Ebla
Roobii, Ebla 1
[Yesuus] Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati kan namaa malee kan Waaqayyoo [hin yaadne jedhe].”—Mat. 16:23.
Nuti hoo? Akka Yihowaatti yaadna moo akka namoota addunyaatti yaadna? Dhugaa dha, amalli keenya ulaagaa Waaqayyoo wajjin akka wal simu gooneerra taʼa. Haa taʼu malee yaadni keenya hoo? Yaadni keenyaa fi ilaalchi keenya kan Yihowaa wajjin akka wal simu gooneerraa? Kana gochuun taʼe jedhanii carraaqqii gochuu gaafata. Karaa kan biraa immoo yaada addunyaa qabaachuun carraaqqii gochuu hin gaafatu. Kun kan taʼe hafuurri addunyaa naannoo keenya hunda waan jiruufi. (Efe. 2:2) Kana malees, hafuurri addunyaa fedhii ofittummaa waan jajjabeessuuf, akkaataan addunyaan itti yaadu nama hawwachuu dandaʼa. Eeyyee, akka Yihowaatti yaaduun ulfaataa dha, akka addunyaatti yaaduun garuu baayʼee salphaa dha. Addunyaan yaada keenya irratti dhiibbaa akka godhu yoo heyyamne, fedhii ofittummaa guuttachuu barbaaduu fi gama naamusaatiin murtoo mataa keenyaa gochuuf kakaʼuu dandeenya. (Mar. 7:21, 22) Kanaaf, yaada “namootaa” utuu hin taʼin, yaada “Waaqayyoo” horachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. w18.11 18 key. 1; 19 key. 3-4
Kamisa, Ebla 2
Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha.—Mat. 3:17.
Yesuus, Yihowaan kallattiidhaan samii irraa yeroowwan adda addaa sadii isatti dubbachuudhaan beekamtii yommuu isaaf kennu baayʼee jajjabaatee taʼuu qaba. Yesuus Laga Yordaanositti erga cuuphamee booda, Yihowaan yaada olitti caqasame dubbateera. Jechoota dubbataman kana kan dhagaʼe, Yohaannis Cuuphaa qofa akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Yeroo booda immoo, Yesuus duʼuu isaa gara waggaa tokkoo dura ergamoonni isaa sadii yommuu Yihowaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. Isa dhagaʼaa” jedhu dhagaʼaniiru. (Mat. 17:5) Dhuma irrattis, Yesuus duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, Yihowaan ammas samii irraa Ilma isaatti dubbateera. (Yoh. 12:28) Yesuus salphifamee akka duʼuu fi Waaqayyoon arrabseera jedhamee sobaan akka himatamu kan beeku taʼus, fedhiin isaa utuu hin taʼin fedhiin Yihowaa akka raawwatamu kadhateera. (Mat. 26:39, 42) Addunyaa irraa beekamtii argachuuf utuu hin taʼin, Abbaa isaa biraa qofa beekamtii argachuuf, “salphina isa irra gaʼe tuffatee muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera.”—Ibr. 12:2. w18.07 10-11 key. 15-16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 erga biiftuun seentee booda raawwataman) Maarqos 14:3-9
Jimaata, Ebla 3
Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe xoofoo kana ana irraa fageessi.—Luq. 22:42.
Yesuus Irbaata Gooftaa erga hundeessee utuu baayʼee hin turin ija jabina guddaa argisiiseera. Akkamitti? Yakka Waaqayyoon arrabsuu isa qaanessaa taʼeen himatamee akka duʼu akka isa godhu kan beeku taʼus, fedha abbaa raawwachuuf of dhiheesseera. (Mat. 26:65, 66) Yesuus maqaa Yihowaa kabajuuf, ol aantummaa isaa deggeruu fi ilmaan namootaa yaada geddaratan jireenya bara baraa akka argatan karaa banuuf guutummaatti amanamaa taʼeera. Kana malees, duuka buutota isaa wanta yeroo muraasa booda isaan mudatuuf isaan qopheesseera. Yesuus wanta isa yaaddessuu dandaʼu kam irratti iyyuu xiyyeeffachuu mannaa, wanta ergamoota isaa amanamoo taʼaniif barbaachisu irratti xiyyeeffachuudhaan ija jabina argisiiseera. Irbaanni salphaan Yesuus erga Yihudaa baasee booda hundeesse, dibamtoonni duuka buutota isaa taʼan faayidaa dhiigni isaa inni dhangalaʼe qabuu fi qooda kakuu haaraa keessatti qaban isaan yaadachiisa.—1 Qor. 10:16, 17. w19.01 22 key. 7-8
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:1-11
Sanbadduraa, Ebla 4
Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.—Yoh. 12:28.
Abbaan Yesuus samii keessaa, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebise. Yesuus kan isa dhiphise, itti gaafatamummaa guddaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuuf qabu ture. Inni garmalee dhiphatee duʼa suukanneessaa akka duʼu beeka ture. (Mat. 26:38) Yesuus waan hundumaa caalaa maqaa Abbaa isaatiif ulfina kennuu barbaada ture. Yesuus Waaqayyoon arrabseera jedhamee waan himatameef, duuti isaa Waaqayyo irratti arrabsoo fida jedhee yaaddaʼee ture. Kanaaf wanti Yihowaan dubbate Yesuusiin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba! Akkuma Yesuus, nutis arrabsoon maqaa Yihowaa irra gaʼu nu yaaddessa taʼa. Tarii nutis akkuma Yesuus jalʼinni haqaa nu irra gaʼeera taʼa. Yookiin immoo oduun sobaa mormitoonni waaʼee keenya tamsaasan nu jeeqaa jira taʼa. Arrabsoo oduuwwan kun maqaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti fidan yaaduu dandeenya. Yeroo akkasiitti dubbiin Yihowaa jajjabina guddaa nuu kenna. Yihowaan matumaa maqaa isaatiif ulfina kennuu hin dadhabu.—Far. 94:22, 23; Isa. 65:17. w19.03 11-12 key. 14-16
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:12-19
Dilbata, Ebla 5
[Yesuus] dhiphina guddaa akka isa [irra geessisanii fi] akka ajjeefamu . . . barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.—Mat. 16:21.
Barattoonni Yesuus wanta dhagaʼaa jiran amanuu hin dandeenye. Yesuus inni mootummaa Israaʼel akka deebisu isaan eegan yeroo dhihoo keessatti akka dhiphatuu fi akka duʼu dubbate. Wanta isaanitti dhagaʼame kana baasee kan dubbate Pheexiros ergamaa ture. “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhe. Yesuus garuu isa mormuudhaan, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati kan namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta” jedhe. (Mat. 16:21-23; HoE. 1:6) Yesuus jechoota kanatti fayyadamuudhaan yaadawwan Waaqayyo irraa maddanii fi yaadawwan addunyaa Seexanni toʼatu irraa maddan gidduu garaagarummaan akka jiru ifaa godheera. (1 Yoh. 5:19) Pheexiros, Yesuus yaada addunyaa isa ofittummaa irratti hundaaʼe akka qabaatu isa jajjabeesse. Yesuus garuu yaadni Abbaa isaa kana irraa adda akka taʼe beeka ture. Yesuus deebii Pheexirosiif kenne irratti yaada addunyaa diduudhaan, yaada Yihowaa fudhachuu isaa ifaa godheera. w18.11 18 key. 1-2
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Maarqos 11:20–12:27, 41-44
Wiixata, Ebla 6
Hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu keessan itti fuftu.—1 Qor. 11:26.
Yihowaan addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Irbaata Gooftaa kabajuuf walitti qabamuu isaanii yommuu argu maaltu akka itti dhagaʼamu yaadaa. Yihowaan kan ilaalu walumatti qabaatti baayʼina namootaa qofa miti, kanaa manaa tokkoon tokkoon nama walgaʼii kana irratti argame ni ilaala. Fakkeenyaaf, namoota waggaa waggaadhaan amanamummaadhaan walgaʼii kana irratti argaman ni ilaala. Namoota kana keessaa warri ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa jiru ni argamu. Warri kaan immoo walgaʼiiwwan kaan irratti yeroo hunda kan hin argamne taʼanis, Ayyaana Yaadannoo kana irratti argamuun garuu baayʼee barbaachisaa akka taʼetti ilaalu. Yihowaan namoota waaʼee Ayyaana kanaa beekuuf yeroo jalqabaatiif argamanis ni ilaala. Yihowaan namoonni hedduun Ayyaana kana irratti argamuu isaanii yommuu ilaalu akka gammadu beekamaa dha. (Luq. 22:19) Haa taʼu malee, Yihowaan adda durummaadhaan kan xiyyeeffatu baayʼina namoota argamanii irratti miti. Inni caalaatti kan xiyyeeffatu sababii isaan itti argaman irratti dha. Nutoo, Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irraa barachuuf fedhii guddaa qabnaa?—Isa. 30:20; Yoh. 6:45. w19.01 26 key. 1-3
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Maarqos 14:1, 2, 10, 11; Maatewos 26:1-5, 14-16
Guyyaa Ayyaana Yaadannoo
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Kibxata, Ebla 7
Kiristoos nuuf jedhee [duʼeera].—Rom. 5:8.
Yesuus barattoota isaatiif duʼuuf fedhii qabaachuu qofa utuu hin taʼin, guyyaa guyyaadhaan karaa fedhii ofii isaa utuu hin taʼin fedhii isaanii akka dursu argisiisuun jiraateera. Fakkeenyaaf, yeroo karaa qaamaa dadhabu ykn karaa miiraa dhiphatutti illee duuka buutota isaa wajjin yeroo ni dabarsa ture. (Luq. 22:39-46) Kana malees, wanta warra kaan irraa argachuu dandaʼu irratti utuu hin taʼin, wanta warra kaaniif kennu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. (Mat. 20:28) Obbolummaa Kiristiyaanaa dhugaa isa tokkicha taʼe keessa kan jirru taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni haaraan akka nutti dabalaman afeeruu irratti yeroo hedduu dabarsuun nu gammachiisa. Haa taʼu malee, keessumaa “warra amantiidhaan nutti firoomanii” fi karaa hafuuraa qabbanaaʼan gargaaruu irratti ni xiyyeeffanna. (Gal. 6:10) Walgaʼiiwwan keenya, keessumaa immoo Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman isaan jajjabeessuudhaan jaalala akka isaaniif qabnu ni argisiisna. Akkuma Yihowaa fi Yesuus yeroo namni qabbanaaʼe tokko gara Yihowaa isa Abbaa fi Tiksee keenya jaalala qabeessa taʼetti deebiʼu ni gammadna.—Mat. 18:14. w19.01 29 key. 12, 14; 30 key. 15
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Maarqos 14:12-16; Maatewos 26:17-19 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun seentee booda raawwataman) Maarqos 14:17-72
Roobii, Ebla 8
Kun foon koo argisiisa. . . . Kun dhiiga koo isa “dhiiga kakuu” taʼe [argisiisa].—Mat. 26:26-28.
Yesuus yaadannoo salphaa kana kan hundeesse wantoota Ayyaana Faasikaa irraa hafanitti fayyadamee ture. Wanti inni itti fayyadame maxinoo fi wayinii achi jiran qofa ture. Yesuus wantoonni lamaan buʼuura taʼan kun foon isaa fi dhiiga isaa warra mudaa hin qabne, isa inni yeroo muraasa booda isaaniif jedhee aarsaa godhu akka argisiisan ergamoota isaatti dubbateera. Ergamoonni irbaanni iddoo guddaa qabu kun salphaa taʼuun isaa isaan hin dinqisiisne taʼa. Maaliif? Yesuus jiʼoota hedduu dura yeroo mana michoota isaa Alaazaar, Maartaa fi Maariyaam turetti barsiisaa ture. Maartaan bakka kana kan jirtu taʼus, keessummaa kabajamaa kanaaf nyaata hedduu qopheessuu irratti yaadni ishii hihhiramee ture. Yesuus kana hubachuudhaan, nyaanni hedduun barbaachisaa kan taʼu yeroo hunda akka hin taane ishii hubachiisee gaarummaadhaan ishii sirreesseera. (Luq. 10:40-42) Yesuus, booda aarsaa taʼee duʼuu isaa saʼaatii muraasa dura gorsa kenne kana ofuma isaatii hojii irra oolcheera. Irbaanni Yaadannoo salphaa akka taʼu godheera. w19.01 20-21 key. 3-4
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Maarqos 15:1-47
Kamisa, Ebla 9
Yaa Abbaa ulfina ani . . . si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.—Yoh. 17:5.
Yihowaan, Yesuusiin duʼaa kaasee “iddoo hunda caalu,” akkasumas jireenya hafuuraa hin duune, jechuunis wanta hamma yeroo sanaatti namni kam iyyuu hin arganne isaaf kennuudhaan, karaa hin eegamneen ulfina isaaf kenneera! (Filp. 2:9; 1 Xim. 6:16) Dhuguma iyyuu, Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen tajaajila Yesuus amanamummaadhaan raawwateef beekamtii isaaf kenneera! Addunyaa kana biratti fudhatama argachuu barbaaduu irraa of qusachuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan yeroo hunda tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif beekamtii akka kennu, akkasumas yeroo baayʼee karaa hin eegamneen akka isaan eebbisu sammuutti qabachuu qabna. Gara fuulduraatti eebba hin eegamne akkamii akka argannu namni beekuu dandaʼu jiraa? Ammaaf garuu, rakkinaa fi qorumsa addunyaa hamaan kun nutti fidu yommuu dandamannu kanatti, addunyaan kunii fi beekamtii inni nuuf dhiheessuu dandaʼu kam iyyuu darbaa akka jiru yeroo hunda haa yaadannu. (1 Yoh. 2:17) Yihowaan inni Abbaa keenya jaalala qabeessa taʼe, ‘jalʼaa miti; inni hojii keenyaa fi jaalala nuti maqaa isaatiif argisiisne hin irraanfatu.’—Ibr. 6:10. w18.07 11 key. 17-18
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66 (Wantoota Niisaan 16 erga biiftuun seentee booda raawwataman) Maarqos 16:1
Jimaata, Ebla 10
Kan ani si kadhadhu . . . hundi isaanii tokko akka taʼaniifi.—Yoh. 17:21.
Yesuus ergamoota isaa wajjin irbaata isa xumuraa yeroo waliin nyaatanitti, waaʼeen tokkummaa baayʼee isa yaaddessee ture. Yeroo isaanii wajjin kadhannaa dhiheessetti, akkuma innii fi Abbaan isaa tokkummaa qaban barattoonni isaa hundis tokkummaa akka qabaatan hawwii akka qabu dubbateera. Tokkummaa qabaachuun isaanii dhugaa baʼiinsa guddaa kan kennu siʼa taʼu, Yihowaan fedhii isaa lafa irratti akka raawwatuuf Yesuusiin akka erge ragaa ifa taʼe kenna. Jaalalli mallattoo barattoonni Yesuus warri dhugaan ittiin beekamanii fi tokkummaa isaaniitiif gumaacha guddaa godhu dha. (Yoh. 13: 34, 35) Yesuus waaʼee tokkummaa dubbachuuf sababii quubsaa qaba ture. Akkuma yeroo xumuraatiif irbaata yommuu waliin nyaatanitti mulʼate, ergamoonni isaa tokkummaa akka hin qabne ykn wal taʼiinsi isaan gidduu akka hin jirre waan hubateef ture. Akkuma kanaan duraa, “isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee” falmiin kaʼee ture. (Luq. 22:24-27; Mar. 9:33, 34) Yeroo biraatti immoo, Yaaqoobii fi Yohaannis, Yesuus Mootummaa isaa keessatti bakka guddaa akka isaaniif kennu gaafatanii turan.—Mar. 10:35-40. w18.06 8 key. 1-2
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Maarqos 16:2-8
Sanbadduraa, Ebla 11
Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.—Uma. 2:24.
Yihowaan hiriyoonni gaaʼelaa jaalala cimaa umurii isaanii guutuu turuu dandaʼu akka qabaatan barbaada. (Mat. 19:3-6) Ejji yakka gara jabinaan namni tokko raawwachuu dandaʼu keessaa isa tokko dha. Ajajawwan Kurnan keessaa inni torbaffaan, ejja kan dhowwu sababii quubsaa taʼe irratti hundaaʼee ti. (Kes. 5:18) Ejji cubbuu ‘Waaqayyo irratti’ raawwatamuu fi yakka hiriyaa gaaʼelaa irratti raawwatamu dha. (Uma. 39:7-9) Namni hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja raawwate tokko waggoota hedduudhaaf akka ganame itti dhagaʼamuu dandaʼa. Kana malees, Yihowaan nageenya ijoolleetiif baayʼee akka yaadu argisiisa. Yihowaan warri ijoollee isaaniitiif wanta karaa qaamaa barbaachisu qofa utuu hin taʼin, wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisus akka isaaniif godhan isaan ajajeera. Warri ijoolleen isaanii Seera Yihowaa akka dinqisiifatanii fi Yihowaa jaallachuu akka baratan isaan gargaaruuf carraa argatan hundatti fayyadamuu qabu turan. (Kes. 6:6-9; 7:13) Warri, ijoollee isaanii ilaaluu kan qaban akka qabeenya dagatamutti ykn akka fedhanitti qabanitti utuu hin taʼin, akka dhaala ykn kennaa Yihowaa irraa argatanii fi kunuunfamuu qabuutti ilaaluu qabu.—Far. 127:3. w19.02 21 key. 5, 7
Dilbata, Ebla 12
Waaqayyo . . . amanamummaa koo ni hubata.—Iyo. 31:6, NW.
Iyoob Waaqayyo badhaasa akka isaaf kennu abdii isaaf kenne irratti xiyyeeffachuudhaan amanamummaa isaa eegeera. Waaqayyo amanamummaa inni argisiisu tilmaama keessa akka galchu ni amana ture. Iyoob qorumsi hedduun yoo isa irra gaʼe iyyu, Yihowaan dhuma irratti akka isa badhaasu amanannaa qaba ture. Abdiin akkasii amanamummaa isaa akka eeggatu isa gargaareera. Yihowaan amanamummaa Iyoob argisiisetti baayʼee waan gammadeef, inni nama mudaa qabu yoo taʼe iyyuu hedduu isa badhaaseera! (Iyo. 42:12-17; Yaq. 5:11) Iyoob gara fuulduraattis badhaasa kana caalutu isa eeggata. Waaqni keenya hin jijjiiramne. (Mil. 3:6) Yihowaan amanamummaa keenyaaf iddoo guddaa akka kennu kan yaadannu yoo taʼe, abdiin keenya gara fuulduraa garaa keenya keessaa akka hin badne eeggachuu dandeenya. (1 Tas. 5:8, 9) Yeroo kana gootanitti al tokko tokko kophaa keessan akka taatan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa; taʼus, matumaa kophaa keessan miti. Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi amanamummaa isaanii eeganii jiraatan isinii wajjin jiru. Kana malees, dhiirotaa fi dubartoota amanamoo bara duriitti akka ajjeefaman yoo doorsifaman iyyuu amanamummaa isaanii eeganii jiraatan keessaa tokko taatu.—Ibr. 11:36-38; 12:1. w19.02 7 key. 15-16
Wiixata, Ebla 13
Yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.—1 Phe. 3:8.
Ayyaanni Yaadannoo dhihaachaa yommuu dhufu gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuun keenya barbaachisaa dha: ‘Jaalala argisiisuu irratti caalaatti fakkeenya Yesuus hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Wanta na barbaachisu caalaa wanta obboloota kootiif barbaachisu nan yaadaa? Wanta isaan kennuu dandaʼan caalaa obbolootaa fi obboleettota koo irraa nan eegaa ykn humna isaanii nan beekaa?’ “Miira walii” keenyaa hubachuudhaan yeroo hundumaa fakkeenya Yesuus haa hordofnu. Ajajni Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos akka kabajnu kenname yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu. Yesuus yeroo rakkina guddaatti yommuu “dhufu” “warra isaaf filataman” keessaa warra hafan gara samiitti waan walitti qabuuf, Ayyaana Yaadannoo kabajuun ni hafa. (1 Qor. 11:26; Mat. 24:31) Irbaanni Yaadannoo kabajamuun isaa erga hafee booda illee, sabni Yihowaa irbaanni salphaan kun mallattoo gad of qabuu, ija jabinaa fi jaalala hamma ammaatti argisiifame hunda caaluu akka taʼe gammachuudhaan yaadachuu isaanii itti fufu. w19.01 25 key.17-19
Kibxata, Ebla 14
Ati keessa namummaa namaatti amanamummaa arguutti in gammadda, iddoo dhokataa sana keessattis ogummaa na hubachiifta!—Far. 51:6.
Fayyummaan qaama keenyaa, barbaachisummaa keessa namummaa keenyaa kan ibsu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Tokkoffaa, qaamni keenya haala gaarii irra akka jiraatu eeguuf, nyaata gaarii filachuu fi yeroo hundumaa sochii qaamaa gochuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame fayyaa taʼee akka itti fufu gochuuf, yeroo hundumaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi Yihowaa irratti amantii akka qabnu argisiisuu qabna. Sochii akkasii gochuun wanta baranne hojii irra oolchuu fi waaʼee amantii keenyaa namootatti himuu dabalata. (Rom. 10:8-10; Yaq. 2:26) Lammaffaa, wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan keessi keenya dhukkubsataa taʼus, fayyaa akka taanetti yaaduu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, sochii tiʼookraasii guyyaa guyyaadhaan goonu irratti hundaaʼuudhaan, amantiin keenya cimaa akka taʼe yaaduu kan dandeenyu taʼus, hawwiin dogoggoraa keessa keenyatti guddachaa jiraachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:12; Yaq. 1:14, 15) Seexanni yaada isaatiin nu faaluu akka barbaadu yaadachuu qabna. w19.01 15 key. 4-5
Roobii, Ebla 15
Atis dhaqiitii akkanuma godhi.—Luq. 10:37.
Akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Anoo akkas gochaan jiraa? Wanta namni Samaariyaa gara laafessa taʼe sun raawwate gochaan jiraa? (Luq. 10:30-35) Caalaatti gara laafina argisiisuudhaan, namoota rakkina keessa jiraniif gocha gaarummaa raawwachuu nan dandaʼaa? Fakkeenyaaf, maanguddoota Kiristiyaana taʼan, warra abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee warri isaanii Yihowaa hin tajaajilleef gargaarsa qabatamaa gochuu nan dandaʼaa? “Warra dhiphatan jajjabeessuuf” dursa fudhachuu nan dandaʼaa?’ (1 Tas. 5:14; Yaq. 1:27) Namoota kaanitti gara laafina yommuu argisiisnu, gammachuu kennuun argamsiisu arganna. Kana malees, Yihowaa gammachiisaa akka jirru beekna. (HoE. 20:35; Ibr. 13:16) Daawit Mootichi nama warra kaaniif yaadu ilaalchisee, “Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf; biyya keessattis ‘Isa gammade’ in jedhama” jedheera. (Far. 41:1, 2) Kana malees, gara laafina argisiisuun keenya, gara laafina Yihowaa akka argannu nu godha, kun immoo gammachuu bara baraa nuuf argamsiisa.—Yaq. 2:13. w18.09 19 key. 11-12
Kamisa, Ebla 16
Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.—Isa. 41:10.
Obboleettiin Yoshiikoo jedhamtu tokko oduu gaddisiisaa dhageesse. Doktariin ishii lubbuudhaan kan jiraattu jiʼoota muraasa qofa akka taʼe ishiitti himte. Obboleettii kanatti maaltu dhagaʼame ree? Yoshiikoon caqasa Kitaaba Qulqulluu guyyaa harʼaa yaadatte. Achiis tasgabbiidhaan Yihowaan harka ishii qabee waan jiruuf, akka hin sodaanne doktarii ishiitti himte. Ergaan caqasa kana keessa jiruu fi nama jajjabeessu obboleettiin keenya guutummaatti Yihowaatti akka amanamtu ishii gargaareera. Caqasni kun nutis yeroo qorumsi cimaan nu irra gaʼu tasgabbaaʼuu akka dandeenyu nu gargaara. Yihowaan, jalqaba Isaayaas caqasa kana akka barreessu kan godhe Yihudoota yeroo booda gara Baabilonitti boojiʼaman jajjabeessuuf ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Yihudoota boojiʼamanii turaniif qofa utuu hin taʼin, saba isaa sana booda jiraatan hundumaaf ergaan kun eegamee akka turu godheera. (Isa. 40:8; Rom. 15:4) Nutis harʼa, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa waan jiraannuuf, jajjabinni kitaaba Isaayaas keessa jiru yeroo kam iyyuu caalaa nu barbaachisa.—2 Xim. 3:1. w19.01 2 key. 1-2
Jimaata, Ebla 17
Inni hin amanne gargar baʼuu yoo filate garuu gargar haa baʼu.—1 Qor. 7:15.
Haala akkasii keessatti yoo gargar baʼan illee, lamaan isaanii amma iyyuu hiriyoota gaaʼelaa ti. Taʼus kopha kophaa yoo jiraatan, lamaan isaanii iyyuu rakkinni isaan mudata. Phaawulos ergamaan sababii waliin jiraachuu itti qaban ibseera. “Abbaan manaa hin amanne firooma haadha manaa isaa wajjin qabuun qulqulluu taʼeera; haati manaa hin amannes firooma obboleessa sanaa wajjin qabduun qulqulluu taateetti; utuu kana taʼuu baatee ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu turan, amma garuu qulqulloota dha.” (1 Qor. 7:14) Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun haalawwan baayʼee rakkisaa taʼan keessatti illee hiriyaa gaaʼelaa hin amannee wajjin jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Kiristiyaanonni kun kana gochuu isaaniitiin kan kaʼe, hiriyaan gaaʼelaa isaanii waaqeffannaa dhugaa yommuu fudhatu, waliin jiraachuun isaanii akka isaan kiise ragaa baʼuu dandaʼu. (1 Qor. 7:16; 1 Phe. 3:1, 2) Yeroo harʼaa gumiin Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamu gaaʼela milkaaʼina qabuun kan guutame dha. Gumii keessan keessattis hiriyoota gaaʼelaa gammadoo taʼan hedduu argachuu dandeessu taʼa. Gaaʼelawwan kun obboloota amanamoo haadhotii manaa isaanii jaallatanii fi haadhotii manaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii akka jaallatan mirkaneessaniin kan hundeeffaman siʼa taʼu, hundi isaanii gaaʼelli kabajamuu akka dandaʼu argisiisaa jiru.—Ibr. 13:4. w18.12 14 key. 18-19
Sanbadduraa, Ebla 18
Waaqayyo gooftaan . . . Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaaʼe.—Uma. 2:8.
Eeden jechuun “Gammachuu” jechuu siʼa taʼu, dhuguma iyyuu jannatni sun gammachiisaa ture. Iddoo kana keessa nyaanni gaʼaanii fi naannoon bareedaan kan ture taʼuu isaa irra iyyuu, bineensonnii fi namoonni sodaa malee waliin jiraatu turan. (Uma. 1:29-31) Jechi Afaan Ibrootaa “jannata” argisiisu, Afaan Giriikiitiin paraadeesos jedhamee hiikameera. Insaayikilooppiidiyaan Maakliintookii fi Istiroongi waaʼee paraadeesos akkas jedheera: “Paarkii balʼaa, kan naannoo isaatti dallaa qabu, bareedinni isaa akkuma uumametti kan jiru, mukeetii guguddaa kan qabu, baayʼeen isaanii firii kan qaban, bishaan qulqulluun kan keessa yaaʼu, qarqara bishaanichaa bosonuun ykn hoolonni kan jiran siʼa taʼu, jannata yommuu jedhamu imalaa Giriikii tokkotti wantoota kana hundumaatu gara sammuu isaatti dhufa.” (Uumama 2:15, 16 waliin ilaali.) Waaqayyo Addaamii fi Hewaaniin jannata akkasii keessa kan kaaʼe taʼus Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan gaʼumsa dhaban. Kanaaf, isaaniis taʼan, ijoolleen isaanii mirga Jannata keessa jiraachuu dhaban. (Uma. 3:23, 24) Namni keessa jiraatu kan hin turre taʼus, jannatni sun hamma Bishaan Badiisaa bara Nohitti akka ture ifa dha. w18.12 3-4 key. 3-5
Dilbata, Ebla 19
Ani Waaqayyo . . . isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisu [dha].—Isa. 48:17.
Warri ijoolleen isaanii amalawwan gaggaarii akka qabaatan carraaqqii godhu. Ijoolleen wantoota gaggaarii warra isaanii irraa barataniin jiraachuuf yoo filatan murtoo booda itti hin gaabbine gochuun isaanii hin oolu. Kanaan kan kaʼes, ofuma isaaniitiin rakkinaa fi dhiphina ofitti fiduu irraa bilisa taʼu. Akkuma warra gaarii taʼan tokkoo, Yihowaan ijoolleen isaa jireenya hunda caalaa milkaaʼina qabu akka jiraatan barbaada. (Isa. 48:18) Kanaafuu, naamusaa fi amala warra kaanitti argisiisuu qabnu ilaalchisee qajeelfama nuuf kenneera. Dhimmoota akkasii wajjin haala wal qabateen, yaada isaa akka qabaannuu fi ulaagaa isaatiin akka jiraannu nu afeera. Kun bilisummaa nu dhabsiisuu mannaa, dandeettii yaaduu keenya dabala, ol kaasa akkasumas ni guddisa. (Far. 92:5; Fak. 2:1-5; Isa. 55:9) Kunis eenyummaa dhuunfaa keenyaa utuu hin dhabin filannoowwan gammachuu nuuf argamsiisan gochuuf nu gargaara. (Far. 1:2, 3) Eeyyee, akka Yihowaatti yaaduun faayidaa qabeessaa fi barbaachisaa dha! w18.11 19-20 key. 7-8
Wiixata, Ebla 20
Isin arrabsu.—1 Phe. 4:4.
Dhugaa keessa deddeebiʼuu keenya itti fufuuf, dhiibbaa namoota kaaniitiif harka kennuu hin qabnu. Dhugaa keessa deddeebiʼuu yeroo jalqabnetti, hariiroon namoota Dhugaa Baatota hin taanee fi miseensota maatii keenya wajjin qabnu jijjiirameera. Isaan keessaa tokko tokko nu hin mormine; warri kaan garuu nu mormaniiru. Miseensonni maatii keenya, namoonni waliin hojjennuu fi waliin barannu guyyoota ayyaanaatti akka isaanii wajjin dabarsinu gochuuf yaaluu dandaʼu. Aadaawwanii fi ayyaanota Yihowaadhaaf ulfina hin fidne irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti godhamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalcha Yihowaan gochawwan akkasiitiif qabu sammuu keenyatti qabachuudhaan kana gochuu dandeenya. Madda ayyaanota beekamoo taʼanii ilaalchisee yaadawwan barreeffamoota keenya irratti baʼan dubbisuun keenya nu gargaaruu dandaʼa. Ayyaanota akkasii irratti hirmaachuu dhiisuuf sababiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yommuu yaadannu, karaa “Gooftaa biratti fudhatama qabu” irra deddeebiʼaa akka jirru mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya. (Efe. 5:10) Yihowaa fi Dubbii isaa isa dhugaa amanachuun “nama sodaachuu” irraa nu eega.—Fak. 29:25. w18.11 11 key. 10, 12
Kibxata, Ebla 21
Waaqayyo Yoseefii wajjin ture, waanuma inni hojjetu . . . isaaf wal [qixxeesseef].—Uma. 39:23.
Utuu nuti hin yaadin jijjiiramni yommuu nu mudatu, yaaddoon waaʼee gara fuulduraa salphaatti sochii akka hin goone nu gochuu dandaʼa. Haalli akkasii Yoseef irra gaʼuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa, inni haala isaa akka gaariitti itti fayyadamuuf murteessuudhaan, Yihowaan wanta ittiin isa eebbisu akka argatu godheera. Yoseef mana hidhaa keessa kan jiru taʼus, akkuma yommuu Phoxiifaariif hojjechaa tureetti hojii itti gaafatamaan mana hidhaa isaaf kennu kam iyyuu raawwachuuf jabaatee hojjeteera. (Uma. 39:21,22) Akkuma Yoseef, nutis haala toʼannaa keenyaa ala taʼe keessa seenuu dandeenya. Haa taʼu malee, yoo obsinee fi haala keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf jabaannee yoo hojjenne, Yihowaan wanta ittiin nu eebbisu akka argatu goona. (Far. 37:5) Dhugaadha, yeroo tokko tokko akka ‘burjaajofne’ nutti dhagaʼamuu dandaʼa, haa taʼu malee, akkuma Phaawulos dubbate matumaa “abdii hin kutannu.” (2 Qor. 4:8; milj.) Keessumaa tajaajila keenya irratti xiyyeeffannee yoo itti fufne, yaadni Phaawulos dubbate kun nu ilaalchisees dhugaa taʼuu dandaʼa. w18.10 29 key. 11, 13
Roobii, Ebla 22
Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.
Namni beektuu fi kabajju tokko maqaa kee yoo irraanfate ykn guutummaatti yoo si wallaale maaltu sitti dhagaʼama? Haalli akkasii baayʼee nama gaddisiisuu dandaʼa. Maaliif? Hundi keenya iyyuu uumamaan fudhatama argachuu waan barbaannuufi. Beekamtiin argachuu barbaannu garuu namoota kaan biratti akkasumaan beekamuu caalaa wanta dabalatu qaba; eenyummaa keenyaa fi hojii raawwanne amananii akka fudhatan barbaanna. (Lak. 11:16; Iyo. 31:6) Haa taʼu malee, akkuma fedhiiwwan uumamaa keenya kaan hedduu, mudaa kan qabnu waan taaneef fedhiin dinqisiifannaa argachuuf qabnus daangaa isaa darbuu dandaʼa. Beekamtii sirrii hin taane argachuuf akka hawwinu nu gochuu dandaʼa. Addunyaan Seexanaa fedhiin beekamtii argachuuf qabnu akka guddatu gochuudhaan, Yihowaa Abbaa keenya isa samii isa dhugumaan beekamtii argachuu fi waaqeffatamuu qabu irratti akka hin xiyyeeffanne godha.—Mul. 4:11. w18.07 7 key. 1-2
Kamisa, Ebla 23
Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sana jala jira.—1 Yoh. 5:19.
Seexannii fi jinniiwwan isaa namoonni iddoo ol aanaa irra jiran ‘soba akka dubbatan’ dhiibbaa isaan irratti gochuun isaanii nu hin dinqisiisu. (1 Xim. 4:1, 2) Keessattuu geggeessitoonni amantii soba dubbatan jireenya gara fuulduraa warra soba isaanii amananii balaadhaaf waan saaxilaniif geggeessitoonni kun itti gaafatamu. Namni tokko barumsa sobaa yoo fudhatee fi gochawwan Waaqayyo balaaleffatu yoo raawwate carraa barabaraaf jiraachuuf qabu dhabuu dandaʼa. (Hos. 4:9) Yesuus geggeessitoonni amantii bara isaatti turan gowwoomsaa akkanaatiif akka itti gaafataman beeka ture. Akkana jechuudhaan kallattiidhaan isaanitti dubbateera: “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana isiniif wayyoo! Isin namni tokko akka jijjiiramu gochuuf galaanaa fi lafa gogaa irra joortu; namichi yommuu amanticha fudhatus isin caalaa dachaa lama nama Gahaannamiif [badiisa barabaraatiif] malu akka taʼu isa gootu.” (Mat. 23:15, milj.) Yesuus geggeessitoota amantii sobaa kanneen jechoota ciccimoodhaan isaan balaaleffateera. Dhuguma iyyuu isaan ‘kan abbaa isaanii kan Diyaabilos, isa nama ajjeesuu ti.’—Yoh. 8:44. w18.10 7 key. 5-6
Jimaata, Ebla 24
Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin [ariʼatan] gammadaa.—Mat. 5:11.
Yesuus maal jechuu isaa ture? Itti fufuudhaan, “Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru” jedheera. (Mat. 5:12) Ergamoonni yeroo garafamanii, lallabuu isaanii akka dhaaban ajajamanitti, ‘yaaʼii Saanhediriin duraa kan baʼan gammachuudhaan’ ture. Dhugaa dha, kan gammadan garafamuu isaaniitti hin turre. Kanaa mannaa kan gammadan, ‘maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti waan lakkaaʼaniifi.’ (HoE. 5:41) Sabni Yihowaa bara keenyatti jiranis maqaa Yesuusiif jedhanii yommuu dhiphinni ykn qorumsi cimaan isaan irra gaʼu gammachuudhaan dandamatu. (Yaq. 1:2-4) Akkuma ergamootaa nutis dhiphina nu irra gaʼu kamitti iyyuu hin gammadnu. Haa taʼu malee, yeroo qorumsi nu irra gaʼutti amanamummaa Waaqayyoof qabnu yoo eegne, Yihowaan jabaannee akka dhaabannu nu gargaaruu dandaʼa. Ariʼatamni amantii, mormiin maatii irraa kan nu irra gaʼu taʼus, “Waaqa gammadaa” biratti fudhatama argachuun keenya nu gammachiisa.—1 Xim. 1:11. w18.09 21 key. 18-20
Sanbadduraa, Ebla 25
Rakkinaa fi gaddaan kan guutame dha.—Far. 90:10, NW.
‘Yeroo addaa’ kanatti namoonni baayʼeen dhiphina miiraa sadarkaa adda addaa qabuun rakkachaa jiru; namoonni lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamne abdii akka kutatan isaanitti dhagaʼama. (2 Xim. 3:1-5) Waggaa waggaadhaan namoonni 800,000 ol taʼan akka of ajjeesan ni tilmaamama, kun immoo sekoondii 40tti gara nama tokkootu of ajjeesa jechuu dha. Kan nama gaddisiisu, Kiristiyaanonni tokko tokko illee dhiibbaa kanaaf harka kennuudhaan of ajjeesaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya miirri abdii kutachuu isaanitti dhagaʼamuu baatus baayʼeen isaanii haalawwan dhiphisoo taʼan isaan mudata, akkasumas jaalalaan ijaaramuun isaan barbaachisa. Tokko tokko ariʼatamnii fi qoosaan isaan mudata. Kaan immoo bakka hojii isaaniitti ni balaaleffatamu ykn ni hamatamu. Yookiin immoo saʼaatii dabalataa waan hojjetaniif baayʼee dadhabu ykn hojii nama dhiphisu hojjetu. Warri kaan immoo rakkinoonni maatii humna nama dhabsiisan isaan mudata, tarii hiriyaa gaaʼelaa hin amanne irraa dhiibbaan isaan irra gaʼa taʼa. Dhiibbaa kanaa fi kan birootiin kan kaʼe obboloonni gumii keessa jiran baayʼeen karaa qaamaa fi miiraa akka dadhaban isaanitti dhagaʼama. w18.09 13 key. 3, 5
Dilbata, Ebla 26
Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.—3 Yoh. 4.
Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii galmawwan hafuuraa akka baafatan kan gargaaran yoo taʼe, Yihowaa wajjin hojjechaa akka jiran argisiisaa jiru jechuu dha. Warri kana godhan hedduun, yeroo booda ijoolleen isaanii iddoo fagoo dhaqanii tajaajila yeroo guutuu irratti yommuu hirmaatan arguu dandaʼaniiru. Tokko tokko misiyoonota taʼanii tajaajilu; kaan immoo bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti qajeelchitoota taʼanii tajaajilu; kaanis Betʼel keessa tajaajilu. Iddoo fagoo dhaquun isaanii akka garaa isaanii maatii isaanii wajjin akka wal hin argine gochuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, warri fedhii isaanii aarsaa godhan, ijoolleen isaanii tajaajila isaaniitti jabaatanii akka itti fufan ni jajjabeessu. Maaliif? Ijoolleen isaanii hojii Mootummichaatiif dursa kennaa akka jiran beekuun isaanii gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa. Tarii warri hedduun akkuma Haannaa ishii Ilma ishii Saamuʼeliin Yihowaadhaaf akka ‘kennite’ dubbatte isaanitti dhagaʼama taʼa. Warri akkasii gama kanaan Yihowaa wajjin hojjechuun isaanii mirga guddaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Wanti kana irra wayyu akka hin jirres isaanitti dhagaʼama.—1 Sam. 1:28. w18.08 24 key. 4
Wiixata, Ebla 27
Mootummaa samiitti galuun sooressaaf rakkisaa dha.—Mat. 19:23.
Yesuus as irratti Mootummaa samiitti galuu hin dandaʼan hin jenne. Karaa biraatiin immoo, “Isin warri hiyyeeyyii taatan gammadoo dha; sababiin isaas Mootummaan Waaqayyoo kan keessani” jedheera. (Luq. 6:20) Taʼus, akkas jechuun hiyyeessi hundi haala adda taʼeen eebbifama, akkasumas barumsa Yesuusiif deebii gaarii kenna jechuu miti. Hiyyeessonni hedduun barumsa Yesuusiif deebii hin kennine turan. Qabxiin isaa ifa dha: Qabeenya namni tokko qabu irratti qofa hundoofnee hariiroo inni Yihowaa wajjin qabu murteessuu hin dandeenyu. Obbolootaa fi obboleettota sooreyyii fi hiyyeeyyii taʼan hedduu, Yihowaa jaallatanii fi garaa guutuudhaan tajaajilan qabaachuu keenyaan eebbifamneerra. Kitaabni Qulqulluun warra sooreyyii taʼan, “abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne irra utuu hin taʼin, Waaqayyo . . . irra akka kaaʼatan” isaan ajaja. (1 Xim. 6:17-19) Karaa biraatiin immoo, Dubbiin Waaqayyoo saba Waaqayyoo hunda, jechuunis sooreyyiis taʼan hiyyeeyyii, qarshii jaallachuu irraa akka of eeggatan isaan gorsa. (1 Xim. 6:9, 10) Dhuguma iyyuu, obboloota keenyaaf ilaalcha akka Yihowaa kan qabnu yoo taʼe, qabeenya qabachuu ykn dhabuu isaanii irratti qofa hundoofnee isaan irratti murteessuuf hin qoramnu. w18.08 10-11 key. 11-12
Kibxata, Ebla 28
Waaqayyoof bitamaa.—Yaq. 4:7.
Yihowaan saba isaa akka taanuuf mirga nuu kennuun isaa, isa dinqisiifachuuf caalaatti akka nu kakaasu beekamaa dha. Fedhii keenyaan isaaf of murteessuudhaan, qabeenya isaa taʼuu keenya amannee fudhachuun ogummaa akka taʼe ni hubanna. “Wanta hamaa irraa fagaachuufis tarkaanfii cimaa ni fudhanna. Kana malees, obboloonni keenya kan Yihowaa akka taʼan hubachuudhaan isaan jaallanna, akkasumas isaan kabajna. (Rom. 12:10) Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaa hin gatu” jechuudhaan abdii kenneera. (Far. 94:14, NW) Abdiin kenname kun, rakkinni kam iyyuu yoo nu irra gaʼe illee Yihowaan akka nu gargaaru wabii nuuf taʼa. Duuti illee Yihowaan jaalala akka nutti hin argisiisne gufuu taʼuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Kanaaf, yoo jiraannes yoo duunes nuti kan Yihowaa ti.” (Rom. 14:8) Guyyaa Yihowaan michoota isaa amanamoo taʼanii fi duʼan hunda gara jireenyaatti itti deebisu hawwii guddaadhaan eegganna. (Mat. 22:32) Yeroo ammaatti illee eebba hedduu argachaa jirra. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Sabni gooftaan kun Waaqayyo isaa taʼeef, warri Waaqayyo ofiif isaan foʼates haa gammadan!”—Far. 33:12. w18.07 26 key. 18-19
Roobii, Ebla 29
Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi faayidaa qaba jechuu miti. Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi ijaaruuf gargaara jechuu miti.—1 Qor. 10:23.
Namoonni tokko tokko filannoowwan kun filannoo dhuunfaa waan taʼaniif, hamma sammuun isaanii isaaniif heyyametti wanta isaan gammachiisu gochuuf bilisummaa akka qaban isaanitti dhagaʼama. Akkana kan isaanitti dhagaʼamu wanta Phaawulos nyaata ilaalchisee, “Bilisummaan koo qalbii nama kan biraatiin maaliif itti murteeffama?” jedhee Kiristiyaanota Qorontosiif barreesse sammuutti qabatanii taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 10:29) Dhimmoota barumsaa fi hojii wajjin wal qabatan ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuuf bilisummaa kan qabnu taʼus, bilisummaan keenya daangaa akka qabuu fi murtoon goonu kam iyyuu wanta geessisu akka qabu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. Phaawulos yaada caqasa guyyaa harʼa irra jiru kan dubbate kanaafi dha. Kun haala jireenyaa keenya hundaan mirga keenyatti yeroo fayyadamnu, filannoowwan keenya caalaa wantoonni tilmaama keessa galchuu qabnu akka jiran hubachuuf nu gargaara. w18.04 10 key. 10
Kamisa, Ebla 30
Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa.—Mil. 3:7.
Yeroo harʼaatti Kiristiyaanni tokko Yihowaa akka waaqeffatu utuma dubbatuu karaa dogoggoraa irra deemuu dandaʼa. (Yih. 11) Fakkeenyaaf, namni tokko wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasanii fi sassata irratti yaaduu ykn jibbi obboleessa isaatiif qabu isa keessatti akka guddatu heyyama taʼa. (1 Yoh. 2:15-17; 3:15) Yaanni akkasii immoo cubbuu raawwachuutti isa geessuu dandaʼa. Namni tokko utuma akkas godhuu tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu fi yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuu dandaʼa. Namoonni kaan yaada keenyaa fi amala keenya hubachuu dhiisuu dandaʼu; Yihowaan garuu wanta hunda arguu, akkasumas garaa guutuudhaan isa cinaa dhaabachuu fi dhiisuu keenya beekuu dandaʼa. (Er. 17:9, 10) Taʼus, Yihowaan dafee abdii nutti hin kutatu. Tarkaanfiin namni tokko fudhatu Waaqayyoo irraa kan isa fageessu yeroo taʼutti illee, Yihowaan, ‘Gara kootti deebiʼi!’ jedhee isa gorsa. Keessumaa yeroo hirʼina keenyaa wajjin walʼaansoo goonutti, Yihowaan wanta gadhee akka morminu barbaada. (Isa. 55:7) Akkas kan goonu yoo taʼe, Yihowaan humna fedhiiwwan dogoggoraa moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan akka nu gargaaru waadaa galeera.—Uma. 4:7. w18.07 18 key. 5-6