Waxabajjii
Jimaata, Waxabajjii 1
Qalma gubamu [godhee] siif nan dhiʼeessa.—Abo. 11:31.
Yiftaan ijoollee kan biraa hin qabu ture; kanaafuu sanyii isaa itti fufsiisuu, akkasumas maqaa isaa waamsisuu fi dhaala inni Israaʼel keessatti qabu itti fufsiisuu kan dandaʼu intala isaa qofa ture. (Abo. 11:34) Taʼus Yiftaan Abboota Firdii 11:35 irratti, “Ani Waaqayyo duratti afaan kootiin waanan dubbadhe qaba; isa dhiisuus hin dandaʼu” jedheera. Aarsaa guddaa kan isa kaffalchiisu taʼu illee amanamaa taʼuun isaa Waaqayyo duratti fudhatama akka argatuu fi eebba akka argatu godheera. Ati hoo filannaa kan isaa wajjin wal fakkaatu gooteettaa? Yeroo jireenya keenya Yihowaadhaaf murteessinetti, utuu of hin qusatin fedha isaa akka raawwannu waadaa galleerra. Waadaa kana eeganii jiraachuun aarsaa akka nama kaffalchiisu beekna. Haa taʼu malee, wanta hojjechuu hin jaallanne tokko akka hojjennu yoo gaafatamne maaltu nutti dhagaʼama? Aarsaa akkanaa kaffaluun keenyaa fi yeroo nuuf hin mijannetti illee Waaqayyoon tajaajiluun keenya amanamoo akka taane argisiisa. Aarsaan nuti kaffallu hammam iyyuu kan nu miidhu yoo taʼe, eebbi nuti argannu yeroo hunda aarsaa kana irra kan caalu dha.—Mil. 3:10. w16.04 1:11, 14, 15
Sanbadduraa, Waxabajjii 2
Inni gurra qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu.—Mul. 2:7.
Yesuus gumii Kiristiyaanaa hafuura qulqulluudhaan geggeessa. Qorumsa moʼuuf, tajaajila irratti ija jabina argachuu fi qophaaʼuuf, akkasumas murtoo sirrii gochuuf hafuurri qulqulluun nu barbaachisa. Hafuura kana argachuudhaaf, walgaʼiiwwan gumii dabalatee carraa qabnu hundatti fayyadamuu hin qabnuu ree? Walgaʼiiwwan keenya hedduu irratti raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ni baranna. Kun immoo, abdiin Yihowaan gara fuulduraatiif waadaa gales akka raawwatamu amanannaa qabnu nuu cimsa. Dhugaa dha, kan nu jajjabeessu namoota waltajjii irraa dubbatan qofa miti. Kiristiyaanonni garaadhaa yaada kennanii fi faarfatan kaanis nu jajjabeessu. (1 Qor. 14:26) Kana malees, walgaʼii duraa fi booda obboloota keenyaa wajjin haasaʼuun keenya, akka walitti dhihaannuu fi akka jajjabaannu godha.—1 Qor. 16:17, 18. w16.04 3:6, 7
Dilbata, Waxabajjii 3
Saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa.—Mat. 28:19.
Yesuus, misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” akka lallabamu dubbachuudhaan balʼina hojii lallabaa ibseera. (Mat. 24:14) Namoota “saba hundumaa keessaa” barattoota gochuu qabna. Kun immoo hojicha addunyaa maratti hojjechuu gaafata. Dhugaa Baatonni Yihowaa raajii Yesuus balʼina hojichi itti hojjetamu ilaalchisee dubbate hammam akka raawwatan hubachuuf, odeeffannoowwan tokko tokko haa ilaallu. Gareewwan amantii Yunaayitid Isteetis keessa jiran keessa tilmaamaan qeesonni 600,000 taʼan jiru; biyya sana keessa Dhugaa Baatota Yihowaa gara 1,200,000 taʼantu jira. Waldaan Kaatolikii Roomaa addunyaa maratti qeesota 400,000 ol qabdi. Mee lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa hojii lallabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe raawwatanii immoo ilaali. Addunyaa maratti, tajaajiltoonni gara miliyoona saddeetii taʼan, namoota biyyoota 240 keessa jiraniif fedhaan lallabaa jiru. Hojii dinqisiisaa Yihowaadhaaf ulfina fidutu hojjetamaa jira.—Far. 34:1; 51:15. w16.05 2:13, 14
Wiixata, Waxabajjii 4
Namni dheekkamaan lola in kaasa; namni aaraanis irra-daddarbaa in baayʼisa.—Fak. 29:22.
Addunyaan kun, namoota amala ofiin of bulchuu qabaniin guutameera; amalli kun immoo koora, ofittummaa fi wal morkii kan babalʼisu dha. Namni ilaalcha kanaan oofamu, yaada Seexanaa warra kaan hammam iyyuu kan miidhu yoo taʼe namni tokko fedhii ofii isaa guuttachuu qaba jedhu deggeraa jira jechuu dha. (Uma. 3:1-5) Ilaalchi ofittummaa akkanaa lolatti geessa. Faallaa kanaatiin Yesuus, fedhii isaanii wajjin kan wal hin simne yoo fakkaate illee nagaa akka barbaadan namoota barsiiseera. Yesuus Lallaba Isaa isa Gaaraa irratti, Walii galtee dhabuu ykn walitti buʼiinsa hiikuu ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. Fakkeenyaaf, garraamota akka taʼan, nagaa akka uuman, wantoota aariidhaaf sababa taʼan irraa akka fagaatan, dafanii akka araaramanii fi diinota isaanii akka jaallatan duuka buutota isaa gorseera.—Mat. 5:5, 9, 22, 25, 44. w16.05 1:4, 5
Kibxata, Waxabajjii 5
Ani wanta gaarii hojjechuuf hawwii qaba; haa ta’u malee, wantan hawwu hojjechuu hin danda’u.—Rom. 7:18.
Baayʼeen keenya cuuphamuu keenya dura jireenyi keenya ulaagaalee buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin akka wal simuuf jijjiirama guguddaa gochuun nu barbaachiseera. Erga cuuphamnee boodas, caalaatti Waaqayyoo fi Kiristoosiin fakkaachuuf amaloota warra kaanitti hin mulʼanne irratti jijjiirama gochuu itti fufuun keenya barbaachisaa taʼuu isaa hubanneerra. (Efe. 5:1, 2; 1 Phe. 2:21) Fakkeenyaaf, warra kaan akka ceephaanu, nama akka sodaannuu fi namoota akka hamannu ykn dadhabina kan biraa akka qabnu hubanneerra taʼa. Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuun, isa nuti eegne caalaa nutti ulfaateeraa? Amma iyyuu cubbuu irraa walaba miti. (Qol. 3:9, 10) Kanaafuu, erga cuuphamnee booda ykn dhugaa keessatti waggaa hedduu illee yoo dabarsine, dogoggora hin hojjennu, hin gufannu ykn hawwii fi fedhii gadheen nu hin dhiphisu jennee yaaduu hin qabnu. Amalawwan tokko tokko waggoota dheeraadhaaf itti fufuu dandaʼu taʼa.—Yaq. 3:2. w16.05 4:3-5
Roobii, Waxabajjii 6
Yihowaan warra jaallatu ni adaba, nama akka ilma isaatti fudhatu hundas ni garafa.—Ibr. 12:6.
Tarii namni tokko yommuu, ‘Hanga ani ofii kootii ijoollee godhadhutti, adaba warri koo naaf kennan guutummaatti hin hubannen ture’ jedhu dhageessee beekta taʼa. Jireenya keenya keessatti muuxannoo dabalataa yommuu argannu, adabni karaa jaalalli itti ibsamu taʼuu isaa hubachuudhaan, adabaaf ilaalcha gaarii Yihowaan qabu ni qabaanna. (Ibr. 12:5, 11) Eeyyee, Yihowaan jaalala ijoollee isaatiif qabuun kakaʼee obsaan nu tolcha. Ogeeyyii fi gammadoo akka taanu akkasumas, akka isa jaallannu barbaada. (Fak. 23:15) Inni rakkina keenyatti hin gammadu; wanta Addaam irraa dhaalleen kan kaʼe “ijoollee dheekkamsaa” taanee akka duunus hin barbaadu. (Efe. 2:2, 3) Duraan “ijoollee dheekkamsaa” waan turreef, amalawwan Waaqayyoon gaddisiisan hedduu argisiisaa turreerra; tarii amalawwan kana keessaa tokko tokko amalawwan bineensaa fakkaachuu dandaʼu! Taʼus, Yihowaan nu tolchuu isaatiin galanni isaaf haa taʼuutii jijjiiramneerra; akkasumas caalaatti hoolota fakkaanneerra.—Isa. 11:6-8; Qol. 3:9, 10. w16.06 1:7, 8
Kamisa, Waxabajjii 7
Namni akka mucaa xinnoo kanaatti gad of qabu, Mootummaa samii keessatti hunda kan caalu taʼa.—Mat. 18:4.
Ijoollee xixinnoo hedduun waa barachuuf hawwii guddaa kan qaban siʼa taʼu, gad of qabuunis isaan hin rakkisu. (Mat. 18:1-3) Kanaafuu warri ogeeyyii taʼan, beekumsa dhugaa sammuu fi garaa ijoollee isaanii xixinnoo keessa kaaʼuuf, akkasumas dhugaa kanaaf jaalala akka qabaatan gochuuf carraaquu dandaʼu. (2 Xim. 3:14, 15) Dhugaa dha, warri gama kanaan milkaaʼina argachuuf jalqaba dhugaa garaa isaaniitti qabachuu fi akka dhugaa kanaatti jiraachuu qabu. Warri yommuu akkana godhan, ijoolleen isaanii dhugaa dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, faayidaa dhugaan qabus ni argu. Kana malees, ijoolleen adabni warra isaanii irraa argatan, warri isaanii fi Yihowaan akka isaan jaallatan kan argisiisu akka taʼe hubatu. Gad of qabuudhaan Yihowaadhaaf yommuu bitamnuu fi bitamuu keenya yeroo hunda yommuu argisiisnu, inni akkuma raajicha Daaniʼel, guddaa jaallatamaa akka taanetti nu ilaala. (Dan. 10:11, 19) Kana malees, Yihowaan karaa Dubbii isaa, karaa hafuura isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nu tolchuu isaa itti fufa.—Rom. 8:21. w16.06 2:14, 17
Jimaata, Waxabajjii 8
Ani nama akka garaa koo taʼe . . . Daawit ilma Isseyiin argadheera.—HoE. 13:22.
Yihowaan Daawitiin kan jaallatu siʼa taʼu, Daawitis “nama akka garaa isaatii” ture. (1 Sam. 13:13, 14) Haa taʼu malee, yeroo booda Daawit Baat-Sheebaa wajjin ejja kan raawwate siʼa taʼu ishiinis ni ulfoofte. Kun kan taʼe yeroo abbaan manaa ishii Uriiyaan mana irraa fagaatee raayyaa waraanaa keessatti tajaajilaa turetti dha. Uriiyaan yeroo muraasaaf gara manaatti yommuu deebiʼu, Daawit abbaan mucichaa isa akka taʼe fakkeessuuf jecha Uriiyaan Baat-Sheebaa wajjin saalqunnamtii akka raawatu gochuuf yaalii godhe. Uriiyaan yaada mootichi isaaf kenne fudhachuu waan dideef, Daawit waraana irratti akka inni ajjeefamu haala mijeesse. Daawit yakka raawwate kanaaf gatii guddaa kaffaleera; jechuunis ofii isaa irrattis taʼe maatii isaa irratti balaa guddaa fideera. (2 Sam. 12:9-12) Taʼus Waaqayyo mootii akka walii galaatti “amanamummaa fi yaada qajeelaadhaan” isa duratti deddeebiʼe kanaaf dhiifama godheera. (1 Mot. 9:4) Ati yeroo sanatti utuu saba Waaqayyoo gidduu jiraatta taʼee maal goota turte? Gochi dogoggoraa Daawit raawwate si gufachiisa turee? w16.06 4:7
Sanbadduraa, Waxabajjii 9
Guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda dammaqaa eegaa.—Mar. 13:33.
Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa guddaa kennina. Kan jiraannu gara xumuraa “bara isa dhumaa” keessa akka taʼee fi “rakkinni guddaan” dhiheenyatti akka jalqabu beekna! (Dan. 12:4; Mat. 24:21) Addunyaa maratti waraanota gaddisiisoo, mancaʼina amalaa fi seera dhabummaa dabalaa deemu, barumsawwan amantii nama burjaajessan, hanqina nyaataa, dhukkuboota daddarbanii fi kirkira lafaa argaa jirra. Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka hundatti, hojii lallabaa ajaaʼibsiisaa taʼe raawwachaa akka jiran beekna. (Mat. 24:7, 11, 12, 14; Luq. 21:11) Dhufaatiin Gooftaa nuuf hiika maalii akka qabaatuu fi kaayyoo Waaqayyoo akkamitti galmaan akka gaʼu ilaaluuf hawwiidhaan eegganna. (Mar. 13:26, 27) Haa taʼu malee, rakkinni guddaan waggaa kamitti akka jalqabu beekuu hin dandeenyu; guyyaa fi saʼaatii isaa beekuun immoo waan gonkumaa hin yaadamne dha. w16.07 2:2-4
Dilbata, Waxabajjii 10
Sodaa tokko malee gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti haa dhihaannu.—Ibr. 4:16.
Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, kadhannaadhaan gara teessoo isaa isa samiitti dhihaachuu akka dandeenyu godheera. Inni karaa Ilma isaa isa ‘amantii isa irratti qabnuun bilisa taanee dubbachuu fi amanannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu dandeenyee’ mirga kana nuuf kenneera. (Efe. 3:12) Dhuguma iyyuu kadhannaadhaan sodaa malee Yihowaatti dhihaachuu dandaʼuun keenya, karaa dinqisiisaa gaarummaan isaa inni guddaan ittiin mulʼate dha. Phaawulos, “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf” utuu hin sodaatin kadhannaadhaan Yihowaatti akka dhihaannu nu jajjabeesseera. (Ibr. 4:16a) Yeroo qorumsi ykn rakkinni nu mudatu kamitti iyyuu, gara laafinaan gargaarsa akka nuu godhuuf kadhannaadhaan gara Yihowaatti booʼuu ni dandeenya. Kan nuuf hin malle taʼus, yeroo baayʼee Kiristiyaanota hidhata keenya taʼinitti fayyadamee deebii nuu kenna; “Kanaafis amanannee, ‘Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa ree?’” jenna.—Ibr. 13:6. w16.07 3:12, 13
Wiixata, Waxabajjii 11
Saaraan “gooftaa koo” jettee isa waamuudhaan Abrahaamiif [ajajamte]. Isinis . . . ijoollee ishii taatu.—1 Phe. 3:6.
Nohii fi ijoolleen isaa sadan haadha manaa tokko tokko kan qaban taʼus, Bishaan Badiisaa booda tokkoo ol fuudhuun baramaa ture. Aadaawwan hedduu keessatti halalummaan kutaa jireenyaa taʼee kan ture siʼa taʼu, sirnawwan amantii keessatti illee babalʼatee ture. Abraamii (Abrahaamii) fi haati manaa isaa Saaraayi (Saaraan) Waaqayyoof ajajamuudhaan gara Kanaʼaan yeroo deemanitti, magaalattiin gochawwan gaaʼelaaf kabaja akka hin qabne argisiisaniin guutamtee turte. Kanaaf, namoonni achi keessa jiraatan halalummaa irratti hirmaachaa waan turaniif, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraan akka balleeffaman dubbatee ture. Abrahaam maatii isaa akka gaariitti geggeessaa kan ture siʼa taʼu, Saaraan immoo matummaa abbaa manaa ishiitiif bitamuudhaan fakkeenya gaarii taateetti. (1 Phe. 3:3-5) Abrahaam, ilmi isaa Yisihaaq haadha manaa Yihowaa waaqeffattu akka fuudhu itti himee ture. Yaaqoob ilmi Yisihaaq inni yeroo booda ijoolleen isaa akaakilii gosoota Israaʼel 12nii taʼanis waaqeffannaa dhugaatiif of eeggannoo godha ture. w16.08 1:10
Kibxata, Waxabajjii 12
Maatii xinnaan baayʼatee kumaatama in taʼa, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in taʼa.—Isa. 60:22.
Raajiin kun guyyoota gara dhumaa kanatti raawwii isaa argachaa jira. Kan nama dinqisiisu, waggaa tajaajilaa bara 2015tti addunyaa maratti babalʼistoota Mootummichaa 8,220,105 taʼantu ture! Abbaan keenya inni samii kutaa xumuraa caqasa kanaa irratti, “Ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha” waan jedheef, hundi keenya iyyuu hojii dabalataa hojjennu qabna. Akkuma imaltoota konkolaataa saffisaan deemu keessa jiranii, saffisni hojii barattoota gochuu dabalaa deemuun isaas nutti beekama. Saffisa kanaa wajjin haala wal qabateen dhuunfaatti maal gochaa jirra? Wanta dandeenye hunda gochuudhaan hinaaffaadhaan waaʼee Mootummichaa lallabaa jirraa? Obboloonni hedduun qajeelchaa yeroo hundaa ykn qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaa jiru. Obboloota hedduu iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajilan ykn hojiiwwan tiʼookraasii kaan irratti hirmaatan arguun hoo nama hin gammachiisuu? Obboloonnis taane obboleettonni ‘hojiin Gooftaa nuuf baayʼateera.’—1 Qor. 15:58. w16.08 3:1, 2
Roobii, Waxabajjii 13
Harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne.—Isa. 59:1.
Israaʼelonni dinqiidhaan garbummaa Gibxii jalaa baʼanii utuu baayʼee hin turin, Amaaleqoonni waraana isaan irratti banan. Iyaasuu inni ija jabeessi qajeelfama Musee hordofee Israaʼeloota gara waraanaatti geesse. Kana gidduutti, Museen Aaronii fi Huuriin fudhatee gaara achitti dhihoo jiruu fi dirree waraanaa sana irraa arguu dandaʼutti ol baʼe. Museen karoora milkaaʼina isaaniitiif murteessaa taʼe hojii irra oolche. Harka isaa fi ulee Waaqa isa dhugaa gara samiitti ol qabe. Museen yommuu akkas godhu hundatti Yihowaan Israaʼeloonni Amaaleqoota akka moʼan godha ture. Haa taʼu malee, yommuu Museen harki isaa itti ulfaatee gad deebisuu jalqabu Amaaleqoonni ni moʼu turan. Aaronii fi Huur tarkaanfii murteessaa fudhachuudhaan, “dhagaa fidanii achi keenyaaniif, inni irra taaʼe; Aaronii fi Huur immoo, inni tokko garanaan, inni kaan immoo garasiin goranii, hamma aduun lixutti harki isaa akka gad hin deebineef ol qabaniif.” Eeyyee, harki Waaqayyoo inni humna qabeessi Israaʼeloonni waraana sana akka moʼan gargaare.—Bau. 17:8-13. w16.09 1:5-7
Kamisa, Waxabajjii 14
Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka ana keessa jiru nan hubadha.—Rom. 7:21.
Phaawulos kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu fi aarsaa furii Yesuusitti amanuudhaan, qabsoo keessa isaa jiru moʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa ture. Waaʼee keenya hoo maal jechuutu dandaʼama? Dadhabina foonii keenyaa wajjin qabsoo goonu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Akkamitti? Akkuma Phaawulos jabina keenya irratti utuu hin taʼin guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan, akkasumas furicha irratti amantii qabaachuudhaani. Waaqayyo yeroo tokko tokko dhimmi tokko hangam akka nu yaaddessu akka argisiisnu ni barbaada taʼa. Fakkeenyaaf, nuti (ykn miseensi maatii keenyaa tokko) dhukkuba cimaadhaan yoo qabamne ykn jalʼinni haqaa yoo nu irratti raawwatame hoo? Yihowaan, humna amanamoo taanee akka jiraannu, gammachuu keenya akka hin dhabnee fi madaallii hafuuraa keenya eegnee itti fufuuf nu gargaaru akka nuu kennuuf waawwannaa dhiheessuudhaan guutummaatti akka isatti amanamnu argisiisna. (Filp. 4:13) Bara Phaawulosittis taʼe bara keenyatti muuxannoon namoota hedduu, kadhannaan humna keenya haareeffachuu fi amanannaa jabaannee dhaabachuu keenya itti fufuuf nu dandeessisu qabaachuuf kan nu gargaaru taʼuu isaa mirkaneessa. w16.09 2:14, 15
Jimaata, Waxabajjii 15
Yihudoonni afaan Giriikii dubbatan . . . Yihudoota afaan Ibrootaa dubbatan irratti gungumuu jalqaban.—HoE. 6:1.
Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture guddachaa yeroo dhufutti, haalli jibbi sanyii akka jiraatu gochuu hin oolle tokko uumamee ture. Yihudoonni Afaan Giriikii dubbatan, dubartoonni isaanii warri abbootiin manaa isaanii jalaa duʼan sirriitti akka hin qabamne dubbachuudhaan guunguman. Dhimma kanaaf furmaata kennuuf, ergamoonni namni tokko illee akka hin dagatamneef dhiirota torba muudan. Ergamoonni kun obboloota maqaa Giriikii qaban filatan; akkas kan godhanis, dubartoota abbootiin manaa isaanii jalaa duʼan sanaaf yaadanii taʼuu hin oolu. (HoE. 6:2-6) Hubannus hubachuu baannus, aadaan itti guddanne hunda keenya irratti iyyuu dhiibbaa ni godha. (Rom. 12:2) Kana malees, ollaawwan keenya, namoonni wajjin hojjennu ykn barannu, yaadawwan namoota biyya biraatii dhufan, lammummaa biraa qaban ykn bifti isaanii adda taʼe salphisan yeroo dubbatan ni dhageenya taʼa. Ilaalchi sirrii hin taane kun hammam dhiibbaa nu irratti godheera? Akkasumas, namni tokko lammummaa keenyatti yoo qoose ykn tarii wanta aadaa keenya keessa jiru tokko ilaalchisee arbeessee yoo dubbate maaltu nutti dhagaʼama? w16.10 1:7, 8
Sanbadduraa, Waxabajjii 16
Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne . . . ifatti mulʼatu . . . Wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.—Rom. 1:20.
‘Hubannaan’ wanta yeruma sana hin mulʼanne ykn ifa hin taane adda baasanii beekuu dabalata. (Ibr. 11:3) Kanaaf namoonni hubannaa qaban, ijaa fi gurra isaanii qofa utuu hin taʼin sammuu isaaniittis ni fayyadamu. Jaarmiyaan Yihowaa wantoota qorannaan irratti godhamee fi nu gargaaran nuu qopheesseera. Wantoonni kun ija amantiitiin Uumaa keenya ‘arguuf’ nu dandeessisu. (Ibr. 11:27) Wantoonni kun viidiyoo Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa (Ingiliffa) jedhamu, birooshuroota Jireenyi Uumamaan Argamee? (Amaariffa) fi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan (Amaariffa) jedhaman, akkasumas kitaaba Uumaan Siif Yaadu Jiraa? (Ingiliffa) jedhamu kan dabalatani dha. Barruun Dammaqaa! yeroo baayʼee saayintistootaa fi namoota kaan Waaqayyotti maaliif akka amanan ibsanii wajjin gaafannoo godhame qabatee baʼa. Mata dureen “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhus diizaayinii dinqisiisaa uumama keessa jiru tokko tokko ibsa. Saayintistoonni yeroo baayʼee diizaayinota dinqisiisoo taʼan kana fakkeessanii hojjechuuf yaalu. w16.09 4:4, 5
Dilbata, Waxabajjii 17
Sababii amantii isaaniitiin dhugaa [isaaniif baʼameera].—Ibr. 11:39.
Namoonni amanamoon Ibroota boqonnaa 11 irratti ibsaman kun ‘sanyiin’ abdachiifame, jechuunis Yesuus Kiristoos jireenya samiitiif karaa utuu hin banin duʼan. (Gal. 3:16) Taʼus, duʼaa kaʼanii namoota mudaa hin qabne taʼuudhaan lafa irra jiraatu. (Far. 37:11; Isa. 26:19; Hos. 13:14) Namoota bara Kiristiyaanotaa dura jiraatan tokko tokko ilaalchisee Ibroonni 11:13 akkana jedha: “Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii kan duʼan taʼanis, abdiiwwan sun yommuu raawwataman hin argine; kanaa mannaa fagootti ilaalanii isaan simatan.” Namoota kana keessaa tokko Abrahaam ture. Abrahaam abdii gammachiisaa bulchiinsa “sanyii” abdachiifamee jalatti argamu hawwiidhaan eeggateeraa? Yesuus mormitoota isaatiin, “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera” jechuudhaan gaaffii kanaaf deebii ifa taʼe kenneera. (Yoh. 8:56) Haalli Saaraa, Yisihaaq, Yaaqoobii fi namoota Mootummicha “isa Waaqayyo pilaanii isaa qopheessee fi ijaare” abdiidhaan eeggachaa turan kaaniis akkasuma ture.—Ibr. 11:8-11. w16.10 3:4, 5
Wiixata, Waxabajjii 18
Yeroo hundumaa [kadhadhaa].—Efe. 6:18.
Yihowaan dhugaa nu hubachiisuuf hafuura qulqulluutti fayyadamuu isaatiif, akkasumas misiraachicha irratti amantii akka qabaannu nu dandeessisuu isaatiif isa galateeffachuu qabna. (Luq. 10:21) Yihowaan karaa ilma isaa isa “Bakka Buʼaa Guddaa fi Fiixaan Baasaa amantii keenyaa” taʼeen ofitti nu harkisuu isaatiif isa galateeffachuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. (Ibr. 12:2) Gaarummaa guddaa akkanaatiif dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf, kadhachuudhaan, akkasumas Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan amantii keenya jabeeffachuu qabna. (1 Phe. 2:2) Waadaawwan Yihowaan nuuf gale irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu keenya itti fufuu qabna. Kana kan goonus ifatti taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu keenyaa fi hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuu keenya itti fufuu qabna. Akkasumas, “namoota hundumaaf keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu.” (Gal. 6:10) Kana malees, ‘namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasnee gatuuf’ carraaqqii cimaa gochuu qabna.—Qol. 3:5, 8-10. w16.10 4:11, 12
Kibxata, Waxabajjii 19
[Yihowaan] hubannaadhaan bantiiwwan waaqaa uume.—Far. 136:5.
Dhuguma iyyuu uumamni cufti karaa dinqisiisaa taʼeen kan gurmaaʼe dha. Kanaafuu Yihowaan, waaqeffattoonni isaa akka gaariitti kan gurmaaʼan akka taʼan isaan irraa eeguun isaa nama hin dinqisiisu. Waaqayyo kana gochuu akka dandeenyuuf Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. Gargaarsa jaarmiyaa Waaqayyoo fi qajeelfama Waaqayyoo malee jiraachuun, gammachuu akka dhabnuu fi jireenyi keenya rakkinaan akka guutamu godha. Sabni Israaʼel durii gurmaaʼuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. Fakkeenyaaf, Seera Musee jalatti dubartoonni balbala dunkaana itti walgaʼanii duratti akka tajaajilan ramadaman jiru turan. (Bau. 38:8) Yeroo booda immoo, Daawit Mootichi Lewwootaa fi luboota akka gaariitti gurmeessee ture. (1 Sen. 23:1-6; 24:1-3) Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti tures kan gurmaaʼe siʼa taʼu, jalqaba irratti qaama ol aanaa ergamoota qofa of keessatti qabate irraa qajeelfama argata ture. (HoE. 6:1-6) Akkasumas, gorsii fi qajeelfamni karaa xalayaa ni kennama ture.—1 Xim. 3:1-13; Tit. 1:5-9. w16.11 2:3, 6, 8, 9
Roobii, Waxabajjii 20
Warri boojiʼamuun itti murame haa boojiʼaman!—Er. 15:2.
Dhaloota Kiristoos Dura bara 607tti, humni waraanaa Baabilon inni guddaan Nebukadnezaar 2ffaa isa mootii Baabilon tureen geggeeffamu magaalaa Yerusaalem weerare. Ajjeechaa yeroo sana booda raawwatame ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Nebukadnezaar] dargaggoota isaanii iddoo qulqullaaʼaa keessatti billaadhaan in ajjeese; ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa, warra dulloomanii fi warra lafa guuran hundumaaf garaa hin laafne. . . . Mana qulqullummaa ibiddaan in guban; dallaa mandara Yerusaalemis in diigan; akkasumas manneen mootummaa hundumaa ibiddaan gubanii, miʼa isaa isa gati-jabeessa caccabsanii in balleessan.” (2 Sen. 36:17, 19) Badiisni Yerusaalem jiraattota ishii dinqisiisuu hin qabu ture. Sababiin isaas raajonni Waaqayyoo, Yihudoonni Seera Waaqayyoo cabsuu isaanii yoo itti fufan harka Baabilonotaatti dabarfamanii akka kennaman waggoota hedduudhaaf isaan akeekkachiisaa turaniiru. Yihudoonni hedduun billaadhaan ajjeefamu; warri duʼa irraa oolan immoo jireenya isaanii guutuu boojiʼamtoota taʼanii Baabilon keessa jiraachuun isaanii hin oolu ture. w16.11 4:1, 2
Kamisa, Waxabajjii 21
Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale.—Rom. 5:12.
Addaam, isa “nama tokko” jedhamee fi cubbuunis taʼe duuti karaa isaa “addunyaatti gale” dha. Kanaaf, “Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama tokkoo akka mootiitti . . . moʼe.” Phaawulos itti dabaluudhaan waaʼee, “gaarummaa [Waaqayyoo isa] guddaa irraa hafaa” “karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos” mulʼifamee dubbateera. (Rom. 5:12, 15, 17) Gaarummaa guddaan kunis guutummaa ilmaan namootaatiif faayidaa argamsiiseera. “Ajajamuu nama tokkootiin [Yesuusiin] namoonni hedduun qajeelota taʼu.” Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan, “karaa Yesuus Kiristoos . . . jireenya bara baraatti” geessuu dandaʼa. (Rom. 5:19, 21) Yihowaan Ilmi isaa gara lafaa dhufee furii akka taʼu gochuuf dirqamni isa irra hin jiru ture. Kana malees, wanti Waaqayyoo fi Yesuus furiin dhiifama argamsiisu akka dhihaatu gochuudhaan raawwatan, ilmaan namootaa mudaa qabanii fi cubbuu dhaalaniif kan malu hin turre. Kanaaf, dhuguma iyyuu dhiifama cubbuu fi abdii bara baraaf jiraachuu argachuun keenya gaarummaa guddaa dha. Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa waan nutti argisiiseef dinqisiifachuu fi jireenya keenya irratti jijjiirama akka fidu heyyamuu qabna. w16.12 1:1, 6, 7
Jimaata, Waxabajjii 22
Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun diina Waaqayyoo taʼuu jechuu dha.—Rom. 8:7.
Gama kanaan of qoruun barbaachisaa dha. Maaliif? Phaawulos, “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida” jedhee barreesseera. (Rom. 8:6) Kun, yeroo ammaatti duʼa hafuuraa, gara fuulduraatti immoo duʼa qaamaa waan namatti fiduuf dhimma cimaa dha. Taʼus Phaawulos namni tokko ‘wantoota foonii irratti xiyyeeffachuu’ waan jalqabeef qofa, dhumni isaa duʼa akka taʼu dubbachuu isaa hin turre. Jijjiiramuun ni dandaʼama. Mee waaʼee namicha Qorontos isa “wantoota foonii” hordofuudhaan halalummaa raawwachuu isaatiin gumiidhaa baafamee turee yaadaa. Namni kun jijjiirama gochuu ni dandaʼa ture; jijjiirameeras. Akka fooniitti jiraachuu dhiisee, daandii isa sirriitti deebiʼeera. (2 Qor. 2:6-8) Namni kun jijjiirama gochuu erga dandaʼee, Kiristiyaanni yeroo ammaatti jirus jijjiirama gochuu ni dandaʼa; keessumaa namni hamma namicha Qorontos keessa ture sanaa fedhii foonii isaa hin hordofne salphaatti jijjiiramuu ni dandaʼa. Dhuguma iyyuu, akeekkachiisni Phaawulos balaa ‘yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun’ geessisu ilaalchisee kenne, Kiristiyaanonni jijjiirama barbaachisu kam iyyuu akka godhan isaan kakaasuu qaba! w16.12 2:5, 12, 13
Sanbadduraa, Waxabajjii 23
Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa.—Far. 55:22.
Akka nuti hin kufnetti akka nu hirkisu beekuudhaan, ‘wanta yaada nutti taʼu Waaqayyotti gannee dhiisuun’ keenya baayʼee nu jajjabeessa! Waaqayyo “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee” gochuu akka dandaʼu amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Efe. 3:20) Baayʼisee qofa utuu hin taʼin, “irra caalaa baayʼisee” gochuu akka dandaʼu hubadhaa! Eebba argachuuf, guutummaatti Yihowaatti amanuu fi qajeelfama isaatiif ajajamuu qabna. Museen saba Israaʼeliin akkana jedhee ture: “Waaqayyo gooftaan kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti guddaa waan si eebbisuuf . . . sagalee Waaqayyo gooftaa keetii baʼeessa gootee yoo dhaggeeffatte, abboommii isa ani harʼa si abboomu kana hundumaas baʼeessa gootee yoo eegde, Waaqayyo gooftaan kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf jira.” (Kes. 15:4-6) Amanamummaadhaan isa tajaajiluu keessan yoo itti fuftan, Yihowaan akka isin eebbisu ni amantuu? Amanuuf sababa quubsaa qabdu. w16.12 4:8, 9
Dilbata, Waxabajjii 24
[Yihowaan] akka ati addaan baatee saba dhuunfaa isaa taatuuf . . . si foʼateera.—Kes. 7:6.
Inni filannoo kana gochuuf sababii qaba ture. Sababiin isaas Yihowaan jaarraa hedduu dura Abrahaam isa michuu isa tureef waadaa gale raawwachuu waan barbaadeefi dha. (Uma. 22:15-18) Kana malees, Yihowaan yeroo hunda bilisummaa isaatti karaa jaalalaa fi haqa isaa wajjin wal simuun itti fayyadama. Kanas akkaataa Israaʼeloota irra deddeebiʼanii waaqeffannaa dhugaa dhiisan itti adabe irraa hubachuun ni dandaʼama. Garaadhaa yommuu yaada geddaratan, Yihowaan fedhuma isaatiin jaalalaa fi araara isaa akka isaanitti argisiisu yommuu ibsu, “Ana irraa garagaluu isa dhukkuba itti taʼe irraa isaan nan fayyisa . . . Fedha garaa kootiin isaan nan jaalladha” jedheera. (Hos. 14:4) Bilisummaa isaa warra kaan ittiin gargaaruuf waan itti fayyadamuuf fakkeenya gaarii nuuf taʼa! Yihowaan maleekotaa fi namoota yeroo uumu mirga filannoo akka qabaatan godhee uumuu filateera. Uumamni jalqabaa mirga filannoo qabaatee uumame Ilma isaa isa hangafaa, “fakkaattii Waaqayyoo isa ijaan hin argamne” dha. (Qol. 1:15) Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura iyyuu, fincila Seexanni kaase duukaa buʼuu mannaa, Abbaa isaatiif amanamaa taʼee jiraachuu filateera. w17.01 2:3, 4
Wiixata, Waxabajjii 25
Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.
Haalli keenya jijjiiramuun isaa hojiin keenya akka baayʼatu ykn akka xiqqaatu gochuu dandaʼa. Ati hoo dargaggeessa moo maanguddoo dha? Fayya buleessa moo yeroo baayʼee ni dhukkubsatta? Yihowaan hundi keenya iyyuu caalaatti isa tajaajiluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beeka. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe nu irraa hin eegu; wanta gochuu dandeenyu hunda yommuu goonu baayʼee dinqisiifata. Yesuus hojii hojjetu hunda irraa gammachuu argateera; nutis hojii hojjennu irraa gammachuu argachuu dandeenya. (Fak. 8:30, 31) Namni gad of deebisu hojii ykn itti gaafatamummaa yeroo ammaatti gumii keessatti qabutti ni gammada. Waaʼeen itti gaafatamummaa argachuu ykn wanti warri kaan raawwatan isa hin yaaddessu. Kanaa mannaa, hojii jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti isaaf kennametti gammada; hojichas akka Yihowaa biraa isaaf kennametti ilaala. Akkasumas gaʼee ykn iddoo Yihowaan warra kaaniif kenne garaadhaa ni kabaja. Amalli gad of deebisuu, namoota kaaniif kabaja isaaniif malu akka kenninuu fi akka isaan deggerru nu kakaasa.—Rom. 12:10. w17.01 3:13, 14
Kibxata, Waxabajjii 26
Misiraachicha babalʼisuuf jecha, akkuma ilmi abbaa isaa wajjin hojjetutti anaa wajjin akka garbichaatti [tajaajileera].—Filp. 2:22.
Darbee darbee dargaggoonni hojiiwwan maanguddoonni irratti hirmaatan akka geggeessaniif ni ramadamu taʼa. Dargaggoonni kun hojiin isaanii kan jijjiirame taʼus, murtoo gochuu isaanii dura, muuxannoo fi ogummaa obboloota maanguddoo taʼanii irraa faayidaa argachuu ni dandaʼu. Ximotewos inni dargaggeessi, waggoota hedduudhaaf Phaawulos ergamaa wajjin hojjeteera. Phaawulos warra Qorontosiif akkana jedhee barreesseera: “Ximotewos isa Gooftaa tajaajiluudhaan ilma koo jaallatamaa fi amanamaa taʼe gara keessanitti kanan erges kanumaafi. Inni, Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen . . . malawwan ani itti fayyadamu isin yaadachiisa.” (1 Qor. 4:17) Himni gabaabaan kun waltaʼiinsa guddaa Phaawulosii fi Ximotewos gidduu ture akka gaariitti ibsa. Phaawulos yeroo ramaduudhaan ‘malawwan itti fayyadamu’ Ximotewosiin barsiiseera. Ximotewos akka gaariitti kan barate taʼuu isaa irra iyyuu Phaawulos duratti guddaa jaallatamaa taʼeera; Phaawulosis wanta karaa hafuuraa warra Qorontos keessa jiran barbaachisu guutuu akka dandaʼu Ximotewos irratti amanannaa qaba ture. Kun jaarsolii yeroo harʼaatti dhiironni kaan gumii keessatti itti gaafatamummaa akka fudhatan leenjisaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa. w17.01 5:13, 14
Roobii, Waxabajjii 27
Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaʼu].—HoE. 24:15.
Yihowaan namoonni akka duʼan utuu hin taʼin, akka jiraatan barbaada. Inni Madda jireenyaa waan taʼeef, namoota duʼaa kaʼan hundaaf Abbaa taʼa. (Far. 36:9) Kanaaf Yesuus “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu” jennee akka kadhannu nu barsiisuun isaa sirrii dha. (Mat. 6:9) Yihowaan, Yesuus namoota duʼaa kaasuu irratti gahee guddaa akka qabaatu godheera. (Yoh. 6:40, 44) Yesuus, Jannata keessatti gahee ‘duʼaa kaʼuu fi jireenya’ taʼuudhaan qabu ni raawwata. (Yoh. 11:25) Yihowaan namoonni hundi miseensa maatii isaa akka taʼan afeera. Yesuus, “Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu hundi, anaaf obboleessa koo, obboleettii koo fi haadha koo ti” jedheera. (Mar. 3:35) Waaqayyo ‘tuutni uummataa guddaan’ lakkaaʼamuu hin dandeenyee fi saba, gosaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan waaqeffattoota isaa akka taʼan barbaada. Namoonni furii Kiristoositti amananii fi fedha Waaqayyoo raawwatan, namoota sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqayyo keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti” jedhan keessaa tokko taʼuu dandaʼu.—Mul. 7:9, 10. w17.02 2:10, 11
Kamisa, Waxabajjii 28
Warra isin gidduutti geggeessitoota taʼan . . . yaadadhaa.—Ibr. 13:7.
Dhugaa Kitaaba Qulqulluu afaan adda addaatiin babalʼisuuf akka isaan gargaarutti, bara 1884tti dhaabbata Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Tiraaktii Xiyoon jedhamu kan hundeessan siʼa taʼu, pireezidaantiin dhaabbatichaas Chaarlis Teez Raasil ture. Raasil Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan kan qoʼatu waan tureef, barumsawwan amantii kan akka Sillaasee fi lubbuun hin duutu jedhan soba taʼuu isaanii ija jabinaan saaxileera. Kiristoos karaa ija namootaatiin hin mulʼanneen akka deebiʼuu fi bara 1914tti “barri sabootaaf murteeffame sun” xumuramuu isaa hubatee ture. (Luq. 21:24) Obboleessi keenya Raasil yeroo, humnaa fi qabeenya isaa utuu hin qusatin dhugaawwan kana namootatti himuuf waan dandaʼu hunda godheera. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaa fi Yesuus inni mataa gumii taʼe yeroo murteessaa taʼe sanatti obboleessa keenya Raasilitti itti fayyadamaniiru. Obboleessi keenya Raasil namoota irraa ulfina argachuu hin barbaadu ture. Bara 1896tti akkana jedhee barreessee ture: “Ofii keenyaafis taʼe barreeffamoota qopheessinuuf galateeffamuu ykn jajamuu hin barbaannu; ‘Abbaa’ ykn ‘Rabbii’ jedhamnee waamamus hin barbaannu. Kana malees, namni kam iyyuu maqaa keenyaan akka waamamu hin barbaannu.” Dhuma irrattis, “Hojiin kun kan namaa miti” jedhee dubbateera. w17.02 4:8, 9
Jimaata, Waxabajjii 29
Ogummaan nama of eeggataa karaa isaa gargar baasee akka hubatuufii dha.—Fak. 14:8.
Hundumti Keenya filannoo fi murtoo gochuu qabna. Taʼus murtoon nuti goonu hundi dhimma duʼaa fi jireenyaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, murtoowwan nuti goonus taʼe filannoon keenya, jireenya keenya irratti jijjiirama guddaa fiduun isaa hin oolu. Dandeettiin nuti murtoo gaarii gochuuf qabnu jireenyi keenya jeequmsaan, falmii fi gaddaan kan guute taʼuu mannaa, hamma tokko gaarii fi naga qabeessa akka taʼu gochuudhaan nu gargaaruu dandaʼa. Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Waaqayyo ogeeyyii akka taanu nu gargaaruuf fedhiis taʼe dandeettii akka qabu ilaalchisee isa irratti amantii qabaachuu qabna. Akkasumas, gorsa inni nuu kennu irratti amanannaa qabaachuudhaan, Dubbii Yihowaa fi karaa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii qabaachuu qabna. (Yaq. 1:5-8) Yeroo isatti dhihaannuu fi Dubbii isaa jaallannu, murtii inni kennu irratti amantii qabaanna. Kanaan kan kaʼes, murtoo gochuu keenya dura, yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo qorra. w17.03 2:2, 3
Sanbadduraa, Waxabajjii 30
Gargaarsaaf gara kee in ilaalla.—2 Sen. 20:12.
Yoshaafaax akkuma abbaa isaa Aasaa, diinni cimaan yeroo isa doorsisetti illee guutummaatti Waaqayyoof buleera. (2 Sen. 20:2-4) Yoshaafaax sodaatee ture! Taʼus, “Waaqayyoon kadhachuudhaaf murtoo in godhe.” Kadhannaa isaa irratti, sabni isaa ‘waraana danuu isa isaan rukutuuf jedhu kana loluuf humna akka hin qabne,’ akkasumas innis taʼe sabni isaa wanta godhan akka hin beekne gad of qabuudhaan yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbatee ture. Nutis yeroo tokko tokko, akkuma Yoshaafaax waan goonu wallaaluu, darbees sodaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 4:8, 9) Taʼus Yoshaafaax, innis taʼe sabni isaa dadhaboo akka taʼan akka isaanitti dhagaʼame uummata gidduutti akka dubbate yaadadhu. (2 Sen. 20:5) Namoonni maatii isaanii karaa hafuuraa geggeessan yeroo rakkinaatti qajeelfamaa fi cimina argachuuf gargaarsa Yihowaa gaafachuudhaan fakkeenya Yoshaafaax hordofuu dandaʼu. Maatiin kee wawwaannaa ati dhiheessitu kana yoo dhagaʼan qaanaʼuu hin qabdu. Yeroo kanatti amantii ati Yihowaa irratti qabdu hubachuu dandaʼu. Waaqayyo Yoshaafaaxiin akkuma gargaare siinis si gargaara. w17.03 3:12, 13