Ebla
Dilbata, Ebla 1
Isin sammuun keessan hojii hamminaa irratti waan xiyyeeffatee tureef yeroo tokkotti Waaqayyo irraa fagaattanii, akkasumas diinoota turtan . . . Karaa duʼa foon qaama Ilma isaa sanaan amma ofitti isin araarseera.—Qol. 1:21, 22.
Uumaa isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka dandaʼan namootatti beeksisuuf itti gaafatamummaa qabna. Waaqayyo, namoonni aarsaa Yesuusitti amanuu isaanii dura akka diinaatti isaan ilaala. Yohaannis ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” (Yoh. 3:36) Kan nama gammachiisu garuu, aarsaan Kiristoos Waaqayyotti araaramuun akka dandaʼamu godheera. (2 Qor. 5:18-20) Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya akka qabaatan gargaaruudhaan dhugaa hafuuraa namoota barsiisuu irratti hirmaachaa jirra. Kun hojii barbaachisaa misiraachoo lallabuuf hojjetamu keessaa tokko dha. w16.07 4:8-10
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Yohaannis 19:1-42
Wiixata, Ebla 2
Maqaan kee haa qulqullaa’u.—Mat. 6:9.
Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise keessatti wanti jalqaba irratti caqase maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu dha. Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, qajeelfamnii fi seerri inni baasu hundis qulqulluu dha. Haa taʼu malee, Seexanni dhaaba Eeden keessatti mirga Waaqayyo ilmaan namootaatiif seera baasuuf qabu irratti gaaffii kaaseera. Seexanni waaʼee Yihowaa soba dubbachuudhaan maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu balleesseera. (Uma. 3:1-5) Karaa biraatiin immoo, Yesuus maqaa Yihowaa garaadhaa jaallata ture. (Yoh. 17:25, 26) Yesuus maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu irratti gumaacha godheera. (Far. 40:8-10) Lafa irratti jireenya mudaa hin qabne jiraachuudhaan, qajeelfamawwan Yihowaan uumamawwan isaa dandeettii yaaduu qabaniif baasu sirrii kan taʼanii fi kan isaan fayyadan taʼuu isaanii mirkaneesseera. Yesuus Abbaa isaa isa samiitiif hanga dhumaatti amanamaa taʼee jiraachuudhaan, ilmaan namootaa mudaa hin qabne qajeelfama Yihowaatiif guutummaatti ajajamuu akka dandaʼan mirkaneesseera. w17.02 2:2-4
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga aduun seentee booda raawwataman) Yohaannis 20:1
Kibxata, Ebla 3
[Hoolichaaf] kabajni, ulfinni . . . haa taʼu.—Mul. 5:13.
Hoolichi, Yesuus Kiristoosi dha; inni “Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa kanaa balleessu!” jedhameera. (Yoh. 1:29) Kitaabni Qulqulluun Yesuus mootota hanga harʼaatti bulchan ykn bulchaa jiran hunda irra akka caalu dubbata. Akkana jedha: “Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa ti; kan hin duune isa qofa dha; ifa itti dhihaatamuu hin dandaʼamne keessa jiraata; namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaʼu.” (1 Xim. 6:14-16) Mootota keessaa fedhiidhaan cubbuu keenyaaf jecha lubbuu isaa furii godhee kan kenne jiraa? Maarree, uumamawwan samii kumaatamaan lakkaaʼamanii wajjin, “Hoolichi inni qalamee ture humna, qabeenya, ogummaa, jabina, kabaja, ulfinaa fi eebba fudhachuun isaaf ni mala” jechuuf hin kakaatuu? (Mul. 5:12) Yihowaa fi Kiristoosiif ulfina kennuun wanta filannoodhaaf dhiifame miti. Jireenya bara baraa argachuun keenya isaaniif ulfina kennuu irratti kan hundaaʼe dha.—Far. 2:11, 12; Yoh. 5:23. w17.03 1:3, 4
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Yohaannis 20:2-18
Roobii, Ebla 4
Yoo na deebiftan . . . dhugumaan ani dura-buutuu keessan nan taʼaa ree?—Abo. 11:9.
Yiftaan, seenaa Israaʼelootaa gadi fageenyaan beekuun isaa, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼee fi sirrii hin taane beekuuf isa gargaareera. (Abo. 11:12-27) Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee keessatti argaman yaadaa fi garaa Yiftaa jijjiiraniiru. Yiftaan, Yihowaan haaloo qabachuu akka jibbu beeka ture; Waaqayyo sabni isaa akka wal jaallatan isaan irraa eega. Akkasumas Seerichi namni tokko, nama isa “jibbu” illee dabalatee, wanta warra kaaniif barbaachisu gochuu akka qabu barsiisa ture. (Bau. 23:5; Lew. 19:17, 18) Yoseef isa obboloonni isaa yoo ‘isa jibban’ iyyuu dhiifama isaaniif godhe dabalatee, fakkeenyi namoota amanamoo taʼanii deebii Yiftaan kenne irratti dhiibbaa gaarii godhee taʼuu hin oolu. (Uma. 37:4; 45:4, 5) Yiftaan, wantoota akkanaa irratti xiinxaluun isaa, jireenya Yihowaa gammachiisu akka filatu isa gargaareera. Amalli obboloota isaa akka isa miidhe hin shakkisiisu; taʼus Yihowaa fi saba Isaa tajaajiluu irraa duubatti akka jedhu isa hin goone.—Abo. 11:1-3. w16.04 1:8, 9
Kamisa, Ebla 5
Walitti qabamuu isaanii . . . itti fufan.—HoE. 2:42.
Dhugaa Baatonni Yihowaa walitti qabamuudhaaf yeroo hunda iddoo guddaa kennu. Akkuma gumiin Kiristiyaanaa hundeeffameen, duuka buutonni Yesuus “walitti qabamuu” jalqabanii turan. Atis akkuma isaanii yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuuf fedhii akka qabdu beekamaa dha. Taʼus, wantoonni Kiristiyaanota hundatti gufuu taʼan jiru. Hojiin keenya, yeroo dhabuun keenya ykn sochii guyyaa guyyaatti goonuun kan kaʼe dadhabuun keenya, walgaʼii irratti argamuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, faayidaa walgaʼiiwwan irraa argannu kan dinqisiifannuu yoo taʼe, gufuuwwan kana moʼuu fi walgaʼii irratti argamuu amaleeffachuuf kakaʼuu dandeenya. Obboloonni keenya tokko tokko haalawwan humna isaaniitii ol taʼaniin, fakkeenyaaf dhukkuba cimaadhaan kan kaʼe walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuu hin dandaʼan. Jaarsoliin immoo tarii bilbilaan isaaniif dabarsuudhaan ykn isaaniif waraabuudhaan obboloonni humni isaanii daangeffame kun sagantaawwan hafuuraa irraa faayidaa akka argatan gargaaruu dandaʼu. w16.04 3:3
Jimaata, Ebla 6
Jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.—Yoh. 16:33.
Fakkeenyi tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan irraa argannu ogummaa fi jabina jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru nuuf argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Shaadraak, Meshaakii fi Abedneegoon fakkii Bulchiinsa Baabilon bakka buʼu waaqeffachuu didaniiru. (Dan. 3:16-18) Dhugaa Baatonni yeroo harʼaa jiran waaʼee murtoo isaan godhan kanaa dubbisuun isaanii, alaabaa biyya isaanii waaqeffachuu akka didan ija jabina isaaniif kenneera. Yesuusis walitti buʼiinsa siyaasaa fi hawaasaa addunyaa irraa guutummaatti walaba taʼee jiraateera. Fakkeenyi inni kaaʼe warra kaan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hubachuudhaan, “Jabaadhaa!” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesseera. Obboloonni gumii kee keessa jiranis si gargaaruu dandaʼu. Miseensonni gumiis rakkina si irra gaʼaa jiru yoo beekan si jajjabeesuu dandaʼu. Akka siif kadhatan isaan gaafadhu. Dhugaa dha, obboloonni keenya akka nu gargaaranii fi akka nuuf kadhatan yoo barbaadne, nutis akkasuma isaaniif gochuu qabna.—Mat. 7:12. w16.04 4:16, 18
Sanbadduraa, Ebla 7
Namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhiʼeessu.—Far. 110:3.
Qarshii sassaabuu wajjin haala wal qabateen Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa akkamii qabu? Hojiin isaanii kan deggeramu buusii qarshii fedhiidhaan godhamuuni. (2 Qor. 9:7) Galmawwan Mootummaatti ykn walgaʼiiwwan guguddaa irratti qarshiin hin sassaabamu. Taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 2015 qofatti misiraachicha lallabuudhaan saʼaatii biliyoona 1.93 kan dabarsan siʼa taʼu, jiʼa jiʼaan qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu miliyoona sagalii ol taʼan kaffaltii malee geggeessaniiru. Kan nama dinqisiisu, kaffaltii malee hojicha hojjechuu isaanii qofa utuu hin taʼin, gammachuudhaan baasii mataa isaaniitiin hojjechuu isaanii ti. Qorataan tokko, “Galmi isaanii inni guddaan lallabuu fi barsiisuu dha. . . . Qeesota qarshii isaanii jalaa qisaasanis hin qaban” jechuudhaan waaʼee hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dubbataniiru. Hojii kana hojjechuuf kan nu kakaasu maali dha ree? Gabaabumatti, hojii kana fedhiidhaan kan hojjennu Yihowaa fi namoota waan jaallannuufi dha. Fedhiidhaan hojjechuun keenya immoo raajiin caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu raawwii isaa akka argatu godha. w16.05 2:9
Dilbata, Ebla 8
Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, tole kan jedhu, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame [dha].—Yaq. 3:17.
Kana beekuun keenya, bashannanawwan yaadaa fi fedhii xuraaʼaa nu keessatti guddisan irraa akka fagaannu nu kakaasuu qaba. Kiristiyaanonni hubatoo taʼan kitaaba, fiilmii ykn tapha viidiyoo wanta Yihowaan jibbu qabatetti bohaaruun sirrii taʼuu ykn dhiisuu isaa warra kaan gaafachuun isaan hin barbaachisu. Dhimmawwan kana ilaalchisee ilaalchi Yihowaan qabu, Dubbii isaa keessatti ifa taʼeera. Murtoon dhimmawwan tokko tokko ilaalchisee goonu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaa kan gammachiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo murtoowwan ciccimoo taʼan goonutti garuu, siʼa tokko tokko jaarsolii ykn Kiristiyaanota muuxannoo qaban kaan gorsa gaafachuun gaarii dha. (Tit. 2:3-5; Yaq. 5:13-15) Warri kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuun sirrii akka hin taane beekamaa dha. Kiristiyaanonni dandeettii hubannaa isaanii leenjisuu fi hojjechiisuu qabu. (Ibr. 5:14) Hundi keenya iyyuu yaada Phaawulos, “Namni hundi baʼaa itti gaafatamummaa isaa baata” jechuudhaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbatee wajjin wal simnee jiraachuu qabna.—Gal. 6:5, milj. w16.05 3:15, 16
Wiixata, Ebla 9
Ani kanaan dura Waaqayyoon kanan arrabsu, saba isaa kanan ariʼadhuu fi kanan of [tuulun] ture.—1 Xim. 1:13.
Yihowaan yommuu namoota ilaalu, wanta alaan mulʼatuuf xiyyeeffannaa hin kennu. Kanaa mannaa, garaa namaa, jechuunis keessa namaa ni qora. (1 Sam. 16:7b) Dhugaan kun yommuu Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa hundeessetti ifatti mulʼateera. Warra akka ilaalcha namootaatti gatii hin qabne fakkaatan hedduu gara ofii isaattii fi gara Ilma isaatti harkiseera. (Yoh. 6:44) Namoota akkanaa keessaa tokko Saaʼol Fariisicha ture. Yihowaan ‘inni garaa namaa qoru’ garuu, Saaʼoliin akka suphee gatii hin qabneetti hin ilaalle. (Fak. 17:3) Kanaa mannaa, Waaqayyo Saaʼol akka miʼa gatii guddaa qabu taʼee tolfamutti, jechuunis “saboota, moototaa fi ijoollee Israaʼel duratti” dhugaa baʼuuf “miʼa filatame” akka taʼutti isa ilaalee ture. (HoE. 9:15) Warri Waaqayyo miʼoota gara fuulduraatti “hojii ulfinaatiif” kan oolan akka taʼanitti ilaale kaan immoo, namoota sana dura machooftuu, halalee fi hattuu turan kan dabalatu dha. (Rom. 9:21; 1 Qor. 6:9-11) Namoonni kun beekumsa Dubbii Waaqayyoo isa sirrii yommuu argatanii fi amantii akka qaban yommuu argisiisan, Yihowaan akka isaan tolchu heyyamaniiru jechuu dha. w16.06 1:4
Kibxata, Ebla 10
Isin harka koo keessatti akkuma suphee isa harka namicha suphee dhaʼu keessaa ti.—Er. 18:6.
Qophiin Waaqayyo akka suphee lallaafaa taʼuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruuf nuu godhe Dubbii isaa, gumii Kiristiyaanaa fi tajaajila dirree kan dabalatu dha. Akkuma bishaan suphee laaffisu, guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun harka Yihowaa keessatti lallaafoo akka taanu nu gargaaruu dandaʼa. Yihowaan mootonni Israaʼel Seera Waaqayyoo ofii isaaniitiif akka barreeffatanii fi guyyaa guyyaadhaan akka dubbisan irraa eega ture. (Kes. 17:18, 19) Ergamoonni Yesuus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun tajaajila isaaniitiif akka isaan gargaaru hubatanii turan. Wanta barreessan keessatti al dhibbaan lakkaaʼamuuf Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa caqasaniiru ykn yaada isaa ibsaniiru; namoonni lallabamuuf sunis akkuma kana akka godhan jajjabeessaniiru. (HoE. 17:11) Yeroo harʼaatti nutis guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi kadhannaadhaan irratti xiinxaluun barbaachisaa taʼuu isaa ni hubanna. (1 Xim. 4:15) Akkana gochuun keenya Yihowaa duratti gad of qabnee jiraachuu fi harka isaa keessatti lallaafoo taʼuuf nu gargaara. w16.06 2:10
Roobii, Ebla 11
Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.—Yoh. 13:35.
Kun keessumaa seenaa yeroo dhihoo dura raawwatame, jechuunis yeroo saboonni haala suukanneessaa taʼeen waraana cimaa keessa seenanitti barbaachisaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaa qofa irratti namoonni gara miliyoona 55 taʼan ajjeefamaniiru. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa ajjeechaa addunyaa maratti raawwatame sana irratti hin hirmaanne. (Mik. 4:1, 3) Kun immoo “dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu” taʼanii akka jiraatan isaan gargaareera. (HoE. 20:26) Sabni Waaqayyoo kan guddatan addunyaa diinummaadhaan guutamee fi Kitaabni Qulqulluun Seexanni inni ‘waaqa sirna kanaa’ taʼe akka toʼatu ibsu keessatti dha. (2 Qor. 4:4) Seexanni fedhii isaa raawwachuuf akkuma sabqunnamtii addunyaatti fayyadamu, siyaasattis ni fayyadama. Haa taʼu malee, misiraachichi akka hin lallabamne dhaabsisuu hin dandaʼu. Taʼus, yeroo gabaabaan qofti akka isa hafe waan beekuuf, namoonni waaqeffannaa dhugaa irraa akka garagalan gochuuf yaala; kana gochuufis mala adda addaatti fayyadama.—Mul. 12:12. w16.06 4:3, 4
Kamisa, Ebla 12
Abaaboowwan bakkee akkamitti akka guddatan hubadhaa ilaalaa.—Mat. 6:28.
Yesuus wanta Yihowaan uume irratti akka xiyyeeffannu godhe. Bifa “abaaboowwan bakkee” qaban irraa waan baayʼee barachuu dandeenya. Yesuus abaaboowwan garaa garaa bifa adda addaa qabanii fi babbareedoo taʼan sammuutti qabatee taʼuu hin oolu. Uumamawwan kun jirbii foʼuun, uffata hodhuun ykn dhaʼuun isaan hin barbaachisu. Taʼus bifni isaanii baayʼee bareeda! “Solomoon inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne!” Ergaa Yesuus dabarsuu barbaade hubadhaa; akkana jedhe: “Waaqayyo biqiltoota bakkee . . . akkanatti uffisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?” (Mat. 6:29, 30) Akka akkana godhu beekamaa dha! Barattoonni Yesuus garuu hamma tokko amantiin isaanii hirʼateera. (Mat. 8:26; 14:31; 16:8; 17:20) Yihowaa irratti amantii cimaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. Nuti hoo? Fedhii fi dandeettii Yihowaan wanta nu barbaachisu nuu guutuuf qabu irratti amantiin qabnu hammam cimaa dha? w16.07 1:15, 16
Jimaata, Ebla 13
Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa . . . bulchitoota gaarii waan taataniif, kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa.—1 Phe. 4:10.
Qorumsi akkamii iyyuu jireenya keenya keessatti yoo nu mudate, Yihowaan akka damdamannu nu gargaaruu dandaʼa jechuu dha. (1 Phe. 1:6) Yeroo hundumaa qorumsa nu mudatu hunda irratti gaarummaa Waaqayyoo ni argina. Gaarummaan Yihowaa inni karaa garaa garaatiin mulʼatu, eebbawwan hedduu akka argannu godha. Eebbawwan kana keessaa tokko cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu dha. Qalbii yoo geddarannee fi hawwii cubbuutti geessu loluuf walʼaansoo cimaa yoo goone, gaarummaa Yihowaa isa guddaatiin dhiifama cubbuu argachuu dandeenya. (1 Yoh. 1:8, 9) Gara laafinni Waaqayyoo galata akka isaaf galchinuu fi akka isa jajannu nu kakaasuu qaba. Phaawulos akkana jedheera: “Waaqayyo aangoo dukkanaa jalaa nu oolchee gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaatti nu ceesise; inni karaa furii Ilma isaa gadhiifamnee cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu godheera.” (Qol. 1:13, 14) Cubbuu keenyaaf dhiifama argachuun keenya, eebbawwan gaggaarii hedduu argachuuf karaa nuu bana. w16.07 3:7-9
Sanbadduraa, Ebla 14
Inni mataa kee in buruqsa.—Uma. 3:15.
Wanti Seexanni Eeden keessatti raawwate kun utuma jiruu, Yihowaan raajii Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessatti ilmaan namootaatiif abdii qopheesseera. Waaqayyo qaama Diyaabiloosiin ‘buruqsuu’ fi ilmaan namootaa jireenya hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa dhaban akka argatan, jechuunis akkuma kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa bara baraaf lafa irra akka jiraatan godhu akka ergu Kitaabota Qulqulluu keessatti yeroo booda ibsameera. (Yoh. 3:16) Fincilli Addaamii fi Hewwaan gaaʼela isaanii irrattis taʼe gaaʼela isaan booda jiru irratti dhiibbaa geessiseera. Fakkeenyaaf, Hewwaanii fi dubartoonni kaan yeroo ulfaa fi yeroo daʼumsaatti dhukkuba cimaatu isaan mudata. Dubartoonni abbaa manaa isaanii ni hawwu; dhiironni immoo haadhotii manaa isaanii irratti ol aantummaa qabu; akkuma yeroo harʼaa gaaʼela tokko tokko keessatti arginu immoo kan isaan miidhanis jiru. (Uma. 3:16) Kitaabni Qulqulluun abbootiin manaa matummaa isaanii karaa jaalala qabeessa taʼeen akka itti fayyadaman barsiisa. Haadhotiin manaa immoo matummaa abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman irraa eegama. (Efe. 5:33) Hiriyoonni gaaʼelaa Waaqayyoon sodaatan lama walii galtee waan qabaataniif, haalawwan walitti buʼiinsa uuman hirʼifamuu ykn guutummaatti hafuu dandaʼu. w16.08 1:6, 7
Dilbata, Ebla 15
Ati yaa haadha manaa nana, abbaa manaa kee ni fayyifta yoo taʼe maal beekta? Yookiin ati yaa abbaa manaa nana, haadha manaa kee ni fayyifta yoo taʼe maal beekta?—1 Qor. 7:16.
Kiristiyaanonni tokko tokko nama tajaajilaa Yihowaa hin taane tokkoo wajjin gaaʼela godhatu. Kitaabni Qulqulluun, hiriyoonni gaaʼelaa akkanaa waliin taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe sababii gaarii dubbata. (1 Qor. 7:12-14) Hiriyaan gaaʼelaa hin amanne sun hubatus hubachuu baatus, nama amanuu wajjin gaaʼela godhachuu isaatiin kan kaʼe “qulqulluu” taʼeera. Ijoolleen isaan irraa argaman hundi “qulqulloota” akka taʼanittii fi Waaqayyo duratti fudhatama akka qabanitti lakkaaʼamu. Gumiiwwan hunda keessa, Dhugaa Baatonni Yihowaa hiriyaan gaaʼelaa isaanii tajaajilaa Yihowaa akka taʼu gargaaran jiru jechuun ni dandaʼama. Pheexiros ergamaan haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼan abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman yeroo gorsu akkana jedheera: “Dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee amala keessan isa gaariidhaan akka moʼamaniif abbootii manaa keessaniif bitamaa; kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha.”—1 Phe. 3:1-4. w16.08 2:14, 15
Wiixata, Ebla 16
Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa.—1 Phe. 1:22.
Kitaabni Qulqulluun “jaalala obbolummaa” walitti argisiisuu fi wal tajaajiluu akka qabnu dubbata. (Luq. 22:24-27) Ilmi Waaqayyoo warra kaan tajaajiluuf jecha lubbuu isaa dabalatee waan hunda kenneera. (Mat. 20:28) Dorqaan, “hojiiwwan gaggaarii hedduu kan hojjettuu fi hiyyeeyyii kan gargaartu turte.” (HoE. 9:36, 39) Maariyaam ishiin Roomaa keessa jiraachaa turte, warra gumii keessa jiraniif ‘jabaattee hojjetti’ turte. (Rom. 16:6) Warri haaraan obboloota isaanii gargaaruun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaa Baatonni bilchina qaban, namoota dhukkubsatanii fi dullooman yeroo gaafatanitti warri haaraan akka isaanii wajjin deeman gochuu dandaʼu. Barbaachisaa taanaan, warris iddoo akkanaa ijoollee isaanii fuudhanii deemuu dandaʼu. Jaarsoliinis obboloonni dullooman nyaata gaʼaa qabaachuu isaanii fi manni isaanii haala gaariidhaan akka qabamu gochuu irratti warra kaanii wajjin hojjechuu dandaʼu. Gama kanaan, dargaggoonnii fi warri haaraan namoota kaanitti gaarummaa argisiisuu barachuun isaanii fi miseensonni gumii hundi akka jaallataman isaanitti dhagaʼamu yoo godhan ni dinqisiifatu.—Rom. 12:10. w16.08 4:13, 14
Kibxata, Ebla 17
[Inni] isa dubbicha dhagaʼee hubatu dha; innis firii godhata.—Mat. 13:23.
Obboleettii shamarreen Faransaay keessa jiraattu, “Barsiisonni mana barumsaa keenyaa amma iyyuu barattoonni Kitaaba Qulqulluutti amanan jiraachuun isaanii baayʼee isaan dinqisiisa” jetteetti. Akka dargaggeessa Yihowaa tajaajilu ykn akka nama waaʼee Isaa barachaa jiru tokkootti, yaada namoota baayʼee biratti fudhatama qabu kan akka, Uumaatti amanuu mannaa jijjiirama tirannaatti amanuu hordofuu akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, amantii kee cimsachuu fi amantiin kee cimaa taʼe akka itti fufuuf tarkaanfiin fudhachuu dandeessu jira. Tarkaanfiin inni jalqabaa dandeettii yaaduu isa ‘si eeguu’ fi Waaqayyo siif kennetti fayyadamuu dha. Kunis falaasamoota addunyaa amantii kee si jalaa balleessuu dandaʼan irraa si eega. (Fak. 2:10-12) Amantii dhugaan Waaqayyoon ilaalchisee beekumsa sirrii argachuu irratti kan hundaaʼe dha. (1 Xim. 2:4) Kanaaf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya yommuu qoʼattan, irra fiiguudhaan hin dubbisinaa. Wanta dubbistan ‘hubachuu’ akka dandeessaniif dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamaa. w16.09 4:1-3
Roobii, Ebla 18
Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi.—Rom. 12:21.
Jireenyi ijoollummaa keenyaa rakkisaa kan ture taʼus ykn haalli amma keessa jiru kan abdii nama kutachiisu fakkaatus, walʼaansoo gochuu fi jabaannee dhaabachuu keenya itti fufuu nu barbaachisa. Yoo akkas goone Yihowaan akka nu eebbisu amantii qabaachuu dandeenya. (Uma. 39:21-23) Haalawwan isin mudachaa jiranii fi qorumsa isinitti taʼuu dandaʼan yaadaa. Tarii haqni isinitti jalʼatee, halaalatti jibbamtanii ykn isinitti gaʼisamee taʼuu dandaʼa. Yookiin namni tokko hinaaffaadhaan kakaʼee sobaan isin himatee taʼuu dandaʼa. Moʼamtanii harka kennuu mannaa, wanta Yaaqoob, Raahelii fi Yoseef gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaare yaadadhaa. Wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa guddaa akka qaban argisiisuu isaanii waan itti fufaniif Waaqayyo isaan cimseera; akkasumas isaan eebbiseera. Walʼaansoo gochuu isaanii fi kadhannaa garaadhaa dhiheessanii wajjin haala wal simuun jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Xumura sirna haamaa kanaa keessa jiraachaa waan jirruuf, abdii amansiisaa fuuldura keenya jiru jabeessinee qabachuu qabna! Yihowaa duratti fudhatama argachuuf carraaqqii cimaa gochuuf fedhii qabduu? w16.09 2:8, 9
Kamisa, Ebla 19
Firiin hafuuraa jaalala.—Gal. 5:22.
Warra waan taataniif fakkeenyi keessan baayʼee barbaachisaa dha. Ijoolleen keessan wanta isin gootan ni hubatu; kunis dhiibbaa gaarii isaan irraan geessisa. Kanaaf warri, amantii keessan cimsachuu keessan itti fufaa. Ijoolleen keessan Yihowaan hangam akka isiniif dhugoome haa argan. Hiriyoonni gaaʼelaa Bermudaa jiraatan yommuu haalli isaan dhiphisu isaan mudatutti, ijoollee isaanii wajjin Yihowaan akka isaan qajeelchu kan kadhatan siʼa taʼu, ijoolleen isaaniis dhuunfaatti akka kadhatan isaan jajjabeessu. Akkana jedhaniiru: “Intala keenya ishii hangafaatiin ‘Guutummaatti Yihowaatti amanami, tajaajila Mootummichaa irratti hinaaffaadhaan hirmaadhu, garmalees hin dhiphatin’ jenna. Ishiinis buʼaa isaa yommuu argitu Yihowaan nu gargaaraa akka jiru hubatte. Kunis amantii ishiin Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu irratti qabdu irratti jijjiirama guddaa fideera.” Sanas taʼe kana, ijoolleen amantii mataa isaanii cimsachuu akka qaban beekamaa dha. Warri, facaasuu fi bishaan obaasuu dandeessu. Akka guddatu kan godhu garuu Waaqayyo qofa dha. (1 Qor. 3:6) Kanaaf, hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa; ijoollee keessan jaallatamoo taʼan barsiisuuf carraaqqii cimaa godhaa; akkas yoo gootan Yihowaan carraaqqii keessan ni eebbisa.—Efe. 6:4. w16.09 5:16-18
Jimaata, Ebla 20
Isas keessa deddeebiʼii ijoollee kee barsiisi!—Kes. 6:7.
Sarjii fi haati manaa isaa Miiyuriyel warri naannoo afaan kan biraan dubbatamutti waggaa sadii oliif tajaajilan, ilmi isaanii umuriin isaa waggaa 17 taʼe sochiiwwan tiʼookraasiitti gammaduu akka dhiise hubatan. Sarji akkana jedheera: “Haalli kun ilmi keenya karaa hafuuraa guddina akka hin goone gufuu akka itti taʼe yeroo hubannu, gumii keenya isa duraatti deebiʼuuf murteessine.” Warri, gumii isaaniitti akka deebiʼan wantoonni godhan maalfaa taʼuu dandaʼu? Tokkoffaa, ijoollee isaanii afaan biraa barsiisuuf, akkasumas Yihowaa akka jaallatan gochuuf yeroo fi meeshaalee gaʼaa akka qaban mirkaneeffachuu qabu. Lammaffaa, ijoolleen isaanii sochiiwwan hafuuraatiif fedhii akka dhaban ykn naannoo afaan biraatiin itti tajaajilaa jiran sana akka hin jaallanne hubatu taʼa. Haalawwan akkanaa keessatti, warri Kiristiyaanota taʼan, hamma ijoolleen isaanii dhugaadhaaf ejjennoo cimaa qabaatanitti gumii afaan ijoolleen isaanii caalaatti hubataniin geggeeffamutti deebiʼuu yaadu taʼa.—Kes. 6:5-7. w16.10 2:14, 15
Sanbadduraa, Ebla 21
Noh, Waaqayyo wantoota hin argamne ilaalchisee akeekkachiisa erga isaaf kennee booda, amantiidhaan Waaqayyoon akka sodaatu argisiise, maatii isaa oolchuufis doonii ijaare.—Ibr. 11:7.
Olloonni Noh markaba guddaa kana maaliif akka ijaaraa jiru akka isa gaafatan hin shakkisiisu. Noh ni callisee? Moo dhimmichi akka isaan hin galchine itti hime? Matumaa! Amantiin inni qabu ija jabinaan dhugaa akka baʼuu fi waaʼee guyyaa firdii Waaqayyoo dhufuuf jedhu namoota bara isaa jiraachaa turanitti akka himu isa kakaaseera. Tarii, Noh wantuma Yihowaan isatti hime kallattiidhaan namoota kanatti himee taʼuu dandaʼa; Yihowaan akkana jedheera: “Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu gaʼeera; lafti humnaan wal irratti kaʼuu isaaniitiin waan guuteef, . . . Ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.” Akkasumas, Noh ajaja Waaqayyo “ati markabichatti in lixxa” jechuudhaan isaaf kenne hojii irra yoo oolchan qofa akka fayyan namoota sanatti akka hime hin shakkisiisu. Kanaafuu Noh, “isa qajeelummaa lallabu” taʼuudhaan amantii isaa caalaatti hojiidhaan argisiiseera.—Uma. 6:13, 17, 18; 2 Phe. 2:5. w16.10 4:7
Dilbata, Ebla 22
Namni . . . karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu [hin dandaʼu].—Er. 10:23.
Warri Kiristiyaana taʼan ijoollee isaanii Dubbii Yihowaatiin leenjisuudhaan isaaf amanamoo akka taʼan argisiisu. Warri Waaqayyoon waaqeffatan ijoollee guddisuu ilaalchisee aadaan naannoo isaanii garmalee dhiibbaa isaan irratti geessisuu hin qabu. Hafuurri addunyaa maatii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qabu. (Efe. 2:2) Abbaan Kiristiyaana taʼee fi cuuphame tokko, ‘Biyya keenyatti haadhatu ijoollee leenjisa’ jedhee yaaduu hin qabu. Gama kanaan Kitaabni Qulqulluun gorsa ifa taʼe kenna: “Abbootii nana . . . leenjii fi gorsa [barumsa; qajeelfama] Yihowaatiin [ijoollee keessan] guddisaa.” (Efe. 6:4, milj.) Abbaa fi haati Waaqayyoon sodaatan, ijoolleen isaanii akkuma Saamuʼel isa ijoollummaa isaatti Yihowaan isaa wajjin turee akka taʼan barbaadu. (1 Sam. 3:19) Gorsa Kitaaba Qulqulluu utuu tilmaama keessa hin galchin waaʼee maatii keenyaa fi hojii keenyaa murtoo guguddaa gochuun sirriidhaa? Sirrii akka hin taane beekamaa dha! Karaa jireenya keenyaa ofuma keenyaan geggeeffachuu waan hin dandeenyeef gargaarsi Abbaa keenya isa samii nu barbaachisa. w16.11 3:14, 15
Wiixata, Ebla 23
Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara jiʼaa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, “Ati akka isa yaadattuuf namni maali?”—Far. 8:3, 4.
Gurmeessuu irratti qaamni Waaqayyoon qixxaatu akka hin jirre uumamni ni mirkaneessa. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa jabeessee uume, hubannaadhaanis bantiiwwan waaqaa jabeessee in dhaabe” jedha. (Fak. 3:19) “Fiixee hojii [Waaqayyoo]” qofa, akkasumas ‘waaʼee isaa hasaasa xinnoo dhageenyu duwwaa’ beekna. (Iyo. 26:14) Taʼus, beekumsi xinnoon waaʼee pilaaneetotaa, urjiilee fi gaalaaksiiwwanii qabnu illee, uumamni cufti akka gaariitti kan gurmaaʼe taʼuu isaa hubachuuf nu gargaara. Gaalaaksiiwwan, urjiilee miliyonaan lakkaaʼaman kan qabatan siʼa taʼan, hundumtuu hawaa keessatti karaa gurmaaʼina qabuun sochoʼu. Pilaaneetonni sirna aduu keessa jiran akkuma waan gad of qabuudhaan seera tiraafiikiitiif ajajamanii oorbiitii isaanii irraa utuu hin jalʼatin aduutti naannaʼu! Dhuguma iyyuu, gurmaaʼinni hubannaa keenyaa ol taʼee fi hawaa keessa jiru kun, Yihowaa isa “hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa” fi lafa uumeef, galanni, amanamummaa fi waaqeffannaan keenya kan isaaf malu taʼuu isaa argisiisa.—Far. 136:1, 5-9. w16.11 2:3
Kibxata, Ebla 24
[Isaan] warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhiʼeessan in taʼu.—Mil. 3:3.
Miilkiyaas 3:1-3 waaʼee yeroo bara 1914 hanga jalqaba bara 1919tti jiruu, jechuunis waaʼee yeroo ‘warri Lewwootaa’ itti qulqulleeffamanii ni ibsa. Yeroo sanatti “Gooftichi,” jechuunis Yihowaan, Yesuus Kiristoos isa ‘ergamaa kakichaa’ taʼee wajjin, namoota achi keessatti tajaajilaa turan qulqulleessuuf gara mana qulqullummaa hafuuraa dhufee ture. Sabni Waaqayyoo qulqullaaʼe kunis sirreeffama barbaachisu erga argatee booda, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf qophaaʼeera. Bara 1919tti, tajaajiltoota Waaqayyootiif nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf, ‘garbichi amanamaanii fi ogeessi’ ni muudame. (Mat. 24:45) Amma sabni Waaqayyoo dhiibbaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼeera. Yeroo sanaa kaasee, sabni Waaqayyoo gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan kan kaʼe, beekumsi isaan waaʼee fedha Waaqayyoo qabanii fi jaalalli isaan Abbaa isaanii isa samiitiif qaban guddachuu isaa itti fufeera. Eebba isaa kanaaf guddaa isa galateeffatu! w16.11 5:14
Roobii, Ebla 25
Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhaabaadheef qoraa ana ilaalaa!—Mil. 3:10.
Yihowaan “dursee waan nu jaallateef,” nutis isa ni jaallanna. (1 Yoh. 4:19) Karaa itti Yihowaan jaalala isaa isa guddaa tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif ibsu keessaa tokko isaan eebbisuuf dursa fudhachuu isaa ti. Waaqa keenya caalaatti jaallachaa yommuu deemnu, akka inni jiru qofa utuu hin taʼin, namoota isa jaallatan yeroo hunda akka eebbisu amantiin qabnu caalaatti cimaa deema. (Ibr. 11:6) Amala Yihowaan ittiin beekamu keessaa inni guddaan tajaajiltoota isaa eebbisuu dha; akkas akka godhus argisiiseera. Yihowaan warra cimsanii isa barbaaddatan akka eebbisu garaa guutuudhaan yoo amanne malee, amantiin keenya guutuu hin taʼu; sababiin isaas, “amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.” (Ibr. 11:1) Eeyyee, amantiin eebbawwan Waaqayyo waadaa nuuf gale mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dabalata. Akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsametti, Yihowaan eebba isaa nuuf kennuuf nu afeera. Afeerraa Yihowaan arjummaadhaan kakaʼee nuuf dhiheesse kan fudhannu yoo taʼe, dinqisiifannaa fi galateeffannaa guddaa akka qabnu argisiisna. w16.12 4:1-3
Kamisa, Ebla 26
Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida.—Rom. 8:6.
Kiristiyaanni tokko waggoota hedduudhaaf Waaqayyoon tajaajilaa kan ture taʼu illee, yaanni isaa wantoota foonii irratti akka xiyyeeffatu gochuu jalqabuu dandaʼa. Haa taʼu malee, kun Kiristiyaana darbee darbee waaʼee nyaataa, hojii, bashannanaa ykn waaʼee hariiroo jaalalaa yaadu kan argisiisu miti. Tajaajilaan Waaqayyoo kam iyyuu waaʼee wantoota kanaa yaaduun isaa hin oolu. Yesuus nyaata nyaachuutti ni gammada ture; namoota kaanis nyaachiseera. Bashannanni barbaachisaa akka taʼes beeka ture. Phaawulosis gaaʼela keessatti saalqunnamtiin barbaachisaa akka taʼe barreesseera. Jechi Afaan Giriikii Phaawulos itti fayyadame kun hiika “sammuun ykn garaan nama tokkoo waan tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu, ilaalcha ykn yaada kaʼumsa taʼe irratti hundaaʼuudhaan, galma itti yaadame baasuuf dandeettii hubannaatti fayyadamuu” jedhu kan qabu dha. Namoonni akka fedha fooniitti jiraatan jireenyi isaanii fedhii uumamaan cubbuu raawwachuuf qabaniin akka bulu heyyamu. Hayyuun tokko waaʼee namoota Roomaa 8:5 irratti caqasamanii yommuu ibsan akkana jedhaniiru: “Yaanni isaanii kan irratti xiyyeeffatu, jechuunis wanti isaan jaallatan, wanti isaan yeroo baayʼee dubbatan, akkasumas wanti isaan irratti hirmaatanii fi iddoo guddaa kennaniif wantoota foonii ti.” w16.12 2:5, 9, 10
Jimaata, Ebla 27
Nama isa kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?—Yaq. 4:12.
Namni tokko fedhiiwwan foonii isaa akka isa toʼatan yeroodhaaf yoo heyyame, amala of gurguddisuu argisiisuu jalqabuu dandaʼa. Hawwiin ofittummaa irratti hundaaʼe, hinaaffaanii fi aariin hin toʼatamne, namoonni hedduun gocha akka of gurguddisan argisiisu akka raawwatan isaan taasiseera. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman, kan akka Abiishaalom, Uziyaa fi Nebukadnezaar gochawwan foonii akkasii raawwatanii turan; Yihowaan garuu isaan salphiseera. (2 Sam. 15:1-6; 18:9-17; 2 Sen. 26:16-21; Dan. 5:18-21) Haa taʼu malee, wantoonni namni tokko akka of gurguddisu isa taasisan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ilaalaa: Uumama 20:2-7 fi Maatewos 26:31-35. Abiimelekii fi Pheexiros namoota of gurguddisan turanii? Yookiin namoonni kun dhimma sana ilaalchisee odeeffannoo utuu hin qabaatin ykn waan dagataniif gocha kana raawwatanii? Wanta garaa namootaa keessa jiru beekuu waan hin dandeenyeef, kakaʼumsa namootaa ilaalchisee isaanitti murteessuu irraa of qusachuun keenya ogummaa dha; nama kanaaf jaalala akka qabnus ni argisiisa. w17.01 3:9, 10
Sanbadduraa, Ebla 28
[Ishiin] hiyyeettii taatee utuu jirtuu, wanta qabduu fi ittiin jiraattu hunda buuste.—Luq. 21:4.
Akkuma dubartittii hiyyeettii abbaa manaa irraa duʼe sanaa, obboloonni keenya yeroo ammaatti jiran hedduunis fedhii Mootummichaatiif yoo dursa kennan Yihowaan waan isaan barbaachisu akka isaaniif kennu ni amanu. (Mat. 6:33) Mee fakkeenya obboleessa Maalkam jedhamuu haa ilaallu. Innii fi haati manaa isaa waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif yommuu Yihowaa tajaajilanitti yeroo rakkinaas yeroo balʼinaas dabarsaniiru. Akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko wantoonni hin eegamnee fi nama dhiphisan nu mudatu turan. Haa taʼu malee, Yihowaan warra isatti amanaman ni eebbisa.” Gorsi Maalkam maal ture? “Buʼa qabeessa taʼuuf, akkasumas hamma dandeessan tajaajila Yihowaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf kadhannaa dhiheessaa. Wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessan irratti xiyyeeffadhaa.” Sirni kun “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti” yommuu deemutti, haalawwan kana caalaa rakkisoo taʼan nu mudachuu akka dandaʼan eegna. (2 Xim. 3:1, 13) Kanaaf yeroo kam iyyuu caalaa, rakkoowwan nu mudataniin gar malee dhiphachuu irraa of eeguun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kanaa mannaa, tarkaanfii barbaachisaa taʼe utuma fudhannuu, Yihowaa irratti amanannaa cimaa qabaachuu nu barbaachisa. w17.01 1:17-19
Dilbata, Ebla 29
[Mana] kan anaaf ijaaru si miti!—1 Sen. 17:4.
Daawit ‘manni’ ykn manni qulqullummaan Yihowaadhaaf murteeffame jiraachuu dhiisuu isaatti waan gaddeef, mana qulqullummaa ijaaruu barbaade. Haa taʼu malee, akkuma caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsame Yihowaan ajaja kan biraa kenne. Yihowaan, Daawitiin eebbisuu isaa akka itti fufu kan isaaf mirkaneesse taʼus, Solomoon inni ilma Daawit taʼe mana qulqullummaa sana akka ijaaru ajajeera. Yeroo kanatti Daawit maal godhe ree? (1 Sen. 17:1-4, 8, 11, 12; 29:1) Daawit, mana qulqullummaa sana kan ijaaru isa waan hin taaneef gadduudhaan deggersa gochuu irraa duubatti hin jenne. Manni qulqullummaan ijaarame sunis, mana qulqullummaa Solomoon jedhame malee kan Daawit hin jedhamne. Daawit waan hawwe utuu hin raawwatin hafuu isaatti gadduu mannaa, hojii ijaarsaa sana guutummaatti deggereera. Namoota hojii kana hojjetan gareedhaan qindeesseera; sibiila, sibiila boorrajjii, meetii fi warqee, akkasumas saanqaa muka gaattiraa irraa hojjetame walitti qabeera. Kana malees akkana jedhee Solomooniin jajjabeesseera: “Egaa yaa ilma ko, Waaqayyo sii wajjin haa taʼu! Waaqayyo gooftaan kee mana qulqullummaa akka isaaf ijaartuuf . . . inni siif haa qajeelchu!”—1 Sen. 22:11, 14-16. w17.01 5:6, 7
Wiixata, Ebla 30
Maqaa keetiif jedhii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi!—Far. 79:9.
Yommuu ariʼatamni nu irra gaʼutti illee, qajeelfamaa fi seera Waaqayyoo isa qajeelaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Qajeelfamawwan Yihowaa hojii irra oolchuudhaan ifni keenya namoota duratti akka ifu goona; kun immoo maqaa Yihowaatiif ulfina fida. (Mat. 5:14-16) Saba Waaqayyoo qulqulloota taʼan waan taaneef, seerawwan Yihowaa faayidaa kan qaban akka taʼanii fi himanni Seexanaa soba taʼuu isaa jireenya keenyaan ni mirkaneessina. Hundi keenya dogoggora ni raawwanna; taʼus yeroo kanatti garaadhaa yaada geddarannee, gochawwan Yihowaadhaaf ulfina hin finne irraa ni fagaanna. Yihowaan aarsaa furii Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan, namoota furichatti amananiif cubbuu isaanii isaaniif dhiisa. Waaqeffatoota isaa isaaf of murteessan akka taʼanitti isaan simata. Yihowaan Kiristiyaanota dibamoo akka ilmaan isaatti, “hoolota kan biraa” immoo akka michoota isaatti qajeeloo jedhee isaan waameera. (Yoh. 10:16; Rom. 5:1, 2; Yaq. 2:21-25) Kanaaf yeroo ammaatti illee, furichi Abbaa keenya duratti ejjennoo qajeelaa akka qabaannu, akkasumas maqaa isaa qulqulleessuu irratti gumaacha gochuuf nu dandeessisa. w17.02 2:5, 6