Fulbaana
Sanbadduraa, Fulbaana 1
Jabaatanii dhaabachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.—Yaq. 1:4.
Kitaaba Qulqulluu keessatti, jabaatanii dhaabachuun qorumsa ykn rakkina dandaʼuu qofa kan argisiisu miti. Jabaatanii dhaabachuun sammuu keenya, garaa keenyaa fi tarkaanfii yeroo rakkinni nu irra gaʼu fudhannuu wajjin kan wal qabatu dha. Namni jabaatee dhaabatu, ija jabinaa fi obsa argisiisa; akkasumas ejjennoo isaa hin jijijjiiru. Barreeffamni tokko jabaatanii dhaabachuu ilaalchisee akkana jedheera: “Haala tokko jijjiiruu waan hin dandeenyeef qofa utuu hin taʼin, abdii nama gammachiisu qabaatanii dandaʼuu argisiisa. Amala namni tokko rakkina isa gitintirsu dandaʼee akka dhaabatu godhu dha. Namni amala kana qabu, galma isaa isa rakkina sana booda jiru fageessee waan ilaaluuf, rakkina guddaa isa mudatu akka ulfinaatti ilaaluu dandaʼa.” Kiristiyaanonni jabaatanii akka dhaabatan kan isaan kakaasu jaalala dha. (1 Qor. 13:4, 7) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, wanta fedhii isaa wajjin wal simu kam iyyuu obsaan dandaʼuuf nu kakaasa. (Luq. 22:41, 42) Jaalalli obbolootaaf qabnu dadhabina isaanii dandaʼuuf nu gargaara. (1 Phe. 4:8) Jaalalli hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf qabnu “rakkina” hiriyoota gaaʼelaa gammachuu qaban illee mudatu obsaan dandaʼuuf gargaara; akkasumas walitti dhufeenya gaaʼelaa cimsa.—1 Qor. 7:28. w16.04 2:3, 4
Dilbata, Fulbaana 2
Cimsanii hordofuu isaanii, walitti qabamuu isaanii . . . itti fufan.—HoE. 2:42.
Kiristiyaanonni durii kun bulchiinsa Roomaa jala waan turanii fi geggeessitoota amantii Yihudii irraa mormiin isaan irra gaʼaa waan tureef, walgaʼii irratti argamuun isaaniif salphaa hin turre. Taʼus, walitti qabamuu isaanii itti fufaniiru. Tajaajiltoonni Yihowaa bara keenyatti argamanis, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qaban argisiisaniiru. Joorji Gaangas inni waggaa 22 oliif miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajile akkana jedheera: “Obbolootaa wajjin walitti qabamuun, wantoota guguddaa jireenya koo keessatti na gammachiisan keessaa tokko siʼa taʼu, madda jajjabinaa ti”. Itti dabaluudhaanis, “Yaadni koo fi hawwiin koo walgaʼii gumii irratti argamuu dha” jedheera. Ati hoo, Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuu ilaalchisee akkasuma sitti dhagaʼamaa? Taanaan, walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuuf garaadhaa carraaqqii gochuu kee itti fufi. Kana kan gootu yoo taʼe, yaada Daawit Mootichi, “Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, . . . ani nan jaalladha” jedhee dubbate irratti akka walii galtu argisiista.—Far. 26:8. w16.04 3:16-18
Wiixata, Fulbaana 3
Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami.—Mat. 5:24.
Obboleessi tokko wanta ati dubbatte ykn raawwatteen kan kaʼe ni mufate haa jennu. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Obboleessa kee haasofsiisi. Yeroo kanatti, kaayyoon kee obboleessi kee balleessaa akka qabu itti himuu utuu hin taʼin, dogoggora kee amanuu fi araaramuu taʼuu qaba. Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe, obboloota nu faana waaqeffatanii wajjin nagaa qabaachuu dha. Seenaa Abrahaamii fi Loox ilaali. Namoonni kun lamaan horii qabu turan; tiksitoonni isaaniis lafa dheedichaa wajjin haala wal qabateen wal lolanii turan. Abrahaam rakkina kana furuuf fedhii waan qabuuf, maatiin isaa eessa akka jiraatu akka filatu Looxiif dursa kenne. (Uma. 13:1, 2, 5-9) Kun fakkeenya gaarii dha. Abrahaam wanta isatti tolu utuu hin taʼin, nagaa barbaade. Arjaa taʼuu isaatiin wanti isatti hirʼate jiraa? Matumaa. Dhimmi Looxii wajjin wal qabate kun akkuma darbeen, Yihowaan yeruma sana eebba guddaa akka isaaf kennu Abrahaamiif waadaa seene. (Uma. 13:14-17) Waaqayyo tajaajiltoonni isaa dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan walitti buʼiinsa jaalalaan hiikuu isaaniitiin bara baraan rakkinni akka isaan irra gaʼu hin heyyamu. w16.05 1:11, 12
Kibxata, Fulbaana 4
Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.
Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamuudhaan ajaja hedduu kallattiidhaan nuu kenneera. Fakkeenyaaf, ejja, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, hannaa fi machii ni dhowwa. (1 Qor. 6:9, 10) Dabalataanis, Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos ajaja ulfaataa taʼus, gammachiisaa taʼe kana duuka buutota isaatiif kenneera: “Dhaqaatii maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.” (Mat. 28:19, 20) Seerrii fi ajajni Waaqayyoo eegumsa nuuf taʼa. Seerawwan kana hojii irra oolchuun, kabaja ofiif qabnu nuu dabala, fayyaa gaarii akka qabaannu godha, akkasumas gammachuu maatii keenyaa dabala. Hunda caalaa immoo, ajaja hojii lallabaa irratti akka hirmaannuuf nuu kenname dabalatee ajajawwan Yihowaatiif amanamummaadhaan ajajamuun keenya isa duratti fudhatama akka argannuu fi eebba isaa akka argannu godha. w16.05 3:1
Roobii, Fulbaana 5
Sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.—Rom. 12:2.
Qajeelfama hafuura qulqulluu wajjin yoo walii galle, akkasumas yaada keenya ilaalcha Waaqayyoo Dubbii isaa keessatti ibsamee wajjin yoo wal simsiisne yaadni keenya, dubbiin keenyaa fi sochiin keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼa. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Yeroo kanattis taanaan, dadhabina qabnu tokkoof akka harka hin laanne of eeggannoo gochuu qabna. (Fak. 4:23) Guddinni hafuuraa kee saffisa hin qabu yoo taʼe, guddinni akkanaa yeroo akka fudhatu yaadadhu. Amalawwan gaggaarii horachuun irraa jalaan wanta taʼu dha. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu isaa akka itti fufuuf carraaqqii yeroo goonutti obsa qabaachuu qabna. Jalqaba irratti, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu raawwachuuf of toʼachuu qabna taʼa. Yeroo booda garuu, yaadni keenyaa fi gochi keenya kan Waaqa keenya Yihowaa wajjin wal simaa waan deemuuf, karaa inni barbaaduun yaaduu fi wanta inni barbaadu gochuun nuuf salphata.—Far. 37:31; Fak. 23:12; Gal. 5:16, 17. w16.05 4:14, 16
Kamisa, Fulbaana 6
Isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada.—Far. 1:2.
Yeroo ammaatti Yihowaan tajaajiltoota isaa adda durummaadhaan karaa Dubbii isaa, karaa hafuura qulqulluu fi karaa gumii Kiristiyaanaa tolchaa jira. Kaayyoodhaan yoo dubbisne, yoo irratti xiinxallee fi hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru Yihowaa yoo kadhanne, Dubbiin isaa nu tolchuu dandaʼa. Daawit, “Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waaʼee kee nan yaada” jechuudhaan barreesseera. (Far. 63:6) Itti dabaluudhaanis, “Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa” jedhee barreesseera. (Far. 16:7) Eeyyee, Daawit gorsi Waaqayyoo ulfaataa yoo itti taʼe illee, gorsi kun, keessa namummaa isaa keessa akka taaʼu, akkasumas yaadaa fi miira isaa isa gad fagoo akka tolchu heyyameera. (2 Sam. 12:1-13) Daawit gad of qabuu fi bitamuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera! Ati hoo Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan, dubbiin kun garaa kee keessa akka taaʼu ni heyyamtaa? Wanta kana irra caalu gochuu hoo ni dandeessaa?—Far. 1:3. w16.06 1:11
Jimaata, Fulbaana 7
Daftee hin aarin!—Lal. 7:9.
Hundi keenya yeroo namoonni Eeden keessatti cubbuu irraa walaba itti turan irraa waggoota 6,000 akka fagaanne yaadachuu qabna. Namoonni mudaa qaban dogoggora raawwachuuf kan saaxilamani dha. Kanaafuu, obboloota keenya irraa waan baayʼee eeguu fi dogoggorri isaan hojjetan gammachuu guyyoota dhumaa kanatti saba Waaqayyoo keessaa tokko taʼuu keenyaan arganne akka nu dhabsiisu heyyamuun keenya gaarii miti. Balleessaan kana irra caalu immoo, dogoggorri namoota kaanii akka nu gufachiisuu fi jaarmiyaa Yihowaa akka dhiisnu akka nu godhu heyyamuu dha. Kun akka nu irra gaʼu yoo heyyamne mirga fedha Waaqayyoo raawwachuuf qabnu qofa utuu hin taʼin, abdii addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qabnus ni dhabna. Gammachuu keenyaa fi abdii keenya isa amansiisaa taʼe eegnee jiraachuu yoo barbaadne, abdii guddaa Yihowaan, “Kunoo, ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma; wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan kenne yaadatti qabachuu qabna. (Isa. 65:17; 2 Phe. 3:13) Dogoggorri warra kaanii eebbawwan akkanaa akka si dhabsiisu hin heyyamin. w16.06 4:13, 14
Sanbadduraa, Fulbaana 8
Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokkicha dha.—Kes. 6:4, NW.
Jechi “tokko” jedhu tokkummaa fi kaayyoodhaanis taʼe hojiidhaan tokko taʼuu yaada jedhu qaba. Yihowaan kan qoqqoodamu ykn ibsamuu kan hin dandeenye miti. Kanaa mannaa inni yeroo hunda amanamaa, kan hin gegeddaramne, kan hin gannee fi dhugaa dha. Yihowaan sanyiin Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte akka dhaalan abdii isaaf kennee kan ture siʼa taʼu, abdii kana raawwachuufis hojiiwwan guguddaa hojjeteera. Waggoonni 430 darbuun isaanii murtoo Yihowaan akkana gochuuf dabarse hin laaffisne. (Uma. 12:1, 2, 7; Bau. 12:40, 41) Jaarraa hedduu booda Israaʼeloonni dhugaa baatota isaa akka taʼan yommuu ibsu, Yihowaan, “Ana Waaqayyo . . . , ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu” jedheera. Yihowaan itti dabaluudhaan kaayyoon isaa akka hin jijjiiramne yommuu ibsu, “Ani ammas Waaqayyoo dha” jedheera. (Isa. 43:10, 13; 44:6; 48:12) Israaʼelootaafis taʼe nuuf, tajaajiltoota Yihowaa isa Waaqa hin gegeddaramnee fi karaawwan isaa hunda irratti amanamaa taʼe kanaa taʼuun mirga guddaa dha!—Mil. 3:6; Yaq. 1:17. w16.06 3:6, 7
Dilbata, Fulbaana 9
Kanaaf, guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda dammaqaa eegaa.—Mar. 13:33.
Yeroo harʼaatti, mootummoonni hedduun loltootaa fi malawwan eegumsaa teknooloojii ammayyaatiin fayyadamuudhaan daangaawwan biyya isaanii eegsisu. Daangaa isaanii cabsee kan galu akka hin jiraanne, akkasumas diinonni isaan sodaachisan nagaa uummata isaanii akka hin jeeqne eegu. Haa taʼu malee, “eegdonni” kun, haalawwan sodaachisaa mootummoota ilmaan namootaa ykn namoota dhuunfaa irraa dhufan qofa arguu dandaʼu. Mootummaa Waaqayyoo isa Yesuus bulchu, sochii inni godhu, akkasumas gaʼee inni saboota hundumaa irratti murteessuudhaan raawwatus hin beekan. (Isa. 9:6, 7; 56:10; Dan. 2:44) Gama biraatiin immoo, karaa hafuuraa dammaqoo taanee yoo jiraanne, guyyaan sun yoom iyyuu yoo dhufe qophaaʼoo taana. (Far. 130:6) Dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yeroo deemnu, dammaqinaan eeguun caalaatti rakkisaa nutti taʼaa dhufa. Dammaqinaan eeguu yoo dadhabne haalli isaa baayʼee kan nama gaddisiisu taʼa! w16.07 2:2, 9, 10
Wiixata, Fulbaana 10
Gaarummaa guddaan [Waaqayyo natti argisiise], faayidaa kan hin qabne hin turre.—1 Qor. 15:10.
Phaawulos Kiristiyaanota ariʼachaa waan tureef, araarri Waaqayyoo inni guddaan wanta ofii isaatiin argate ykn wanta isaaf malu akka hin taane beeka ture. Phaawulos duʼuu isaa yeroo muraasa dura akkana jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera: “Inni, ani amanamaa akkan taʼetti na lakkaaʼee tajaajilaaf waan na muudeef, Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha.” (1 Xim. 1:12-14) Tajaajilli sun maal ture? Phaawulos, tajaajilli kun maal akka dabalatu akkana jechuudhaan jaarsolii gumii Efesoon keessa turanitti himeera: “Fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf tajaajila ani Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe, lubbuu koo akka waan faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu.” (HoE. 20:24) Phaawulos tajaajila isaa yommuu raawwatutti hinaaffaa qabaachuudhaan, Kiristiyaanota bara keenyatti argamaniif fakkeenya taʼeera; akkasumas, gaarummaan Waaqayyo isatti argisiise “faayidaa kan hin qabne” akka hin turre argisiiseera. w16.07 4:1-3
Kibxata, Fulbaana 11
[Ani abdiidhaan] nan eeggadha.—Mik. 7:7.
Yihowaan tajaajiltoonni isaa hamma mirga argatanitti ykn haalli hamma jijjiiramutti akka obsan kan heyyamu taʼus, amanamoo warra taʼan yeroo hunda ni deggera. Abrahaamiif ilma akka kennu waadaa isaaf galee kan ture taʼus, Abrahaam amantii fi obsa qabaachuu qaba ture. (Ibr. 6:12-15) Abrahaam, Yisihaaq hamma dhalatutti waggoota hedduudhaaf kan eege taʼus, abdii hin kutanne; Yihowaanis isa hin daganne. (Uma. 15:3, 4; 21:5) Obsaan eeggachuun salphaa miti. (Fak. 13:12) Wantoota abdii nu kutachiisan irratti kan yaannu yoo taʼe, baayʼee gadduu dandeenya. Kanaa mannaa, yeroo kanatti fayyadamnee ulaagaa karaa hafuuraa nu irraa barbaadamu guutuun keenya gaarii dha. Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, ogummaa, hubannaa, dandeettii waa madaaluu, beekumsa, dandeettii yaaduu fi sirriitti yaaduu qabaachuu dandeenya. Guyyaa guyyaatti, bashannana, uffannaa fi miidhagina, akkasumas itti fayyadama qarshii fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu ilaalchisee dhimmoonni nu mudatan jiru. Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baranne hojii irra oolchuudhaan, murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuu dandeenya. w16.08 3:9-11
Roobii, Fulbaana 12
[Waaqayyo] humna isiniif kenna.—Filp. 2:13.
Yihowaan Israaʼeloonni Amaaleqoota fi warra Itoophiyaa akka moʼan gargaareera; akkasumas Nahimiyaa fi namoota isaa wajjin turaniif humna dallicha deebisanii ijaaruuf gargaaru kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo hojii lallabaa raawwachuu akka dandeenyuuf jabina mormii, dantaa dhabummaa fi dhiphina damdamachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (1 Phe. 5:10) Yihowaan nuuf jedhee dinqii akka raawwatu hin eegnu. Kanaa mannaa, gaʼee keenya raawwachuu qabna. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, walgaʼiiwwan torbaniitiif qophaaʼuu fi irratti argamuu, qoʼannaa dhuunfaa fi qoʼannaa maatiitiin sammuu keenyaa fi garaa keenya sooruu, akkasumas yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu dabalata. Barsiifannii fi hojiin kam iyyuu, karaawwan Yihowaan nu cimsuu fi nu jajjabeessuuf itti gargaaramu irraa akka hin fayyadamne akka nu godhu matumaa heyyamuu hin qabnu. Wantoota kana keessaa isa tokko irratti harki keessan lawwaasaʼee akka gad rarraʼe yoo isinitti dhagaʼame Waaqayyoon gargaarsa gaafadhaa. Achiis hafuurri isaa ‘fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif akkamitti akka humna isiniif kennu’ hubadhaa. w16.09 1:12
Kamisa, Fulbaana 13
Halalummaan waan babalʼateef, dhiirri hundi haadha manaa ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis abbaa manaa ofii ishii haa qabaattu.—1 Qor. 7:2.
Phaawulos ergamaan qeentee taʼuu ni jajjabeessa ture; taʼus yaada armaan olii dubbateera. Itti fufees, “Of toʼachuu yoo dadhaban garuu gaaʼela haa godhatan; sababiin isaas hawwiidhaan gubachuu mannaa gaaʼela godhachuu wayya” jedheera. Namni tokko gaaʼela godhachuun isaa, hawwii qaama saalaa ofii susukkuumuu fi ejja raawwachuu irraa isa eeguu dandaʼa. Umuriinis xiyyeeffannaa keessa galuu qaba; Phaawulos akkana jedheera: “Namni tokko utuu hin fuudhin jiraachuudhaan of toʼachuu akka dadhabe yoo isatti dhagaʼamee fi umurii dargaggummaa irra kan darbe yoo taʼe wanti inni gochuu qabu kana dha: Wanta barbaade haa godhu; cubbuu isatti hin taʼu. Warri akkasii gaaʼela haa godhatan.” (1 Qor. 7:9, 36; 1 Xim. 4:1-3) Taʼus, namni tokko hawwii yeroo dargaggummaatti isatti dhufuuf jecha gaaʼela godhachuuf ariifachuu hin qabu. Tarii yeroo kanatti itti gaafatamummaa gaaʼelli fidu fudhachuudhaaf gaʼeessa taʼuu dhiisuu dandaʼa. w16.08 1:17
Jimaata, Fulbaana 14
Karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina.—2 Qor. 6:4.
Namoonni baayʼeen ‘wanta alaan mulʼatu ilaalanii’ waaʼee keenya yaada taʼe tokko qabaachuu fi dubbachuu dandaʼu. (1 Sam. 16:7, NW) Kanaafuu, akka tajaajiltoota Waaqayyootti uffannaan keenya wantuma nutti tolu uffachuu caalaa hiika akka qabu ni hubanna. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irra jiran uffata dhaqnatti maxxanu, qaama mulʼisuu fi fedhii saalaa kakaasu uffachuu irraa akka fagaannu godha. Kun uffata kutaawwan qaamaa mulʼachuu hin qabne qullaatti hambisu ykn xiyyeeffannaa akka harkisan godhu ni dabalata. Namni kam iyyuu uffannaa keenya yeroo argu dhiphachuu ykn iddoo biraa ilaaluuf dirqamuu hin qabu. Qulqulluu, seeraan kan uffannuu fi kan of miidhagsinu yoo taane, namoonni caalaatti nu kabaju. Waaqa isa nuti waaqeffannu beekuufis kakaʼuu dandaʼu. Kana malees, uffannaa sirrii uffachuun keenya waaʼee jaarmiyaa bakka buunee akka gaariitti ibsa. Kunis namoonni ergaa lubbu baraarsaa isaanitti himnuuf xiyyeeffannaa akka kennan godha. w16.09 3:5, 6
Sanbadduraa, Fulbaana 15
Tole kan [jettanii] fi namoota hundatti garraamummaa hundumaa [kan argisiistan taʼaa].—Tit. 3:2.
Wanta namoonni kaan itti amanan akka beektu gootee yaaduuf hin ariifatin. Namoonni tokko tokko jijjiirama tirannaatti akka amanan kan dubbatan taʼanis, Waaqayyo akka jirus isaanitti dhagaʼama. Waaqayyo jijjiirama tirannaatti fayyadamee lubbu qabeeyyii adda addaa uume jedhanii yaadu. Kaan immoo jijjiirama tirannaatti kan amanan utuu dhugaa taʼuu baatee mana barumsaatti hin barsiifamu ture jedhanii waan yaadaniif akka taʼe dubbatu. Tokko tokko immoo dhaabbilee amantiitti waan mufataniif Waaqayyotti amanuu dhiisaniiru. Kanaaf jireenyi akkamitti akka eegale nama tokkoo wajjin yommuu mariʼattu, yeroo hunda jalqaba gaaffii gaafachuun gaarii dha. Namni sun maalitti akka amanu hubadhu. Sababi qabeessa yoo taatee fi dhaggeeffachuuf fedhii yoo qabaatte, namni sun si dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Namni tokko uumamatti waan amantuuf akka si ceephaʼaa jiru yoo sitti dhagaʼame, Uumaa malee jireenyi akkamitti jalqabuu akka dandaʼu akka siif ibsu isa gaafachuu dandeessa. Uumamni inni jalqabaa akka itti fufuuf, wal horuu fi of baayʼisuu qaba. Piroofeesarri keemistirii tokko, “Namni tokko lubbuu qabeeyyiin baayʼee xinnoo taʼan illee hangam wal xaxoo akka taʼan yommuu hubatu baayʼee dinqisiifata” jedhaniiru. w16.09 4:12, 13
Dilbata, Fulbaana 16
Duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha furii kaffalanii gadhiifamuu [didaniiru].—Ibr. 11:35.
Phaawulos waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru mirkanaaʼoo taʼuu baannus, namoonni akka Naabotii fi Zakaariyaas, Waaqayyoof ajajamuu fi fedhii isaa raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe dhagaadhaan ajjeefamaniiru. (1 Mot. 21:3, 15; 2 Sen. 24:20, 21) Daaniʼelii fi michoonni isaa ejjennoo isaanii laaffisanii ‘gadhiifamuuf’ carraa qabu turan. Isaan garuu, humna Waaqayyoo irratti amantii waan qabaniif, ‘afaan leencotaa cufuu’ fi ‘humna ibiddaa dhaamsuu’ dandaʼaniiru. (Ibr. 11:33, 34; Dan. 3:16-18, 20, 28; 6:13, 16, 21-23) Raajonni kan akka Miikiyaasii fi Ermiyaas sababa amantii isaaniitiin kan kaʼe, “itti qoosamuu fi . . . mana hidhaa galuudhaan qoramaniiru.” Warri akka Eliyaas immoo, “lafa onaa keessa, gaarota irra, akkasumas holqaa fi boolla keessa jooraniiru.” Hundi isaanii iyyuu ‘wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii waan eeggataniif,’ jabaatanii dhaabachuu dandaʼaniiru.—Ibr. 11:1, 36-38; 1 Mot. 18:13; 22:24-27; Er. 20:1, 2; 28:10, 11; 32:2. w16.10 3:10, 11
Wiixata, Fulbaana 17
Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.—Filp. 2:3.
Namoonni haaraan biyya biraatii dhufan gara Galma Mootummaa keenyaa yommuu dhufan miira hoʼaadhaan nagaa isaan gaafachuudhaan gaarummaa isaanitti argisiisuu ni dandeenya. Namoonni biyya isaanii dhiisanii baʼan yeroo tokko tokko akka qaanaʼanii fi kophaa taʼuu akka barbaadan hubanneerra taʼa. Akkaataa guddinaa isaaniitiin ykn iddoo hawaasa keessatti qabaniin kan kaʼe, sanyiin ykn lammummaan isaanii kan warra kaaniitii gadi akka taʼe itti dhagaʼama taʼa. Kanaafuu, dursa fudhachuudhaan gaarummaa isaanitti argisiisuu fi miira hoʼaadhaan isaan simachuu qabna. Appilikeeshiniin JW Laanguweej jedhamu afaan keessaniin kan argamu yoo taʼe, namoota haaraa qooqa afaan ittiin hiikkataniin nagaa gaafachuu barachuuf isin gargaaruu dandaʼa. (Filp. 2:4) Nama aadaa biraa qabu tokkotti dhihaachuun isinitti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Miira akkanaa kana moʼuuf, tarii waaʼee keessan itti himuu dandeessu. Utuu baayʼee hin turin, garaagarummaa dhugumaan jirus taʼe sammuun keessan uume caalaa wanta wal isin fakkeessu hedduu akka qabdan, akkasumas aadaan kam iyyuu ciminas taʼe dadhabina mataa isaa akka qabu hubattu. w16.10 1:13, 14
Kibxata, Fulbaana 18
Namni haadha manaa abbaa isaa wajjin jiraatu tokko isin gidduu akka jiru dhaga’eera; halalummaan akkasii immoo isa warri saba Waaqayyoo hin taane raawwatan irra iyyuu caalaa jibbisiisaa dha.—1 Qor. 5:1.
Qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hordofuudhaan, gumiin karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼu gumaacha gochuu dandeenya. Mee haala Qorontos durii keessa ture haa ilaallu. Phaawulos magaalaa sana keessatti hinaaffaadhaan lallabeera; obboloota isaa ‘qulqulloota’ taʼanii fi achi jiranis baayʼee jaallata ture. (1 Qor. 1:1, 2) Haa taʼu malee, halalummaa gumii sana keessatti raawwatamaa ture calluma jedhanii ilaaluu isaanii itti himuun hangam isatti ulfaatee akka ture tilmaamuu dandeessu! Phaawulos jaarsoliin nama halalee taʼe sana harka Seexanaatti dabarsanii akka kennan, jechuunis gumiidhaa akka isa baasan ajajee ture. Qulqullina gumichaa eeguuf, jaarsoliin “raacitii” achi keessa ture baasuu qabu turan. (1 Qor. 5:5-7, 12) Nutis murtoo jaarsoliin nama dogoggora hojjetee qalbii geddarachuu dide gumiidhaa baasuuf godhan kan deggerru yoo taʼe, qulqullinni gumichaa akka eegamu kan goonu taʼuu isaa irra iyyuu, tarii namni sun qalbii akka geddaratuu fi dhiifama Yihowaa akka barbaadu isa kakaasuu dandaʼa. w16.11 2:14
Roobii, Fulbaana 19
Dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa.—HoE. 13:15.
Jajjabinni hojii gaariidhaaf nama kakaasa. Ruuben akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf miira gatii akka ani hin qabne natti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gochaan ture. Gaaf tokko garuu, jaarsa gumii tokkoo wajjinan tajaajila baʼe; innis miirri koo gaarii akka hin taane hubatee ture. Yommuu ani miira koo ibsu akka gaariitti na dhaggeeffate. Achiis hojii gaarii ani hojjechaa ture na yaadachiise. Kana malees, wanta Yesuus tokkoon tokkoon keenya simbirroota hedduu caalaa gatii guddaa akka qabnu dubbate na yaadachiise. Yeroo baayʼee caqasa kana nan yaadadha; amma iyyuu caqasni kun baayʼee garaa koo na tuqa. Wanti jaarsi sun dubbate jijjiirama guddaa fideera.” (Mat. 10:31) Kitaabni Qulqulluun yeroo hunda namoota jajjabeessuun barbaachisaa akka taʼe kan ibsu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Phaawulos ergamaan Ibroota Kiristiyaanota taʼaniif akkana jedhee barreesseera: “Humna gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa akka hin taaneef . . . guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.” (Ibr. 3:13) Yeroo jajjabinni isin argattan itti isin haaromse ni yaadattu taanaan, gorsi akka wal jajjabeessinuuf nuu kenname hammam barbaachisaa akka taʼe beektu. w16.11 1:2, 3
Kamisa, Fulbaana 20
Isinuma gidduudhaa . . . namoonni barattoota ofitti fudhachuuf dhugaa micciiran ni kaʼu.—HoE. 20:30.
Dhaloota Kiristoos Booda bara 313tti, Qosxanxinoos inni Bulchaa Roomaa turee fi Waaqayyoon hin waaqeffanne, “Kiristiyaanummaan” seera biratti beekkamtii akka argatu godhe. Walgaʼii Niiqiyaatti godhame booda Qosxanxinoos lubni Aariyos jedhamu tokko Yesuus Waaqa dha jedhee amanuu waan dideef boojuudhaan akka fudhatamu godhee ture. Yeroo booda immoo, bulchiinsa Bulchaa Tewodooshiyas Tokkoffaa jalatti (Dh.K.B. 379-395) Waldaan Kaatolikii, yeroo amantiin Kiristiyaanaa gantummaan keessatti babalʼate mulʼachuu jalqabetti, amantii Bulchiinsa Roomaa keessatti seeraan beekamu taʼe. Barreessitoonni seenaa Roomaa ishiin Waaqayyoon waaqeffachaa hin turre, “Kiristiyaana” kan taate jaarraa arfaffaatti akka taʼe dubbatu. Dhugaan isaa garuu, Kiristiyaanonni gantoota taʼan, amantii namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi Bulchiinsa Roomaa jala turetti makamuudhaan miseensota Baabilon Guddittii taʼan. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon muraasni qamadiitti fakkeeffaman Waaqayyoon waaqeffachuuf hamma dandaʼan yaalaa turan.—Mat. 13:24, 25, 37-39. w16.11 4:8, 9
Jimaata, Fulbaana 21
[Yihowaan] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.—1 Phe. 5:7.
Yeroo baayʼee nama dhiphisu keessa jiraanna. Seexanni garmalee aaruudhaan, “nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.” (1 Phe. 5:8; Mul. 12:17) Kanaaf, al tokko tokko nuti tajaajiltoonni Waaqayyoo illee, yaaddoon yoo nutti dhagaʼame kan nama dinqisiisu miti. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii Waaqayyoon sodaatan, kan akka Daawit Mootichaa turan illee ‘yaadaan dhiphatanii’ turan. (Far. 13:2) Kana malees, Phaawulos ergamaan ‘wanti isa yaaddessu waaʼee gumiiwwan hundaa yaaduu’ akka ture yaadadhaa. (2 Qor. 11:28) Haa taʼu malee, yeroo garmalee dhiphannu maal gochuu dandeenya? Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe akkuma tajaajiltoota isaa bara duriitti turan gargaare, yeroo ammaattis dhiphina irraa hamma tokko boqonnaa akka argannu gochuu ni dandaʼa. Akkamitti? Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluu, hafuura Yihowaa argachuuf kadhachuu, akkasumas nama amannutti miira keenyaa himuu dha. w16.12 3:1, 2
Sanbadduraa, Fulbaana 22
Dhumni wantoota sanaa duʼa dha.—Rom. 6:21.
Sabni Yihowaa Waaqayyoon beekuu, isa jaallachuu fi isa tajaajiluu jalqabuu isaanii dura ‘firii godhachaa turan’ dhiisaniiru. Akkaataan jireenyaa isaanii inni duraa, tarii ‘firii amma itti qaanaʼanii’ fi duʼa isaanitti fiduu dandaʼu kan dabalatu ture. (Rom. 6:21) Amma garuu jijjiiramaniiru. Namoonni Qorontos keessa turanii fi Phaawulos isaaniif barreesse keessaa hedduun isaanii akkana turan. Isaan keessaa tokko tokko warra waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoota, warra nama gadhoomsan, hattoota, warra machaaʼanii fi wantoota kana fakkaatan kan raawwatan turan. Taʼus, ‘dhiqamanii qulqulleeffamaniiru,’ akkasumas ‘qulqulloota taaʼaniiru.’ (1 Qor. 6:9-11) Warri gumii Roomaa keessa turan tokko tokkos kan akkasii taʼuu hin oolan. Phaawulos hafuura qulqulluudhaan kakaʼee akkana jedhee isaaniif barreessee ture: “Qaama keessan cubbuudhaaf meeshaa jalʼinaa gootanii hin dhiheessinaa; kanaa mannaa, akka warra duʼaa kaafamaniitti Waaqayyoof of dhiheessaa; qaama keessanis meeshaa qajeelinaa godhaatii Waaqayyoof dhiheessaa.” (Rom. 6:13) Phaawulos karaa hafuuraa qulqulluu taʼanii akka jiraatanii fi gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa fayyadamuu isaanii akka itti fufan mirkanaaʼaa ture. w16.12 1:13
Dilbata, Fulbaana 23
Yihowaatti amanami.—Far. 37:3, NW.
Yihowaan ilmaan namootaa yommuu uumetti dandeettii dinqisiisaa isaaniif kenneera. Dandeettii yaaduu, rakkoowwan nu mudatan hiikuu fi yeroo gara fuulduraatiif karoora baasuuf nu gargaaru nuuf kenneera. (Fak. 2:11) Karoora baafanne raawwachuu akka dandeenyuuf, jechuunis karoora baafanne galmaan gaʼuu akka dandeenyuuf humna nuuf kenneera. (Filp. 2:13) Kana malees, Yihowaan qalbii kan nuuf uume, wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe addaan baasnee akka beeknuuf, dogoggora irraa akka fagaannuu fi yeroo cubbuu hojjennutti balleessaa keenya akka sirreessinuufi dha. (Rom. 2:15) Yihowaan karaa Dubbii isaa, irra deddeebiʼee dandeettii keenyatti sirriitti akka itti fayyadamu nu gorsa. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba,” akkasumas “Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu!” jedha. (Fak. 21:5; Lal. 9:10) Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessattis, “Hamma carraa argannetti, namoota hundumaaf . . . wanta gaarii haa goonu,” “kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa” jedhee nu gorsa. (Gal. 6:10; 1 Phe. 4:10) Dhuguma iyyuu, Yihowaan wanta nuunis taʼe warra kaan fayyadu akka raawwannu barbaada. w17.01 1:1, 2
Wiixata, Fulbaana 24
Wantoonni kun fakkeenya akka taʼaniif isaan irra gaʼan; nu warra dhumni sirnichaa irra gaʼes akeekkachiisuuf barreeffaman.—1 Qor. 10:11.
Ijoolleen Addaamii fi Hewwaan, warra isaanii warra Waaqayyoof utuu hin ajajamin hafan irraa cubbuu fi duʼa dhaalaniiru. Taʼus, amma iyyuu mirga filannoo keenyatti fayyadamuu ni dandeenya. Kanas akkaataa Waaqayyo saba Israaʼel itti qabe irraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan karaa Musee isa tajaajilaa isaa taʼeen, mirga addaan baʼanii saba dhuunfaa Isaa akka taʼaniif isaaniif kenname fudhachuuf ykn dhiisuuf filannoo isaaniif dhiheessee ture. (Bau. 19:3-6) Isaan hoo maal jedhanii deebisan? Itti gaafatamummaa maqaa Waaqayyootiin waamamuun fidu fudhachuuf waan filataniif, tokkummaadhaan, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhan. (Bau. 19:8) Kan nama gaddisiisu garuu, yeroo booda sabichi bilisummaa isaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan waadaa gale diigeera. Yihowaatti maxxanuu fi ulaagaa qajeelinaa inni baaseef ajajamuudhaan, fakkeenya akeekkachiisaa kana irraa haa barannu; akkasumas yeroo hunda mirga filannoo keenya haa dinqisiifannu. w17.01 2:9
Kibxata, Fulbaana 25
Gad of [deebisaatii Waaqayyo keessanii wajjin deddeebiʼaa].—Mik. 6:8.
Bara bulchiinsa Yerobiʼaam Mootichaatti, Yihowaan mootii Israaʼel isa gantuu taʼetti ergaa murtoo cimaa qabate akka itti himu Yihudaa irraa raajii tokko isatti ergee ture. Raajiin amala gad of deebisuu qabu kun amanamummaadhaan ergaa Waaqayyoo himeera; Yihowaanis dheekkamsa Yerobiʼaam isa cimaa jalaa tajaajilaa isaa kana oolcheera. (1 Mot. 13:1-10) Raajichi gara biyya isaatti utuu deebiʼaa jiruu, akkuma tasaa maanguddoo Betʼelitti dhihoo jiraatu tokkoo wajjin wal arge. Maanguddoon kunis raajii Yihowaa akka taʼe isatti hime. Namichi kun raajii sana gowwoomsuudhaan, ajaja cimaa Yihowaan ‘wanta tokko illee akka hin nyaanne, wanta tokko illees akka hin dhugne, [karaa] irra dhufe irras deebiʼee akka hin galle’ isaaf kennee ture akka cabsu isa taasise. Yihowaan garuu kanatti hin gammanne ture. Achiis utuu gara biyya isaatti deebiʼaa jiruu, karaa irratti leenci tokko itti dhufee raajicha Yihowaa sana ni ajjeese. (1 Mot. 13:11-24) Raajiin amala gad of deebisuu qabu kun, of gurguddisuudhaan maanguddoo isa gowwoomse sanaa wajjin kan deeme maaliifi? Kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun wanta ibsu hin qabu. Haa taʼu malee, raajiin kun ‘gad of deebisee Waaqayyo isaa wajjin deddeebiʼuu’ akka qabu guutummaatti irraanfatee taʼuu dandaʼa. w17.01 4:1-3
Roobii, Fulbaana 26
Wantan dubbadhe iddoodhaan nan gaʼa, akeeka koos nan raawwadha.—Isa. 46:11.
Kitaabni Qulqulluun yaada gabaabaa hiika guddaa qabuu fi “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedhuun jalqaba. (Uma. 1:1) Wantoota Waaqayyo uume kan akka hawaa, ifaa fi harkisa lafaa ilaalchisee hubannaan nuti qabnuu fi uumama cufa ilaalchisee wanti nuti arginu baayʼee muraasa dha. (Lal. 3:11) Taʼus, Yihowaan kaayyoo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu nuuf ibseera. Lafti, dhiirotaa fi dubartoota akka bifa Waaqayyootti uumamaniif iddoo jireenyaa mijooftuu akka taatuuf uumamte. (Uma. 1:26) Isaan ijoollee isaa taʼu, Yihowaan immoo Abbaa isaanii taʼa. Akkuma Uumama boqonnaa sadaffaa irratti ibsame, kaayyoo Yihowaa irra rakkinni tokko gaʼee ture. (Uma. 3:1-7) Haa taʼu malee, rakkinni humna Yihowaatii ol taʼe hin jiru. Qaamni Yihowaan kaayyoo isaa akka hin raawwanne gochuu dandaʼu hin jiru. (Isa. 46:10; 55:11) Kanaaf, kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa yeroo isaa eeggatee akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya! w17.02 1:1, 2
Kamisa, Fulbaana 27
Inni hafuura isaa isa qulqulluu [Musee] keessa kaaʼe meerree?—Isa. 63:11.
Hafuurri qulqulluun humna ijaan hin mulʼanne waan taʼeef, Israaʼeloonni hafuurri kun Musee irratti hojjechaa akka ture hubachuu kan dandaʼan akkamitti? Hafuurri qulqulluun, Museen dinqiiwwan akka raawwatuu fi maqaa Waaqayyoo Faraʼoonitti akka beeksisu isa dandeessiseera. (Bau. 7:1-3) Kana malees hafuurri qulqulluun, Museen amalawwan gaggaarii Israaʼeloota geggeessuuf gaʼumsa akka qabaatu isa taasisan, kan akka jaalala, garraamummaa fi obsaa akka horatu isa gargaareera. Ragaan isaa ifa ture: Yihowaan saba Isaa akka geggeessuuf Musee filateera. Yeroo booda immoo, geggeessitoonni Yihowaan muude kaanis hafuura isaa irraa humna argataniiru. “Iyaasuu ilmi Nun . . . hafuurri ogummaa isa keessa guutee ture.” (Kes. 34:9) ‘Hafuurri Waaqayyoo Giidewon irras buufateera.’ (Abo. 6:34) Akkasumas, “hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe.” (1 Sam. 16:13) Namoonni kun hundi hafuurri Waaqayyoo akka isaan gargaaru isatti amanamaniiru, hafuurri sun immoo dinqiiwwan guguddaa humna isaanii qofaan raawwachuu hin dandeenye akka hojjetan isaan taasiseera.—Iya. 11:16, 17; Abo. 7:7, 22; 1 Sam. 17:37, 50. w17.02 3:3-5
Jimaata, Fulbaana 28
Isin amantii keessaniin waan dhaabattaniif, nuti gammachuu keessaniif isinii wajjin hojjenna malee, amantii keessan irratti gooftolii hin taanu.—2 Qor. 1:24.
Phaawulos mirga obboloonni isaa murtoo gochuuf qaban kabajuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yeroo harʼaatti, jaarsoliinis dhimmoota murtoo dhuunfaa gaafatan irratti gorsa yommuu kennan fakkeenya isaa hordofu. Namoota gumii keessa jiran kaaniif yaada Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuun isaan gammachiisa. Taʼus jaarsoliin kun, obboloonnii fi obboleettonni murtoo mataa isaanii akka godhan heyyamu. Kun immoo obboloonni sun buʼaa murtoon isaanii geessisu ilaalchisee itti gaafatamummaa isaanii waan baataniif akkas gochuun isaanii sirrii dha. Kana irraa barumsa guddaa arganna: Namoota kaan gargaaruu fi dhugaawwan buʼuuraa ykn gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti akka xiyyeeffatan gochuu ni dandeenya. Taʼus, namoonni kaan murtoo mataa isaanii gochuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa qabu. Ogummaa irratti hundaaʼanii kana kan godhan yoo taʼe faayidaa guddaa argatu. Eeyyee, obboloota keenyaaf murtoo gochuu akka dandeenyu yaaduu hin qabnu. w17.03 2:11
Sanbadduraa, Fulbaana 29
Dhimmanii waan isin eeganiif, warra gidduu keessanitti geggeessitoota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa.—Ibr. 13:17.
Garbichi amanamaan misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan babalʼisuudhaan amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Ati hoo hojii barbaachisaa taʼe kana irratti dibamtoota gargaaraa jirtaa? Taanaan yommuu Geggeessaan kee akkana siin jedhu akka gammaddu beekamaa dha: “Wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama.” (Mat. 25:34-40) Yesuus yeroo gara samiitti deebiʼetti illee duuka buutota isaa hin dhiisne. (Mat. 28:20) Yommuu lafa irra turetti hafuurri qulqulluun, maleekonnii fi Dubbiin Waaqayyoo geggeessuuf hangam akka isa gargaaran hubatee ture. Kanaaf, garbicha amanamaa yeroo ammaa jirus haaluma kanaan gargaara. Miseensonni garbicha sanaa Kiristiyaanota dibamoo waan taʼaniif, “bakka Hoolichi dhaqu hundatti isa duukaa [buʼu].” (Mul. 14:4) Kanaafuu, qajeelfama isaan nuuf kennan yommuu hordofnu, Yesuus isa geggeessaa keenya taʼe hordofaa jirra jechuu dha. Yeroo dhihootti immoo, gara jireenya bara baraatti nu geessa. (Mul. 7:14-17) Geggeessaan namootaa kam iyyuu waadaa akkasii galuu hin dandaʼu! w17.02 4:17-19
Dilbata, Fulbaana 30
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata.—Far. 37:5.
Yeroo rakkinni humna keenyaa ol fakkaatu nu mudatutti Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe hubachuun salphaa dha. Haa taʼu malee, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhimmoonni xixinnoon yeroo nu mudatan maal goona? Karaa nutti fakkaatuun furmaata kennuudhaan yaada namootaatti amanamnaa? Moo dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan, rakkina furuu irratti daandii Yihowaatti akka amanamnu argisiisna? Fakkeenyaaf, darbee darbee walgaʼiiwwan gumii ykn walgaʼiiwwan guguddaa irratti argamuu ilaalchisee maatiin kee si mormu taʼa. Yeroo kanatti, Yihowaan akka si qajeelchuu fi hubannaa haala kanaaf furmaata kennuuf si dandeessisu akka siif kennu isa kadhatta. Hojii kee yoo dhabdee fi hojii kan biraa argachuun yoo sitti ulfaate hoo? Nama si qacaruuf jedhu bira yeroo deemtu, ammas taanaan walgaʼiiwwan guyyaa hojii irratti geggeeffaman irratti hirmaachuu akka barbaaddu itti himtaa? Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate gorsa faarfatichaa isa, yaada caqasa guyyaa harʼaa irra jiru dubbate ni hordofna. w17.03 4:6