaarmiyaan kun namoota mudaa qabanii fi dogoggora raawwatan kan of keessatti qabate dha. Taʼus hafuurri Waaqayyoo gumiin isaa inni addunyaa maratti argamu akka guddatuu fi akka dagaagu gochaa jira. Guyyoonni dhuma sirna kanaa bara 1914tti yommuu jalqabanitti, lakkoofsi tajaajiltoota Waaqayyoo lafa irra turanii muraasa ture. Haa taʼu malee, Yihowaan hojii lallabaa isaan hojjetan eebbiseera. Waggoottan kurnan sana booda turanitti, namoonni haaraan miliyoonaan lakkaaʼaman dhugaa Kitaaba Qulqulluu baratanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Yihowaan yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti guddinni dinqisiisaa taʼe kun akka dhufu erga dubbate booda itti fufuudhaan, “Ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha” jedheera. Raajiin kun guyyoota dhumaa kanatti raawwii isaa akka argate beekamaa dha. Kanaan kan kaʼes, lakkoofsi saba Waaqayyoo yeroo ammaatti lafa irra jiranii, lakkoofsa uummataa biyyoonni hedduun qaban irra caaleera. w16.06 4:1, 2
Jimaata, Bitootessa 9
Isin [simbirroota samii] irra hin caaltanii?—Mat. 6:26.
Yesuus, Abbaan isaa inni samii simbirrootaaf nyaata erga kennee, namootaaf akka kennu matumaa shakkii hin qabu ture. (1 Phe. 5:6, 7) Yihowaan nyaata afaan irra nu hin kaaʼu; garuu carraaqqii midhaan biqilchuuf ykn qarshii wanta yeroo hunda nu barbaachisu ittiin bitannu argachuuf goonu nuu eebbisuu dandaʼa. Wanta nu barbaachisu nuu guutuuf, warri kaan waan qaban akka nuu kennan isaan kakaasuu dandaʼa. Yesuus waaʼee simbirroota samiitiif daʼoo argamsiisuu dubbachuu baatus, Yihowaan uumamaan dandeettii fi wantoota mana isaanii ijaaruuf isaan gargaaran isaaniif kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan iddoo jireenyaa maatii keenyaaf taʼu akka argannu nu gargaara. Yesuus yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu yommuu dubbatu lubbuu isaa ilmaan namootaatiif dabarsee kennuuf akka jedhu yaadatti qabatee akka taʼe hin shakkisiisu. (Luqaas 12:6, 7 waliin ilaali.) Aarsaan furii Kiristoos simbirroota samii dabalatee, lubbu qabeeyyii kan biraa kamiif iyyuu hin kennamne. Kanaa mannaa, Yesuus jireenya xumura hin qabne akka argannuuf nuuf duʼe.—Mat. 20:28. w16.07 1:11-13
Sanbadduraa, Bitootessa 10
Isin seera jala utuu hin taʼin, gaarummaa guddaa jala waan jirtaniif, cubbuun isin irratti gooftaa taʼuu hin qabu.—Rom. 6:14.
Namoonni cubbuu fi duʼa hunda keenya waliin gaʼaa jiru kan dhaalan akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, ‘Cubbuu nama tokkootiin [Addaamiin] kan kaʼe duuti sanyii Addaam irratti akka mootiitti akka moʼe’ ibsa. (Rom. 5:20, 21) Cubbamoota yoo taane iyyuu, cubbuun jireenya keenya akka toʼatu gochuu hin qabnu. Cubbuu yeroo hojjennu, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu gaafanna. Kanaafuu, gaarummaa guddaadhaan geggeeffamuu dandeenyeerra. Kun buʼaan isaa maali dha? Phaawulos akkana jechuudhaan ibseera: “Gaarummaan Waaqayyoo . . . wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu nu leenjisa.”—Tit. 2:11, 12. w16.07 3:5, 6
Dilbata, Bitootessa 11
[Waaqayyo] namichatti [ishii] in geesse.—Uma. 2:22.
Addaamii fi Hewwaan mirga filannaa isaaniitti fayyadamanii Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif, gaaʼela jalqabaa irra rakkinni gaʼeera. “Bofti inni jalqabaa,” jechuunis Seexanni inni Diyaabilos jedhamu, Hewwaan ‘muka hamaa fi gaarii ittiin beekan’ irraa yoo nyaatte, beekumsa addaa isa hamaa fi gaarii addaan baasuuf ishii dandeessisu akka ishiidhaaf argamsiisu amansiisuudhaan ishii gowwoomse. Waaʼee dhimma kanaa abbaa manaa ishii gaafachuudhaan matummaa isaatiif kabaja akka qabdu hin argisiisne. Addaam Waaqayyoof ajajamuu mannaa firii Hewwaan isaaf kennite fudhate. (Mul. 12:9; Uma. 2:9, 16, 17; 3:1-6) Addaam yommuu Waaqayyo isa gaafatu haati manaa isaa akka balleessite dubbate. Hewwaan immoo bofichi akka ishii gowwoomse dubbachuudhaan kan balleesse isa taʼuu isaa dubbatte. (Uma. 3:12, 13) Kun sababa buʼaa hin qabnee fi dhugaa hin taane dha! Yihowaan, hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa waan isaaf hin ajajamneef finciltoota akka taʼanitti isaan ilaala. Kun akeekkachiisa cimaa nuuf taʼa. Gaaʼela keessatti milkaaʼina argachuuf hiriyaan gaaʼelaa lamaanuu itti gaafatamummaa isaanii baʼuu fi Yihowaadhaaf ajajamuu qabu. w16.08 1:1, 4, 5
Wiixata, Bitootessa 12
Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.—Mat. 19:6.
Wanta taʼuu hin dandeenye eeguun, gaaʼela keessa rakkinni akka jiraatu gochuu dandaʼa. Namni tokko gaaʼela keessatti gammachuu argachuuf hawwiin inni qabu milkaaʼuu yoo baate, gammachuu dhabuu, akka gowwoomfame itti dhagaʼamuu fi gaaʼelli isa jibbisiisuu illee ni dandaʼa. Miiraan, akkasumas akkaataa guddinaatiin garaa gara taʼuun rakkina uumuu dandaʼa ykn immoo qarshii, soddaawwan, akkasumas ijoollee guddisuu ilaalchisee walitti buʼiinsi uumamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan hedduun, Waaqayyo akka isaan geggeessu waan heyyamaniif, waliin taʼanii rakkoowwan akkanaatiif furmaata kennuun isaanii nama gammachiisa. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan, rakkinni cimaan yoo isaan mudate jaarsolii gargaarsa gaafachuu qabu. Obboloonni muuxannoo qaban kun, hiriyoonni gaaʼelaa gorsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hojii irra akka oolchan isaan gargaaruu dandaʼu. Akkasumas, rakkoowwan gaaʼela keessatti uumamaniif furmaata yeroo kenninutti hafuura Yihowaa argachuuf, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu fi firiiwwan hafuuraa argisiisuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhachuu qabna.—Gal. 5:22, 23. w16.08 2:11-13
Kibxata, Bitootessa 13
Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata.—Luq. 5:10.
Yeroon Yesuus tajaajila isaa raawwachuuf qabu daangeffamaa ture. Taʼus, yeroo fudhatee fedhii namoonni misiraachichaaf argisiisan guddiseera. Fakkeenyaaf, Yesuus bidiruu akka waltajjiitti fayyadamuudhaan namoota hedduu barsiiseera. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiros dinqiidhaan qurxummii akka qabu erga godhee booda yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbate. Dubbii fi gochi Yesuus buʼaa akkamii argamsiise? Pheexirosii fi warri isaa wajjin turan “wanta hunda dhiisanii [Yesuus] duukaa buʼan.” (Luq. 5:1-11) Niqodimoos inni miseensa Saanhedriin ture barumsa Yesuus jaallatee ture. Caalaatti barachuu barbaadee kan ture taʼus, uummata gidduutti Yesuusii wajjin mariʼachuu sodaatee ture. Yesuus, akkaataa yeroo isaatti itti fayyadamuun akka haala isaatti jijjiirama kan godhuu fi arjaa waan tureef, Niqodimoosiin uummata irraa adda baasee halkan isa haasofsiise. (Yoh. 3:1, 2) Ilmi Waaqayyoo amantii namootaa guddisuuf yeroo ramadeera. Nuti hoo, namoota fedhii qabaniif deddeebii gaaffii gochuu fi Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuuf carraaqqii gochuu hin qabnuu? w16.08 4:10, 11
Roobii, Bitootessa 14
Gad of [deebisaatii] Waaqayyo [keessanii wajjin deddeebiʼaa].—Mik. 6:8.
Gad of deebisuun, qulqullina Yihowaa wajjin wal bira qabnee of ilaaluudhaan hamma keenya beekuu dabalata; kun immoo qajeelfama gaarii argachuu kan dandeenyu Isa irraa qofa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kana malees, gad of deebisuun miiraa fi ilaalcha warra kaanii kabajuu dabalata. Kanaaf, ulaagaa Waaqayyoo isa ol aanaa wajjin wal simnee jiraachuu fi miira warra kaanii kabajuudhaan ‘gad of deebisnee Waaqayyoo wajjin deddeebina.’ Filannoon uffataa keenya namoonni waaqeffattoota Yihowaa taʼuu keenya ifatti akka beekan kan godhu taʼuu qaba. Obboloonni keenyas taʼe namoonni kaan Waaqa keenya isa qajeelaa sirriitti akka bakka buunu hubachuu dandaʼuu qabu. Inni ulaagaa ol aanaa qaba; nutis ulaagaa kana hojii irra oolchuuf gammachuudhaan carraaqna. Obboloonni uffannaa fi amalli isaanii namoota garaa qajeelaa qaban gara ergaa Kitaaba Qulqulluu isa lubbu baraarsaa taʼetti harkise, akkasumas Yihowaadhaaf ulfinaa fi gammachuu fidan galateeffatamuu qabu. w16.09 3:18-20
Kamisa, Bitootessa 15
Ati Waaqayyotti, namattis marmitee gad dhiisuu diddee dhaabachuu dandeesseetta.—Uma. 32:28.
Yaaqoob qabsaaʼaa gara kuteessa ture; akkasumas walʼaansoo sana irraa akka hin baqanne argisiiseera! (Uma. 32:24-26) Jabaatee dhaabachuu isaatiinis eebba argateera. Maqaan Israaʼel jedhu isaaf moggaafamuun isaas kan isaaf malu dha; (hiikni isaas “Waaqayyoo Wajjin Walʼaansoo kan Godhu [Jabaatee kan Dhaabbatu]” ykn “Waaqayyo Walʼaansoo Godha” jechuu dha.) Yaaqoob badhaasa nutis argachuu barbaannu, jechuunis Yihowaa duratti fudhatama argachuu fi eebba argachuu dandaʼeera. Raahel haati manaa Yaaqoob ishiin jaallatamtuun, Yihowaan abdii abbaa manaa ishiitiif kenne akkamitti akka raawwatu arguuf hawwii guddaa qabdi turte. Haa taʼu malee, ijoollee hin qabdu. Bara sanatti immoo haalli kun akka rakkina guddaatti ilaalama ture. Raahel jabina miiraa fi qaamaa haala abdii nama kutachiisuu fi toʼannaa ishiitii ala taʼe kanaa wajjin qabsoo gochuu itti fufuuf ishii gargaaru kan argatte akkamitti? Ishiin matumaa abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, caalaatti cimsitee kadhachuudhaan walʼaansoo gochuu ishii itti fufteetti. Yihowaan wawwaannaa Raahel garaadhaa dhiheessite dhagaʼeera; yeroo boodas ijoollee ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera.—Uma. 30:8, 20-24. w16.09 2:6, 7
Jimaata, Bitootessa 16
Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha; goraadee karaa lamaan qarame kam iyyuu caalaa qaramaa dha.—Ibr. 4:12.
Ijoolleen keessan faayidaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaraa. (Far. 1:1-3) Karaan kana itti gochuu dandeessan hedduu dha. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan odoola keessa jiraachuuf deemaa akka jiranii fi namoota isaanii wajjin jiraatan filachuu akka qaban godhanii akka yaadan gaafadhaa. Achiis, “Hundi isaanii nagaa fi walii galteedhaan akka jiraataniif tokkoon tokkoon isaanii amalawwan akkamii qabaachuu qabu?” jedhaa gaafadhaa. Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼee fi Galaatiyaa 5:19-23 irra jiru irrattis mariʼachuu dandeessu. Fakkeenyi kun barumsa barbaachisaa lama isaan barsiisa. Tokkoffaa, qajeelfamni Waaqayyoo nagaa fi walii galteen dhugaa akka jiraatu godha. Lammaffaa, Yihowaan nu barsiisuudhaan, jireenya addunyaa haaraatiif nu qopheessaa jira. (Isa. 54:13; Yoh. 17:3) Barreeffamoota keenya irraa muuxannoo tokko filachuudhaan qabxiiwwan caqasaman akka isaaniif galan gochuu dandeessu. Mata duree walitti aansuudhaan Masaraa Eegumsaa irratti baʼuu fi “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhutti fayyadamuu dandeessu. w16.09 5:13, 14
Sanbadduraa, Bitootessa 17
Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:16.
Itti gaafatamummaan kan nutti baayʼatu taʼus, hundi keenya qoʼannaa dhuunfaa fi waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduu qabna. (Efe. 5:15) Haa taʼu malee, galmi keenya fuula hedduu dubbisuu ykn gumii irratti hirmaachuuf qofa qophaaʼuu taʼuu hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya akka tuquu fi amantii keenya akka cimsu heyyamuu barbaanna. Wanta warra kaan barbaachisu guutuuf jennee wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu qoʼachuu fi irratti xiinxaluu dagachuu hin qabnu. (Filp. 1:9, 10) Tajaajilaaf, walgaʼiidhaaf ykn kutaa yommuu qophoofnu, wanta dubbisnu sana nuuf akka hojjetu yaadaa hin dubbisnu taʼa. Fakkeenyaaf, namni nyaata hojjetu tokko nyaata dhiheessuu isaa dura kan dhandhamu taʼus, nyaatichuma dhandhamuudhaan qofa jiraachuu hin dandaʼu. Fayyaa isaa eeggachuu yoo barbaade, ofii isaatiifis nyaata madaalamaa qopheeffachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, nutis nyaatawwan hafuuraa fedhii dhuunfaa keenya nuuf guutaniin of sooruuf carraaquu qabna. w16.10 2:10, 11
Dilbata, Bitootessa 18
Wanti argamu gara jireenyaatti kan dhufe wantoota hin argamne irraa waan taʼeef, wantoonni hawaa keessa jiran kan uumaman dubbii Waaqayyootiin akka taʼe amantiidhaan ni hubanna.—Ibr. 11:3.
Ibsi Kitaabni Qulqulluun amantiidhaaf kennu Ibroota 11:1 irratti argama. Amantiin, wantoota nutti hin mulʼanne lama irratti xiyyeeffata: (1) “Wanta abdatan”—kun wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnee fi gara fuulduraatti akka raawwataman waadaan nuuf galame kan dabalatu dha; fakkeenyaaf hammeenyi hundi badee addunyaa haaraan akka dhufu hin shakkinu. (2) ‘Wantoota dhugaa taʼanii fi hin mulʼanne.’ Yaada naannoo caqasa kanaa jiru irratti jechi Afaan Giriikii “ragaa” jedhamee hiikame, “ragaa amansiisaa” wantoonni hin mulʼanne jiraachuu isaanii argisiisu dha; fakkeenyaaf Waaqayyo, Yesuus Kiristoos, ergamoonnii fi wantoonni Mootummaan Waaqayyoo samii irratti raawwachaa jiru kan hin mulʼanne taʼanis kan jiran taʼuu isaa amanuu argisiisa. Abdiin keenya jiraataa taʼuu isaa, akkasumas wantoota ijaan hin mulʼannee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti dubbatamanitti akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii keenyaa fi gocha keenyaan argisiisna; kana taʼuu baannaan amantiin keenya guutuu hin taʼu. w16.10 4:6
Wiixata, Bitootessa 19
Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.—Ibr. 3:13.
Yihowaa fi Yesuus, haalli keessa jirru carraaqqii fi gumaacha goonu nu jalaa daangessus deggersa hundi keenya fedhii Mootummichaa dursuuf goonuuf iddoo guddaa kennu. (Luq. 21:1-4; 2 Qor. 8:12) Fakkeenyaaf, maanguddoonni keenya jaallatamoon tokko tokko yeroo hunda walgaʼii irratti argamuuf, yaada kennuu fi tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii cimaa godhu. Maarree isaan galateeffachuu fi isaan jajjabeessuu hin qabnuu? Eeyyee, carraa warra kaan jajjabeessuuf argattanitti fayyadamaa. Wanti akka galateeffannu nu taasisu yoo jiraate maaliif galateeffachuu irraa duubatti jenna? Mee wanta Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo gara Anxokiyaa ishii Phisdiyaa keessatti argamtu dhaqanitti taʼe haa ilaallu. Geggeessitoonni mana sagadaa, “Yaa obbolootaa, dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa” isaaniin jedhanii turan. Kanaaf Phaawulos haasaa gaarii kenne. (HoE. 13:13-16, 42-44) Dubbii nama jajjabeessu dubbachuu kan dandeenyu yoo taʼe, maaliif dubbachuu irraa duubatti jenna? Warra kaan jajjabeessuu kan amaleeffannu yoo taʼe, isaanis deebisanii akka nu jajjabeessan hubachuun keenya hin oolu.—Luq. 6:38. w16.11 1:3, 15, 16
Kibxata, Bitootessa 20
Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii in arga.—Fak. 15:3.
Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuun mirga guddaa dha! Ulaagaa fi qajeelfama Waaqayyoo beekuun keenya, wanta sirrii taʼe raawwachuu fi olaantummaa isaa deggeruuf itti gaafatamummaan akka nu irra jiraatu godha. Addunyaan kun jireenya gadhiisiitiin caalaatti liqimfamaa yommuu deemu kanatti, akkuma Yihowaa nutis ‘wanta hamaa jibbuu’ qabna. (Far. 97:10) Namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi “Isa hamaadhaan gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha” jedhan irraa fagaachuu qabna. (Isa. 5:20) Waaqayyoon gammachiisuu waan barbaannuuf, karaa qaamaa, amalaa fi hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqna. (1 Qor. 6:9-11) Yihowaa ni jaallanna; isattis ni amanamna; qajeelfamawwan Kitaaba isaa isa dinqisiisaa keessatti ifatti ibsamanii wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan isaaf amanamoo akka taane argisiisuu filanna. Bakka hundatti, jechuunis mana keessatti, gumii keessatti, bakka hojii fi mana barumsaatti qajeelfamoota kanaa wajjin wal simnee jiraachuuf carraaqqii guddaa goona. w16.11 3:13
Roobii, Bitootessa 21
Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu.—Rom. 13:1.
Barattoonni Kitaaba Qulqulluu amanamoo turan. Haa taʼu malee barattoonni bara 1914 hanga 1919tti turan mootummootaaf ajajamuu jechuun maal jechuu akka taʼe guutummaatti hin hubanne turan. Kanaafuu, gareedhaan yommuu ilaalaman dhimmoota waraanaa wajjin wal qabatan tokko tokko irratti adda of baasaa hin turre. Fakkeenyaaf, pireezidaantiin Yunaayitid Isteetis Caamsaan 30, 1918 guyyaa itti nagaadhaaf kadhatan akka taʼu yeroo labsii baasanitti, Masaraan Eegumsaas ayyaana kana irratti akka hirmaatan Barattoota Kitaaba Qulqulluu jajjabeessee ture. Obboloonni tokko tokko waraana deggeruuf jecha boondii kan bitatan siʼa taʼu, muraasni isaanii immoo meeshaa qabatanii waraana irratti hirmaataniiru. Haa taʼu malee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun waanuma sirreeffama gochuun isaan barbaachiseef qofa Baabilon Guddittiidhaan boojiʼamanii turan jechuun dogoggora dha. Faallaa kanaatiin immoo, amantii sobaa irraa adda baʼuu akka qaban kan hubatan siʼa taʼu, yeroo Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaatti guutummaa guutuutti jechuun ni dandaʼama, bulchiinsa amantii sobaa kana irraa adda of baasanii turan.—Luq. 12:47, 48. w16.11 5:9
Kamisa, Bitootessa 22
Akka fooniitti utuu hin taʼin, akka hafuuraatti [deddeebina].—Rom. 8:4.
Phaawulos “akka fedha fooniitti” jiraachuun balaa akka qabu Kiristiyaanota dibamoo akeekkachiisuun isaa gaaffii sitti uuma taʼa. Kiristiyaanota yeroo harʼaa, warra Waaqayyo akka michoota isaatti isaan simatee fi akka qajeelotaatti isaan ilaalu hoo balaan akkasii isaan mudachuu dandaʼaa? Kan nama gaddisiisu, Kiristiyaanni kam iyyuu akka fedha fooniitti jiraachuu jalqabuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaanonni Roomaa tokko tokko garboota “garaa isaanii [ykn fedhii isaanii]” akka turan dubbateera; kunis jireenya isaanii keessatti saalqunnamtii, nyaata ykn wanta isaan gammachiisuuf iddoo guddaa akka kennan argisiisa. Warri tokko tokko ‘namoota hin shakkine sossobanii gowwoomsaa’ turan. (Rom. 16:17, 18; Filp. 3:18, 19; Yih. 4, 8, 12) Gumii Qorontos keessa yeroo muraasaaf obboleessi “haadha manaa abbaa isaa wajjin jiraatu” akka tures haa yaadannu. (1 Qor. 5:1) Kanaaf, Waaqayyo Phaawulositti fayyadamee waaʼee ‘yaanni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu’ Kiristiyaanota akeekkachiisuun isaa kan nama dinqisiisu miti. (Rom. 8:5, 6) Akeekkachiisni sun, yeroo harʼaatiifis ni hojjeta. w16.12 2:5, 8, 9
Jimaata, Bitootessa 23
Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.—Fak. 12:25.
Wanta isinitti dhagaʼamu nama amantanitti himuun keessan dhiphina dandamachuu akka dandeessan isin gargaaruu dandaʼa. Hiriyaan gaaʼelaa keessan, michuun ykn jaarsi gumii keessan yaaddoo keessaniif ilaalcha sirrii akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼu. Miira keessan utuu hin dhoksin dubbachuun keessan, wanta isin yaaddessu akka hubattanii fi akka damdamattan isin gargaaruu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa” jedha. (Fak. 15:22) Kana malees, Yihowaan Kiristiyaanonni karaa walgaʼiiwwan gumiitiin, dhiphina akka damdamatan ni gargaara. Achitti obboloota keessan warra isiniif yaadanii fi wal jajjabeessuu barbaadanii wajjin wal argitu. (Ibr. 10:24, 25) Haala kanaan ‘wal jajjabeessuun’ keessan, kan isin cimsu siʼa taʼu, dhiphina isin mudatu kam iyyuu damdamachuun akka isiniif salphatu gochuuf isin gargaara.—Rom. 1:12. w16.12 3:17, 18
Sanbadduraa, Bitootessa 24
[Haannaan] Waaqayyoon in kadhatti turte.—1 Sam. 1:10.
Yommuu dhibeen fayyaa ykn rakkinni humnaa ol taʼe kan biraan nu mudatu, akka nuuf yaadu amanuudhaan wanta yaaddoo nutti taʼu Yihowaa irratti gatuu qabna. (1 Phe. 5:6, 7) Akkasumas, walgaʼiiwwan gumii fi qophiiwwan hafuuraa kan biroo irraa fayyadamuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna. (Ibr. 10:24, 25) Waaʼee warra amanamoo, ijoolleen isaanii Yihowaa tajaajiluu dhiisanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Saamuʼel maanguddichi ilmaan isaa gaʼeessota taʼan ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo inni isaan barsiiseef amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan dirqisiisuu hin dandeenye. (1 Sam. 8:1-3) Dhimma kana harka Yihowaatti gatee dhiisuu qaba ture. Taʼus, Saamuʼel amanamaa taʼee jiraachuu fi Abbaa isaa isa samii Yihowaa gammachiisuu dandaʼeera. (Fak. 27:11) Yeroo ammaattis, Kiristiyaanonni ijoollee qaban hedduun haala wal fakkaatu keessatti argamu. Isaan Yihowaan cubbamoota yaada geddaratan simachuuf hawwiidhaan eeggachaa akka jiru amanannaa qabu. (Luq. 15:20) Hammasitti garuu, fakkeenyi isaanii ijoolleen isaanii gara karrichaatti akka deebiʼan akka isaan gargaaru abdachuudhaan, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabu. w17.01 1:15, 16
Dilbata, Bitootessa 25
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Namni gad of deebisu dandeettii isaa fi wanta gochuu dandaʼu sirriitti hubachuu ni dandaʼa; balleessaa isaa amanee fudhata; yaadawwan haaraa isaaf dhihaatanis ni fudhata. Namni gad of deebisu Yihowaa baayʼee gammachiisa. Kitaaba Qulqulluu keessatti, gad of deebisuun humna keenya sirriitti hubachuu fi hanqina keenya beekuus kan dabalatu dha. Afaan jalqaba yaanni kun ittiin barreeffameen, yaanni kun maal akka argisiisu hubachuun keenya amala warra kaanitti argisiisnu irratti jijjiirama fiduu akka qabu kan ibsu dha. Of tuuluudhaan wanta tokko yaaduu ykn raawwachuu kan jalqabnu yoom taʼuu dandaʼa? Mee mallattoowwan akeekkachiisa taʼan muraasa haa ilaallu. Tarii ofii keenyaafis taʼe mirga tajaajilaa keenyaaf ilaalcha daangaa isaa darbe qabna taʼa. (Rom. 12:16) Yookiin karaa sirrii hin taaneen xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisaa jirra taʼa. (1 Xim. 2:9, 10) Yookiin immoo itti gaafatamummaa qabnu ykn hariiroo namoota itti gaafatamummaa qabanii wajjin qabnutti fayyadamnee ykn ilaalcha dhuunfaa keenya irratti hundoofnee warri kaan yaada keenya akka fudhatan dhiibbaa goona taʼa. Yeroo baayʼee amala gad of deebisuu irraa gara of gurguddisuutti darbaa akka jirru illee nutti beekamuu dhiisuu dandaʼa.—1 Qor. 4:6. w17.01 3:6-8
Wiixata, Bitootessa 26
Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti, ulfinni maanguddootaa garuu harrii isaanii ti.—Fak. 20:29.
Yeroo harʼaatti hojiin lallabaa guddachaa jira; akkasumas jaarmiyaan Yihowaa misiraachichi hamma dandaʼametti namoota hunda bira akka gaʼuuf teknoolojii ammayyaatti fayyadamaa jira. Haa taʼu malee, obboloota maanguddoo taʼan tokko tokkoof guddina kanaa wajjin qixxee deemuun isaan rakkisa taʼa. (Luq. 5:39) Kun yoo taʼuu baate illee, dargaggoonni maanguddoota caalaa ciminaa fi humna qabu taʼa. Kanaaf, maanguddoonni, dargaggoonni itti gaafatamummaa guguddaa akka fudhatan isaan qopheessuun isaanii barbaachisaa dha. (Far. 71:18) Obboloonni aangoo qaban dargaggootaaf itti gaafatamummaa tokko tokko kennuun isaanitti ulfaata taʼa. Warri tokko tokko mirga jallatan dhabuu sodaatu ykn dargaggoonni hojicha sirriitti hojjechuu akka hin dandeenye yaadu. Kaanis, warra kaan leenjisuuf yeroo akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Gama biraatiin immoo, dargaggoonni hojiin dabalataa waan isaaniif hin kennamneef abdii kutachuu hin qaban. w17.01 5:3, 4
Kibxata, Bitootessa 27
Gochi qajeelaan tokko akaakuun namootaa hundi qajeelota jedhamanii jireenya akka argatan godheera.—Rom. 5:18.
Yesuus akkuma Addaam jalqaba irratti ture, nama mudaa hin qabne taʼe. (Yoh. 1:14) Haa taʼu malee haala Addaam irraa adda taʼeen, Yesuus ulaagaa Yihowaan nama mudaa hin qabne irraa barbaadu eegee jiraateera. Yesuus, qorumsa baayʼee guddaa keessatti illee, matumaa cubbuu hin hojjenne; akkasumas seera Waaqayyoo kam iyyuu hin cabsine. Yesuus nama mudaa hin qabne waan taʼeef, isaaniif jedhee duʼuudhaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa oolchuu ni dandaʼa. Yesuus wanta guutummaatti Addaamii wajjin wal gitu kan qabu, jechuunis nama guutummaatti mudaa hin qabnee fi Waaqayyoof ajajamu ture. (1 Xim. 2:6) Yesuus aarsaa furii taʼuudhaan ‘namoonni hedduun,’ jechuunis dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen jireenya bara baraa akka argatan karaa baneera. (Mat. 20:28) Dhuguma iyyuu, furichi kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa akka raawwatamu godheera. (2 Qor. 1:19, 20) Furichi ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi abdii jireenya bara baraa akka qabaatanis taasiseera. w17.02 1:15, 16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:12-19; Maarqos 11:1-11
Roobii, Bitootessa 28
Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee . . . jabaatee dhaabateera.—Ibr. 12:2.
Karaa dheeraa daandii lafa jalaa tokko keessa akka dhaabatetti yaadi. Deebitee ifa akka argitu shakkita. Haaluma wal fakkaatuun, rakkinni yommuu si irra gaʼu yeroo tokko tokko abdii kutachuu dandeessa. Yesuus illee akkana itti dhagaʼamee ture. ‘Cubbamoonni dubbii hamaa isa irratti dubbataniiru;’ salphinni isa irra gaʼeera; akkasumas “muka dhiphinaa” irratti dhiphatee duʼeera. Yeroon kun jireenya Yesuus keessatti yeroo dukkanaaʼaa ture jechuun ni dandaʼama! (Ibr. 12:3) Taʼus, Yesuus kana hunda obsaan dandaʼeera. Buʼaa jabaatee dhaabachuun isaa argamsiisu irratti, keessumaa qulqullina maqaa Yihowaa fi ol aantummaan Yihowaa mirkanaaʼuu isaa irratti xiinxaleera. Qorumsi Yesuus irra gaʼe yeroodhaaf kan ture siʼa taʼu, badhaasni inni samii irratti argate garuu bara baraaf kan turu dha. Yeroo harʼaattis rakkinni si mudatu miidhaa guddaa kan geessisuu fi kan abdii si kutachiisu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, rakkinni yeroo daandii jireenya bara baraatti geessu irra deemtutti si mudatu yeroodhaaf kan turu akka taʼe yaadadhu. w16.04 2:10
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Yohaannis 12:20-50
Kamisa, Bitootessa 29
Karaa dhiiga Ilma isaa furicha kaffaluu isaatiin, bilisa baaneerra, eeyyee cubbuun keenya nuuf dhiifameera.—Efe. 1:7.
Addunyaa gadhiisii taʼe kana keessatti cubbuun barsiifta taʼeera; kanaaf, namoonni hedduun furamuun akka isaan barbaachisu hin beekan. Namoonni cubbuun maal akka taʼe, akkamitti akka nu tuquu fi garbummaa cubbuu jalaa bilisa baʼuuf maal gochuun akka nu barbaachisu hin beekan turan. Namoonni garaa qajeelaa qaban, Yihowaan jaalala isaatiin, akkasumas gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, cubbuu fi buʼaa isaa kan taʼe duʼa irraa nu furuuf ilma isaa akka nuu erge barachuu isaaniitiin bilisummaa argataniiru. (1 Yoh. 4:9, 10) Aarsaan furii Kiristoos jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabu mirkaneessa; akkasumas, gaarummaan Isaa inni guddaan hammam baayʼee akka taʼe argisiisa. Dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe irratti amantii yoo qabaanne cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuu fi qalbiin keenya qulqulluu akka taʼu beekuun keenya baayʼee nama jajjabeessa! (Ibr. 9:14) Dhuguma iyyuu misiraachoo kana namoota kaanitti himuu qabna. w16.07 4:6, 7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 21:1-36
Jimaata, Bitootessa 30
[Kiristoos] fayyina bara baraa nuuf argamsiise.—Ibr. 9:12.
Furicha irratti amantii akka qabnu yoo argisiisne, cubbuu keenyaaf guutummaatti dhiifama argachuuf karaan nuuf banama. Dubbiin Waaqayyoo cubbuun keenya “haqamuu” akka dandaʼu nuuf mirkaneessa. (HoE. 3:19-21) Yihowaan furichatti fayyadamee, tajaajiltoota isaa warra hafuuraan dibaman akka ijoollee isaatti isaan guddisa. (Rom. 8:15-17) Warra “hoolota kan biraa” taaneef immoo, Yihowaan akka waan maqaa keenyaan waraqaa ragaa akka ijoollee isaatti nu guddisuu isaa mirkaneessu nuuf qopheessetti ilaalama. Erga mudaa irraa guutummaatti walaba taanee fi qorumsa isa dhumaa darbinee booda, Yihowaan gammachuudhaan waraqaa ragaa sana irratti mallatteessee lafa irratti akka ijoollee isaatti nu guddisa. (Rom. 8:20, 21; Mul. 20:7-9) Jaalalli Yihowaan ijoollee isaatiif qabu kan bara baraa ti. Faayidaan furichi argamsiisus bara baraaf kan jiraatu dha. Kennaan kun matumaa gatii isaa hin dhabu. Qaamni ykn humni nu jalaa fudhachuu dandaʼus hin jiru. w17.02 2:15, 16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:1-5, 14-16; Luqaas 22:1-6
Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
Erga Biiftuun Seentee Booda
Sanbadduraa, Bitootessa 31
Namni tokko cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna, innis Yesuus [Kiristoosi dha].—1 Yoh. 2:1.
Yihowaan michuu isaa akka taanuuf yeroo ofitti nu harkisu, hawwii gadheen nu rakkisu isa kam akka taʼes ni beeka. Akkasumas darbee darbee akka nuti dogoggora raawwannu beeka. Taʼus, wantoonni kun akka nuti michuu Yihowaa hin taane hin godhan. Waaqayyo jaalalaan kakaʼee kennaa guddaa, jechuunis Ilma isaa isa jaallatamaa aarsaa godhee nuu kenneera. (Yoh. 3:16) Dogoggora yommuu raawwannu kennaa guddaa kanatti fayyadamuudhaan akka dhiifama nuu godhu Yihowaa kan gaafannu yoo taʼe, michummaan isaa wajjin qabnu akka addaan hin cinne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Xim. 1:15. w16.05 4:6, 7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maatewos 26:17-19; Maarqos 14:12-16; Luqaas 22:7-13 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun seentee booda raawwataman) Yohaannis 13:1-5; 14:1-3