LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es18 ful. 98-108
  • Onkoloolessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Onkoloolessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Onkoloolessa 1
  • Kibxata, Onkoloolessa 2
  • Roobii, Onkoloolessa 3
  • Kamisa, Onkoloolessa 4
  • Jimaata, Onkoloolessa 5
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 6
  • Dilbata, Onkoloolessa 7
  • Wiixata, Onkoloolessa 8
  • Kibxata, Onkoloolessa 9
  • Roobii, Onkoloolessa 10
  • Kamisa, Onkoloolessa 11
  • Jimaata, Onkoloolessa 12
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 13
  • Dilbata, Onkoloolessa 14
  • Wiixata, Onkoloolessa 15
  • Kibxata, Onkoloolessa 16
  • Roobii, Onkoloolessa 17
  • Kamisa, Onkoloolessa 18
  • Jimaata, Onkoloolessa 19
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 20
  • Dilbata, Onkoloolessa 21
  • Wiixata, Onkoloolessa 22
  • Kibxata, Onkoloolessa 23
  • Roobii, Onkoloolessa 24
  • Kamisa, Onkoloolessa 25
  • Jimaata, Onkoloolessa 26
  • Sanbadduraa, Onkoloolessa 27
  • Dilbata, Onkoloolessa 28
  • Wiixata, Onkoloolessa 29
  • Kibxata, Onkoloolessa 30
  • Roobii, Onkoloolessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2018
es18 ful. 98-108

Onkoloolessa

Wiixata, Onkoloolessa 1

Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhagaʼa, isaan in oolchas.—Far. 145:19.

Yihowaan ‘Waaqayyo isa jabaatanii dhaabachuu fi jajjabina namaaf kennu’ dha. (Rom. 15:5) Rakkina nu mudatu qofa utuu hin taʼin, akkaataa naannoon keenya, miirri keenyaa fi uumamni keenya dhiibbaa nu irratti godhu guutummaatti hubachuu kan dandaʼu isa qofa dha. Kanaafuu, jabaannee akka dhaabannu eenyu iyyuu caalaa nu gargaaruu kan dandaʼu isa dha. Waaqayyo kadhannaa nuti jabina argachuuf dhiheessinuuf deebii kan kennu akkamitti? Qorumsa dandaʼuuf Yihowaa yommuu kadhannu ‘karaa itti keessaa baanu nuuf qopheessa.’ (1 Qor. 10:13) Yihowaan qorumsicha hambisuuf haalawwan ni jijjiiraa? Tarii akkas gochuu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu, ‘jabaanne dhaabachuu akka dandeenyuuf,’ karaa itti keessaa baanu nuu qopheessa. Eeyyee, Yihowaan ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee akka dhaabannuuf’ nu cimsa. (Qol. 1:11) Yihowaan karaa qaamaa, sammuu fi miiraa hirʼina akka qabnu sirriitti waan beekuuf, rakkinni nu mudate tokko hamma amanamummaa keenya nu dhabsiisutti akka guddatu matumaa hin heyyamu. w16.04 2:5, 6

Kibxata, Onkoloolessa 2

Yoos wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa.—Mat. 22:21.

Dubbiin Waaqayyoo bulchitoota ilmaan namootaatiif akka ajajamnu kan nutti himu taʼus, nama caalaa Waaqayyoof akka ajajamnus nu barsiisa. (HoE. 5:29; Tit. 3:1) Kun yaada wal faallessu dhaa? Lakki! Akka haala isaatti ajajamuu ilaalchisee dhugaan buʼuuraa jiru, ajajawwan kana hubachuu fi eeguuf nu gargaara. Yesuus, dhugaa buʼuuraa kana gabaabsee akka caqasa guyyaa harʼa kanatti ibseera. Seera mootummaan jala jirru baasuuf ajajamuudhaan, abbootii taayitaa isaa kabajuudhaan akkasumas qaraxa nu irraa barbaadamu kaffaluudhaan aangoo mootummaatiif akka ajajamnu argisiisna. (Rom. 13:7) Abbootiin taayitaa Waaqayyoof hin ajajaminaa yoo nuun jedhan garuu, yaada isaanii akka hin fudhanne kabajaan isaanitti himna. Dhimmoota siyaasa addunyaa kanaa keessa galuu dhiisuu qabna. (Isa. 2:4) Taʼus, bulchitoota ilmaan namootaa Yihowaan akka bulchan isaaniif heyyame hin morminu; akkasumas sochiiwwan jaalala biyyaa ykn sabboonummaa babalʼisan irratti hin hirmaannu. (Rom. 13:1, 2) Mootummaa jijjiiruuf ykn bulchitoota siyaasaa irratti dhiibbaa gochuuf hin yaallu; kana malees, filannoo siyaasaa irratti hin hirmaannu ykn nama siyaasaa hin taanu. w16.04 4:1, 2

Roobii, Onkoloolessa 3

Akka nama Waaqayyotti hin amannee . . . isa ilaali.—Mat. 18:17.

Walitti buʼiinsawwan Kiristiyaanota gidduutti uumaman keessaa baayʼeen isaanii, isaanuma gidduutti furamuu kan dandaʼanii fi kan qabani dha. Haa taʼu malee, Yesuus dhimmi tokko tokko gumiitti geeffamuu akka dandaʼu dubbateera. (Mat. 18:15-17) Namni balleesse tokko, obboleessa isaa, ragootaa fi gumii dhaggeeffachuu yoo dide maaltu taʼa? “Akka nama Waaqayyotti hin amannee fi akka nama qaraxa sassaabuutti” ilaalamuu qaba. Akka yeroo harʼaatti immoo, gumiidhaa baafamuu qaba jechuu dha. Tarkaanfiin kun hamma kana cimaa taʼuun isaa, ‘cubbuun’ kun walitti buʼiinsa salphaa akka hin turre argisiisa. Kanaa mannaa, (1) cubbuu namoota dhimmichi ilaallatu gidduutti furamuu qabuu fi (2) cubbuu cimaa yoo furuun dadhabame gumiidhaa baasisuu dandaʼu ture. Tarii cubbuun akkanaa gowwoomsaa fi maqaa namaa balleessuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan sadan Yesuus caqase hojii irra kan oolan, haalawwan Maatewos 18:15-17 irratti galmeeffaman yeroo uumamanitti qofa dha. w16.05 1:14

Kamisa, Onkoloolessa 4

Fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:17.

Haalawwan Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan ajaja itti hin kennine hedduun jiru. Fakkeenyaaf, akkaataan uffannaa Kiristiyaanotaaf sirrii taʼe isa kam akka taʼe balʼinaan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne. Kun ogummaa Yihowaa kan mulʼisu akkamitti? Akkaataan uffannaa fi barsiifanni, biyyaa biyyatti qofa utuu hin taʼin, bara tokkoo isa kaanittis garaa garummaa qaba. Kitaabni Qulqulluun akkaataa uffannaa keenyaa fi akkaataa itti of miidhagsinu tokko tokkoon tarreessa utuu taʼee, qajeelfamni inni gama kanaan kennu yeroo ammaatti kan yeroon itti darbe taʼa ture. Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame hojii, yaalii fayyaa fi bashannana Kiristiyaanni tokko filachuu qabu ilaalchisee seera hedduu hin kennu. Haalawwan kallattiidhaan ajajni Kitaaba Qulqulluu irratti hin kennamne yeroo nu mudatanitti maal gochuu qabna? Yeroo akkanaatti, dhimmicha gadi fageenyaan qoruu fi wanta nutti tolu irratti utuu hin taʼin, wanta Yihowaa biratti fudhatama qabuu fi eebba argamsiisu irratti hundaaʼuudhaan filannoo gochuu kan qabu nu dha.—Far. 37:5. w16.05 3:2, 6

Jimaata, Onkoloolessa 5

[Isin dubbii Waaqayyoo] yommuu fudhattan, akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii [Waaqayyootti] . . . fudhattan, inni dhuguma iyyuu dubbii Waaqayyoo ti.—1 Tas. 2:13.

Hundi keenya iyyuu kutaa Kitaaba Qulqulluu baayʼee jaallannu akka qabnu beekamaa dha. Namoonni tokko tokko Wangeelota amalawwan Yihowaa Yesuus irratti mulʼatan akka gaariitti ibsan jaallatu. (Yoh. 14:9) Kaan immoo kutaawwan Kitaaba Qulqulluu raajii of keessatti qabatan, tarii kitaaba Mulʼataa isa “wanta dhiheenyatti taʼuu qabu” qabate jaallatu taʼa. (Mul. 1:1) Nu keessaa macaafa Faarfannaa irraa jajjabina kan hin arganne ykn macaafa Fakkeenyaa irraa barumsa gaarii kan hin arganne jiraa? Dhuguma iyyuu Kitaabni Qulqulluun kitaaba nama hundaaf taʼu dha. Kitaaba Qulqulluu waan jaallannuuf, barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanis ni jaallanna. Fakkeenyaaf, nyaata hafuuraa bifa kitaabotaa, birooshurootaa, barruulee fi bifa barreeffamoota kaaniitiin qophaaʼe ni dinqisiifanna. Qophiiwwan Yihowaan nuu godhe kun, karaa hafuuraa dammaqoo taanee akka jiraannu, akka gaariitti akka soorannuu fi ‘amantii cimaa kan qabnu’ akka taanu godhu.—Tit. 2:2. w16.05 5:1-3

Sanbadduraa, Onkoloolessa 6

Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu dha. Seerri wantoota kana dhowwu hin jiru.—Gal. 5:22, 23.

Hafuurri qulqulluun karaawwan hedduudhaan nu tolchuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namummaa akka Kiristoos isa firii hafuura Waaqayyoo argisiisuudhaan mulʼatu horachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Gosa firii kanaa keessaa inni tokko jaalala dha. Ajajawwan isaa baʼaa ulfaatoo akka hin taane hubachuudhaan, Waaqayyoon ni jaallanna; isaaf ajajamuus taʼe inni akka nu tolchu ni barbaadna. Hafuurri qulqulluun dhiibbaa addunyaan kunis taʼe hafuurri isaa inni gadheen nu tolchuuf nu irra geessisan moʼuufis nu gargaaruu dandaʼa. (Efe. 2:2) Phaawulos ergamaan inni yeroo dargaggeessa turetti dhiibbaa koorri geggeessitoota amantii Yihudii irraan gaʼeen guutummaatti moʼamee ture yeroo booda, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee barreessuu dandaʼeera. (Filp. 4:13) Kanaafuu, nutis akkuma Phaawulos hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan himata garraamonni garaadhaa dhiheessan hin tuffatu.—Far. 10:17. w16.06 1:12

Dilbata, Onkoloolessa 7

Yaa Waaqa keenya Yihowaa . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.—Mul. 4:11.

Yihowaan Waaqa keenya isa tokkichaa fi isa kophaa akka taʼu yoo barbaadne, guutummaatti isaaf buluu qabna. Waaqeffannaan isaaf dhiheessinu waaqayyolii kan biraatiif hihhiramuus taʼe, yaadawwan ykn barsiifatawwan bifa waaqeffannaa qaban kan biraatiin faalamuu hin qabu. Yihowaan waaqayyolii hedduu keessaa tokko akka taʼe ykn inni isaan keessaa isa ol aanaa fi humna qabeessa akka taʼe goonee yaaduu hin qabnu. Yihowaa qofatu waaqeffatamuu qaba. Yihowaadhaaf guutummaatti buluuf, iddoo Yihowaan qofti jireenya keenya keessatti argachuu qabu wanti kam iyyuu akka fudhatu ykn akka hirmaatu heyyamuu irraa of eeggachuu qabna. Wantoonni kun maalfaa taʼuu dandaʼu? Ajajawwan Kurnan keessatti, Yihowaan sabni isaa isa cinaatti waaqayyolii kan biraa qabaachuu akka hin qabnee fi bifa kamiin iyyuu waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irratti hirmaachuu akka hin qabne ifa godheera. (Kes. 5:6-10) Yeroo harʼaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuun bifa garaa garaa qabaachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko hubachuun ulfaataa dha. Haa taʼu malee, inni amma iyyuu “Yihowaa tokko” waan taʼeef ulaagaawwan isaa hin jijjiiramne.—Mar. 12:29. w16.06 3:10, 12

Wiixata, Onkoloolessa 8

Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo isaaniif gootan, Abbaan keessan inni samii irraas dhiifama isiniif godha.—Mat. 6:14.

Pheexiros dhiifama gochuu kan qabnu “siʼa torba” taʼuu fi dhiisuu isaa yommuu gaafate, Yesuus, “Dhuguman siin jedha, siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti” jedhee akka deebise yaadadhaa. Yesuus yeroo hunda dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu akka qabnu ibsuu isaa kana irraa ifatti hubanna; ilaalchi qabaachuu qabnu inni jalqabaa fi inni guddaan isa kana taʼuu qaba. (Mat. 6:15; 18:21, 22) Hundi keenya dogoggora waan hojjennuuf, warra kaan mufachiisuu akka dandeenyu yaadachuu qabna. Warra kaan akka mufachiisne yoo hubanne, Kitaabni Qulqulluun gara nama mufachiisne sanaa dhaqnee dhimma sanaaf furmaata kennuuf yaalii akka goonu qajeelfama nuuf kenna. (Mat. 5:23, 24) Namoonni kaan dogoggora keenya yommuu nuuf dhiisan ni dinqisiifanna; kanaafuu, nutis akkasuma gochuu qabna. (1 Qor. 13:5; Qol. 3:13) Namoota kaaniif dhiifama gochuu yoo amaleeffanne Yihowaanis dhiifama nuuf godha. Eeyyee, dogoggora warra kaaniitiif dhiifama gochuu wajjin haala wal qabateen, Kiristiyaanni tokko fakkeenya Abbaa keenyaa isa yommuu dogoggora raawwannu gara laafinaan nu qabuu hordofuu qaba.—Far. 103:12-14. w16.06 4:15, 17

Kibxata, Onkoloolessa 9

Ani misiraachichatti hin qaanaʼu; misiraachichi . . . humna Waaqayyoo isa namoota amantii qaban hundumaaf fayyina argamsiisu dha.—Rom. 1:16.

Sabni Yihowaa guyyoota dhumaa kanatti, ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti’ akka lallaban ajajamaniiru. (Mat. 24:14) Eebbawwan nuti bulchiinsa Mootummichaa jalatti argannu kan argaman karaa gaarummaa Yihowaa isa karaa Kiristoos mulʼateen waan taʼeef, ergaan nuti lallabnu “misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” dha. (HoE. 20:24; Efe. 1:3) Akkuma Phaawulos hinaaffaadhaan tajaajila irratti hirmaachuudhaan gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf galata qabnu argisiisaa jirraa? (Rom. 1:14, 15) Cubbamoota taanus gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa karaawwan hedduu faayidaa argachaa jirra. Kanaafuu, Yihowaan jaalala isaa namootatti argisiisaa kan jiruu fi jaalala kana irraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe namoota beeksisuuf hamma dandeenye carraaquu qabna. w16.07 4:4, 5

Roobii, Onkoloolessa 10

Ilmi namaa saʼaatii isin ni dhufa jettanii hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa eegaa.—Luq. 12:40.

Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, waaʼee ‘bulchaa addunyaa kanaa’ siʼa sadii barattoota isaa akeekkachiise. (Yoh. 12:31; 14:30; 16:11) Yesuus, Seexanni namoonni miira ariitii akka hin qabaannee fi raajiin Waaqayyo dubbate akka hin raawwatamne waan barbaaduuf sammuu namootaa dukkana keessa jiraachisuu akka barbaadu beeka. (Sef. 1:14) Seexanni bulchiinsa amantii sobaa addunyaatti fayyadamee sammuu namootaa jaamsa. Marii namootaa wajjin gootan irraa maal hubattan? Diyaabiloos badiisa sirna kanaa isa dhufaa jiru ilaalchisee fi yeroo ammaatti Kiristoos Mootummaa Waaqayyoo irratti bulchaa kan jiru taʼuu isaa ilaalchisee, “sammuu warra hin amannee jaamseera” mitii ree? (2 Qor. 4:3-6) Wanta addunyaa kana eeggatu namootatti himuuf yeroo yaallu, baayʼeen isaanii dantaa hin qaban. Dantaa dhabuun ykn gorsi jalʼaan namootaa, dammaqxanii akka hin eegne akka isin godhu hin heyyaminaa. Isin, dammaqxanii eeguun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe beektu. w16.07 2:11, 12

Kamisa, Onkoloolessa 11

Isin keessaa namni hundi akkuma ofii isaa jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuu qaba; . . . haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu qabdi.—Efe. 5:33.

Misirroon tokko misirroo isaa baayʼee bareeddu guyyaa cidha isaanii irratti yommuu argu, lamaan isaanii iyyuu baayʼee gammadu. Hundeessaan gaaʼelaa hiriyoonni gaaʼelaa jireenya isaanii keessatti milkaaʼinaa fi gammachuu akka argatan waan barbaaduuf, Dubbiin Waaqayyoo namoota gaaʼela godhachuu barbaadaniif gorsa gaarii kenna. (Fak. 18:22) Taʼus, namoonni mudaa qaban lama yeroo gaaʼela godhatan, ‘foon isaanii irratti rakkinni akka dhufu’ Kitaabni Qulqulluun ifatti dubbata. (1 Qor. 7:28) Rakkina kana hirʼisuun kan dandaʼamu akkamitti? Gaaʼelli Kiristiyaanaa milkaaʼina akka argatu wanti godhu hoo maali dha? Kitaabni Qulqulluun barbaachisummaa jaalalaa ni dubbata. Hoʼisanii wal jaallachuun (Afaan Giriikii, fiiliyaa) gaaʼela keessatti barbaachisaa dha. Jaalalli saala faallaa gidduu jiru (eeroos) gammachuu argamsiisa; jaalalli maatii (Istoorgee) immoo yeroo ijoolleen dhalatanitti faayidaa guddaa qaba. Haa taʼu malee, gaaʼelli milkaaʼina akka argatu kan godhu jaalala isa dhugaa buʼuuraa irratti hundaaʼe (agaappee) dha. w16.08 2:1, 2

Jimaata, Onkoloolessa 12

Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.—1 Xim. 4:16.

Ximotewos yeroo kanatti waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti muuxannoo qaba ture. Taʼus, tajaajilli isaa buʼa qabeessa akka taʼuuf, barumsa barsiisuuf ‘yeroo hunda xiyyeeffannaa kennuu’ qaba ture. Namoonni, akkaataa inni yeroo baayʼee itti isaan haasofsiisaa tureef deebii gaarii kennuun isaanii qofti gaʼaa akka taʼe yaaduu hin qabu ture. Wanta isaan barbaachisu irratti xiyyeeffachuuf jecha malawwan ittiin barsiisu jijijjiiruudhaan garaa isaanii tuquu isaa itti fufuu qaba ture. Nutis, labsitoota Mootummichaa waan taaneef akkuma isaa gochuu qabna. Yeroo baayʼee, manaa gara manaatti yommuu tajaajillu namoota manatti hin argannu. Naannoowwan tokko tokkotti immoo, gamoowwan ykn mandaroota eegumsa cimaa qaban seenuu hin dandeenyu taʼa. Naannoon kees kan akkana yoo taʼe, malawwan kan biraa misiraachicha lallabuuf dandeessisan maaliif hin yaaltu? Bakka namoonni itti baayʼatanitti lallabuun misiraachicha babalʼisuudhaaf mala gaarii taʼe dha. Dhugaa Baatonni hedduun hojii kana irratti hirmaachuudhaan buʼaa fi eebba hedduu argachaa jiru. Buufata baaburaa fi buufata atoobisiitti, iddoo gabaa fi iddoo bashannanaatti, akkasumas bakka namoonni itti baayʼatan kaanitti namoota haasofsiisuuf yeroo ramadaniiru. w16.08 3:14-16

Sanbadduraa, Onkoloolessa 13

Harka laafee fi jilba dadhabe hunda jabeessaa.—Ibr. 12:12.

Yihowaan waldaa obbolummaa addunyaa maraa waaqeffattoota nuuf yaadanii fi nu jajjabeessuu dandaʼan qabate nuu kenneera. (Ibr. 12:12, 13) Namoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun jajjabina hafuuraa akkasii argatanii turan. Yeroo harʼaattis haalli isaa akkasuma. Maal gochuu dandeenya ree? Aaronii fi Huur yommuu waraanni gaggeeffametti akkamitti harka Musee ol qabanii akka turan yaadii. (Bau. 17:8-13) Nutis, karaa warra kaan deggeruu fi gargaaruu itti dandeenyu barbaaduu qabna. Eenyufaa gargaaruu dandeenya? Warra dullumaa wajjin qabsoo godhan, haalli fayyaa isaanii isaan daangesse, maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼu, warra kophummaan isaanitti dhagaʼamu ykn nama jaallatan duʼaan dhaban gargaaruu dandeenya. Kana malees, dargaggoota gochawwan dogoggoraa irratti akka hirmaatan ykn sirna kana keessatti gama barumsaa, qarshii, hojii fi kan kana fakkaataniin wanta akka milkaaʼinaatti ilaalamu akka argatan dhibbaan isaan irra gaʼu jajjabeessuu dandeenya. (1 Tas. 3:1-3; 5:11, 14) Galma Mootummaa keessatti, tajaajila irratti, yommuu nyaata waliin nyaattan ykn bilbilaan yommuu haasoftan, karaawwan namootaaf garaadhaa akka yaaddan itti argisiistan argachuuf carraaqaa. w16.09 1:13, 14

Dilbata, Onkoloolessa 14

Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.—1 Qor. 10:31.

Waaqa keenya isa qulqulluu, obboloota keenya hafuuraa fi namoota tajaajila irratti argannuuf jecha, uffata ergaa dubbannuu fi Yihowaadhaaf ulfina fidu uffanna. (Rom. 13:8-10) Keessumaa sochiiwwan Kiristiyaanaa kan akka walgaʼii gumii fi hojii lallabaa irratti yommuu hirmaannu akkas goona. “[Namoota] Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti” uffachuu qabna. (1 Xim. 2:10) Uffanni naannoo tokkotti fudhatama qabu naannoo kan biraatti fudhatama qabaachuu dhiisuu akka dandaʼu beekamaa dha. Kanaaf, sabni Yihowaa addunyaa mara irra jiran namoota akka hin mufachiisneef jecha aadaa naannoo sanaa xiyyeeffannaa keessa ni galchu. Walgaʼiiwwan guguddaa irratti yommuu argamnu, uffannaan keenya sirrii fi seera qabeessa taʼuu qaba malee akkaataa uffannaa addunyaa keessatti barame kan calaqqisiisuu taʼuu hin qabu. Akkas yoo goone Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya afaan guunnee dubbachuu dandeenya. Akkasumas, carraa isaa yeroo arganutti qaanii tokko malee dhugaa baʼuu dandeenya. w16.09 3:7, 8

Wiixata, Onkoloolessa 15

Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha, inni wantoota hundumaa uume garuu Waaqayyo dha.—Ibr. 3:4.

Ibsi Phaawulos kun amansiisaa fi buʼa qabeessa dha! Eeyyee, diizaayinoonni wal xaxaa taʼan buʼaa sammuu dandeettii yaaduu qabu tokkoo akka taʼan beekamaa dha. Nama waaʼee Kitaaba Qulqulluu shakkii qabuu wajjin yommuu mariʼattus akkasuma gochuu dandeessa. Wanta inni dhugumaan itti amanuu fi mata dureewwan isa hawwachuu dandaʼan beekuuf yaali. (Fak. 18:13) Saayinsiin kan isa hawwatu yoo taʼe, qabxiiwwan Kitaabni Qulqulluun saayinsii wajjin kan wal simu taʼuu isaa ibsan yoo isaaf caqaste fedhii argisiisuu dandaʼa taʼa. Namoonni kaan immoo fakkeenyonni Kitaabni Qulqulluun raajii fi seenaa sirrii taʼe kan qabate taʼuu isaa ibsan xiyyeeffannaa isaanii harkisu. Yookiin qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Lallaba Gaaraa keessatti argamanii caqasuu dandeessa. Galmi kee falmiidhaan moʼuu utuu hin taʼin, garaa namootaa tuquu taʼuu qaba. Kanaaf akka gaariitti isaan dhaggeeffadhu. Gaaffii isaan gaafadhu; akkasumas gaarummaa fi kabajaan yaada kee ibsi; keessumaa maanguddootaa wajjin yommuu mariʼattutti akkas godhi. Yoo akkas goote isaanis ilaalcha kee sii kabajuuf kakaʼuu dandaʼu. w16.09 4:14-16

Kibxata, Onkoloolessa 16

Wal simadhaa.—Rom. 15:7.

Warri biyya biraatii dhufan gumii keessatti bilisummaan akka itti dhagaʼamu gargaaruuf, ‘Utuun biyya alaa jira taʼee, namoonni akkamitti akka na qabanin barbaada ture?’ jedhaa of gaafadhaa. (Mat. 7:12) Namoota haaraa biyya baraa jiran obsaan qabaa. Jalqaba irratti, akkaataa isaan itti yaadan ykn wanta isaan godhan sirriitti hubachuu hin dandeenyu taʼa. Haa taʼu malee, aadaa keenya akka fudhatan isaan irraa eeguu mannaa, eenyummaa isaan qabaniin maaliif isaan hin simannu? Waaʼee iddoo dhalootaa ykn aadaa isaanii yoo baranne isaanii wajjin walii galuun salphaa nuuf taʼuu dandaʼa. Waaqeffannaa maatii keenya irratti waaʼee namoota gumii ykn naannoo keenyaaf haaraa taʼanii beekuuf qorannaa gochuu ni dandeenya taʼa. Karaa biraan namoota biyya biraatii dhufanitti dhihaachuuf nu gargaaru, mana keenyatti nyaata isaan afeeruu dha. Yihowaan ‘namoota saboota Waaqayyoo hin taaneef balbala amantii baneera.’ Nuti hoo namoota orma taʼanii fi “amantiidhaan nutti firoomaniif” balbala keenya banuu hin qabnuu?—HoE. 14:27; Gal. 6:10; Iyo. 31:32. w16.10 1:15, 16

Roobii, Onkoloolessa 17

Yesuus isa dubbii hamaa cubbamoonni . . . dubbatan dandaʼe sana akka gaariitti yaadaa.—Ibr. 12:3.

Phaawulos waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amantii qaban garaa garaa erga dubbatee booda, gama kanaan waaʼee qaama fakkeenya guddaa nuuf taʼu tokkoo, jechuunis waaʼee Yesuus Kiristoos ibse. Ibroonni 12:2 akkana jedha: “Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee salphina isa irra gaʼe tuffatee muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera; akkasumas mirga teessoo Waaqayyoo taaʼeera.” Dhuguma iyyuu, fakkeenya Yesuus isa qorumsawwan baayʼee ulfaatoo taʼan moʼuu dandaʼee irratti ‘akka gaariitti yaaduu’ qabna. Kiristiyaanonni amantii isaaniitiif jedhanii wareegaman kan akka Antiiphaas, akkuma Yesuus ejjennoo isaanii laaffisuu didaniiru. (Mul. 2:13) Namoonni kun duʼaa kaʼanii samii irra jiraachuuf abdii qabu; duʼaa kaʼuun kun, ‘duʼaa kaʼuu isa caaluu’ fi namoonni amantii qaban durii eeggachaa turan irra kan caalu dha. (Ibr. 11:35) Mootummichi bara 1914⁠tti hundeeffamee yeroo muraasa booda, Kiristiyaanonni dibamoon amanamummaa isaanii eeganii duʼan hundi, samii irratti mootota taʼanii Yesuusii wajjin ilmaan namootaa bulchuuf, qaama hafuuraa uffatanii duʼaa kaʼaniiru.—Mul. 20:4. w16.10 3:12

Kamisa, Onkoloolessa 18

Guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.—Ibr. 3:13.

Warri tokko tokko warri isaanii matumaa isaan galateeffatanii hin beekan; kanaaf, isaanis ijoollee isaanii hin galateeffatan. Hojjettoonni hedduun, namoonni isaan galateeffatan waan hin jirreef, bakka hojiitti namni isaan jajjabeessu tokko illee akka hin jirre dubbatu. Yeroo baayʼee, jajjabinni wanta gaarii hojjechuu isaatiif nama tokko galateeffachuu dabalata. Kana malees, warri kaan amala gaarii akka qaban isaanitti himuudhaan ykn wanta ‘warra abdii kutatan jajjabeessu’ dubbachuudhaan isaan jajjabeessuu ni dandeenya. (1 Tas. 5:14, milj.) Jechi Afaan Giriikii yeroo baayʼee “jajjabeessuu” jedhamee hiikamu, kallattiidhaan “nama tokko cinaa dhaabachuu” jechuu dha. Obboloota keenyaa wajjin yommuu tajaajillu, wanta isaan jajjabeessu dubbachuuf carraa argachuun keenya hin oolu. (Lal. 4:9, 10) Yeroo mijataa yommuu argannu, warri kaan maaliif akka isaan jaallannuu fi akka isaan dinqisiifannu akka hubatan gochuuf ni carraaqnaa? Gaaffii kana deebisuu keenya dura fakkeenya “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa!” jedhu irratti yaaduun keenya gaarii dha.—Fak. 15:23. w16.11 1:3-5

Jimaata, Onkoloolessa 19

Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!—Far. 133:1.

Waaqayyo haala sabni isaa gara fuulduraatti qabaatan ilaalchisee raajii yommuu dubbatu, “Akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa” jedheera. (Mik. 2:12) Kana malees, Yihowaan karaa Sefaaniyaa raajichaa akkana jedhee raajii dubbateera: “Yeroo sanatti qooqa namootaa gara qooqa qulqulluutti [dhugaa Kitaaba Qulqulluutti] nan jijjiira. Kunis hundi isaanii maqaa Yihowaa akka waammatanii fi harka walqabatanii akka isa tajaajilaniifi dha [ykn “tokkummaadhaan akka isa waaqeffataniifi dha,” milj.].” (Sef. 3:9, NW) Tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf mirga argachuu keenyatti guddaa galateeffanna! Gorsi Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti argamu, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Qorontos keessa turanis taʼe bakka kan biraa jiraatan qulqullina, nagaa fi tokkummaa gumii isaanii eeguuf akka isaan gargaare beekamaa dha. (1 Qor. 1:10; Efe. 4:11-13; 1 Phe. 3:8) Yeroo harʼaattis, miseensonni jaarmiyaa Waaqayyoo isa tokkummaa qabuu waliin taʼanii misiraachicha lallabaa waan jiraniif, kaayyoon Waaqayyoo inni dinqisiisaan guutummaa lafaa irratti beekamuu dandaʼeera. w16.11 2:16, 18

Sanbadduraa, Onkoloolessa 20

[Isin] isa dukkana keessaa . . . isin waame Sanaaf, “ulfina isaa balʼinaan akka labsitaniif . . . luboota mootii, saba qulqulluu, saba qabeenya Waaqayyoo taʼuuf fudhatamtani” dha.—1 Phe. 2:9.

Dhaloota Kiristoos Booda jaarraawwan muraasa booda namoonni hedduun Afaan Giriikiitiin ykn Afaan Laatiiniitiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼaniiru. Kanaafuu, barumsa Dubbii Waaqayyoo fi barumsa amantii waldaalee wal bira qabanii ilaaluuf carraa argataniiru. Isaan keessaa tokko tokko wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan irratti hundaaʼanii barumsa sobaa waldaan barsiistu fudhachuu didaniiru; yaada akkanaa ifatti dubbachuun garuu balaa kan qabu taʼuu isaa irra iyyuu, duʼaaf kan isaan saaxilu ture. Yeroo booda immoo Kitaabni Qulqulluun afaanota namoonni hedduun hin beekneen qofa argama ture; waldaanis carraaqqii Dubbii Waaqayyoo afaanota namoonni kaan hubatanitti hiikuuf godhamaa ture cimsitee mormiti turte. Namni wanta waldaan barsiistu fudhachuu dide kam iyyuu adaba guddaatu isa eeggata ture. Dibamtoonni amanamoon tajaajiltoota Waaqayyoo taʼan dhoksaatti gareedhaan walitti qabamu turan; warra tokko tokkoof garuu walitti qabamuun ulfaataa ture. Dibamtoonni “luboota mootii” taʼanis karaa gurmaaʼina qabuun tajaajiluu hin dandeenye turan. Baabilon Guddittiin namoota takaaltee qabdee turte! w16.11 4:8, 10, 11

Dilbata, Onkoloolessa 21

Namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo [hin dhaalan].—1 Qor. 6:9.

Cubbuu cimaa warri Qorontos keessa turan tokko tokko raawwachaa turan raawwachuu irraa fagaachuuf filachuu qabna. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa akka fudhannee fi ‘cubbuun nu irratti gooftummaa akka hin qabne’ dubbachuuf kana gochuun keenya barbaachisaa dha. Kana malees, cubbuu namoonni tokko tokko cimaa akka hin taanetti ilaalan raawwachuu irraa fagaachuuf waan nuuf dandaʼame gochuudhaan, ‘garaa guutuudhaan ajajamuuf’ murteessineerraa? (Rom. 6:14, 17) Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa yaadaa. Phaawulos, cubbuu ciccimaa 1 Qorontos 6:9-11 irratti ibsame raawwachaa akka hin turre mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taʼus, cubbamaa taʼuu isaa amaneera. Akkana jedhee barreesseera: “Ani . . . nama foonii cubbuutti gurgurame dha. Sababiin isaas, ani wantan gochaa jiru hin hubadhu. Ani wantan barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa wantan jibbun hojjedha.” (Rom. 7:14, 15) Kun wantoonni Phaawulos akka cubbuutti ilaalu kan biraan akka turanii fi cubbuu kanaa wajjin qabsoo gochaa akka ture argisiisa. (Rom. 7:21-23) Nutis akkuma isaa “garaa guutuudhaan ajajamuuf” haa carraaqnu. w16.12 1:15, 16

Wiixata, Onkoloolessa 22

Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa.—Far. 55:22.

Haalawwan akka hin tasgabboofne, akka sodaattan ykn akka dhiphattan godhan yommuu isin mudatan, wanta garaa keessan keessa jiru Abbaa keessan isa samii jaalala qabeessa taʼe duratti dhangalaasaa. Rakkina tokko furuuf waan dandeessan hunda erga gootanii booda, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun keessan dhiphachuu caalaa faayidaa guddaa argamsiisa. (Far. 94:18, 19) Akkuma Filiphisiyus 4:6, 7 argisiisutti, Yihowaan wawwaannaa garaadhaa maddee fi utuu wal irraa hin kutin dhiheessinuuf deebii kennuu dandaʼa. Akkamitti? Tasgabbii miirawwan sammuu fi garaa keenya jeeqan irraa boqonnaa akka argannu gochuu dandaʼu nuuf kennuudhaani. Namoonni hedduun kun dhugaa taʼuu isaa muuxannoo isaanii irraa mirkaneeffataniiru. Waaqayyo, dhiphinaa fi yaaddoo wanta gara fuulduraatti taʼu yaaduudhaan isaanitti dhagaʼamu dhiisanii, nagaa fi tasgabbii hubannaa namootaatii ol taʼe akka argatan gochuudhaan isaan gargaareera. Kun isiniinis mudatee taʼuu dandaʼa. Kanaaf “nagaan Waaqayyoo” rakkina isin irra gaʼu kam irratti iyyuu injifannoo qabaachuu dandaʼa. Abdii Yihowaan gara laafinaan kakaʼee, “Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan kennetti guutummaatti amanamuu ni dandeessu.—Isa. 41:10. w16.12 3:3, 4

Kibxata, Onkoloolessa 23

Museen erga guddatee booda amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide.—Ibr. 11:24.

Museen qabeenya Gibxii dhiisuudhaan, “yeroo muraasaaf cubbuu keessa jiraatee gammachuu argachuu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.” (Ibr. 11:25, 26) Mirga filannoo keenya dinqisiifachuu fi fedha Waaqayyoo raawwachuuf itti fayyadamuudhaan, fakkeenya amantii namoota durii, kan akka Musee kana haa hordofnu. Namni kan biraan murtoo akka nuuf godhu gochuun salphaa fakkaatus, akkas gochuun keenya eebba guddaa mirga filannoo keenyatti fayyadamuun nuuf argamsiisu nu dhabsiisa. Eebbi kunis Keessa Deebii 30:19, 20 irratti ibsameera. Lakkoofsi 19, filannoo Waaqayyo Israaʼelootaaf dhiheessee ture ibsa. Lakkoofsa 20 irratti immoo, Yihowaan sabichi wanta garaa isaanii keessa jiru akka ibsaniif carraa gaarii isaaniif kennuu isaa hubanna. Nutis Yihowaa waaqeffachuuf filachuu dandeenya. Mirga filannoo keenya karaa jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuu fi karaa isaaf ulfinaa fidun itti fayyadamuu caalaa mirgi guddaan hin jiru! w17.01 2:10, 11

Roobii, Onkoloolessa 24

Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii taʼes hojjedhu; . . . amanamummaas eeggadhu!—Far. 37:3.

Yihowaan dandeettii keenyatti karaa sirrii taʼeen akka itti fayyadamnu nu irraa eega. Maalif? Waan nu jaallatuu fi kennaawwan kanatti karaa sirrii taʼee fayyadamuun keenya gammachuu akka nuuf argamsiisu waan beekuufi dha. Gama biraatiin immoo, Yihowaan ilmaan namootaa hanqina akka qaban beeka. Mudaa, cubbuu fi duʼa matumaa ofuma keenyaan hambisuu hin dandeenyu; namoonni hundi mirga filannaa waan qabaniif isaan toʼachuu hin dandeenyu. (1 Mot. 8:46) Akkasumas, beekumsa ykn muuxannoo hangamii illee yoo qabaanne, beekumsa ykn muuxannoo Yihowaan qabu wajjin wal gitu matumaa qabaachuu hin dandeenyu. (Isa. 55:9) Haalawwan hunda keessatti, akka nu deggeruu fi wanta nuti ofiif gochuu hin dandeenye akka nuuf godhu amanuudhaan, qajeelfama isaa argachuuf Yihowaatti amanamuu qabna. Karaa biraatiin immoo, rakkoo keenya furuu fi warra kaan gargaaruuf tarkaanfii sirrii fudhachuudhaan wanta dandeenyu gochuu qabna. Gabaabaadhumatti, ‘Yihowaatti amanamuu fi wanta gaarii taʼe hojjechuu’ qabna. w17.01 1:2-4

Kamisa, Onkoloolessa 25

Anaa wajjin ceʼiitii Yerusaalem dhaqi! Anis nyaata si barbaachisu siif nan kenna.—2 Sam. 19:33.

Baarzilaayiin afeerricha hin fudhanne. Maaliif? Dulloomee waan tureef mootichatti baʼaa taʼuu waan hin barbaanneef ture. Kanaaf Baarzilaayi, Kiimhaam (tarii ilmaan isaa keessaa tokko taʼuu dandaʼa) bakka isaa akka deemu yaada dhiheesse. (2 Sam. 19:31-37) Baarzilaayi nama gad of deebisu taʼuun isaa murtoo sirrii akka godhu isa gargaareera. Afeerraa Daawit fudhachuu kan dide, itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa akka hin qabne waan isatti dhagaʼameef ykn bara soorama itti baʼu bilisummaadhaan jiraachuu waan barbaadeef hin turre. Kanaa mannaa, haala isaa isa jijjiirame amanee waan fudhatee fi humna isaa waan beekuuf ture. Itti gaafatamummaa dabalataa humna isaatii ol taʼe fudhachuu hin barbaanne. (Gal. 6:4, 5) Aangoo, ulfinaa fi beekamummaa irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, akka hinaafnuu fi wal morkii keessa akka seennu, oolee bulee immoo abdii akka kutannu nu taasisuu dandaʼa. (Gal. 5:26) Haa taʼu malee, gad of deebisuun, hundi keenya dandeettii fi carraaqqii keenyatti fayyadamnee Waaqayyoof ulfina akka kenninuu fi warra kaan gargaaruuf wanta caalaatti gaarii taʼe raawwachuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa.—1 Qor. 10:31. w17.01 4:5, 6

Jimaata, Onkoloolessa 26

Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baayʼee gaarii ture.—Uma. 1:31.

Yihowaan Uumaa dinqisiisaa dha. Wanti inni uume hundi sadarkaa ol aanaa kan qabu dha. (Er. 10:12) Akkuma uumama irraa hubannu, Yihowaan jaalalaan kakaʼuudhaan daangaa kaaʼeera. Wanti hundi karaa gurmaaʼina qabuun akka hojjetuuf, seerawwan uumamaa fi seerawwan naamusaa baaseera. (Far. 19:7-9) Kanaaf, wantoonni uumama cufa keessatti argaman hundi, kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo fi hojii mataa isaanii qabu. Yihowaan akkaataa uumamawwan isaa itti waliin hojjechuu qaban ilaalchisee ulaagaa baaseera. Kanaaf, sirni harkisa lafaa, qilleensi naannoo lafaa akka turu godha; dambalii galaanaa toʼata, akkasumas wantoonni lafa irratti jireenyaaf barbaachisan akka jiraatan godha. Ilmaan namootaa dabalatee uumamni hundi daangaa kana keessatti sochoʼa. Dhuguma iyyuu uumamni karaa seera qabeessa taʼeen gurmaaʼuun isaa, Waaqayyo lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif kaayyoo akka qabu argisiisa. Tajaajila keenya irratti, namoonni Uumaa isa karaa seera qabeessa taʼeen wantoota kana uume irratti akka xiyyeeffatan gochuu dandeenyaa?—Mul. 4:11. w17.02 1:4, 5

Sanbadduraa, Onkoloolessa 27

Waaqayyo karaa maleekaa . . . isatti mulʼate sanaa bulchaa fi fayyisaa godhee [Musee] erge.—HoE. 7:35.

Bara Musee booda, Iyaasuu inni bakka isaa buʼe, waraana sabni Waaqayyoo warra Kanaʼaan faana godhan irratti “angafa loltuu Waaqayyoo” tokko irraa gargaarsa argatee ture. (Iya. 5:13-15; 6:2, 21) Yeroo booda immoo, loltoonni Asor hedduun Yerusaalemiin weeraruuf Hisqiyaas Mooticha doorsisanii turan. Halkan tokkotti, “ergamaan Waaqayyoo baʼee . . . namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese.” (2 Mot. 19:35) Maleekonni mudaa kan hin qabne taʼanis, namoonni isaan gargaaran garuu mudaa kan qabani dha. Museen yeroo tokko Yihowaadhaaf ulfina utuu hin kennin hafee ture. (Lak. 20:12) Iyaasuun immoo, Giibeʼonotaa wajjin kakuu galuu isaa dura qajeelfama Waaqayyoo hin gaafanne ture. (Iya. 9:14, 15) Hisqiyaasis yeroo muraasaaf ‘ol of qabuu jalqabee’ ture. (2 Sen. 32:25, 26) Taʼus, namoonni kun mudaa kan qaban yoo taʼan illee, Israaʼelonni isaaniif ajajamuu qabu turan. Yihowaan maleekotatti fayyadamee namoota kana geggeessaa ture. Dhuguma iyyuu, Yihowaan saba isaa geggeessaa ture. w17.02 3:7-9

Dilbata, Onkoloolessa 28

Isa teessoo irra taaʼe Sanaa fi Hoolichaaf eebbi, kabajni, ulfinnii fi humni baraa hamma bara baraatti haa taʼu.—Mul. 5:13.

Nama tokkoof ulfina kennuu jechuun xiyyeeffannaa addaa fi kabaja isaaf kennuu jechuu dha. Xiyyeeffannaa fi kabaja akkasii argachuu kan qabu, nama wanta ulfina isaaf argamsiisu raawwate ykn aangoo adda taʼe qabu dha. Kanaaf ulfina kennuufii kan qabnu Eenyuuf akka taʼee fi ulfinni akkasii kan isaaf malu maaliif jennee gaafanna taʼa. Mulʼata 5:13 irratti akka ibsametti, “Isa teessoo irra taaʼe Sanaa fi Hoolichaaf” ulfinni ni mala. Kitaabuma kana boqonnaa 4 irraa sababii Yihowaadhaaf ulfinni ni mala itti jennu hubanna. Uumamawwan hafuuraa samii keessa jiran sagalee isaanii guddisanii Yihowaa “isa baraa hamma bara baraatti jiraatu” faarsaniiru. Akkana jedhan: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—Mul. 4:9-11. w17.03 1:1, 2

Wiixata, Onkoloolessa 29

Namni yaada oofii isaa amanatu gowwaa dha.—Fak. 28:26.

Yeroo harʼaatti, yaanni ‘wanta garaan kee jedhu hordofi’ jedhu babalʼateera. Kana gochuun garuu balaa qaba. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun yaada kana hin deggeru. Kitaabni Qulqulluun murtoo yeroo goonutti garaa keenya isa jalʼaa taʼeen ykn miiraan oofamuu akka hin qabne nu akeekkachiisa. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa akka hubannutti immoo wanta garaan ofii jedhu hordofuun miidhaa geessisa. Ilmaan namootaa mudaa hin qabne rakkina guddaa tokko qabu; innis, ‘garaan isaanii waan hundumaa irra jalʼaa fi namnis isa qajeelchuu kan hin dandeenye’ taʼuu isaa ti. (Er. 3:17; 13:10; 17:9; 1 Mot. 11:9) Wanta garaan keenya jedhu kan hordofnu yoo taʼe maaltu nu mudata? Miirri keenya yaadaa fi gocha keenya toʼataa? Fakkeenyaaf, utuu aarree jirruu yoo murtoo goone maaltu taʼuu dandaʼa? Kanaan dura akkana gooneerra taanaan deebiin isaa ifa dha. (Fak. 14:17; 29:22) Yookiin immoo yeroo abdii kutannutti, murtoo gaarii gochuu ni dandeenyaa? (Lak. 32:6-12; Fak. 24:10) Yeroo murtoo cimaa goonutti miirri keenya akka nu toʼatu yoo heyyamne, salphaatti gowwoomfamuu dandeenya. w17.03 2:12, 13

Kibxata, Onkoloolessa 30

Bara jireenya kootti amanamummaadhaa fi garaa guutuudhaan fuula kee dura [deddeebiʼaan ture].—2 Mot. 20:3.

Cubbamoota waan taaneef, dogoggora ni raawwanna. Kan nama gammachiisu garuu, Yihowaan qalbii kan jijjiirrannuu fi aarsaa furii Yesuus irratti hundoofnee amantiidhaan gad of qabnee kan isatti dhihaannu yoo taʼe, “akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu.” (Far. 103:10) Haa taʼu malee, waaqeffannaan guyyaa guyyaatti Yihowaadhaaf dhiheessinu fudhatama akka argatu yoo barbaanne, akkuma Daawit Solomoonitti himee ture ‘garaa guutuudhaan isaaf hojjechuu’ qabna. (1 Sen. 28:9) “Garaa guutuudhaan” Waaqayyoon tajaajiluun hamma dhumaatti isaaf of kennuu dabalata. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “garaa” jedhu yeroo baayʼee keessa namummaa argisiisuuf itti hojjetameera. Fedhii, yaada, amala, ilaalcha, dandeettii, kakaʼumsaa fi galma nama tokkoo kan argisiisu dha. Kanaafuu, namni garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilu Yihowaa kan tajaajilu na irraa haa baʼu jedhee miti. Nuti hoo? Nutis, cubbamoo yoo taane illee, utuu hin fakkeessin guutummaatti Waaqayyoof buluu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, garaa guutuudhaan isa tajaajilaa jirra jechuu dha.—2 Sen. 19:9. w17.03 3:1, 3

Roobii, Onkoloolessa 31

[Yihowaan] warra gad deebiʼan in ilaala; warra of gurguddisan garuu inni fagootti in beeka.—Far. 138:6.

Hojii guddaa tokko yoo raawwanne, tarii Yihowaan wanti yaada keenya keessa jiru akka baʼu gochuuf ‘nu irraa fagaateeraa’ laata? Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haasaa isaa akka gaariitti qophaaʼee dhaggeeffattoota hedduu duratti dhiheessa taʼa. Achiis namoonni hedduun wanta inni godhe kanaaf isa jajatu taʼa. Yeroo kanatti maal godha? Yommuu jajamnu gorsa Yesuus kana hojii irra oolchuu qabna: “Isinis hojii isiniif kenname hunda yommuu hojjettan, ‘Nuti garboota gatii hin qabne dha. Wanti hojjenne, wanta hojjechuu qabnu dha’ jedhaa.” (Luq. 17:10) Hisqiyaas irraa wanti barachuu dandeenyu jira. Amala of tuulummaa waan qabuuf ‘wanta gaarii isaaf godhame kanaaf Waaqayyoon hin galateeffanne.’ (2 Sen. 32:24-27, 31) Wanta gaarii Waaqayyo nuuf godhe irratti xiinxaluun keenya, amala Yihowaan jibbu irraa fagaachuuf nu gargaara. Waaʼee Yihowaa isa saba isaa amanamummaadhaan deggeruu galateeffannaadhaan dubbachuu dandeenya. w17.03 4:12-14

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi