LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 67-77
  • Adoolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adoolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Adoolessa 1
  • Wiixata, Adoolessa 2
  • Kibxata, Adoolessa 3
  • Roobii, Adoolessa 4
  • Kamisa, Adoolessa 5
  • Jimaata, Adoolessa 6
  • Sanbadduraa, Adoolessa 7
  • Dilbata, Adoolessa 8
  • Wiixata, Adoolessa 9
  • Kibxata, Adoolessa 10
  • Roobii, Adoolessa 11
  • Kamisa, Adoolessa 12
  • Jimaata, Adoolessa 13
  • Sanbadduraa, Adoolessa 14
  • Dilbata, Adoolessa 15
  • Wiixata, Adoolessa 16
  • Kibxata, Adoolessa 17
  • Roobii, Adoolessa 18
  • Kamisa, Adoolessa 19
  • Jimaata, Adoolessa 20
  • Sanbadduraa, Adoolessa 21
  • Dilbata, Adoolessa 22
  • Wiixata, Adoolessa 23
  • Kibxata, Adoolessa 24
  • Roobii, Adoolessa 25
  • Kamisa, Adoolessa 26
  • Jimaata, Adoolessa 27
  • Sanbadduraa, Adoolessa 28
  • Dilbata, Adoolessa 29
  • Wiixata, Adoolessa 30
  • Kibxata, Adoolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 67-77

Adoolessa

Dilbata, Adoolessa 1

Akkuma dubbii keetiitti ana irratti raawwadhu!—Abo. 11:36.

Intalli Yiftaa, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf jettee, fedhii uumamaa heerumuu fi ijoollee godhachuuf qabdu aarsaa gooteetti. Fedhii ofii aarsaa gochuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya ishii hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kiristiyaanonni dargaggoon kumaan lakkaaʼaman, guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf yoo xinnaate ammaaf gaaʼela dhaabbachuu ykn ijoollee godhachuu dhiisaniiru. Maanguddoonnis, hojiiwwan ijaarsaa tiʼookraasii irratti hirmaachuuf ykn Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barachuu fi iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf jecha yeroo ijoollee isaanii ykn ijoollee ijoollee isaanii wajjin dabarsuu dandaʼan aarsaa godhanii taʼuu dandaʼa. Warri kaan immoo, duula tajaajilaa irratti hirmaachuuf jecha dhimma dhuunfaa isaanii aarsaa godhu. Hojiin garaa guutuudhaan hojjetamu akkanaa, Yihowaa isa hojii isaanii fi jaalala isaan isatti argisiisan hin irraanfanne baayʼee gammachiisa. (Ibr. 6:10-12) Ati hoo guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf aarsaa dabalataa kaffaluu ni dandeessaa? w16.04 1:16, 17

Wiixata, Adoolessa 2

Tuuta [tokko] ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.—Yoh. 10:16.

Yesuus ofii isaa tikseetti, barattoota isaa immoo tuuta hoolotaatti fakkeesseera. Mee yaadi: Hoolonni lama tabba irra, hoolonni lama immoo sulula keessa kan jiran, akkasumas hoolaan tokko iddoo biraadhaa dheedaa kan jiru yoo taʼe, hoolota kana shanan akka tuuta tokkootti ilaaluun ni dandaʼamaa? Tuutni hoolotaa tiksee isaanii jalatti wal faana akka taʼan beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis taʼe jennee yoo adda of baasne Tiksee keenya hordofuu hin dandeenyu. “Tuuta” ‘tiksee’ tokko jala jiru taʼuudhaaf, Kiristiyaanota kaanii wajjin walitti qabamuu qabna. Walgaʼii irratti yeroo argamnu, tokkummaa obbolummaa keenyaatiif gumaacha goona. (Far. 133:1) Obboloota keenya keessaa tokko tokko, warra isaanii fi obboloota isaaniitiin kan jibbamani dha. Taʼus, Yesuus maatii hafuuraa isaan jaallatuu fi isaaniif yaadu akka isaaniif kennu waadaa galeera. (Mar. 10:29, 30) Yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuudhaan, obboloota jaallatamoo kanaaf abbaa, haadha, obboleessa ykn obboleettii taʼuu kee argisiisuu dandeessa. Kun walgaʼiiwwan hunda irratti argamuudhaaf hamma dandeenye carraaqqii akka goonu nu hin kakaasuu? w16.04 3:9, 10

Kibxata, Adoolessa 3

Yeroo kadhannaadhaaf dhaabattan, Abbaan keessan inni samii cubbuu keessan akka isiniif dhiisuuf, wanta namni kam iyyuu isin mufachiise hunda isaaf dhiisaa.—Mar. 11:25.

Warra kaanii wajjin nagaa hin uumnu yoo taʼe, carraaqqiin nuti Waaqayyoon tajaajiluuf goonu, jechuunis kadhannaan, walgaʼii irratti argamuun, tajaajila baʼuun, akkasumas sochiiwwan waaqeffannaa kaan irratti hirmaachuun keenya gatii hin qabaatu. Dogoggora warra kaanii isaaniif dhiisuuf fedhii hin qabnu taanaan, michuu Waaqayyoo taʼuu hin dandeenyu. (Luq. 11:4; Efe. 4:32) Kiristiyaanonni hundi warraa kaaniif dhiifama gochuu fi nagaa uumuu ilaalchisee of eeggannoodhaan, akkasumas amanamummaadhaan irratti yaaduu qabu. Obboloota hidhata amantii kee taʼaniif dhiifama ni gootaa? Isaanii wajjin yeroo dabarsuun si gammachiisaa? Yihowaan tajaajiltoonni isaa dhiifama akka godhan barbaada. Qalbiin kee gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu akka qabdu yoo sitti hime, Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu! Abbaan keenya inni samii kadhannaa gad of qabuudhaan dhihaatu akkanaa ni dhagaʼa; deebiis ni kenna.—1 Yoh. 5:14, 15. w16.05 1:6, 7

Roobii, Adoolessa 4

Misiraachoon Mootummaa kun . . . ni lallabama.—Mat. 24:14.

Hojiin lallabaa dursee dubbatame kun yeroo hammamiitiif tura? Yesuus, hojiin lallabaa addunyaa maratti hojjetamu kun hamma bara dhumaatti akka itti fufuu fi ‘sana booda dhumni akka dhufu’ dubbateera. Gareen amantii kan biraan bara dhumaa kanatti misiraachicha lallabaa jiru jiraa? Namoonni tajaajila irratti nu mudatan tokko tokko, “Hafuura qulqulluu kan qabu nu dha, hojicha hojjechaa kan jiru garuu isini” nuun jedhu taʼa. Maarree, hojicha jabaannee hojjechuun keenya hafuura Waaqayyoo qabaachuu keenyaaf ragaa hin taʼuu? (HoE. 1:8; 1 Phe. 4:14) Yeroo tokko tokko, gareewwan amantii tokko tokko hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hundumaa hojjetan hojjechuuf yaalu; garuu hin milkaaʼan. Warri kaan immoo yeroo muraasaaf hojii misiyoonummaa irratti kan hirmaatan taʼus, utuu hin turin jireenya isaanii duraaniitti deebiʼu. Kaan immoo manaa gara manaa deemuuf illee ni yaalu taʼa; haa taʼu malee maal lallabu? Deebiin gaaffii kanaa, akka isaan hojii Kiristoos jalqabe hojjechaa hin jirre ifa godha. w16.05 2:13, 16

Kamisa, Adoolessa 5

[Obbolootaa] gammaduu keessan, sirreeffama gochuu keessan, jajjabaachuu keessan, yaada tokko qabaachuu fi nagaadhaan jiraachuu keessan itti fufaa.—2 Qor. 13:11.

“Sirreeffama gochuu” fi “namummaa haaraa” uffachuuf utuu wal irraa hin kutin carraaquu qabna. Phaawulos amantoota hidhata isaa taʼaniin akkana jedheera: “Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simuu fi hawwii isaa isa gowwoomsaa taʼeen mancaʼaa deemu hunda of irraa baastanii akka gattan barattaniittu. Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa; akkasumas, namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu.” (Efe. 4:22-24) Yaadni “haareffamuu keessan itti fufaa” jedhu, namummaa haaraa uffachuun adeemsa itti fufiinsa qabu taʼuu isaa argisiisa. Kun, Yihowaa tajaajilaa kan turre waggoota hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, amalawwan Kiristiyaanaa namummaa haaraa akka uffannu godhan horachuu fi fooyyeffachuu keenya itti fufuu akka dandeenyu waan mirkaneessuuf, baayʼee nama jajjabeessa. Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruu isaa itti fufuu ni dandaʼa. w16.05 4:8, 9

Jimaata, Adoolessa 6

Waaqayyo nama jaallatu in adaba.—Fak. 3:12.

THaalli Yihowaan keessatti nu tolchaa jiru, jannata hafuuraa isa yeroo ammaatti argamu dha. (Isa. 64:8) Addunyaa hamaadhaan kan marfamne taʼus, nageenyaa fi eegumsa akka qabnu nutti dhagaʼama. Yihowaa beekneerra, yeroo ammaattis jaalala abbummaa isaa arganneerra. (Yaq. 4:8) Addunyaa haaraa keessatti eebbawwan jannatni hafuuraa argamsiisu guutummaatti ni arganna. Yeroo sanatti jannatni hafuuraa keenya, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti fakkaattii ishii, jechuunis jannata lafa irraa ishii mudaa hin qabne qabaatti. Yeroo addunyaa maratti wanti hundi itti haareffamu sanatti, Yihowaan haala nuti yeroo ammaatti hubachuu hin dandeenyeen namoota lafa irra jiraatan barsiisuudhaan isaan tolchuu isaa itti fufa. (Isa. 11:9) Kana malees, rakkina tokko malee barumsawwan isaa fudhachuu fi fedha isaa raawwachuu akka dandeenyuuf, Waaqayyo sammuun keenyas taʼe qaamni keenya mudaa kan hin qabne akka taʼu godha. Kanaafuu, Yihowaan nu tolchuun isaa jaalala nuuf qabu kan argisiisu taʼuu isaa akka hubanne karaa argisiisuun jiraachuudhaan, isaaf ajajamoo taanee itti fufuuf haa murteessinu. w16.06 1:8, 9

Sanbadduraa, Adoolessa 7

Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokkicha dha.—Kes. 6:4, NW.

Jechoonni kun haasaa xumuraa Museen Dh.K.D. bara 1473⁠tti saba Israaʼel warra dirree Moʼaab irratti walitti qabamaniif dhiheesse keessaa tokko turan. Sabichi Biyyattii Abdachiifamte dhaaluuf laga Yordaanos ceʼuu jala gaʼee ture. (Kes. 6:1) Museen inni waggoota 40af isaan geggeessaa ture, sabichi rakkoowwan isa dura jiran moʼuuf onnataa akka taʼu barbaadee ture. Yihowaatti amanamuu fi inni Waaqa isaanii akka taʼetti isaaf amanamoo taʼuun isaan barbaachisa ture. Yaadni Museen dhuma irratti dubbate kun sabicha irratti dhiibbaa guddaa geessisee taʼuu akka qabu beekamaa dha. Museen Ajajawwan Kurnanii fi seerawwan kaan Yihowaan sabichaaf kenne erga ibsee booda, dubbii ergaa cimaa of keessaa qabuu fi Keessa Deebii 6:4, 5 irratti argamu dubbate. Israaʼeloonni Musee wajjin achitti walitti qabaman sun Waaqni isaanii Yihowaan “Yihowaa tokko” akka taʼe hin beekan turanii? Ni beeku turan. Israaʼeloonni amanamoo taʼan Waaqa tokko, jechuunis Waaqa abbootii isaanii isa kan Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob ni beeku, akkasumas ni waaqeffatu turan. w16.06 3:2, 3

Dilbata, Adoolessa 8

Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru; maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.—Mat. 24:36.

Yesuus yaada kana kan dubbate yeroo lafa irra turetti dha. Haa taʼu malee, Kiristoos addunyaa Seexanaa irratti waraana banuuf aangoon isaaf kennameera. (Mul. 19:11-16) Kanaafuu, amma Yesuus Armaagedoon yoom akka jalqabamu beeka jennee yaaduuf sababii gaʼaa qabna. Nuti garuu hin beeknu. Hamma rakkinni sun dhufutti dammaqinaan eeguun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Yihowaan garuu yeroon sun yoom akka taʼe sirriitti beeka. Yeroo isa sirrii dhumni itti dhufu murteesseera. Yeroon sun guyyaa guyyaadhaan gara jalqaba isaatti fiigaa jira; jalqabni isaas “hin turu.” (An. 2:1-3) Kana akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Raajiiwwan Yihowaan dubbate yeroo hunda yeruma jedhame sanatti raawwatamu! Waadaan Yihowaan rakkina guddaa irraa nu oolchuuf gales akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, badiisa sirna kanaa jalaa ooluu yoo barbaadne dammaqinaan eeguu qabna. w16.07 2:4-6

Wiixata, Adoolessa 9

[Pheexiros] “Warri kaan hundi yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu” jedheen.—Mar. 14:29.

Yeroo murteessaa taʼe tokkotti ergamoonni isaa Yesuusiin dhiisanii baqatanii turan. Pheexiros sana dura warri kaan yoo isa ganan illee, inni akka isa hin ganne dubbatee ture. (Mar. 14:27-31, 50) Haa taʼu malee, yeroo Yesuus hidhametti Pheexirosiin dabalatee ergamoonni isaa hundi isa dhiisanii baqatan. Pheexiros irra deddeebiʼee, ‘Yesuusiin hin beeku’ jedhee isa ganee ture. (Mar. 14:53, 54, 66-72) Taʼus, Pheexiros akka gaabbe waan argisiiseef, Yihowaan isatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Ati utuu yeroo sana barataa Yesuus taatee, gochi Pheexiros amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu irratti dhiibbaa ni godha turee? Yeroo ammaatti, Yihowaan namoonni dogoggora raawwatan sun yaada akka geddaratan yeroo akka isaaniif kenne, akkasumas dhuma irratti dogoggora sana akka sirreessuu fi karaa sirrii taʼeen tarkaanfii akka fudhatu ni amanta? Yeroo tokko tokko garuu namoonni cubbuu cimaa hojjetan carraa Yihowaan dhiifama isaaniif gochuuf bane tuffachuudhaan yaada geddarachuu didu. Haala akkanaa keessatti Yihowaan yeroo booda tarii gumii keessaa isaan baasuudhaan namoota dogoggora raawwatan akkanaa irratti akka murteessu isa irratti amanannaa ni qabaattaa? w16.06 4:8, 9

Kibxata, Adoolessa 10

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya . . . garaa keessan haa jajjabeessan;  . . isin haa cimsan.—2 Tas. 2:16, 17.

Eebbi guddaan karaa gaarummaa Yihowaa isa guddaa argannu kan biraan jajjabina dha. (Far. 51:17) Phaawulos, Kiristiyaanota Tasalonqee warra rakkinni hedduun isaan irra gaʼeef yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru isaaniif barreesseera. Gaarummaa isaa isa arjummaa irratti hundaaʼeen kan kaʼe, kunuunsa Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe argachuun keenya baayʼee nama jajjabeessa! Cubbamoota waan taaneef, ofii keenyaan abdii hin qabnu turre. (Far. 49:7, 8) Yihowaan garuu abdii dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Yesuus, “Fedhiin Abbaa koo namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi” jechuudhaan duuka buutota isaatiif waadaa galeera. (Yoh. 6:40) Eeyyee, abdiin jireenya bara baraa kennaa dinqisiisaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaan argisiifamu dha. Phaawulos inni kana hubate, ‘gaarummaan Waaqayyoo inni akaakuu namoota hundaatiif fayyina argamsiisu akka mulʼifame’ dubbateera.—Tit. 2:11. w16.07 3:14, 15

Roobii, Adoolessa 11

Haadha manaa qerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa!—Mil. 2:15.

Yeroo harʼaa, sabni Yihowaa hiriyaa gaaʼelaa ofii gowwoomsuu akka laayyootti hin ilaalan. Dhiirri ykn dubartiin cuuphaman tokko hiriyaa gaaʼelaa isaanii hiikuudhaan nama kan biraa wajjin gaaʼela godhatan haa jennu. Namoonni kun yaada hin geddaratan taanaan qulqullinni gumii akka eegamuuf gumiidhaa baafamu. (1 Qor. 5:11-13) Inni ykn ishiin gara gumiitti deebiʼuu isaanii dura ‘firii yaada geddarachuu isaanii argisiisu godhachuu’ qabu. (Luq. 3:8; 2 Qor. 2:5-10) Namni kun gara gumiitti deebiʼuu isaa dura hammam turuu akka qabu murteeffamuu baatus, gowwoomsaan saba Waaqayyoo gidduutti darbee darbee uumamu akkanaa akka laayyootti hin ilaalamu. Namni cubbuu hojjete tokko dhuguma akka yaada geddarate argisiisuuf tarii waggaa tokko ykn isaa ol itti fudhachuu dandaʼa. Namoonni kun yoo gara gumiitti deebiʼan illee, “barcuma murtii Waaqayyoo dura” dhaabatanii deebii kennuun isaanii hin oolu.—Rom. 14:10-12. w16.08 1:12, 13

Kamisa, Adoolessa 12

Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu tokko hojii gaarii hawwa.—1 Xim. 3:1.

TJechi afaan Giriikii “carraaquu” jedhamee hiikame, wanta salphaatti bira gaʼuu hin dandeenye qabuuf hiixachuu jechuu dha. Phaawulos ergamaan jecha kanatti fayyadamuudhaan karaa hafuuraa guddina gochuun carraaqqii gochuu akka gaafatu ibseera. Obboleessi tokko gara fuulduraatti gumii keessatti guddina akkamii irra akka gaʼu yaadaa jira haa jennu. Yeroo ammaatti tajaajilaa gumii taʼuu baatus, amalawwan gaggaarii horachuun akka isa barbaachisu hubate. Jalqaba, tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii godha. Yeroo booda immoo, ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf karaa hafuuraa gaʼeessa akka taʼu abdata. Gama lamaaniin iyyuu, ulaagaalee gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuuf barbaachisan guutuuf ciminaan hojjechuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni qajeelchaa taʼanii ykn Betʼel galanii tajaajiluu barbaadan, akkasumas ijaarsa Galma Mootummaa irratti fedhiidhaan hirmaachuu barbaadan galma isaanii irra gaʼuuf hiixachuu qabu. w16.08 3:3, 4

Jimaata, Adoolessa 13

Isaan kun garboota kee fi saba kee warra ati humna kee isa guddaadhaa fi irree kee isa cimaadhaan furte dha.—Nah. 1:10.

Nahimiyaan yommuu gara Yerusaalem deemetti wanta isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu yaadaa. Magaalattiin waan tokko illee of irraa ittisuu hin dandeessu; Yihudoonni kaanis garmalee abdii kutataniiru. Doorsisni diinotaa Yihudoonni harki isaanii laafee, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu akka dhaaban godheera. Nahimiyaan hoo haalli kun abdii isa kutachiisee harka isaa akka laaffisu heyyameeraa? Lakki! Akkuma Musee, Aasaa fi tajaajiltoota amanamoo Yihowaa kaanii, Nahimiyaanis barsiifata kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qaba ture. (Bau. 17:8-13; 2 Sen. 14:8-13) Yeroo kanattis akkasuma godhe. Yihudoonni rakkinni isaan mudate humnaa ol isaanitti fakkaatus, Yihowaan kadhannaa Nahimiyaan gargaarsa argachuuf garaadhaa dhiheesseef deebii kenneera. Waaqayyo harka Yihudootaa isa laafe jabeessuuf ‘humna isaa isa guddaa fi irree isaa isa cimaatti’ fayyadameera. (Nah. 2:17-20; 6:9) Yihowaan yeroo ammaatti tajaajiltoota isaa jabeessuuf, ‘humna isaa isa guddaa fi irree isaa isa cimaatti’ akka fayyadamu ni amantuu? w16.09 1:9

Sanbadduraa, Adoolessa 14

Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.—1 Qor. 10:31.

Gaazexaan Afaan Dachii tokko walgaʼii gaggeessitoota waldootaa ilaalchisee akkana jedhee gabaaseera: “Keessumaa yeroo hoʼaa, uffata seera qabeessa hin taane uffatanii arguun baramaa dha. Walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti garuu haalli isaa kana irraa adda dha.” Eeyyee, Dhugaa Baatonni Yihowaa, “maal naan jedhuu fi hubannaadhaan uffata ulfina qabeessa uffachuudhaan . . . [warra] Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti” waan of miidhagsaniif yeroo baayʼee ni galateeffatamu. (1 Xim. 2:9, 10, milj.) Phaawulos kan dubbate waaʼee dubartootaa taʼus, ulaagaan kun dhiirota Kiristiyaanota taʼaniifis ni hojjeta. Saba Yihowaa waan taaneef, ulaagaa uffataa sirrii taʼe qabaachuun keenya barbaachisaa dha; Waaqni inni waaqeffannus kanaaf iddoo guddaa kenna. (Uma. 3:21, NW) Wanti Kitaabni Qulqulluun uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu ilaalchisee dubbatu, Yihowaa inni uumama cufa irratti Ol Aantummaa qabu waaqeffattoota isaa warra dhugaatiif ulaagaa uffannaa seera qabeessa taʼe akka baase argisiisa. Kanaaf, uffannaa fi akkaataa itti of miidhagsinu kan filannu wanta Yihowaa isa Gooftaa Ol Aanaa taʼe gammachiisus tilmaama keessa galchuu qabna. w16.09 3:1, 2

Dilbata, Adoolessa 15

Namoonni Waaqayyo biraa ergaman hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan.—2 Phe. 1:21.

Obboloonni tokko tokko raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn Kitaaba Qulqulluu wanta barreessitoonni seenaa, saayintiistonnii fi qoʼattoonni arkiʼooloojii jedhanii wajjin wal bira qabanii ilaaluu jaallatu. Fakkeenyaaf Uumama 3:15 haa ilaallu. Yihowaan raajii iddoo guddaa qabu kana kan dubbate Addaamii fi Hewwaan bulchiinsa isaa irratti fincila erga kaasanii booda ture. Raajiin kun, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbatamanii fi Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsi Waaqayyoo hunda irra kan wayyu taʼuu isaa kan mirkaneessu, akkasumas rakkina hunda kan balleessu akkamitti akka taʼe akka hubannu nu gargaaran hedduu keessaa isa jalqabaa ti. Uumama 3:15 qoʼachuu kan dandeessu akkamitti? Caqasoota Kitaaba Qulqulluu raajiin kun akkamitti akka raawwatamu balʼinaan ibsan tarreessi. Achiis caqasoonni kun yoom akka barreeffaman erga adda baafattee booda, duraa duubaan barreessi. Barreessitoonni kun yeroo garaa garaatti kan jiraatan taʼus, hundi isaanii wanta raajicha caalaatti ifa godhu akka barreessan hubatta. Kunis hafuurri Yihowaa akka isaan geggeesse sii mirkaneessa. w16.09 4:8

Wiixata, Adoolessa 16

Siin isa tokko irra adda kan godhe eenyu?—1 Qor. 4:7.

Pheexiros ergamaan yeroo namoota Yihudoota hin taane halaalatti itti jibbe qaba ture; taʼus, suutuma suutaan ilaalcha isaa dogoggora taʼe kana garaa isaa keessaa balleessuu barateera. (HoE. 10:28, 34, 35; Gal. 2:11-14) Haaluma wal fakkaatuun, nutis wanti halaalatti akka nama jibbinu ykn sabboonummaa akka qabnu argisiisu xinnoon illee akka nu keessa jiru yoo hubanne, garaa keenya keessaa buqqisnee gatuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. (1 Phe. 1:22) Hundi keenya iyyuu, fayyinni akka nuuf hin mallee fi lammummaan keenya maal iyyuu yoo taʼe cubbuu akka dhaalle yaadachuun nu barbaachisa taʼa. (Rom. 3:9, 10, 21-24) Kanaaf, namoota kaan akka caallu maaliif nutti dhagaʼama ree? Nutis ilaalcha akkuma Phaawulos isa obboloota isaa warra dibamoo taʼan “isin kana booda keessummaa fi orma miti; kanaa mannaa . . . miseensota maatii Waaqayyoo ti” jechuudhaan gorsee qabaachuu qabna. (Efe. 2:19) Namoota akkaataan guddinaa isaanii nu irraa adda taʼe halaalatti jibbuu irraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya, namummaa haaraa akka uffannu nu gargaaruu dandaʼa.—Qol. 3:10, 11. w16.10 1:9

Kibxata, Adoolessa 17

[Inni] halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada.—Far. 1:2.

Yihowaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf, Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu nuu kenneera. “Gammachuu” argachuuf, akkasumas wanti hundi ‘akka wal nuu qixxaatuuf,’ yoo dandaʼame Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti dubbisuu qabna. (Far. 1:1-3; HoE. 17:11) Achiis, akkuma waaqeffattoota Yihowaa bara Kiristiyaanotaa dura turanii, waadaawwan Waaqayyo gale irratti xiinxaluu fi wantoota inni nu irraa barbaadu hojii irra oolchuu qabna. Akkasumas, Yihowaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee nyaatawwan hafuuraa hedduu nuu kennuudhaan nu eebbiseera. (Mat. 24:45) Kanaafuu, wanta qophii hafuuraa Yihowaan nuu godhe irraa barannuuf bakka guddaa kennuudhaan, akka fakkeenyota amantii durii abdii Mootummichaa ‘mirkanaaʼaa taʼanii eeggachaa’ turanii taʼuu dandeenya. (Ibr. 11:1) Kadhannaanis dhugaa baatonni bara Kiristiyaanotaa dura turan amantii isaanii akka eeggatan isaan gargaareera. Waaqayyo kadhannaa isaaniitiif deebii yeroo kennu arguun isaanii amantii isaanii jabeesseeraaf.—Nah. 1:4, 11; Far. 34:4, 15, 17; Dan. 9:19-21. w16.10 3:7, 8

Roobii, Adoolessa 18

Amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan garuu ani gatii hin qabu.—1 Qor. 13:2.

Yesuus gaaffii, “Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?” jedhuuf yeroo deebii kennetti, amalli hunda caalaa barbaachisaa taʼe jaalala Waaqayyoof qabnu taʼuu isaa ibseera. (Mat. 22:35-40) Jaalallii fi amantiin barbaachisaa waan taʼeef, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu amaloota lamaan kana yeroo baayʼee hima ykn gaalee tokko keessatti itti fayyadamaniiru. Phaawulos obboloonni isaa ‘gaachana qomaa amantii fi jaalalaa akka uffatan’ gorseera. (1 Tas. 5:8) Yohaannis akkana jedhee barreesseera: “Ajajni [Waaqayyoo] isa kana: kunis maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni ajaja nuu kennetti akka wal jaallannu dha.” (1 Yoh. 3:23) Amantiin barbaachisaa taʼus, waadaawwan Waaqayyo nuuf gale yeroo raawwatamanii fi abdiin keenya yeroo nuuf dhugoomu ni hafa. Jaalalli nuti Waaqayyoo fi namootaaf qabnu garuu matumaa hin badu. Phaawulos akkana jedheera: “Haa taʼu malee, wantoonni sadan kun yeroo hundumaa jiraatu, isaanis amantii, abdii fi jaalala dha; isaan keessaa inni hunda irra caalu garuu jaalala dha.”—1 Qor. 13:13. w16.10 4:15-17

Kamisa, Adoolessa 19

Gumiiwwan amantiitti cimaa [deeman].—HoE. 16:5.

Obboloonni qaama ol aanaa bakka buʼanii biyyoota adda addaa deeman, “murtoo ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa jiran murteessan” gumiiwwanitti himu turan. (HoE. 16:4) Gumiiwwanis murtoo kanaaf waan ajajamaniif, “amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.” Jaarmiyaa Waaqayyoo irraa qajeelfamni yommuu nuuf kennamu maal gochuu qabna? Dubbiin Yihowaa, hundi keenya iyyuu ajajamuu fi bitamuu akka qabnu dubbata. (Kes. 30:16; Ibr. 13:7, 17) Ceephoo fi ajajamuu diduun jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti iddoo hin qaban; sababiin isaas ilaalchi akkasii jaalala, nagaa fi tokkummaa gumichaa ni booressa. Kiristiyaanni amanamaan kam iyyuu akka Diyooxiraaxis, kan nama hin kabajnee fi gantuu taʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha. (3 Yoh. 9, 10) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Obboloonni kaan karaa hafuuraa akka cimaniif gumaacha gochaan jiraa? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban yommuu qajeelfama kennan fudhachuu fi deggeruuf dafee tarkaanfii nan fudhadhaa?’ w16.11 2:10, 11

Jimaata, Adoolessa 20

Mandara ani akka isin boojiʼamtanii itti geeffamtan godhe, kanaaf nagaa barbaadaa.—Er. 29:7.

Yihudoonni boojiʼamanii fi fedha Waaqayyoo raawwatan Baabilonitti illee hamma tokko jireenya gaarii jiraatu turan. Warri Baabilon dhimmoota dhuunfaa isaanii tokko tokko akka raawwatan Yihudootaaf ni heyyamu turan. Boojiʼamtoonni kun biyyattii keessa sosochoʼuuf illee bilisummaa qabu turan. Bara duriitti Baabilon wiirtuu daldalaa turte; ragaawwan qotamanii baʼan akka argisiisanitti immoo Yihudoonni hedduun ogummaa bittaa fi gurgurtaa, warri kaan immoo ogummaa harkaa barataniiru. Kanaaf Yihudoonni tokko tokko sooreyyii taʼanii turan. Boojuun Baabilon garbummaa Gibxii waggoota hedduu dura Israaʼelonni jala turan irraa adda ture. (Bau. 2:23-25) Israaʼeloonni karaa guutummaatti fudhatama qabuun deebiʼanii Waaqayyoon ni waaqeffatuu laata? Yeroo sanatti, kun waan dandaʼamu hin fakkaatu ture. Baabilon matumaa boojiʼamtoota ishii gadhiistee hin beektu. Taʼus Yihowaan sabni isaa bilisa akka baʼan waadaa galee ture; isaanis bilisa baʼaniiru. Wanti Waaqayyo waadaa gale matumaa utuu hin raawwatamin hin hafu.—Isa. 55:11. w16.11 4:3, 5

Sanbadduraa, Adoolessa 21

Cubbuudhaaf takkaa [duuneerra].—Rom. 6:2.

Kiristiyaanonni sun amma iyyuu utuu lafa irra jiranii, akkas jechuun kan dandaʼamu akkamitti? Waaqayyo, Phaawulosii fi Kiristiyaanota bara isaatti turan kaaniif furichi hojii irra akka oolu godheera. Kanaaf, Yihowaan cubbuu isaaniitiif dhiifama godheera, hafuura qulqulluudhaan isaan dibeera, akkasumas ilmaan isaa hafuuraa akka taʼan isaan waameera. Kanaan kan kaʼes, abdii samii irra jiraachuu argataniiru. Amanamoo taʼuu isaanii yoo mirkaneessan, samii irra Kiristosii wajjin jiraachuu fi isaa wajjin bulchuu ni dandaʼu. Haa taʼu malee, Phaawulos utuma lafa irra jiranii fi Waaqayyoon tajaajilaa jiranii, ‘cubbuudhaaf takkaa duʼaniiru’ jedhee waaʼee isaanii dubbachuu dandaʼeera. Phaawulos, Yesuus isa akka namaatti duʼee fi hafuura hin duune fudhatee samii irra jiraachuuf kaʼe akka fakkeenyaatti caqaseera. Sana booda duuti Yesuus irratti gooftummaa hin qabaatu. Haalli Kiristiyaanota dibamoo, ‘cubbuudhaaf duʼanii fi karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoof jiraachaa akka jiranitti’ of ilaalaniis kanaa wajjin walfakkaata. (Rom. 6:9, 11) Akkaataan jireenyaa isaanii guutummaatti jijjiirameera. Fedhiin cubbuu raawwachuuf qaban akka isaan toʼatu heyyamuu dhiisaniiru. Yeroo sanaa kaasee karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf waan isaanii dandaʼame hunda godhaniiru. Kanaaf, jireenya isaanii isa duraatiif duʼaniiru jechuu dha. w16.12 1:9, 10

Dilbata, Adoolessa 22

Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . jireenyaa fi nagaa fida.—Rom. 8:6.

Kana jechuun garuu namni tokko wanti inni yaadus taʼe wanti inni dubbatu hundi waaʼee Kitaaba Qulqulluu, waaʼee jaalala Waaqayyoof qabuu, akkasumas waaʼee abdii isaa gara fuulduraa qofa taʼa jechuus miti. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti Waaqayyoon gammachiisan kaan, jireenyi isaanii karaa hedduutiin kan namoota kaanii irraa adda akka hin turre haa yaadannu. Ni nyaatu, akkasumas ni dhugu turan. Baayʼeen isaanii gaaʼela dhaabbatanii ijoollee godhataniiru; akkasumas wanta isaan barbaachisu guuttachuuf hojii ni hojjetu turan. (Mar. 6:3; 1 Tas. 2:9) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo jaarraa jalqabaatti turan sochiiwwan baramaa taʼan akkasii jireenya isaanii keessatti iddoo guddaa akka qabaatan hin heyyamne. Seenaan isaa Phaawulos dunkaana hodhuudhaan jiraachaa akka ture erga ibsee booda, wanti jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabu, jechuunis jireenyi isaa yeroo hunda lallabuu fi barsiisuu irratti kan xiyyeeffate akka ture argisiisa. (HoE. 18:2-4; 20:20, 21, 34, 35) Obboloonni isaa Roomaa keessa turanis hojii kana irratti akka hirmaatan jajjabeesseera. Dhuguma iyyuu, jireenyi Phaawulos qophiiwwanii fi sochiiwwan hafuuraa irratti kan xiyyeeffate ture. Obboloonni Roomaa fakkeenya isaa hordofuun isaan barbaachisee ture; nutis akkasuma gochuu qabna.—Rom. 15:15, 16. w16.12 2:5, 15, 16

Wiixata, Adoolessa 23

Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa.—Fak. 19:17.

Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf goonu hunda akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhiphina ykn shakkii nutti dhagaʼamu kam iyyuu ni hubata. Rakkinni dinagdee yommuu nu dhiphisu, dhibeen fayyaa ykn miirri keenya tajaajila qulqulluu dhiheessinu yommuu nu jalaa daangessu gara laafina nutti argisiisa. Yihowaan carraaqqii tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼanii jiraachuuf godhaniif bakka guddaa akka kennu amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Ibr. 6:10, 11) Wanta nu yaaddessuuf xiyyeeffannaa akka kennu amanamuudhaan, ‘isa kadhata namaa dhagaʼutti’ dhihaachuu akka dandeenyus yaadadhaa. (Far. 65:2) ‘Abbaan gara laafinaa fi Waaqni jajjabina hundaa’ tarii obboloota nuu wajjin isa waaqeffatanitti fayyadamee, deggersa miiraa fi hafuuraa nu barbaachisu utuu hin qusatin nuuf kenna. (2 Qor. 1:3) Namoota kaanitti gara laafina yommuu argisiisnu Yihowaan ni gammada. (Mat. 6:3, 4) Nama gaarummaa akkasii argisiisu akka eebbisus waadaa galeera. w16.12 4:13, 14

Kibxata, Adoolessa 24

Bakka hafuurri Yihowaa [jiru] bilisummaan jira.—2 Qor. 3:17.

Yesuus yeroo lafa irra turetti qorumsa Diinni isaa inni guddaan isatti fide mormuuf mirga filannoo isaatti fayyadameera. (Mat. 4:10) Galgala duʼa isaa dura turetti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, fedha Waaqayyoo raawwachuuf akka kutate ammas mirkaneesseera. Akkana jedhe: “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe xoofoo kana ana irraa fageessi. Taʼus fedhiin koo utuu hin taʼin, fedhiin kee haa taʼu.” (Luq. 22:42) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi fedhii isaa raawwachuuf nu gargaaruun mirga filannoo keenyatti haa fayyadamnu! Kun waan dandaʼamu dhaa? Eeyyee, nutis fakkaattii Waaqayyootiin waan uumamneef fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenya. (Uma. 1:26) Haa taʼu malee, bilisummaan keenya daangaa qaba. Bilisummaan Yihowaa garuu daangaa hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo, bilisummaan keenya daangaa akka qabuu fi daangaa Yihowaan nuuf kaaʼe irra darbuu akka hin qabne ibsa. Fakkeenyaaf, haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif, ijoolleen immoo warra isaaniitiif bitamuu qabu.—Efe. 5:22; 6:1. w17.01 2:4, 5

Roobii, Adoolessa 25

Namni isin gidduu jiru hundi . . . hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne isin nan gorsa.—Rom. 12:3.

Yeroon keessa jiraannu yeroo baayʼee gammachiisaa taʼe dha. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa karaawwan hedduudhaan guddachaa jira; guddinni kun immoo jijjiiramni akka jiraatu taasiseera. Jijjiiramni kun dhuunfaatti kan nu tuqu yoo taʼe, gad of qabuudhaan, fedha keenya utuu hin taʼin fedha Yihowaa irratti haa xiyyeeffannu. Akkana gochuun keenya tokkummaan akka jiraatu taasisa. Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif akkana jedhee barreesseera: “Akkuma qaamni keenya utuu tokko taʼee jiruu, kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne, nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha.” (Rom. 12:4, 5) Haalli nuti keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya iyyuu fedha Mootummaa Yihowaa raawwachuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Obboloonni maanguddoo taatan, dargaggoonni hojii isin hojjechaa jirtan akka hojjetan leenjisaa. Warri dargaggoota taatan immoo itti gaafatamummaa fudhachuuf of dhiheessaa; kan gad of deebistan taʼaa; akkasumas yeroo hunda obboloota maanguddoo taʼaniif ulfina kennaa. Warri haadhotii manaa taatanis, fakkeenya Phirisqillaa ishii haadha manaa Aqiilaa taatee fi yommuu haalli isaanii jijjiirametti amanamummaadhaan isa deggertee hordofaa.—HoE. 18:2. w17.01 5:15, 16

Kamisa, Adoolessa 26

Ani mana abbaa [kootiitti] quxisuu dha.—Abo. 6:15.

Giidewon, maatiin isaa fi iddoon inni qabu gad aanaa taʼuu isaa akka hubate argisiiseera. Hojii Yihowaan isaaf kenne erga fudhatee booda, wanta isa irraa eegamu guutummaatti kan hubate taʼuu isaa irra iyyuu qajeelfama Yihowaa gaafateera. (Abo. 6:36-40) Giidewon gara kuteessaa fi ija jabeessa ture. Taʼus, ogummaa fi of eeggannoodhaan tarkaanfii fudhateera. (Abo. 6:11, 27) Hojii isaaf kennametti fayyadamee beekamummaa argachuuf carraaqqii hin goone. Kanaa mannaa, hojii Yihowaan akka hojjetu isa gaafate erga raawwatee booda, gammachuudhaan gara iddoo isaa isa duraatti deebiʼe. (Abo. 8:22, 23, 29) Gad of deebisuun mirga tajaajilaa dabalataa fudhachuu hin qabnu ykn argachuuf carraaquu hin qabnu jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun hundi keenya guddina akka goonu nu jajjabeessa. (1 Xim. 4:13-15) Haa taʼu malee kun yeroo hunda hojii keenya jijijjiiruu gaafata jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Yeroo ammaatti mirgi tajaajilaa qabnu maal iyyuu yoo taʼe, eebba Yihowaatiin karaa hafuuraa guddina argisiisuu dandeenya. Dandeettiiwwan Waaqayyo nuuf kenne fooyyeffachuu fi hojii gaarii hojjennu guddifachuu keenya itti fufuu dandeenya. w17.01 3:15, 16

Jimaata, Adoolessa 27

Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge.—1 Yoh. 4:9.

Yihowaan gatii guddaa kan isa gaafatu taʼu illee furicha qopheesseera. (1 Phe. 1:19) Inni ilmaan namootaatiif bakka guddaa waan kennuuf, Ilmi isaa tokkichi nuuf jedhee akka duʼu gochuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Yesuus, Addaam isa abbaa keenya isa jalqabaa taʼe bakka buʼuudhaan abbaa keenya taʼeera jechuu dha. (1 Qor. 15:45) Yesuus akkas gochuun isaa, jireenya akka argannu qofa utuu hin taʼin, dhuma irrattis gara maatii Waaqayyootti akka deebinuuf carraa nuuf baneera. Eeyyee, Yihowaan aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan, seera isaa utuu hin cabsin ilmaan namootaa gara maatii isaatti akka deebiʼan gochuu dandaʼeera. Yeroo ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi mudaa kan hin qabne itti taʼan akka dhufu yaaduun nama hin gammachiisuu? Maatiin Yihowaa kutaan inni samii fi kutaan inni lafaa guutummaatti tokko taʼa. Kanaaf, hundi keenya guutummaatti ijoollee Waaqayyoo taana. (Rom. 8:21) Dinqisiifannaan furichaaf qabnu, namoonni kaanis kennaa gatii guddaa qabu kana akka hubatan gargaaruuf wanta nuuf dandaʼaame hunda akka goonu nu kakaasuu qaba. w17.02 1:17, 19

Sanbadduraa, Adoolessa 28

Garbichi amanamaanii fi ogeessi . . . dhuguma eenyu?—Mat. 24:45.

Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15, 2013, “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” garee xinnoo obboloota dibamoo Qaama Ol Aanaa taʼanii tajaajilan kan argisiisu taʼuu isaa ibseera. Miseensoonni Qaama Ol Aanaa gareedhaan taʼanii murtoo guguddaa godhu. Akkamitti? Miseensoonni Qaama Ol Aanaa torban torbaniin walgaʼii kan godhatan taʼuun isaanii, dhimmawwan adda addaa irratti akka mariʼatanii fi tokkummaa akka qabaatan isaan gargaara. (Fak. 20:18) Miseensi Qaama Ol Aanaa kam iyyuu isa kaan irra akka caalu waan isatti hin dhagaʼamneef, obboloonni walgaʼii sana irratti dura taaʼaa taʼanii tajaajilan waggaa waggaadhaan jijjiiramu. (1 Phe. 5:1) Koreewwan jaʼan Qaama Ol Aanaa jalatti argamanis haaluma kanaan hojjetu. Miseensonni qaama sanaa hundi akka geggeessitoota obboloota isaanii taʼanitti of hin ilaalan; kanaa mannaa akka miseensota “maatii” isaa garbicha amanamaa irraa nyaata hafuuraa argatuu fi qajeelfama inni kennuuf ajajamuutti of ilaalu. Qaamni Ol Aanaan mulʼata Waaqayyo irraa dhufuun kan geggeeffamu ykn dogoggora kan hin raawwanne miti. Kanaaf, dhimmawwan barumsa buʼuuraa wajjin wal qabatan irratti ykn qajeelfama jaarmiyichaaf kennu irratti dogoggoruu dandaʼa. w17.02 4:10-12

Dilbata, Adoolessa 29

[Waaqayyo] Ilma isaatiif illee utuu hin hilin hunda keenyaaf dabarsee . . . isa kenne.—Rom. 8:32.

Karaa guddaa furicha akka dinqisiifannu itti argisiisnu keessaa tokko, amantii furicha irratti qabnu irratti hundoofnee Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu dha. Cuuphamuun keenya “kan Yihowaa” taʼuu keenya argisiisa. (Rom. 14:8) Wanti Yihowaan hojjetu hundi jaalala irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, waaqeffattoonni isaa hundi hunda caalaa jaalala akka argisiisan barbaada. (1 Yoh. 4:8-11) Namoota jaallachuudhaan “ilmaan Abbaa [keenya] isa samii irraa” taʼuu akka barbaannu argisiisna. (Mat. 5:43-48) Ajajawwan guguddaa kennaman lamaan keessaa inni jalqabaa Yihowaa jaallachuu siʼa taʼu, inni lammaffaan immoo namoota jaallachuu dha. (Mat. 22:37-40) Jaalala namootaaf qabnu ajaja misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnuuf nuu kenname raawwachuudhaan argisiisuu dandeenya. Namoota akka jaallannu yommuu argisiisnu immoo, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisna. Ajaja namoota, keessumaa immoo obboloota keenya akka jaallannu nuuf kenname hojii irra yoo oolchine, jaalalli Waaqayyoof qabnu “nu keessatti guutuu taʼa.”—1 Yoh. 4:12, 20. w17.02 2:13, 14

Wiixata, Adoolessa 30

Gooftichi Israaʼel Waaqayyoo dha yoo taʼe, isa duukaa buʼaa! Yookiis Baʼaaltu Waaqayyoo dha yoo taʼe, isa duukaa buʼaa!—1 Mot. 18:21.

Yihowaa tajaajiluun yeroo hundumaa faayidaa kan qabuu fi gaarii waan taʼeef, filannoon kun salphaa akka taʼe isinitti dhagaʼama taʼa. Kana malees, namni ogeessa taʼe waaqa tolfamaa lubbuu hin qabne waaqeffachuu hin barbaadu. Taʼus, Israaʼeloonni ‘yaadni isaanii walaallammii taʼee’ ture. Kanaaf Eliyaas, ogummaa irratti hundaaʼee waaqeffannaa hunda caalu, jechuunis waaqeffannaa Yihowaa akka filatan isaan jajjabeesse. Israaʼeloota sanatti murtoowwan ogummaa irratti hundaaʼan gochuun kan isaanitti ulfaate maaliif taʼuu dandaʼa? Jalqaba, amantii Yihowaa irratti qaban dhabanii kan turan siʼa taʼu, sagalee isaa dhagaʼuu didaniiru. Ogummaa waaqayyoo fi beekumsa sirrii barachuu isaanii dhiisanii turan; kana malees Yihowaa irratti amantii hin qaban turan. Beekumsa sirrii argatanii wajjin wal simanii jiraachuun isaanii murtoo gaarii gochuu akka dandaʼan isaan gargaara ture. (Far. 25:12) Hunda caalaa immoo, saboonni Yihowaa hin waaqeffanne ilaalcha Israaʼelootaa irratti dhiibbaa kan godhan taʼuu isaa irraa iyyuu, waaqayyolii isaanii akka waaqeffatan godhaniiru. Haa taʼu malee, Yihowaan haalli akkanaa uumamuu isaa dura isaan akeekkachiisee ture.—Bau. 23:2. w17.03 2:6, 7

Kibxata, Adoolessa 31

[Hisqiyaas] fakkeenya bofa isa Museen sibiila boorrajjii irraa hojjetee ture . . . sana in caccabse.—2 Mot. 18:4.

Fakkeenya Hisqiyaas irratti yoo xiinxalle, wanta walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu irratti gufuu taʼu ykn wanta waaqeffannaa dhugaa irratti akka hin xiyyeeffanne nu taasisu balleessuu akka qabnu hubanna. Fakkeenya namoota addunyaa, warra weebsaayitii hawaasaatti fayyadamanii namoota kaan akka waaqolii tolfamootti ilaalanii hordofuu akka hin barbaanne ifa dha. Dhugaa dha, Kiristiyaanonni tokko tokko wantoota kanatti fayyadamanii maatii ykn michoota isaanii wajjin wal qunnamuun isaan gammachiisa taʼa. Namoonni addunyaa kanaa hedduun garuu, dhiirota ykn dubartoota eenyummaa isaanii illee hin beekne hordofuudhaaf weebsaayitii hawaasaa kanatti fayyadamu. Yookiin immoo suuraa namoota kanaa ilaaluu ykn waaʼee isaanii dubbisuudhaan yeroo dheeraa dabarsu. Barsiifanni akkanaa wantoota gatii hin qabneen akka muddamnu nu taasisuu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko wanta inni intarneetii irratti baase namoonni hammamii akka jaallatan ilaaluudhaan of tuuluu, yoo namoonni isaaf jaallachuu dhiisan immoo aaruu illee ni dandaʼa. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Namoota garmalee jajachuu ykn yeroo isa gatii guddaa qabu wantoota gatii hin qabne irratti dabarsuu irraa ofin qusadhaa?’—Efe. 5:15, 16. w17.03 3:14, 17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi