LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 77-87
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Roobii, Hagayya 1
  • Kamisa, Hagayya 2
  • Jimaata, Hagayya 3
  • Sanbadduraa, Hagayya 4
  • Dilbata, Hagayya 5
  • Wiixata, Hagayya 6
  • Kibxata, Hagayya 7
  • Roobii, Hagayya 8
  • Kamisa, Hagayya 9
  • Jimaata, Hagayya 10
  • Sanbadduraa, Hagayya 11
  • Dilbata, Hagayya 12
  • Wiixata, Hagayya 13
  • Kibxata, Hagayya 14
  • Roobii, Hagayya 15
  • Kamisa, Hagayya 16
  • Jimaata, Hagayya 17
  • Sanbadduraa, Hagayya 18
  • Dilbata, Hagayya 19
  • Wiixata, Hagayya 20
  • Kibxata, Hagayya 21
  • Roobii, Hagayya 22
  • Kamisa, Hagayya 23
  • Jimaata, Hagayya 24
  • Sanbadduraa, Hagayya 25
  • Dilbata, Hagayya 26
  • Wiixata, Hagayya 27
  • Kibxata, Hagayya 28
  • Roobii, Hagayya 29
  • Kamisa, Hagayya 30
  • Jimaata, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 77-87

Hagayya

Roobii, Hagayya 1

Wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaan guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.—Yaq. 1:4.

Waraanichi baayʼee dadhabsiisaa ture. Loltoonni Israaʼel Giidewon isa Abbaa Firdii taʼeen geggeeffaman, diinota isaanii, jechuunis loltoota Miidiyaanii fi deggertoota isaanii halkan guutuu fageenya gara kiilomeetira 32 ariʼanii turan! Israaʼeloonni yeroo kanatti abdii kutachuu akka hin qabne beeku turan. Kanaafuu, diinota isaanii barbadeessuuf, “ariʼuu ittuma in fufan”; achiis warra Miidiyaan injifataniiru. (Abo. 7:22; 8:4, 10, 28) Nutis waraana wal irraa hin cinne irratti hirmaachaa jirra. Diinonni keenya immoo Seexana, addunyaa isaa fi mudaa qabnu dha. Muraasni keenya waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif walʼaansoo gochaa kan turre siʼa taʼu, gargaarsa Yihowaatiin mooneerra. Yeroo tokko tokko garuu, diinota keenya loluun nu dadhabsiisuu dandaʼa; badiisa sirna kanaa obsaan eeguunis nu nuffisiisuu dandaʼa. Yeroo ammaatti guutummaatti moʼicha akka hin arganne beekamaa dha. Yesuus bara dhumaa kanatti ariʼatamnii fi hacuuccaan nu irra gaʼuu akka dandaʼu, akkasumas moʼicha argachuun keenya jabaannee dhaabachuu keenya irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa dubbateera.—Luq. 21:19. w16.04 2:1, 2

Kamisa, Hagayya 2

Isaanis barumsa ergamootaa cimsanii hordofuu isaanii, walitti qabamuu isaanii . . . itti fufan.—HoE. 2:42.

Walgaʼii keenya irratti, Barsiisaan keenya Yihowaan Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee nu geggeessa. (Isa. 30:20, 21) Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanee illee walgaʼii keenya irratti yommuu argaman, “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jechuu dandaʼu. (1 Qor. 14:23-25) Yihowaan walgaʼiiwwan keenya hafuura isaatiin kan eebbisu siʼa taʼu, barumsawwan Kitaaba Qulqulluu achitti kennamanis ni geggeessa. Kanaafuu, walgaʼiiwwan keenya irratti sagalee Yihowaa dhaggeeffachaa fi jaalala isaa argachaa jirra jechuu dha. Kun immoo isatti nu dhiheessa. Yesuus, “Lama yookiin sadii taʼanii bakka maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani isaan gidduutti nan argama” jedheera. (Mat. 18:20) Dhugaan kun walgaʼiiwwan keenyaafis ni hojjeta. Kiristoos mataa gumii waan taʼeef, gumiiwwan saba Waaqayyoo gidduu ni ‘deddeebiʼa.’ (Mul. 1:20–2:1) Yihowaa fi Yesuus walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka gaariitti nu jabeessaa jiru. Yihowaan, hawwii nuti isattii fi Ilma isaatti dhihaachuuf qabnu yommuu argu, maaltu waan itti dhagaʼamu sitti fakkaata? w16.04 3:13, 14

Jimaata, Hagayya 3

Daftee hin aarin!—Lal. 7:9.

Obboleettiin tokko obboloota lama yeroo nagaa gaafattutti wanta obboleessi inni tokko sirrii akka hin taane itti dhagaʼame dubbatte. Obboloonni sun yommuu kophaa isaanii taʼanitti, obboleessi inni mufate sun obboleettii sana komachuu jalqabe. Haa taʼu malee, obboleessi inni kan biraan obboleettiin kun haalawwan rakkisoo keessatti waggaa 40 oliif amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilte isa yaadachiise; akka ishiin waan hamaa hin yaadne mirkanaaʼaa ture. Obboleessichis yeroo muraasaaf dhimma kana irratti erga yaadee booda, “Dhugaa kee jette” isaan jedhe. Dhimmichis sana booda hin kaane. Muuxannoo kana irraa maal baranna? Haala walitti buʼiinsa uumuu dandaʼu akkamitti akka qabdu kan murteessu suma dha. Namni jaalala qabeessa taʼe dogoggora irra namaaf darba. (Fak. 10:12; 1 Phe. 4:8) Yihowaan, “balleessaa irra namaaf darbuu” kee akka ‘ulfinaatti’ ilaala. (Fak. 19:11) Kanaafuu, yeroo namni tokko karaa gaarummaa ykn ulfina hin qabneen si qabu, jalqaba ‘Dogoggora kana irra darbuu nan dandaʼaa? Irratti yaaduu koo itti fufuun qabaa?’ jedhii of gaafadhu. w16.05 1:8, 9

Sanbadduraa, Hagayya 4

[Waaqayyo] fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif humna isiniif kenna.—Filp. 2:13.

Yeroo harʼaatti dhugumaan misiraachoo Mootummichaa lallabaa kan jiran eenyu dha? Amanannaa guutuudhaan, “Dhugaa Baatota Yihowaa ti” jechuu dandeenya. Mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Ergaa sirrii, jechuunis misiraachoo Mootummichaa lallabaa waan jirruufi dha. Gara namootaa dhaquudhaanis malawwan sirriitti fayyadamaa jirra. Hojii lallabaa kana kan hojjennu qarshii argachuuf utuu hin taʼin, kakaʼumsa sirriidhaan, jechuunis jaalalaan kakaanee ti. Saba hundumaaf, akkasumas namoota afaan garaa garaa dubbataniif waan lallabnuuf hojiin keenya baayʼee balʼaa dha. Kana malees, hamma dhumni dhufutti waggaadhaa hamma waggaatti hojii kana utuu wal irraa hin kutin hojjechuu keenya itti fufna. Yeroo amma keessa jiraachaa jirru kanatti, hojii sabni Waaqayyoo hojjechaa jiran yommuu ilaallu baayʼee dinqisiifanna. Garuu, kun hundi taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Phaawulos ergamaan, yaada caqasa guyyaa harʼaa kanatti deebii isaa nuuf kenneera. Hundi keenya iyyuu, hamma dandeenye carraaqqii gochuu fi tajaajila keenya guutummaatti raawwachuudhaan, Abbaa keenya isa jaalala qabeessa irraa humna argachuu keenya itti haa fufnu.—2 Xim. 4:5. w16.05 2:17, 18

Dilbata, Hagayya 5

Wanta hamaa taʼe jibbaa; wanta gaarii taʼetti maxxanaa.—Rom. 12:9.

Fedhii isaa raawwachuu fi kana gochuuf carraaquudhaan, hammam akka isa jaallannuu fi isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu argisiisna. Kana malees, ol aantummaa isaa akka deggerru ni argisiisna. Seexanni ol aantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa irratti gaaffii kaaseera; kanaafuu, fedhiidhaan, akkasumas ciminaan ol aantummaa isaa kana deggeruuf carraaqqii gochuun keenya, Abbaa keenya isa samii gaarii taʼee fi nama dinqisiifatu duratti iddoo adda taʼe qabaanna. (Iyo. 2:3-5; Fak. 27:11) Haa taʼu malee, Yihowaan akka nuti isa gammachiisnuuf jecha fedhiiwwan dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuu irraa bilisa utuu nu baasee, gaaffiin amanamummaa keenyaa fi ol aantummaa isaa ilaalchisee kaʼe hiika hin qabaatu ture. Kanaafuu, Yihowaan amalawwan gaggaarii guddifachuuf ‘wanta dandeenyu hunda akka goonu’ nu gorseera. (2 Phe. 1:5-7; Qol. 3:12) Yaada keenyaa fi miira keenya toʼachuuf ciminaan akka hojjennu nu irraa eega. (Rom. 8:5) Gama kanaan garaadhaa carraaqqii gochuu keenyaan kan kaʼe, Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya jijjiiruu isaa akka itti fufe yommuu arginu ni gammadna. w16.05 4:12, 13

Wiixata, Hagayya 6

Yaa Waaqayyo! . . . Akka nama suphee dhaʼuutti harka keetiin nu tolchite.—Isa. 64:8.

Akkuma suphe dhooftuu dandeettii guddaa qabu tokkoo, Yihowaanis gosaa fi amala “suphee” fuula isaa dura jiruu ni beeka; akkuma haala isaattis suphee sana ni tolcha. (Far. 103:10-14) Dhuguma iyyuu, Yihowaan dadhabina, hanqinaa fi sadarkaa guddina hafuuraa keenya tilmaama keessa galchuudhaan dhuunfaatti nu tolcha. Ilaalchi inni tajaajiltoota isaa warra mudaa qabaniif qabu karaa Ilma isaa mulʼateera. Mee Yesuus dadhabina ergamoota isaa keessumaa immoo aangoo ilaalchisee falmii gidduu isaanii tureef akkamitti furmaata akka kenne ilaali. Falmii cimaa ergamoota Yesuus gidduu ture utuu argiteetta taʼee, namoonni kun garraamii fi salphaatti tolfamuu kan dandaʼan akka taʼan gootee isaan ilaalta turtee? Yesuus garuu ilaalcha gadhee isaaniif hin qabaanne. Ergamoonni isaa amanamoo taʼan kun gorsa inni gaarummaa fi obsaan isaaniif kennuun, akkasumas fakkeenya gad of qabuu inni argisiise ilaaluudhaan tolfamuu akka dandaʼan beeka ture. (Mar. 9:33-37; 10:37, 41-45; Luq. 22:24-27) Yesuus erga duʼaa kaʼee fi hafuurri qulqulluun erga dhangalaʼee booda, ergamoonni kan xiyyeeffatan aangoo ykn iddoo guddaa argachuu irratti utuu hin taʼin, hojii akka hojjetan inni isaaniif kenne irratti ture.—HoE. 5:42. w16.06 1:10

Kibxata, Hagayya 7

Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokkicha dha.—Kes. 6:4, NW.

Waaqni dhugumaan jiru ykn Waaqni dhugaan Yihowaa malee hin jiru; Waaqni kan biraan isa fakkaatus hin jiru. (2 Sam. 7:22) Kanaafuu Museen, Israaʼeloonni waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessan adda taʼuu akka qabu isaan yaadachiisaa ture. Namoota naannoo isaanii warra waaqayyolii dhiiraa fi dubartii taʼan garaa garaa waaqeffatan hordofuu hin qaban turan. Waaqayyolii sobaa kana keessaa tokko tokko kutaawwan uumamaa tokko tokko irratti aangoo akka qabanitti ilaalamu. Warri kaan immoo bifa garaa garaa waaqa tokkoo turan. Fakkeenyaaf, warri Gibxii waaqa aduu Raa jedhamu, waaqayyittii samii Naat jedhamtu, waaqa lafaa Geeb jedhamu, waaqa Abbayyaa Happii jedhamuu fi beeladoota akka qulqulluutti ilaalaman hedduu waaqeffatu turan. Waaqolii sobaa kana keessaa hedduun isaanii Dhaʼichawwan Kurnan Yihowaan isaanitti fideen balaa guddaan isaan irra gaʼeera. Waaqni Kanaʼaanotaa inni guddaan Baʼaal isa waaqa hormaataa taʼe siʼa taʼu, akka waaqa samii, waaqa bokkaa fi waaqa obomboleettii taʼees ni hojjeta ture. Iddoowwan hedduutti Baʼaal waaqa naannoo sanaa qofa akka taʼettis ni ilaalama. (Lak. 25:3) Israaʼeloonni Waaqni isaanii, ‘Waaqa dhugaa’ jechuunis “Yihowaa tokko” akka taʼe yaadachuu qabu.—Kes. 4:35, 39. w16.06 3:4, 5

Roobii, Hagayya 8

Wanta ani isin ajaje hunda akka [eegan] isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.—Mat. 28:20.

Amanannaan Yesuus Yihowaa fi saba isaa irratti qabu jabaa ture; ammas akkasuma dha. Dhuguma iyyuu wanta Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti tajaajiltoota isaatti fayyadamee raawwachaa jiru ilaaluun kan nama dinqisiisu dha. Warri kaan akka gumiiwwan Yihowaa warra yeroo harʼaatti tokkummaa qabanitti qajeelfama Yihowaa waan hin arganneef, sabni addunyaa maratti dhugaa labsaa jiru kan biraan hin jiru. Isaayaas 65:14 haala hafuuraa saba Waaqayyoo gidduutti babalʼatee jiru ilaalchisee, “Kunoo, garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu” jedha. Tajaajiltoonni Yihowaa, inni waan isaan geggeessuuf wanta gaarii hojjetanitti ni gammadu. Faallaa kanaatiin, addunyaan dhiibbaa Seexanaa jala jiru haalli isaa mancaʼaa waan adeemuuf ni gadda jechuun ni dandaʼama. Yihowaa fi qophiiwwan isaatiif amanamoo taanee jiraachuun nu barbaachisa. w16.06 4:10-12

Kamisa, Hagayya 9

Dammaqaa eegaa.—Mat. 25:13.

Dammaqoo taʼuun barbaachisaa taʼuu isaa, seenaawwan durii irraa barachuu ni dandeenya. Yeroo sanatti magaalaawwan guguddaan kan akka Yerusaalem jiran, dallaawwan dhedheeraadhaan marfamanii turan. Dallaawwan sun weerartoota ni ittisu; akkasumas iddoowwan eegumsaa ol kaʼoo taʼanii fi naannoo sana toʼachuuf gargaaran akka jiraatan godhu turan. Eegdonni, halkanii fi guyyaa dallaa irraa fi karra irra dhaabatu turan. Balaan gaʼuuf jedhu yoo jiraate, jiraattota magaalattii dammaqsuu qabu turan. (Isa. 62:6) Eegdonni dammaqoo taʼuun isaanii fi bakka eegumsaa isaaniitti argamuun isaanii, dhimma duʼaa fi jireenyaa ture. (His. 33:6) Barreessaan seenaa Yihudii taʼe Joseefas, Dh.K.B. bara 70⁠tti loltoonni Roomaa dallaa Masaraa Antooniyaa jedhamu isa dallaa Yerusaalemiin walqabatee jiru toʼannaa isaanii jala akka oolfatan ibseera. Kun kan taʼe, eegdonni rafanii waan turaniif ture! Loltoonni Roomaa karaa sanaan mana qulqullummaa weeraranii ibidda kan itti qabsiisan siʼa taʼu, kun immoo dhuma irratti rakkinni guddaan Yerusaalemii fi saba Yihudaa irra sanaan dura gaʼee hin beekne akka gaʼu godheera. w16.07 2:2, 7, 8

Jimaata, Hagayya 10

Dogoggora namoonni hamoo taʼean hojjetaniin gowwoofamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamne, akkasumas ejjennoo cimaan isin qabdan akka hin laafne of eeggadhaa.—2 Phe. 3:17.

Gaarummaan Yihowaa inni guddaan eebbawwan hedduu kan nuuf argamsiisu taʼus, amala hunda irra akka nuuf darbu yaaduu hin qabnu. Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu, namoonni ‘gaarummaa Waaqayyootiin qabatanii addaggummaa raawwatan’ jiru turan. (Yih. 4) Kiristiyaanonni amanamoo hin taane kun cubbuu hojjechuu fi Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu gaafachuu akka dandaʼan itti dhagaʼama ture. Kan nama gaddisiisu immoo, amala isaanii gadhee kana irratti akka hirmaatan obboloota kaan ni jajjabeessu turan. Harʼas taanaan, namni kana godhu “hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu” aarsa. (Ibr. 10:29) Yeroo harʼaatti, Seexanni Kiristiyaanonni tokko tokko araara Waaqayyoo akka argatanii fi cubbuu hojjechuu akka dandaʼan akka yaadan gochuudhaan isaan dogoggorsaa jira. Haa taʼu malee, Yihowaan cubbamoota qalbii geddarataniif dhiifama kan godhu taʼus, hawwii cubbuu keessa keenya jiru ciminaan akka lollu nu irraa eega. w16.07 3:16, 17

Sanbadduraa, Hagayya 11

Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata.—Mat. 19:9.

Halalummaan utuu hin raawwatamin wal hiikuun, namni tokko nama kan biraa fuudhuuf bilisummaa akka argatu hin godhu. Dhugaa dha, namni tokko akkuma Hoseʼaan haadha manaa isaa Gomer ishii halalee taateef dhiifama godhe, hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja raawwate yaada yoo geddarate dhiifama isaaf gochuu filachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Israaʼeloota karaa hafuuraa ejja raawwataniif dhiifama godheera. (Hos. 3:1-5) Namni tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja akka raawwate utuma beekuu, yoo saalqunnamtii wajjin raawwate dhiifama akka isaaf godhe argisiisa; sana booda yaanni Kitaaba Qulqulluu wal hiikuu heyyamu hojii irra ooluu hin dandaʼu. Yesuus yaada caqasa guyyaa harʼaa irratti argamu erga dubbatee booda, qeentee taʼanii jiraachuuf “warra kennaa isaa qaban” ilaalchisee dubbatee ture. Itti fufees, “Namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu” jedheera. (Mat. 19:10-12) Obboloonni hedduun yaada guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuuf jecha qeentee taʼanii jiraachuu filataniiru. Kana gochuu isaaniitiin galateeffatamuu qabu. w16.08 1:15, 16

Dilbata, Hagayya 12

Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu! Warri Waaqayyoon sodaatan homaa hin dhaban.—Far. 34:8, 9.

Dargaggoonni, cimina tajaajila Yihowaa keessatti hojii baayʼee hojjechuuf barbaachisu qabu. (Fak. 20:29) Dargaggoonni Betʼel keessa tajaajilan tokko tokko, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuu fi walitti hodhuu irratti hirmaatu. Hedduun isaanii immoo, Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi suphuu irratti hirmaatu. Dargaggoonni, yeroo balaan uumamaa gaʼutti obboloota muuxannoo qabanii wajjin gargaarsa gochuu irratti ni hirmaatu. Qajeelchitoota kan taʼan hedduun immoo, namoota biyya isaanii jiraniifis taʼe afaan kan biraa dubbatanitti misiraachicha himuu irratti gargaarsa gochaa jiru. Faarfatichi, “Warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban” jedhee faarfateera. (Far. 34:10) Yihowaan, namoota hinaaffaadhaan isa tajaajilan matumaa akka hin dhiisne beekamaa dha. Tajaajila isaa irratti hamma dandeenyu yoo goone, dhuunfaatti ‘gaarummaa Yihowaa miʼeeffannee ilaaluu dandeenya.’ Garaa guutuudhaan Waaqayyoon yoo waaqeffanne, gammachuu gita hin qabne arganna. w16.08 3:5, 8

Wiixata, Hagayya 13

Ani isin nan fayyisa, eebbaafis in taatu; isin humna jabaadhaa malee, hin sodaatinaa!—Zak. 8:13.

Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee nu jabeessuuf dandeettiis taʼe fedha qaba. (1 Sen. 29:12) Rakkina Seexannii fi sirni isaa inni hamaan nu irraan geessisan kam iyyuu damdamachuuf, hafuura qulqulluutti amanamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Far. 18:39; 1 Qor. 10:13) Kana malees, Dubbii Waaqayyoo isa hafuura qulqulluudhaan barreeffame waan qabnuuf guddaa galateeffanna. Nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi jiʼa jiʼaan argannus yaadaa. Yaanni Zakaariyaas 8:9, 13 irra jiru yommuu Yerusaalem deebitee ijaaramaa turtetti kan dubbatame taʼus, nuufis akka gaariitti hojjeta. Kana malees, barumsi Waaqayyo biraa argamuu fi walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi manneen barumsaa tiʼookraasii irratti barannus caalaatti nu jabeesseera. Leenjiin kun kakaʼumsa sirrii akka qabaannu, galmawwan hafuuraa akka baafannuu fi itti gaafatamummaa hedduu Kiristiyaanota taʼuu keenyaan qabnu raawwachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Far. 119:32) Barumsa akkasii irraa jabina argachuuf carraaqqii cimaa ni gootuu? w16.09 1:10, 11

Kibxata, Hagayya 14

Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii [mirkaneeffadhaa].—Rom. 12:2.

Seera Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne jibba Yihowaan uffannaa dhiiraa fi durba gargar baasanii beekuuf rakkisuuf qabu kan argisiisu dha. Uffannaan akkasii yeroo ammaatti faashinii saala lamaaniif taʼu jedhama. (Kes. 22:5) Qajeelfama Waaqayyo uffannaa ilaalchisee kenne irraa, Waaqayyo akkaataa uffannaa dhiira durba fakkeessu, durba immoo dhiira fakkeessu ykn dhiiraa fi durba gargar baasuuf rakkisutti akka hin gammanne hubanna. Dubbiin Waaqayyoo dhugaa buʼuuraa Kiristiyaanonni uffannaa ilaalchisee murtoo gaarii akka godhan gargaaru qabateera. Kun eessa iyyuu yoo jiraatan, aadaan isaanii ykn haalli qilleensaa isaa maal iyyuu yoo taʼe ni hojjeta. Qajeelfamni balʼaan uffannaan inni kam fudhatama akka qabuu fi inni kam fudhatama akka hin qabne ibsu nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu filannoo dhuunfaa gochuuf nu dandeessisuun gaggeeffamna. w16.09 3:3, 4

Roobii, Hagayya 15

Hundi isaanii isa dhiisanii baqatan.—Mar. 14:50.

Ija jabinaa fi amanamummaa barreessitoota Kitaaba Qulqulluu haa qoru. Barreessitoonni durii hedduun sobaan geggeessitoota isaanii kan jajanii fi mootummoota isaanii kan faarsan turan. Raajonni Yihowaa garuu yeroo hundumaa dhugaa isaa dubbatu turan. Dogoggora saba isaanii, akkasumas kan mootota isaanii illee barreessuuf fedhii qabu turan. (2 Sen. 16:9, 10; 24:18-22) Dogoggora ofii isaanii fi tajaajiltoota Waaqayyoo kaanii ifatti barreessaniiru. (2 Sam. 12:1-14; Mar. 14:50) Kitaabni Qulqulluun dhugaa buʼuuraa akka qajeelfamaatti gargaaru qabaachuun isaa, namoonni hedduun gaggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuu isaa akka amanan godheera. (Far. 19:7-11) Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu waaqeffannaa sobaa fi gocha hafuurota hamoo namoota hedduu garboomsan irratti akka hin hirmaannee nu eega. (Far. 115:3-8) Barumsawwan akka jijjiirama tirannaa, humna Yihowaan qofti qabu uumamaaf kennuudhaan uumama waaqa fakkeessu. Namoonni Waaqayyo akka hin jirre dubbatan jireenyi keenya gara fuulduraa guutummaatti harka keenya keessa jira jedhu. Taʼus, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii amansiisaa kennuu hin dandaʼan.—Far. 146:3, 4. w16.09 4:10, 11

Kamisa, Hagayya 16

Bissii bissii gidduudhaa . . . haa buʼattu ishee hin rifaasisinaa!—Rut. 2:15.

Boʼaz waaʼeen Ruutis taʼe haalli rakkisaan ishiin keessa turte akka isa yaaddesse argisiisa. Fakkeenyaaf, dhiironni maasicha keessaa hojjechaa jiran akka ishii hin rakkisneef, garee dubartootaa faana akka taatu godhee ture. Akkuma hojjetoota isaa warra qacaramanii, nyaataa fi bishaan gaʼaa akka argattus godhee ture. Kana malees Boʼaz, wanta dubartii hiyyeettii biyya biraatii dhufte kana salphisu dubbachuu mannaa, ishii jajjabeesseera. (Rut. 2:8-10, 13, 14) Boʼaz Ruutitti gaarummaa argisiisuuf kan kakaʼe, waan ishiin amaatii ishii Naaʼomiidhaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisteef qofa utuu hin taʼin, Yihowaa waaqeffachuuf murteessuun ishiis waan isa gammachiiseef ture. Gaarummaan Boʼaz argisiise, Yihowaan dubartii ‘bobaa Waaqayyo gooftaa Israaʼel jalatti kooluu galuu’ filatte kanatti jaalala amanamaa akka argisiise kan mulʼisu ture. (Rut. 2:12, 20; Fak. 19:17) Yeroo harʼaattis, gaarummaan keenya “akaakuun namootaa hundi” dhugaa akka baratanii fi Yihowaan hammam akka isaan jaallatu akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼa.—1 Xim. 2:3, 4. w16.10 1:10-12

Jimaata, Hagayya 17

Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase.—Far. 34:4.

Nutis Yihowaan akka nu dhagaʼuu fi gammachuudhaan akka obsinu akka nu gargaaru beekuudhaan wanta nu dhiphisu isatti himachuu dandeenya. Achiis, kadhannaan keenya yeroo deebii argatu amantiin keenya ni jabaata. (1 Yoh. 5:14, 15) Amantiin firii hafuuraa keessaa tokko waan taʼeef, akkuma Yesuus nu jajjabeesse hafuura Waaqayyoo argachuuf ‘kadhachuu keenya itti fufuu’ qabna. (Luq. 11:9, 13) Haa taʼu malee, kadhannaan keenya gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu irratti qofa kan xiyyeeffate taʼuu hin qabu. ‘Gochi dinqisiisaan’ guyyaa guyyaadhaan Yihowaa itti galateeffachuu fi jajachuu dandeenyu ‘lakkaaʼamuu hin dandaʼu!’ (Far. 40:5) Akkasumas kadhannaan keenya, ‘akkuma isaanii wajjin hidhamnee jirru goonee yaaduudhaan warra mana hidhaa keessa jiran yeroo hunda akka yaadannu’ kan argisiisu taʼuu qaba. Kana malees, obboloota keenya addunyaa maratti argaman, keessattuu “warra [nu] gidduutti geggeessitoota taʼan” ilaalchisee kadhachuu qabna. Yihowaan kadhannaa nuti tokkummaadhaan dhiheessinuuf deebii kennuu isaa yeroo arginu amantiin isa irratti qabnu ni jabaata!—Ibr. 13:3, 7. w16.10 3:8, 9

Sanbadduraa, Hagayya 18

Karaa amantii keessanii . . . fayyitaniittu; kunis kennaa Waaqayyoo ti malee hojii keessaniin kan argattan miti.—Efe. 2:8.

Bara keenyatti, sabni Yihowaa amantii Mootummaa Waaqayyoo isa hundeeffame irratti qaban hojiidhaan argisiisaa jiru. Kun immoo addunyaa maratti jannanni hafuuraa miseensota miliyoona saddeetii ol taʼan of keessatti qabate akka argamu godheera. Iddoon kun iddoo firii hafuura Waaqayyootiin guutame dha. (Gal. 5:22, 23) Kun jaalalaa fi amantii akka qabnu akka gaariitti kan argisiisu dha! Kun taʼuu kan dandaʼe humna namaatiin miti. Kana kan raawwate Waaqa keenya dha. Hojiin dinqisiisaan kun ‘maqaan Yihowaa akka beekamu godha; milikkita bara baraan hin badnes in taʼa.’ (Isa. 55:13) Hamma lafti namoota hirʼina hin qabne, qajeeloo fi gammadoo taʼaniin guutamtutti, jannanni hafuuraa keenya guddachuu fi dagaaguu isaa itti fufa; kun immoo maqaa Yihowaatiif bara baraaf ulfina argamsiisa. Waadaawwan Yihowaan nuuf gale irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu keenya itti haa fufnu! w16.10 4:18, 19

Dilbata, Hagayya 19

Namoonni tokko tokko . . . isin gidduu seera malee deddeebiʼaa [jiru].—2 Tas. 3:11.

Qajeelfama jaarsoliin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii nuuf kennan hordofuu qabna. Mee gorsa Phaawulos warra gumii keessatti seeraan hin deddeebine ilaalchisee kenne yaadadhaa. Namoonni tokko tokko “wanta isaan hin galchine keessa galaa” turan. Jaarsoliin gorsa isaaniif kennanii kan turan taʼus, gorsa sana fudhachuu didanii akka turan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Maarree gumichi nama akkasii irratti tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba ture? Phaawulos, “Mallattoo itti godhaa; michummaa isaa wajjin qabdanis dhaabaa” jedhee ajajeera. Taʼus, nama sana akka diinaatti akka hin ilaalle isaan akeekkachiiseera. (2 Tas. 3:11-15) Yeroo harʼaatti, namni tokko akkaataa jireenyaa gumicha irratti dhiibbaa gadhee geessisu hordofuu isaa kan itti fufu yoo taʼe, fakkeenyaaf nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin walitti dhufeenya jaalalaa yoo jalqabe, jaarsoliin haasaan akeekkachiisaa akka dhihaatu gochuu dandaʼu taʼa. (1 Qor. 7:39) Gorsa isaaniif maaltu sitti dhagaʼama? Haala haasicha keessatti ibsame kan beektu yoo taʼe, nama sanaa wajjin yeroo dabarsuu irraa of eeggattaa? Jaalalaan kakaatee nama sanaaf yaaduun kee fi ejjennoo cimaa qabaachuun kee, tarii namni sun akkaataa jireenyaa isaa gadhee taʼe sana akka dhiisu isa kakaasuu dandaʼa. w16.11 2:13

Wiixata, Hagayya 20

Isinuma gidduudhaa . . . namoonni barattoota ofitti fudhachuuf dhugaa micciiran ni kaʼu.—HoE. 20:30.

Guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti, Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatan hedduun hafuura qulqulluudhaan dibamanii turan. Kiristiyaanonni haaraan kun, ‘sanyii filatamaa, luboota mootii, saba qulqulluu, saba qabeenya Waaqayyoo taʼuuf fudhataman’ taʼaniiru. (1 Phe. 2:9, 10) Ergamoonni, hamma lubbuudhaan jiranitti gumiiwwan saba Waaqayyootiif eegumsa guddaa gochaa turaniiru. Haa taʼu malee, keessumaa ergamoonni erga duʼanii booda namoonni “barattoota ofitti fudhachuuf dhugaa micciiran” kaʼaniiru. (2 Tas. 2:6-8) Namoota kana keessaa hedduun isaanii gumii keessatti ilaaltota ol aanaa taʼanii tajaajilaa turan. Yesuus duuka buutota isaatiin, “Isin hundi keessan obbolaa dha” jedhee kan ture taʼus, gareen qeesotaa hundeeffamuu jalqabe. (Mat. 23:8) Namoonni beekamoon falaasama Aristootilii fi Pilaatoo hordofan, suutuma suutaan barumsa Dubbii Waaqayyoo isa qulqulluu taʼe, yaadawwan amantii sobaa babalʼisaniin bakka buusuu jalqaban. w16.11 4:8

Kibxata, Hagayya 21

Cubbuun qaama keessan isa duʼu irratti mootii akka taʼu hin godhinaa.—Rom. 6:12.

Kiristiyaanota taʼuu keenya dura, tarii gochi dogoggoraa ykn gadheen nuti raawwannu Waaqayyo duratti akkamitti akka ilaalamu utuu hin beekin, yeroo baayʼee cubbuu ni raawwanna turre. ‘Xuraaʼummaa fi hamminaaf garboota of goonee’ turre. ‘Garboota cubbuu turre’ jechuun ni dandaʼama. (Rom. 6:19, 20) Haa taʼu malee, dhugaa Kitaaba Qulqulluu yommuu beeknu, jireenya keenya irratti jijjiirama gochuudhaan, Waaqayyoof of murteessinee cuuphamneerra. Kanaan kan kaʼes, ‘cubbuu irraa bilisa baaneerra,’ akkasumas ‘qajeelummaadhaaf garboota taaneerra.’ (Rom. 6:17, 18) Wanta qaamni keenya inni mudaa qabu akka raawwannu nu kakaasu hunda raawwachuudhaan, ‘cubbuun mootii akka taʼu gochuu’ dandeenya. Cubbuun mootii akka taʼus taʼe mootii akka hin taane ‘gochuu’ waan dandeenyuuf, gaaffiin, ‘Dhuguma garaan keenya maal barbaada?’ jedhu kaʼuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Al tokko tokko, qaamni koo ykn sammuun koo inni cubbuu dhaale daandii dogoggoraatti akka na geessu nan heyyamaa? Moo cubbuudhaaf takkaa duʼeera? Deebiin gaaffilee kanaa, dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa dhiifama nuuf gochuudhaan inni nutti argisiiseef qabnu irratti kan hundaaʼe dha. w16.12 1:11, 12

Roobii, Hagayya 22

Yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun . . . nagaa fida.—Rom. 8:6.

Karaan nagaa akkasii itti argannu keessaa tokko, miseensota maatii keenyaa fi gumii keenyaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf carraaquu dha. Nutis taane obboloonni keenya mudaa kan qabnu akka taane beekna. Kanaaf, yeroo tokko tokko rakkinni uumamuu dandaʼa; yeroo kanatti, gorsa Yesuus “Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuu akka qabnu baranneerra. (Mat. 5:24) Obboloonni keenyas ‘Waaqayyo isa nagaa kennu’ tajaajilaa akka jiran yaadachuun keenya, kana gochuun akka nuuf salphatu godha. (Rom. 15:33; 16:20) Nagaan gatiidhaan hin shallagamne kan biraanis jira. ‘Yaadni keenya hafuura irratti akka xiyyeeffatu yoo goone,’ Uumaa keenyaa wajjin nagaa qabaanna. Isaayaas, raajii bara isaatti raawwatamee fi bara keenyatti caalaatti raawwatamaa jiru akkana jechuudhaan dubbateera: “Isa garaan isaa cimsee si [Yihowaa] amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda.”—Isa. 26:3; Rom. 5:1. w16.12 2:5, 18, 19

Kamisa, Hagayya 23

Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa.—Filp. 4:4.

Sirna Seexanaa hamaa fi dukkanaaʼaa guyyoota gara dhumaatti argamu kana keessatti illee, Yihowaan saba isaa eebbisaa jira. Waaqeffattoonni dhugaan karaa hafuuraa badhaadhina hanga harʼaatti argamee hin beekneen akka badhaadhan gochaa jira. (Isa. 54:13) Akkuma Yesuus waadaa galee ture, Yihowaan miseensa maatii hafuuraa obbolootaa fi obboleettota jaalala qaban of keessatti qabatee fi addunyaa maratti tokko taʼee akka taanu nuuf heyyamuudhaan yeroo ammaatti nu eebbiseera. (Mar. 10:29, 30) Kana malees, namoonni Waaqayyoon cimsanii barbaaddatan nagaa sammuu, milkaaʼinaa fi gammachuu hangana hin jedhamne argachuudhaan eebbifamu. (Filp. 4:5-7) ‘Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, wanta inni abdachiise sana akka argattan’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. (Ibr. 10:35, 36) Kanaaf amantii keenya jabeeffachuu fi garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti haa fufnu. Yihowaa irraa eebba nuuf malu akka argannu waan beeknuuf, kana gochuu ni dandeenya.—Qol. 3:23, 24. w16.12 4:17, 20

Jimaata, Hagayya 24

Bakka hafuurri Yihowaa [jiru] bilisummaan jira.—2 Qor. 3:17.

Mirgi filannoo daangaa qabu dhuguma bilisummaa jedhamuu dandaʼaa? Eeyyee! Akkas kan jennu maaliifi? Bilisummaan namootaa daangaa qabaachuun isaa eegumsa isaaniif argamsiisa. Fakkeenyaaf, konkolaataadhaan bakka fagoo yeroo deemnu bilisummaa keenyatti fayyadamuu dandeenya. Haa taʼu malee, karaawwan guguddaa seera tiraafiikii hin qabnee fi namni hundi saffisa ykn kallattii barbaadeen oofuuf murteessuu dandaʼu irra utuu deemnee nageenyi nutti dhagaʼamaa? Matumaa. Namoonni hundi bilisummaa dhugaa irraa faayidaa akka argataniif, daangaan jiraachuun isaa barbaachisaa dha. Bilisummaa keenya daangaa Yihowaan kaaʼe utuu hin darbin itti fayyadamuun hangam gaarii akka taʼe dabalataan ibsuuf, mee fakkeenya Addaam haa ilaallu. Inni daangaa Waaqayyo isaaf kaaʼe irra darbuu filachuudhaan ija mukaa akka hin nyaanne dhowwame sana nyaate. Addaam mirga filannoo isaatti karaa sirrii hin taane fayyadamuun isaa, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif sanyii isaa irratti rakkinaa fi gidiraa geessiseera. (Rom. 5:12) Miidhaa murtoon Addaam geessise beekuun, bilisummaa keenya karaa itti gaafatamummaan akka nuti dhagaʼamu argisiisuu fi daangaa Yihowaan nuuf kaaʼe keessaa utuu hin baʼin itti fayyadamuuf nu kakaasuu qaba. w17.01 2:6, 8

Sanbadduraa, Hagayya 25

Namni isin gidduu jiru hundi . . . hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa.—Rom. 12:3.

Hojiin haaraan yeroo nuuf kennamutti, kadhachuu fi haala keessa jirru sirriitti qoruun keenya wanta dandeettii keenyaa fi humna keenyaa ol taʼe fudhachuu irraa of qusachuuf nu gargaara. Amalli gad of deebisuu wanta humna keenyaa ol taʼe akka hin fudhanne nu kakaasa. Haataʼu malee, hojiin haaraan tokko yommuu nuuf kennamu, fakkeenyi Giidewon qajeelfamaa fi eebba Yihowaa malee milkaaʼina argachuu akka hin dandeenye nu yaadachiisa. Kanaaf, ‘gad of deebisnee Waaqayyo keenyaa wajjin akka deddeebinu’ afeeramneerra. (Mik. 6:8) Yeroo itti gaafatamummaa haaraa fudhannu hundatti, wanta Yihowaan karaa Dubbii isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nutti dubbatu hunda irratti kadhannaadhaan yaaduu qabna. Tarkaanfiin keenya tarkaanfii Yihowaa isa mudaa hin qabnee wajjin akka wal simu gochuu barachuu qabna. Kan ‘nu guddisu’ dandeettii keenya utuu hin taʼin, Yihowaan gad kan nutti dhihaatu taʼuu isaa akka taʼe haa yaadannu. (Far. 18:35) Waaqayyoo wajjin gad of deebisuudhaan deddeebiʼuuf filachuun keenya, akka of hin gurguddisne ykn akka waan gatii hin qabneetti akka of ilaallu nu gargaara. w17.01 3:17, 18

Dilbata, Hagayya 26

Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne [miti].—1 Qor. 15:58.

Yesuus tajaajilli inni lafa irratti raawwatu akka xumuramuu fi warri kaan hojicha akka isa harkaa fuudhanii hojjetan beeka ture. Barattoonni isaa mudaa kan qaban taʼanis isaan irratti amanannaa qaba, akkasumas hojii inni hojjechaa ture caalaas akka hojjetan isaanitti himeera. (Yoh. 14:12) Akka gaariitti isaan leenjisee ture; isaanis misiraachicha guutummaa addunyaa yeroo sana ture keessatti babalʼisuu dandaʼaniiru. (Qol. 1:23) Yesuus duʼuudhaan aarsaa erga dhiheessee booda gara samiitti ol baʼeera; achittis ‘mootummaa, aangoo, humnaa fi gooftummaa kam irra iyyuu caalu’ malees hojiin dabalataa isaaf kennameera. (Efe. 1:19-21) Armaagedoon dura amanamummaa keenya eeggachuudhaan yoo duune, duʼaa kaʼuudhaan addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa ni jiraanna; achittis hojii gammachiisaa hedduutu nu eeggata. Hamma yeroo sanaatti garuu hundi keenya iyyuu hojii baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis misiraachicha lallabuu fi barattoota gochuu irratti hirmaachuu dandeenya. Dargaggootas taane maanguddoota, hundi keenya ‘yeroo hunda hojiin Gooftaa kan nuuf baayʼatu haa taanu.’ w17.01 5:17, 18

Wiixata, Hagayya 27

Ani Waaqayyo waanan taʼeef, hin geddaramu.—Mil. 3:6.

Furichi faayidaa bara baraa akka argamsiisutti kaffalame. (Ibr. 9:24-26) Cubbuu Addaam irraa dhaalle guutummaatti ni haqa. Aarsaa Kiristoosiif galanni haa taʼuutii, addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru jalaa walaba baaneerra; akkasumas matumaa duʼa sodaachuu dhiisneerra. (Ibr. 2:14, 15) Waadaa Waaqayyo galetti guutummaatti amanamuu ni dandeenya. Akkuma seerri inni uumamaaf baase hin cabne, Yihowaan matumaa nu hin dhiisu. Yihowaan hin jijjiiramu. Inni wanta jireenya caalu, jechuunis jaalala isaa nuuf kenneera. “Jaalala Waaqayyo nuuf qabu beekneerra, akkasumas amanneerra. Waaqayyo jaalala.” (1 Yoh. 4:16) Guutummaan lafaa jannata gammachuun keessa guutetti jijjiiramti; namni lafa irra jiraatu hundis jaalala Waaqayyoo calaqqisiisa. Uumamawwan amanamoo samii keessa jiranii wajjin akkana haa jennu: “Jajamuun, ulfinni, ogummaan, galatni, kabajni, humnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen.”—Mul. 7:12. w17.02 2:16, 17

Kibxata, Hagayya 28

Wanta foonii fi hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu.—2 Qor. 7:1.

Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1 1973 gaaffii, “Namoonni araada tamboo irraa walaba hin taane cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼuu?” jedhu gaafatee ture. Deebiin isaa, “Ragaan Kitaaba Qulqulluu irra jiru akka argisiisutti, namoonni akkasii cuuphamuu hin dandaʼan” kan jedhu ture. Masaraan Eegumsaa sun caqasawwan kanaa wajjin wal qabatan hedduu erga caqasee booda, sababii namoonni yaada garaa hin geddarannee fi tamboo xuuxuu isaanii itti fufan gumiitii baafamuu itti qaban ibseera. (1 Qor. 5:7) Akkana jedheera: “Kun murtoo utuu itti hin yaadamin gara jabinaan godhamu miti. Maddi qajeelfama kanaa Waaqa isa yaanni isaa barreeffamaan Dubbii isaa keessatti akka barreeffamu godhe dha.” Kitaabni dhiheenya kana dhaabbilee amantii Yunaayitid Isteetis keessatti argaman ilaalchisee baʼe tokko akkana jedheera: “Geggeessitoonni amantii Kiristiyaanaa, barumsaa fi ilaalcha miseensota isaanii fi hawwaasa balʼaa biratti fudhatama akka qabaatu gochuuf barumsa isaanii irratti yeroo yeroodhaan sirreeffama gochuu qabu.” Dhaabbanni amantii miseensota isaa tokko tokkotti gaaffii kan uumu yoo taʼe illee, guutummaatti Dubbii Waaqayyoo hordofuuf fedhii qabu jiraa? w17.02 4:15

Roobii, Hagayya 29

Namni ol ol of qabu hundi gad ni deebisama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol ni qabama.—Mat. 23:12.

Jaarsoliin kan gad of qaban waan taʼaniif beekamummaa argachuu hin barbaadan. Gama kanaan geggeessitoota amantii bara keenyatti jiran hedduu irraas taʼe, warra jaarraa jalqabaatti Yesuus waaʼee isaanii akkana jedhe irraa adda dha: “Afeerraa irbaataa irratti bakka filatamaa taaʼuu, mana sagadaa keessattis fuuldura taaʼuu jaallatu. Iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu . . . barbaadu.” (Mat. 23:6, 7) Tiksitoonni dhugaan Kiristiyaanota taʼan wanta Yesuus akkana jedhee dubbateef gad of qabuudhaan ajajamu: “Barsiisaan keessan tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa. Garuu inni hunda keessan irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.” (Mat. 23:8-11) Kanaafuu, sababa jaarsoliin gumii addunyaa maratti argaman, Dhugaa Baatota hidhata amantii isaanii taʼan irraa jaalala, kabajaa fi ulfina itti argachuu qaban hubachuu dandeessu. w17.03 1:14, 15

Kamisa, Hagayya 30

Namni hundi baʼaa itti gaafatamummaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5, milj.

Murtoo gochuu kan qabu numa siʼa taʼu, beekumsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee murtoo ogummaa irratti hundaaʼee fi filannoo gaarii gochuu dandeenya. Namni biraan murtoo akka nuuf godhuuf itti gaafatamummaa kennuufii hin qabnu. Kanaa mannaa, wanta ija Waaqayyoo duratti sirrii taʼe barachuu fi hojii irra oolchuuf filachuu qabna. Warri kaan filannoo akka nuuf godhan kan heyyamnu akkamitti taʼuu dandaʼa? Dhiibbaan hiriyaa murtoo dogoggoraa akka goonu nu taasisuu dandaʼa. (Fak. 1:10, 15) Taʼus, namoonni kaan hammam iyyuu yoo dhiibbaa nu irratti godhan, qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe hordofuu qabna. Namoonni kaan murtoo akka nuuf godhan yoo heyyamne, ‘isaanii wajjin deemuuf’ murteessaa jirra jechuu dha. Akkas gochuu yoo filanne, rakkinni nu mudachuu dandaʼa. Phaawulos ergamaan, warri kaan murtoo dhuunfaa akka nuuf godhan heyyamuun miidhaa akka qabu Kiristiyaanota Galaatiyaa akeekkachiisee ture. (Gal. 4:17) Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko ergamoota irraa isaan fageessuuf jecha warra kaaniif filannoo dhuunfaa gochuu barbaadanii turan. w17.03 2:8-10

Jimaata, Hagayya 31

[Yosiyaas] amma iyyuu ijoollee taʼee utuma jiruu Waaqayyoon isa kan Daawit abaabilii isaa in barbaaddate; moʼee waggaa kudha lammaffaa isaatti Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa iddoowwan sagadaa ol kaʼoo, utuboota dhagaa . . . balleessuu jalqabe.—2 Sen. 34:3.

Yosiyaas wanta Waaqayyoon gammachiisu gochuu irratti hinaaffaa qaba ture. Dargaggoonnis akkuma Yosiyaas ijoollummaa isaaniitti Yihowaa barbaaddachuu ni dandaʼu. Minaasee Mootichi inni qalbii jijjiirrate waaʼee araara Yihowaa Yosiyaasiin barsiisee taʼuu dandaʼa. Dargaggootaa, namoota amanamoo maatii keessanii fi gumii keessan keessa jiranitti siquudhaan wanta gaarii Yihowaan isaaniif godhe baradhaa. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isaa garaa Yosiyaas tuqee akka turee fi hojiidhaaf akka isa kakaases yaadadhaa. Dubbii Waaqayyoo dubbisuun keessan hojiidhaaf isin kakaasa; kun immoo gammachuu keessan isiniif dabala, akkasumas hariiroo isin Yihowaa wajjin qabdan isiniif cimsa; kana malees warri kaan Waaqayyoon akka barbaaddatan gargaaruuf isin kakaasa. (2 Sen. 34:18, 19) Akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuun keessan, tajaajila Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen karaa itti fooyyaʼiinsa gochuu dandeessan isin hubachiisa. Kana gochuuf immoo akkuma Yosiyaas carraaquu keessan itti fufaa. w17.03 3:18, 19

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi