LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es20 ful. 27-37
  • Bitootessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Dilbata, Bitootessa 1
  • Wiixata, Bitootessa 2
  • Kibxata, Bitootessa 3
  • Roobii, Bitootessa 4
  • Kamisa, Bitootessa 5
  • Jimaata, Bitootessa 6
  • Sanbadduraa, Bitootessa 7
  • Dilbata, Bitootessa 8
  • Wiixata, Bitootessa 9
  • Kibxata, Bitootessa 10
  • Roobii, Bitootessa 11
  • Kamisa, Bitootessa 12
  • Jimaata, Bitootessa 13
  • Sanbadduraa, Bitootessa 14
  • Dilbata, Bitootessa 15
  • Wiixata, Bitootessa 16
  • Kibxata, Bitootessa 17
  • Roobii, Bitootessa 18
  • Kamisa, Bitootessa 19
  • Jimaata, Bitootessa 20
  • Sanbadduraa, Bitootessa 21
  • Dilbata, Bitootessa 22
  • Wiixata, Bitootessa 23
  • Kibxata, Bitootessa 24
  • Roobii, Bitootessa 25
  • Kamisa, Bitootessa 26
  • Jimaata, Bitootessa 27
  • Sanbadduraa, Bitootessa 28
  • Dilbata, Bitootessa 29
  • Wiixata, Bitootessa 30
  • Kibxata, Bitootessa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2020
es20 ful. 27-37

Bitootessa

Dilbata, Bitootessa 1

Ati waan hundaa irratti gooftummaa qabda.—1 Sen. 29:12.

Kitaaba Seera Uumamaa irraa boqonnaawwan jalqabaa lamaan yeroo dubbisnu, Addaamii fi Hewwaan bilisummaa dhugaa argatanii akka turan, jechuunis rakkina, sodaa fi hacuuccaa irraa bilisa akka turan hubachuu dandeenya; namoonni yeroo harʼaa jiran bilisummaa akkasii argachuuf hawwu malee hin qaban. Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa yaaddoo nyaataa, hojii, dhukkubaa fi duʼaa irraa guutummaatti bilisa turan. (Uma. 1:27-29; 2:8, 9, 15) Bilisummaa daangaa hin qabnee fi guutuu taʼe kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe sammuutti qabachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Wanta hundumaa kan uume isa waan taʼee fi Gooftaa uumama hundaa, waan hundumaa dandaʼu waan taʼeefi. (1 Xim. 1:17; Mul. 4:11) Kanaaf, uumamawwan samii irra jiranis taʼe lafa irra jiran hundi bilisummaa daangeffame qabu. Yihowaan daangaa haqa qabeessa, barbaachisaa fi amansiisaa dha jedhee murteesse isaan irra kaaʼuuf aangoo guutuu akka qabu hubachuu qabu. Wanti Yihowaan namoota jalqaba irratti uume wajjin haala wal qabateen godhes kanuma dha. w18.04 4 key. 4, 6

Wiixata, Bitootessa 2

Inni wanti gaariin akka dhufu misiraachoo himu . . . miilli isaa gaarreen irratti akkam bareeda!—Isa. 52:7.

Sirna kana keessatti jabaannee dhaabachuu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa qofaani dha. (2 Qor. 4:7, 8) Haa taʼu malee, addunyaa kana keessatti namoota Yihowaa wajjin utuu hariiroo hin qabaatin jiraachuuf qabsoo gochaa jiran yaadaa. Nutis akkuma Yesuus isaaniif gadduudhaan, “wanti gaariin akka dhufu misiraachoo” isaanitti himuuf kakaana. Namoota barsiistanitti obsa argisiisaa. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu nuti akka gaariitti beeknu tokko tokko isaan matumaa arganii akka hin beekne yaadadhaa. Akkasumas namoonni hedduun amantii isaanii baayʼee jaallatu. Amantiin isaanii maatii, aadaa fi hawaasa isaanii wajjin tokkummaa akka qabaatan akka isaan godhutti ilaalu taʼa. Namoonni amantii isaanii isa “duraa” jaallatan akka dhiisan isaan gaafachuu keenya dura, jalqaba dhugaawwan “haaraa”, jechuunis barumsawwan Kitaaba Qulqulluu isa jalqaba hin beekneef dinqisiifannaa cimaa akka qabaatan isaan gargaaruun nu barbaachisuu dandaʼa. Yoo kana godhan qofa Ilaalcha isaanii isa duraa dhiisuu dandaʼu. Namoonni jijjiirama akkasii akka godhan gargaaruun yeroo fudhachuu dandaʼa.—Rom. 12:2. w19.03 23-24 key. 10, 12-13

Kibxata, Bitootessa 3

Ani sitti nan gammada.—Mar. 1:11.

Fakkeenyi Yihowaan jaalalaa fi gammachuu isaa ibsuudhaan kaaʼe, warra kaan jajjabeessuuf carraa akka barbaannu nu yaadachiisa. (Yoh. 5:20) Namni iddoo guddaa kenninuuf tokko akka nu jaallatu yommuu ibsuu fi wanta gaarii hojjenneef yommuu nu galateeffatu ni lalisna. Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenya gumii keessa jiranii fi miseensota maatii keenyatti jaalala argisiisuu fi isaan jajjabeessuun keenya barbaachisaa dha. Warra kaan yommuu galateeffannu amantii isaanii cimsina, akkasumas amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaarra. Keessumaa warri ijoollee isaanii jajjabeessuu qabu. Warri ijoollee isaanii garaadhaa yommuu galateeffatanii fi jaalala isaanitti argisiisan, ijoolleen isaanii akka lalisan isaan gargaaru. Jechi “ani sitti nan gammada” jedhu kun Yesuus fedha Abbaa isaa amanamummaadhaan akka raawwatu Yihowaan amanannaa akka isa irratti qabu argisiisu. Yihowaan Yesuus irratti amanannaa akkasii qaba; nutis Yesuus abdii Yihowaan kenne hundumaa amanamummaadhaan akka raawwatu amanannaa guutuu qabaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 1:20) Fakkeenya Yesuus yommuu qorannu, isa irraa barachuu fi faana isaa hordofuuf caalaatti kutannoo qabaanna.—1 Phe. 2:21. w19.03 8 key. 3; 9 key. 5-6

Roobii, Bitootessa 4

Seerri hafuuraa inni warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif jireenya kennu, seera cubbuu fi seera duʼaa jalaa bilisa isin baaseera.—Rom. 8:2.

Kennaan gatii guddaa qabu tokko faayidaa guddaa qabaachuu isaa yeroo hubannu, nama kennaa sana nuu kenne galateeffachuuf kakaana. Israaʼelonni bilisummaa Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasuudhaan isaaniif kenne utuu hin dinqisiifatin hafaniiru. Garbummaa jalaa bilisa baʼanii jiʼoota muraasa booda nyaataa fi dhugaatii Gibxiitti argachaa turan hawwuu jalqaban; kana malees, qophii Yihowaan isaaniif godhe irratti kan gunguman taʼuu isaa irra iyyuu gara Gibxiitti deebiʼuu kajeelan. Mee yaadaa: bilisummaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqeffachuuf argatan caalaa ‘qurxummii, dabaaqula, buqqee dheedhii nyaatamu, wanta akka goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adiitiif’ iddoo guddaa kennan. Yihowaan isaanitti dheekkamuun isaa nama dinqisiisaa ree? (Lak. 11:5, 6, 10; 14:3, 4) Kun barumsa guddaa nuuf taʼa! Phaawulos ergamaan, bilisummaa Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin isaanii kenne utuu hin dinqisiifatin akka hin hafne Kiristiyaanota hunda gorseera.—2 Qor. 6:1. w18.04 9-10 key. 6-7

Kamisa, Bitootessa 5

Inni qajeelummaa fi haqa ni jaallata. Lafti jaalala Yihowaa isa amanamaadhaan guutamteetti.—Far. 33:5, NW.

Hundi keenya namoonni kaan akka nu jaallatan barbaanna. Akkasumas warri kaan haqaan akka nu qaban barbaanna. Namoonni irra deddeebiʼanii jaalalaa fi haqa yoo nu dhowwatan, gatii fi abdii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaan jaalalaa fi haqa cimsinee akka barbaannu ni beeka. Waaqni keenya akka nu jaallatuu fi haqaan akka qabamnu akka barbaadu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Kunis Seera Yihowaan karaa Musee Israaʼelootaaf kenne hubannee yommuu ilaallu ifa nuuf taʼa. Seera Musee yommuu qoʼannu, Waaqni keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe miira hoʼaa akka qabu hubanna. (Rom. 13:8-10) Yihowaan waan hundumaa kan hojjete jaalalaan kakaʼee waan taʼeef, Seerri Musee jaalala irratti hundaaʼe jechuu ni dandeenya. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan guutummaa seerichaa kan hundeesse ajajawwan guguddaa lama irratti jechuunis, Waaqayyoon jaallachuu fi nama jaallachuu irratti dha. (Lew. 19:18; Kes. 6:5; Mat. 22:36-40) Tokkoon tokkoon ajajawwan 600 fi kan biroon, waaʼee jaalala Yihowaa wanta nu barsiisan qabu. w19.02 20-21 key. 1-4

Jimaata, Bitootessa 6

Bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa.—Mat. 6:21.

Iyoob dubartootaa wajjin haala wal qabateen amala argisiisu ilaalchisee of eeggannoo godheera. (Iyo. 31:1) Dubartii haadha manaa isaa hin taane tokkotti miira jaalalaa argisiisuun sirrii akka hin taane beeka ture. Yeroo harʼaa kan jiraannu, addunyaa saalqunnamtii akka raawwannu dhiibbaa cimaa nu irratti godhu keessa dha. Nuti hoo akkuma Iyoob dubartii haadha manaa keenya hin taane tokkoof xiyyeeffannaa sirrii hin taane kennuu irraa of qusannaa? Wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasan ykn poornoogiraafii gosa akkamii iyyuu ilaaluu irraa of qusannaa? (Mat. 5:28) Guyyaa guyyaadhaan of toʼachuuf carraaqqii akkasii yoo goone amanamummaa keenya eeguuf of cimsina. Iyoob ilaalcha qabeenyaaf qabu irrattis Yihowaadhaaf ajajameera. Iyoob qabeenya isaatti amanamuun, dogoggora guddaa isa adabsiisu akka taʼetti hubatee ture. (Iyo. 31:24, 25, 28) Yeroo harʼaa addunyaa qabeenyaaf iddoo guddaa kennu keessa jiraanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun nu gorsu, qarshii fi qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa yoo qabaanne, murtoo amanamoo taanee jiraachuuf goone ni cimsanna.—Fak. 30:8, 9; Mat. 6:19, 20. w19.02 6 key. 13-14

Sanbadduraa, Bitootessa 7

Akkuma Abbaan na jaallate, anis isin jaalladheera.—Yoh. 15:9.

Yesuus wanta raawwate hundumaa irratti jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu akka gaariitti calaqqiseera. (1 Yoh. 4:8-10) Hunda caalaa immoo, Yesuus lubbuu isaa kan nuuf kenne garaa isaatii kakaʼee ture. Dibamtootas taane “hoolota kan biraa” jaalala Yihowaa fi Ilmi isaa karaa aarsaa kanaa nutti argisiisan irraa ni fayyadamna. (Yoh. 10:16; 1 Yoh. 2:2) Wantoota Irbaata Yaadannoo irratti dhihaatanis yaadaa; wantoonni kun Yesuus barattoota isaa akka jaallatuu fi akka isaaniif yaadu argisiisu. Akkamitti? Yesuus duuka buutonni isaa hafuuraan dibaman sirna wal xaxaa utuu hin taʼin, irbaata salphaadhaan duʼa isaa akka yaadatan gochuudhaan jaalala akka isaaniif qabu argisiiseera. Yeroon darbaa yommuu adeemu, duuka buutonni isaa warri dibamoon, Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajuu kan qaban siʼa taʼu, kanas mana hidhaa dabalatee haala gara garaa keessatti gochuun isaan barbaachisee ture. (Mul. 2:10) Maarree ajaja Yesuus raawwachuu dandaʼaniiruu? Eeyyee dandaʼaniiru! Kiristiyaanonni dhugaan hamma bara keenyaatti Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf carraaqqii gochaa turaniiru. w19.01 24 key. 13-15

Dilbata, Bitootessa 8

[Dhugaa] ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.—Yoh. 8:32.

Bilisummaan kun, amantii sobaa, doofummaa fi ilaalcha boodatti hafaa irraa walaba taʼuu dabalata. Kana malees waan dabalatu qaba. Dhuma irratti, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argamsiisa. (Rom. 8:21) ‘Dubbii Kiristoositti jiraachuudhaan’ ykn barumsa isaa hordofuudhaan ammuma illee bilisummaa kana dhandhamaa. (Yoh. 8:31) Akkas kan gootan taanaan, barachuu qofaan utuu hin taʼin, ittiin jiraachuudhaan ‘dhugaa ni beektu.’ Sirna moofaa kana keessatti jireenyi gaarii akka taʼe yaadamu illee amansiisaa kan hin taanee fi yeroo gabaabaa qofa kan turu dha. Wanta guyyaan borii fidu hin beeknu. (Yaq. 4:13, 14) Kanaaf, tarkaanfiin ogummaa irratti hundaaʼe daandii “jireenya isa dhugaa,” jechuunis jireenya bara baraa irra turuu dha. (1 Xim. 6:19) Dhugaa dha, Waaqayyo daandii kana irra akka adeemnu nu hin dirqisiisu. Filannoon isaa kan keenya dha. Yihowaa “qooda” keessan godhadhaa. (Far. 16:5) “Waan gaarii” hedduu inni isiniif kenne dinqisiifadhaa. (Far. 103:5) Kana malees, inni ‘guutummaa gammachuu’ fi ‘wanta namatti tolu bara hundumaa’ isiniif kennuu akka dandaʼu amantii qabaadhaa.—Far. 16:11. w18.12 28 key. 19, 21

Wiixata, Bitootessa 9

Abbaan manaas haadha mana isaa hin dhiisin.—1 Qor. 7:11.

Akkuma Yesuusii fi Yihowaan godhan, Kiristiyaanonni hundi gaaʼela kabajuuf carraaquu qabu. Haa taʼu malee, namoonni mudaa kan qaban waan taʼaniif, tokko tokko kana gochuu dhiisuu dandaʼu. (Rom. 7:18-23) Kanaaf, gaaʼela Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko keessa illee rakkinni waan tureef kun taʼuun isaa nu rifachiisuu hin qabu. Phaawulos, “Haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin” jedhee barreesseera; taʼus darbee darbee haalli akkasii uumameera. (1 Qor. 7:10) Phaawulos gargar baʼuu kanaaf wanti sababa taʼe maal akka taʼe hin ibsine. Taʼus, rakkinni kun akka uumamu kan godhe, fakkeenyaaf, abbaan manaa ejja raawwachuu isaatiin kan kaʼe, haati manaa sun isa hiiktee nama kan biraatti heerumuuf sababa akka qabaattu kan godhu miti. Phaawulos haati manaa abbaa manaa ishii wajjin gargar baate takka, ‘utuu hin heerumin jiraachuu yookiin abbaa manaa ishii wajjin araaramuu’ akka qabdu barreesseera. Kanaaf, akka ilaalcha Waaqayyootti lamaan isaanii amma iyyuu tokko dha. Phaawulos rakkinni isaanii maal iyyuu yoo taʼe, ejji hin raawwatamne taanaan, walitti araaramuuf carraaquu akka qaban gorseera. Hiriyoonni gaaʼelaa sun jaarsoliin gumii gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka isaaniif kennan gargaarsa gaafachuu dandaʼu. w18.12 13 key. 14-15

Kibxata, Bitootessa 10

Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa.—Mat. 6:33.

Yeroo harʼaa fedhiin Waaqayyo saba isaatiif qabu michummaa isaa wajjin qaban akka guddifatanii fi hamma isaaniif dandaʼame hojii isaa irratti guutummaatti akka hirmaatani dha. (Mat. 28:19, 20; Yaq. 4:8) Namoonni tokko tokko kakaʼumsa gaarii kan qaban taʼanis, abdii nu kutachiisuuf yaaluu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namni qacaree isin hojjechiisu tokko mindaa keessan akka isiniif dabaluu fi sadarkaa hojii keessanii akka isiniif guddisu abdii kan isiniif kenne taʼus, hojiin kun garuu sochii hafuuraa keessan kan daangessu dha haa jennu. Yookiin barachaa kan jirtan yoo taʼe, mana keessan irraa fagaattanii barumsa dabalataa akka barattan afeerraan isiniif dhihaate haa jennu. Yeroo kanatti, kadhannaadhaan erga qorannaa gootanii fi warra kaanii wajjin erga mariʼatanii booda murteessuun isin barbaachisaa? Dhimmoota akkasii irratti yaada Yihowaan qabu ammumaa barachuu fi yaada isaa kan ofii keessanii godhachuuf maaliif hin yaaltan? Taanaan afeerraan akkasii yommuu isiniif dhihaatu, qorumsa isinitti taʼuu hin dandaʼu. Galma hafuuraa baafattaniittu, garaa keessanitti murtoo gootaniittu, wanti isin hafu murtoo gootan sana hojii irra oolchuu qofa dha. w18.11 27 key. 18

Roobii, Bitootessa 11

Wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu.—Fak. 4:23, NW.

Solomoon mootii kan taʼe ijoollummaa isaatti ture. Bulchiinsa isaa gara jalqabaa irratti Yihowaan abjuudhaan isatti mulʼatee, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu!” isaan jedhee ture. Solomoonis, ‘ani mucaa xinnaa fi muuxannoo kan hin qabne dha, kanaaf, tajaajilaan kee saba keetiif murtii akka kennuuf, garaa ajajamu isaaf kenni’ jedhee deebiseera. (1 Mot. 3:5-10, NW) Kadhannaan “garaa ajajamu” argachuuf dhihaate kun gaaffii gad of qabuu argisiisu dha. Yihowaan Solomooniin akka jaallatu hin shakkisiisu! (2 Sam. 12:24) Waaqni keenya deebii mootiin dargaggeessi kun kennetti baayʼee waan gammadeef, “garaa ogeessaa fi hubataa” isaaf kenneera. (1 Mot. 3:12, NW) Solomoon amanamaa yeroo ture hundatti eebbawwan hedduu argateera. “Maqaa Waaqayyo gooftaa Israaʼeliif” mana qulqullummaa ijaaruuf mirga argateera. (1 Mot. 8:20) Ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen beekamaa taʼeera. Wantoonni inni yeroo hafuura Waaqayyootiin geggeeffamaa turetti dubbate, kitaabota Kitaaba Qulqulluu sadii keessatti galmeeffamaniiru. Isaan keessaa inni tokko Kitaaba Fakkeenyaa ti. w19.01 14 key. 1-2

Kamisa, Bitootessa 12

Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.—Rom. 12:2.

Namoonni tokko tokko eenyu iyyuu yaada isaanii irratti dhiibbaa akka hin goone cimsanii mormu. “Ani yaada mataa koo qaba” jedhu. Tarii yommuu akkas jedhan, murtoo ofii isaanii akka godhanii fi kana gochuun isaaniis sirrii akka taʼe dubbachuu isaanii taʼuu dandaʼa. Namni kam iyyuu akka isaan toʼatus taʼe, eenyummaa isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan. Yaadni keenya yaada Yihowaa wajjin akka wal simu goona jechuun, yaada dhuunfaa keenyaa guutummaatti dhiisna jechuu miti. Akkuma 2 Qorontos 3:17 irratti ibsame, ‘bakka hafuurri Yihowaa jiru bilisummaan jira.’ Eenyummaa keenya isa adda baasee nu beeksisu guddifachuuf bilisummaa qabna. Filannaa dhuunfaa qabaachuu fi wantoota irratti xiyyeeffachuu barbaannu filachuu ni dandeenya. Yihowaan kana akka goonu godhee nu uume. Haa taʼu malee, bilisummaa keenya daangaa malee itti fayyadamuu hin dandeenyu. (1 Phe. 2:16) Wantoota sirrii taʼanii fi dogoggora taʼan ilaalchisee Yihowaan yaada isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameen akka geggeeffamnu barbaada. w18.11 19 key. 5-6

Jimaata, Bitootessa 13

Deemaas sirna ammaa kana jaallatee ana dhiisee [deemeera].—2 Xim. 4:10.

Dhugaa yommuu baranne jireenya keenya keessatti wantoonni hafuuraa iddoo tokkoffaa, qabeenyi immoo iddoo lammaffaa akka qabaatu gooneerra. Dhugaa keessa deddeebiʼuuf jecha qabeenya keenya gammachuudhaan aarsaa gochaa turreerra. Haa taʼu malee, yeroo booda, namoonni kaan meeshaa elektirooniksii ammayyaa ykn wantoota qarshiin bituu dandaʼu kan biraatiin yommuu gammadan arguu dandeenya. Kanaaf, milkaaʼina akka dhabne nutti dhagaʼamuu jalqabuu dandaʼa. Wantoota qabnutti gammaduu waan dhiisnuuf, Yihowaa tajaajiluu caalaa qabeenya argachuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya. Adeemsi akkasii Deemaasiin nu yaadachiisa. Jaalalli inni ‘sirna ammaa kanaaf’ qabu Phaawulos ergamaa wajjin tajaajiluu isaa akka dhaabu isa godheera. Deemaas Phaawulosiin dhiisee kan deeme maaliif ture? Kana kan godhe sochii hafuuraa caalaa qabeenya jaallatee ykn aarsaa Phaawulosii wajjin tajaajiluun gaafatu kaffaluuf fedhii dhabee taʼuu fi dhiisuu isaa Kitaabni Qulqulluun waan ibsu hin qabu. Fedhiin qabeenyaaf qabnu deebiʼee akka kakaʼuu fi fedhiin kun jaalala dhugaadhaaf qabnu akka ukkaamsu gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha. w18.11 10 key. 9

Sanbadduraa, Bitootessa 14

Hin duutan.—Uma. 3:4.

Sobni Seexanaa hamminaan kan guutame dha; sababiin isaas Hewaan isa amantee mukicha irraa yoo nyaate akka ishiin duutu guutummaatti beeka ture. Addaamii fi Hewaan lamaanuu Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif yeroo booda duʼaniiru. (Uma. 3:6; 5:5) Dabalataanis, cubbuu hojjetan kanaan, “duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” Dhuguma iyyuu, “namoota cubbuu Addaam ajajamuu diduudhaan hojjetee wajjin wal fakkaatu hin hojjenne irratti illee, duuti . . . akka mootiitti moʼeera.” (Rom. 5:12, 14) Akkuma kaayyoo Waaqayyoo isa duraatti jireenya mudaa fi dhuma hin qabneen gammaduu mannaa, “Barri jireenyaa keenya waggaa 70, cimina addaa yoo qabaanne immoo waggaa 80 dha.” Taʼus, jireenyi yeroo baayʼee “rakkinaa fi gaddaan kan guutame dha.” (Far. 90:10, NW) Soba Seexanaatiin kan kaʼe wantoonni kun hundi dhufuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. Yesuus hojii Seexanaa yommuu ibsu: “Dhugaan isa keessa waan hin jirreefis dhugaatti jabaatee hin dhaabanne” jedheera. (Yoh. 8:44) Soba isaatiin ‘guutummaa lafaa dogoggorsaa’ waan jiruuf yeroo ammaatti iyyuu dhugaan isa keessa hin jiru. (Mul. 12:9) Nuti Diyaabilos akka nu dogoggorsu hin barbaannu. w18.10 6-7 key. 1-4

Dilbata, Bitootessa 15

Warri nagaa uuman gammadoo dha; isaan ijoollee Waaqayyoo ni jedhamu.—Mat. 5:9.

Warri nagaa uumuuf dursa fudhatan gammadoo taʼuuf sababii gaarii qabu. Yaaqoob baratichi, “Warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:18) Nama gumii ykn maatii keenya keessa jiru tokko wajjin walitti dhufeenyi qabnu yommuu laafu, nagaa uumuuf gargaarsa Waaqayyoo cimsinee kadhachuu ni dandeenya. Yoo akkas goone, hafuurri qulqulluun Yihowaa, amalli qajeelaanii fi gammachuun baayʼinaan jiraachuu dandaʼa. Yesuus nagaa uumuuf dursa fudhachuun barbaachisaa taʼuu isaa akkas jechuudhaan ibseera: “Kanaaf, kennaa kee gara iddoo aarsaatti yeroo fiddu, utuu achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Achiis jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Mat. 5:23, 24. w18.09 21 key. 17

Wiixata, Bitootessa 16

Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.

Yesuus galgala yeroo dhumaatiif barattoota isaa wajjin dabarsetti, jaalala gara al 30 caqaseera. Barattoonni isaa, ‘wal jaallachuu’ akka qaban adda baasee ibseera. (Yoh. 15:12, 17) Jaalalli isaan waliif qaban baayʼee guddaa waan taʼuuf, duuka buutota isaa warra dhugaa akka taʼan ifatti beeksisa. (Yoh. 13:35) Jaalalli kun miira qofa miti. Yesuus amala iddoo guddaa qabu, jechuunis waaʼee jaalala fedhii ofii aarsaa godhuu dubbachaa ture. Yesuus, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu illee jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu. Wanta ani isin ajaju yoo hojjettan, isin michoota koo ti” jedheera. (Yoh. 15:13, 14) Jaalalli dhugaan fedhii ofii aarsaa godhuu fi tokkummaa cimaan tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran qaban, saba Waaqayyoo akka taʼan addaa baasee isaan beeksisa. (1 Yoh. 3:10, 11) Tajaajiltoonni Yihowaa biyyi, gosti, qooqni ykn akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, jaalalli akka Kiristoos gidduu isaanii baayʼinaan jiraachuu isaatti guddaa galateeffanna! w18.09 12 key. 1-2

Kibxata, Bitootessa 17

Namni warra kan isaa taʼaniif, keessummaa immoo miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu hin dhiheessine, amantii kan gane [dha].—1 Xim. 5:8.

Yihowaan tajaajiltoonni isaa maatii isaaniitiif kunuunsa akka godhan barbaada. Fakkeenyaaf, qarshii wanta maatii keessaniif barbaachisu guutuuf isin fayyadu argachuuf hojjechuu qabdu taʼa. Haadhotii hedduun daaʼimman isaaniitiif kunuunsa gochuuf mana oolu. Gaʼeessonni tokko tokko immoo, warra isaanii dulloomanii fi dhukkubsatan kunuunsuu qabu taʼa. Akkas gochuun keenya barbaachisaa dha. Itti gaafatamummaan akkasii kan isin irra jiru yoo taʼe, yeroo sochiiwwan tiʼookraasii irratti dabarsuu feetan ramaduu hin dandeessan taʼa. Taʼus abdii hin kutatinaa! Yihowaan wanta maatii keessaniif barbaachisu yommuu dhiheessitan ni gammada. (1 Qor. 10:31) Itti gaafatamummaan maatii kan sitti hin baayʼanne yoo taʼe, obboloota kee dhukkubsatan ykn dullooman ykn deggersi kan biraan isaan barbaachisu gargaaruu ni dandeessaa? Obboloota gumii kee keessa jiran keessaa warra gargaarsi isaan barbaachisu hubachuuf maaliif yaalii hin gootu? Akkas gochuudhaan, kadhannaan isaanii deebii akka argatu gochuu irratti Yihowaa wajjin hojjechuu dandeessa.—1 Qor. 10:24. w18.08 24 key. 3, 5

Roobii, Bitootessa 18

Waaqayyo garuu isaa wajjin waan tureef, rakkina isaa hundumaa irraa isa oolche.—HoE. 7:9, 10.

Yoseef yeroo obboloonni isaa hinaaffaadhaan kakaʼanii garbummaatti isa gurguran umuriin isaa waggaa 17 ture. Sana dura Yoseef abbaa isaa biratti baayʼee jaallatamaa ture. (Uma. 37:2-4, 23-28) Yoseef abbaa isaa Yaaqoob isa isa jaallatu irraa fagaatee gara waggaa 13f Gibxii keessatti garbummaa fi hidhaa dandamachuun dirqama itti taʼee ture. Abdii akka hin kutannee fi akka hin aarre kan isa gargaare maali dha ree? Yoseef mana hidhaa keessatti dhiphachaa kan ture taʼus, yaanni isaa ragaa Yihowaan isa eebbisaa akka jiru argisiisu irratti akka xiyyeeffatu godhee taʼuu qaba. (Uma. 39:21; Far. 105:17-19) Abjuun inni yeroo ijoollee turetti argee fi hiika raajiin sun qabus Yihowaa biratti fudhatama akka qabu amanannaa akka qabaatu isa gargaareera. (Uma. 37:5-11) Yoseef, dhiphina isaa al tokkoo ol kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhangalaasee taʼuu hin oolu. (Far. 145:18) Yihowaan kadhannaa Yoseef garaadhaa dhiheesseef deebii kennuudhaan qorumsa isaa hunda keessatti akka ‘isaa wajjin taʼu’ keessa isaatti amanannaa akka qabaatu isa taasiseera. w18.10 28 key. 3-4

Kamisa, Bitootessa 19

Hiyyeessi ollaa isaa biratti iyyuu in jibbama, sooressi garuu firoota baayʼee qaba.—Fak. 14:20.

Qabeenyi ilaalcha namoota kaaniif qabnu irratti dhiibbaa godha. Haa taʼu malee, soorummaan ykn hiyyummaan nama tokkoo ilaalcha nama sanaaf qabnu irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti? Akkuma caqasa guyyaa harʼa irratti caqasame hafuurri qulqulluun Solomoon ilmaan namootaa mudaa qaban ilaalchisee dhugaa gaddisiisaa kana akka galmeessu isa kakaaseera. Fakkeenyi kun maal nu barsiisa? Yoo of eeggachuu baanne, obboloota sooreyyii taʼanitti michoomuuf fedhii qabaachuu fi obboloota hiyyeeyyii taʼan irraa immoo fagaachuu dandeenya. Qabeenya isaanii irratti qofa hundoofne namoota kaan madaaluun balaa guddaa qaba kan jennu maaliifi? Akkas kan goonu yoo taʼe, gumii keessatti namoota wal caalchisuun akka uumamu gochuu dandaʼa. Rakkinni kun gumiiwwan jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko qoqqoodee waan tureef Yaaqoob baratichi akeekkachiisa kennee ture. (Yaq. 2:1-4) Yeroo harʼaattis ilaalchi akkasii gumii keenya keessatti dhiibbaa akka hin goone of eeggachuu qabna. Akkasumas dhiibbaa wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan akka murteessinu nu godhu akkasii wajjin qabsoo gochuu qabna. w18.08 10 key. 8-10

Jimaata, Bitootessa 20

Jaalala guddaa waliif qabaadhaa.—1 Phe. 4:8.

Walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnuunis, michooma adda taʼee fi Yihowaa wajjin qabnu akka dinqisiifannu argisiisuu dandeenya. Obboloonni keenyas kan Yihowaa ti. Dhugaa kana yoo dagachuu baanne, yeroo hunda obboloota keenyatti gaarummaa fi jaalala argisiisuun nutti hin ulfaatu. (1 Tas. 5:15) Yesuus duuka buutota isaatiin akkana jedheera: “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” (Yoh. 13:35) Miilkiyaas, Yihowaan wanta saboonni Isaa dubbatan xiyyeeffannaadhaan akka ‘dhaggeeffatu’ dubbachuun isaa qalbii namaa kan hawwatu dha. (Mil. 3:16) Yihowaan dhugumaan, “warra kan isaa taʼan ni beeka.” (2 Xim. 2:19) Wanta goonuu fi wanta dubbannu hunda xiyyeeffannaadhaan hordofa. (Ibr. 4:13) Obboloota keenyatti gaarummaa utuu hin argisiisin yommuu hafnu, Yihowaan ni hubata. Kana malees, obboloota keenya keessummummaa yommuu simannu, isaaniif yommuu arjoomnu, yommuu dhiifama isaaniif goonuu fi gaarummaa isaanitti argisiisnu, Yihowaan wantoota kanas akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Ibr. 13:16. w18.07 26 key. 15, 17

Sanbadduraa, Bitootessa 21

[Yihowaatti] maxxani.—Kes. 10:20.

Yihowaatti maxxanuun keenya ogummaa dha. Qaamni Waaqa keenya caalaa humna, ogummaa fi jaalala guddaa qabu hin jiru! Nu keessaa namni isa cinaa dhaabachuu hin barbaanne jiraa? (Far. 96:4-6) Haa taʼu malee, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan tokko tokko yeroo haalli Yihowaa cinaa akka dhaabatan godhu uumamutti ejjennoo cimaa utuu hin qabaatin hafaniiru. Haala Qaayin akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Yihowaa malee waaqa biraa akka waaqeffate hin dubbanne. Haa taʼu malee, waaqeffannaan isaa Waaqayyo biratti fudhatama hin arganne. Hamminni garaa isaa keessatti guddachaa ture. (1 Yoh. 3:12) Yihowaanis Qaayiniin gargaaruuf akkana isaan jedhee ture: “Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo taʼe garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Gama biraatiin Yihowaan Qaayiniin, “Yoo yaada geddarattee fi na cinaa dhaabachuuf ejjennoo cimaa yoo fudhatte, anis si cinaa nan dhaabadha” jechuu isaa ture. Qaayin garuu gorsa isaaf kenname utuu hin fudhatin hafeera. w18.07 17-18 key. 1, 3-4

Dilbata, Bitootessa 22

Ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.

Karaan ifni keenya akka ifu itti goonu tokko, misiraachoo lallabuu fi barattoota gochuu akka taʼe ifa dha. (Mat. 28:19, 20) Kana malees, amala keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuu dandeenya. Namoonni manaa gara manaattii fi karaa irratti yommuu tajaajillu argannu amala keenya ni qalbeeffatu. Kan seeqnuu fi miira hoʼaadhaan nagaa kan isaan gaafannu yoo taʼe, eenyummaa keenyaa fi Waaqa nuti waaqeffannu ilaalchisee ergaa guddaa dabarsa. Yesuus barattoota isaatiin, “Yommuu mana tokko seentan, namoota mana sanaa nagaa gaafadhaa” jedheera. (Mat. 10:12) Namoonni naannoo yeroo baayʼee Yesuusii fi ergamoonni isaa itti lallabaa turan keessa jiraatan, namoota hin beekne mana isaaniitti simachuun baramaa ture. Yeroo harʼaatti garuu, bakkawwan hedduutti barsiifanni akkasii hin jiru. Taʼus, sababii bakka sana itti dhaqxan sirriittii fi gaarummaadhaan kan isaaniif ibsitan yoo taʼe, yeroo baayʼee yaaddoo nama sanaa hirʼisuu ykn aarii isaa qabbaneessuu dandaʼa. Gammachuudhaan seequun yeroo baayʼee maree jalqabuuf karaa bana. Kun yeroo obboloonnii fi obboleettonni gaariitti fayyadamanii bakka namoonni baayʼatanitti lallabanittis ni hojjeta. Yeroo baayʼee namoonni yoo gammachuudhaan seeqxanii fi nagaa isaan gaafattan deebii gaarii akka kennan hubachuu hin ooltan. w18.06 22 key. 4-5

Wiixata, Bitootessa 23

Waaqayyo namoota [wal hin caalchisu].—HoE. 10:34.

Pheexiros ergamaan namoota Yihudii taʼanii wajjiniin qofa michummaa uumuu amala godhatee ture. Taʼus, Waaqayyo Kiristiyaanonni namoota wal caalchisuu akka hin qabne ifa erga godhee booda, Pheexiros Qorneelewos isa loltuu Roomaa tureef lallabeera. (HoE. 10:28, 35) Sana booda garuu, Pheexiros Kiristiyaanota Yihudii hin taane wajjin nyaata nyaachuu fi walitti dhufeenya qabaachuu jalqabe. Waggoota muraasa booda garuu, Pheexiros Kiristiyaanota Yihudii hin taanee fi magaalaa Anxokiyaa keessa jiraatanii wajjin nyaachuu dhaabee ture. (Gal. 2:11-14) Yeroo kanatti Phaawulos, Pheexirosiin kan ifate siʼa taʼu, innis gorsa kennameef fudhateera. Pheexiros Kiristiyaanota Yihudootaa fi Yihudii hin taaneef warra Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiraataniif yommuu xalayaa isaa isa jalqabaa barreessetti, waaʼee guutummaa waldaa obbolummaa miira hoʼaadhaan dubbateera. (1 Phe. 1:1; 2:17) Ergamoonni “namoota akaakuu hundumaa” jaallachuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus irraa akka baratan ifa dha. (Yoh. 12:32; 1 Xim. 4:10) Yeroo kan isaanitti fudhate taʼu illee, ilaalcha isaanii sirreessaniiru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa “namummaa haaraa” waan uffataniif, namoonni hundi ija Waaqayyoo duratti qixxee akka taʼanitti ilaaluu jalqabaniiru.—Qol. 3:10, 11. w18.06 11 key. 15-16

Kibxata, Bitootessa 24

Gaachana qomaa qajeelinaa uffachuudhaan jabaadhaa dhaabadhaa.—Efe. 6:14.

Gaachanni qomaa loltuun Roomaa tokko uffatu sibiilawwan babattee dalgee taʼanii fi naannoo qoma isaa akka haguugan godhamanii dabsaman irraa kan hojjetame taʼuu dandaʼa. Gaachanni qomaa kun laphee isaa ykn kutaa qaama isaa kan biraa akka hin waraanne isa irraa dhoowwa. Kanaaf yeroo hundumaa iddoo isaatti hidhamee akka jiru ilaaluun isa barbaachisa. Kun ulaagaan Yihowaan qajeelinaaf baase, garaa keenya isa akka fakkeenyatti ibsame akka eegu kan argisiisu dha! (Fak. 4:23, hiika bara 1899) Loltuun tokko sibiila gaachana qomaa isaa, gaachana qomaa sibiila gaarii hin taane irraa hojjetameen akkuma hin geeddarre, nutis ulaagaa Yihowaan qajeelinaaf baase ulaagaa mataa keenyaatiin jijjiiruu hin barbaannu. Ogummaa guddaa yaada garaa keenya eeguuf nu barbaachisu hin qabnu. (Fak.  3:5, 6) Yeroo hunda ‘gaachanni qomaa’ keenya onnee keenya haguugee akka jiru mirkaneeffachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi. Akkasumas jaalala dhugaawwan Waaqayyo biraa arganneef qabnu kan guddisnu yoo taʼe, “gaachana qomaa” keenya baachuun, jechuunis akka ulaagaa Waaqayyo qajeelinaaf baasetti jiraachuun nutti hin ulfaatu.—Far. 111:7, 8; 1 Yoh. 5:3. w18.05 28 key. 3-4, 6-7

Roobii, Bitootessa 25

[Sabichi] Musee lolan.—Lak. 20:3.

Museen yeroo dheeraadhaaf karaa fedhii ofittummaa irraa walaba taʼeen sabicha geggeessaa kan ture taʼus, bishaan waan dhabaniif qofa utuu hin taʼin, kan dheebotan sababii isaatiin akka taʼe waan yaadaniif Musee irratti gungumanii turan. (Lak. 20:1-5, 9-11) Museenis baayʼee aaree waan tureef, garraamummaa isaa dhabeera. Akkuma Yihowaan isa ajajee turetti amantiidhaan kattaa sanatti dubbachuu mannaa, Museen aarii guddaadhaan sabichatti dubbachuudhaan ofii isaatiif ulfina kenneera. Achiis, kattaa sana siʼa lama yommuu rukutu bishaan keessaa burquu jalqabe. Of tuulummaa fi aariin dogoggora cimaa akka raawwatu isa taasiseera. (Far. 106:32, 33) Museen yeroo muraasaaf garraamummaa dhabuu isaatiin kan kaʼe, Biyyatti Abdachiifamtetti akka hin galle dhowwameera. (Lak. 20:12) Fakkeenya Musee irraa barumsa guddaa arganna. Tokkoffaa, garraamota taanee jiraachuuf carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu qabna. Yeroo muraasaaf illee garraamota taʼuu yoo daganne, of tuulummaan nutti deebiʼee, dubbii gowwummaa akka dubbannuu fi gocha gowwummaa akka raawwannu nu taasisuu dandaʼa. Lammaffaa, dhiphinni nu laaffisuu waan dandaʼuuf, haala rakkisaa keessatti illee garraamota taanee itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. w19.02 12-13 key. 19-21

Kamisa, Bitootessa 26

Misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama.—Mat. 24:14.

Ajaja Yesuus akka lallabnu kenne hordofuun baʼaa taʼuu dandaʼaa? Matumaa. Yesuus fakkeenya waaʼee muka wayinii erga dubbatee booda, labsitoonni Mootummichaa gammachuu akka argatan dubbateera. (Yoh. 15:11) Gammachuun isaa kan keenyas taʼuu akka dandaʼu nuuf mirkaneesseera. Akkamitti? Yesuus ofii isaa muka wayiniitti, barattoota isaa immoo dameewwanitti fakkeesseera. (Yoh. 15:5) Mukti wayinii dameewwan isaa ni deggera. Dameewwan sun mukichatti maxxananii hamma jiranitti, mukicha irraa bishaanii fi nyaata isaan barbaachisu ni argatu. Haaluma wal fakkaatuun, faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuudhaan isaa wajjin tokkummaadhaan hamma jiraannetti, gammachuu inni fedhii abbaa isaa raawwachuudhaan argate arganna. (Yoh. 4:34; 17:13; 1 Phe. 2:21) Haannee ishiin gara waggaa 40 oliif qajeelchitu taate, “Gammachuun ani yeroo hunda ergan tajaajila baʼee booda natti dhagaʼamu, Yihowaa tajaajiluu koo akkan itti fufu na kakaasa” jetteetti. Dhuguma iyyuu, gammachuu guddaan nutti dhagaʼamu naannoowwan tajaajilaa rakkisoo taʼan keessatti illee, tajaajila keenya itti fufuuf humna nuuf kenna.—Mat. 5:10-12. w18.05 17 key. 2; 20 key. 14

Jimaata, Bitootessa 27

Amantii fi dhugaa ilaalchisee barsiisaa sabootaa taʼee [muudameera].—1 Xim. 2:7.

Jaarraa jalqabaatti, ergamaan hundumaa caalaa obboloota isaa jajjabeesse Phaawulos ergamaa taʼuu hin oolu. Phaawulos ergamaan saboota Giriikii fi Roomaa warra waaqolii hedduu waaqeffataniif akka lallabu hafuura qulqulluudhaan ergamee ture. (Gal. 2:7-9) Phaawulos naannoo yeroo harʼaatti Turkii jedhamtu dabalatee Giriikii fi Xaaliyaanii keessa imaluudhaan namoota Yihudoota hin taane gidduutti gumiiwwan Kiristiyaanaa hundeesseera. Namoonni reefuu Kiristiyaanota taʼan kun ‘namoota biyya isaanii irraa rakkinni isaan irra gaʼaa’ waan tureef jajjabinni isaan barbaachisa ture. (1 Tas. 2:14) Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti gumii Tasalonqee isa haaraa tureef akkana jedhee barreesseera: “Nuti kadhannaa keenya keessatti waaʼee hunda keessanii yommuu kaasnu, yeroo hunda Waaqayyoon ni galateeffanna; sababiin isaas nuti hojii isin amanamummaadhaan hojjettan, jaalalaan kakaatanii carraaqqii gochuu keessanii fi . . . jabaattanii dhaabachuu keessan . . . yeroo hunda ni yaadanna.” (1 Tas. 1:2, 3) Akkasumas, “Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan akka wal cimsan isaan gorseera.—1 Tas. 5:11. w18.04 18-19 key. 16-17

Sanbadduraa, Bitootessa 28

Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.

Dargaggeessi jireenyi isaa Yihowaa gammachiisuu irratti akka xiyyeeffatu godhe tokko, tajaajila isaatiif xiyyeeffannaa addaa kenna. Hojiin lallabaa baayʼee ariifachiisaa waan taʼeef, wantoota dursa kenninuuf keessaa isa jalqabaa taʼuu qaba. Tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuuf galma baafatteettaa? Qajeelchaa taʼuu hoo ni dandeessaa? Taʼus tajaajila irra gammachuu xiqqoo qofa argachaa jirta yoo taʼe hoo? Dhugaa baʼuu irratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Qabxiiwwan lamaan kun si gargaaruu dandaʼu: Akka gaariitti qophaaʼi, akkasumas wanta beektu warra kaanitti himuu irraa duubatti hin jedhin. Haala kanaan lallabuun gammachuu guddaa akka siif argamsiisu yommuu hubattu dinqisiifamuu dandeessa taʼa. Gaaffii hiriyoonni mana barumsaa kee yeroo hedduu gaafataniif deebii barbaaduudhaan jalqabuu dandeessa. Weeb saayitiin keenya jw.org jedhamu, mata dureewwan, dargaggoonni ofuma isaanii gaaffii kanaaf deebii akka kennan gargaaruuf qophaaʼan qabateera. Birooshura Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu irraa mata dureen “Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?” jedhu deebii mataa kee qopheessuuf si gargaaruu dandaʼa. w18.04 27 key. 10-11

Dilbata, Bitootessa 29

Horaa, baayʼadhaa.—Uma. 1:28.

Addaamii fi Hewaan jalqaba irratti karaa baayʼeedhaan bilisummaa kan qaban taʼus, daangaan isaan irra kaaʼamee ture. Daangaawwan tokko tokko wanta uumamaan jiran taʼanis, daangaa taʼuun isaanii hin oolle. Fakkeenyaaf, warri keenya jalqabaa kun jireenyi isaanii akka itti fufuuf hafuura baafachuun, nyaachuun, rafuunii fi wantoonni kana fakkaatan akka isaan barbaachisan beeku turan. Wantoota kana gochuu kan qaban taʼuun isaa bilisummaa akka isaan dhabsiise isaanitti dhagaʼamee turee? Lakki. Yihowaan, wantoonni yeroo hundumaa godhamuu qaban kun illee gammachuu isaaniif argamsiisuu akka dandaʼan beeka ture. (Far. 104:14, 15; Lal. 3:12, 13) Yihowaan, Addaamii fi Hewaan lafa akka guutanii fi akka kunuunsan isaan ajajee ture. Ajajni kun karaa taʼe tokkoon bilisummaa kan isaan dhabsiisu turee? Gonkummaa akkas miti! Kana gochuun isaanii, kaayyoo Uumaan lafa kana jannata ilmaan namootaa mudaa hin qabne bara baraaf irra jiraatan gochuuf qabu irratti akka hirmaatan kan isaan dandeessisu ture. (Far. 127:3; Isa. 45:18) Addaamii fi Hewaan gaaʼela isaaniittii fi maatii isaaniitti bara baraaf gammadanii jiraachuu ni dandaʼu turan. w18.04 4-5 key. 4, 7-8

Wiixata, Bitootessa 30

Namoonni saba Waaqayyoo hin taanes yommuu kana dhagaʼan, guddaa gammadanii dubbii Yihowaatiif ulfina kennuu jalqaban.—HoE. 13:48.

Namoota tajaajila irratti argannutti obsa kan argisiisnu yoo taʼe, dhugaa Kitaaba Qulqulluu akkuma jalqaba dhagaʼaniin akka hubatan ykn akka fudhatan isaan irraa hin eegnu. Fakkeenyaaf, namni tokko lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu ilaalchisee abdii kenname akka hubatu akkamitti gargaaruu akka dandeenyu haa ilaallu. Namoonni baayʼeen duuti xumura waan hundumaa akka taʼe amanu taʼa ykn namoonni gaariin hundi gara samii deemu jedhanii yaadu taʼa. Obboleessi tokko mala buʼa qabeessa taʼee argate dubbateera. Jalqaba, Uumama 1:28 dubbisa. Achiis, Waaqayyo namoonni eessaa fi haala akkamii keessa akka jiraatan barbaadee akka ture namicha gaafata. Namoonni baayʼeen, “Lafa irra, haala gaarii keessa” jedhanii deebisu. Obboleessi kun itti aansuudhaan, Isaayaas 55:11 erga dubbisee booda kaayyoon Waaqayyoo akka jijjiiramee fi akka hin jijjiiramne gaafata. Yeroo baayʼee namichi hin jijjiiramne jedhee deebisa. Dhuma irratti obboleessi kun, Faarfannaa 37:10, 11 dubbisuudhaan jireenyi ilmaan namootaa gara fuulduraa maal fakkaachuu akka dandaʼu gaafata. Karaa kanaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan, namoonni hedduun Waaqayyoo amma iyyuu namoonni gaariin lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan kan barbaadu taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera. w19.03 24 key. 14-15; 25 key. 19

Kibxata, Bitootessa 31

Isa dhagaʼaa.—Mat. 17:5.

Yihowaan Ilma isaa akka dhageenyuu fi akka isaaf ajajamnu akka barbaadu ifa godheera. Yesuus duuka buutonni isaa misiraachoo akkamitti akka lallaban jaalalaan isaan barsiiseera, akkasumas dammaqanii akka eegan irra deddeebiʼee isaan yaadachiiseera. (Mat. 24:42; 28:19, 20) Kana malees, cimanii akka hojjetanii fi abdii akka hin kutanne isaan jajjabeesseera. (Luq. 13:24) Yesuus, duuka buutonni isaa wal jaallachuun isaanii, tokkummaa isaanii eeganii itti fufuu fi ajaja isaa eeguun isaanii barbaachisaa akka taʼe cimsee ibseera. (Yoh. 15:10, 12, 13) Gorsi kun, akkuma yeroo Yesuus kenne sana barbaachisaa ture, harʼas barbaachisaa dha. Yesuus, “Namni dhugaa cinaa dhaabatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa” jedheera. (Yoh. 18:37) ‘Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keenya itti fufuudhaan’ sagalee isaa akka dhageenyu argisiisna. (Qol. 3:13; Luq. 17:3, 4) Dabalataanis, “yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti” hinaaffaadhaan misiraachicha lallabuudhaan sagalee isaa akka dhageenyu argisiisna.—2 Xim. 4:2. w19.03 10 key. 9-10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi