LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 47-57
  • Caamsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Kibxata, Caamsaa 1
  • Roobii, Caamsaa 2
  • Kamisa, Caamsaa 3
  • Jimaata, Caamsaa 4
  • Sanbadduraa, Caamsaa 5
  • Dilbata, Caamsaa 6
  • Wiixata, Caamsaa 7
  • Kibxata, Caamsaa 8
  • Roobii, Caamsaa 9
  • Kamisa, Caamsaa 10
  • Jimaata, Caamsaa 11
  • Sanbadduraa, Caamsaa 12
  • Dilbata, Caamsaa 13
  • Wiixata, Caamsaa 14
  • Kibxata, Caamsaa 15
  • Roobii, Caamsaa 16
  • Kamisa, Caamsaa 17
  • Jimaata, Caamsaa 18
  • Sanbadduraa, Caamsaa 19
  • Dilbata, Caamsaa 20
  • Wiixata, Caamsaa 21
  • Kibxata, Caamsaa 22
  • Roobii, Caamsaa 23
  • Kamisa, Caamsaa 24
  • Jimaata, Caamsaa 25
  • Sanbadduraa, Caamsaa 26
  • Dilbata, Caamsaa 27
  • Wiixata, Caamsaa 28
  • Kibxata, Caamsaa 29
  • Roobii, Caamsaa 30
  • Kamisa, Caamsaa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 47-57

Caamsaa

Kibxata, Caamsaa 1

Warri Amoon harka Israaʼelootaa jala in galan.—Abo. 11:33.

Yiftaan Israaʼeloota warra Amoon jalaa bilisa baasuuf gargaarsi Waaqayyoo akka isa barbaachisu hubatee ture. Moʼicha yoo isaaf kenne, yeroo inni waraanaa deebiʼutti nama isa simachuudhaaf jalqaba manaa gadi baʼu akka ‘qalma gubamuutti’ akka isaaf kennu Yihowaadhaaf waadaa galee ture. (Abo. 11:30, 31) Aarsaan dhiheessa yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Nama aarsaa godhanii dhiheessuun Yihowaa biratti ciiggaasisaa dha. Kanaafuu, Yiftaan nama kam iyyuu kallattiidhaan aarsaa gochuuf akka hin yaadne ifa dha. (Kes. 18:9, 10) Seera Musee jalatti qalmi gubamu kan dhihaatu Yihowaadhaaf qofa ture; kanaafuu Yiftaan namni kun guutummaatti Yihowaa akka tajaajiluuf nan kenna jechuu isaa taʼuu hin oolu. Waadaan kun hamma dhumaatti godoo qulqullaaʼaa keessatti tajaajiluu argisiisa. Yihowaan Yiftaa kan dhagaʼe siʼa taʼu, moʼicha guddaas isaaf kenneera. (Abo. 11:32) Yeroo Yiftaan bakka waraanaatii deebiʼu dursitee isa simachuuf kan baate intala isaa ishii tokkittii turte! Kun qorumsa cimaa dha. Waadaa gale ni eegaa laata? w16.04 1:11-13

Roobii, Caamsaa 2

Seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii in ibsaniif.—Nah. 8:8.

Yeroo muraasa dura, gumiiwwan hedduun gara waggaa lamaatiif Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii irratti kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu qoʼataniiru. Qoʼannaa sana irratti waaʼee amalawwan Waaqayyoo qoʼachuun kee, akkasumas yaada obboloonni garaadhaa kennan dhagaʼuun kee jaalala ati Abbaa kee isa samiitiif qabdu siif hin guddisnee? Kana malees haasaa, hojiin argisiisaa fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya beekumsa Dubbii Waaqayyootiif qabnu nuuf dabala. Walgaʼii irratti, jireenya keenya keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra akka oolchinu baranna. (1 Tas. 4:9, 10) Fakkeenyaaf, Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa wanta saba Waaqayyootiif barbaachisu kan barsiisu dha. Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa galmawwan kee akka qortu, Kiristiyaana hidhata kee taʼeef dhiifama akka gootu ykn kadhannaa kee akka fooyyeffattu si kakaaseeraa? Walgaʼiin torban gidduutti godhamu immoo tajaajilaaf nu leenjisa. Walgaʼii kana irratti Misiraachicha lallabuu fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.—Mat. 28:19, 20. w16.04 3:4, 5

Kamisa, Caamsaa 3

Wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffamaniiru.—Rom. 15:4.

Waaʼee walitti buʼiinsawwan dhuunfaa Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamanii yaaddee beektaa? Fakkeenyaaf, boqonnaawwan jalqabaa Seera Uumamaa qofa ilaali. Qaayin Abeeliin ajjeeseera (Uma. 4:3-8); Laamek, dargaggeessi tokko waan isa rukuteef isa ajjeeseera (Uma. 4:23); tiksitoonni Abrahaamii (Abraam) fi Loox wal lolaniiru (Uma. 13:5-7); Aggaar ishii tuffachuu ishiitiin kan kaʼe, Saaraan (Saaraayi) Abrahaamitti aarteetti (Uma. 16:3-6); Ismaaʼel nama hundumaa irratti harka kan ol fudhate siʼa taʼu, namni hundinuus isa irratti harka ol fudhateera. (Uma. 16:12) Kitaabni Qulqulluun waaʼee walitti buʼiinsawwan kanaa kan dubbatu maaliifi? Sababiin inni tokko, nagaa uumuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe akka hubatan namoota cubbamoota taʼan gargaaruufi dha. Kitaabni Qulqulluun akkaataa kana gochuu itti dandeenyus nu barsiisa. Seenaa namootuma akka keenyaa rakkinuma akka keenyaa wajjin walʼaansoo gochaa turanii fi Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffame irraa faayidaa argachuu dandeenya. Carraaqqiin isaanii buʼaa akkamii akka argamsiise baranna; kun immoo haalli kan isaanii wajjin wal fakkaatu jireenya keenya keessatti yeroo nu mudatu, qabxiiwwan kana hojii irra oolchuuf nu gargaara. Kun hundumtuu rakkinni kan isaanii wajjin wal fakkaatu yeroo nu mudatu karaa kamiin qabuu akka qabnuu fi akka hin qabne hubachuuf nu gargaara. w16.05 1:1, 2

Jimaata, Caamsaa 4

Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.

Yesuusii fi barattoonni isaa misiraachicha lallabuuf malawwan akkamiitti fayyadaman? Daandii irrattis taʼe bakka gabaatti lallabuudhaan, iddoo itti namoota argachuu dandaʼan hunda dhaqaniiru. Hojiin lallabaa, manaa gara manaa deemanii namoota fedhii qaban barbaaduus kan dabalatu dha. (Mat. 10:11; Luq. 8:1; HoE. 5:42; 20:20) Malli akka gaariitti qindaaʼe kun, akka isaan namoota wal hin caalchisne argisiiseera. Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa hoo gama kanaan maal argisiisa? Yesuus Mootii taʼee bulchuu kan jalqabe bara 1914 irraa kaasee akka taʼe kan lallabu isaan qofa dha. Akkuma Yesuus ajaje, hojii lallabaatiif dursa kennu. Kitaabni Utubaawwan Amantii—Gumiiwwan Ameerikaa fi Miiltoowwan Isaanii (Ingiliffa) jedhamu, akkana jedheera; “Dhugaa Baatonni Yihowaa hojiin isaanii inni guddaan ergaa hafuuraa waaʼee badiisa addunyaa dhufaa jiruu fi wanta fayyinaaf barbaachisu dubbachuu akka taʼe hin irraanfatan.” Dhugaa Baatonni Yihowaa, malawwan Yesuusii fi barattoonni isaa fayyadamaa turanitti fayyadamuudhaan ergaa kana lallabuu isaanii itti fufaniiru. w16.05 2:10, 12

Sanbadduraa, Caamsaa 5

[Ati] Waaqayyoon sodaachuu in barta.—Fak. 2:5.

Yaada Yihowaa irratti hundoofnee murtoo kan goonu yoo taʼe caalaatti isatti dhihaanna. (Yaq. 4:8) Isa biratti fudhatama arganna, akkasumas eebba isaa arganna. Kun immoo, amantii Abbaa keenya isa samii irratti qabnu nuuf cimsa. Kanaafuu, ilaalcha Waaqayyo qabu waan mulʼisaniif, seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin haa geggeeffamnu. Dhugaa dha, yeroo hundumaa wanti haaraan waaʼee Yihowaa barannu jira. (Iyo. 26:14) Haa taʼu malee, carraaqqii cimaa gochuudhaan ogummaa, beekumsaa fi hubannaa murtoo sirrii gochuuf nu gargaaru argachuu dandeenya. (Fak. 2:1-5) Yaadnii fi karoorri ilmaan namootaa dhaabbataa miti; Yihowaan garuu hin jijjiiramu. Faarfatichi akkana jedheera: “[“Murtoon,” NW] Waaqayyoo garuu bara baraan in dhaabata, yaadni garaa isaas dhalootaa hamma dhalootaatti in hojjeta.” (Far. 33:11) Yaadni keenyaa fi gochi keenya yaada Waaqa keenya isa ogeessa taʼee wajjin kan wal simu yoo taʼe, murtoo dhunfaa gaarii taʼe gochuu dandeenya. w16.05 3:17

Dilbata, Caamsaa 6

Waaqayyo [garaa] ilaala.—1 Sam. 16:7.

Yihowaan garaa namaa dubbisuus taʼe inni namoota filate ofitti harkisuu akka dandaʼu amantii qabaachuun keenya, namoota naannoo tajaajilaa keenya keessas taʼe gumii keenya keessa jiranitti murteessuu irraa akka of qusannu nu gochuu qaba. (Yoh. 6:44) Yihowaan akka supheetti akka nu tolchu hubachuun keenya, ilaalcha obboloota keenyaaf qabnu irratti jijjiirama fiduu dandaʼa. (Isa. 64:8) Obbolootaa fi obboleettota kee akka Yihowaan ilaalutti, jechuunis akka miʼa tolfamee dhumetti utuu hin taʼin akka miʼa tolfamaa jirutti ilaaltaa? Yihowaan keessa namaas taʼe namni tokko harka isaa isa wanta hunda gochuu dandaʼu irratti nama akkamii taʼuu akka dandaʼu beeka. Kanaafuu, Yihowaan wanta gaarii namoonni qaban irratti malee, hirʼina isaan yeroodhaaf qaban irratti hin xiyyeeffatu. (Far. 130:3) Nutis tajaajiltoota isaatiif ilaalcha gaarii qabaachuudhaan isa fakkaachuu dandeenya. Obboloonnii fi obboleettonni keenya karaa hafuuraa guddachuuf yommuu carraaqqii godhan isaan deggeruudhaan, Waaqa akka supheetti nu tolchuu wajjin hojjechuu dandeenya. (1 Tas. 5:14, 15) Jaarsoliin ‘dhiirota kennaa godhamanii’ kennaman waan taʼaniif gama kanaan dursa fudhachuu qabu.—Efe. 4:8, 11-13. w16.06 1:4-6

Wiixata, Caamsaa 7

Namni, “Ani dhaabadheera” jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.—1 Qor. 10:12.

Misiraachicha warra kaanitti himuun amala gad of qabuu qabaachuu fi bifawwan firii hafuura Waaqayyoo adda addaa horachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Gal. 5:22, 23) Kana malees, amala akka Kiristoos argisiisuun keenya, namoonni ergaa keenya akka fudhatanii fi ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Awustiraaliyaatti argaman lama, yommuu dubartiin tokko wanta nama mufachiisu isaanitti dubbattu ulfinaan ishii dhaggeeffatan. Yeroo booda garuu dubartiin kun wanta dubbattetti gaabbitee waajjira dameetiif xalayaa barreessite. Xalayaan ishii gar tokkoon isaa akkana jedha: “Namoota obsa guddaa qabanii fi gad of qaban sana lamaan irratti akka malee qulqulluu of gochuu fi amala of tuulummaa argisiisuu kootiif dhiifama isaan gaafachuun barbaada. Namoota Dubbii Waaqayyoo babalʼisan lamaan mormuu fi haala sanaan isaan ariʼuuf yaalii gochuun koo gowwummaa koo argisiisa.” Babalʼistoonni sun mallattoon aarii illee utuu irratti mulʼateera taʼee, dubartiin kun xalayaa kana ni barreessiti turtee? Hin barreessitu taʼa. Eeyyee, tajaajilli keenya nuufis taʼe namoota kaaniif buʼaa guddaa argamsiisa! w16.06 2:12, 13

Kibxata, Caamsaa 8

Nama akka ofii keetti jaalladhu.—Mat. 22:39.

Nuti hundi keenya mudaa kan qabnu taane dhalanne. (Rom. 5:12, 19) Kanaafuu, namoonni gumii keessa jiran tokko tokko darbee darbee dubbii ykn gocha isaaniitiin nu miidhuu dandaʼu. Kun immoo jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qabnu qoruu dandaʼa. Yeroo wantoonni akkanaa uumaman maal goona? Fakkeenyaaf, Eliin inni Luba Ol Aanaa taʼe, ilmaan seera Yihowaa hin eegne lama qaba ture. Seenaan isaa, “Ilmaan Elii Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waaʼee hin baafnes turan” jedha. (1 Sam. 2:12) Eliin waaqeffannaa dhugaa babalʼisuu irratti shoora guddaa kan taphate taʼus, ilmaan isaa lamaan garuu cubbuu cimaa hojjetaniiru. Eliin dhimma kana waan beekuuf isaan adabuu qaba ture; taʼus dhimma kanaa wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa hin qabu ture. Kanaan kan kaʼes, Waaqayyo maatii Elii irratti murtii cimaa dabarse. (1 Sam. 3:10-14) Yeroo booda sanyiin isaa luboota ol aanaa taʼanii akka hin tajaajille dhowwaman. Ati bara Eliitti jiraatteetta utuu taʼee, yeroo inni cubbuu ilmaan isaa hojjetan callisee ilaalu maal goota turte? Waaqayyoon tajaajiluu hamma dhaabdutti gochi sun akka si gufachiisu ni heyyamta turtee? w16.06 4:5, 6

Roobii, Caamsaa 9

Wantoonni kun [hundi] isiniif ni dabalamu.—Mat. 6:33.

Yesuus yaada armaan olii kan dubbate maaliifi? “Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi [wantoonni jireenyaaf barbaachisan] akka isin barbaachisan beeka” jechuudhaan lakkoofsa kana dura jiru irratti dubbateera. Yihowaan nyaata, uffataa fi mana ilaalchisee dhuunfaatti wanti nu barbaachisu maal akka taʼe utuu nuti hin beekin iyyuu salphaatti hubachuu ni dandaʼa. (Filp. 4:19) Yeroo itti aanutti uffanni keenya inni kam akka moofaʼu beeka. Wanta nyaataaf nu barbaachisu, akkasumas iddoo jireenyaa gaʼaa maatii keenyaaf taʼu beeka. Yihowaan wanta dhuguma nu barbaachisu beeka. Eeyyee, wanta nu irraa barbaadamu yoo goone, jechuunis jireenya keenya keessatti wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine garuu, Yihowaan wanta gaarii nuu gochuu irraa duubatti akka hin jenne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuun keenya, “nyaataa fi uffata” ykn “waan ittiin jiraatanii fi mana” qabaachuu keenyatti akka gammadnu gochuu qaba.—1 Xim. 6:6-8, milj. w16.07 1:17, 18

Kamisa, Caamsaa 10

Utuu diinota taanee jirruu karaa duʼa Ilma isaa Waaqayyotti [araaramne].—Rom. 5:10.

Araarri kun Yihowaa wajjin nagaa qabaachuuf nu dandeessiseera. Phaawulos mirga kana gaarummaa Yihowaa isa guddaa wajjin wal qabsiisuudhaan akkana jedheera: “Amma [nuyi obboloonni Kiristoos warri dibamoon] amantiidhaan qajeelota jedhamnee waan waamamneef, karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoo wajjin nagaadhaan haa jiraannu; kana malees, karaa Yesuus amantii gaarummaa guddaa kana irratti qabnuun iddoo amma dhaabanne kanatti dhihaachuu dandeenyeerra.” (Rom. 5:1, 2) Kun eebba guddaa mitii? Hundi keenya iyyuu uumamaan qajeelota miti. Taʼus, Daaniʼel raajichi bara dhumaatti warri “ogummaa” qaban, jechuunis dibamtoonni lafa irra jiran ‘namoota baayʼee gara qajeelinaatti akka deebisan’ raajii dubbateera. (Dan. 12:3) Hojii lallabuu fi barsiisuutiin ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaaʼaman, Yihowaa duratti qajeeloo akka taʼan godhaniiru. (Yoh. 10:16) Haa taʼu malee, kun taʼuu kan dandaʼe gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan qofa dha.—Rom. 3:23, 24. w16.07 3:10, 11

Jimaata, Caamsaa 11

Isaan keessaa akkuma foʼatanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.—Uma. 6:2.

Walitti dhufeenyi uumamaan ala taʼee fi maleekonni foon uffatan kun dubartootaa wajjin qabaatan kun namoonni hamoon Neefliim jedhaman akka dhalatan godheera. Kana malees, ‘jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee’ ture. (Uma. 6:1-5) Yihowaan namoota hamoo kana balleessuuf Bishaan Badiisaa akka fidu dubbate. Yeroo sanatti namoonni gaaʼela dabalatee jireenya guyyaa guyyaadhaan gar malee qabamanii waan turaniif, wanta ‘Noh inni qajeelummaa lallabu’ badiisa dhufuuf jedhu ilaalchisee dubbateef xiyyeeffannaa hin kennine. (2 Phe. 2:5) Yesuus immoo haalawwan yeroo sana turan wantoota bara keenyatti mulʼatanii wajjin wal bira qabee dubbateera. (Mat. 24:37-39) Yeroo harʼaatti, namoonni hedduun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhuma sirna kanaa dura saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf lallabamaa jiru dhagaʼuu didaniiru. Dhimmoonni maatii kan akka gaaʼelaa fi ijoollee guddisuu illee, miira ariifannaa guyyaa Yihowaa ilaalchisee qabnu akka hin hirʼisne barumsa nuu kennamuuf xiyyeeffannaa haa kenninu. w16.08 1:8, 9

Sanbadduraa, Caamsaa 12

Yeroon hafe gabaabaa [dha]. Ammaa jalqabee warri haadha manaa qaban, akka warra haadha manaa hin qabnee haa taʼan; . . . warri addunyaatti fayyadaman akka warra guutummaatti itti hin fayyadamnee haa taʼan.—1 Qor. 7:29-31.

BKan jiraannu “guyyoota dhumaa” keessa waan taʼeef, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jirra. (2 Xim. 3:1-5) Taʼus, karaa hafuuraa cimoo taanee jiraachuun keenya, dhiibbaa gadhee addunyaa kanaa moʼuuf caalaatti nu gargaara. Phaawulos caqasa guyyaa harʼaa irratti yeroo akkana jedhu, hiriyoonni gaaʼelaa itti gaafatamummaa gaaʼela isaanii haa dagatan jechuu isaa hin turre. Yeroon hafe gabaabaa waan taʼef, dhimmoota hafuuraatiif dursa kennuun isaan barbaachisa jechuu isaa ti. (Mat. 6:33) Yeroon amma keessa jiraannu, yeroo baayʼee rakkisaa taʼee fi gaaʼelli hedduun itti diigamaa jiru dha. Haa taʼu malee, gaaʼelli keenya gammachuu fi milkaaʼina akka qabaatu gochuu ni dandeenya. Eeyyee, hiriyoonni gaaʼelaa saba Yihowaatti maxxanan, gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchanii fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffaman, ‘wanti Waaqayyo walitti hidhe’ gargar akka hin baane gochuu dandaʼu.—Mar. 10:9. w16.08 2:17, 18

Dilbata, Caamsaa 13

Tuuta hoolota Waaqayyoo [tiksaa].—1 Phe. 5:2.

Gumii Kiristiyaanaa keessatti tiksitoonni baayʼeen waan barbaachisaniif, obboloonni gara fuulduraatti hojii kana hojjetan itti fufiinsaan leenjii argachuu qabu. Phaawulos Ximotewosiin, “Wantoota ana irraa dhageessee fi dhugaa baatota hedduudhaan mirkanaaʼe sana, namoota amanamoo taʼanii fi warra kaan barsiisuuf gaʼumsa qabanitti imaanaadhaan kenni” jedheera. (2 Xim. 2:1, 2) Ximotewos, ergamaa maanguddoo taʼe kanaa wajjin tajaajiluudhaan waan baayʼee barateera. Achiis, tajaajila isaa irratti, akkasumas tajaajila qulqulluu dhiheessu kaan irratti malawwan Phaawulos itti fayyadametti fayyadameera. (2 Xim. 3:10-12) Phaawulos, Ximotewos akkuma carraa haa leenjiʼu jedhee isa gargaaruu hin dhiisne. Kanaa mannaa, dargaggeessi kun akka isaa wajjin tajaajilu godhee ture. (HoE. 16:1-5) Jaarsoliin yeroo hojii tikaa hojjetanitti, barbaachisaa taanaan tajaajiltoota gumii gaʼumsa qaban fuudhanii deemuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandaʼu. Jaarsoliin yoo akkana godhan, obboloonni kun barumsa, amantii, obsaa fi jaalala ilaaltota ol aanaadhaaf barbaachisu hubachuuf carraa akka argatan godhu. Mala kanatti fayyadamuun isaanii, obboloota gara fuulduraatti tiksitoota “tuuta hoolota Waaqayyoo” taʼan leenjisuu irratti gumaacha guddaa godha. w16.08 4:16, 17

Wiixata, Caamsaa 14

Harki [keessan] lawwaassaʼee kan gad rarraʼu hin taʼin!—Sef. 3:16.

Harki lawwaasaʼee gad rarraʼu ykn harki laafe, iddoo tokko tokkotti nama abdii kutate ykn gadde argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. (2 Sen. 15:7, hiika bara 1899; Ibr. 12:12) Namni haala akkasii keessa jiru abdii akka kutatu beekamaa dha. Kan nama gaddisiisu, addunyaa Seexanaa isa hamaa keessa jiraachuun dhiibbaa guddaa kan nama irraan gaʼu siʼa taʼu, kun immoo namni tokko akka dhiphatuu fi humna akka dhabu godha. Haalli kun qofoo sibiilaa bidiruun gara fuulduraatti akka hin adeemne dhowwuu wajjin wal fakkaata. (Fak. 12:25) Akkas akka sitti dhagaʼamu kan godhu maal taʼuu dandaʼa? Gadda nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin si irra gaʼe damdamachuuf yaali, dhukkuba cimaa wajjin qabsoo gochaa, yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼe kanatti wanta maatii keetiif barbaachisu guutuuf dhamaʼaa jirta ykn mormiin si irra gaʼaa jira taʼa. Dhiphinni wantoonni kun si irraan gaʼan oolee bulee humna si dhabsiisuu dandaʼa. Darbees gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo si gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Isa. 41:10, 13. w16.09 1:2, 4

Kibxata, Caamsaa 15

Karaa ati abboomte irra nan kaadha!—Far. 119:32.

Haalli namoota hedduu mudatu inni tokko dadhabina foonii moʼuuf qabsoo gochuu dha. Tokko tokko immoo tajaajilaaf ilaalcha sirrii qabaatanii itti fufuuf carraaqqii cimaa gochuu isaan barbaachiseera. Tarii ati immoo dhibee fayyaa kan qabdu ykn kophummaan kan sitti dhagaʼamu taatu illee jabaattee dhaabbachuun si barbaachisa taʼa. Qabsoo namoonni tokko tokko nama isaan mufachiiseef ykn cubbuu isaan irratti hojjeteef dhiifama gochuuf godhanis akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Yihowaa kan tajaajille yeroo dheeraa hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hundi keenya wantoota Waaqa isa warra amanamoo badhaasu akka hin tajaajille nu dhowwuu dandaʼanii wajjin qabsoo gochuu qabna. Karaa taʼe tokkoon hamma tokko dadhabina akka qabdan yoo hubattan, hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa. Kadhannaanii fi hafuurri qulqulluun, karaa sirrii akka taʼe beektanii fi Yihowaan eebbisu akka hordoftaniif humna isiniif kennuu dandaʼa. Tarkaanfii kadhannaa keessanii wajjin wal simu fudhadhaa. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu muraasa dubbisuuf yaalaa; qoʼannaa dhuunfaa fi Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe gochuuf sagantaa baafadhaa.—Far. 119:32. w16.09 2:10, 11

Roobii, Caamsaa 16

[Amantiin] ragaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii kan argisiisu dha.—Ibr. 11:1.

Namoonni jijjiirama tirannaatti kan amanan saayinsii irratti waan hundaaʼeef akka taʼee fi Waaqayyotti amanuun garuu amantii irratti kan hundaaʼe akka taʼe sitti himanii beekuu? Namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Taʼus, yaada armaan gadii yaadatti qabachuun keenya gaarii dha: Namni tokko waaʼee Waaqayyoo ykn waaʼee jijjiirama tirannaa maali iyyuu yoo amane, lamaanuu amantii kan gaafatu dha. Maaliifi? Eenyu iyyuu Waaqayyoonis taʼe wanti tokko yommuu uumamu argee hin beeku. (Yoh. 1:18) Namni kam iyyuu, saayintistiis taʼe kan hin taane, bineensi gosni tokko gara isa kaaniitti tirannaadhaan utuu jijjiiramuu hin argine. Fakkeenyaaf, repitaayiliin tokko jijjiirama tirannaatiin gara hoosistuutti yommuu jijjiiramu namni arge hin jiru. (Iyo. 38:1, 4) Kanaaf, hundi keenya xumura gaarii irra gaʼuuf ragaa kenname qoruu fi dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuu qabna. Uumama ilaalchisee Phaawulos akkana jedheera: “Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, jechuunis humni isaa inni bara baraa fi Waaqayyummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas amalawwan isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama; kanaaf, isaan sababa itti qabatan hin qaban.”—Rom. 1:20. w16.09 4:4

Kamisa, Caamsaa 17

Warra ormaatti gaarummaa argisiisuu hin dagatinaa.—Ibr. 13:2, milj.

Yihowaan jaalalaan kakaʼee namoota Israaʼeloota hin taanee fi Israaʼel keessa jiraataniif qophiiwwan akka mirga qarmii midhaanii funaannachuu qopheessee ture. (Lew. 19:9, 10) Yihowaan Israaʼelonni namoota biyya biraatii dhufan akka kabajan ajajuu qofa utuu hin taʼin, rakkina isaanii akka kan ofiitti akka ilaalanis isaan yaadachiiseera. (Bau. 23:9) ‘Nama biyya ormaa jirutti wanta dhagaʼamu’ beeku turan. Ibroonni garbummaa jala galuu isaanii dura illee, warri Gibxii sabboonummaadhaan kan kaʼe ykn sababa amantii isaaniitiin halaalatti isaan jibbuudhaan isaan irraa ni fagaatu turan. (Uma. 43:32; 46:34; Bau. 1:11-14) Israaʼelonni jiraattota biyya biraa taʼuudhaan jireenya gaddisiisaa kan dabarsan taʼus, Yihowaan namoota biyya biraatii dhufan “akkuma nama biyyaatti” akka ilaalan isaan irraa eega ture. (Lew. 19:33, 34) Yihowaan namoota biyya biraatii dhufanii fi gumii keenyatti walgaʼii irratti argamaniif akka yaadu hin shakkisiisuu. (Kes. 10:17-19; Mil. 3:5, 6) Rakkoowwan isaan mudachaa jiran kanneen akka sanyiidhaan qodamuu ykn garaagarummaa afaanii irratti kan yaannu yoo taʼe, gaarummaa isaanitti argisiisuu fi miira isaanii hubachuuf karaa barbaanna.—1 Phe. 3:8. w16.10 1:3-5

Jimaata, Caamsaa 18

Akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe, amantiin hojii hin qabnes akkuma kana duʼaa dha.—Yaq. 2:26.

Xalayaan Yaaqoob amantiin Kiristiyaanonni qaban inni dhugaan amanuu qofa utuu hin taʼin, wanta hojiidhaan argisiifamuu qabu akka taʼe ibseera. Yaaqoob akkana jedhee barreesseera: “Amantii kee hojii irraa addaan baasii natti argisiisi, ani immoo amantii koo hojiidhaan sitti nan argisiisa.” (Yaq. 2:18) Yaaqoob itti fufuudhaan garaa garummaa wanta tokko akkasumaan amanuu fi amantii qaban hojiidhaan argisiisuu gidduu jiru mulʼiseera. Jinniiwwan illee Waaqayyo jiraachuu isaa beeku; garuu amantii dhugaa hin qaban. Kanaafuu, kaayyoo Waaqayyoo ni mormu. (Yaq. 2:19, 20) Faallaa kanaatiin, Yaaqoob nama amantii qabu tokko ilaalchisee akkana jedhee gaafate: “Abbaan keenya Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin iddoo aarsaa irratti erga dhiheessee booda qajeelaa jedhamee kan waamame hojiidhaan hin turree? Amantiin isaa hojii isaa wajjin hojjechaa akka turee fi amantiin isaa hojii isaatiin guutuu akka taʼe ni argita.” (Yaq. 2:21-23) Achiis Yaaqoob amantiin hojiidhaan argisiifamuu akka qabu mulʼisuuf yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu dubbate. w16.10 4:8

Sanbadduraa, Caamsaa 19

Hawwii wanta bara dheeraa booddee taʼu [beekuu] yaada ilmaan namootaa keessa kaaʼeera.—Lal. 3:11.

Saayinsiin hawaa fi lafa ilaalchisee wantoota hedduu bira gaʼeera; kun immoo jireenya keenya keessatti faayidaa hedduu nuuf argamsiiseera. Haa taʼu malee, saayinsiin gaaffilee hedduudhaaf deebii kennuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, qorattoonni urjii hawaan akkamitti akka uumame ykn maaliif lafa irra akka jiraannu sirriitti nutti himuu hin dandaʼan. Kana malees, ilmaan namootaa bara baraaf jiraachuuf fedhii cimaa akka qabaatan kan godhe maal akka taʼe ibsuu hin dandaʼan. Gaaffileen guguddaan deebii utuu hin argatin hafan hedduun kan jiraatan maaliifi? Tokkoffaa saayintistoonni hedduunii fi namoonni kaan yaada kan Waaqayyoo hin taane waan babalʼisanii fi barumsa jijjiirama tirannaa waan deggeraniifi dha. Haa taʼu malee, Yihowaan kitaaba isaa keessatti gaaffilee guguddaa namoonni hundi qabaniif deebii ni kenna. Jireenyi keenya seerawwan uumamaa hin jijjiiramnee fi amansiisoo Yihowaan qopheesse irratti kan hundaaʼe dha. Ogeessonni elektiriikii fi hojii boombaa, mahaandisonni, paayileetonnii fi doktooronni baqaqsanii walʼaanan seerawwan kanneen irratti hundaaʼanii hojii isaanii hojjetu. w16.11 2:4, 5

Dilbata, Caamsaa 20

Nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu [Waaqayyooni].—HoE. 17:28.

Sababiiwwan Yihowaa itti galateeffannu hedduu qabna! Jireenya kan nuuf kenne isa dha; kan sochoonus taʼe kan jiraannu isaani. Kitaaba Qulqulluu isa kennaa guddaa taʼe nuuf kenneera. Nutis, akkuma Kiristiyaanota Tasalonqee dubbii Waaqayyoo fudhatanii, galateeffannaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka ergaa Waaqayyootti fudhachuu qabna. (1 Tas. 2:13) Dubbiin Waaqayyoo waan nu harka jiruuf Yihowaatti dhihaachuu dandeenyeerra; innis nutti dhihaateera. (Yaq. 4:8) Abbaan keenya inni samii mirga guddaa kutaa jaarmiyaa isaa taʼuu nuuf kenneera. Eebbawwan Yihowaa irraa arganne akkasii guddaa dinqisiifanna! Akkuma faarfaticha, “Waaqayyo gaarii waan taʼeef, isaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata!” jedhee faarfatee nutti dhagaʼama. (Far. 136:1) Faarfannaa 136 irratti yaanni “gaarummaan isaa bara baraan in jiraata!” jedhu siʼa 26 argama. Yihowaadhaafis taʼe jaarmiyaa isaatiif amanamoo yoo taane, bara baraaf waan jiraannuuf jechoonni nama gammachiisan kun hangam dhugaa akka taʼan ilaalla! w16.11 3:18, 19

Wiixata, Caamsaa 21

Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.—Rom. 5:12.

TCaqasni kun kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu irratti siʼa baayʼee caqasameera. Kitaaba kana ijoollee keessan ykn namoota kaanii wajjin yommuu qoʼattan, ​—boqonnaa 3, 5 fi 6 irratti waaʼee kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, waaʼee furichaa fi haala namoonni duʼan keessa jiran yommuu mariʼattan Roomaa 5:12 dubbisuun keessan hin oolu. Haa taʼu malee, dhuunfaatti ejjennoo Yihowaa duratti qabdan, gocha keessanii fi abdii keessan gara fuulduraa ilaalchisee Roomaa 5:12 irratti yaaddanii beektuu? Hundi keenya iyyuu cubbamoota taʼuu keenya amannee fudhachuu qabna. Guyyaa hunda dogoggora ni raawwanna. Taʼus, Waaqayyo biyyoo taʼuu keenya akka yaadatuu fi gara laafina nutti argisiisuuf fedhii akka qabu mirkanaaʼoo dha. (Far. 103:13, 14) Yesuus Waaqayyo ‘cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf’ kadhachuu akka qabnu barsiiseera. (Luq. 11:2-4) Kanaaf, Waaqayyo dogoggora keenya erga nuuf dhiisee booda, waaʼee dogoggorichaa yeroo hunda yaaddaʼuun nu hin barbaachisu. Taʼus, Waaqayyo dhiifama nuuf gochuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼee fi dhiifama nuu gochuu isaa yaaduun keenya nu fayyaduu dandaʼa. w16.12 1:1-3

Kibxata, Caamsaa 22

Warri akka fooniitti jiraatan, yaadni isaanii wantoota foonii irratti xiyyeeffata.—Rom. 8:5.

Kiristiyaanonni Roomaa jireenyi isaanii maal irratti akka xiyyeeffate qoruun isaanii barbaachisaa ture. Wantoonni jireenya isaanii toʼatan ykn wantoonni irratti xiyyeeffatan “wantoota foonii” turanii? Nutis jireenyi keenya maal irratti akka xiyyeeffate qoruun keenya barbaachisaa dha. Wanti caalaatti xiyyeeffannaa keenya harkisuu fi wanti dubbachuu jaallannu maali dha? Dhugumaan wanti halkanii fi guyyaa hordofnu maali dha? Jireenyi namoota tokko tokkoo daadhii wayinii gara garaa dhamdhamuuf yaaluu, mana isaanii miidhagsuu, akkaataa uffannaa hahhaaraa hordofuu, qarshii baayʼee argachuu, bakkawwan garaa garaa deemanii bashannanuu fi wantoota kana fakkaatan irratti kan xiyyeeffate dha. Wantoonni kun mataa isaaniitti dogoggora miti; sochiiwwan jireenya keenya keessatti irratti hirmaannu taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiree ture; Phaawulosis “daadhii wayinii xinnoo” akka dhugu Ximotewositti himee ture. (1 Xim. 5:23; Yoh. 2:3-11) Haa taʼu malee, Yesuusis taʼe Phaawulos daadhii wayinii hojjechuun hojii jireenya isaanii keessatti bakka guddaa qabu turee? Wanti isaan yeroo hundumaa dubbachuu jaallatan waaʼee daadhii wayinii tii? Matumaa. Nuti hoo? Wanti jireenya keenya keessatti bakka guddaa kenninuuf maali dha? w16.12 2:5, 10, 11

Roobii, Caamsaa 23

Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu.—Ibr. 13:5.

Yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana wanta Yesuus Mootummichaa fi qajeelummaa Waaqayyootiif dursa kennuu ilaalchisee dubbatee wajjin wal qabsiisuu dandeenya. (Mat. 6:33) Pheexiros ergamaan yeroo tokko, “Nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra; egaa maal arganna ree?” jedhee Yesuusiin gaafatee ture. (Mat. 19:27) Yesuus, Pheexiros waan gaaffii kana gaafateef isa ifachuu mannaa, aarsaa godhaniif eebba akka argatan barattoota isaatti hime. Ergamoonni Yesuus warri amanamoon, akkasumas namoonni kaan isaa wajjin samii irratti ni bulchu. Haa taʼu malee, eebbi yeroo ammaatti argamus jira. Yesuus akkana jedheera: “Namni maqaa kootiif jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin maasii isaa dhiise, dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.” (Mat. 19:29) Barattoonni isaa eebba aarsaa kaffalan hunda irra baayʼee caalu argatu. Abbootiin, haadhotiin, obboloonni, obboleettonnii fi ijoolleen karaa hafuuraa arganne, wantoota Mootummicha dursuuf jennee dhiisne kam iyyuu baayʼee hin caalanii ree? w16.12 4:4, 5

Kamisa, Caamsaa 24

Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.—Ibr. 11:1.

Kiristiyaanonni dhugaan hundi abdii dinqisiisaa taʼe qabu! Dibamtootas taane “hoolota kan biraa,” hundi keenya iyyuu kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa yommuu raawwatamuu fi maqaan Yihowaa yommuu qulqullaaʼuu arguuf abdiidhaan eegganna. (Yoh. 10:16; Mat. 6:9, 10) Abdiin nuti eeggannu kun wantoota namoonni eeggatan hunda kan caalu dha. Akkasumas, kutaa ‘samiiwwan haaraas’ taane kutaa “lafa haaraa,” waadaa jireenya bara baraatiif nuuf galame hawwiidhaan eegganna. (2 Phe. 3:13) Hamma yeroo sanaatti immoo, sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa badhaadhuu isaanii akka itti fufan ni abdanna. Namoonni kaanis wanta abdatan kan qaban taʼus, raawwii kan argatu taʼuu isaa mirkanaaʼoo miti taʼa. Fakkeenyaaf, namoonni qumaara taphatanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman lootarii akka moʼan abdatu taʼa; garuu matumaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Amantii dhugaa qabaachuun garuu, abdii keenya ‘mirkanaaʼaa taanee eeggachuu’ jechuu dha. w16.10 3:1, 2

Jimaata, Caamsaa 25

Kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa.—1 Phe. 4:10.

Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee hunda keenyaaf kennaa, ogummaa ykn dandeettii gara garaa kenneera. Kan gad of deebisnu yoo taane, kennaawwan kanatti karaa Yihowaan barbaaduun itti fayyadamna. (Rom. 12:4-8) Yihowaan kennaawwan kana karaa isaaf ulfina fiduun, akkasumas warra kaan ittiin gargaaruuf akka itti fayyadamnu barbaada. Haa taʼu malee, iddoon qophii Waaqayyoo keessatti qabnu dhaabbataa miti. Yeroo booda jijjiiramuu dandaʼa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Jalqaba irratti, isa qofatu Yihowaa wajjin ture. (Fak. 8:22) Achiis uumamawwan hafuuraa kaan, hawaan, dhuma irratti immoo ilmaan namootaa yommuu uumamanitti gumaacha godheera. (Qol. 1:16) Yeroo boodas, Yesuus gara lafaatti ergame; nama taʼee dhalate, boodas nama guddaa taʼe. (Filp. 2:7) Yesuus aarsaa taʼee erga duʼee booda, bara 1914⁠tti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf, qaama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuu jalqabe. (Ibr. 2:9) Yesuus waggaa kuma tokkoof erga bulchee booda, “Waaqayyo hundumaatiif waan hunda akka taʼuuf” Mootummaa isaa Yihowaatti deebisee kenna.—1 Qor. 15:28. w17.01 3:11, 12

Sanbadduraa, Caamsaa 26

Harʼa eenyuuf akka hojjettan foʼadhaa!—Iya. 24:15.

Dubartiin tokko murtoo dhuunfaa gochuuf yommuu dirqamtetti, hiriyaa ishiitiin, “Maal yaaduu akkan qabu natti hin himin; maal gochuu akkan qabu natti himi malee. Isa naa wayya” jetteetti. Dubartiin kun kennaa addaa, mirga filannoo Uumaan ishii ishiidhaaf kennetti fayyadamuu mannaa, wanti gochuu qabdu akka ishiitti himamu barbaadde. Ati hoo? Murtoo mataa kee gochuu moo warri kaan akka siif murteessan filachuu barbaadda? Mirga filannoo akkamitti ilaalta? Namoonni dhimma kana irratti jaarraa hedduudhaaf wal falmaa turaniiru. Warri tokko tokko, gochi keenya hundi dursee Waaqayyoon kan murteeffame waan taʼeef, wanti mirga filannoo jedhamu hin jiru jedhu. Kaan immoo mirgi filannoo dhugaa taʼe jiraachuu kan dandaʼu, bilisummaan daangaa hin qabne yoo jiraate qofa akka taʼe falmu. Haa taʼu malee, dhimma kana sirriitti hubachuuf, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe qoruu qabna. Maaliif? Yihowaan mirga filannoo qabaannee akka uumamne ibsa; kana jechuun dandeettii yaaduu fi mirga filannoo mataa keenyaa gochuu qabna jechuu dha. w17.01 2:1, 2

Dilbata, Caamsaa 27

Solomoon ilmi koo . . . mucaa wallaalaa waan taʼeef, ani wanta barbaachisu isaaf nan qopheessa.—1 Sen. 22:5.

Daawit, Solomoon hojii guddaa Waaqayyoof mana qulqullummaa ijaaruu kana toʼachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee yaaduu dandaʼa ture. Manni qulqullummaa sun “baayʼee guddaa” siʼa taʼu, Solomoon immoo yeroo sanatti “mucaa wallaalaa” ture. Taʼus, Daawit Yihowaan hojii isaaf kenname geggeessuuf gaʼumsa akka qabaatu Solomooniin gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Kanaaf, Daawit miʼa hojichaaf barbaachisu hedduu qopheessuudhaan, hojii kana deggeruuf wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. Yeroo harʼaas, obboloonni maanguddoon itti gaafatamummaa isaanii obboloota umuriidhaan isaanii gadi taʼanitti kennuun yommuu isaan barbaachisutti gadduu hin qaban. Kanaa mannaa, dargaggoonni itti gaafatamummaa akka fudhatan leenjisuun hojichi caalaatti buʼaa akka argamsiisu godha. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban, dargaggoonni isaan leenjisan hojii isaaniif kenname guutummaatti akka hojjetan yommuu argan baayʼee gammadu. w17.01 5:8, 9

Wiixata, Caamsaa 28

Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa.—Uma. 3:15.

Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee yommuu bulchutti mataa bofichaa buruqsa; rakkoowwan fincila Seexanni kaaseen dhufan hundas ni balleessa. Yesuus yommuu lafa irra turetti, barattoonni isaa barbaachisummaa Mootummaa Waaqayyoo akka hubatan isaan gargaareera. Kana malees, akkuma cuuphameen, “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” balʼinaan labsuu jalqabeera. (Luq. 4:43) Gara samiitti deebiʼuu isaa dura yeroo dhumaatiif barattoota isaatti yommuu dubbatettis, “hanga andaara lafaatti” dhugaa baatota isaa akka taʼan isaan ajajeera. (HoE. 1:6-8) Namoonni guutummaa lafaa irra jiran hojii waaʼee Mootummichaa labsuuf taasifamuun, waaʼee furichaa barachuu fi namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan taʼuuf carraa argatu. Yeroo harʼaatti, hojii addunyaa maratti misiraachicha akka labsinu nuuf kenname raawwachuudhaan, obboloota Kiristoos lafa irra jiran yommuu gargaarru Mootummicha deggeraa akka jirru argisiisna.—Mat. 24:14; 25:40. w17.02 2:7, 8

Kibxata, Caamsaa 29

[Kiristoos] tokko tokko ergamoota . . . godhee kenne.—Efe. 4:11.

Qaamni ol aanaan sun gumii jaarraa jalqabaatti ture irratti aangoo kan qabu taʼus, Geggeessaan isaanii Yesuus akka taʼe beeku turan. “Wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼeetti jaalalaan haa guddannu” jechuudhaan Phaawulos barreesseera. (Efe. 4: 15) Maqaa ergamoota beekamoo taʼaniin waamamuu mannaa, “barattoonnis qajeelfama Waaqayyootiin . . . ‘Kiristiyaanota’ jedhaman.” (HoE. 11:26) Dhuguma iyyuu, Phaawulos ‘aadaa sana cimsanii hordofuun’ ykn gochawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi ergamoonnis taʼan namoonni geggeessitoota taʼan kennan hordofuun barbaachisaa taʼuu isaa hubatee ture. Taʼus itti dabaluudhaan “Haa taʼu malee, [miseensota qaama ol aanaa hunda dabalatee] mataan dhiira hundumaa Kiristoos . . . mataan Kiristoos immoo Waaqayyo taʼuu isaa akka beektan nan barbaada” jedhee ture. (1 Qor. 11:2, 3) Eeyyee, Kiristoos Yesuus inni ijaan hin mulʼannee fi ulfina gonfate, Yihowaa isa Mataa isaa taʼe jalatti gumii geggeessaa ture. w17.02 4:7

Roobii, Caamsaa 30

Jaarsoliin akka gaariitti bulchan . . . ulfina guddaa argachuu akka qabanitti haa ilaalaman.—1 Xim. 5:17.

Warra ulfinni isaaniif maluuf ulfina kennuun keenya ofittoo taʼuu irraa nu eega. Akkasumas namoonni kaan yeroo nu kabajan akka of hin tuulle godha. Kana malees, warra amananis taʼe kan hin amanne garmalee kabajuu ykn ulfina isaaniif hin malle isaaniif kennuu irraa fagaachuudhaan, jaarmiyaa Yihowaa wajjin wal simnee jiraachuuf nu gargaara. Hunda caalaa immoo, namni nuti kabajnu tokko yommuu nu mufachiisu gufachuu irraa nu eega. Faayidaa guddaan warra isaaniif maluuf ulfina sirrii kennuudhaan argannu, Waaqayyoon kan gammachiisu taʼuu isaa ti. Wanta inni nu irraa barbaadu kan raawwannu siʼa taʼu, kun immoo amanamummaa isaaf qabnu eeggachuuf nu gargaara. Kunis warra isa arrabsuuf yaalan hundumaaf deebii kennuu irratti gumaacha godha. (Fak. 27:11) Namoonni addunyaa irratti argaman kabaja kennuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha sirrii hin qaban. Nuti garuu karaa Yihowaan barbaaduun ulfina kennuu barachuu keenyatti guddaa galateeffanna. w17.03 1:13, 20, 21

Kamisa, Caamsaa 31

[Yoshaafaax] wanta fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.—2 Sen. 20:32.

Yoshaafaax akkuma abbaa isaa Aasaa sabichi Yihowaa akka barbaaddatu jajjabeesseera. “Macaafa seeraa isa kan Waaqayyoo” fayyadamee sabicha barsiisuuf duula qopheessee ture. (2 Sen. 17:7-10) ‘Yaada namootaa gara Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaaniitti deebisuuf’ naannoo mootummaa kaabaa saba Israaʼel, jechuunis hamma biyya gaaraa isa kan Efreemitti deemeera. (2 Sen. 19:4) Hundi keenya iyyuu duula barsiisuu guddaa Yihowaan yeroo harʼaatti adeemsisaa jiru irratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Waaqayyoon tajaajiluuf akka kakaʼan isaan gargaaruudhaan Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuuf jiʼa jiʼaan galma ni baafattaa? Carraaqqii gochuudhaan, akkasumas eebba Waaqayyootiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Galma kana irra gaʼuuf ni kadhattaa? Wanta yeroo boqonnaa keetti raawwattu dhiisuu kan si gaafatu yoo taʼe illee, hojii kana fudhachuuf fedhii qabdaa? Akkasumas, akkuma Yoshaafaax namoonni waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼan gargaaruuf naannoo Efreem deeme, nutis namoonni gumii irraa fagaatan gara gumiitti akka deebiʼan gargaaruu dandeenya. w17.03 3:10, 11

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi